MATA DUREE QOʼANNAA 35
Yihowaan Tajaajiltoota Isaa Warra Gad Of Qabaniif Iddoo Guddaa Kenna
“Waaqayyo . . . warra gad deebiʼan in ilaala.”—FAR. 138:6.
FAARFANNAA 48 Guyyaa Guyyaadhaan Yihowaa Wajjin Deddeebiʼuu
QABIYYEEa
1. Yihowaan namoota gad of qabaniif ilaalcha akkamii qaba? Ibsi.
YIHOWAAN namoota gad of qaban ni jaallata. Isa wajjin hariiroo gaarii fi cimaa qabaachuu kan dandaʼan namoota dhugumaan gad of qaban qofa dha. Gama biraatiin immoo, “warra of gurguddisan . . . inni fagootti in beeka.” (Far. 138:6) Hundi keenya iyyuu Yihowaa gammachiisuu fi akka inni nutti dhihaatu barbaanna. Kanaaf, amala gad of qabuu akkamitti horachuu akka dandeenyu barachuuf sababii gaarii qabna.
2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?
2 Mata duree kana keessatti deebii gaaffiiwwan sadii irratti mariʼanna. (1) Gad of qabuu jechuun maal jechuu dha? (2) Amala kana horachuu kan qabnu maaliifi? (3) Gad of qabuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu yoomi? Akkuma kanatti aansinee ilaallu, amala gad of qabuu yommuu horannu Yihowaa ni gammachiisna, nutis ni fayyadamna.—Fak. 27:11; Isa. 48:17.
GAD OF QABUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?
3. Gad of qabuu jechuun maal jechuu dha?
3 Namni gad of qabu tokko warra kaan irra akka caalu itti hin dhagaʼamu, akkasumas hin kooru. Kitaabni Qulqulluun akka argisiisutti namni gad of qabu tokko hariiroo Yihowaa fi namoota kaan wajjin qabuuf ilaalcha sirrii qabaata. Kana malees namni gad of qabu tokko, namni kam iyyuu karaa taʼe tokkoon isa irra akka caalu amanee fudhata.—Filp. 2:3, 4.
4-5. Gad of qabuun inni dhugaan wanta alaan mulʼatu miti kan jennu maaliifi?
4 Namoonni tokko tokko kan gad of qaban fakkaatu. Tarii, uumama isaaniitiin ija laafeyyii taʼuu dandaʼu. Yookiin immoo, aadaa fi akkaataa guddinaa isaaniitiin kan kaʼe warra kaan ni kabaju, akkasumas amala gaarii qabu taʼa. Haa taʼu malee, baayʼee kan of tuulan taʼuu dandaʼu. Oolee bulee garuu, eenyummaan isaanii inni dhugaan mulʼachuun isaa hin oolu.—Luq. 6:45.
5 Gama biraatiin immoo, namoonni ofitti amanannaa qabanii fi wanta isaanitti dhagaʼamu dubbatan ni kooru jechuu miti. (Yoh. 1:46, 47) Taʼus, namoonni ija laafeyyii hin taane dandeettii uumamaa isaaniitti akka hin amanamne of eeggannoo gochuu qabu. Salphaatti namatti kan dhihaannu taanus taʼuu baannus hundi keenya kan gad of qabnu taʼuuf carraaqqii gochuu qabna.
6. 1 Qorontos 15:10 akka argisiisutti, fakkeenya Phaawulos ergamaa irraa maal barachuu dandeenya?
6 Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa haa ilaallu. Yihowaan magaalota hedduu keessatti gumiiwwan haaraa hundeessuuf isatti fayyadameera. Ergamoota Yesuus kan biroo caalaa tajaajila irratti wanta baayʼee hojjeteera jechuun ni dandaʼama. Taʼus, Phaawulos obboloota isaa irra akka caalu itti hin dhagaʼamne. Gad of qabuudhaan akkana jedheera: “Ani gumii Waaqayyoo ariʼachaa waanan tureef, nama ergamoota hundumaatii gad taʼee fi ergamaa jedhamee waamamuun anaaf hin malle dha.” (1 Qor. 15:9) Achiis, Phaawulos Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu kan dandaʼe nama addaa waan taʼeef ykn wantoota hedduu waan raawwateef utuu hin taʼin, Waaqayyo gaarummaa guddaa waan isatti argisiiseef akka taʼe dubbateera. (1 Qorontos 15:9, 10 dubbisi.) Phaawulos gad of qabuudhaan fakkeenya gaarii taʼa. Namoonni gumii keessa jiran tokko tokko kan isa qeeqan taʼus, Kiristiyaanota Qorontos turaniif xalayaa yommuu barreessetti waaʼee ofii isaa of jajuudhaan hin dubbanne.—2 Qor. 10:10.
7. Obboloonni beekamoon bara keenyatti jiraatan tokko tokko akka gad of qaban kan argisiisan akkamitti? Fakkeenya kenni.
7 Obboloota gad of qabuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼan keessaa tokko obboleessa Kaarli Fireediriik Kileeyin isa miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajile dha. Obboleessi kun seenaa jireenyaa baayʼee nama jajjabeessu barreesseera. Obboleessi Kileeyin seenaa jireenyaa isaa keessatti waaʼee dadhabina isaa fi rakkoowwan jireenya isaa keessatti isa mudatanii gad of qabuudhaan, akkasumas amanamummaadhaan dubbateera. Fakkeenyaaf, bara 1922 yeroo jalqabaatiif manaa gara manaa deemee tajaajiluun baayʼee isatti ulfaatee ture, achiis gara waggaa lamaatiif deebiʼee manaa gara manaa deemee hin tajaajille. Yeroo booda, Betʼelitti yommuu tajaajilu obboleessi tokko gorsa isaaf kennee waan tureef obboleessa sanatti yeroodhaaf aaree ture. Kana malees, dhiphina sammuutiin rakkachaa kan ture siʼa taʼu, yeroo booda garuu fayyuu dandaʼeera. Taʼus, mirgawwan guguddaa hedduu argateera. Obboleessi beekamaan akkasii waaʼee dadhabina isaa ifatti dubbachuuf amalli gad of qabuu hammam akka isa barbaachise mee yaadaa! Obboloonni hedduun seenaa jireenyaa obboleessa Kileeyin isa amanamummaa irratti hundaaʼee fi garaa namaa tuqu kana hin irraanfatan.b
AMALA GAD OF QABUU HORACHUU KAN QABNU MAALIIFI?
8. Yaadni 1 Pheexiros 5:6 irra jiru amalli gad of qabuu Yihowaa akka gammachiisu hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
8 Sababiin amala gad of qabuu horachuu itti qabnu inni guddaan amalli kun Yihowaa kan gammachiisu taʼuu isaati. Pheexiros ergamaan kana ifa godheera. (1 Pheexiros 5:6 dubbisi.) Wanta Pheexiros dubbate ilaalchisee kitaabni “Kottuu Ana Duukaa Buʼi” jedhu akkana jedha: “Of gurguddisuun, akkuma summii balaadhaaf nama saaxiluu dandaʼa. Amalli kun namni dandeettii addaa qabu tokko Waaqayyo biratti faayidaa kan hin qabne akka taʼu gochuu dandaʼa. Karaa garabiraammoo, namni dandeettii addaa hin qabne tokko kan gad of deebisu yoo taʼe, Yihowaa biratti faayidaa kan qabu taʼuu dandaʼa. . . . Atis amala gad of deebisuu yoo qabaatte, Waaqni keenya gammachuudhaan si kiisa.”c Dhuguma iyyuu, wanti baayʼee gaarii taʼee fi gochuu dandeenyu inni guddaan Yihowaa gammachiisuu dha.—Fak. 23:15.
9. Amalli gad of qabuu warri kaan akka nutti dhihaatan kan godhu akkamitti?
9 Amala gad of qabuu yommuu horannu Yihowaa gammachiisuu malees eebbawwan hedduu arganna. Amalli gad of qabuu namoonni kaan akka nutti dhihaatan godha. Kana hubachuuf, namoota akkamii wajjin taʼuun akka isin gammachiisu yaadaa. (Mat. 7:12) Nama yeroo hunda warri kaan wanta inni barbaadu akka godhan barbaaduu fi yaada warra kaanii hin dhageenye wajjin taʼuun nu hin gammachiisu. Faallaa kanaatiin garuu obboloota keenya warra ‘miira walii hubatan, jaalala obbolummaa qaban, gara laafina qaban, akkasumas gad of qaban’ wajjin taʼuun baayʼee nu gammachiisa. (1 Phe. 3:8) Namoota akkanaatti kan dhihaannuu fi kan gad of qabnu yoo taʼe, isaanis nutti dhihaachuun isaanii hin oolu.
10. Amalli gad of qabuu jireenyi keenya salphaa akka taʼu kan godhu akkamitti?
10 Kana malees amalli gad of qabuu jireenyi keenya salphaa akka taʼu godha. Yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti wantoota sirrii akka hin taane nutti dhagaʼaman arguu akka dandeenyu beekamaa dha. Nama ogeessa kan ture Solomoon Mootichi akkana jedheera: “Garboonni fardaan utuu adeemanii, bulchitoonni biyyaa immoo akka garbootaa lafa utuu adeemanii ani argeera.” (Lal. 10:7) Namoonni dandeettii guddaa qaban yeroo hunda beekamtii hin argatan. Yeroo tokko tokko immoo namoonni dandeettii guddaa hin qabne caalaatti ulfina argatu. Taʼus, Solomoon haalawwan rakkisoo jireenya keessatti uumamaniin garmalee dhiphachuu mannaa dhugaa jiru amannee fudhachuu akka qabnu hubatee ture. (Lal. 6:9) Kan gad of qabnu yoo taʼe wantoota nuti hin jaallannee fi jireenya keenya keessatti nu mudatan amannee fudhachuun nuuf salphata.
GAD OF QABUUN ULFAATAA TAʼUU KAN DANDAʼU YOOMI?
11. Gorsi yommuu nuuf kennamu deebii akkamii kennuu qabna?
11 Guyyaa guyyaadhaan amala gad of qabuu argisiisuuf carraa hedduu qabna. Mee haalawwan muraasa haa ilaallu. Yommuu gorsi nuuf kennamu. Namni tokko nu gorsuuf carraaqqii yoo godhe, hamma yaadne caalaa dogoggora cimaa raawwannee taʼuu akka dandaʼu yaadachuu qabna. Yeroo akkasiitti jalqaba irratti gorsa sana fudhachuu hin barbaannu taʼa. Tarii nama gorsa nuuf kenne sana ykn akkaataa inni gorsa itti nuuf kenne qeequu dandeenya. Haa taʼu malee, kan gad of qabnu yoo taʼe, ilaalcha madaalamaa qabaachuuf carraaqna.
12. Fakkeenyi 27:5, 6 akka jedhutti nama gorsa nuuf kenne dinqisiifachuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenya kenni.
12 Namni gad of qabu tokko gorsa isaaf kennamu ni dinqisiifata. Kana fakkeenyaan ibsuuf, walgaʼii gumii irra jirta haa jennu. Obboloota hedduu wajjin erga haasoftee booda, obboloota keessaa inni tokko kophaatti si waamee ilkaan kee irratti nyaanni xinnoon akka hafe sitti hime. Yeroo kanatti akka qaanoftu beekamaa dha. Haa taʼu malee, obboleessi sun sitti himuu isaatiif isa hin galateeffattuu? Namni tokko dursee utuu natti himeera taʼee jettee yaaduun kee hin oolu! Haaluma wal fakkaatuun, obboloota keenya warra yeroo gorsi nu barbaachisutti ija jabinaan nu gorsan gad of qabuudhaan galateeffachuu qabna. Nama sana akka diina keenyaatti utuu hin taʼin akka michuu keenyaatti ilaalla.—Fakkeenya 27:5, 6; Gal. 4:16 dubbisi.
13. Warri kaan mirga tajaajilaa yeroo argatan akka gad of qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Warri kaan mirga tajaajilaa yommuu argatan. Jaarsi gumii Jeesan jedhamu akkana jedheera: “Yeroo tokko tokko mirga warri kaan argatan yommuun argu ani kanan hin filatamne maaliifi jedheen gaafadha.” Isin hoo akkas isinitti dhagaʼamee beekaa? Mirga tajaajilaa guddaa argachuuf ‘carraaquun’ dogoggora miti. (1 Xim. 3:1) Haa taʼu malee, wanta yaadnu ilaalchisee of eeggannoo gochuu qabna. Of eeggachuu baannaan garuu, keessa keenyatti koorri akka guddatu heyyamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko hojii tokko tokkoof caalaatti gaʼumsa kan qabu isa akka taʼe yaaduu jalqabuu dandaʼa. Yookiin immoo haati manaa Kiristiyaana taate takka, ‘Abbaan manaa koo warra kaan caalaa gaʼumsa qaba’ jettee yaaddi taʼa! Haa taʼu malee, dhugumaan kan gad of qabnu yoo taane amala of tuulummaa akkasii irraa ni fagaanna.
14. Warri kaan mirga tajaajilaa yommuu argatan karaa itti Museen deebii kenne irraa maal barachuu dandeenya?
14 Yommuu warri kaan mirga tajaajilaa argatan karaa itti Museen deebii kenne irraa barumsa gaarii argachuu dandeenya. Museen itti gaafatamummaa saba Israaʼel akka geggeessuuf isaa kennameef iddoo guddaa kenna ture. Maarree, Yihowaan warri kaan Musee wajjin akka tajaajilan yommuu heyyametti deebii akkamii kenne? Inni hin hinaafne. (Lak. 11:24-29) Kanaa mannaa gad of qabuudhaan hojii murtii kennuu irratti warri kaan akka isa gargaaran heyyameera. (Bau. 18:13-24) Kana jechuun, Israaʼeloonni namoota dabalataa murtii isaaniif kennan waan argataniif, murtii argachuuf yeroo dheeraa eeguun isaan hin barbaachisu jechuu dha. Kunis, Museen nageenya warra kaanii caalaa mirga isaatiif dursa akka hin kennine argisiisa. Kun nuuf fakkeenya gaarii dha mitii? Yihowaan caalaatti akka nutti fayyadamu yoo barbaanne amalli gad of qabuu keenya dandeettii keenya caaluu akka qabu yaadachuu qabna. “Waaqayyo akkas ol kaʼee utuma jiruu, warra gad deebiʼan in ilaala.”—Far. 138:6.
15. Obboloonni hedduun haalli haaraan akkamii isaan mudateera?
15 Haalli haaraan yommuu nu mudatu. Waggoota dhihoodhaa asitti obboloota muuxannoo dheeraa qaban hedduudhaaf ramaddiin kan biraa kennameera. Fakkeenyaaf, bara 2014tti ilaaltonni ol aanoon koonyaa fi haadhotiin manaa isaanii gosa tajaajila yeroo guutuu kan biraa irratti akka hirmaatan affeeramanii turan. Yeroo sanaa kaasee ilaaltonni ol aanoon aanaa umuriin isaanii waggaa 70 yeroo taʼu hojii isaanii ni dhaabu. Akkasumas obboloonni umuriin isaanii waggaa 80 ykn isaa ol taʼe gumii keessatti qindeessitoota qaama jaarsolii taʼanii hin tajaajilan. Kana malees, waggoottan darbanitti obboloonni Betʼelitti tajaajilan hedduun qajeelchaa taʼanii akka tajaajilan ramadamaniiru. Warri kaan immoo haala fayyaa isaaniitiin, itti gaafatamummaa maatiitiin ykn sababii dhuunfaatiin kan kaʼe ramaddii tajaajilaa isaanii dhaabaniiru.
16. Obboloonni keenya haala haaraa wajjin yommuu wal baranitti amala gad of qabuu kan argisiisan akkamitti?
16 Obbolootaa fi obboleettota kanaaf sirreeffama akkasii gochuun salphaa hin turre. Obboloonni ramaddiin haaraan isaaniif kenname ramaddii isaanii isa waggoota hedduudhaaf irratti tajaajilaa turan ni jaallatu. Tokko tokko haala haaraa wajjin yommuu wal baraa jiranitti “gaddi” isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, yeroo booda itti baruu dandaʼaniiru. Maaliif? Hundumaa caalaa Yihowaadhaaf jaalala waan qabaniifi. Kan of murteessan hojii tokkoof, maqaa taʼe tokkoof ykn ramaddii tajaajilaa tokkoof utuu hin taʼin Waaqayyoof akka taʼe beeku. (Qol. 3:23) Ramaddii kam irratti iyyuu gad of qabanii Yihowaa tajaajiluu itti fufuun isaanii isaan gammachiisa. Inni isaaniif akka yaadu waan beekaniif ‘yaaddoo isaanii hundumaa isa irratti gataniiru.’—1 Phe. 5:6, 7.
17. Dubbiin Waaqayyoo amala gad of qabuu akka horannu nu jajjabeessuu isaatti kan galateeffannu maaliifi?
17 Dubbiin Waaqayyoo amala gad of qabuu akka horannu nu jajjabeessuu isaatti baayʼee galateeffanna. Amala jaallatamaa kana yommuu horannu ofis taʼe warra kaan ni fayyadna. Rakkoowwan jireenya keessatti nu mudatan caalaatti dandamachuu dandeenya. Hunda caalaa immoo Abbaa keenya isa samiitti ni dhihaanna. ‘Inni ol jedhaa fi guddaa’ taʼus tajaajiltoota isaa warra gad of qabaniif iddoo guddaa akka kennu beekuu keenyatti baayʼee gammanna.—Isa. 57:15.
FAARFANNAA 45 Wantan Garaa Kootti Yaadu
a Amalawwan baayʼee barbaachisoo taʼanii fi guddifachuu qabnu keessaa tokko amala gad of qabuu ti. Gad of qabuu jechuun maal jechuu dha? Amala kana horachuu kan qabnu maaliifi? Haalli keenya yommuu jijjiiramu gad of qabuun nutti ulfaachuu kan dandaʼu hoo maaliifi? Mata dureen kun gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan kanneen ibsa.
b Mata duree “Yihowaan Arjummaa Natti Argisiiseera” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 1984 (Ingiliffa) irratti baʼe ilaali.
c Boqonnaa 3 key. 23 ilaali.
d IBSA FAKKII: Phaawulos ergamaan mana obbolootaatti gad of qabuudhaan ijoollee dabalatee warra kaanitti dhihaachaa jira.
e IBSA FAKKII: Obboleessi tokko obboleessa dargaggeessa taʼe tokko irraa gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe yommuu fudhatu.
f IBSA FAKKII: Obboleessi maanguddoon sun obboleessa dargaggeessa gumii keessatti mirga argatetti hin hinaafne.