“Kun Akka Taʼu Fedha Kee Taʼeera”
‘Isa kana warra ogeessotaa fi hubattoota jalaa dhoksitee, wallaalotatti [“Daaʼimmanitti,” NW] mulʼifteetta.’—LUQ. 10:21.
1. Yesus ‘hafuura qulqulluutti akka gammadu’ kan godhe maali dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
YESUS KIRISTOS yeroo ‘hafuura qulqulluutti gammadetti’ miirri akkamii isatti dhagaʼamee akka ture tilmaamuu dandeessaa? Tarii fuulli isaa gammachuudhaan ifee akka ture yaadda taʼa. Wanti akkas akka isatti dhagaʼamu godhe maali dha? Sana dura misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabaniif bartoota isaa 70 (Miiljalee Luqaas 10:1, 17 ilaali.) ergee ture. Hojii isaaniif kenne kana akkamitti akka raawwatan beekuuf fedhii guddaa qaba ture. Namoonni misiraachichaaf diina taʼanii fi humna guddaa qaban hedduun jiru turan; isaan keessaa tokko tokko barsiisota seeraa fi Fariisota gamna taʼanii fi barumsa hedduu qabani dha. Namoonni kun, namoonni kaan Yesusiin muka sooftuu qofa akka taʼetti, bartoota isaas ‘barumsa dheeraa kan hin qabnee fi kan hin beekamne akka taʼanitti’ ilaaluudhaan akka tuffatan dhiibbaa irratti godhaniiru. (HoE. 4:13; Mar. 6:3) Haa taʼu malee, bartoonni isaa hojii isaaniitii kan deebiʼan gammachuudhaan guutamanii ti. Kan isaan lallaban mormii hafuurota hamoo dabalatee, mormiin garaa garaa utuu isaan irra gaʼuu ture! Gammachuu fi ija jabina akka qabaatan kan godhe maal ture?—Luqaas 10:1, 17-21 dubbisi.
2. (a) Bartoonni Yesus akka daaʼimmanii kan taʼan karaa kamiini? (b) Dhugaa hafuuraa baayʼee barbaachisaa taʼe hubachuuf duuka buutota Kiristos kan gargaare maali dha?
2 Wanta Yesus Yihowaatti dubbate hubadhaa: “Yaa abbaa, gooftaa waaqaatii fi lafaa, isa kana warra ogeessotaa fi hubattoota jalaa dhoksitee, wallaalotatti [“daaʼimmanitti,” NW] waan mulʼifteef sin jajadha; eyyee, yaa abbaa isa kanatti gammaddeetta [“kun akka taʼu fedha kee taʼeera,” NW].” (Mat. 11:25, 26) Yesus duuka buutonni isaa daaʼimman akka taʼan dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, namoota biyyichaa barumsa hedduu qabanii fi ogeessa akka taʼanitti of ilaalanii wajjin yeroo wal bira qabaman daaʼimman fakkaachuu akka dandaʼan beeka ture. Kana malees Yesus, gad of deebisuudhaan, akkasumas barachuuf fedhii qabaachuudhaan akka daaʼimmanii akka taʼan duuka buutota isaa barsiisee ture. (Mat. 18:1-4) Gad of deebisuu isaaniitiin faayidaa akkamii argatan? Dhiibbaan Seexanaa fi koorri, namoota bartoota kana tuffatanii fi ogeessota taʼan hubannaa dhabsiisee ture; bartoonni kun garuu gargaarsa Yihowaan karaa hafuura qulqulluutiin isaanii godheen dhugaa hafuuraa baayʼee barbaachisaa taʼe hubachuu dandaʼaniiru.
3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii qorra?
3 Yesus baayʼee gammaduun isaa nama hin dinqisiisu! Sadarkaan barumsaa ykn dandeettiin uumamaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe, namoota gad of deebisan hundaaf akkaataa Yihowaan dhugaa gad fagoo taʼe itti ibse Yesusiin gammachiiseera. Akkaataan barumsaa kun fedha Abbaa isaa taʼuun isaa isa gammachiisee ture. Harʼa hoo Yihowaan geddarameeraa? Akkaataan barumsaa akkasii fedhii isaa taʼuu isaa argisiisaa kan jiru akkamitti? Mata duree kana keessatti, Yihowaan namoota yeroo harʼaa jiranii fi gad of deebisaniif dhugaa Macaafa Qulqulluu kan ibse akkamitti akka taʼe baranna.
DHUGAAWWAN GADI FAGOO NAMOOTA HUNDAAF IBSUU
4. Masaraan Eegumsaa afaan salphaadhaan qophaaʼu kennaa jaalala argisiisu dha kan jennu maaliifi?
4 Waggoota dhihoodhaa asitti, barumsi hafuuraa jaarmiyaa Yihowaatiin qophaaʼu akkaataa barumsaa salphaa fi ifa taʼe irratti kan xiyyeeffatu taʼeera. Fakkeenyawwan sadii ilaalaa. Tokkoffaa, Masaraan Eegumsaa afaan salphaa taʼeen qophaaʼeera.a Maxxansi kun namoota afaanicha hubachuun ykn dubbisuun isaan rakkisuuf kennaa jaalala argisiisu taʼeera. Mataawwan maatii, ijoolleen isaanii Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa isa karaa nyaata hafuuraa itti argannu isa guddaa taʼe irratti caalaatti hirmaachuu akka jalqaban hubataniiru. Obboloonni hedduun karaa garaa namaa tuquun dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru. Obboleettiin tokko Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa irratti yaada kennaa akka hin turre barreessiteetti. “Baayʼeen sodaadhan ture” jetteetti. Amma garuu sodaachuu dhiisteetti! Maxxansa afaan salphaatiin qophaaʼe fayyadamuu erga jalqabdee booda, “Amma al tokkoo oliin yaada kenna, sodaan koos badeera! Yihowaa fi isiniin nan galateeffadha” jetteetti.
5. Faayidaan Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa inni fooyyeffame qabu tokko tokko maal faʼi?
5 Lammaffaa, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa fooyyeffame, walgaʼii waggaa Onkoloolessa 5, 2013tti godhame irratti afaan Ingiliffaatiin baʼeera.b Amma caqasoonni hedduun jechoota muraasa kan qaban taʼus, hiikni isaanii guutuu fi caalaatti ifa dha. Fakkeenyaaf, baayʼinni jechootaa Iyoob 10:1 irra jiru, 27 irraa gara 19tti, baayʼinni jechootaa Fakkeenya 8:6 irra jiru immoo, jechoota 20 irraa gara 13tti hirʼateera. Caqasoonni lamaanuu hiika fooyyaʼe kana keessatti caalaatti ifa taʼaniiru. Obboleessi dibamaa taʼee fi waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif amanamummaadhaan tajaajile, “Kitaaba Iyoob hiika isa fooyyeffameen kanan dubbise siʼa taʼu, kitaaba kana reefuu akkan hubadhe natti dhagaʼame!” jedheera. Namoonni hedduun yaada akkasii kennaniiru.
6. Jijjiirama hubannaa Maatewos 24:45-47 irratti qabnu irratti godhame ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
6 Sadaffaa, jijjiirama hubannaa nuti qabnu irratti dhiheenyatti godhame tokko tokko ilaalaa. Fakkeenyaaf, jijjiiramni hubannaa nuti ‘hojjetaa amanamaa fi ogeessa’ ilaalchisee qabnu irratti godhamee fi Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2013 irratti baʼe baayʼee nu gammachiiseera. (Mat. 24:45-47) Hojjetaa amanamaan Qaama Ol Aanaa akka taʼe, akkasumas ‘naaʼonni’ dibamtootaa fi “hoolota kan biraa,” jechuunis namoota nyaanni hafuuraa dhihaatuuf hunda akka taʼan ibsamee ture. (Yoh. 10:16) Dhugaawwan akkasii baruunii fi warra haaraa taʼan barsiisuun gammachuu guddaa argamsiisa! Yihowaan karaa salphaa fi ifa taʼeen barsiisuun fedha isaa akka taʼe karaawwan kan biroo kamiin argisiise?
SEENAAWWAN MACAAFA QULQULLUU KARAA SALPHAA FI IFA TAʼEEN IBSUU
7, 8. Seenaawwan gaaddidduu taʼanii fi Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffaman tokko tokko kam faʼi?
7 Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif Yihowaa tajaajilaa turte taanaan, karaa itti barreeffamoonni keenya seenaawwan Macaafa Qulqulluu itti ibsan irratti jijjiirama suuta suuta godhame hubatteetta taʼa. Kanaan dura, barreeffama keenya irratti seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessaa gaaddidduu fi wanta isa dhugaa baasuun baramaa ture. Seenaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamu gaaddidduu akka taʼetti, wanti seenaan sun bakka buʼu hundi immoo wanta isa dhugaa akka taʼetti ilaalama ture. Macaafa Qulqulluu keessa seenaawwan akka raajiitti fudhachuuf wanti buʼuura taʼu jiraa? Eeyyee. Fakkeenyaaf, Yesus waaʼee “milikkita Yoonaas raajichaa” dubbateera. (Maatewos 12:39, 40 dubbisi.) Yesus, Yoonaas garaa qurxummii keessa, jechuunis iddoo utuu Yihowaan isa oolchuu baatee bakka awwaalchaa isaa taʼu keessa yeroo murtaaʼeef turuun isaa, yeroo innumti [Yesus] awwaala keessatti dabarsuuf gaaddidduu ykn raajii akka taʼe ibseera.
8 Macaafni Qulqulluun seenaawwan akka gaaddidduutti tajaajilan kan biroos qabateera. Phaawulos ergamaan isaan keessaa tokko tokko ibseera. Fakkeenyaaf, walitti dhufeenyi Abrahaam Aggaarii fi Saaraa wajjin qabu, walitti dhufeenya Yihowaan saba Israaʼelii fi kutaa jaarmiyaa isaa isa samii wajjin qabuuf akka gaaddidduutti tajaajileera. (Gal. 4:22-26) Haaluma wal fakkaatuun, godoonii fi manni qulqullummaan, Guyyaan Araarsaa, angafni lubootaa fi wantoonni Seera Musee keessa jiran kan biroon ‘wanta gaggaarii dhufuuf jiraniif gaaddidduu dha.’ (Ibr. 9:23-25; 10:1) Seenaawwan gaaddidduu taʼan akkasii qoruun, kan nama gammachiisuu fi amantii kan cimsu dha. Haa taʼu malee namoonni, haalawwan raawwatamanii fi wantoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman hundi nama tokkoof ykn wanta tokkoof gaaddidduu taʼu jennee murteessuu ni dandeenyaa?
9. Seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee Naabot dubbatu duraan akkamitti ibsama ture?
9 Kanaan dura malli akkasii balʼinaan hojii irra ni oola ture. Fakkeenyaaf, seenaa Naabot isa Iizaabel Mootittiin abbaan manaa ishee Ahaab bakka wayinii isaa akka fudhatuuf jecha jalʼinaan akka himatamuu fi akka ajjeefamu haala mijeessitee akka fakkeenyaatti haa ilaallu. (1 Mot. 21:1-16) Bara 1932tti seenaan kun wanta biraatiif gaaddidduu akka taʼe ibsamee ture. Ahaabii fi Iizaabel Seexanaa fi dhaabbata isaa akka argisiisan, Naabot Yesusiin akka argisiisu, duuti Naabot immoo ajjeefamuu Yesus akka argisiisu ibsamee ture. Haa taʼu malee, waggoota kudhaniin lakkaaʼaman booda, kitaaba bara 1961tti maxxanfamee fi “Maqaan Kee Kan Qulqullaaʼe Haa Taʼu” jedhamu irratti, Naabot warra dibaman akka argisiisu, Iizaabel immoo Saba Kiristiyaanaa akka argisiistu ibsame. Kanaaf, Naabot Iizaabeliin ajjeefamuun isaa ariʼatama guyyoota dhumaatti warra dibaman irra gaʼu argisiisa jedhamee yaadama ture. Sabni Waaqayyoo, waggoota hedduudhaaf mala akkasiitiin seenaa Macaafa Qulqulluu qoruun amantii kan cimsu taʼee argatanii turan. Erga akkas taʼee, malli kun maaliif jijjiirame ree?
10. (a) Ogummaan seenaawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko ibsuu irratti caalaatti of eeggannoon akka godhamu kan godhe akkamitti? (b) Barreeffamoonni keenya yeroo harʼaa caalaatti maal irratti xiyyeeffatu?
10 Waggoota darban keessatti Yihowaan “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” caalaatti ogummaadhaan akka hojjetu gargaareera. Ogummaadhaan hojjechuun isaanii ragaan Caaffata Qulqullaaʼoo qabatamaa taʼe utuu hin jiraatin seenaan Macaafa Qulqulluu tokko wanta kan biraatiif gaaddidduu akka taʼu dubbachuu irraa akka of eeggatan godheera. Kana malees, gaaddidduu fi wanta isa dhugaa ilaalchisee ibsi duraan kennamaa ture namoota hedduudhaaf hubachuuf baayʼee ulfaataa ture. Ibsi wantoota kana irratti kennamaa ture, jechuunis eenyu eenyuun akka bakka buʼuu fi sababni isaa maal akka taʼe ibsi kennamaa ture, yaada isaa wal qabsiisuuf, yaadachuu fi hojii irra oolchuuf ulfaataa ture. Hunda irra immoo, wanta seenaan Macaafa Qulqulluu tokko gaaddidduu taʼuuf argachuuf carraaqqiin yeroo godhamutti, barumsi gama amalaatiin irraa argamuu fi hojii irra ooluu dandaʼu dhokatee hafa ture. Kanaaf, yeroo harʼaatti barreeffamoonni keenya barumsawwan seenaawwan Macaafa Qulqulluu irraa argannu irratti xiyyeeffatu; seenaawwan kana irraa amantii, obsa, Waaqayyoof buluu fi amaloota barbaachisoo kan biroo ilaalchisee barumsa salphaa fi hojii irra ooluu dandaʼu arganna.c
11. (a) Yeroo harʼaatti seenaa waaʼee Naabot dubbatu akkamitti hubanna? Seenaan isaa hunda keenyaaf barumsa kan taʼu maaliifi? (b) Barreeffamoonni keenya yeroo dhihoodhaa asitti waaʼee gaaddidduu fi wanta isa dhugaa baayʼinaan kan hin caqasne maaliifi? (“Gaaffii Dubbistootaa” fuula 17, 18 irra jiru ilaali.)
11 Erga akkas taʼee, yeroo ammaatti seenaa waaʼee Naabot dubbatu akkamitti hubanna? Karaa ifaa fi salphaa taʼeen hubanna. Namichi qajeelaa taʼe kun kan duʼe Yesusiif ykn dibamtootaaf gaaddidduu waan tureef utuu hin taʼin, amanamummaa isaa waan eegeefi dha. Namoonni aangoo isaaniitti karaa sirrii hin taaneen fayyadaman jalʼina cimaa isa irratti raawwatanis Seera Yihowaatti maxxaneera. (Lak. 36:7; 1 Mot. 21:3) Dhimma kanaa wajjin haala wal qabateen hunda keenya irra iyyuu ariʼatamni gaʼuu waan dandaʼuuf, seenaa isaa irraa barumsa ni arganna. (2 Ximotewos 3:12 dubbisi.) Namni akkaataa guddinaa akkamii iyyuu qabu, barumsa amantii namaa cimsu akkasii salphaatti hubachuu, yaadachuu fi hojii irra oolchuu ni dandaʼa.
12. (a) Seenaawwan Macaafa Qulqulluu ilaalchisee maal jennee murteessuu hin qabnu? (b) Wantoota gad fagoo irratti illee ibsa ifa taʼe argachuu kan dandeenye maaliifi? (Miiljalee ilaali.)
12 Haa taʼu malee, seenaawwan Macaafa Qulqulluu barumsa hojii irra oolu dabarsuudhaan alatti hiika biraa hin qaban jennee murteessuu qabnaa? Lakki. Barreeffamoonni keenya yeroo harʼaa, baayʼinaan wanti tokko wanta kan biraa akka nu yaadachiisu ykn wanta kan biraatiif fakkeenya akka taʼu barsiisu. Gaaddidduu fi wanta isa dhugaa seenaawwan Macaafa Qulqulluu irraa argachuu irratti hin xiyyeeffatan; malli kun seenaa tokko balʼisanii ilaaluuf nama hin dandeessisu. Fakkeenyaaf, Naabot ariʼatamnii fi duuti isa irra gaʼus amanamaa taʼuun isaa, amanamummaa Kiristosii fi dibamtoonni isaa argisiisan nu yaadachiisa jechuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, amanamummaa ‘hoolonni kan biraa’ hedduun argisiisanis nu yaadachiisa. Haala salphaa fi ifa taʼe akkasiitiin wal bira qabuun wanta barumsi Waaqayyoo ittiin beekamu dha.d
KARAA SALPHAA TAʼEEN FAKKEENYOTA YESUS ITTI FAYYADAME IBSUU
13. Fakkeenyota Yesus itti fayyadame karaa salphaa fi ifa taʼeen ibsaa akka jirru kan argisiisu maali dha?
13 Yesus Kiristos Barsiisaa namoota lafa kana irra jiraatan hunda irra caalu dha. Malli inni ittiin barsiisuu jaallatu inni tokko fakkeenyatti fayyadamuu ture. (Mat. 13:34) Fakkeenyonni sammuu namaa dammaqsuu fi garaa namaa tuquuf nama dandeessisu. Barreeffamoonni keenya fakkeenyota Yesusis karaa caalaatti salphaa fi ifa taʼeen ibsuu jalqabaniiruu? Eeyyee! Hubannaan fakkeenyota Yesus raacitii, ija sanaaficaa fi kiyyoo qurxummii ilaalchisee dubbate irratti qabnu Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2008 irratti fooyyaʼee baʼuu isaatti gammachuun nutti hin dhagaʼamnee? Amma fakkeenyonni kun, Mootummaa Waaqayyoo fi milkaaʼina guddaa Mootummichi duuka buutota Kiristos addunyaa hamaa taʼe kana keessaa sassaabuu irratti argachaa jiru kan argisiisan taʼuu isaanii sirriitti hubanneera.
14. (a) Fakkeenya waaʼee namicha Samaariyaa dubbatu akkamitti ibsina turre? (b) Yeroo ammaatti fakkeenya Yesus kana akkamitti hubanna?
14 Haa taʼu malee, waaʼee seenaawwan ykn fakkeenyota yaada gadi fagoo qabanii fi Yesus dubbatee hoo maal jechuu dandeenya? Tokko tokko gaaddidduu kan taʼanii fi raajii of keessatti kan qabatani dha; kaan garuu barumsa hojii irra ooluu dandaʼu qabataniiru. Haa taʼu malee, adda baasuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroodhaa gara yerootti deebiin gaaffii kanaa suuta suuta ifa taʼaa dhufeera. Fakkeenyaaf, fakkeenya Yesus waaʼee namicha Samaariyaa dubbateef ibsa kennaa turre haa ilaallu. (Luq. 10:30-37) Bara 1924tti, Masaraan Eegumsaa namichi Samaariyaa Yesusiin, karaan irraan gadee Yerusaalemii gara Yerikoo geessu yeroo Eeden keessatti fincilli itti kaʼee kaasee haalli jireenya dhala namaa hammaachaa deemuu isaa kan argisiisu akka taʼe, saamtonni karaa irraa sun, dhaabbilee daldalaa gurguddaa fi warra buʼaa isaaniif hin male argatan, lubichii fi namichi gosa Lewwii immoo bulchiinsa waldaalee amantii akka argisiisan ibsee ture. Yeroo harʼaatti garuu barreeffamoonni keenya warra gargaarsi isaan barbaachisu, keessumaa warra gargaarsi hafuuraa isaan barbaachisuu wajjin haala walqabateen utuu wal hin caalchisin namoota hunda gargaaruu akka qabnu fakkeenya kanatti fayyadamuudhaan nu yaadachiisu. Yihowaan akkaataan barsiisa isaa ifa akka taʼu gochuun isaa nu hin gammachiisuu?
15. Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii qorra?
15 Mata duree itti aanu keessatti fakkeenyota Yesus dubbate keessaa tokko, jechuunis isa inni waaʼee durboota kudhanii dubbate qorra. (Mat. 25:1-13) Yesus duuka buutonni isaa bara dhumaa keessa jiran fakkeenya hiika guddaa qabu kana akkamitti akka hubatan barbaada ture? Fakkeenya raajii of keessatti qabatee fi namoota, wantootaa fi haalawwan hundaaf gaaddidduu taʼu akka taʼetti dhaa? Moo, duuka buutonni isaa barumsa guyyoota dhumaa keessatti qajeelfama isaaniif taʼu irraa argachuu akka dandaʼaniifi dha? Deebii kanaa mata duree itti aanu irratti ilaalla.
a Maxxansi afaan salphaatiin qophaaʼu jalqaba kan qophaaʼe, Adoolessa 2011 Afaan Ingiliffaatiin ture. Sana booda maxxansi kun afaanota dabalataa muraasaan qophaaʼuu jalqabeera.
b Macaafa Qulqulluu isa fooyyeffame afaan biraatiinis qopheessuuf qophiin godhamaa jira.
c Fakkeenyaaf, kitaabni Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa jedhamu seenaa namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman 14 balʼinaan ibsa. Barreeffamni kun seenaan tokko gaaddidduu taʼuu isaa irratti utuu hin taʼin, wantoota hojii irra ooluu dandaʼan irratti xiyyeeffata.
d Dubbii Waaqayyoo keessa kutaa kitaabota Phaawulos barreessee tokko tokko dabalatee, wanti “hubachuun isaa nama dhibu” akka jiru beekamaa dha. Haa taʼu malee, barreessitoonni Macaafa Qulqulluu hundi kan barreessan hafuura qulqulluutiin geggeeffamanii ti. Yeroo harʼaattis, Kiristiyaanonni dhugaan dhugaa Waaqayyoo akka hubatan kan gargaaru hafuura kana dha; hafuurri kun, “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu” dandeettii waa hubachuu keenya isa murtaaʼaa taʼeen hubachuu akka dandeenyutti ifa nuu godha.—2 Phe. 3:16, 17; 1 Qor. 2:10.