Maatii Gammachuu Qabu
Yeroo Hiriyaa Gaa’elaatiif Gargaarsi Addaa Itti Barbaachisu
Dhukkuba kirooniik faatiig siindiram (dhukkuba baay’ee humna nama dhabsiisu) jedhamuun waanan qabameef, hojii hundumaa abbaa manaakootu hojjechuu qaba ture. Haata’u malee, waa’ee baasii keenyaa natti kaasee hin beeku. Qarshii ilaalchisee waan hundumaa kan natti hin himne maaliifi? Haala dinagdee keenyarra rakkinni guddaan waan ga’eefi kana yoon beeke akkan na’u waan isatti dhaga’ameef na dhokse jedheen yaade.—Naansii.a
GAA’ELLI mataasaatti rakkisaa ta’uu danda’a; hiriyaan gaa’elaa inni tokko yeroo dheeraadhaaf dhukkubsatee inni kaan fayyaa ennaa ta’ummoo, haallisaa garmalee kan nama dhiphisu ta’a.b Hiriyaa gaa’elaa dhukkubsate kunuunsaa jirtaa? Taanaan, gaaffiiwwan armaan gadii si yaaddessu ta’a: ‘Hiriyaan gaa’elaakoo dhukkubnisaa caalaatti yoo itti cime maalan godha? Hiriyaa gaa’elaakoo kunuunsuu, nyaata qopheessuu, mana qulqulleessuufi hojii alaa hojjechuukoo kanan itti fufu hanga yoomiitti? Ani fayyaa qabaachuu kootti kanan of ceepha’u maaliifi?’
Karaa biraatiinimmoo, kan dhukkubsatu si taanaan akkas jettee yaadda ta’a: ‘Itti gaafatamummaakoo raawwachuun na rakkisee utuu jiruu, ofiif kabaja qabaachuu kanan danda’u akkamitti? Hiriyaan gaa’elaakoo dhukkubsachuu kootiin na nuffaa laata? Gammachuun akka haadha manaafi abbaa manaatti qabnu badeeraa?’
Kan nama gaddisiisu, hiriyoonni gaa’elaa tokko tokko sababii dhukkuba cimaatiin wal hiikaniiru. Kana jechuun garuu, gaa’elli keessanis dhumnisaa kanadha jechuu miti.
Hiriyoonni gaa’elaa hedduun, dhukkubni cimaa ta’e jiraatus dandamachuufi gammachuudhaan jiraachuu danda’aniiru. Fakkeenyaaf, haala Yoshiyaakiifi Kaazukoo ilaalaa. Yoshiyaak lafeen dugdasaa waan miidhameef, gargaarsa namaa malee xinnumasheellee socho’uu hin danda’u ture. Kaazukoon akkas jetti: “Abbaa manaakoo waan hundumaan gargaarsi isa barbaachisa. Utuun isa kunuunsuu, mormikoo, gateettiinkoofi irreenkoo waan dhukkubsateef, hospitaalatti deddeebi’een yaalama ture. Yeroo baay’ee, nama dhukkubsate kunuunsuun humnaa ol akka ta’e natti dhaga’ama.” Haallisaa rakkisaa ta’us, Kaazukoon, “Walitti dhufeenyi keenya caalaatti cimaa dhufeera” jetteetti.
Haala akkasii keessatti gammachuu qabaachuun kan danda’amu akkamittiree? Hiriyoonni gaa’elaa tokko tokko hamma tokkos ta’us gammachuu gaa’elasaaniirraa argatan akka hin dhabne wanta isaan gargaare keessaa inni tokko, dhukkubichi isa dhukkubsate sana qofa utuu hin ta’in rakkina lamaansaaniiyyuu akka ta’e yaaduusaaniiti. Hiriyaan gaa’elaa tokko yoo dhukkubsate, karaa garagaraa ta’us lamaansaaniiyyuu baay’ee miidhamu. Abbaan manaafi haati manaa haala akkasiitiin wal deggeranii jiraachuusaanii Uumamni 2:24 akkas jechuudhaan ibsa: “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u.” Kanaaf, hiriyaan gaa’elaa dhukkuba itti fufaa ta’e yoo qabaate, abbaan manaas ta’e haati manaa rakkina kana dandamachuuf waliin carraaquunsaanii baay’ee barbaachisaadha.
Kana malees, qorannaan akka argisiisutti, hiriyoonni gaa’elaa dhukkuba cimaarratti walitti dhufeenyasaanii eegan, haala keessatti argaman amananii fudhachuufi karaa bu’a qabeessa rakkina isaanirra ga’e danda’anii itti jiraatan barachuu danda’u. Dandeettii haala isaan mudate danda’anii jiraachuu itti baratan keessaa hedduun, gorsa Macaafa Qulqulluu keessatti argamuufi yoomiyyuu hojiirra ooluu danda’uu wajjin wal fakkaata. Gorsawwan sadan armaan gadii ilaalaa.
Waliif Akka Yaaddan Argisiisaa
Lallabni 4:9, “Lama ta’uun kophaa ta’uu irra in wayya” jedha. Maaliif? Lakkoofsi 10 sababiisaa yommuu ibsu, “Inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa” jedha. Jecha nama jajjabeessu dubbachuudhaan ‘hidhatakee ol ni kaastaa?’
Karaa itti wal gargaaruu dandeessan ni barbaadduu? Yoongi inni haati manaasaa gartokkoonshee naafate akkas jedheera: “Yeroo kamittiyyuu haadha manaakootiif yaaduufan yaala. Yeroon dheebodhu hundatti, isheenis akka dheebottu natti dhaga’ama. Gadi ba’ee akkaataa taa’umsa lafaa bareedaa ta’e ilaaluu yoon barbaade, isheenis naa wajjin dhaquu akka barbaadduufi akka hin barbaannen ishee gaafadha. Walumaan dhukkubsanna, haalasaas walumaan obsaan dandeenya.”
Karaa biraammoo, hiriyaan gaa’elaakee kunuunsa sii gochaa jira taanaan, fayyaakee utuu hin miidhin wantoota tokko tokko ofuma keetiin raawwachuu ni dandeessaa laata? Taanaan, gatii akka qabdu akka sitti dhaga’amuufi hiriyaan gaa’elaakees si kunuunsuusaa akka itti fufu gargaaruu dandeessa.
Karaa gaarii hiriyaa gaa’elaakeetiif akka yaaddu itti argisiistu atumti akka beektu sitti dhaga’amuu mannaa, maal utuu gooteefii akka jaallatu maaliif hin gaafattu? Naansiin isheen seensarratti ibsamte, abbaan manaashee haala dinagdee maatiisaanii itti himuu dhiisuusaatiin miirrishee akka miidhame yeroo booda itti himteetti. Amma abbaan manaashees gama kanaan sirreeffama gochuuf carraaqaa jira.
AKKAS GOCHUUF YAALI: Karaawwan hiriyaan gaa’elaakee haala amma irra jirtu sii salphisuu itti danda’u galmeessi, innis kansaa akka barreessu godhi. Achiis waan barreessitan sana wal jijjiiraa. Lamaan keessaniyyuu, yaada hojiirra oolchuu dandeessan tokko ykn lama filadhaa.
Sagantaa Gaarii Qabaadhaa
Mootii ogeessa kan ta’e Solomoon, “Wanti hundinuu yeroo qaba” jechuudhaan barreesseera. (Lallaba 3:1) Haata’u malee, jeequmsa dhukkubni cimaan geessisu yommuu ilaallu, sagantaa gaarii ta’e baafachuun waan hin danda’amne fakkaata ta’a. Karaa kanaan hamma tokko milkaa’ina argachuuf maal gochuu dandeessu?
Lamaan keessaniyyuu sagantaa waa’ee dhukkubichaa yaaduurraa walaba itti taatan baafachuu dandeessu. Haala gammachiisaa dhukkubni kun uumamuusaa dura qabdan ammas qabaachuu ni dandeessuu? Ta’uu baannaan, wantoota haaraa akkamii raawwachuu dandeessu? Wantoota salphaa akka waliif dubbisuu ykn wantoota ulfaataa akka afaan haaraa barachuu fakkaatan yaaluu dandeessu. Wantoota haalli fayyaa keessan isinii heyyamu waliin raawwachuudhaan, tokkummaa “foon tokko” ta’uudhaan argattan jabeessuufi gammachuu keessan guddisuu dandeessu.
Warra kaanii wajjin ta’uunis isin gargaaruu danda’a. Macaafni Qulqulluun Fakkeenya 18:1rratti, [hiika bara 1899] ‘Gargar ba’uu kan jaallatu kajeellaasaa duukaa bu’a. Ogummaa gaarii hundumaanis morma’ jedha. Gargar ba’uun sammuurratti miidhaa guddaa akka geessisu caqasicharraa hubatteettaa? Haala kanarraa faallaa ta’eenimmoo, darbee darbee warra kaanii wajjin ta’uun, miira gaarii qabaachuufi karaa sirrii ta’een yaaduuf si gargaaruu danda’a. Dursa fudhattee namni tokko si bira dhufee akka haasa’u maaliif hin afeertu?
Al tokko tokko, hiriyaan gaa’elaa kunuunsa godhu, haalasaa tilmaama keessa galchuun isa rakkisuu danda’a. Warri tokko tokko, hojii baay’ee hojjechuusaaniitiin suuta suutaan dadhabanii fayyaasaanii dhabaniiru. Yeroo boodas hiriyaasaanii isa jaallataniifillee kunuunsa gochuu dadhabu. Kanaaf, hiriyaa gaa’elaa baay’ee dhukkubsate kunuunsaa jirta yoo ta’e, ofis hin dagatin. Of haaromsuuf sagantaa dhaabbataa baafadhu.c Namoonni tokko tokko, wanta yeroodhaa gara yerootti isaan dhiphisu michuu saala wal fakkaatu qabutti himuun gaarii ta’uusaa arganiiru.
AKKAS GOCHUUF YAALI: Rakkoowwan yeroo hiriyaa gaa’elaakee kunuunsitu si mudatan waraqaarratti barreeffadhu. Achiis, rakkoowwan kana ykn kan biraa karaa bu’a qabeessa ta’een dandamachuuf tarkaanfii fudhachuu dandeessu barreessi. Rakkoowwan sanarratti garmalee xiyyeeffachuu mannaa, ‘Haalasaa fooyyessuuf karaan salphaafi caalaatti ifa ta’e isa kami?’ jedhii of gaafadhu.
Ilaalcha Ni Ta’a Jedhu Qabaadhaa
Macaafni Qulqulluun, “‘Baroonni darban maaliif baroota ammaa irra wayyu?’ jettee hin gaafatin!” jechuudhaan akeekkachiisa. (Lallaba 7:10) Kanaaf, jireenya utuu dhukkubni kun uumamuu baatee jiraachuu dandeessanirratti hin xiinxalinaa. Addunyaa kanarratti gammachuu guutuu argachuun akka hin danda’amne yaadadhaa. Yeroo kanatti wanti guddaan, haalasaa amananii fudhachuufi karaa hunda caalaa gaarii ta’een itti fayyadamuudha.
Gama kanaan wanti siifi hiriyaa gaa’elaakee gargaaruu danda’u maalidha? Eebbawwan argattanirratti waliin haasa’aa. Fooyya’iinsa xinnoo fayyaa keessanirratti argitanitti gammadaa. Wantoota abdiidhaan eeggattanirratti yaadaa; galma irra ga’uu dandeessanis baafadhaa.
Abbaan manaafi haati manaa Shoojiifi Akiikoo jedhaman, gorsa armaan olii hojiirra oolchuusaaniitiin faayidaa argataniiru. Yeroo tokko Akiikoon dhukkuba faayibroomaayaaljiyaa jedhamuun erga qabamtee booda, hojii guddaa tajaajila yeroo guutuu keessatti qaban dhiisuuf dirqamanii turan. Abdii kutataniiruu? Kun waanuma jirudha. Haata’u malee, Shoojiin namoota haalli kanaan wal fakkaatu isaan mudate akkas jechuudhaan gorsa: “Wantoota sana booda raawwachuu hin dandeenyerratti yaaduudhaan abdii of hin kutachiisinaa. Ilaalcha ni ta’a jedhu qabaadhaa. Gaaf tokko lamaan keessanuu haala keenya duriitti deebina jettanii kan abdattan ta’ullee, ammaaf haala jireenyaa qabdanirratti xiyyeeffadhaa. Anaaf kana jechuun, haadha manaakoofi gargaarsan isheedhaaf godhurratti xiyyeeffachuu jechuudha.” Hiriyaa gaa’elaakee gargaarsi adda ta’e kan barbaachisu yoo ta’e, gorsi kun siinis si gargaaruu danda’a.
[Miiljaleewwan]
a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
b Matadureen kun, haalawwan yeroo hiriyaan gaa’elaa dhukkuba itti fufaa ta’een qabamutti uumamanirratti yaada kenna. Hiriyoonni gaa’elaa balaa ga’e tokkoon dhibee fayyaa qaban ykn miirrisaanii miidhamee dhiphinaan qabaman, yaada armaan gadii hojiirra oolchuun isaan gargaaruu danda’a.
c Haalakeerratti hundaa’uudhaan, yeroo tokko tokko kan danda’amu yoo ta’e, ogeeyyonni fayyaa ykn bakka bu’oonni hawaasichaa yoo xinnaate guyyaa walakkaa akka si gargaaran gochuunkee gaariidha.
AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .
Aniifi hiriyaan gaa’elaakoo yeroo kanatti kan nu barbaachisu maalidha?
▪ Waa’ee dhukkubichaa bal’inaan haasa’uu
▪ Waa’ee dhukkubichaa yeroo muraasaaf haasa’uu
▪ Baay’ee dhiphachuu dhiisuu
▪ Caalaatti akka waliif yaannu argisiisuu
▪ Wantoota dhukkubichaa wajjin walitti dhufeenya hin qabne waliin raawwachuu
▪ Warra kaanii wajjin yeroo dabalataa dabarsuu
▪ Galma lamaan keenya irratti hirmaannu baafachuu
[Fakkii fuula 18rra jiru]
Jireenya gaarii jiraachuuf, wantoota tokko tokko waliin raawwachuu dandeessuu?