MATA DUREE FUULA JALQABAA | JAJJABINA EESSAA ARGACHUU DANDEESSA?
Yeroo Rakkinaatti Jajjabina Argachuu
Rakkinni garaa garaa nu mudachuu dandaʼa. Rakkoowwan hunda as irratti ibsuu baannus, fakkeenyota jalqaba irratti caqasne arfan balʼinaan haa ilaallu. Namoonni rakkoon garaa garaa isaan mudate Waaqayyo biraa jajjabina dhugaa akkamitti akka argatan hubadhu.
YOMMUU HOJII IRRAA ARIʼAMAN
Seeta akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo yeruma tokkotti hojii irraa ariʼamne. Waggaa lamaaf kennaa qarshii maatiin nuu kennuu fi hojii humnaa hojjechuudhaan jiraanna turre. Sababa kanaan haati manaa koo Pirisilaan baayʼee dhiphatte; anis abdiin kutadhe.
“Damdamachuuf wanti nu gargaare maal akka taʼe beektuu? Pirisilaan gorsa Yesuus Maatewos 6:34 irratti kenne yeroo hunda of yaadachiisti. Yesuus guyyaan hundi yaaddoo mataa isaa waan qabuuf waaʼee borii yaaddaʼuu akka hin qabne dubbateera. Kadhannaan ishiin garaadhaa dhiheessaa turtes abdii akka hin kutanne ishii gargaareera. Anaan kan na jajjabeesse immoo Faarfannaa 55:22 dha. Akkuma faarfatichaa yaaddoo koo Yihowaa irrattan gate; inni akka na gargaares hubadheera. Amma hojii kanan qabu taʼus, gorsa Yesuus Maatewos 6:20-22 irra jiruu wajjin wal simnee jireenya salphaa jiraanna. Hunda caalaa garuu Waaqayyoo fi walii keenyatti dhihaachuu dandeenyeerra.”
Jonaataan akkana jedheera: “Dhaabbanni daldalaa maatii keenyaa yeroo kasaaretti waaʼeen gara fuulduraa na yaaddessee ture. Sababii kufaatii dinagdeetiin wanti waggaa 20f itti dhamaane lafatti bade. Waaʼeen qarshii anaa fi haadha manaa koo walitti buusuu jalqabe. Dhaabbanni liqii nuu kenne akka wanta tokko ittiin binnu nuuf hin heyyamu jennee waan sodaanneef kireediit kaardii keenyatti hin fayyadamnu turre.
“Taʼus, Dubbiin Waaqayyoo fi hafuurri isaa murtoo gaarii gochuuf nu gargaareera. Hojii utuu hin filatin hojjechuun baradhe; baasii barbaachisaa hin taane hundas ni hirʼisne. Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, warra nuu wajjin waaqeffatan irraas deggersa arganneerra. Ofitti amanamummaan keenya akka dabalu godhaniiru; akkasumas yeroo haalli isaa baayʼee ulfaataa turetti gargaarsa nuu godhaniiru.”
GAAʼELLI YOMMUU DIIGAMU
Raakel akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo akka tasaa yeroo na dhiisee deemetti baayʼeen miidhame, akkasumas baayʼeen aare. Gaddi cimaanis guutummaatti na toʼate. Taʼus Waaqayyotti kanan dhihaadhe siʼa taʼu, innis na jajjabeesseera. Guyyaa guyyaadhaan yommuun isa kadhadhu nagaan Waaqayyoo na eegeera. Onnee koo isa cabe akka naaf suphe natti dhagaʼama.
“Kitaaba Qulqulluuf galanni haa taʼuutii, aarii fi haaloo na keessa tures moʼuu dandaʼeera. Wanta Phaawulos ergamaan Roomaa 12:21 irratti, ‘Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi malee, hamaadhaan hin moʼamin’ jechuudhaan dubbate hojii irra oolcheera.
“Michuun koo tokko jabaachuun koo barbaachisaa taʼuu isaa akkan hubadhu na gargaare. Lallaba 3:6 erga natti argisiisee booda yeroon wanti tokko ‘badeera jedhanii barbaaduu itti dhiisanis’ jira naan jedhe. Gorsi kun fudhachuuf ulfaataa taʼus, gorsa na barbaachisu ture. Amma galmawwan haaraa baafadheera.”
Eelizaabeet akkana jetteetti: “Gaaʼelli keessan yeroo diigamu, deggersi isin barbaachisa. Michuun koo tokko guyyaa guyyaatti deggersa naa gooteetti. Anaa wajjin boossi, na jajjabeessiti, akkan gatame utuu hin taʼin akkan jaallatamu akka natti dhagaʼamus ni gooti turte. Yihowaan miira koo isa madaaʼe fayyisuuf ishiitti akka fayyadame hin shakku.”
YEROO DHUKKUBAA FI DULLUMAATTI
Luyis inni mata duree jalqabaa irratti ibsame, dhibee onnee cimaa kan qabu siʼa taʼu, siʼa lama duʼa irraa ooleera. Yeroo ammaatti guyyaatti saʼaatii 16f oksiijiiniin godhamuufii qaba. Akkana jedheera: “Yeroo hundan Yihowaa kadhadha. Ergan kadhadhee booda hafuurri isaa humna yeroo naa kennu natti dhagaʼama. Kadhannaan akkan abdii hin kutanne na gargaara; sababiin isaas Isa irratti amantii qaba; akka inni naa yaadus beeka.”
Peetraa warri umuriin isaanii waggoota 80nnii keessa jiru akkana jedhaniiru: “Wanta hedduu raawwachuu barbaadus, humna isaa hin qabu. Humni koo yeroo laafaa deemu arguun baayʼee ulfaataa dha. Dadhabinni waan natti dhagaʼamuuf, dirqama qoricha fudhachuun qaba. Yeroo baayʼee akkuma Yesuus yoo dandaʼame qorumsi akka isa irra darbu Abbaa isaa gaafaten godha. Yihowaan garuu Yesuusiin cimsee ture; anaanis na cimsa. Wanti guyyaa guyyaatti akkan jabaadhu na gargaaru kadhannaa dha. Waaqayyotti ergan dubbadhee booda miira gaariitu natti dhagaʼama.”—Maatewos 26:39.
Huliyaan inni dhibee maltipil sicleroosis jedhamuu wajjin waggaa 30f walʼaansoo gochaa tures akkasuma isatti dhagaʼama. Akkana jedheera: “Teessuma hogganaa irraa buʼeen wiilcheerii irra taaʼe. Taʼus jireenyi koo warra kaan tajaajiluu irratti kan xiyyeeffate waan taʼeef buʼaa qaba. Namootaaf kennuun dhukkubbii hirʼisuu dandaʼa; Yihowaan immoo yeroo gargaarsi nu barbaachisutti nu jabeessuuf waadaa gale ni eega. Akkuma Phaawulos, ‘Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba’ jechuu nan dandaʼa.”—Filiphisiyus 4:13.
YEROO NAMA JAALLATAN DUʼAAN DHABAN
Antooniyoon akkana jedheera: “Abbaan koo balaa konkolaataatiin yeroo duʼetti, jalqaba irratti amanuun natti ulfaatee ture. Karaa isaa qabatee miillaan deemaa waan tureef, wanti taʼe sirrii akka hin taane natti dhagaʼame. Taʼus wantin gochuu dandaʼu hin turre. Duʼuu isaa dura guyyaa shaniif of hin beeku ture. Haadha koo duratti booʼuu dhiisuuf kanan yaalu taʼus, yeroon kophaa koo taʼu baayʼeen booʼan ture. ‘Maaliif? Maaliif?’ jedhee irra deddeebiʼeen of gaafadhan ture.
“Guyyoota ulfaatoo taʼan kana keessatti, Yihowaan miira koo akkan toʼadhu akka na gargaaruu fi nagaa akka naa kennu irra deddeebiʼee kadhachaan ture. Suuta suutas tasgabbaaʼuun jalqabe. Kitaabni Qulqulluun ‘yeroo fi walitti dhufuun’ hunda keenya mudachuu akka dandaʼu akka dubbatun yaadadhe. Waaqayyo sobuu waan hin dandeenyeef, abbaan koo duʼaa kaʼee deebisee akkan isa argu mirkanaaʼaa dha.”—Lallaba 9:11, hiika bara 1899; Yohaannis 11:25; Tiitoo 1:2.
Rooberti inni mata duree jalqabaa keessatti caqasames yaada akkasii qaba. Akkana jedheera: “Anii fi haati manaan koo nagaa sammuu Filiphisiyus 4:6, 7 irratti ibsame argachuu dandeenyeerra. Nagaa kana kan arganne kadhannaa gara Yihowaatti dhiheessinuuni dha. Nagaan keessa keenya jiru kun gabaastota oduutti waaʼee abdii duʼaa kaʼuu himuuf nu dandeessiseera. Balaan xiyyaaraa sun lubbuu ilma keenyaa kan galaafate taʼus, yeroo isaa wajjin dabarsine ilaalchisee amma illee yaadannoo gaggaarii hedduu qabna. Yaadannoo kana irratti xiyyeeffachuuf yaalla.
“Dhugaa Baatonni Yihowaa kaan televizyinii irratti tasgabbiidhaan amantii qabnu yeroo ibsinu akka argan yeroo nutti himan, kadhannaan nuuf dhiheessan akka nu gargaare homaa akka hin shakkine itti himne. Yihowaan ergaa jajjabinaa hedduu isaan nuu erganiin akka nu deggere nan amana.”
Fakkeenyonni olitti ilaalle akka argisiisanitti, Waaqayyo namoota rakkoon garaa garaa isaan mudate jajjabeessuu ni dandaʼa. Waaʼee kee hoo maal jechuutu dandaʼama? Jireenya keessatti rakkinni akkamii iyyuu yoo si mudate, jajjabina haala akkasii keessatti si gargaaru argachuu ni dandeessa.b Yihowaa irraa gargaarsa argachuuf maaliif hin yaaltu ree? Inni “Waaqa jajjabina hundaa” ti.—2 Qorontos 1:3.
a Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.
b Waaqayyotti dhihaachuu fi jajjabina isaa argachuuf gargaarsa yoo barbaadde, Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo kee jiran haasofsiisi ykn waajjira damee sitti dhihoo taʼetti barreessi.