SEENAA JIREENYAA
Hojii Yihowaan Nuu Kenne Matumaa Diduu Akka Hin Qabne Baranneerra
BOKKAA cimaan erga roobee booda lagni dhoqqeetti jijjiiramee dhagaawwan guguddaa hamma fuudhee deemutti saffisaan yaaʼuu jalqabe. Lagicha ceʼuu kan qabnu taʼus, bishaanichi garuu riqicha diigee ture. Abbaan manaa koo fi ani, akkasumas namichi Afaan Amiis nuu hiiku baayʼee sodaannee waan goonu wallaalle. Obboloonni laga gama jiran yaaddoodhaan utuu nu ilaalanii lagicha ceʼuu jalqabne. Jalqaba konkolaataa keenya ishii xinnoo konkolaataa feʼumsaa hamma tokko guddaa taʼe irratti feene. Achiis wadaroo ykn funcaadhaan utuu hin hidhin konkolaatichi suuta jedhee lagichatti seene. Laga gamatti ceʼuun yeroo dheeraa waan fudhatu fakkaata ture; nutis hamma lagicha ceenutti kadhachaa waan turreef dhuma irratti nagaadhaan ceene. Yeroon isaa bara 1971 ture. Bakka itti dhalanne irraa kiilomeetira hedduu fagaannee baha Taayiwaanitti argamna. Mee seenaa keenyan isinitti hima.
YIHOWAA JAALACHUU BARACHUU
Haarveyi obboloota isaa arfan keessaa isa angafaa ti. Maatiin isaa dhugaa kan baratan waggoota 80 ol dura magaalaa Miidlaand Jaankishin jedhamtuu fi Dhiha Awustiraaliyaatti argamtutti ture; yeroo sana biyyattii keessa hiyyummaa cimaatu ture. Haarveyi Yihowaadhaaf jaalala horachuudhaan umuriin isaa waggaa 14 yommuu taʼu ni cuuphame. Achiis utuma baayʼee hin turin hojii gumii keessatti isaaf kennamu yeroo hunda fudhachuu akka qabu barate. Yeroo tokko mucaa waan tureef walgaʼii irratti Masaraa Eegumsaa akka dubbisu gaafatamee gaʼumsa akka hin qabne waan itti dhagaʼameef didee ture. Haa taʼu malee, obboleessi Haarveyiin haasofsiisaa ture, “Namni jaarmiyaa Yihowaa keessa jiru wanta tokko akka gootu kan si gaafatu gaʼumsa akka qabdu waan beekuufi” jechuudhaan ilaalcha isaa akka jijjiiru isa gargaare.—2 Qo. 3:5.
Dhugaa kanan baradhe akkuma Haadha tiyyaa fi obboleettii tiyya angafaa Ingilaanditti ture. Abbaan koo jalqaba irratti kan morme taʼus booda irra garuu dhugaa fudhateera. Yommuu umuriin koo waggaa sagal taʼu heyyama isaa maleen cuuphame. Qajeelchituu taʼuuf, achii immoo misiyoonii taʼuuf galma baafadheen ture. Haa taʼu malee, abbaan koo waggaa 21 guutuu koo dura qajeelchituu akkan taʼu naaf hin heyyamne. Ani garuu hamma sanatti eeguu hin barbaanne. Kanaafuu waggaa 16 yommuun guutu abbaan koo obboleettii tiyya angafa ishii Awustiraaliyaa jiraattu bira akkan deemu naaf heyyame. Achiis waggaa 18 yommuun guutu qajeelchituu taʼeen tajaajiluu jalqabe.
Awustiraaliyaatti Haarveyi wajjin wal barre. Lamaan keenya iyyuu misiyoonota taanee Yihowaa tajaajiluu barbaanna turre. Achii bara 1951tti gaaʼela godhanne. Waggaa lamaaf qajeelchitoota taanee erga waliin tajaajillee booda hojii aanaa akka hojjennu gaafatamne. Aanaan keenya Dhiha Awustiraaliyaa isa baayʼee balʼaa taʼe keessatti argama; kanaafuu yeroo baayʼee naannoowwan gammoojjii fi fagaatanii jiran keessa konkolaataadhaan deemna turre.
HAWWIIN KEENYA NI DHUGOOME
Bara 1954tti mana barumsaa Giiliyaad kutaa 25ffaa akka barannu affeeramne. Hawwiin misiyoonota taʼuuf qabnu dhugoomuuf jedha! Dooniidhaan gara Niwu Yoorki deemnee Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan barachuu jalqabne. Afaan Ispaanish barachuun kutaa barumsaa keenya keessaa tokko ture; Haarveyi qubee r waamuun waan isatti ulfaatuuf afaan kana barachuun isa rakkisee ture.
Utuma barachaa jirruu barsiisonni keenya obboloonni Jaappaanitti ramadamuu barbaadan Afaan Jaappaan barachuuf galmaaʼuu akka dandaʼan beeksisanii turan. Nuti garuu ramaddii keenya jaarmiyaan Yihowaa akka nuu filatu murteessinee turre. Sana booda utuu baayʼee hin turin Aalbarti Shiroodar inni barsiistota Giiliyaad keessaa tokko taʼe Afaan Jaappaan barachuuf akka nuti hin galmoofne hubate. Innis, “Xinnoo irratti yaadaa” nuun jedhe. Ammas maqaa keenya yommuu barreessuu dhiisnu obboleessi keenya Shiroodar, “Anii fi barsiisonni kaan maqaa keessan galmeessineerra. Mee Afaan Jaappaan barachuuf yaalaa” nuun jedhe. Haarveyi afaan kana salphaatti barachuu dandaʼe.
Jaappaan kan dhaqne bara 1955tti ture, yeroo sana guutummaa biyyattii keessa babalʼistoota 500 qofatu ture. Umuriin Haarveyi waggaa 26, kan koo immoo 24 ture. Magaalaa Koobee bakka waggaa afuriif tajaajilletti ramadamne. Achiis hojii daawwannaatti akka deebinu affeeramuu keenyatti baayʼee gammanne; naannoo magaalaa Naagoyaattis tajaajilleerra. Obboloota, nyaataa fi teessuma lafaa isaa dabalatee bakka itti ramadamne jaalannee turre. Haa taʼu malee utuma baayʼee hin turin wanta Yihowaan nu gaafate raawwachuuf carraa kan biraa arganne.
RAMADDII HAARAAN HAALA RAKKISAA HAARAA NUTTI FIDE
Hojii daawwannaa irratti waggaa sadi erga dabarsinee booda waajjirri damee Jaappaan gara Taayiwaan deemnee namoota gosa Amiis taʼaniif akka lallabnu nu gaafate. Obboloonni Amiis tokko tokko gantoota taʼanii waan turaniif waajjirri damee Taayiwaan obboloota Afaan Jaappaan dubbachuu dandaʼanii fi gantummaa kana dhaabsisuu irratti gargaarsa godhan barbaadee ture.a Hojii Jaappaanitti hojjechaa turre waan jaalannuuf kun murtoo ulfaataa ture. Haa taʼu malee, Haarveyi hojii isaaf kenname diduu akka hin qabne waan barateef, deemuuf walii galle.
Sadaasa 1962 achi geenye. Babalʼistoota Taayiwaan keessatti argaman 2,271 keessaa baayʼeen isaanii gosa Amiis turan. Jalqaba garuu Afaan Chaayinaa barachuu qabna turre. Kitaaba Afaan Chaayinaa ittiin barachuu dandeenyu tokko qofa qabna turre; barsiisaan keenyas Afaan Ingiliffaa hin dandaʼu ture, taʼus afaanicha barachuu dandeenyeerra.
Akkuma gara Taayiwaan dhaqneen utuma baayʼee hin turin, Haarveyi hojii biyyattii keessatti raawwatamu akka qindeessu ramadame. Waajjirri damee Taayiwaan xinnoo waan tureef, Haarveyi hojii biiroo xumuree jiʼatti torbee sadiif obboloota Amiis wajjin tajaajila ture. Darbee darbee ilaaltuu ol aanaa koonyaa taʼee tajaajila, kun immoo walgaʼiiwwan guguddaa irratti haasaa kennuu dabalata. Obboloonni Amiis hubachuu akka dandaʼaniif Haarveyi haasaa isaa Afaan Jaappaaniin kennuu qaba ture. Haa taʼu malee, mootummaan walgaʼiiwwan amantii Afaan Chaayinaatiin qofa akka geggeeffaman heyyama ture. Kanaafuu Haarveyi afaanicha wajjin qabsoo gochaa Afaan Chaayinaatiin haasaa isaa yommuu dhiheessu obboleessi tokko immoo gara Afaan Amiisitti hiika.
Yeroo sana Taayiwaan humna waraanaatiin waan bultuuf obboloonni walgaʼiiwwan guguddaa godhachuuf heyyama argachuu qabu turan. Heyyama argachuun salphaa hin turre, yeroo tokko tokko immoo yeroo dheeraa fudhata. Poolisoonni torbee walgaʼichi geggeeffamutti heyyama kennuu yoo baatan, Haarveyi hamma isaan heyyamanitti buufata poolisii keessa taaʼa ture. Poolisoonni namni biyya ormaa buufata isaanii keessa taaʼee eeguun isaa waan isaan qaanessuuf dafanii heyyama nuuf kennu turan.
YEROO JALQABAATIIF GAARA IRRAN BAʼE
Torbanoota obboloota wajjin dabarsinutti, yeroo baayʼee gaara baʼuu fi lageen ceʼuuf saʼaatii tokkoo ol deemna turre. Yeroo jalqabaatiif yeroon itti gaara baʼe nan yaadadha. Ciree erga nyaannee booda barii saʼaatii 11:30tti ganda fagaattee argamtu tokko deemuuf atoobisii yaabbanna; achiis laga balʼaa ceena, akkasumas gaara dheeraa irra baana. Gaarichi baayʼee irraan olee waan tureef, miila obboleessa na dura jiruu ija kootti dhihaata ture.
Ganama sana Haarveyi obboloota naannoo sanaa wajjin yommuu tajaajilutti, ani immoo ganda xinnoo namoonni Afaan Jaappaan dubbatan keessattin kophaa koo tajaajila ture. Saʼaatii dheeraadhaaf utuun hin nyaatin waanan tureef gara saʼaatii tokkoo yommuu taʼu baayʼeen laafe. Dhuma irratti yommuun Haarveyi argadhu obboloonni kan biroon isa bira hin turre. Haarveyi barruulee muraasa hanqaaquu saditti jijjiiree ture. Hanqaaquu tokko uree akkamitti akka dhugamu natti argisiise. Baayʼee miʼaawuu baatus tokko nan yaale. Hanqaaquu isa sadaffaa hoo eenyutu fudhata? Haarveyi yoon of wallaale na baatee gaaricha irraa na buusuu akka hin dandeenye waan itti dhagaʼameef hanqaaquu isa sadaffaa naaf kenne.
HAALA MIJATAA HIN TAANE KEESSATTI DHAQNA DHIQACHUU
Walgaʼii aanaa tokko irratti haala baramaa hin taane tokkotu na mudate. Mana obboleessa manni isaa Galma Walgaʼiitti aanee jiru keessa turre. Amiisonni qaama dhiqachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼetti waan ilaalaniif haati manaa ilaaltuu ol aanaa aanaa dhaqna keenya akka dhiqannu qophii nuuf goote. Haarveyi hojiidhaan qabamee waan tureef ani jalqaba akkan dhiqadhu na gaafate. Dhaqna dhiqachuuf wantoota sadiitu barbaachisa: Isaanis bishaan qorraa baaldii tokko, bishaan hooʼaa baaldii tokkoo fi baaldii duwwaa tokko dha. Kan baayʼee na dinqisiise haati manaa ilaaltuu ol aanaa aanaa sun wantoota kana manaa baastee Galma Walgaʼii fuuldura bakka obboloonni walgaʼii aanaatiif qophii godhan na ilaaluu dandaʼan keesse. Wantan ittiin of dhoksu wayii akka naa kennitun ishii gaafadhe. Ishiinis laastikii nama mulʼisu tokko naa fidde! Mana duuba dhaqee dhiqachuu barbaadeen ture, achi garuu daakkiyyoonni waan jiraniif na ciniinuu dandaʼu jedheen yaade. Achiis akkanan ofiin jedhe: ‘Obboloonni hojiin waan isaanitti baayʼatuuf dhaqna dhiqachaa akkan jiru hin hubatan. Yoon dhiqachuu baadhe immoo ni mufatu. Dhiqachuun qaba!’ Kanaafuu nan dhiqadhe.
AFAAN AMIISIIN BARREEFFAMOOTA QOPHEESSUU
Haarveyi obboloonni Amiis baayʼeen isaanii dubbisuu fi barreessuu waan hin beekneef, akkasumas barreeffamoota waan hin qabneef karaa hafuuraa guddina gochuuf waldhaansoo akka godhan hubate. Qubee Roomaatti fayyadamuudhaan Afaan Amiisiin barreessuun kan jalqabame dhiheenyatti waan taʼeef, obboloonni afaan isaaniitiin dubbisuu akka dandaʼan isaan barsiisuun barbaachisaa ture. Kun hojii guddaa ture, yeroo booda garuu obboloonni afaan isaaniitiin barachuu dandaʼaniiru. Afaan Amiisiin barreeffamoonni qophaaʼuu kan jalqaban dhuma bara 1960tti ture, bara 1968tti immoo Masaraan Eegumsaa Afaan Amiisiin maxxanfamuu jalqabe.
Haa taʼu malee, mootummaan barreeffamoota Afaan Chaayinaatiin hin qophoofne dhorkee ture. Kanaafuu rakkina kana furuuf Masaraan Eegumsaa Afaan Amiis karaa adda addaatiin qophaaʼa ture. Fakkeenyaaf, yeroo muraasaaf Masaraan Eegumsaa itti fayyadamnu Afaan Mandariinii fi Afaan Amiisiin qopheeffama ture. Namni tokko waaʼee kanaa yoo gaafate barreeffamichatti fayyadamnee namoota naannoo sanaa Afaan Chaayinaa waan barsiisnu itti fakkaata. Yeroo sanaa kaasee jaarmiyaan Yihowaa namoonni kun dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaruuf Afaan Amiisiin barreeffamoota hedduu qopheessaa jira.—HoE. 10:34, 35.
YEROO QULQULLINAA
Obboloonni Amiis bara 1960manii fi bara 1970mman keessa jiraatan baayʼeen akka ulaagaa Waaqayyootti hin jiraatan turan. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu guutummaatti waan hin hubanneef obboloonni tokko tokko jireenya naamusaan ala taʼe jiraatu, ni machaaʼu ykn tamboo xuuxu, akkasumas firii mukaa biitil nat jedhamu alaanfatu. Haarveyi gumiiwwan hedduu daawwachuudhaan obboloonni ilaalcha Yihowaan wantoota kanaaf qabu akka hubatan gargaaruuf yaalaa ture. Imala akkasii keessaa isa tokko irratti wanti seensa irratti caqasne nu mudatee ture.
Obboloonni gad of qaban jijjiirama gochuuf fedhii qabu turan, kan nama gaddisiisu garuu obboloonni kan biroo hedduun jijjiirama gochuuf fedhii hin qaban, kanaan kan kaʼes waggoota 20 keessatti lakkoofsi babalʼistoota Taayiwaanitti argamanii 2,450 irraa gara 900tti hirʼatee ture. Kun baayʼee abdii kan nama kutachiisu ture. Haa taʼu malee, Yihowaan jaarmiyaa qulqulluu hin taane matumaa akka hin eebbisne beekna turre. (2 Qo. 7:1) Yeroo booda gochawwan dogoggoraa sun ni qulqulleeffaman; eebba Yihowaatiin amma Taayiwaan keessa babalʼistoota 11,000 oltu jira.
Bara 1980man irraa jalqabee gumiiwwan Amiis karaa hafuuraa fooyyaʼaa yommuu deema argineerra; kanaafuu Haarveyi Chaayinoota wajjin yeroo dabalataa dabarsuu eegale. Abbootii manaa obboleettotaa warra dhugaa baatota hin taane hedduu dhugaa akka fudhatan gargaaruu isaatti baayʼee gammadeera. Namoota kana keessaa inni tokko yeroo jalqabaatiif gara Yihowaatti kadhannaa yommuu dhiheessu hammam akka gammade natti himuu isaa nan yaadadha. Anis namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun gara Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruu kootti baayʼeen gammada. Kana malees namootan kanaan dura Kitaaba Qulqulluu qoʼachiise keessaa ijoolleen isaanii waajjira damee Taayiwaanitti tajaajilaa jiru, anis isaanii wajjin tajaajiluu kootti baayʼeen gammada.
NAMA JAALATAN DUʼAAN DHABUU
Amma garuu hiriyaan gaaʼelaa koo na wajjin hin jiru. Gara waggoota 59f erga waliin jiraannee fi dhukkuba kaansarii wajjin qabsoo gochaa erga turee booda Amajjii 1, 2010tti abbaan manaa koo Haarveyi ni duʼe. Inni tajaajila guutuu keessatti gara waggaa 60 dabarseera! Amma iyyuu baayʼeen isa yaada. Biyyoota dinqisiisoo taʼan lama keessatti isa wajjin tajaajiluu kootti baayʼeen gammada! Afaanota Eeshiyaa ulfaatoo taʼan lama barachuu dandeenyeerra, Haarveyi immoo afaanota kana barreessuu barateera.
Waggoota muraasa booda Qaamni Ol Aanaan umuriin koo waan dabaleef Awustiraaliyaatti deebiʼuun koo gaarii akka taʼe murteesse. Jalqaba irratti, ‘Taayiwaanii deemuu hin barbaadu’ jedheen yaade. Haa taʼu malee, Haarveyi wanta jaarmiyaan Yihowaa na gaafate diduu akkan hin qabne waan na barsiiseef nan deeme. Booda deemuun koo gaarii akka taʼen hubadhe.
Yeroo ammaatti torban gidduutti waajjira damee Awustiraaleezyiyaa keessatti, dhuma torbaniitti immoo gumii naannoo sanatti argamu wajjinan tajaajila. Afaan Jaappaanii fi Afaan Chaayinaa waanan dandaʼuuf, Beetel keessatti afaan kanaan daawwachiisuun na gammachiisa. Abdii duʼaa kaʼuu Yihowaan waadaa gale hawwiidhaanan eeggadha. Yihowaan Haarveyi isa hojii isaaf kenname fudhachuu barates akka yaadatu beeka.—Yoh. 5:28, 29.
a Yeroo ammaa Taayiwaanitti afaan hojii Afaan Chaayinaa taʼus, waggoota hedduudhaaf Afaan Jaappaan afaan hojii taʼee ture. Kanaafuu Afaan Jaappaan amma iyyuu gosoota Taayiwaanitti argaman gidduutti afaan ittiin walii galan taʼee tajaajila.