Ilaalcha Akka Raajotaa Qabaadhaa
WANTI raajota durii wajjin wal si fakkeessu jiraa? “Hiika Jechootaa Kitaaba Qulqulluu” Hiika Addunyaa Haaraa (Amaariffa) bara 2013tti baʼe irratti, hiikni raajii akka armaan gadiitti ibsameera: “Nama Waaqayyo kaayyoo isaa namootaaf ibsuuf itti fayyadamu argisiisa. Raajonni raajii dubbachuudhaan qofa utuu hin taʼin, barumsawwan, ajajawwanii fi ergaawwan murtii Yihowaa dabarsuudhaan akka sagalee dabarsituu Waaqayyootti tajaajilaa turan.” Atis wanta taʼuuf jedhu dursitee dubbachuu baattus, wanta Dubbii isaa keessa jiru labsuudhaan Waaqayyoof dubbachuu dandeessa.—Mat. 24:14.
Waaʼee Waaqa keenya Yihowaa namootatti himuu fi kaayyoo inni ilmaan namootaatiif qabu isaan barsiisuun mirga guddaa dha! Hojii kana ‘ergamaa bantii waaqaa walakkaa balaliʼaa jiruu’ wajjin hojjechaa jirra. (Mul. 14:6) Taʼus, rakkoowwan hojii kana hojjechuun mirga guddaa akka taʼe akka irraanfannu godhan nu mudachuu dandaʼu. Rakkoowwan nu mudachuu dandaʼan tokko tokko kam faʼi? Dadhabuu, abdii kutachuu fi gatii akka hin qabne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Raajonni durii namoota adda taʼan hin turre, taʼus abdii hin kutanne. Yihowaan hojii isaanii akka raawwatan isaan gargaareera. Fakkeenya tokko tokko qoruudhaan, akkaataa itti isaan hordofuu dandeenyu haa ilaallu.
CARRAAQQII GUDDAA GODHANIIRU
Darbee darbee, hojiin guyyaa guyyaadhaan hojjennu waan nu dadhabsiisuuf, tajaajila irratti hirmaachuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Dhugaa dha, boqochuun nu barbaachisa; Yesusii fi ergamoonni isaa illee boqotaniiru. (Mar. 6:31) Waaʼee Hisqiʼel isa Baabilon keessa turee fi hojii saba Israaʼel boojuudhaan Yerusaalemii fudhataman gidduutti isaaf kennamee yaadi. Yeroo tokko Waaqayyo, Hisqiʼel xuuphii irratti magaalaa Yerusaalem akka kaasu itti hime. Achiis, Hisqiʼel magaalaa xinnoo kana bira, karaa cinaacha bitaa isaa guyyaa 390, karaa cinaacha mirgaa immoo guyyaa 40 ciisuudhaan akka fakkeenyaatti magaalattiitti marsuu qaba ture. Yihowaan Hisqiʼeliin akkana jedhe: “Ati guyyaa itti marfamuu kee hamma raawwattutti, cinaacha gar tokkoo gara isa kaaniitti akka gara hin galletti, kunoo, ani funyoo sitti nan kaaʼa.” (His. 4:1-8) Kun xiyyeeffannaa Israaʼeloota boojuu jala turanii harkisee taʼuu qaba. Hisqiʼel waggaa tokkoo oliif hojii dadhabsiisaa kana hojjechuu qaba ture. Raajiin kun hojii isaa kana raawwachuu kan dandaʼu akkamitti?
Hisqiʼel raajii taʼee kan ergame maaliif akka taʼe hubatee ture. Waaqayyo yeroo isa ergetti, “Isaan [Israaʼeloonni] yoo dhagaʼan, yoo dhagaʼuu dhaabaatanis . . . raajiin isaan gidduu akka tures in beeku” isaan jedhee ture. (His. 2:5) Kaayyoo itti ergame hin daganne. Kanaafuu, fedhiidhaan akka fakkeenyaatti Yerusaalemitti marseera. Raajii dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera. Isaa fi boojiʼamtoota isaa wajjin turanitti, “Mandarattiin qabamteetti!” jedhamee itti himame. Eeyyee, Israaʼeloonni raajiin isaan gidduu akka jiru hubatanii turan.—His. 33:21, 33.
Yeroo harʼaatti, sirni Seexanaa guutummaatti akka badu namoota ni akeekkachiisna. Kan dadhabnu taʼus, Dubbii Waaqayyoo lallabuuf, deddeebii gaaffii gochuuf, akkasumas Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf humna keenyatti fayyadamna. Raajiiwwan xumura sirna kanaa ilaalchisee dubbataman yeroo raawwatamanitti, “nama Waaqayyo kaayyoo isaa namootaaf ibsuuf itti fayyadamu” taʼuu keenyatti baayʼee gammadna.
ABDII KUTACHUU MOʼANIIRU
Gargaarsa hafuura Yihowaatiin hamma dandeenye carraaqqii ni goona; taʼus, yeroo tokko tokko deebii namoonni ergaa keenyaaf kennaniin kan kaʼe abdii kutanna. Fakkeenya Ermiyaas raajichaa yaadachuun keenya gaarii dha. Ergaa Waaqayyoo Israaʼelootaaf labsuu isaatiin kan kaʼe arrabsamee, akkasumas itti qoosamee ture. Yeroo tokko Ermiyaas, “Maqaa Waaqayyoo hin dhaʼu, maqaa isaatiinis waan tokko illee namatti hin himu” jedhee ture. Ermiyaas namuma miira akka keenyaa qabu ture. Taʼus, ergaa Waaqayyoo dubbachuu isaa itti fufeera. Maaliif? Raajichi akkana jedheera: “Dubbiin kee lafee koo keessa lixee, garaa koo keessatti akka ibidda bobaʼuu waan taʼeef, ani isa ittisuu yoon yaale iyyuu homaa hin dandaʼu.”—Er. 20:7-9.
Haaluma wal fakkaatuun, nutis deebii namoonni ergaa keenyaaf kennaniin kan kaʼe yoo abdii kutanne, ergaa labsinu irratti xiinxaluudhaan miira kana moʼuu dandeenya. Ergichi ‘lafee keenya keessa lixee akka ibidda bobaʼuu’ taʼuu dandaʼa. Guyyaa guyyaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu amaleeffachuun keenya, ibiddi kun bobaʼuu isaa akka itti fufu gochuu dandaʼa.
ILAALCHA SIRRII HIN TAANE MOʼANIIRU
Kiristiyaanonni tokko tokko hojii isaaniif kenname tokko sirriitti hin hubanne taanaan ni dhiphatu. Hoseʼaa raajichattis miirri akkasii dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Yihowaan, “Dhaqi, dubartii ejjituu fuudhi, ijoollee ejjaas godhadhu!” jedhee isa ajajee ture. (Hos. 1:2) Mee fuudhuuf akka jettuu fi Waaqayyo immoo misirroon kee dubartii ejjituu akka taate akka sitti himetti yaadi! Hoseʼaan ajaja isaaf kenname ni fudhate. Gomeeriin kan fuudhe siʼa taʼu, ishiinis ilma deesse. Yeroo booda immoo, intala tokkoo fi ilma kan biraa deesse. Ijoollee yeroo booda dhalatan kana kan deesse ejjaan taʼuu hin oolu. Yihowaan dubartiin Hoseʼaan fuudhuuf jedhu kun, ‘[jaalalleewwan ishii, NW] duukaa akka adeemtu’ isatti himee ture. Jaalallee utuu hin taʼin “Jaalalleewwan” akka jedhame hubadhu. Achii immoo gara Hoseʼaatti deebiʼuuf yaalti. Utuu raajii kana taatee, haadha manaa kee deebistee ni simatta turtee? Yihowaan Hoseʼaan kana akka godhu itti hime! Raajichi gatii guddaa kaffalee ishii deebifate.—Hos. 2:7; 3:1-5.
Hoseʼaan kana gochuun isaa faayidaa maalii akka qabu isaaf galuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, Hoseʼaan haalli kun jireenya isaa irratti akka raawwatamu heyyamuudhaan, Waaqni Inni Hundaa Olii yeroo sabni Israaʼel isa ganetti, miirri isaa akka miidhame akka hubannu nu gargaareera. Kana malees, Israaʼeloonni garaa qajeelaa qaban tokko tokko gara Waaqayyootti deebiʼaniiru.
Waaqayyo yeroo harʼaatti namni tokko iyyuu ‘dubartii ejjituu akka fuudhu’ hin ajaju. Taʼus, Hoseʼaan ajaja akkanaa fudhachuuf fedhii qabaachuu isaa irraa waan barannu qabnaa? Barumsi guddaan irraa barachuu dandeenyu tokko, misiraachoo Mootummichaa “bakka namoonni itti walgaʼanii fi manaa gara manaatti” lallabuun yoo nutti ulfaate illee fedhiidhaan ajajamuu dha. (HoE. 20:20, NW) Tarii, malawwan lallabuuf itti fayyadamnu tokko tokko, sitti ulfaachuu dandaʼa. Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼatan hedduun, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jaallatan taʼus, ergicha babalʼisuuf manaa gara manaa deemuu akka hin barbaanne dubbataniiru. Hedduun isaanii wanta yeroo tokko akka hin dandeenye itti dhagaʼamaa ture yeroo booda gochuu jalqabaniiru. Barumsa seenaa kana irraa argamu hubattee?
Hoseʼaan ajaja ulfaataa kana fudhachuu isaa irraa barumsa argannu dabalataas qabna. Ajaja, haadha manaa isaa wajjin haala wal qabateen isaaf kenname fudhachuu diduu dandaʼa ture. Seenaa kana Hoseʼaan hin barreessine utuu taʼee, namni hojii isaaf kenname kana beekuu dandaʼu jira turee? Nutis, haalli waaʼee Yihowaa namatti himuuf carraa nuu banuu fi nu qofti beeknu nu mudachuu dandaʼa. Haalli akkanaa, Aanaa ishii Yunaayitid Isteetis keessatti barattuu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa taate mudatee ture. Barsiistuun ishii mata duree itti amanan tokko irratti yaada akka barreessanii fi ijoollee kutaa isaanii akka amansiisan barattootatti himte. Aanaan carraa dhugaa baʼuuf argatte kanatti fayyadamuu dhiisuu dandeessi turte. Haa taʼu malee, carraa kana Waaqayyo biraa akka argatte itti dhagaʼame. Wanta warra kaanitti dhagaʼamuu dandaʼu waan yaaddeef kadhannaadhaan Yihowaa gaafatte; achiis carraa kanatti fayyadamuuf fedhiin keessa ishiitti uumame. Mata duree, “Jijjiirama Tirannaa: Ragaa Jiru Qoraa” jedhu irratti yaada barreessite.
Yeroo Aanaan yaada barreessite kana barattoota kutaa ishiitiif dhiheessitu, intalli jijjiirama tirannaatti amanuudhaan beekamtu tokko gaaffii hedduu ishii gaafatte. Aanaan ejjennoo ishii akka gaariitti ibsuu dandeesseetti. Barsiistuun ishii baayʼee kan ajaaʼibsiifatte siʼa taʼu, yaada kan warra kaanii caalaa nama amansiisuu dandaʼu waan dhiheessiteef, Aanaadhaaf badhaasa kennite. Aanaan, sana booda intala gaaffii hedduu ishii gaafatte sanaa wajjin waaʼee uumamaa mariʼatteetti. Aanaan “hojii” kana kan ishiidhaaf kenne Yihowaa akka taʼe waan itti dhagaʼamuuf, “Amma sodaa maleen misiraachicha lallaba” jetteetti.
Nutis, raajota taʼuu baannus akkuma raajota akka Hisqiʼel, Ermiyaasii fi Hoseʼaa fedhii keenya aarsaa gochuudhaan, yeroo harʼaatti jaalala Yihowaa guutummaatti raawwachuu dandeenya! Yeroo Waaqeffannaa maatii ykn qoʼannaa dhuunfaatti waaʼee raajota kaanii dubbisuudhaan, akkaataa itti isaan hordofuu dandeessu irratti maaliif hin xiinxaltu?