SEENAA JIREENYAA
“Waaqayyo Wanta Gaarii” Nuuf Godheera
HAATI manaa tiyya Daaniyelii fi ani akkuma hoteela seenneen hojjetaan hoteelichaa tokko, “Obbo, poolisii daangaa eeguuf bilbiluu ni dandeessaa?” naan jedhe. Gaaboon biyya Dhiha Afrikaatti argamtuu fi baroota 1970mmanitti hojiin keenya itti dhorkamee ture kan geenye saʼaatii muraasa dura dha.
Daaniyel yeroo hunda sammuun ishii saffisaan waan waa hubatuuf, gurra kootti asaastee, “Poolisiitti bilbiluuf hin dhamaʼin isaanuu kunoo dhufaniiru!” jette. Duuba keenyaan konkolaataan tokko dhufee hoteelicha fuuldura dhaabbate. Daqiiqaa muraasa booda loltoonni, lamaan keenya iyyuu nu hidhan. Haa taʼu malee, akeekkachiisa Daaniyel naaf kenniteef galanni haa taʼuutii, faayiloota tokko tokko obboleessa kan biraatti kennuuf yeroo argadheen ture.
Gara buufata poolisiitti geeffamaa yommuu turretti, haadha manaa ija jabeettii fi nama hafuuraa taate akkasii qabaachuu kootti hammam akkan eebbifame xiinxalaan ture. Kun anii fi Daaniyel yeroowwan hedduu waltaʼiinsaan itti hojjenne keessaa tokko qofa dha. Mee biyyoota hojiin keenya itti dhorkame akka daawwannu kan nu godhe maal akka taʼe isiniifan ibsa.
YIHOWAAN DHUGAA HUBACHUU AKKAN DANDAʼU JAALALAAN NA GARGAAREERA
Kanan dhaladhe bara 1930 magaalaa xinnoo Kirooyi ishii kaaba Faransaayitti argamtuu fi maatii amantii Kaatolikii cimsee hordofu keessatti ture. Maatiin keenya torban torbaniin yeroo hunda qiddaasee irratti kan argamu siʼa taʼu, abbaan koo immoo waldaa keessatti hirmaannaa guddaa godha ture. Yeroo umuriin koo waggaa 14 taʼu garuu, haalli tokko fakkeessaa waldaa keessatti raawwatamu arguuf ijji koo akka banamu godhe.
Yeroo waraana addunyaa lammaffaatti Faransaayi raayyaa Jarmaniin qabamtee turte. Walgaʼii waldaatti geggeeffamu irratti lubni keenya yeroo hunda magaalaa Viishii ishii bulchiinsa Naazii deggertuuf deggersa akka goonu nu jajjabeessa ture. Dubbiin isaa kun baayʼee nu rifachiisa ture. Nutis akkuma namoonni Faransaayi keessa jiran hedduun godhan dhoksaadhaan, raadiyoo BBC isa mootummaa waltaʼiinsa uuman irraa tamsaʼu ni dhaggeeffanna turre. Boodas lubichi battalumatti ejjennoo isaa jijjiiruudhaan, Fulbaana 1944 injifannoo mootummoonni waltaʼan argachaa jiran galateeffachuuf qophii godhe. Kunis baayʼee na rifaasisee ture. Amantaan ani luboota irratti qabus laaffiseera.
Erga waraanichi dhaabbatee yeroo muraasa booda abbaan koo ni duʼe. Obboleettiin tiyya ishiin angafaa heerumtee Beeljiyam keessa jiraachaa waan jirtuuf haadha tiyyaa fi obboleettii tiyya ishii quxisuu kunuunsuu akkan qabu natti dhagaʼame. Achiis warshaa huccuu tokko keessattin hojii argadhe. Hogganaan koo fi ilmaan isaa lamaan amantii Kaatolikii cimsanii hordofu turan. Warshicha keessatti milkaaʼina argachuuf carraa gaarii kanan qabu taʼus, yeroo gabaabaa booda qorumsi tokko na mudata.
Obboleettiin tiyya Siimoon ishiin Dhugaa Baatuu taate bara 1953tti nu gaafachuu dhufte. Ishiin Kitaaba Qulqulluu ishiitti fayyadamtee barumsawwan waldaa Kaatolikii kan akka, ibidda qilillee, Sillaasee fi lubbuun hin duutu jedhan soba taʼuu isaanii saaxilte. Jalqaba irratti Kitaaba Qulqulluu Kaatolikii fayyadamaa akka hin jirre itti himeen ishii morme, taʼus yeruma sana wanti ishiin natti himaa jirtu dhugaa taʼuu isaa nan amane. Boodas maxxansawwan Masaraa Eegumsaa turan kan naa fidde siʼa taʼu, anis halkan kutaa ciisichaa kootti akka gaariitti nan dubbise. Kun dhugaa taʼuu isaa dafee kanan hubadhe taʼus, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu koo beeksisuun hojii koo na dhabsiisuu dandaʼa jedhee sodaadheen ture.
Jiʼoota muraasaaf Kitaaba Qulqulluu fi Masaraa Eegumsaa dhuunfaatti qoʼachuu koo ittan fufe. Yeroo boodas gara Galma Walgaʼii deemuufan murteesse. Jaalalli hoʼaan gumii keessa jiru baayʼee garaa koo tuqe. Obboleessa muuxannoo qabu tokko wajjin jiʼoota jaʼaaf Kitaaba Qulqulluu ergan qoʼadhee booda Fulbaana 1954tti nan cuuphame. Yeroo muraasa booda immoo haati tiyyaa fi obboleettiin tiyya ishii quxisuun Dhugaa Baatota taʼanii isaan arguu kootti gammadeera.
TAJAAJILA YEROO GUUTUU KEESSATTI YIHOWAA AMANACHUU
Kan nama gaddisiisu walgaʼiin biyyoolessaa bara 1958 Niwuu Yoorki keessatti geggeeffamuu isaa torban muraasa dura haati tiyya ni duute. Ani garuu walgaʼii kana irratti hirmaachuuf mirga argadheera. Achii ergan deebiʼee booda itti gaafatamummaa maatii waanan hin qabneef hojii koo dhaabeen qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe. Yeroo kanatti obboleettii hinaaffaa qabduu fi Daaniyel Deelii jedhamtu wajjin kan wal kaadhimanne siʼa taʼu, ishiinis Caamsaa 1959 haadha manaa tiyya taateetti.
Daaniyel tajaajila yeroo guutuu kan jalqabde baadiyyaa Biriitnii, naannoo ishiin jiraattu irraa fagaattee argamtutti ture. Naannoo namoonni amantii Kaatolikii hordofan itti baayʼatan sanatti lallabuu fi baadiyyaa keessa biskileetiidhaan deemuuf ija jabinni ishii barbaachisee ture. Ishiin akkuma koo miira ariifannaa cimaa kan qabdu siʼa taʼu, lamaan keenya iyyuu dhumni baayʼee akka dhihaate nutti dhagaʼamee ture. (Mat. 25:13) Amalli fedhii ofii aarsaa gochuu ishiin qabdu kun tajaajila yeroo guutuu keessatti jabaannee akka itti fufnu nu gargaareera.
Erga gaaʼela godhannee guyyoota muraasa booda hojii aanaa irratti akka hirmaannu ramadamne. Jireenya salphaa taʼe jiraachuu itti barreerra. Gumiin jalqaba daawwanne babalʼistoota 14 kan qabu siʼa taʼu, obboloonni kun waan ittiin nu keessummeessan hin qaban turan. Kanaafuu, Galma Walgaʼii keessa afannee rafne. Kun mijataa taʼuu baatus, dugdaaf garuu gaarii ture!
Hojiin kan nutti baayʼatu taʼus, Daaniyel hojii daawwannaa sirriitti itti barteetti. Yeroo baayʼee walgaʼii jaarsolii akka tasaa godhamu booda konkolaataa keenya ishii xinnoo keessatti na eegdi turte, taʼus matumaa gungumtee hin beektu. Hojii aanaa irratti waggoota lama qofa kan dabarsine taʼus, yeroo kanatti hiriyoonni gaaʼelaa haqaan waliin haasaʼuu fi waltaʼiinsaan hojjechuun isaanii baayʼee barbaachisaa akka taʼe baranneerra.—Lal. 4:9.
RAMADDII TAJAAJILAA HAARAA FUDHACHUU
Bara 1962 Mana Barumsa Giilʼaad kutaa 37ffaa isa jiʼa kudhaniif turuu fi Biruukiliin Niwuu Yoorkitti geggeeffamu irratti akka hirmaannu affeeramne. Barattoota 100 keessaa hiriyoota gaaʼelaa 13tu jira ture, kanaafuu mana barumsaa kana irratti waliin hirmaachuun keenya mirga guddaa akka taʼe nutti dhagaʼame. Obboloota utubaa amantii taʼan kan akka Fireedirik Firaanzi, Yuuliiseez Gilaasii fi Aleksaandar Hiyuu Maakmiilaan wajjin yeroo dabarisne ilaalchisee amma iyyuu yaadannoo gammachiisaan qaba.
Yeroo leenjii fudhannutti dandeettii waa ilaallee hubachuuf qabnu akka guddifannu jajjabeeffamnee turre. Sanbadduraa tokko tokko waaree booda barumsa erga xumurree booda, leenjiin keenya magaalaa Niwuu Yoorki Siitii keessa iddoowwan beekamoo taʼan tokko tokko daawwachuu dabalata ture. Gaafa Wiixataa waaʼee wanta arginee barreeffamaan dhiheessuu akka qabnu beekna turre. Yeroo baayʼee Sanbadduraa galgala dadhabnee galla turre, taʼus obboleessi nu daawwachiisuu fi Betʼelitti tajaajilu qabxiiwwan ijoo qormaata barreeffamaan dhiheessinuuf nu gargaaran akka yaadannu nu gargaaruuf irra deebiʼee gaaffiiwwan nu gaafata. Guyyaa Sanbadduraa tokko waaree booda magaalicha keessa deemaa oolle. Bakka teleskooppiidhaan urjii ilaalan tokkotti waaʼee miiteyoorsii fi miiteyooraaytisa barannee ture. Bakka Ameerikaan Muuziyam oov Naashinaal Histirii jedhamu tokkotti immoo garaagarummaa gosoota naachaa Alligeetarii fi Kirookkodaayil jedhaman gidduu jiru baranneerra. Achiis gara Betʼelitti deebiʼaa utuu jirruu, obboleessi nu daawwachiisu, “Garaagarummaan miiteyoorsii fi miiteyooraaytis gidduu jiru maali dha?” jedhee nu gaafate. Daaniyel baayʼee dadhabdee waan turteef, “Miiteyooraaytis ilkaan dheeraa qabu!” jettee deebiste.
Baayʼee kan nama dinqisiisu waajjira damee Faransaayi bakka waliin gara waggaa 53f itti tajaajilaa turretti ramadamne. Bara 1976tti qindeessaa Waajjira Damee taʼeen muudame, akkasumas biyyoota Afrikaa fi Giddu Galeessa Bahaa bakka hojiin lallabaa keenya dhorkame ykn daangeffame akkan daawwadhun ramadame. Hojiin kunis gara Gaaboon bakka muuxannoon jalqaba irratti caqase itti nu mudate akka deemnu karaa bane. Dhugaa dubbachuuf, itti gaafatamummaa hin eegamne akkasii raawwachuuf gaʼumsa qaba jedhee yaadee hin beeku. Haa taʼu malee, haati manaa tiyya Daaniyel ishii jaallatamtuun hojii naaf kenname kam iyyuu sirriitti akkan raawwadhu gargaarsa guddaa naaf gooteetti.
QORUMSA CIMAA WALIIN DANDAMACHUU
Jalqabumaa kaasee jireenya Betʼel jaallannee turre. Daaniyel Giilʼaad galuu ishii dura Afaan Ingiliffaa jiʼa shan keessatti barattee waan turteef barreeffamoota keenya hiikuu irratti dandeettii guddaa kan qabdu taateetti. Hojii Betʼelitti baayʼee kan gammadnu taʼus, hojii gumii irratti hirmaachuun keenya immoo gammachuu dachaa nuuf argamsiiseera. Daaniyel wajjin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu erga geggeessinee booda kan dadhabnu taʼus, halkan daandii baaburaa lafa jalaa Paarisiin baayʼee gammannee yommuu deebinu nan yaadadha. Kan nama gaddisiisu garuu haalli fayyaa Daaniyel jijjiiramuun isaa hamma barbaaddu akka hin hojjenne ishii dhorkeera.
Bara 1993 Daaniyel kaansarii harmaa akka qabdu qorannoodhaan beekame. Yaaliin fayyaa ishii baqaqsanii hodhuu fi keemootiraappii kan dabalatu waan tureef baayʼee ulfaataa ture. Waggaa kudha shan booda ammas kaansarii isa duraa caalaa cimaa taʼeen akka qabamte beekame. Haa taʼu malee hojii hiikkaa baayʼee waan jaallattuuf yeroo dhukkubni ishii itti fooyyaʼu hunda hojii ishii irratti deebitee argamti turte.
Daaniyeliin baayʼee kan dhukkubu taʼus waaʼee Betʼelii baʼuu matumaa yaannee hin beeknu. Keessumaa warri kaan haala nuti keessa jirru kan hin beekne yeroo taʼanitti Betʼel keessatti dhukkubsachuun rakkina mataa isaa qaba. (Fak. 14:13) Umuriin Daaniyel yeroo dhuma waggoota 70 keessa turetti illee bareedinni fuula ishii fi miidhaginni ishiin uumamaan qabdu haala fayyaa ishii irraa adda. Ofii ishiitiif baayʼee hin yaaddu turte. Kanaa mannaa warra kaan gargaaruu irratti xiyyeeffatti. Namoota rakkatan dhaggeeffachuun isaan gargaaruu akka dandaʼu beekti turte. (Fak. 17:17) Daaniyel gorsituu akka taate matumaa dubbattee hin beektu, taʼus muuxannoo ishiitti fayyadamtee obboleettonni baayʼeen kaansarii akka hin sodaanne gargaaruu dandeesseetti.
Haalawwan rakkisoo haaraa taʼan kan biroos dandamachuun nu barbaachisee ture. Daaniyel yeroo guutuu hojjechuu yommuu dadhabdu caalaatti na gargaaruu irratti xiyyeeffatte. Waggoota 37f qindeessaa Waajjira Damee taʼee tajaajiluu koo itti fufuu akkan dandaʼuuf jireenyi koo salphaa akka taʼu waan baayʼee naa gooteetti. Fakkeenyaaf, laaqana kutaa keenya keessatti nyaannee xiqqoo boqochuu akka dandeenyu wanta hundumaa ni qopheessiti turte.—Fak. 18:22.
GUYYAA GUYYAADHAAN DHIPHINA DANDAMACHUU
Daaniyel yeroo hunda jireenyaaf ilaalcha gaarii kan qabduu fi jiraachuu kan hawwitu turte. Taʼus yeroo sadaffaadhaaf kaansarii akka qabdu beekame. Humna akka dhabne nutti dhagaʼame. Yaaliin keemootiraappii fi raadiyooteeraappii ishiin fudhattu humna ishii waan dhabsiisuuf yeroo tokko tokko deemuu akka hin dandeenye ishii dhoowwa. Haati manaa tiyya ishiin jaallatamtuu fi hojii hiikkaa irratti dandeettii guddaa qabdu wanta dubbattu argachuuf yommuu rakkattu arguun koo baayʼee na gaddisiise.
Yihowaan hamma dandeenyuu ol akka rakkannu kan hin heyyamne taʼuu isaa amanuudhaan humna akka dhabne kan nutti dhagaʼamu taʼus cimsinee kadhachuu keenya itti fufna. (1 Qor. 10:13) Qophii Yihowaan karaa Dubbii isaa, karaa hojjettoota yaalii fayyaa Betʼel akkasumas karaa obbolootaa fi obboleettotaa nu gargaaruuf godhe dinqisiifannee jiraachuuf yaalla.
Yaalii fayyaa fudhachuu qabnu ilaalchisee Yihowaan qajeelfama akka nuuf kennu yeroo baayʼee ni kadhanna. Yaalii fayyaa tokko illee yeroon itti dhabne jira ture. Doktarri waggaa 23f Daaniyeliif walʼaansa gochaa ture, yeroo hunda keemootiraappiin erga godhameefii booda maaliif akka of wallaaltu ibsuu hin dandeenye ture. Filannoo yaalii kan biraa dhiheessuus hin dandeenye. Gargaarsa akka dhabne nutti dhagaʼamee akkasumas sana booda maal taʼuu akka dandaʼu wallaallee turre. Achiis doktarri kan biraan kaansarii yaalu Daaniyeliin walʼaanuuf walii gale. Haalli isaa Yihowaan karaa itti dhiphina keenya keessaa itti baanu waan nuuf qopheesse fakkaata ture.
Waanuma guyyaa guyyaatti barbaachisu qofa irratti xiyyeeffachuudhaan dhiphina dandamachuu baranneerra. Akkuma Yesuus dubbate, “guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.” (Mat. 6:34) Ilaalcha sirrii qabaachuu fi taphachuunis gargaarsa godha. Fakkeenyaaf, Daaniyel keemootiraappii utuu hin argatin jiʼa lama yeroo turtetti, seeqaa “Beektaa, akka ammaa fayyummaan natti dhagaʼamee hin beeku” jette. (Fak. 17:22) Dhiphina keessa kan jirtu taʼus, sagalee ishii ol fuutee faarfannaawwan Mootummichaa haaraa taʼan shaakaluun ishii gammachiisa ture.
Ilaalchi sirriin ishiin qabdu, hanqina mataa kootii akkan mooʼu na gargaareera. Dhugaa dubbachuuf, gaaʼela keenya waggaa 57 ture keessatti, wantoota na barbaachisan hunda naaf gooteetti. Hanqaaquu akka itti bilcheesan illee natti argisiisuu hin barbaanne. Kanaafuu, yeroo ishiin sochoʼuu dadhabdu, qodaa nyaataa qulqulleessuu fi uffata miiccuu akkasumas nyaata salphaa taʼe qopheessuun na barbaachisa ture. Yommuun kana godhu, burcuqqoo dhugaatii muraasa kanan caccabse taʼus wanta ishii gammachiisu hojjechuu kootti hedduun gammade.b
GAARUMMAA YIHOWAAN JAALALAAN NATTI ARGISIISEEF BAAYʼEEN ISA GALATEEFFADHA
Duubatti deebiʼee yeroon yaadu, rakkina hanqinni fayyaa fi dullumni nu irraan gaʼan irraa barumsa faayidaa qabu argadheera. Tokkoffaa, hiriyaa gaaʼelaa keenya gammachiisuuf yeroo dhabuu hin qabnu. Namoota jaalannu kunuunsuudhaaf yeroo humna qabnutti akka gaariitti fayyadamuu qabna. (Lal. 9:9) Lammaffaa, waaʼee wantoota xixinnoo baayʼee yaaddaʼuu hin qabnu; kun taʼuu baannaan eebbawwan guguddaa guyyaa guyyaadhaan itti gammadnu utuu hin hubatin hafuu dandeenya.—Fak. 15:15.
Tajaajila keenya yeroo guutuu duubatti deebiʼee yommuun yaadu, hamma yaadnee ol Yihowaan akka nu eebbise hin haalu. Anis miira faarfatichaa isa, ‘Waaqayyo wanta gaarii [naaf] godheera’ jechuudhaan dubbateetu natti dhagaʼama.—Far. 116:7.
a Miiteyoorsiin dhagaa ykn sibiila yommuu hawaa keessaa gara qilleensa naannoo lafaatti seenu gubatee ifa guddaa uumu dha. Miiteyooraaytis immoo dhagaa ykn sibiila guddaa hawaa keessaa lafa irratti kufu dha.
b Obboleettiin teenya Daaniyel Bookaart barreeffamni kun utuu qophaaʼaa jiruu duute. Umuriin ishii waggaa 78 ture.