MATA DUREE QOʼANNAA 47
Sirreeffama Gochuu Keessan Itti Fuftuu?
“Dhuma irrattis yaa obbolootaa, gammaduu keessan, sirreeffama gochuu keessan, . . . itti fufaa.”—2 QO. 13:11.
FAARFANNAA 54 “Karichi isa Kana”
QABIYYEEa
1. Akka Maatewos 7:13, 14 jedhutti imala irra jirra jedhamuun kan dandaʼamu akkamitti?
HUNDI keenya iyyuu imala irra jirra. Iddoon gaʼuu barbaannu ykn galmi keenya bulchiinsa Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼe jalatti addunyaa haaraa keessa jiraachuu dha. Guyyaa hundumaa daandii gara jireenyaatti geessu irra deemuuf carraaqqii goona. Taʼus akkuma Yesuus jedhe daandiin kun qalʼoo dha, yeroo tokko tokko immoo daandii kana irra deemuun ulfaataa dha. (Maatewos 7:13, 14 dubbisi.) Mudaa kan qabnu waan taaneef, salphaatti daandii kana irraa jalʼachuu dandeenya.—Gal. 6:1.
2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla? (Saanduqa “Gad Of Qabuun Jijjiirama Gochuuf Nu Gargaara” jedhu ilaali.)
2 Daandii qalʼoo kana irra deemuu keenya itti fufuuf yaada, ilaalchaa fi gocha keenya irratti sirreeffama gochuuf fedhii qabaachuu qabna. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni Qorontos jiraatan, “sirreeffama gochuu” isaanii akka itti fufan jajjabeesseera. (2 Qo. 13:11) Gorsi kun nuufis ni hojjeta. Mata duree kana keessatti Kitaabni Qulqulluun jijjiirama gochuuf akkamitti akka nu gargaaruu fi michoonni bilchaatoo taʼan daandii jireenyaa irra deemuu keenya akka itti fufnu akkamitti akka nu gargaaran ilaalla. Akkasumas qajeelfama jaarmiyaa Yihowaatiin kennamu hordofuun rakkisaa taʼuu kan dandaʼu yoom akka taʼe ilaalla. Gad of qabuun, tajaajila Yihowaa keessatti gammachuu keenya utuu hin dhabin sirreeffama gochuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla.
DUBBIIN WAAQAYYOO AKKA ISIN SIRREESSU HEYYAMAA
3. Dubbiin Waaqayyoo akkamitti nu gargaaruu dandaʼa?
3 Yaada keenyaa fi miira keenya qoruun salphaa miti. Maaliif? Sababiin isaas, garaan keenya inni gantuu taʼe, kallattii kamitti nu geessaa akka jiru hubachuun akka nutti ulfaatu godha. (Er. 17:9) “Sababii sobaa” dhiheessinee of gowwoomsuun salphaa dha. (Yaq. 1:22) Kanaafuu, Dubbii Waaqayyootti fayyadamnee of qoruu qabna. Dubbiin Waaqayyoo keessa keenyatti nama akkamii akka taane jechuunis, “yaadaa fi kaayyoo” garaa keenyaa isa gad fagoo ni mulʼisa. (Ibr. 4:12, 13) Dubbiin Waaqayyoo akka meeshaa raajii kaasuutti keessa keenyatti nama akkamii akka taane hubachuuf nu gargaara. Taʼus, gorsa Kitaaba Qulqulluu irraa argannu ykn namoonni Waaqayyoon muudaman nuuf kennan irraa fayyadamuu yoo barbaanne gad of qabuu qabna.
4. Saaʼol Mootichi of tuulaa akka taʼe wanti argisiisu maali dha?
4 Fakkeenyi Saaʼol Mootichaa amala gad of qabuu yommuu dhabnu maaltu taʼuu akka dandaʼu argisiisa. Saaʼol baayʼee of tuulee waan tureef, yaadaa fi gocha isaa sirreessuun akka isa barbaachisu ofuma isaatiif illee amanee fudhachuu hin dandeenye. (Fr. 36:1, 2; An. 2:4) Kun yeroo Yihowaan, Saaʼol Amaaleqoota erga injifatee booda maal gochuu akka qabu qajeelfama ifa taʼe isaaf kennetti mulʼateera. Haa taʼu malee, Saaʼol Yihowaadhaaf hin ajajamne. Akkasumas yeroo Saamuʼel raajichi waaʼee dhimma sanaa isa haasofsiisu, Saaʼol dogoggora isaa hin fudhanne. Kanaa mannaa, ajajamuu diduun isaa wanta inni geessisu xiqqeessee ilaaluu fi balleessaa isaa warra kaanitti qabachuudhaan gochi isaa sirrii akka taʼe ibsuuf yaaleera. (1 Sa. 15:13-24) Saaʼol sana duras amala akkasii argisiisee ture. (1 Sa. 13:10-14) Kan nama gaddisiisu garaan isaa of tuulaa akka taʼu heyyame. Inni yaada isaa hin sirreessine, kanaafuu Yihowaan isatti dheekkame akkasumas isa dhiise.
5. Fakkeenya Saaʼol irraa maal baranna?
5 Fakkeenya Saaʼol irraa barachuuf gaaffiiwwan kana of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Kitaaba Qulqulluu irraa gorsa tokko yommuun dubbisu, sirreeffama gochuu dhiisuuf sababa nan dhiheessaa? Wanta ajajamuu diduun geessisu xiqqeesseen ilaalaa? Balleessaan raawwadhe warra kaanitti nan qabadhaa?’ Gaaffiiwwan kana keessaa tokkoof illee deebiin kenninu eeyyee yoo taʼe, yaada keenyaa fi ilaalcha keenya irratti sirreeffama gochuun nu barbaachisa. Taʼuu baannaan, garaan keenya baayʼee of tuulaa waan taʼuuf, Yihowaan akka michuu isaatti nu ilaaluu isaa ni dhiisa.—Yaq. 4:6.
6. Garaa garummaa Saaʼol Mootichaa fi Daawit Mooticha gidduu jiru ibsi.
6 Garaa garummaa Saaʼol Mootichaa fi Daawit Mooticha isa “seera Yihowaa” jaallatuu fi isatti aansee mootii taʼe gidduu jiru hubadhaa. (Fr. 1:1-3) Daawit Yihowaan warra gad of qaban akka oolchuu fi warra of tuulan akka mormu beeka ture. (2 Sa. 22:28) Kanaafuu Daawit seerri Waaqayyoo yaada isaa akka sirreessu heyyameera. Daawit, “Yihowaa isa gorsa naaf kenne nan jajadha. Halkan illee yaanni keessa koo jiru na sirreessa” jedhee barreesseera.—Fr. 16:7.
7. Kan gad of qabnu yoo taʼe maal goona?
7 Kan gad of qabnu yoo taʼe, yaadni dogoggoraa qabnu gocha dogoggoraa nu raawwachiisuu isaa dura, Dubbiin Waaqayyoo yaada keenya akka sirreessu heyyamna. Dubbiin Waaqayyoo sagalee, “Karichi isa kana. Isa irra deemaa” jedhee nutti dubbatuu wajjin wal fakkaata. Inni yommuu daandicha irraa gara bitaatti ykn gara mirgaatti jalʼannu nu akeekkachiisa. (Isa. 30:21) Yihowaa yommuu dhaggeeffannu karaawwan hedduudhaan faayidaa arganna. (Isa. 48:17) Fakkeenyaaf namni tokko nu sirreessuu isaatiin kan kaʼe qaanii nutti dhagaʼamu hambisna. Akkasumas Yihowaan akka mucaa jaallatamaa tokkootti akka nu qabu waan hubannuuf caalaatti Yihowaatti dhihaanna.—Ibr. 12:7.
8. Yaaqoob 1:22-25 irratti akkuma ibsame, Dubbii Waaqayyoo akka daawitiitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Dubbiin Waaqayyoo akka daawwitii nuuf taʼuu dandaʼa. (Yaaqoob 1:22-25 dubbisi.) Baayʼeen keenya ganama ganama manaa baʼuu keenya dura daawwitii ni ilaalla. Akkas gochuudhaan warri kaan nu ilaaluu isaanii dura sirreeffama gochuun nu barbaachisa yoo taʼe arguu dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbisnu, karaawwan yaadaa fi ilaalcha keenya sirreessuun itti nu barbaachisu argina. Namoonni baayʼeen manaa baʼuu isaanii dura caqasa guyyaa dubbisuun gaarii taʼee argataniiru. Wanti dubbisan yaada isaanii irratti dhiibbaa akka godhu heyyamu. Achiis guyyaa guutuu gorsa Dubbii Waaqayyoo irraa argatan karaa itti hojii irra oolchan barbaadu. Dabalataanis, barsiifata qoʼannaa guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi wanta dubbisne irratti xiinxaluu dabalatu qabaachuu qabna. Kun salphaa fakkaachuu dandaʼa, taʼus, daandii jireenyaa qalʼoo irra imaluu keenya itti fufuuf wantoota baayʼee barbaachisoo gochuu dandeenyuu fi nu gargaaran keessaa isa tokko dha.
MICHOOTA BILCHAATOO TAʼAN DHAGGEEFFADHAA
9. Michuun keessan isin sirreessuun isa barbaachisuu kan dandaʼu yoomi?
9 Daandii Yihowaa irraa si fageessu irra deemuu jalqabdee beektaa? (Fr. 73:2, 3) Michuun kee bilchaataa taʼe tokko ija jabaatee si sirreessuu yeroo barbaadetti, isa dhaggeeffattee gorsa isaa hojii irra oolchiteettaa? Akkas gooteetta yoo taʼe wanta sirrii raawwatteetta jechuu dha, michuun kee si akeekkachiisuu isaattis akka isa galateeffatte hin shakkisiisu.—Fak. 1:5.
10. Michuun kee tokko yoo si sirreesse maaltu sitti dhagaʼamuu qaba?
10 Dubbiin Waaqayyoo, “Madaan michuun geessisu amanamummaa irraa kan madde” akka taʼe nu yaadachiisa. (Fak. 27:6) Kana jechuun maal jechuu dha? Mee fakkeenya kana ilaali: Daandii konkolaataan itti baayʼatu qaxxaamuruuf utuu eegaa jirtuu, moobaayilii keetiin yaadni kee akka hihhirame godhii yaadi. Utuu asii fi achi hin ilaalin daandicha qaxxaamuruu jalqabde. Achiis yeruma sana michuun kee tokko harka kee qabee butee qarqaraatti si baase. Cimsee waan si qabeef, iddoon inni si qabe ni dirmammaaʼe, taʼus, tarkaanfiin hatattamaa inni fudhate konkolaataadhaan rukutamuu irraa si oolcheera. Harki kee dirmammaaʼuun isaa guyyoota hedduudhaaf kan si dhukkubse taʼus, michuun kee dafee si qabuu isaatti ni mufattaa? Akka hin mufanne beekamaa dha! Gargaarsa inni sii godheef ni galateeffatta. Haaluma wal fakkaatuun, dubbiin kee ykn gochi kee ulaagaa qajeelinaa Waaqayyoo wajjin akka wal hin simne michuun kee yoo si akeekkachiise, jalqaba irratti akka miidhamte sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, gorsa waan sii kenneef isaatti hin aarin. Akkas gochuun gowwummaa dha. (Lal. 7:9) Kanaa mannaa, michuun kee ija jabaatee sitti dubbachuu isaatti isa galateeffadhu.
11. Namni tokko gorsa gaarii michuun isaa isaaf kennu akka hin fudhanne wanti isa gochuu dandaʼu maali dha?
11 Namni tokko gorsa gaarii michuun jaalala qabeessa taʼe isaaf kennu akka hin fudhanne maaltu isa gochuu dandaʼa? Koora dha. Namoonni koora qaban, namoota, “gurra isaanii isaaniif qirqirsan” barbaadu. Namoonni akkasii, “dhugaa dhaggeeffachuu irraa garagalu.” (2 Xi. 4:3, 4) Waaʼee yaada ofii isaanii fi barbaachisummaa isaanii ilaalcha keessa baʼaa qabu. Haa taʼu malee, Phaawulos ergamaan, “Namni tokko iddoo guddaa utuu hin qabaatin iddoo guddaa akka qabutti yoo of ilaale of gowwoomsaa jira” jedhee barreesseera. (Gal. 6:3) Solomoon Mootichi waaʼee kanaa akka gaariitti ibseera. Akkas jedhee barreesseera: “Mootii maanguddoo gowwaa taʼee fi akeekkachiisa fudhachuuf hubannaa gaʼaa hin qabne mannaa, mucaa hiyyeessa ogeessa taʼe wayya.”—Lal. 4:13.
12. Akkuma Galaatiyaa 2:11-14 irratti ibsame fakkeenya Pheexiros ergamaa irraa maal baranna?
12 Yeroo Phaawulos ergamaan namoota duratti Pheexiros ergamaa sirreessetti fakkeenya inni nuuf taʼe ilaali. (Galaatiyaa 2:11-14 dubbisi.) Pheexiros akkaataa Phaawulos itti dubbatee fi iddoo inni dubbachuuf filate irratti xiyyeeffachuudhaan wanta inni dubbatetti aaruu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, Pheexiros ogeessa ture. Gorsicha fudhateera, Phaawulosittis haaloo hin qabanne. Kanaa mannaa, yeroo booda, Phaawulosiin ‘obboleessa jaallatamaa’ jedheera.—2 Ph. 3:15.
13. Yeroo gorsa kenninu qabxiiwwan kamfaa sammuutti qabachuu qabna?
13 Michuu kee tokkoof gorsa kennuu akka qabdu yoo sitti dhagaʼame, qabxiiwwan kamfaa sammuutti qabachuu qabda? Michuu keetti dubbachuu kee dura, ‘“garmalee qajeelaa” of gochaan jiraa?’ jedhii of gaafadhu. (Lal. 7:16) Namni garmalee qajeelaa of godhu ulaagaa Yihowaatiin utuu hin taʼin, ulaagaa ofii isaatiin warra kaanitti murteessa, tarii immoo gara laafinas hin qabu taʼa. Erga of qortee booda michuu kee haasofsiisuu akka qabdu yoo hubatte, dogoggora raawwatame adda baasii dubbadhu, akkasumas michuun kee dogoggora isaa akka hubatu gargaaruuf gaaffiiwwan ilaalchaatti fayyadami. Michuun kee si duratti utuu hin taʼin, Yihowaa duratti akka itti gaafatamu yaadachuudhaan, gorsi kennitu Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa mirkaneessi. (Rom. 14:10) Ogummaa Dubbii Waaqayyoo keessa jirutti amanami, akkasumas yeroo nama tokko gorsitu gara laafina argisiisuu irratti fakkeenya Yesuus hordofi. (Fak. 3:5; Mat. 12:20) Maaliif? Sababiin isaas Yihowaan akkaataa nuti warra kaan itti qabnuun nu qaba.—Yaq. 2:13.
QAJEELFAMA JAARMIYAAN WAAQAYYOO KENNU HORDOFI
14. Jaarmiyaan Waaqayyoo maal nuuf dhiheessa?
14 Yihowaan kutaa jaarmiyaa isaa isa lafa irraa viidiyoowwan, barreeffamootaa fi walgaʼiiwwan gorsa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hojii irra oolchuuf nu gargaaru qopheessutti fayyadamee daandii jireenyaa irra nu qajeelcha. Qophiiwwan kun Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼani dha. Qaamni Ol Aanaan karaa hojiin lallabaa akka gaariitti raawwatamuu itti dandaʼu yommuu murteessu hafuura qulqulluutti amanama. Taʼus, Qaamni Ol Aanaanis murtoo godhe irratti sirreeffamni ni barbaachisa yoo taʼe beekuuf, murtoo godhe yeroo yerootti gamaaggama. Maaliif? Sababiin isaas, “doʼiin addunyaa kanaa jijjiiramaa jira,” jaarmiyaan Waaqayyoos haala haaraa uumamee wajjin sirreeffama gochuu qaba—1 Qor. 7:31.
15. Babalʼistoonni tokko tokko haalli rakkisaan akkamii isaan mudateera?
15 Barumsa buʼuuraa ykn amala keenya ilaalchisee qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee nuuf kennamu fedhiidhaan akka hordofnu beekamaa dha. Haa taʼu malee, jaarmiyaan Waaqayyoo jijjiirama kallattii jireenya keenyaa kan biroo tuqu yommuu godhu maal goona? Fakkeenyaaf, waggoottan dhihoodhaa asitti baasiin gamoowwan waaqeffannaa ijaaruu fi suphuuf barbaachisu baayʼee dabaleera. Kanaafuu, Qaamni Ol Aanaan hamma dandaʼametti gumiiwwan hedduun Galma Walgaʼii tokkotti akka fayyadaman qajeelfama kenneera. Sirreeffama kanaan kan kaʼe, gumiiwwan tokko tokko walitti makamaniiru, Galmawwan Walgaʼii tokko tokkos gurguramaniiru. Kan jiraattu bakka galmawwan gurguramanii fi gumiiwwan walitti makaman yoo taʼe, jijjiirama haaraa kanatti baruun sitti ulfaachuu dandaʼa. Babalʼistoonni tokko tokko gumii irratti hirmaachuuf karaa dheeraa deemuun isaan barbaachisa. Galma Walgaʼii ijaaruuf ykn suphuuf warri jabaatanii hojjechaa turan kaan immoo galmi kun maaliif gurgurame gaaffiin jedhu isaanitti uumamuu dandaʼa. Yeroo fi carraaqqiin isaanii gatii akka dhabe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, amma iyyuu sirreeffama haaraa kana deggeraa jiru, kanaafis galateeffamuu qabu.
16. Gorsa Qolosaayis 3:23, 24 irra jiru hojii irra oolchuun gammachuu keenya eeguuf akkamitti nu gargaara?
16 Yihowaadhaaf hojjechaa akka jirruu fi innis jaarmiyaa isaa geggeessaa akka jiru kan yaadannu yoo taʼe, gammachuu keenya eegnee jiraanna. (Qolosaayis 3:23, 24 dubbisi.) Daawit Mootichi ijaarsa mana qulqullummaatiif buusii gochuudhaan fakkeenya gaarii taʼeera. Akkas jedheera: “Kennaawwan fedhiidhaan kennaman akkanaa kennuudhaaf anis taʼe sabni koo eenyu? Wanti hundi si irraa argame; nutis wantuma harka kee irraa arganne siif kennine.” (1 Se. 29:14) Nutis yommuu qarshii buusii goonu, wantuma harka isaa irraa arganne isaaf kennina. Taʼus, Yihowaan hojii inni barbaadu hojjechuuf yeroo, humnaa fi qabeenya keenya yommuu kenninu ni dinqisiifata.—2 Qo. 9:7.
DAANDII QALʼOO IRRA DEEMUU KEESSAN ITTI FUFAA
17. Sirreeffama gochuun yoo si barbaachise abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?
17 Daandii jireenyaa isa qalʼoo irra deemuu keenya itti fufuuf, hundi keenya faana Yesuus akka gaariitti hordofuu qabna. (1 Ph. 2:21) Deemsa kee irratti sirreeffama gochuu akka qabdu yoo sitti dhagaʼame abdii hin kutatin. Jijjiirama gochuun akka si barbaachisu hubachuun kee mallattoo gaarii qajeelfama Yihowaa hordofuu akka barbaaddu argisiisu taʼuu dandaʼa. Yihowaan yeroo ammaatti mudaa kan qabnu taanee utuu jirruu, fakkeenya Yesuus guutummaatti akka hordofnu akka nu irraa hin eegne yaadadhaa.
18. Galma keenya irra gaʼuuf maal gochuu qabna?
18 Hundi keenya iyyuu gara fuulduraa irratti kan xiyyeeffannuu fi yaada, ilaalchaa fi gocha keenya sirreessuuf fedhii kan qabnu haa taanu. (Fak. 4:25; Luq. 9:62) Gad of qaboo taanee haa jiraannu, akkasumas ‘gammaduu fi sirreeffama gochuu keenya itti haa fufnu.’ (2 Qo. 13:11) Akkas yoo goone, ‘Waaqni jaalalaa fi nagaa nu wajjin taʼa.’ Akkasumas bakka deemuu barbaannu gaʼuu qofa utuu hin taʼin, imala keenyattis ni gammadna.
FAARFANNAA 34 Amanamummaadhaan Deddeebiʼuu
a Nu keessaa tokko tokko yaada keenya, ilaalchaa fi gocha keenya irratti sirreeffama gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Mata dureen kun hundi keenya maaliif sirreeffama gochuun akka nu barbaachisuu fi yeroo kana goonutti gammachuu keenya eegnee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.
b IBSA FAKKII: Obboleessi dargaggeessi tokko murtoo gaarii hin taane erga godhee booda wanta isa irra gaʼe yommuu dubbatu, obboleessi umuriidhaan isa caalu (karaa mirgaa jiru) gorsa kennuun kan isa barbaachisu yoo taʼe beekuuf xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata.