‘Akka Obbolootaatti Wal Jaallachuu Keessan Itti Fufuuf’ Murteessaa!
“Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa!”—IBR. 13:1.
1, 2. Phaawulos Ibroota Kiristiyaanota taʼaniif xalayaa kan barreesse maaliifi?
YEROON isaa Dh.K.B. bara 61 ture. Gumiiwwan Kiristiyaanaa guutummaa Israaʼel keessa jiran hamma tokko nagaadhaan jiraatu turan. Phaawulos ergamaan Roomaatti hidhamee kan jiru taʼus, dhiheenyatti akka gadhiifamu abdii qaba ture. Michuun isaa Ximotewos dhiheenya kan gadhiifame siʼa taʼu, Phaawulosii wajjin taʼanii obboloota isaanii Yihudaa keessa jiran daawwachuuf karoorfachaa turan. (Ibr. 13:23) Haa taʼu malee, akkuma Yesus raajiidhaan dubbate, waggaa shan keessatti, ‘Yerusaalem loltootaan marfamti.’ Kirstiyaanonni Yihudaa keessa jiraatan keessumaa immoo warri Yerusaalem keessa jiraatan tarkaanfii cimaa fudhachuu qabu turan. Yesus, wantoonni kun raawwatamuu jalqabuu isaanii akkuma arganiin dafanii baqachuun akka isaan barbaachisu isaan akeekkachiisee ture.—Luq. 21:20-24.
2 Kirstiyaanonni Yihudoota taʼanii fi Israaʼel keessa jiraatan, Yesus raajii kana erga dubbatee booda waggoota 28f mormii fi ariʼatama hedduu isaan irra gaʼe akka gaariitti moʼaniiru. (Ibr. 10:32-34) Taʼus, Phaawulos qorumsi amantii qorumsa hamma yeroo sanaatti isaan mudate irra caalu isaan mudachuuf akka jedhu beeka ture. (Mat. 24:20, 21; Ibr. 12:4) Phaawulos wanta isaanitti dhufuu dandaʼu kamiif iyyuu akka qophaaʼan barbaadee ture. Jabinaa fi amantii addaa, jechuunis amantii cimaa jireenya isaanii eegee tursu qabaachuun isaan barbaachisa. (Ibroota 10:36-39 dubbisi.) Kanaafuu, Phaawulos hafuura Yihowaatiin kakaʼee obbolootaa fi obboleettota jaallatamoo kanaaf xalayaa wanta isaaniif barbaachisu qabate barreesseera. Xalayaan kun yeroo ammaatti kitaaba Ibrootaa jedhamee beekama.
3. Kitaaba Ibrootaatiif xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?
3 Hundi keenya iyyuu wanta Phaawulos Ibroota jaarraa jalqabaa Kiristiyaanota turaniif barreesse kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas nuyis haala isaan keessa turanii wajjin wal fakkaatu keessatti waan argamnuufi. ‘Yeroo sodaachisaa’ kana keessatti sabni Yihowaa mormiinii fi ariʼatamni gosa hundumaa isaan irra gaʼeera. (2 Xim. 3:1, 12) Nuyis amantii fi hinaaffaa cimaa qabaachuu keenya mirkaneessineerra. Dhugaa dha, baayʼeen keenya yeroo hamma tokko naga qabeessa taʼee fi ariʼatamni kallattiidhaan nu irra hin geenye keessa jiraanna. Haa taʼu malee, akkuma Kiristiyaanota bara Phaawulos turanii, hundi keenya iyyuu dhugaa barbaachisaa taʼe tokko, jechuunis dhiheenyatti qorumsi hunda caalu amantii keenya irra akka gaʼu dagachuu hin qabnu!—Luqaas 21:34-36 dubbisi.
4. Caqasni waggaa 2016 maali dha? Kun filatamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?
4 Haalawwan fuuldura keenyaa yeroo dhihoo keessatti nu mudataniif qophaaʼuuf maaltu nu gargaara? Phaawulos kitaaba Ibrootaa irratti wantoota amantii keenya cimsachuuf nu gargaaran hedduu caqaseera. Wanti barbaachisaa taʼe tokko boqonnaa dhumaa lakkoofsa jalqabaa xalayaa kanaa irratti ibsameera. Lakkoofsi kun caqasa waggaa 2016 akka taʼu filatameera. Caqasichi, “Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa!” jechuudhaan nu gorsa.—Ibr. 13:1.
Caqasa waggaa 2016: “Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa!” —Ibroota 13:1
AKKA OBBOLOOTAATTI WAL JAALLACHUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?
5. Akka obbolootaatti wal jaallachuu jechuun maal jechuu dha?
5 Akka obbolootaatti akka wal jaallannu argisiisuun nuuf hiika maalii qaba? Jechi afaan Giriikii Phaawulos itti fayyadame filaadelfiyaa kan jedhu siʼa taʼu, kallattiidhaan “obboleessa tokkoof jaalala qabaachuu” jechuu dha. Akka obbolootaatti wal jaallachuun gosa jaalalaa cimaa, hoʼaa fi dhuunfaatti walitti dhihaachuu dabalatuu fi jaalala miseensa maatii ykn michuu nutti dhihaatu tokkoof qabnu kan argisiisu dha. (Yoh. 11:36) Obbolootaa fi obboleettota akka taane hin fakkeessinu; kanaa mannaa nuti dhugumaan obbolaa dha. (Mat. 23:8) Miirri hoʼaan walii keenyaaf qabnu yaada, “Jaalala obbolummaatiin hoʼisaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jedhuun akka gaariitti ibsameera. (Rom. 12:10) Gosni jaalalaa kun, jaalala seera buʼuuraatiin geggeeffamuu fi agaappee jedhamuu wajjin taʼuudhaan saba Waaqayyoo gidduu michummaa cimaan akka jiraatu godha.
6. Kiristiyaanonni dhugaan yaada akka obbolootaatti wal jaallachuu jedhu akkamitti hubatu?
6 Akka hayyuun tokko dubbatanitti gaaleen, “‘akka obbolootaatti wal jaallachuu’ jedhu, barreeffamoota Kiristiyaanotaatiin alatti jecha baayʼinaan argamu miti.” Amantii Yihudii keessatti hiikni jecha “obboleessa” jedhuu yeroo tokko tokko namoota kallattiidhaan fira hin taaneefis itti hojjetama; taʼus, akka amantii isaaniitti hiikni isaa namoota gosa Yihudii taʼan qofaaf kan hojjetuu fi namoota Saba Waaqayyoo Hin Taane kan hin dabalanne dha. Haa taʼu malee, Kiristiyaanummaan lammiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe amantoota hunda kan walitti qabate dha. (Rom. 10:12) Obbolaa waan taaneef akka obbolootaatti akka wal jaallannu Yihowaan nu barsiiseera. (1 Tas. 4:9) Garuu akka obbolootaatti wal jaallachuu keenya itti fufuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
AKKA OBBOLOOTAATTI AKKA WAL JAALLANNU ARGISIISUU KEENYA ITTI FUFUUN BAAYʼEE BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
7. (a) Sababiin akka obbolootaatti akka wal jaallannu itti argisiisnu inni guddaan maali dha? (b) Sababii kan biraa jaalala waliif qabnu guddifachuun itti nu barbaachisu dubbadhu.
7 Deebiin isaa gabaabumatti, Yihowaan akka obbolootaatti wal jaallachuu keenya akka argisiisnu kan nu irraa barbaadu taʼuu isaa ti. Obboloota keenya jaallachuu didnee Waaqayyoon akka jaallannu dubbachuu hin dandeenyu. (1 Yoh. 4:7, 20, 21) Kana malees, walii keenyaaf ni barbaachisna. Kun keessattuu yeroo rakkisaa taʼetti barbaachisaa dha. Phaawulos Ibroonni Kiristiyaanota taʼanii fi inni xalayaa isaaniif barreesse tokko tokko mana isaanii fi qabeenya isaanii dhabuuf akka dirqaman beeka ture. Yesus yeroon sun baayʼee ulfaataa akka taʼu ibsee ture. (Mar. 13:14-18; Luq. 21:21-23) Kanaaf, Kiristiyaanonni sun yeroo kam iyyuu caalaa jaalala waliif qaban cimsachuun isaan barbaachisa ture.—Rom. 12:9.
8. Rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura amma maal gochuun keenya barbaachisaa dha?
8 Dhiheenyatti qilleensonni rakkina guddaa warri yeroo kam iyyuu caalaa badiisa guddaa fidan ni gadhiifamu. (Mar. 13:19; Mul. 7:1-3) Yeroo sanatti gorsa geggeessaa hafuuraatiin kennamee fi “Yaa saba koo as kottu! Kutaa mana keetti ol gali, balbala kees cufadhu; dheekkamsichi hamma darbutti, iddoo baqaa tolfadhu!” jedhu hojii irra oolchuun keenya barbaachisaa dha. (Isa. 26:20) ‘Kutaan manaa’ kun gumiiwwan keenya kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Iddoon kun bakka obbolootaa fi obboleettota keenyaa wajjin Yihowaa waaqeffachuuf itti wal geenyu dha. Taʼus, yeroo hunda walgaʼii irratti argamuun keenya qofti gaʼaa miti. Phaawulos Ibroonni Kiristiyaanota taʼan carraawwan kanatti fayyadamanii “jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis” akka wal kakaasan isaan yaadachiiseera. (Ibr. 10: 24, 25) Gara fuulduraatti yeroo qorumsawwan akkamii iyyuu nu mudatanitti waan nu gargaaruuf, ammuma jaalala obbolootaaf qabnu guddifachuun keenya barbaachisaa dha.
9. (a) Yeroo ammaatti carraa obboloota keenya akka jaallannu itti argisiisnu akkamii qabna? (b) Fakkeenyota sabni Yihowaa obboloota isaanii akka jaallatan argisiisan dubbadhu.
9 Ammuma illee rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura akka obbolootaatti wal jaallachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Obboloonni keenya hedduun kirkira lafaatiin, lolaadhaan, obomboleettiidhaan, sunaamiidhaan ykn balaawwan uumamaa kan biraatiin rakkinni guddaan isaan irra gaʼaa jira. Obboloonni tokko tokko immoo sababa mormii fi ariʼatamaatiin kan kaʼe rakkachaa jiru. (Mat. 24:6-9) Kana hunda irratti immoo sirna mancaʼaa kana keessa jiraachuu keenyaan kan kaʼe rakkinni dinagdee guyyaa guyyaadhaan nu mudata. (Mul. 6:5, 6) Rakkoowwan kun dabalaa ennaa deeman, jaalalli obboloota keenyaaf qabnu hammam cimaa akka taʼe argisiisuuf carraan argannus dabalaa deema. ‘Jaalalli namoota baayʼee qabbanaaʼaa kan adeemu’ yoo taʼe illee jaalalli obboloota keenyaaf qabnu kan itti fufu taʼuu isaa argisiisuu qabna.—Mat. 24:12.[1]
AKKA OBBOLOOTAATTI WAL JAALLACHUU KEENYA ITTI FUFUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
10. Amma waaʼee maalii ilaalla?
10 Rakkinni hedduun utuu nu mudatuu akka obbolootaatti wal jaallachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Obboloota keenyaaf jaalala akkasii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? Phaawulos ergamaan, “Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa!” erga jedhee booda, karaa Kiristiyaanonni kana gochuu itti dandaʼan hedduu tarreesseera. Mee isaan keessaa jaʼan isaanii haa ilaallu.
11, 12. Keessummoota simachuu jechuun maal jechuu dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
11 “Keessummoota simuu hin dagatinaa!” (Ibroota 13:2 dubbisi.) Jechi afaan jalqabaa “keessummoota simuu” jedhamee hiikame, “namoota ormaatti gaarummaa argisiisuu” jechuu dha. Yaadni kun fakkeenya Abrahaamii fi Loox nu yaadachiisa. Lamaan isaanii iyyuu keessummoota hin beeknetti gaarummaa argisiisaniiru. Isaanis booda irratti keessummoonni sun ergamoota Waaqayyoo akka taʼan hubatan. (Uma. 18:2-5; 19:1-3) Phaawulos Ibroonni Kiristiyaanota taʼan keessummoota simachuudhaan obboloota jaallachuu isaanii akka argisiisan jajjabeessuuf fakkeenyota kana caqaseera.
12 Nyaata waliin nyaachuuf ykn yeroo waliin dabarsuu fi wal jajjabeessuuf mana keenyatti warra kaan afeeruudhaan keessummummaa isaan ni simannaa? Keessummoota ni simatu jedhamuuf jennee qophii balʼaa gochuun ykn baasii guddaa baasuun nu hin barbaachisu; akkasumas namoota karaa taʼe tokkoon nuu deebisuu dandaʼan qofa afeeruu hin qabnu. (Luq. 10:42; 14:12-14) Kaayyoon keenya warra kaan jajjabeessuu malee isaan maalalchiisuu taʼuu hin qabu! Daawwataa olaanaa aanaa keenyaa fi haadha manaa isaa akka gaariitti kan hin beekne taʼus, gammachuudhaan keessummummaa isaan ni simannaa? (3 Yoh. 5-8) Sagantaa hedduu kan qabnuu fi jireenyi guyyaa guyyaa kan nu dhiphisu taʼus, ‘keessummoota simachuu dagachuu’ dhiisuun keenya baayʼee barbaachisaa dha!
13, 14. ‘Warra mana hidhaa keessa jiran yaadachuu’ kan dandeenyu akkamitti?
13 “Warra hidhaman yaadadhaa!” (Ibroota 13:3 dubbisi.) Phaawulos as irratti waaʼee namoota hidhaman hundaa dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, dubbachaa kan ture waaʼee obboloota amantii isaaniitiif jecha hidhamanii ti. Phaawulos iyyuu yeroo wanta kana Ibroota Kiristiyaanota taʼaniif barreessetti gara waggaa afuriitiif mana hidhaa jira ture. (Filp. 1:12-14) Phaawulos, obboloonni ‘warra hidhamanii wajjin waan dhiphataniif’ isaan galateeffateera. (Ibr. 10:34) Warra yeroo Phaawulos mana hidhaa turetti isa gargaaraa turan irraa haala adda taʼeen, Ibroonni Kiristiyaanota taʼan kun qaamaan Phaawulos irraa gargar baʼanii jiru. Maarree, isa yaadachuu kan dandaʼan akkamitti? Kadhannaa cimaa isaaf dhiheessuudhaan kana gochuu dandaʼu.—Ibr. 13:18, 19.
14 Haaluma wal fakkaatuun nuyis yeroo harʼaa obboloota keenya mana hidhaatti gataman irraa qaamaan gargar baanee jirra taʼa. Akka Dhugaa Baatota naannoo mana hidhaa sanaa jiraatan kaanii gargaarsa isaaniif gochuu hin dandeenyu taʼa. Haa taʼu malee, yeroo hunda namoota amanamoo kana yaadachuu fi kadhannaa keenya keessatti isaan caqasuu akkasumas cimsinee Yihowaa isaaniif kadhachuudhaan, akka isaaniif yaadnuu fi akka obbolootaatti akka isaan jaallannu argisiisuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Phaawulos Iyyaasuu, Yisihaaq Mogasii fi Nagada Taklamaariyaam warra waggaa 20 oliif hidhaman dabalatee, obboloota, obboleettota, akkasumas yeroo tokko tokko immoo daaʼimman hedduu mana hidhaa Ertiraa keessa jiran ni yaadannaa?
15. Gaaʼela keenyaaf ulfina kennuu kan dandeenyu akkamitti?
15 “Gaaʼelli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa taʼu.” (Ibroota 13:4 dubbisi.) Naamusaan qulqulluu taanee jiraachuudhaanis akka obbolootaatti akka wal jaallannu argisiisuu dandeenya. (1 Xim. 5:1, 2) Namni kam iyyuu ‘daangaa isaa irra darbuudhaan buʼaa yoo fudhate’ jechuunis obboleessa ykn obboleettii tokkoo wajjin ykn miseensota maatii nama sanaa wajjin halalummaa yoo raawwate, gochi isaa kun amanannaa jaalalli obbolummaa irratti hundaaʼe kan diigu dha. (1 Tas. 4:3-8, NW) Haati manaa tokko abbaan manaa ishii poornoogiraafii ilaaluudhaan akka ishii gane yoo beekte maaltu akka itti dhagaʼamu tilmaamaa. Gochi akkanaa jaalala akka ishiidhaaf qabu, akkasumas qophii gaaʼelaatiif ulfina akka kennu kan argisiisu dhaa?—Mat. 5:28.
16. Waan qabanitti gammaduun jaalala obbolummaa argisiisuuf kan nu gargaaru akkamitti?
16 “Wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa.” (Ibroota 13:5, NW dubbisi.[2]) Dhugumaan wanta qabnutti gammadnee jiraachuun amantii Yihowaa irratti qabnu irratti kan hundaaʼe dha. Kun, qabeenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara. (1 Xim. 6:6-8) Ilaalchi akkasii walitti dhufeenyi Yihowaa fi obboloota keenyaa wajjin qabnu wanta qarshiin bituu dandaʼu kam irra iyyuu guddaa akka caalu hubachuuf nu gargaara. Namni waan qabutti gammadee jiraatu hin komatu, hin guungumu ykn dogoggora hin funaanu; akkasumas, hinaaffaa fi sassata warra jaalalli obbolummaa akka hin guddanne dhowwuu dandaʼan hin qabaatu. Kanaa mannaa, waan qabanitti gammaduun amala arjummaa jajjabeessa.—1 Xim. 6:17-19.
17. “Ija jabina guddaa” qabaachuun keenya jaalala obbolummaa argisiisuuf kan nu gargaaru akkamitti?
17 “Ija jabina guddaa” qabaadhaa. (Ibroota 13:6, NW dubbisi.[3]) Rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate, amantiin Yihowaa irratti qabnu ija jabina nuu kenna. Ija jabinni akkasii immoo, ilaalcha gaarii akka qabaannu godha. Jaalalli obbolummaa keenya ilaalcha gaarii akkanaatti idaʼamee, obboloota keenya ijaaruu fi jajjabeessuuf nu gargaara. (1 Tas. 5:14, 15) Yeroo rakkina guddaa, addunyaan rakkina guddaa keessa galutti illee, fayyinni keenya akka dhihaate beekuudhaan ‘mataa keenya ol qabnee ol ilaaluu’ dandeenya.—Luq. 21:25-28.
18. Jaalala obbolummaa jaarsolii keenyaaf qabnu guddisuu kan dandeenyu akkamitti?
18 “Warra isin geggeessan . . . yaadadhaa!” (Ibroota 13:7, 17 dubbisi.) Hojii guddaa jaarsoliin keenya kaffaltii malee nuuf jedhanii raawwatan yommuu yaadnu, jaalalli obbolummaa keenyaa fi dinqisiifannaan isaaniif qabnu ni guddata. Wanta nuti hojjennuun kan kaʼe gammachuu isaanii akka dhabanis taʼe akka gaddan hin barbaadnu. Kanaa mannaa, isaaniif ajajamuu fi bitamuudhaan, ‘sababii hojii isaaniitiif herrega jaalalaatiin baayʼee ol isaan qabna.’—1 Tas. 5:13.
KANA GOCHUU KEESSAN CAALAATTI ITTI FUFAA
19, 20. Jaalala obbolummaa caalaatti argisiisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Sabni Yihowaa jaalala obbolummaa isaaniitiin akka beekaman ifa dha. Phaawulos bara sanatti kun dhugaa taʼuu isaa amanee fudhateera. Haa taʼu malee itti dabaluudhaan, ‘caalchisanii kana gochuu isaanii akka itti fufan’ hunda isaanii jajjabeesseera. (1 Tas. 4:9, 10) Yeroo hunda karaan fooyyaʼiinsa gochuun itti dandaʼamu jira!
20 Caqasa waggaa keenya kana waggaa guutuu ennaa ilaallu gaaffiiwwan armaan gadii irratti haa xiinxallu: Caalaatti keessummoota simachuu nan dandaʼaa? Obboloota mana hidhaa jiran yaadachuu kanan dandaʼu akkamitti? Qophii Waaqayyo gaaʼelaaf godheef ulfina isaaf malu akkan qabu nan argisiisaa? Wantan qabutti gammadee jiraachuuf maaltu na gargaaruu dandaʼa? Amantiin Yihowaa irratti qabu guddifachuu kanan dandaʼu akkamitti? Warra nu geggeessan caalaatti deggeruu kanan dandaʼu akkamitti? Wantoota jaʼan kana hojii irra yoo oolchine, caqasni waggaa keenya mallattoo keenyan Galma Mootummaa irratti fannifame qofa taʼee hin hafu. Caqasni kun gorsa, “Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa!” jedhu hojii irra akka oolchinu nu yaadachiisa.—Ibr. 13:1.
^ [1] (keeyyata 9) Fakkeenya Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo rakkinaatti jaalala obbolummaa akka argisiisan ibsu argachuuf, Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2002 (Amaariffa), ful. 8-9, akkasumas kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaa Labsitoota Mootummichaa Taʼan (Ingiliffa) jedhamu boq. 19 ilaali.
^ [2] (keeyyata 16) Ibroota 13:5 (NW): “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala qarshii irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa. Sababiin isaas inni, ‘Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu’ jedheera.”
^ [3] (keeyyata 17) Ibroota 13:6 (NW): “Kanaaf, ija jabina guddaadhaan, ‘Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?’ jenna.”