Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Barsiisaa
“Ilmaan dargaggummaadhaan godhatan, akka xiyya harka jagnaa keessa jiruu ti.”—FAARFANNAA 127:4.
1, 2. Ijoolleen akka “xiyya harka jagnaa keessa jiruu” kan ta’an akkamitti?
NAMNI xiyyaa darbatu tokko aalaamaasaa rukutuuf dursee xiyyasaa akeekkata. Of eeggannoodhaan xiyyasaa iddaarra kaa’ee ribuusaa harkisa. Kana gochuun kan isa dhamaasu ta’uyyuu, obsaafi of eeggannoodhaan xiyyasaa akeekkachuuf yeroo fudhata! Achiis ni darbata! Xiyyi sun akeekasaa ni rukutaa laata? Deebiin kanaa ogummaa nama darbatuu, haala qilleensaafi haala xiyyichaa dabalatee wantoota baay’eerratti kan hundaa’edha.
2 Solomoon Mootichi, ijoollee “xiyya harka jagnaa keessa jiruu” wajjin wal fakkeesseera. (Faarfannaa 127:4) Mee akkatti fakkeenyi kun hojiirra ooluu itti danda’u haa’ilaallu. Namni xiyya darbatu kan akeekkatu yeroo muraasaaf qofadha. Wanta akekkate rukutuuf dafee darbachuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, warri xiyyasaanii akeekuuf ykn ijoolleensaanii garaasaanii guutuu Yihowaa akka jaallatan barsiisuuf yeroo muraasa qofa qabu. Waggoota muraasa booda, ijoolleen of danda’anii manaa ba’u. (Maatewos 19:5) Yeroo mana gadhiisanii deeman Yihowaa jaallachuufi tajaajiluusaanii itti fufuudhaan alaamaasaanii ni rukutuu laataa? Deebiin kanaa wantoota baay’eerratti kan hundaa’edha. Isaan keessaa sadii, ogummaa warraa, haala ijoolleen itti guddataniifi ‘xiyyi’ ykn ijoolleen leenjii isaaniif kennamuu fudhachuufi dhiisuusaaniiti. Mee wantoota kana tokko tokkoon gadi fageenyaan haa’ilaallu. Jalqaba, amalawwan warri ogeeyyii ta’an qaban tokko tokko haa’ilaallu.
Warri Ogeeyyiin Fakkeenya Gaarii Ta’u
3. Warri waan dubbatan hojiirra oolchuu kan qaban maaliifi?
3 Yesus wanta barsiisu hojiirra oolchuudhaan warraaf fakkeenya ta’eera. (Yohannis 13:15) Karaa biraammoo, Fariisota “isa dubbatan hojiidhaan hin raawwa[nne]” balaaleffateera. (Maatewos 23:3) Warri ijoolleensaanii Yihowaa akka jaallatan kakaasuuf, wanta dubbatan hojiirra oolchuu qabu. Barumsi hojiidhaan hin deggeramne, akkuma xiyya iddaa hin qabnee faayidaa kan hin qabnedha.—1 Yohannis 3:18.
4. Warri gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabu? Maaliif?
4 Warri fakkeenya ta’uunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Akkuma ga’eessonni fakkeenya Yesus hordofuudhaan Yihowaa jaallachuu baratan, ijoolleenis fakkeenya warrasaanii isa gaarii hordofuudhaan Yihowaa jaallachuu barachuu danda’u. Michoonni mucaan tokko filatu isa jabeessuu ykn ‘amalasaa isa gaarii jalaa mancaasuu’ danda’u. (1 Qorontos 15:33) Dhugaa dubbachuudhaaf, umrii ijoollummaa keessaa gara caalaasaatti michoonni dhi’oon mucaa tokkorratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’an warrasaati. Kanaaf warri akkas jedhanii of gaafachuu qabu: ‘Ani ijoolleekootiif hiriyaa akkamiiti? Fakkeenyikoo amala gaarii akka horatan kan isaan jajjabeessudhaa? Wantoota barbaachisaa akka kadhannaafi Macaafa Qulqulluu qayyabachuu ilaalchisee ijoolleekootiif fakkeenya akkamiin ta’aa jira?’
Warri Ogeeyyiin Ijoolleesaanii Wajjin Kadhatu
5. Ijoolleen kadhannaa warrasaaniirraa maal barachuu danda’u?
5 Ijoolleen keessan kadhannaa gootan dhaga’uudhaan waa’ee Yihowaa waan baay’ee barachuu danda’u. Yeroo nyaanni dhihaatutti Waaqayyoon ennaa galateeffattaniifi sagantaawwan qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti kadhannaa yeroo dhiheessitan ijoolleen maal hubachuu danda’u? Yihowaan waan qaamaaf nu barbaachisu kan nuu kennu waan ta’eef galateeffamuu akka qabu, akkasumas dhugaa Macaafa Qulqulluu akka nu barsiisu hubachuu danda’u. Kunimmoo barumsa faayidaa guddaa qabudha.—Yaaqoob 1:17.
6. Warri, ijoolleensaanii Yihowaan dhuunfaatti akka isaaniif yaadu akka isaanitti dhaga’amu gochuu kan danda’an akkamitti?
6 Haata’u malee, yeroo nyaanni dhihaatuufi maatiidhaan Macaafa Qulqulluu qayyabattan malees, yeroo kan biraatti waa’ee keessaniifi waa’ee ijoollee keessanii ilaalchisee kadhannaa kan dhiheessitan taanaan waan baay’ee isaan barsiisuu dandeessu. Akkas yoo gootan, ijoolleen keessan Yihowaan maatii keessanitti dhi’oo akka ta’eefi hunda keessaniif dhuunfaatti akka yaadu akka isaanitti dhaga’amu gootu. (Efesoon 6:18; 1 Phexros 5:6, 7) Abbaan tokko akkas jedheera: “Erga dhalattee kaasnee intala keenyaa wajjin ni kadhanna turre. Yeroo guddachaa deemtummoo, walitti dhufeenya namoota kaanii wajjin qabduufi dhimmawwan ishee ilaallatan kaanirratti kadhannaa dhiheessina turre. Hamma isheen heerumtee manaa deemtetti, guyyaa tokkollee ishee wajjin utuu hin kadhatin hafnee hin beeknu.” Isinis guyyaa hundumaa ijoollee keessanii wajjin kadhachuu ni dandeessuu? Yihowaan, Michuu gaarii wanta qaamaafi hafuuraaf isaan barbaachisu dhiheessuuf qofa utuu hin ta’in, wanta miirasaaniitiif barbaachisu akka isaaniif guutu godhanii akka ilaalan isaan gargaaruu ni dandeessuu?—Filiphisiiyus 4:6, 7.
7. Warri, kadhannaasaanii keessatti wanta tokko addaan baasanii caqasuuf maal beekuutu isaan barbaachisa?
7 Kadhannaa keessan keessatti dhimma tokko addaan baastanii caqasuuf, wanta jireenya ijoollee keessan keessatti raawwatamaa jiru beekuun keessan barbaachisaadha. Yaada abbaan ijoollee lama guddise tokko kenne qalbeeffadhaa: “Tokkoon tokkoon dhuma torbaniitti, ‘Wanti torban kana keessatti ijoolleekoo yaaddessaa ture maalidha? Wanti gammachiisaan isaan mudate maalidha?’ jedheen of gaafadha.” Warra kan taatan, gaaffiiwwan akkasii of gaafachuudhaan, deebii keessan kadhannaa ijoollee keessan wajjin gootanirratti caqasuu ni dandeessuu? Akkas yoo gootan, gara Yihowaa isa kadhannaa dhaga’uutti kadhannaa akka dhiheessan qofa utuu hin ta’in, akka isa jaallatan isaan barsiisaa jirtu jechuudha.—Faarfannaa 65:2.
Warri Ogeeyyiin Ijoolleensaanii Qayyabannaa Akka Jaallatan Jajjabeessu
8. Warri ijoolleensaanii Dubbii Waaqayyoo qayyabachuu akka amaleeffatan gargaaruu kan qaban maaliifi?
8 Ilaalchi warri qayyabannaa Macaafa Qulqulluutiif qaban, walitti dhufeenya ijoolleen Waaqayyoo wajjin qabanirratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Walitti dhufeenyi tokko akka guddatuufi akka itti fufuuf, michoonni lamaan kan dubbatan qofa utuu hin ta’in kan wal dhaggeeffatan ta’uu qabu. Karaan itti Yihowaa dhaggeeffachuu dandeenyu inni tokko, barreeffamoota ‘hojjetaan amanamaafi ogeessi’ qopheessutti fayyadamanii Macaafa Qulqulluu qayyabachuudha. (Maatewos 24:45-47; Fakkeenya 4:1, 2) Kanaaf, warri ijoolleensaanii Yihowaa wajjin walitti dhufeenya barabaraafi jaalalarratti hundaa’e akka qabaatan gargaaruuf, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuu akka amaleeffatan isaan jajjabeessuu qabu.
9. Ijoolleen amala qayyabannaa gaarii qabaachuu kan danda’an akkamitti?
9 Ijoolleen amala qayyabannaa gaarii akka qabaatan gargaaruun kan danda’amu akkamitti? Karaa kanaanis warri ijoolleesaaniitiif fakkeenya ta’uunsaanii barbaachisaadha. Ijoolleen keessan yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu ennaa dubbistan ykn qayyabattan ni arguu? Yeroon keessan ijoollee kunuunsuutti waan qabameef, qayyabachuufi dubbisuuf yeroo eessaan argadha jettanii gaafattu ta’a. Haata’u malee, ‘Ijoolleenkoo ennaa ani yeroo hundumaa televijiinii ilaalu na arguu?’ jedhaa of gaafadhaa. Taanaan, yeroo kanarraa muraasasaa qayyabannaa dhuunfaadhaaf oolchuudhaan fakkeenya isaaniif ta’uu ni dandeessuu?
10, 11. Warri yeroo hundaa maatiidhaan Macaafa Qulqulluurratti mari’achuu kan qaban maaliifi?
10 Karaan warri ijoolleensaanii Yihowaa akka dhaggeeffatan barsiisuu itti danda’an kan biraanimmoo, yeroo hundumaa maatiidhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuudha. (Isaayaas 30:21) Haata’u malee namoonni tokko tokko, ‘Warri ijoolleesaanii yeroo hundumaa gumii fuudhanii hamma deemanitti, maatiidhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuunsaanii maaliif barbaachisa?’ jedhanii gaafatu ta’a. Sababii baay’eetu jira. Yihowaan warri ijoolleesaanii akka barsiisaniif itti gaafatamummaa guddaa kenneeraaf. (Fakkeenya 1:8; Efesoon 6:4) Qayyabannaan maatii, waaqeffannaa jechuun wanta namoota duratti raawwannu qofa utuu hin ta’in, kutaa jireenya maatii tokkoo ta’uusaa akka hubatan isaan gargaara.—Keessa Deebii 6:6-9.
11 Kana malees, qayyabannaan maatii haala gaariidhaan geggeeffamu, warri ijoolleensaanii dhimmawwan hafuuraafi amala gaariidhaaf ilaalcha akkamii akka qaban hubachuuf isaan gargaara. Fakkeenyaaf, ijoolleen xixinnoo yeroo turanitti warri barreeffamoota akka Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamanitti fayyadamuu danda’u.a Tokkoon tokkoon keeyyata kitaaba Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaru kanaarratti, warri ijoolleen yaadasaanii akka ibsan gaafachuu danda’u. Caqasawwan kitaaba kana keessatti ibsamanitti fayyadamuudhaan, warri ijoolleensaanii “hamaa fi gaarii gargar baasuu” akka danda’aniif isaan gargaaruu danda’u.—Ibroota 5:14.
12. Warri qayyabannaa maatiisaanii akkuma ijoolleedhaaf barbaachisutti gochuu kan danda’an akkamitti? Karaa kanaan malli faayida qabeessa ta’ee argatte isa kamidha?
12 Ijoolleen keessan guddachaa yeroo adeeman, mareen keessan wanta isaan barbaachisurratti kan xiyyeeffate akka ta’u godhaa. Fakkeenyaaf, haatiifi abbaan tokko ijoollee durbaasaanii shubbisa mana barumsaatti godhamurratti argamuuf gaafatan, dhimma sanarratti akka yaadaniif akkamitti akka isaan gargaaran qalbeeffadhaa. Abbaan akkas jedha: “Qayyabannaa maatii keenya isa ittaanurratti, yeroo muraasa ramannee aniifi haati manaakoo akka ijoollee, ijoolleen durbaa lamaanimmoo akka haadhaafi abbaa akka taanu isaanitti himne. Isheen tokko Abbaa, isheen kaanimmoo haadhaa ta’uu kan danda’an ta’uyyuu, qophiilee shubbisa mana barumsaatti godhaman ilaalchisee qajeelfama kennuuf walii wajjin qorannaa gochuu qabu turan.” Bu’aansaa maal ture? Abbaansaanii akkas jedha: “Ijoolleen durbaa keenya (akka warraa ta’anii) qophii shubbisa mana barumsaatti godhamerratti argamuun sirrii kan hin taane maaliif akka ta’e Macaafa Qulqulluurraa sababii dhiheessanii nuuf (ijoolleedhaaf) ibsuu danda’uunsaanii baay’ee nu dinqisiise.” Itti fufuudhaanis akkas jedheera: “Wanti irra caalaatti nu dinqisiisemmoo, sochiiwwan fudhatama qabaniifi akka filannootti nuuf dhiheessanidha. Kunimmoo yaadasaaniifi fedhiisaanii gadi fageenyaan akka hubannu nu godheera.” Qayyabannaan maatii kan walirraa hin cinne akka ta’uufi miseensota maatiitiif akka barbaachisutti akka geggeeffamu gochuun obsaafi mala qabaachuu gaafata; ta’us bu’aansaa yeroo ilaalamu carraaqqii gochuun keenya kan nu gaabbisiisu miti.—Fakkeenya 23:15.
Mana Keessa Nagaan Akka Jiraatu Godhaa
13, 14. (a) Warri mana keessa nagaan akka jiraatu gochuu kan danda’an akkamitti? (b) Warri balleessaa hojjetan yoo amanan bu’aa maalii argatu?
13 Yeroo baay’ee, namni xiyya darbatu wanta akeekkate rukutuu kan danda’u, haala qilleensaa gaarii keessatti kan akeekkatuufi kan darbatu yoo ta’edha. Haaluma wal fakkaatuun, warri mana keessa nagaan akka jiraatu yoo godhan, yeroo baay’ee ijoolleen Yihowaa jaallachuu baratu. Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Karaa isaa warra nagaa buusaniif, sanyiin ija qajeelummaa kennu nagaadhaan in facaafama.” (Yaaqoob 3:18) Warri, mana keessa nagaan akka jiraatu gochuu kan danda’an akkamitti? Hiriyoonni gaa’elaa walitti dhufeenyisaanii cimaa akka ta’uuf carraaquu qabu. Haati manaafi abbaan manaa wal jaallataniifi wal kabajan, ijoolleesaanii Yihowaas ta’e namoota kaan akka jaallataniifi akka kabajan barsiisuuf carraa guddaa qabu. (Galaatiyaa 6:7; Efesoon 5:33) Jaalalliifi wal kabajuun nagaan akka dagaagu godha. Hiriyoonni gaa’elaa walitti dhufeenya gaarii qaban, walitti bu’iinsa maatiisaanii keessatti uumamu hiikuu danda’u.
14 Gaa’elli mudaa hin qabne akkuma hin jirre, maatiin mudaa hin qabne lafarra akka hin jirre beekamaadha. Warri walitti dhufeenya ijoolleesaanii wajjin qabaniin, al tokko tokko ija hafuuraa argisiisuu dhiisuu danda’u. (Galaatiyaa 5:22, 23) Yeroo kun ta’utti warri maal gochuu qabu? Balleessaa akka hojjetan amanuunsaanii, kabaja ijoolleensaanii isaaniif kennan jalaa hir’isaa? Mee fakkeenya Phaawulos ilaalaa. Namoota baay’eedhaaf karaa hafuuraa abbaa ture. (1 Qorontos 4:15) Haata’u malee, balleessaa hojjechuusaa amaneera. (Roomaa 7:21-25) Ta’us, kan gad of qabuufi amanamaa ta’uunsaa akka isa tuffannu utuu hin ta’in, caalaatti akka isa kabajnu nu godheera. Phaawulos balleessaa kan hojjetu ta’uyyuu, gumii Qorontosiif, “Egaa akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa!” jechuudhaan ija jabinaan isaaniif barreesseera. (1 Qorontos 11:1) Balleessaa keessan kan amantan yoo ta’e, ijoolleen keessan dogoggora keessan akka irra isiniif darban beekamaadha.
15, 16. Warri ijoolleensaanii obboloota Kiristiyaanaa akka jaallatan leenjisuu kan qaban maaliifi? Kana gochuu kan danda’an akkamitti?
15 Ijoolleen Yihowaa jaallachuudhaan akka guddatan gochuuf wanti kan biraa warri gochuu danda’an maalidha? Yohannis ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni, ‘Waaqayyoon nan jaalladha’ jedhee, obboleessa isaa immoo yoo jibbe, inni sobduu dha; obboleessa isaa isa arge kan hin jaallanne, Waaqayyoon isa hin argin jaallachuu hin danda’u.” (1 Yohannis 4:20, 21) Kanaaf, yeroo ijoollee keessan obboloota Kiristiyaanaa akka jaallatan leenjistan, Waaqayyoon akka jaallatan isaan barsiisaa jirtu jechuudha. Warri akkas jedhanii of gaafachuunsaanii gaariidha: ‘Wanti ani waa’ee gumii yeroo baay’ee dubbadhu kan isaan jajjabeessumoo komiidha?’ Kana akkamitti beekuu dandeessu? Walga’iiwwan gumii ykn obboloota gumii ilaalchisee wanta ijoolleen keessan jedhan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa. Ilaalchi isin obbolootaaf qabdan wanta ijoolleen keessan dubbatanirraa hubachuu dandeessu.
16 Warri, ijoolleensaanii namoota hidhata amantaasaanii ta’an akka jaallatan gargaaruuf maal gochuu danda’u? Piitar inni ijoollee dhiiraa umrii kurnanii keessa jiran lama qabu akkas jedheera: “Yommuu ijoolleen keenya xixinnoo turanii kaasee, obboloota karaa hafuuraa ga’eessota ta’an yeroo hundumaa nyaata afeeruudhaan mana keenyatti yeroo waliin dabarsina turre; kana gochuu keenyatti gammachuu guddaa arganneerra. Ijoolleen keenya namoota Yihowaa jaallatan gidduutti guddatan; yeroo ammaattis Waaqayyoon tajaajiluun madda gammachuu akka ta’e hubataniiru.” Deenis inni abbaan ijoollee durbaa shaniimmoo akkas jedheera: “Ijoolleen keenya qajeelchitoota maanguddoota gumii keessatti argaman michoota akka godhatan isaan jajjabeessina turre; akkasumas yeroo dandeenyetti daawwattoota olaanaafi haadhotii manaasaanii mana keenyatti ni afeerra turre.” Isinis ijoolleen keessan, miseensota gumii akka maatiisaaniitti akka ilaalan gargaaruuf dursa fudhachuu ni dandeessuu?—Maarqos 10:29, 30.
Itti Gaafatamummaa Ijoollee
17. Dhumarratti ijoolleen murtoo maalii gochuu qabu?
17 Mee ammas fakkeenya nama xiyya darbatuutti haadeebinu. Muuxannoo kan qabu ta’uyyuu, xiyyaansaa yoo jal’ate ykn yoo dabe akeekasaa hin rukutu. Warri, xiyya dabe jechuunis ilaalcha dogoggoraa ijoolleensaanii qaban sirreessuuf carraaqqii guddaa akka godhan beekamaadha. Haata’u malee, biyyi lafaa gara barbaadetti akka isaan dabsu ykn Yihowaan ‘daandiisaanii akka isaaniif qajeelchu’ gochuun, murtoo dhumarratti ijoolleen gochuu qabanidha.—Fakkeenya 3:5, 6; Roomaa 12:2.
18. Filannoo ijoolleen godhan warra kaanirratti dhiibbaa maalii geessisuu danda’a?
18 Warri, ijoolleesaanii “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” guddisuuf itti gaafatamummaa guddaan kan isaanirra jiru ta’uyyuu, mucichi yeroo guddatu nama akkamii akka ta’u ilaalchisee murtoo isa dhumaa kan godhu mucichumadha. (Efesoon 6:4) Kanaaf, ijoollee kan taatan, ‘Leenjii warrikoo jaalalarratti hundaa’anii naaf kennan nan fudhadhaa?’ jedhaa of gaafadhaa. Akkas kan gootan taanaan, karaa jireenyaa hundarra gaarii ta’e filattaniittu jechuudha. Warra keessanis baay’ee ni gammachiistu. Hunda caalaa garuu, garaa Yihowaa ciibsitu.—Fakkeenya 27:11.
[Miiljalee]
a Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.
Ni Yaadattaa?
• Warri kadhannaafi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ilaalchisee fakkeenya ta’uu kan danda’an akkamitti?
• Warri mana keessa nagaan akka jiraatu gochuu kan danda’an akkamitti?
• Ijoolleen filannoo maalii gochuu qabu? Filannoon isaan godhan warra kaanirratti dhibbaa kan geessisu akkamitti?