Dhugaan, ‘Goraadee Malee Nagaa Hin’ Fidu
“Lafa irratti nagaa fiduuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani goraadee fiduuf malee nagaa fiduuf hin dhufne.”—MAT. 10:34.
1, 2. (a) Yeroo ammaa nagaa akkamii argachaa jirra? (b) Yeroo ammaatti nagaa guutuu akka hin arganne wanti nu gochaa jiru maali dha? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)
HUNDI keenya jireenya nagaa dhiphina irraa walaba taʼe jiraachuu barbaanna. Yihowaan ‘nagaa Waaqayyoo,’ tasgabbii keessaa isa yaadaa fi miira nu jeequ irraa nu eegu nuuf kennuu isaatti baayʼee galateeffanna! (Filp. 4:6, 7) Kana malees, Yihowaadhaaf waan of murteessineef, ‘Waaqayyoo wajjin nagaa,’ jechuunis hariiroo gaarii qabna.—Rom. 5:1.
2 Haa taʼu malee, yeroon Waaqayyo nagaa guutuu itti fidu hin geenye. Guyyoonni dhumaa rakkisoo taʼan kun walitti buʼiinsaa fi namoota goolii jaallatan hedduudhaan kan guutamani dha. (2 Xim. 3:1-4) Kiristiyaanota waan taaneef, Seexanaa fi barumsa sobaa inni babalʼisu irratti lola hafuuraa banuu qabna. (2 Qor. 10:4, 5) Haa taʼu malee, wanti hunda caalaa nagaa keenya balaadhaaf saaxilu firoota keenya warra hin amanne irraa dhufuu dandaʼa. Isaan keessaa tokko tokko amantii keenya ceephaʼuu, maatii qoqqoodaa akka jirru nu himachuu ykn amantii keenya yoo dhiisuu baannee firooma keenya akka dhiisan nu doorsisuu dandaʼu taʼa. Mormii maatii irraa dhufu akkamitti ilaaluu qabna? Rakkina kanaa wajjin wal qabatee dhufu akka gaariitti moʼuu kan dandeenyu hoo akkamitti?
MORMII MAATII IRRAA DHUFU AKKAMITTI ILAALUU QABNA?
3, 4. (a) Barumsi Yesuus dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼa? (b) Keessumaa Yesuusiin hordofuun yeroo kamitti rakkisaa taʼuu dandaʼa?
3 Yesuus barumsi isaa namoota akka gargar qoodu beeka ture; duuka buutonni isaa mormii isaan irra gaʼu dandamatanii isa hordofuu isaanii itti fufuuf ija jabinni isaan barbaachisa. Mormiin akkasii nagaa miseensota maatii gidduu jiru irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Yesuus akkana jedheera: “Lafa irratti nagaa fiduuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani goraadee fiduuf malee nagaa fiduuf hin dhufne. Ani, ilma abbaa isaa irraa, intala haadha ishii irraa, haadha manaa ilmaas amaatii ishii irraa gargar baasuufan dhufe. Dhuguma iyyuu, namni tokko miseensonni maatii isaa diinota isatti taʼu.”—Mat. 10:34-36.
4 Yesuus, “Nagaa fiduuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin” yeroo jedhu, namoonni isa dhaggeeffatan tokko tokko isa hordofuun wanta isaan irra geessisu akka yaadan isaan hubachiisuuf ture. Ergaan isaa namoota gargar qooduu dandaʼa. Dhugaa dha, kaayyoon Yesuus hariiroo namootaa balleessuu utuu hin taʼin, ergaa Waaqayyoo isa dhugaa labsuu ture. (Yoh. 18:37) Taʼus namni tokko, michuun isaa ykn miseensi maatii isaa dhugaa fudhachuu yoo dide barumsa Yesuus amanamummaadhaan eegee jiraachuun isatti ulfaachuu dandaʼa.
5. Duuka buutonni Yesuus maaltu isaan irra gaʼee ture?
5 Yesuus rakkina duuka buutonni isaa dandamachuuf qophaaʼuu qaban keessaa tokko, dhiphina mormiin maatii fidu akka taʼe ibseera. (Mat. 10:38) Barattoonni Yesuus isa biratti fudhatama argachuuf, arrabsoo ykn jibba maatii isaanii irraa isaan irra gaʼu dandamachuun isaan barbaachisee ture. Taʼus, wanta dhaban caalaa waan baayʼee argataniiru.—Maarqos 10:29, 30 dubbisi.
6. Firoonni keenya carraaqqii nuti Yihowaa waaqeffachuuf goonu yoo morman maal yaadachuu qabna?
6 Yeroo firoonni keenya carraaqqii nuti Yihowaa waaqeffachuuf goonu mormanitti illee isaan jaallachuu keenya itti fufuu qabna; haa taʼu malee, jaalalli Waaqayyoo fi Kiristoosiif qabnu jaalala isaaniif qabnu irra caalu qaba. (Mat. 10:37) Seexanni jaalala maatii keenyaaf qabnutti fayyadamee amanamummaa keenya laaffisuuf yaalii akka godhus hubachuu qabna. Mee haalawwan mormii maatii wajjin wal qabatan tokko tokko qoruudhaan, rakkina mormii kanaan dhufu akkamitti dandamachuu akka dandeenyu haa ilaallu.
HIRIYAA GAAʼELAA HIN AMANNE
7. Namoonni hiriyaa gaaʼelaa hin amanne qaban haala keessa jiran akkamitti ilaaluu qabu?
7 Kitaabni Qulqulluun warri gaaʼela godhatan, ‘foon isaanii irratti rakkina akka fidan’ dubbachuudhaan isaan akeekkachiisa. (1 Qor. 7:28) Hiriyaa gaaʼelaa hin amanne kan qabdu yoo taʼe, gaaʼela kee keessatti dhiphinnii fi yaaddoon dabalataa si mudachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, haala keessa jirtu akka Yihowaan ilaalutti ilaaluun kee barbaachisaa dha. Hiriyaan gaaʼelaa kee yeroo ammaatti duuka buutuu Kiristoos taʼuuf fedhii dhabuun isaa gargar baʼuuf ykn wal hiikuuf sababii quubsaa hin taʼu. (1 Qor. 7:12-16) Abbaan manaa hin amanne tokko dhimma hafuuraa irratti dursa kan hin fudhanne taʼus, mataa maatichaa waan taʼeef kabajamuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko haadha manaa isaa hin amanneef jaalala fedhii isaa aarsaa godhu argisiisuu fi gaarummaadhaan ishii kunuunsuu qaba.—Efe. 5:22, 23, 28, 29.
8. Hiriyaan gaaʼelaa kee waaqeffannaa kee daangessuu yaala taanaan gaaffii akkamii of gaafachuu dandeessa?
8 Hiriyaan gaaʼelaa kee waaqeffannaa kee daangessuu yoo yaale hoo? Fakkeenyaaf, obboleettiin tokko torban keessatti guyyoota muraasa qofa tajaajiluu akka dandeessu abbaan manaa ishii itti hime. Haalli kana fakkaatu si mudachaa jira yoo taʼe akkas jedhii of gaafadhu: ‘Abbaan manaa koo Waaqayyoon akkan hin waaqeffanne na dhowwaa jiraa? Na dhowwaa hin jiru taanaan wanta inni na gaafatu raawwachuu nan dandaʼaa?’ Tole kan jennu taʼuun keenya gaaʼela keessatti walitti buʼiinsa hin barbaachisne hambisuuf nu gargaara.—Filp. 4:5.
9. Kiristiyaanonni ijoolleen isaanii abbaa ykn haadha hin amanne akka kabajan barsiisuu kan dandaʼan akkamitti?
9 Hiriyaa gaaʼelaa hin amanne kan qabdu yoo taʼe, keessumaa ijoollee leenjisuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf ijoolleen kee ajaja Kitaaba Qulqulluu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedhu hojii irra akka oolchan barsiisuun si barbaachisa taʼa. (Efe. 6:1-3) Haa taʼu malee, hiriyaan gaaʼelaa kee ulaagaa amalaa Kitaaba Qulqulluu sadarkaa guddaa qabu kan hin hordofne yoo taʼe hoo? Hiriyaa gaaʼelaa kee kabajuudhaan fakkeenya isaaniif taʼi. Amalawwan gaggaarii hiriyaan gaaʼelaa kee qabu ykn qabdu irratti xiyyeeffadhu, akkasumas dinqisiifannaa qabdu ibsiif. Ijoollee kee duratti waaʼee hiriyaa gaaʼelaa kee wanta hamaa dubbachuu irraa of qusadhu. Kanaa mannaa, namni kam iyyuu Yihowaa tajaajiluu ykn dhiisuu filachuu akka dandaʼu isaaniif ibsi. Amala gaarii ijoolleen argisiisan abbaan ykn haati hin amanne gara waaqeffanna dhugaatti akka dhufan gochuu dandaʼa.
10. Abbaa fi haati Kiristiyaanota taʼan maatii amantiidhaan qoqqoodame keessatti ijoollee isaanii dhugaa Kitaaba Qulqulluu barsiisuu kan dandaʼan akkamitti?
10 Yeroo tokko tokko hiriyaan gaaʼelaa hin amanne, ijoolleen ayyaanota amantii sobaa irratti akka hirmaatan ykn barumsa amantii sobaa akka baratan gaafata taʼa. Abbootiin manaa tokko tokko haati manaa isaanii Kiristiyaana taate ijoollee waaʼee Kitaaba Qulqulluu akka hin barsiifne dhowwuu dandaʼu. Taʼus, haati manaa Kiristiyaana taate tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu ijoollee barsiisuuf wanta ishiidhaaf dandaʼame hunda gooti. (HoE. 16:1; 2 Xim. 3:14, 15) Fakkeenyaaf, abbaan manaa tokko haati manaa isaa Dhugaa Baatuu taate ijoollee isaanii xixinnoo Kitaaba Qulqulluu akka hin qoʼachiisne ykn gumiitti akka hin geessine dhorkuu dandaʼa. Murtoo isaa kan kabajju taʼus, carraa yeroo argattu hundatti ijoollee duratti amantii qabdu ibsuudhaan leenjii naamusaa isaanii kennuu fi waaʼee Yihowaa isaan barsiisuu dandeessi. (HoE. 4:19, 20) Dhugaa dha, yeroo booda ijoolleen waaqeffannaa ilaalchisee murtoo mataa isaanii gochuu qabu.—Kes. 30:19, 20.a
FIROOTA WAAQEFFANNAA DHUGAA MORMAN
11. Firoota Dhugaa Baatota hin taanee wajjin wanti rakkina uumuu dandaʼu maali dha?
11 Jalqaba irratti hariiroo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qabnu maatii keenyatti hin himne taʼa. Amantiin keenya guddachaa yeroo adeemu garuu, waaʼee amantii keenyaa ifatti dubbachuu akka qabnu hubachuu dandeenya. (Mar. 8:38) Ejjennoon ati ija jabinaan fudhattu sii fi firoottan kee Dhugaa Baatota hin taane gidduutti rakkina yoo uume, amanamummaa kee utuu hin laaffisin walitti buʼiinsa hirʼisuuf tarkaanfii fudhachuu dandeessu tokko tokko ilaali.
12. Firoonni keenya hin amanne kan nu morman maaliif taʼuu dandaʼa? Haa taʼu malee, miira isaanii hubachuu kan dandeenyu akkamitti?
12 Miira firoota keessan hin amannee akka hubattan argisiisaa. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachuu keenyatti baayʼee kan gammannu taʼus, firoonni keenya hin amanne akka gowwoomfamne ykn garee amantii sobaa tokko keessa akka galle dogoggoraan amanuu dandaʼu. Ayyaanota isaanii wajjin waan hin kabajneef, akka nuti isaan hin jaallanne godhanii yaaduu dandaʼu. Erga duunee booda illee wanti hamaan nu irra akka gaʼu yaadanii sodaachuu dandaʼu. Iddoo isaanii taanee miira isaanii hubachuuf yaaluudhaan, akkasumas wanta isaan yaaddessu beekuuf xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffachuudhaan akka isaaniif yaannu argisiisuu qabna. (Fak. 20:5) Phaawulos ergamaan, misiraachoo isaanitti himuuf jecha “akaakuu namootaa hunda” hubachuuf yaalii godheera; nutis akkas gochuun keenya nu gargaaruu dandaʼa.—1 Qor. 9:19-23.
13. Firoota hin amannee wajjin akkamitti dubbachuu qabna?
13 Gaarummaadhaan dubbadhaa. Kitaabni Qulqulluun, ‘dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan tolu haa taʼu’ jedha. (Qol. 4:6) Firoota keenyaa wajjin yeroo dubbannu firii hafuuraa argisiisuu akka dandeenyuuf, Yihowaan hafuura isaa akka nuuf kennu isa gaafachuu dandeenya. Barumsa amantii isaanii isa sobaa hunda ilaalchisee isaaniin falmuuf yaaluu hin qabnu. Dubbii ykn gocha isaaniitiin yoo nu miidhan, fakkeenya ergamoota Yesuus hordofuu dandeenya. Phaawulos, “Yommuu nu arrabsan ni eebbisna; yommuu nu ariʼatanis obsaan jabaannee dhaabanna; yommuu maqaa keenya balleessan gaarummaadhaan deebii kennina” jedhee barreesseera.—1 Qor. 4:12, 13.
14. Amala gaarii qabaachuun faayidaawwan akkamii qaba?
14 Amala gaarii qabaadhaa. Firoota keenya nu mormanii wajjin dubbii gaarii dubbachuun keenya kan gargaaru taʼus, amala gaarii qabaachuun keenya caalaatti dubbachuu dandaʼa. (1 Pheexiros 3:1, 2, 16 dubbisi.) Fakkeenyaa keessan ilaaluudhaan firoonni keessan Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaʼela gammachuu qabu akka qaban, ijoollee isaanii akka gaariitti akka guddisan, akkasumas jireenya qulqulluu, naamusa gaarii fi gammachiisaa taʼe akka jiraatan akka hubatan godhaa. Firoonni keenya matumaa dhugaa kan hin fudhanne yoo taʼan illee, jireenya qulqulluu jiraachuudhaan garaa Yihowaa ciibsuu keenyatti gammachuu argachuu ni dandeenya.
15. Haalawwan walitti buʼiinsa uumuu dandaʼaniif dursinee qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Dursaa karoorfadhaa. Haalawwan walitti buʼiinsa uumuu dandaʼan yaadaa, akkamitti qabuu akka dandeessan murteessaa. (Fak. 12:16, 23) Obboleettiin Awustiraaliyaa jiraattu tokko akkana jetteetti: “Abbiyyuun koo dhugaa cimsee morma ture. Bilbilaan isa gaafachuu keenya dura, nutis akkuma isaa aariidhaan deebii akka hin kennine Yihowaan akka nu gargaaru ni kadhanna turre. Haasaan keenya kan nama gammachiisu akka taʼuuf wanta irratti haasofnu dursinee qophoofna. Maree dheeraa gara falmii amantiitti geessu irraa fagaachuu akka dandeenyuuf, yeroo hammamiitiif akka mariʼannu dursinee murteessina.”
16. Firoota kee mufatan ilaalchisee miira balleessa akka hojjette sitti dhagaʼamu moʼuu kan dandeessu akkamitti?
16 Dhugaa dha, waldhabiinsa firoota kee hin amannee wajjin uumamu hunda hambisuu hin dandeessu. Keessumaa firoota kee baayʼee kan jaallattuu fi yeroo hunda isaan gammachiisuu kan barbaaddu yoo taʼe, walitti buʼiinsi akkasii balleessaa akka hojjette akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, jaalala maatii keetiif qabdu caalaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabduuf dursa kennuuf carraaqi. Ejjennoon akkasii firoonni kee dhugaa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun dhimma duʼaa fi jireenyaa taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaara. Kanas taʼe sana, dhugaa akka fudhatan namoota kaan dirqisiisuu akka hin dandeenye yaadadhu. Kanaa mannaa, faayidaa daandii Yihowaa hordofuun qabu si irraa akka hubatan godhi. Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe akkuma nuuf godhe isaaniis daandii hordofan akka filatan carraa isaaniif kenneera.—Isa. 48:17, 18.
YEROO MISEENSI MAATII TOKKO YIHOWAA DHIISU
17, 18. Miseensi maatii tokko Yihowaa yoo dhiise haala kana moʼuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?
17 Miseensi maatii kee tokko gumiidhaa yoo baafame ykn gumii irra yoo adda of baase, akka waan billaan si waraanee sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Dhiphina haalli kun fidu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?
18 Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffadhaa. Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaatiif qophaaʼuu fi irratti argamuudhaan, tajaajila irratti hirmaachuudhaan, akkasumas jabaattee dhaabachuuf kadhachuudhaan of cimsi. (Yih. 20, 21) Haa taʼu malee, yaada kee sassaabbattee hojii kee irratti xiyyeeffachuu yoo dadhabde, jechuunis yaada malee sochoʼaa akka jirtu yoo sitti dhagaʼame hoo? Abdii hin kutatin! Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffachuun kee, yaadaa kee fi miira kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa. Muuxannoo nama Faarfannaa 73ffaa barreessee ilaali. Barreessaan kun ilaalchi dogoggoraa keessa isaatti waan uumameef baayʼee jeeqamee ture; iddoo waaqeffannaa Waaqayyootti yommuu seenu garuu ilaalcha isaa sirreesseera. (Far. 73:16, 17) Atis amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuun kee akkas gochuuf si gargaaruu dandaʼa.
19. Qophii Yihowaan adaba ilaalchisee godhe akka kabajju argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
19 Adaba Yihowaa kabajaa. Yeroodhaaf kan nama dhiphisu taʼus, qophiin Yihowaa nama dogoggora raawwate sana dabalatee namoota hundaaf faayidaa itti fufiinsa qabu argamsiisuu dandaʼa. (Ibroota 12:11 dubbisi.) Fakkeenyaaf Yihowaan, nama cubbuu hojjetee yaada hin geddarannee wajjin ‘michummaa qabnu akka dhiisnu’ nu ajajeera. (1 Qor. 5:11-13) Kana gochuun kan nu dhiphisu yoo taʼe illee, miseensa maatii gumiidhaa baafame tokkoo wajjin bilbilaan, ergaa moobaayiliidhaan, xalayaadhaan, iimeeliidhaan ykn intarneetiidhaan wal arguu irraa fagaachuu qabna.
20. Abdii akkamii qabaachuu dandeenya?
20 Abdii hin kutatinaa. Jaalalli, namoonni Yihowaa dhiisan gara Isaatti akka deebiʼan dabalatee, “waan hundumaa abdata.” (1 Qor. 13:7) Miseensi maatii tokko garaa geddarachaa akka jiru ragaa argisiisu yoo hubatte, Kitaaba Qulqulluu irraa jabina akka argatuu fi waamicha Yihowaan ‘gara kootti deebiʼi!’ jechuudhaan dhiheesse akka fudhatu isaaf kadhachuu dandeessa.—Isa. 44:22.
21. Yesuus duukaa buʼuun kee maatii kee keessatti wal qoqqooduu yoo uume maal gochuu qabda?
21 Yesuus isa caalaa nama kamiif iyyuu iddoo guddaa yoo kennine nuti isaaf akka hin taane dubbateera. Taʼus, Yesuus barattoonni isaa mormiin maatii yoo isaan irraa gaʼe iyyuu, amanamummaa isaanii eeganii itti fufuuf ija jabina akka qabaatan amanannaa qaba ture. Yesuus duukaa buʼuun kee maatii kee keessatti “goraadee” fideera yoo taʼe, rakkina kana akka gaariitti moʼuuf akka si gargaaru Yihowaatti amanami. (Isa. 41:10, 13) Yihowaa fi Yesuus akka sitti gammadanii fi amanamummaadhaan deddeebiʼuu keetiif akka si badhaasan beekuudhaan gammadi.
a Maatii amantiidhaan qoqqoodame keessatti ijoollee barsiisuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2002 irra jiru ilaali. (Amaariffa)