Wanti Yihowaan Dubbate Ni Raawwatama
“ANI Waaqayyoo dha, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru, kan akka kootiis hin jiru; ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta’in jiru dubbadheera.” (Isaayaas 46:9, 10) Kan akkas jedhe Yihowaa isa dogoggora tokko malee wanta gara fuulduraatti ta’uuf jiru dubbachuu danda’udha.
Namoonni wanta gara fuulduraatti ta’u beekuu kan hin dandeenye ta’uunsaanii ifadha. Macaafni Qulqulluun kitaaba raajii ta’uunsaa, namoonni dhugaa barbaadan hundi, abbaan barreeffama kanaa eenyu ta’uusaa ilaalchisee wanta inni jedhu akka qoran isaan kakaasuu qaba. Mee raajiiwwan Macaafa Qulqulluu raawwataman tokko tokko haa’ilaalu.
Hawaasa Bara Durii
Waaqayyo, Baabilon, Edoom, Mo’aab, Amooniifi Xiiros barabaraaf akka balleeffaman raajii dubbateera. (Ermiyaas 48:42; 49:17, 18; 51:24-26; Obaadiyaa 8, 18; Sefaaniyaa 2:8, 9) Saboonni kun guutummaatti balleeffamuunsaanii Dubbiin Waaqayyo raajiidhaan dubbate sirrii ta’uusaa argisiisa.
Namni tokko, sabni tokko humna kan qabu ta’us yeroo booda baduunsaa akka hin oolle eenyuyyuu dubbachuu ni danda’a. Haata’u malee, falmiin kun ibsa bal’aa Macaafni Qulqulluun kanaa wajjin wal qabsiisuudhaan dubbate tilmaama keessa kan hin galchinedha. Fakkeenyaaf, magaalaan Baabilon akkamitti akka kuftu bal’inaan ibseera. Macaafni Qulqulluun Baabilon warra Medooniin akka injifatamtu, Qiiros geggeessaa loltootaa sanaa akka ta’uufi lageen magaalattiitti marsan akka gogan dursee dubbateera.—Isaayaas 13:17-19; 44:27–45:1.
Macaafni Qulqulluun saboonni mo’aman hundi barabaraaf ni balleeffamu jedhee raajii hin dubbatu. Haala kanarraa adda ta’een, Waaqayyo warri Baabilon Yerusaalemiin akka balleessan erga dubbatee booda, warri Baabilon namoota booji’an kan hin gadhiisne yoo ta’aniyyuu, biyyasaaniitti deebi’anii magaalattii akka ijaaran dubbatee ture. (Ermiyaas 24:4-7; 29:10; 30:18, 19) Kunis raawwiisaa kan argate yommuu ta’u, Yihudoonnis hanga har’aatti jiru.
Kana malees, Yihowaan Gibxi mootummaa addunyaa ta’uushee akka dhabdu dubbatus, “kana booddee garuu deebi’anii biyyattii keessa akka isaanii duriitti in jiraatu” jechuudhaan raajii dubbateera. Biyyi humna guddaa qabdu kun yeroo booda, ‘mootummaa xinnoo’ taateetti. (Ermiyaas 46:25, 26; Hisqi’el 29:14, 15) Kunis dhugaa ta’uunsaa mirkaneeffameera. Kana malees, Yihowaan Giriik mootummaa addunyaa ta’uunshee akka hafu raajiidhaan kan dubbate ta’us, sabni kun lafarraa ni bada jedhee matumaa hin dubbanne. Saboonni Yihowaan akka badan dubbate yeroo ammaatti kan hin jiraanne ta’uusaaniifi warri kaan garuu yeroo ammaa kan argaman ta’uunsaanii maal nu barsiisa? Raajiin Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu dhugaafi amansiisaa akka ta’e nu barsiisa.
Ibsa Bal’aa Nama Ajaa’ibsiisu
Akkuma olitti ibsame Yihowaan akkaataa Baabilon itti kuftu ilaalchisee dhimmawwan hedduu bal’inaan ibseera. Haaluma wal fakkaatuun macaafni Hisqi’el kufaatii Xiiros ilaalchisee dhagaan, mukeetiifi biyyoonshee “galaana walakkaatti” akka gadi naqaman ibseera. (Hisqi’el 26:4, 5, 12) Raajiin kun Dh.K.D. bara 332tti yommuu Aleeksaandar Guddichi, loltoonnisaa diigaa magaalattiin riqicha gara odoola Xiirositti ceesisu akka ijaaran godhetti raawwiisaa argateera. Yeroo sanatti magaalattiin injifatamtee turte.
Raajiin Daani’el 8:5-8, 21, 22fi Daani’el 11:3, 4rratti barreeffames, “mootii Giriik” isa garmalee humna qabeessa ture ilaalchisee ibsa bal’aa kenna. Raajichi, mootiin kun yommuu aangoo guddaa qabatu akka kufuufi mootummaansaas warra qomoosaa hin taane afuriif akka hiramu dubbata. Raajiin kun erga barreeffamee waggoota 200 booda, mootiin humna qabeessa ta’e kun Aleeksaandar Guddicha ta’ee argame. Seenaan addunyaa, namni kun yeroo malee akka ajjeefameefi yeroo boodas mootummaansaa janaraalota qomoosaa hin taane afuriif akka hirame nutti hima.
Namoonni Macaafa Qulqulluu morman, raajiin kun erga raawwiisaa argatee booda kan barreeffame ta’uu qaba jedhanii falmu. Haata’u malee, ammas seenaa Macaafa Daani’el keessatti galmeeffame irra deebi’ii ilaali. Raajiin tokko ibsa bal’aa akkasii qabaachuunsaa nama ajaa’ibsiisa. Haata’u malee, raajiin kun erga raawwatamee booda kan barreeffame utuu ta’e, kana caalaa ibsi bal’aan irratti kennamuu hin qabu turee? Utuu wallaalchisaan Aleeksaandar booda jiraate tokko wanta raawwatame kana raajii fakkeessee warra barreeffamasaa dubbisan ajaa’ibsiisuu barbaadeera ta’ee, akkuma Aleeksaandar du’een ilmaansaa lamaan utuu mootummaa mataasaanii dhaabuuf yaalii godhanii ajjeefamuusaaniis maaliif hin barreessu ture? Janaraalonni arfan kun biyyoota Aleeksaandar bulchaa ture addaddaatti mootummaa mataasaanii hundeessuusaanii dura waggoonni hedduun akka darban utuu hin caqasin kan hafe maaliifi? Maqaa mooticha isa guddaafi janaraalotasaa arfanii maaliif hin ibsine?
Jechi, raajiin Macaafa Qulqulluu kun erga raawwatamee booda barreeffame jedhu, yeroo dheeraadhaaf kan tureefi yaada sobaa namoonni ragaawwan jiran utuu hin ilaalin waa’ee gara fuulduraa dubbachuun hin danda’amu jedhan dubbatanidha. Namoonni kun Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ta’uusaa waan hin fudhanneef, wanta hundumaa ilaalcha namaa isa dadhabaarraa ka’anii ibsuuf dirqamaniiru. Haata’u malee, Waaqayyo raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman kan barreessise isa ta’uusaa mirkaneessuuf ibsa bal’aa akka qabaatan godheera.a
Yeroo fudhattee raajiiwwan Macaafa Qulqulluufi raawwiisaanii tokko tokkorratti yoo xiinxalte, raajiin Macaafa Qulqulluu amantaakee sii jabeessuu danda’a. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu maaliif hin qorattu? Chaartiin kitaaba “Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?” jedhamu ful. 200rratti argamu karaa kanaan si gargaaruu danda’a.b Yaada kana yoo fudhatte, amantaakee jabeessuuf yaaduudhaan kana gochuu jalqabi. Wanta dubbistu fixuuf qofa yaaduudhaan irra hin fiigin. Kanaa mannaa, wanti Yihowaan raajiidhaan dubbate hundi dogoggora tokko malee akka raawwatame yaadi.
[Miiljaleewwan]
a Raajiin Macaafa Qulqulluu erga raawwatamee booda barreeffame yaanni jedhu soba akka ta’e yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Iiz Zeer ee Kiri’eetar Huu Keers Abaawoot Yuu? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ful. 106-111 ilaali.
b Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan maxxanfame.
[Saanduqa/Fakkii fuula 24rra jiru]
SEERAWWAN BU’UURAA JIREENYAAF GARGAARAN
Yaanni irratti yaaduu qabnu kan biraanimmoo, Waaqayyo ka’umsaafi kufaatii mootummoota gurguddaa addunyaa kanaa qofa utuu hin ta’in, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu jireenyaaf nu barbaachisanis kan barreessisiise ta’uusaati. Isaan keessaa tokko tokko:
Waanuma Facaafte Galfatta.—Galaatiyaa 6:7.
Fudhachuurra Kennuutu Caalaa Nama Gammachiisa.—Hojii Ergamootaa 20:35.
Gammachuun Fedhii Hafuuraa Ofii Guutuurraa Argama.—Maatewos 5:3.
Seerawwan kana hojiirra yoo oolchite, gammachuu akka sii argamsiisan mirkanaa’aa ta’uu dandeessa.
[Fakkii fuula 22, 23rra jiru]
Dubbiin Waaqayyoo saboonni biyyoota kanaa gad jiran guutummaatti akka badan raajiidhaan dubbateera . . .
EDOOM
BAABILON
. . . waa’ee warra kanaa garruu hin dubbanne
GIRIIK
GIBXII
[Madda]
Pictorial Archive (Near Eastern History) Est.
WHO photo by Edouard Boubat
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Aleeksaandar Guddicha