Yeroo Hunda Yihowaatti Amanamaa!
“Isin yaa warra saba isaa taatanii, yeroo hundumaa isa amanadhaa!”—FAR. 62:8.
1-3. Amantiin Phaawulos Yihowaa irratti qabu akka cimu kan godhe maali dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
ROOMAA keessa jiraachuun Kiristiyaanotaaf baayʼee ulfaataa ture. Magaalattiitti Dh.K.B. bara 64tti ibidda kan qabsiise isaani jedhamaa waan tureef, akkasumas namoota ni jibbu jedhamanii waan himatamaniif duuka buutonni Kiristos baayʼee jibbamu turan. Kiristiyaanota yeroo sanatti jiraatan keessaa tokko utuu taatee, balaan hidhamuu fi reebamuu guyyaa guyyaatti si mudachuu dandaʼa ture. Obboloonni kee hafuuraa tokko tokko bineensaan cicciramanii ykn muka irratti fannifamanii halkan akka ibsaatti akka tajaajilaniif gubamanii taʼuu dandaʼa.
2 Phaawulos ergamaan Roomaa keessatti yeroo lammataatiif kan hidhame yeroo haalli rakkisaan akkasii turetti taʼuu hin oolu. Kiristiyaanonni kaan isa gargaaruu laata? Phaawulos akka armaan gadii jechuudhaan Ximotewosiif kan barreesse tarii wanti isa yaaddessu waan jiruuf taʼuu dandaʼa: “Gaafa ani dura yaaʼii duratti dhiʼaadhee falmadhe, hundumtuu na buusan malee, namni na bukkee dhaabate tokko illee hin argamne; gooftaan kana isaanitti hin lakkaaʼin.” Taʼus, Phaawulos guutummaatti gargaarsa akka hin dhabne beeka ture. “Gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse” jechuudhaan barreesseera. Eeyyee, Yesus Gooftichi Phaawulosiif humna isa barbaachisu kenneera. Gargaarsi isaaf godhame hammam isa fayyade? Phaawulos, “Afaan leencaas na oolche” jedheera.—2 Xim. 4:16, 17.a
3 Phaawulos muuxannoo kana yaadachuun isaa, rakkina yeroo kanatti isa mudate irrattis taʼe gara fuulduraatti isa mudachuu dandaʼu irratti Yihowaan akka isa jabeessu akka amanamu isa gargaaree taʼuu qaba. “Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha” jedheera. (2 Xim. 4:18) Eeyyee, gargaarsi namoonni namaa gochuu dandaʼan daangeffamaa taʼus, yeroo hunda gargaarsa Yihowaa fi Ilma isaatti amanamuu akka dandaʼu hubateera!
CARRAAWWAN ‘WAAQAYYOON AMANACHUUF’ NU DANDEESSISAN
4, 5. (a)Yeroo hunda gargaarsa si barbaachisu eenyu irraa argachuu dandeessa? (b) Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti?
4 Haala rakkisaa keessatti kophaa akka taate sitti dhagaʼamee beekaa? Rakkinni si mudate hojii dhabuu, dhiibbaa mana barumsaatti si irra gaʼu, rakkina fayyaa ykn haala nama dhiphisu kan biraa taʼuu dandaʼa. Tarii gargaarsa kan gaafatte taʼus, namoonni wanta barbaadde si gochuu dadhabuu isaaniitti gadditeetta taʼa. Dhugaa dha, rakkoowwan tokko tokko gargaarsa namaatiin qofa furmaata hin argatan. Yeroo kanatti maal gochuu qabda ree? Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyoon amanadhu” jedha. (Fak. 3:5, 6) Haa taʼu malee, akka inni si gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessaa? Eeyyee! Seenaawwan Yihowaan dhuguma saba isaa akka gargaaru nuu mirkaneessan hedduun Macaafa Qulqulluu keessa jiru.
5 Kanaafuu, namoonni gargaarsa sii gochuu yeroo dadhabanitti haaloo qabachuu mannaa, akkuma Phaawulos haalawwan akkasii Yihowaatti amanamuu fi gargaarsa inni jaalalaan kakaʼee sii godhu jireenya kee keessatti arguuf carraa akka sii argamsiisanitti ilaali. Akkas gochuun kee amanannaa isa irratti qabdu sii cimsa; akkasumas, walitti dhufeenyi isaa wajjin qabdu yeroo kam iyyuu caalaa cimaa akka taʼu godha.
YIHOWAATTI AMANAMUU QABNA
6. Keessumaa yeroo rakkinni nu mudatutti Yihowaatti amanamuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?
6 Rakkinni ulfaataan si dhiphise tokko si mudateera taʼa. Dhimmicha ilaalchisee wanta humni kee dandaʼe gooteetta, akkasumas akka si gargaaru Yihowaa kadhatteetta. Yeroo akkasiitti akka inni si gargaaru amanamuudhaan tasgabbaaʼuu ni dandeessaa? Eeyyee, ni dandeessa! (Faarfannaa 62:8; 1 Phexros 5:7 dubbisi.) Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu guddifachuuf isatti amanamuu baruun barbaachisaa dha. Taʼus, Yihowaan wanta si barbaachisu akka sii godhu isatti amanamuun baayʼee ulfaataa sitti taʼuu dandaʼa. Maaliif? Sababii inni tokko, Yihowaan battalumatti deebii kan kennu yeroo hunda waan hin taaneef taʼuu dandaʼa.—Far. 13:1, 2; 74:10; 89:46; 90:13; An. 1:2.
7. Yihowaan kadhannaa keenya hundaaf battalumatti deebii kennuu dhiisuu kan dandaʼu maaliifi?
7 Yihowaan kadhannaa keenya hundaaf battalumatti deebii kennuu dhiisuu kan dandaʼu maaliifi? Walitti dhufeenya nuyi isaa wajjin qabnu walitti dhufeenya abbaa fi ijoollee gidduu jirutti fakkeessuu isaa yaadadhu. (Far. 103:13) Ijoolleen warri isaanii wanta gaafatan hunda akka isaanii kennan ykn yeruma sana akka isaanii godhan eeguu hin dandaʼan. Wanti ijoolleen gaafatan tokko tokko hawwii yeroo gabaabaa qofa taʼuu dandaʼa. Gaaffii dhiheessan tokko tokkoof deebii argachuuf hamma yeroon inni sirriin gaʼutti eeguu qabu. Gaaffiin isaanii tokko tokko immoo, ijoollee sana ykn namoota isaanitti dhihaatan kaan kan hin fayyadne taʼuu dandaʼa. Kana malees, wanta ijoolleen gaafatan hunda isaanii kennuun, walitti dhufeenyi warraa fi ijoollee gidduu jiru kan gooftaa fi hojjetaa akka taʼu, jechuunis ijoolleen gooftaa warra isaanii akka taʼan godha. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan faayidaa keenyaaf jecha kadhannaa keenyaaf deebii utuu hin kennin yeroon murtaaʼe akka darbu gochuu dandaʼa. Inni Uumaa ogummaa qabeessa, Gooftaa jaalala qabeessaa fi Abbaa keenya isa samii waan taʼeef akkas gochuudhaaf mirga guutuu qaba. Gaaffii keenya hundaaf battalumatti deebii yoo kenne, walitti dhufeenya nuu fi isa gidduu jiru irra dhiibbaan gaʼuu dandaʼa.—Isaayaas 29:16; 45:9 wajjin wal bira qabii ilaali.
8. Wanta nuti dandamachuu hin dandeenye ilaalchisee Yihowaan waadaa akkamii galeera?
8 Sababiin inni kan biraan immoo, Yihowaan wanta dandamachuu dandeenyuu fi dandamachuu hin dandeenye sirriitti kan beeku taʼuu isaa ti. (Far. 103:14) Kanaafuu, humna keenyaan qofa rakkina tokko akka dandamannu nu irraa hin eegu; kanaa mannaa akka abbaa tokkootti gargaarsa barbaachisu nuu godha. Dhugaa dha, al tokko tokko humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan tajaajiltoota isaa irra rakkinni humna isaaniitii ol taʼe akka gaʼu akka hin heyyamne nuu mirkaneesseera. Eeyyee, ‘karaa itti keessaa baʼan’ ni qopheessa. (1 Qorontos 10:13 dubbisi.) Yihowaan wanta nuti dandamachuu dandeenyuu fi hin dandeenye kan beeku taʼuu isaa beekuun nu jajjabeessa.
9. Gargaarsaaf akkuma kadhanneen furmaata yoo argachuu baanne maal gochuu qabna?
9 Gargaarsaaf akkuma kadhanneen furmaata yoo argachuu baanne, Yihowaa isa tarkaanfii nu fayyadu yoom fudhachuu akka qabu sirrii beeku haa eeggannu. Yihowaan nu gargaaruuf hawwii guddaa waan qabuuf, haalli kun isas obsa argisiisuu akka gaafatu yaadadhaa. “Waaqayyo . . . amma iyyuu tola isaa isinitti argisiisuudhaaf isin eegaa [“obsaan isin eegaa,” NW] jira; isiniif ooʼuudhaafis kaʼeera; Waaqayyo gooftaan, Waaqayyo isa firdiin isaa qajeelaa waan taʼeef, warri isa eeggatan haa gammadan!”—Isa. 30:18.
“AFAAN LEENCAA”
10-12. (a)Kiristiyaana miseensa maatii dhukkubsate kunuunsu tokkoof wantoonni haalli isaa baayʼee akka itti ulfaatu gochuu dandaʼan maal faʼi? (b) Haala rakkisaa keessatti Yihowaatti amanamuun walitti dhufeenya namni tokko isaa wajjin qabu irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Fakkeenya kenni.
10 Rakkinni cimaan yeroo si mudatu akkuma Phaawulos “afaan leencaa” keessa akka jirtu ykn baayʼee itti dhihaattee akka jirtu sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti Yihowaatti amanamuun baayʼee ulfaataa taʼus baayʼee barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, miseensa maatii jaallattuu fi dhukkuba cimaadhaan qabame kunuunsaa jirta haa jennu. Tarii, Yihowaan ogummaa fi jabina akka sii kennu kadhatteetta taʼa.b Gama keetiin wanta sii dandaʼame hunda erga gootee booda, Yihowaan si ilaalaa akka jiruu fi wanta amanamaa taatee itti fufuuf si barbaachisu akka sii godhu beekuun kee si hin tasgabbeessuu?—Far. 32:8.
11 Al tokko tokko, haalli isaa waan Yihowaan si gargaaraa hin jirre fakkaachuu dandaʼa. Yaada wal faallessu doktoorota irraa dhagaʼuu dandeessa. Yookiin, firoonni na jajjabeessu jettee abdachaa turte, rakkinni si mudate caalaatti akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼu. Yihowaan akka si jabeessu isa kadhadhu. Isatti dhihaachuu kee itti fufi. (1 Saamuʼel 30:3, 6 dubbisi.) Rakkina si mudateef furmaata yeroo argattu walitti dhufeenyi isaa wajjin qabdu caalaatti cima.
12 Liindanc warra ishee dhukkubsachaa turan duʼuu isaanii dura waggoota muraasaaf kunuunsaa erga turtee booda, kun dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffatteetti. Akkana jetteetti: “Haala sana keessa yeroo turretti, abbaan manaa koo, obboleessi koo fi ani wanta gochuu qabnu wallaallee turre. Darbee darbee abdii kutanna ture. Amma duubatti deebinee yeroo yaadannu, Yihowaan nuu wajjin taʼuu isaa kan argisiise akkamitti akka ture caalaatti ifatti hubanna. Nu jabeesseera, akkasumas yeroo filannoo tokko iyyuu akka hin qabne nutti dhagaʼamee turetti illee wantuma yeroo sanatti nu barbaachisu nuu godheera.”
13. Obboleettiin tokko Yihowaatti amanamuun ishee rakkina walitti aansee ishee mudate dandamachuuf kan ishee gargaare akkamitti?
13 Guutummaatti Yihowaatti amanamuun gaddi yeroo nu mudatus nu gargaara. Haala Roonda mudatee ture ilaali. Abbaan manaa ishee inni Dhugaa Baatuu hin taane ishee hiikuudhaaf gaaffii yeroo dhiheessetti, obboleessi ishee dhukkuba cimaa isa ajjeesuu dandaʼuun qabame. Jiʼoota muraasa booda immoo, haati manaa obboleessa ishee ni duute. Yeroo haalawwan gaddisiisa ishee mudatan kana irraa akka jajjabaatte itti dhagaʼametti, qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajiluu jalqabde. Sana booda baayʼee utuu hin turin haati ishee ni duʼan. Rakkina ishee mudate akka dandamattu kan ishee gargaare maali dha? Akkas jetteetti: “Yeroo hunda, murtoowwan xixiqqoo gochuu yeroon barbaadutti illee Yihowaa nan mariisisan ture. Akkas gochuun koo, Yihowaan akka naa dhugoomu godheera. Ofitti ykn namoota kaanitti utuu hin taʼin, isatti amanamuu akkan qabu na barsiiseera. Innis dhugumaan gargaarsa naa godheera, jechuunis wanta na barbaachisu hunda naa guuteera. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan yeroo hunda naa wajjin akka taʼe jireenya koo keessatti argeera.”
14. Kiristiyaanni amanamaan firri isaa gumiidhaa baafame tokko amanannaa akkamii qabaachuu dandaʼa?
14 Mee haala kan biraa immoo haa ilaallu. Firri kee baayʼee jaallattu tokko gumiidhaa baafame haa jennu. Namoota gumiidhaa baafamanii wajjin walitti dhufeenya akkamii qabaachuu akka qabnu Macaafa Qulqulluu irraa baratteetta. (1 Qor. 5:11; 2 Yoh. 10) Taʼus, al tokko tokko murtoo kana deggeruun ulfaataa, darbees kan hin dandaʼamne sitti fakkaachuu dandaʼa.d Abbaan kee inni samii, gumiidhaa baafamuu wajjin haala wal qabateen qajeelfama Macaafa Qulqulluu hojii irra oolchuu akka dandeessuuf cimina akka sii kennu isatti ni amanamtaa? Haala kana carraa Yihowaatti caalaatti dhihaachuuf si dandeessisu akka taʼetti ni ilaaltaa?
15. Addaam Yihowaadhaaf kan hin ajajamne maaliifi?
15 Kanaa wajjin haala wal qabateen, waaʼee Addaam takka yaadi. Yihowaadhaaf ajajamuu baatus jiraachuu isaa akka itti fufu yaadee turee? Lakki, Macaafni Qulqulluun Addaam akka “hin sossobamne [“hin gowwoomfamne,” NW]” dubbata. (1 Xim. 2:14) Maaliif ajajamuu dide ree? Addaam ija mukaa Hewwaan isaa kennite kan nyaate Yihowaa caalaa ishee waan jaallateefi. Wanta Yihowaan isaan jedhe dhagaʼuu mannaa ishee dhagaʼe.—Uma. 3:6, 17.
16. Hunda caalaa eenyuun jaallachuu qabna? Maaliif?
16 Kana jechuun firoota keenyaaf jaalala cimaa qabaachuu hin qabnu jechuu dhaa? Gonkumaa! Haa taʼu malee, hunda caalaa Yihowaa jaallachuu qabna. (Maatewos 22:37, 38 dubbisi.) Akkas gochuun keenya firoota keenya hunda, warra Yihowaa tajaajilaa jiranis taʼe warra tajaajilaa hin jirre ni fayyada. Kanaaf, jaalala Yihowaadhaaf qabduu fi amanannaa isa irratti qabdu guddifachuu kee itti fufi. Haalli firri kee gumiidhaa baafame tokko keessa jiru si yaaddessaa jira taanaan, wanta garaa kee keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaa duratti dhangalaasi.e (Rom. 12:12; Filp. 4:6, 7) Haala gaddisiisaa taʼe kana, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu caalaatti cimsachuuf itti fayyadami. Kun immoo, Yihowaatti akka amanamtuu fi isaaf ajajamuun buʼaa gaarii kan qabu taʼuu isa akka hubattu si gargaara.
YIHOWAA YEROO EEGGANNUTTI MAAL GOCHUU DANDEENYA?
17. Hojii lallabaatiin yeroo qabamnutti, Yihowaa irratti amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?
17 Yihowaan Phaawulosiin ‘afaan leencaatii kan oolche’ maaliifi? Phaawulos, “Wangeelli karaa koo guutummaatti akka lallabamuuf, warri saba Waaqayyoo hin taʼinis akka isa dhagaʼaniif” jedheera. (2 Xim. 4:17) Akkuma Phaawulos nutis hojii lallabaatiin yeroo of qabsiisnutti, Yihowaan wantoota nu barbaachisan hunda akka nuu ‘kennu’ amanannaa qabaachuu ni dandeenya. (Mat. 6:33) Labsitoota Mootummichaa waan taaneef, ‘wangeelli hadaraa nutti kennameera,’ akkasumas Yihowaan ‘isaa wajjin kan hojjennu’ akka taanetti nu ilaala. (1 Tas. 2:4; 1 Qor. 3:9, hiika bara 1899) Hojii Waaqayyootiin kan qabamnu taanaan, rakkina keenyaaf furmaata hamma nuu kennutti eeguun nuu salphata.
18. Yihowaa irratti amanannaa qabaachuu fi walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu cimsachuuf wantoonni nu gargaaran maal faʼi?
18 Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu cimsachuuf guyyaa hundatti haa fayyadamnu. Haalli nu dhiphisu yoo nu mudate, carraa kana Yihowaatti dhihaachuuf itti haa fayyadamnu. Eeyyee, Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti qoruudhaan, yeroo hunda kadhachuudhaan, akkasumas sochiiwwan hafuuraatiin qabamuudhaan, Yihowaan haala yeroo harʼaatti nu mudatu keessattis taʼe gara fuulduraatti nu mudachuu dandaʼu hunda keessatti akka nu gargaaru amanannaa qabnu haa guddifannu.
a “Afaan leencaa” Phaawulos as irratti caqase, kallattiidhaan leenca kan argisiisu ykn rakkina biraa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
b Kiristiyaanota dhibee fayyaa qabanii fi warra dhukkubsattoota kunuunsan gargaaruuf Mata dureewwan garaa garaa qophaaʼaniiru. Dammaqaa! Guraandhala 8, 1994 (Ingiliffa); Guraandhala 8, 1997 (Ingiliffa); Fulbaana 8, 2000 (Amaariffa); akkasumas Guraandhala 8, 2001 (Amaariffa) ilaali.
c Maqaawwan jijjiiramaniiru.
d Mata duree, “Gumiidhaa Nama Baasuun Qophii Jaalala Irratti Hundaaʼe Dha Kan Jennu Maaliifi?” jedhuu fi fuula 29 irratti argamu ilaali.
e Yeroo miseensi maatii tokko Yihowaa dhiisutti, mata dureewwan miseensonni maatii amanamoo taʼan haalicha akka dandamatan gargaaran qophaaʼaniiru. Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 2006 (Amaariffa), fuula 17-21 fi Amajjii 15, 2007 (Amaariffa), fuula 17-20 ilaali.