MATA DUREE QOʼANNAA 24
Yaadawwan Beekumsa Waaqayyoo Morman Hunda Garagalchaa!
‘Nuti Yaadawwn beekumsa Waaqayyoo morman hunda garagalchina.’—2 QOR. 10:5.
FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu
QABIYYEEa
1. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota dibamoodhaaf akeekkachiisa akkamii barreessee ture?
PHAAWULOS ERGAMAAN, “hin heyyaminaa” jechuudhaan akeekkachiiseera. Maal hin heyyaminaa jedhe? “Sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa” jedhe. (Rom. 12:2) Phaawulos jechoota kana kan barreesse Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turaniifi dha. Dhiirotaa fi dubartoota Waaqayyoof of murteessanii fi hafuura qulqulluudhaan dibamaniif gorsa cimaa akkasii kan kenne maaliif ture.—Rom. 1:7.
2-3. Seexanni Yihowaa irraa nu garagalchuuf kan yaalu akkamitti? Taʼus, wantoota sammuu keenya keessatti ‘daʼoo jajjabaa’ taʼan baasnee gatuu kan dandeenyu hoo akkamitti?
2 Phaawulos kan yaaddaʼe, Kiristiyaanonni tokko tokko yaadawwan dogoggoraa fi falaasamni addunyaa Seexanaa dhiibbaa isaan irratti gochaa waan tureef taʼuu dandaʼa. (Efe. 4:17-19) Kun nu keessaa nama kam irra iyyuu gaʼuu dandaʼa. Seexanni inni waaqa sirna kanaa taʼe, malawwan gara garaatti fayyadamee Yihowaa irraa nu garagalchuuf carraaqqii cimaa gochaa jira. Malawwan isaa kana keessaa tokko, iddoo guddaa ykn beekamtii argachuuf fedhii nuti qabaachuu dandeenyu kamitti iyyuu fayyadamuu dha. Akka inni barbaadutti akka yaadnu nu taasisuuf, akkaataa guddinaa, aadaa ykn barumsa fudhanne tokko tokkotti illee fayyadamuu dandaʼa.
3 Wantoota sammuu keenya keessatti “daʼoo jajjabaa” taʼan baasnee gatuu ni dandeenyaa? (2 Qor. 10:4) Deebii Phaawulos kana ilaalchisee kenne hubadhaa: “Nuti yaadawwan dogoggoraa fi wantoota guguddaa beekumsa Waaqayyoo morman hunda garagalchina; akkasumas yaada hunda boojinee Kiristoosiif akka ajajamu goona.” (2 Qor. 10:5) Eeyyee, gargaarsa Yihowaatiin yaadawwan dogoggoraa toʼachuu ni dandeenya. Akkuma qorichi summii tokko fashaleessuu dandaʼu, Dubbiin Waaqayyoos dhiibbaa gadhee summiin addunyaa Seexanaa nu irraan gaʼu balleessuu ni dandaʼa.
‘SAMMUU KEESSAN HAARESSAA’
4. Baayʼeen keenya jalqaba yommuu dhugaa fudhannetti jijjiirama akkamii gochuun nu barbaachisee ture?
4 Mee jalqaba yommuu dhugaa Dubbii Waaqayyoo barattanii fi Yihowaa tajaajiluuf murteessitanitti, jijjiirama gochuun isin barbaachisee ture yaadaa. Baayʼeen keenya Yihowaa tajaajiluuf jecha wantoota dogoggoraa hojjechuu keenya dhiisnee turre. (1 Qor. 6:9-11) Yihowaan gochawwan gadhee akkasii akka moonu nu gargaaruu isaatti baayʼee galateeffanna!
5. Roomaa 12:2 irratti tarkaanfiiwwan akkamii lama ibsamaniiru?
5 Taʼus, kana booda matumaa jijjiirama gochuun akka nu hin barbaachisne nutti dhagaʼamuu hin qabnu. Cuuphamuu keenya dura cubbuu cimaa hojjechaa turre kan dhiisne taʼus, cubbuu duraan raawwachaa turre kanatti wanta akka deebinu nu qoru kam iyyuu balleessuuf dhimminee hojjechuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos, “Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa” jechuudhaan deebii kenneera. (Rom. 12:2) Kanaafuu, wantoota lama gochuu qabna. Tokkoffaa, addunyaan kun ‘dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuu’ dhiisuu qabna. Lammaffaa, sammuu keenya haaressuudhaan ‘jijjiiramuu’ qabna.
6. Jechoota Yesuus isa Maatewos 12:43-45 irratti galmeeffamanii jiran irraa maal baranna?
6 Jijjiiramni Phaawulos dubbataa ture, jijjiirama alaan mulʼatu gochuu caalaa wanta dabalatu qaba. Jijjiiramni kun eenyummaa keenya hunda kan tuqu dha. (Saanduqa “Jijjiiramni Keenya Irra Keessa Moo Guutummaatti Dha?” jedhu ilaali.) Sammuu keenya haaressuu, jechuunis keessa keenya, miiraa fi fedhii keenya jijjiiruu nu barbaachisa. Kanaafuu, hundi keenya, ‘Kiristiyaana taʼuuf jecha jijjiiramni ani godhe irra keessadha moo dhugumaan keessi namummaa koo Kiristiyaana taʼeera?’ jennee of gaafachuu nu barbaachisa. Garaagarummaa kanaa hubachuun barbaachisaa dha. Yesuus yaada Maatewos 12:43-45 irratti dubbate irratti maal gochuun barbaachisaa akka taʼe ibseera. (Dubbisi.) Jechoonni Yesuus dubbate kun barumsa guddaa of keessaa qabu. Kunis, yaada dogoggoraa balleessuu qofti gaʼaa miti; iddoo duwwaa taʼe sana yaada Waaqayyootiin guutuu qabna.
‘HUMNA SAMMUU KEESSAN HOJJECHIISU HAARESSAA’
7. Keessa namummaa keenyaa jijjiiruu kan dandeenyu akkamitti?
7 Eenyummaa keenya isa keessaa jijjiiruun ni dandaʼamaa? Dubbiin Waaqayyoo, “Humna sammuu keessan hojjechiisuunis haareffamuu keessan itti fufaa; akkasumas, namummaa haaraa isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffachuu qabdu” jechuudhaan deebii kenna. (Efe. 4:23, 24) Eeyyee, keessa namummaa keenya jijjiiruun ni dandaʼama, taʼus, kana gochuun salphaa miti. Fedhii dogoggoraa dandamachuu fi wanta dogoggoraa hojjechuu dhiisuun qofti gaʼaa miti. ‘Humna sammuu keenya hojjechiisu’ jijjiiruu nu barbaachisa. Kunis fedhii keenya, amala keenyaa fi sababii wanta tokko raawwachuuf nu kakaasu jijjiiruu dabalata. Kun immoo carraaqqii itti fufiinsa qabu gochuu gaafata.
8-9. Muuxannoon obboleessa tokkoo, keessa namummaa keenyaa jijjiiruun barbaachisaa taʼuu isaa kan argisiisu akkamitti?
8 Mee fakkeenya obboleessa duraan lola jaallatu tokkoo haa ilaallu. Obboleessi kun dhugaatii dhuguu fi nama loluu erga dhaabee booda cuuphamuudhaaf gaʼeessa taʼe, kunis hawaasa xinnoo inni keessa jiraatuuf akka gaariitti dhugaa baʼuuf gargaare. Taʼus, cuuphamee utuu baayʼee hin turin galgala tokko, qorumsi inni hin eegne tokko isa mudate. Namni machaaʼe tokko gara mana isaa dhufee isa loluu barbaade. Obboleessi keenya jalqaba irratti fedhii loluuf qabu ni dandamate. Taʼus, namichi dhuma irratti maqaa Yihowaa yommuu arrabsu, obboleessi keenya inni haaraan kun kana caalaa obsuu hin dandeenye. Kanaafuu, gad baʼee namicha reebe. Rakkinni isaa maal ture? Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa fedhii lolaaf qabu akka ukkaamsu kan isa gargaare taʼus, amma iyyuu humna sammuu isaa hojjechiisu hin haaressine. Jechuunis eenyummaa isaa isa keessaa hin jijjiirre ture.
9 Haa taʼu malee, obboleessi kun abdii hin kutanne. (Fak. 24:16) Gargaarsa jaarsoliitiin guddina gaarii gochuu isaa itti fufeera. Boodas jaarsa gumii taʼuu dandaʼeera. Achiis, Galma Walgaʼiitii alatti, rakkinni waggoota hedduu dura isa mudatee turee wajjin wal fakkaatu kallattiidhaan isa mudate. Namni machaaʼe tokko jaarsa gumii tokko rukutuuf itti aggaame. Obboleessi keenya yeroo kanatti maal godhe? Haala tasgabbii qabuu fi akka gad of qabu argisiisuun nama machaaʼe sana haasofsiisuudhaan, haala nama dhiphisu sana tasgabbeesse, achiis namichi gara mana isaatti akka galu isa gargaare. Yeroo kanatti obboleessi kun wanta isa duraa irraa adda taʼe kan godhe maaliifi? Obboleessi keenya humna sammuu isaa hojjechiisu jijjiiree ture. Keessa isaa guutummaatti jijjiiruudhaan, nama naga qabeessaa fi gad of qabu taʼee ture. Kunis Yihowaadhaaf ulfina fideera!
10. Keessa namummaa keenya jijjiiruun maal dabalata?
10 Jijjiiramni akkasii yeroo gabaabaa keessatti kan taʼu, ykn carraaqqii utuu hin godhin kan argamu miti. Waggoota hedduudhaaf ‘wanta dandeenye hunda’ gochuuf carraaqqii gochuu nu gaafachuu dandaʼa. (2 Phe. 1:5) Jijjiiramni kun yeroo dheeraadhaaf “dhugaa keessa” waan jiraanneef qofa kan dhufu miti. Keessa namummaa keenyaa jijjiiruuf carraaqqii cimaa gochuu nu barbaachisa. Kana gochuuf tarkaanfiiwwan guguddaa tokko tokko fudhachuun nu gargaaruu dandaʼa. Mee isaan keessaa tokko tokko haa qorru.
HUMNA SAMMUU KEENYA HOJJECHIISU JIJJIIRUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
11. Kadhannaan humna sammuu keenya hojjechiisu jijjiiruuf kan nu gargaaru akkamitti?
11 Kadhannaan tarkaanfii isa jalqabaa barbaachisaa taʼe dha. Akkuma Faarfatichaa, “Garaa qullaaʼaa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura dhaabbataas ana keessatti haaressi!” jennee kadhachuu nu barbaachisa. (Far. 51:10) Humna sammuu keenya hojjechiisu jijjiiruun barbaachisaa taʼuu isaa amannee fudhachuu fi gargaarsa Yihowaa gaafachuu qabna. Yihowaan jijjiirama kana gochuuf akka nu gargaaru akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Abdii Yihowaan Israaʼeloota mata jabeeyyii taʼanii fi bara Hisqiʼelitti turan ilaalchisee, “Ani garaa haaraa isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaa’a; . . . garaa isa akka foonii [jechuunis isa qajeelfama Waaqayyoo hordofuuf fedhii qabu] isaaniif nan kenna” jechuudhaan kenne irraa jajjabina argachuu dandeenya. (His. 11:19) Yihowaan Israaʼeloota sana gargaaruudhaaf fedhii qaba ture, nuunis gargaaruudhaaf fedhii qaba.
12-13. (a) Faarfannaan 119:59 akka ibsutti maal irratti xiinxaluu nu barbaachisa? (b) Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?
12 Xiinxaluun tarkaanfii barbaachisaa isa lammaffaa dha. Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan yommuu dubbisnu, yaada ykn miira keenya isa jijjiiruun nu barbaachisu yeroo fudhannee xiinxaluu ykn gad fageenyaan irratti yaaduu nu barbaachisa. (Faarfannaa 119:59 dubbisi; Ibr. 4:12; Yaq. 1:25) Yaadaa fi miira keenya falaasamni namootaa dhiibbaa irratti godhee taʼuu dandaʼu adda baasnee hubachuu qabna. Dadhabina keenya haqaan amannee fudhachuu fi balleessuuf jabaannee hojjechuu qabna.
13 Fakkeenyaaf akkas jedhii of gaafadhu: ‘Hinaaffaa xinnoon illee garaa koo keessa jiraa?’ (1 Phe. 2:1) ‘Akkaataa guddinaa koo, sadarkaa barumsaa koo ykn qarshiin qabuun kan kaʼe hamma tokko koorri natti dhagaʼamaa?’ (Fak. 16:5) ‘Namoota wanta ani qabu hin qabne ykn sanyiin isaanii kan koo irraa adda taʼe nan tuffadhaa?’ (Yaq. 2:2-4) ‘Wantoonni addunyaan Seexanaa dhiheessu na hawwatuu?’ (1 Yoh. 2:15-17) ‘Bohaartii naamusaa ala taʼee fi hammeenya of keessaa qabu nan jaalladhaa?’ (Far. 97:10; 101:3; Amo. 5:15) Deebiin gaaffiiwwan dhuunfaatti dhihaatan kanaaf kennitu bakka jijjiirama gochuun itti si barbaachisu adda baastee akka beektu si gargaara. Yaadawwan garaa keenya keessa jiranii fi akka “daʼoo jajjabaa” taʼuu dandaʼan moʼuudhaan Abbaa keenya isa samii gammachiisna.—Far. 19:14.
14. Michoota gaarii filachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
14 Michoota gaarii filachuun tarkaanfii barbaachisaa isa sadaffaa dha. Nuti beeknus beekuu baannus michoonni keenya dhiibbaa guddaa nu irratti godhu. (Fak. 13:20) Iddoo hojiittis taʼe mana barumsaatti, namoota yaada Waaqayyoo akka guddifannu nu hin gargaarreen marfamuu dandeenya. Haa taʼu malee, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa keenya irratti michoota gaarii taʼan argachuu dandeenya. Walgaʼiiwwan keenya bakka nuti “jaalalaa fi hojii gaariidhaaf” itti wal jajjabeessinu ykn wal kakaasnu dha.—Ibr. 10:24, 25.
‘AMANTIITTI CIMOO’ TAʼAA
15-16. Seexanni yaada keenya jijjiiruuf kan yaalu akkamitti?
15 Haa taʼu malee, Seexanni yaada keenya jijjiiruuf akka kutatee kaʼe yaadadhaa. Seexanni dhugaa Dubbii Waaqayyoo fashaleessuuf, barumsawwan ykn yaadawwan qabu hundatti ni fayyadama.
16 Seexanni gaaffii, dhaaba Eeden keessatti, “Dhuguma Waaqayyo . . . . isiniin jedhee?” jechuudhaan Hewaaniin gaafate gaafachuu isaa itti fufeera. (Uma. 3:1) Addunyaa toʼannaa Seexanaa jala jiru keessatti yeroo baayʼee gaaffii ulfaataa akkas jedhu ni dhageenya: ‘Dhuguma Waaqayyo namoonni saalaa wal fakkaatu qaban akka wal fuudhan hin heyyamuu? Dhuguma Waaqayyo Ayyaana Qillee ykn guyyaa dhalootaa akka kabajjan hin barbaaduu? Dhuguma Waaqni keessan dhiiga akka hin fudhanne isin irraa ni eegaa? Dhuguma Waaqni jaalala qabeessa taʼe, namoota jaallattanii fi gumiidhaa baafamanitti akka hin michoomne isin irraa ni eegaa?’
17. Gaaffiiwwan amantii keenya akka shakkinu nu godhan yoo nu mudatan maal gochuu qabna? Qolosaayis 2:6, 7 kana gochuun keenya buʼaa akkamii akka qabu ibsa?
17 Wanti itti amannu dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu nu barbaachisa. Gaaffiiwwan ulfaataa taʼaniif deebii utuu hin kennin sammuu keenya keessatti yoo dhiisne, shakkii guddaa nu keessatti uumuu dandaʼu. Shakkiiwwan akkasii yeroo booda, yaada keenya jalʼisuudhaan amantii keenya balleessuu dandaʼu. Kanaafuu, maal gochuu nu barbaachisa. Dubbiin Waaqayyoo, “Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne” ofuma keenyaa mirkaneeffachuu akka dandeenyuuf, sammuu keenya akka haaressinu nu gorsa. (Rom. 12:2) Yeroo hunda qoʼachuudhaan, dhugaa Kitaaba Qulqulluu irraa baranne ofii keenyaaf mirkaneeffachuu dandeenya. Ulaagaawwan Yihowaa sirrii taʼuu isaanii guutummaatti of amansiisuu dandeenya. Taanaan, akkuma muka hundee jabaa qabuutti, hidda gad fageeffachuudhaan ‘amantiitti cimuu’ dandeenya.—Qolosaayis 2:6, 7 dubbisi.
18. Summii addunyaa Seexanaa fashaleessuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
18 Namni kam iyyuu amantii keessan isiniif cimsuu hin dandaʼu. Kanaafuu, humna sammuu keessan hojjechiisu haaressuu keessan itti fufaa. Utuu gargar hin kutin kadhadhaa; gargaarsa hafuura Yihowaa argachuuf cimsaa kadhadhaa. Gad fageenyaan xiinxalaa; yaadaa fi kakaʼumsa keessan qoruu keessan itti fufaa. Michoota gaarii barbaaddadhaa, akkasumas namoota yaada keessan jijjiiruuf isin gargaaran waliin taʼaa. Kana gochuudhaan, summii addunyaa Seexanaa fashaleessuuf, akkasumas “yaadawwan dogoggoraa fi wantoota guguddaa beekumsa Waaqayyoo morman” akka gaariitti garagalchuu dandeenya.—2 Qor. 10:5.
FAARFANNAA 50 Kadhannaa Of Murteessuu Koo Argisiisu
a Gaariis taʼe gadhee akkaataan guddinaa keenya, aadaanii fi barumsi fudhanne yaada keenya irratti dhiibbaa godhu. Amalawwan dogoggora taʼan tokko tokko eenyummaa keenya irratti dhiibbaa guddaa akka godhanii fi balleessuun ulfaataa akka taʼe hubanneerra taʼa. Mata dureen kun yaada dogoggoraa nu keessa jiraachuu dandaʼu kam iyyuu, akkamitti toʼachuu akka dandeenyu ibsa.