Jabaadhaa Dhaabadhaa, Kiyyoo Seexanaarraas Fagaadhaa!
‘Haxxummaa Seexanaatiin mormaa.’—EFE. 6:11.
[Fakkii fuula 25rra jiru]
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Namni Yihowaa tajaajilu tokko kiyyoo qabeenya hordofuutiin qabamuurraa fagaachuu kan dandaʼu akkamitti?
Kiristiyaana gaaʼela godhate tokko ejja isa boolla dhokfametti fakkeeffame keessatti kufuurraa maaltu isa eeguu dandaʼa?
Qabeenya hordofuufi ejjarraa fagaachuuf ejjennoo cimaa qabaachuun faayidaa qaba jettee kan amantu maaliifi?
1, 2. (a) Seexanni dibamtootaafi ‘hoolota kan biraatiif’ kan garaa hin laafne maaliifi? (b) Mataduree kana keessatti kiyyoo Seexanaa kamfaa qorra?
SEEXANNI ilmaan namootaatiif keessumaammoo warra Yihowaa tajaajilaniif garaa hin laafu. Dibamtoota lafarra jiranirratti waraana banaa jira. (Mul. 12:17) Kiristiyaanonni ija jabeeyyii taʼan kun, hojii Mootummicha labsuu isa yeroo harʼaa raawwatamu geggeessaa jiru, biyya lafaa kana kan bulchu Seexana taʼuusaas ni saaxilu. Seexanni “hoolota kan biraa” warra dibamtoota deggeraniifi abdii jireenya barabaraa isa inni hin arganne qabaniifis jaalala hin qabu. (Yoh. 10:16) Baayʼee aaruunsaa kan nama dinqisiisu miti. Abdiin keenya samiirras taʼe lafarra jiraachuu, Seexanni nageenya keenya akka hin barbaanne beekamaadha. Kaayyoonsaa miidhaa nurraan gaʼuudha.—1 Phe. 5:8.
2 Seexanni kaayyoosaa kana galmaan gaʼuuf, kiyyoo addaddaa qopheesseera. ‘Yaada warra hin amannee waan jaamseef,’ namoonni akkasii misiraachicha hin fudhatan, kiyyoon Seexanaa maal akka taʼes hin hubatan. Haataʼu malee, namoota ergaa Mootummichaa fudhatan tokko tokkos kiyyoosaatiin qabeera. (2 Qor. 4:3, 4) Mataduree darberratti kiyyoo Seexanaa sadii jechuunis, (1) arraba toʼannaa hin qabne, (2) sodaafi dhiibbaa namootaa, akkasumas (3) garmalee of ceephaʼuurraa akkamitti fagaachuu akka dandeenyu barannee turre. Mee ammammoo kiyyoo Seexanaa lama jechuunis, qabeenya hordofuufi ejja raawwachuuf qoramuurraa akkamitti fagaachuu akka dandeenyu haa ilaallu.
QABEENYA HORDOFUU—KIYYOO NAMA HUDHU
3, 4. Yaaddoon biyya lafaa qabeenya akka hordofnu gochuu kan dandaʼu akkamitti?
3 Yesus fakkeenyota dubbate keessaa isa tokkorratti waaʼee sanyii qoraattii keessatti facaafamee caqasee ture. Yesus namni tokko dubbicha dhagaʼuu akka dandaʼu dubbateera. Taʼus, ‘booddee yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorummaa dubbicha hudhuufi ija utuu hin godhatin akka hafu’ gochuu akka dandaʼu ibseera. (Mat. 13:22) Eeyyee, qabeenya hordofuun kiyyoo diinni keenya Seexanni itti fayyadamu keessaa isa tokkodha.
4 Wantoonni waliin taʼuudhaan dubbicha hudhan lama siʼa taʼan, isaan keessaa ‘yaaddoon biyya lafaa’ isa tokkodha. ‘Yeroo sodaachisaa’ kanatti wantoonni nu dhiphisan hedduun jiraachuu dandaʼu. (2 Xim. 3:1) Gatiin wantoota jireenyaaf barbaachisanii dabalaa deemuunsaafi hojii dhabuun babalʼachuunsaa jireenyi akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. ‘Ergan soorama baʼee booda qarshii gaʼaa argachuu nan dandaʼaa laata?’ jennee waaʼee gara fuulduraas ni yaaddofna taʼa. Namoonni tokko tokko yaaddoo akkasiitiin kakaʼanii qarshiin wabii jireenyaa akka taʼe yaaduudhaan qabeenya hordofuurratti xiyyeeffataniiru.
5. ‘Soorumni’ nu gowwoomsuu kan dandaʼu karaa kamiini?
5 Yesus wanta dubbicha hudhu gara biraa, ‘gowwoomsaa soorummaa’ jechuudhaan caqaseera. Kun yaaddoo wajjin taʼuudhaan dubbicha hudhuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun ‘horiin nama golguu’ akka dandaʼu ni ibsa. (Lal. 7:12) Taʼus, qabeenya hordofuun ogummaa miti. Namoonni hedduun sooreyyii taʼuuf qabsoo cimaa gochaa yommuu adeeman, caalaatti kiyyoo qabeenyaatiin akka qabaman hubataniiru. Tokko tokkommoo qabeenyaaf garba taʼaniiru.—Mat. 6:24.
6, 7. (a) Namni tokko hojiisaa wajjin haala wal qabateen qabeenya hordofuuf saaxilamuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Kiristiyaanni tokko saʼaatii dabalataa akka hojjetu yommuu afeeramu maal xiyyeeffannaa keessa galchuu qaba?
6 Sooressa taʼuuf hawwuun utuu itti yaadin jalqabuu dandaʼa. Mee haala fakkeenyaan ibsame armaan gadii ilaali. Namni si hojjechiisu garakee dhufee akkas siin jedha: “Oduu nama gammachiisu tokkon sitti hima! Kubbaaniyyaan keenya caalbaasii guddaa tokko moʼeera. Kunimmoo jiʼoota muraasa ittaananiif yeroo hundumaa saʼaatii dabalataa hojjechuu kan gaafatudha. Taʼus, qarshiin argattu kan si kiisu taʼuusaa sii mirkaneessuu nan dandaʼa.” Afeerriin akkasii yoo sii dhihaate maal goota? Wanta jireenyaaf barbaachisu maatii keetiif dhiheessuun itti gaafatamummaa guddaa akka taʼe beekamaadha; taʼus itti gaafatamummaankee kana qofa miti. (1 Xim. 5:8) Wantoonni garabiraan xiyyeeffannaa keessa galchuu si barbaachisan jiru. Hojicharratti saʼaatii dabalataa hangamii dabarsita? Hojichi walgaʼii gumiifi Waaqeffannaa Maatii dabalatee sochii hafuuraarratti akka hin argamne si dhowwaa?
7 Yommuu murtoo gootu wanti hunda caalaa xiyyeeffannaa keessa galchitu maalidha? Saʼaatii dabalataa hojjechuudhaan qarshii hedduu argachuudhaa? Moo miidhaa inni karaa hafuuraa sirra geessisudha? Hawwiin qarshii dabalataa argachuuf qabdu, fedhii Mootummichaa dursuu akka dhaabdu kan si godhudhaa? Qabeenya hordofuun nageenya hafuuraa keefi kan maatiikee akka dagattu yoo si godhe, haalli kun miidhaa akkamii sirraan gaʼuu akka dandaʼu hubatteettaa? Wanti akkasii si mudachaa jira taanaan, jabaattee dhaabachuufi qabeenya hordofuudhaan hudhamuurraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?—1 Ximotewos 6:9, 10 dubbisi.
8. Fakkeenya Macaafa Qulqulluu isa kam ilaaluu keenyatu akkaataa jireenyaa keenya qoruuf nu gargaara?
8 Qabeenya hordofuudhaan hudhamuurraa fagaachuuf yeroo yeroodhaan akkaataa jireenyaa keenya haa qorru. Esaawu isa gochasaatiin wantoota hafuuraa akka tuffatu argisiise matumaa fakkaachuu hin qabnu. (Uma. 25:34; Ibr. 12:16) Akka namicha sooressa qabeenyasaa gurguree hiyyeessotaaf kennuudhaan Yesus duukaa akka buʼu afeeramee turees taʼuu akka hin qabne hin shakkisiisu. Namni sun afeerrii sana fudhachuu mannaa, ‘qabeenya guddaa waan qabuuf, gaddee achii in adeeme.’ (Mat. 19:21, 22) Namni kun kiyyoo qabeenyaatiin qabamuudhaan, mirga guddaa nama namoota hanga harʼaatti jiraatan hunda caalu duukaa buʼuuf argate dhabeera. Mirga bartuu Yesus Kiristos taʼuuf arganne akka hin dhabne of eeggachuu qabna.
9, 10. Ilaalcha Macaafni Qulqulluun qabeenyaaf qabu akkamitti ibsita?
9 Wantoota jireenyaaf barbaachisaniif garmalee dhiphachuurraa fagaachuuf gorsa Yesus akkas jechuudhaan kenne hordofaa: “Kanaafis isin ‘Maal nyaanna?’ yookiis ‘Maal dhugna?’ yookiis ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa! Warri saba Waaqayyoo hin taʼin yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiruʼo; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka taʼan garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka.”—Mat. 6:31, 32; Luq. 21:34, 35.
10 Gowwoomsaa qabeenyaatiin qabamuu mannaa, yaada Aguur inni Macaafa Qulqulluu barreesse, “Soora harʼaa-borii anaaf kenni malee, na hin badhaasin, na hin deegsinis!” jechuudhaan dubbate hordofuuf carraaqqii godhaa. (Fak. 30:8) Aguur, eegumsa qarshiin gochuu dandaʼus taʼe gowwoomsaa soorummaa hubatee akka ture hin shakkisiisu. Yaaddoon biyya lafaafi gowwoomsaan soorummaa karaa hafuuraa miidhaa geessisuu akka dandaʼu hubadhaa. Qabeenyaaf garmalee dhiphachuun, yeroo keenya fudhachuu, humna keenya fixuufi fedhii Mootummichaa raawwachuuf kakaʼumsa akka hin qabaanne nu gochuu dandaʼa. Kanaaf, qabeenya hordofuu isa kiyyoo Seexanaa taʼeen akka hin qabamne haa murteessinu.—Ibroota 13:5 dubbisi.
EJJA—BOOLLA HAXXUMMAADHAAN DHOKFAME
11, 12. Kiristiyaanni tokko bakka hojiisaatti ejja raawwachuuf qoramuu kan dandaʼu akkamitti?
11 Adamsaan bineensa guddaa qabachuu barbaadu, karaa bineensichi yeroo baayʼee irra deemurratti boolla qotuu dandaʼa. Yeroo baayʼee boollichi akka hin mulʼanneef hanxaxii irra naqee biyyoodhaan uwwisa. Qorumsi Seexanni itti fayyadamuudhaan buʼaa guddaa argate tokko kiyyoo kanaa wajjin wal fakkaata. Kiyyoon kun ejja raawwachuudha. (Fak. 22:14; 23:27) Kiristiyaanonni hedduun haala salphaatti ejjennoosaanii akka laaffisan isaan godhu keessa seenuudhaan boolla kana keessatti kufaniiru. Kiristiyaanonni gaaʼela godhatan tokko tokko, saala faallaa wajjin hariiroo sirrii hin taane erga uumanii booda ejja raawwataniiru.
12 Saala faallaa wajjin bakka hojii keenyatti hariiroo sirrii hin taane uumuu dandeenya. Qorannoon tokko nama waliin hojjetanii wajjin hariiroo sirrii hin taane uumuudhaan dubartoota keessaa walakkaa ol, dhiirota 4 keessaammoo 3 kan taʼan, ejja raawwatanii akka turan ibseera. Hojiin keessan saala faallaa wajjin akka walitti dhihaattan kan isin godhudhaa? Taanaan, haalli hariiroo keessanii akkamidha? Hojii waliin hojjechuudhaan ala waan garabiraa keessa akka hin galleef daangaa gootaniittuu? Fakkeenyaaf obboleettiin tokko dhiira waliin hojjettu tokkoo wajjin yeroo baayʼee erga haasoftee booda, garaadhaa isa amanuudhaan rakkina gaaʼelashee keessa jirullee itti himachuu dandeessi. Karaa gara biraammoo, obboleessi tokko dubartii waliin hojjetu tokkoo wajjin erga walitti siqee booda akkas jedhee yaaduu dandaʼa: “Ilaalcha kootiif iddoo guddaa kenniti, yommuun dubbadhus xiyyeeffannaadhaan na dhaggeeffatti. Akkasumas na dinqisiifatti. Haati manaakoos utuu akkas naa taatee nan hawwan ture.” Kiristiyaanni haala akkasii keessa gale tokko, ejja raawwachuuf akkamitti saaxilamaa akka jiru hubattaniittuu?
13. Gumii keessatti jaalalli sirrii hin taane uumamuu kan dandaʼu akkamitti?
13 Namni tokko gumii Kiristiyaanaa keessattis hariiroo uumuudhaan jaalala sirrii hin taaneen qabamuu dandaʼa. Mee fakkeenya seenaa dhugaarratti hundaaʼe kana ilaalaa. Daaniʼeliifi haati manaasaa Saaraana qajeelchitootadha. Kana malees Daaniʼel “jaarsa gumii matumaa, lakki hin dandaʼu jechuu hin beeknedha.” Hojii isaaf kennamu hunda gammachuudhaan fudhata. Daaniʼel dargaggoota shan Macaafa Qulqulluu kan qayyabsiisu siʼa taʼu, isaan keessaa sadii cuuphamaniiru. Obboloonni reefuu cuuphaman kun gargaarsi guddaan isaan barbaachisa ture. Yommuu Daaniʼel hojiiwwan tiʼookraasii addaddaatiin qabamu, yeroo baayʼee kan isaan gargaartu Saaraa turte. Utuma baayʼee hin turin haallisaa kan jijjiirame siʼa taʼu, dargaggoonni Daaniʼel Macaafa Qulqulluu isaan qayyabsiisaa ture deggersa miiraa isaan barbaachisu Saaraarraa argachuu jalqaban. Isheenis xiyyeeffannaa kan barbaaddu siʼa taʼu, kanas barattoota Macaafa Qulqulluu Daaniʼelirraa argachuu jalqabde. Yeroo kanatti kiyyoon duʼaaf nama saaxilu ni kaaʼame. Daaniʼel akkas jedheera: “Haati manaakoo jiʼoota hedduudhaaf guutummaatti of kennuunshee karaa hafuuraafi miiraa ishee miidhee ture. Haalli kuniifi ishee dagachuunkoo balaan akka uumamu godheera. Haati manaakoo dargaggootan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa ture keessaa isa tokkoo wajjin ejja raawwatte. Mirga koorratti garmalee xiyyeeffachaa waanan tureef, haati manaakoo utuman bira jiruu karaa hafuuraa dadhabde.” Haala gaddisiisaa akkasii hambisuu kan dandeenyu akkamitti?
14, 15. Kiristiyaanonni gaaʼela godhatan ejja isa boolla dhokfamee jirutti fakkeeffamerraa fagaachuuf maaltu isaan gargaara?
14 Hiika waadaan gaaʼelaa qaburratti xiinxaluun, ejja isa boolla dhokfamee jirtutti fakkeeffamerraa fagaachuuf gargaara. Yesus, “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin” jedheera. (Mat. 19:6) Mirgi tiʼookraasii qabnu hiriyaa gaaʼelaa keenyarra akka caalu goone matumaa yaadu hin qabnu. Kana malees, hojii barbaachisaa hin taaneef jennee hiriyaa gaaʼelaa keenyarraa fagaannee yeroo dheeraaf turuun, hariiroon gaaʼelaa keenya laafaa akka taʼeefi qorumsatti, darbees cubbuu cimaa raawwachuutti nu geessuu akka dandaʼu yaadachuu qabna.
15 Haataʼu malee, jaarsa gumii yoo taate karra hoolota Waaqayyoos akkamitti kunuunsuu qabda? Phexros ergamaan, “Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana, giddiidhaan utuu hin taʼin, jaalalaan, akka Waaqayyo barbaadutti, buʼaa nama yeellaasisu irraa argachuuf utuu hin taʼin, of kennuudhaan egaa” jedhee barreesseera. (1 Phe. 5:2) Miseensonni gumii kunuunsakee barbaadan dagatamuu akka hin qabne beekamaadha. Haataʼu malee, itti gaafatamummaa abbaa manaa taʼuudhaan qabdu dagattee gaʼee jaarsa taʼuudhaan qabdu raawwachuu hin qabdu. Hiriyaan gaaʼelaakee karaa hafuuraa manaa “beelaʼaa” utuu jirtuu, gumii sooruu qofarratti xiyyeeffachuun sirrii kan hin taane taʼuusaarrayyuu balaa geessisuu dandaʼa. Daaniʼel, “Maatiikee balaadhaaf saaxiltee itti gaafatamummaa kee baʼuuf carraaquurra mirga dhabuu wayya” jedheera.
16, 17. (a) Kiristiyaanonni gaaʼela godhatan saalqunnamtii raawwachuuf fedhii akka hin qabne ifatti argisiisuuf bakka hojiitti maal gochuu dandaʼu? (b) Yaada barreeffamarratti baʼeefi Kiristiyaanonni ejjarraa akka fagaatan isaan gargaaruu dandaʼu tokko caqasi.
16 Kiristiyaanonni gaaʼela godhatan kiyyoo ejja raawwachuutiin akka hin qabamne isaan gargaaruuf gorsi gaarii hedduun Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! irratti baʼaniiru. Fakkeenyaaf, Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15, 2006, gorsa akkas jedhu kenneera: ‘Bakka hojiittis taʼe iddoo biraatti haalawwan saala faallaa wajjin akka walitti dhihaattu si godhanirraa of eegi. Fakkeenyaaf, nama saala faallaa tokkoo wajjin yeroo dheeraadhaaf walitti dhihaatanii hojjechuun qorumsa fiduu dandaʼa. Nama hiriyaa gaaʼelaa qabdu hamma taatetti, dubbii keetiinis taʼe amala keetiin, hiriyaa gaaʼelaa keetiin ala nama kan biraa jaallachuu akka hin barbaanne ifa godhi. Nama Waaqayyoo hamma taatetti, nama tokko kolomsuudhaan ykn akkaataa uffannaafi miidhaginaa keetiin xiyyeeffannaa sirrii hin taane akka siif kennu gochuu matumaa hin barbaaddu. Suuraa hiriyaa gaaʼelaafi ijoolleekeetii bakka hojiikee kaaʼuun, maatiikeetiif bakka guddaa akka laattu si yaadachiisuufi warra kaanis kana hubachiisuu dandaʼa. Warri kaan miira akkasiitiin sitti siquu yoo barbaadan hin jajjabeessin ykn faara hin kenniniif.’
17 Matadureen “Hiriyaa Gaaʼelaatiif Amanamaa Taʼuu Jechuun Maal Jechuudha?” jedhuufi Dammaqaa! (Amaariffa) Ebla 2009rratti baʼe, nama hiriyaa gaaʼelaa keenya hin taanee wajjin saalqunnamtii raawwachuuf hawwuun sirrii akka hin taane akeekkachiisee ture. Matadureen kun, waaʼee saalqunnamtii raawwachuurratti xiinxaluun ejja raawwachuutti akka nama geessu ibsee ture. (Yaq. 1:14, 15) Gaaʼela kan godhanne taanaan, yeroo yerootti hiriyaa gaaʼelaa keenyaa wajjin yaada akkasiirratti mariʼachuun keenya ogummaadha. Gaaʼelli qophii Yihowaan hundeesse taʼuusaarrayyuu, qulqulluudha. Karaan wantoota qulqulluu taʼaniif iddoo guddaa akka kenninu itti argisiisnu, yeroo ramaduudhaan hiriyaa gaaʼelaa keenyaa wajjin waaʼee gaaʼela keenyaa haasaʼuudha.—Uma. 2:21-24.
18, 19. (a) Ejja raawwachuun miidhaa akkamii geessisa? (b) Hiriyaa gaaʼelaatiif amanamaa taʼuun faayidaa akkamii argamsiisa?
18 Nama tokkoo wajjin jaalala sirrii hin taaneen qabamuuf qoramaa akka jirtu yoo hubatte, miidhaa ejja raawwachuun geessisurratti xiinxali. (Fak. 7:22, 23; Gal. 6:7) Namoonni ejja raawwatan Yihowaa gaddisiisu; hiriyaa gaaʼelaasaaniifi ofiisaaniirrattis miidhaa geessisu. (Miilkiyaas 2:13, 14 dubbisi.) Faallaa kanaatiin faayidaa namoonni qulqullummaasaanii eeggatan argatanirratti xiinxalaa. Namoonni akkasii abdii jireenya barabaraa qabaachuu qofa utuu hin taʼin, yeroo ammaa yaada garaa qulqulluu qabaachuu dabalatee jireenyaa gammachiisaa jiraatu.—Fakkeenya 3:1, 2 dubbisi.
19 Faarfatichi, “Warri seera kee [Waaqayyoo] jaallatan sun nagaa guddaa qabu, wanti isaan gufachiisus hin jiru!” jedhee faarfateera. (Far. 119:165) Kanaaf, dhugaa jaalladhaa; akkasumas yeroo hamaa kanatti “attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin taʼiniitti hin jiraatinaa!” (Efe. 5:15, 16) Karaan irra adeemnu kiyyoo hedduu Seexanni waaqeffattoota dhugaa ittiin qabuuf kaaʼeen kan guutamedha. Haataʼu malee, wantoota of eeguuf nu gargaaran hedduu qabna. Yihowaan “xiyya isa hamaa sanaa, warra bobaʼaa adeeman dhaamsuu” fi isa ‘mormuuf’ waan nu barbaachisu hunda nuu kenneera.—Efe. 6:11, 16.
[Miiljalee]
a Maqaawwan jijjiiramaniiru.
[Fakkii fuula 26rra jiru]
Qabeenya hordofuun nama tokko karaa hafuuraa hudhuu dandaʼa. Kun akka sirra gaʼu hin heyyamin
[Fakkii fuula 29rra jiru]
Kolomsuun ykn gocha akkasiitiif fuula kennuun ejja raawwachuutti nama geessuu dandaʼa