MATA DUREE QOʼANNAA 49
Bara Baraaf Jiraachuu ni Dandeenya
“Kennaan Waaqayyo kennu . . . jireenya bara baraa ti.”—ROM. 6:23.
FAARFANNAA 147 Bara Baraaf Jiraachuuf Abdii Qabna
QABIYYEEa
1. Waadaa jireenya bara baraa Yihowaan nuuf galerratti xiinxaluun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
YIHOWAAN namoonni isaaf ajajaman “jireenya bara baraa” akka argatan waadaa galeera. (Rom. 6:23) Waadaa Yihowaan nuuf galerratti yeroo xiinxallu jaalalli isaaf qabnu ni guddata. Mee yaadi: Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe baayʼee waan nu jaallatuuf, matumaa isarraa gargar hin baanu.
2. Abdii jireenya bara baraa qabaachuun keenya kan nu gargaaru akkamitti?
2 Abdiin jireenya bara baraa Waaqayyo nuuf kenne qorumsawwan yeroo ammaatti nu mudatan dandamachuuf nu gargaara. Diinonni keenya akka nu ajjeesan yoo nu doorsisanillee, matumaa Yihowaa tajaajiluu hin dhaabnu. Maaliif? Sababiin inni tokko isaaf amanamoo taanee yoo duune Yihowaan duʼaa akka nu kaasuu fi abdii jireenya bara baraa akka qabaannu waan beeknuufi. (Yoh. 5:28, 29; 1 Qor. 15:55-58; Ibr. 2:15) Bara baraaf jiraachuu akka dandeenyu wanti nu amansiise maalidha? Mee sababiiwwan tokko tokko haa ilaallu.
YIHOWAAN BARA BARAAF JIRAATA
3. Yihowaan bara baraaf nu jiraachisuu akka dandaʼu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenye maaliifi? (Faarfannaa 102:12, 24, 27)
3 Yihowaan madda jireenyaa waan taʼeef, akkasumas bara baraaf waan jiraatuuf, bara baraaf akka jiraannu gochuu akka dandaʼu beekna. (Far. 36:9) Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Yihowaan jalqaba akka hin qabnee fi bara baraaf akka jiraatu argisiisan keessaa tokko tokko qalbeeffadhu. Faarfannaan 90:2 Yihowaan “bara baraa hamma bara baraatti” akka jiraatu dubbata. Faarfannaan 102 yaaduma kana wajjin walfakkaatu dubbata. (Faarfannaa 102:12, 24, 27 dubbisi.) Kana malees, Anbaaqom raajichi Abbaa keenya isa samii ilaalchisee akkana jedhee barreesseera: “Yaa Yihowaa, ati bara baraa kaasee jirta mitii? Yaa Waaqa koo, yaa Qulqulluu koo, ati hin duutu.”—An. 1:12.
4. Yihowaan yoomiyyuu akka jiru hubachuun yoo nutti ulfaate dhiphachuu qabnaa? Ibsi.
4 Yaada Yihowaan “bara baraaf” jira jedhu hubachuun sitti ulfaataa? (Isa. 40:28) Yaanni kun namoota baayʼeetti ni ulfaata. Eliihuun, “Barri [isaa] hubannaa keenyaa oli” jedheera. (Iyo. 36:26) Haa taʼu malee, nuti yaada tokko hin hubanne jechuun yaanni sun sobadha jechuu miti. Fakkeenyaaf, humni ibsaa akkamitti akka hojjetu guutummaatti hubachuu dhiisuu dandeenya; haa taʼu malee, kun taʼuun isaa humni ibsaa akka hin jirre argisiisaa? Matumaa! Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan jalqaba kan hin qabne taʼuu isaa fi gara fuulduraattis bara baraaf akka jiraatu guutummaatti hubachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Kana jechuun garuu Waaqayyo bara baraaf hin jiraatu jechuu miti. Uumaan keenya wanta nuti hubachuu dandeenyuun ykn hubachuu hin dandeenyeen hin daangeffamu. (Rom. 11:33-36) Inni maddawwan ifaa kan akka aduu jiran dabalatee uumamni cufti uumamuu isaa dura jira ture. Yihowaan, “inni isa humna isaatiin lafa tolche” akka taʼe nuuf mirkaneesseera. Inni ‘samiiwwan diriirsuu’ isaa dura jira ture. (Er. 51:15; HoE. 17:24) Sababiin bara baraaf jiraachuu akka dandeenyu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaaru kan biraan hoo maalidha?
KAN UUMAMNE BARA BARAAF AKKA JIRAANNUUFI
5. Addaamii fi Hewaan abdii akkamii qabu turan?
5 Yihowaan ilmaan namootaarraa kan hafe uumama lafarra jiraatu hunda kan uume yeroo booda akka duʼu godheeti. Ilmaan namootaa garuu bara baraaf jiraachuu akka dandaʼan godhee uume. Haa taʼu malee, Addaamiin akkana jedhee akeekkachiisee ture: “Muka gaarii fi hamaa beeksisu irraa hin nyaatin; sababiin isaas, guyyaa isa irraa nyaattutti dhugumaan ni duuta.” (Uma. 2:17) Addaamii fi Hewaan utuu Yihowaadhaaf ajajamaniiru taʼee hin duʼan turan. Yihowaan yeroo booda “muka jireenyaa” irraa akka nyaatan isaaniif ni heyyama ture jedhanii yaaduun sirriidha. Kun utuu taʼeemmoo “bara baraaf” akka jiraatan isaaniif mirkaneesseera jechuudha.b—Uma. 3:22.
6-7. (a) Ilmaan namootaa kan uumaman akka duʼaniif akka hin taane wanti argisiisu kan biraan maalidha? (b) Gara fuulduraatti sochii akkamiirratti hirmaachuu barbaadda? (Fakkicha ilaali.)
6 Saayintistoonni tokko tokko ragaa sammuun keenya odeeffannoo umurii yeroo ammaatti jiraannutti kuufachuu dandaʼurra baayʼee caalu qabachuu akka dandaʼu argisiisu argataniiru; kun baayʼee nama dinqisiisa. Bara 2010tti mata dureen gaazexaa Saayintifiik Ameerikaan Maayindi (Scientific American Mind) jedhamurratti baʼe tokko tilmaamaan sammuun keenya odeeffannoo giigaabaayitii miliyoona 2.5 taʼu qabachuu akka dandaʼu gabaaseera. Kunis sagantaa televizyinii saʼaatii miliyoona sadii (waggaa 300 ol) wajjin walqixadha. Sammuun keenya odeeffannoo kanarrayyuu caalu qabachuu dandaʼa taʼa. Yaanni kun Yihowaan sammuun keenya odeeffannoo waggaa 70 ykn 80 keessatti argaturra caalu kuufachuu akka dandaʼu godhee akka uume argisiisa.—Far. 90:10.
7 Yihowaan jiraachuuf fedhii cimaa akka qabaannu godhee nu uume. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “garaa namootaa keessa bara baraaf jiraachuu [akka] kaaʼe” dubbata. (Lal. 3:11) Duʼa akka diina keenyaatti kan ilaallu kanaafi. (1 Qor. 15:26) Dhibee cimaan yoo nu qabe hamma duunutti calluma jennee eegnaa? Lakki. Yeroo baayʼee ogeessa yaalii fayyaa bira deemna, akkasumas qoricha dhukkubicharraa bayyanachuuf nu gargaaru fudhanna. Kana malees, duʼarraa ooluuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. Dargaggeessas taʼe maanguddoo, namni jaallannu tokko yeroo duʼu baayʼee gaddina. (Yoh. 11:32, 33) Uumaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe ilmaan namootaa bara baraaf akka jiraatan kaayyoo hin qabu utuu taʼee, dandeettii bara baraaf barachuu fi fedhii bara baraaf jiraachuu nuuf hin kennu ture. Haa taʼu malee, sababii guddaa bara baraaf jiraachuu akka dandeenyu itti amannu kan biraas qabna. Mee gochawwan Yihowaan kaayyoo isaa isa jalqabaa akka hin jijjiirre argisiisanii fi kanaan dura raawwatee fi yeroo ammaatti raawwachaa jiru tokko tokko haa ilaallu.
KAAYYOON YIHOWAA HIN JIJJIIRAMNE
8. Kaayyoo Yihowaan nuuf qabu ilaalchisee Isaayyaas 55:11 maal nuuf mirkaneessa?
8 Addaamii fi Hewaan cubbuu raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe ijoollee isaaniirratti duʼa kan fidan taʼus, Yihowaan kaayyoo isaa hin jijjiirre. (Isaayyaas 55:11 dubbisi.) Ammayyuu kaayyoon isaa namoonni amanamoon bara baraaf akka jiraatanidha. Xumura kanarra gaʼuu kan dandeenye wanta Yihowaan kaayyoo isaa fiixaan baasuuf jecha dubbatee fi raawwate waan beeknuufi.
9. Waaqayyo waadaa akkamii galeera? (Daaniʼel 12:2, 13)
9 Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuudhaan carraa bara baraaf jiraachuu akka isaaniif kennu waadaa galeera. (HoE. 24:15; Tit. 1:1, 2) Iyyoob inni nama amanamaa ture Yihowaan warra duʼan duʼaa kaasuuf akka hawwu mirkanaaʼaa ture. (Iyo. 14:14, 15) Daaniʼel raajichi namoonni duʼan abdii bara baraaf jiraachuu qabaatanii akka duʼaa kaafaman beeka ture. (Far. 37:29; Daaniʼel 12:2, 13 dubbisi.) Yihudoonni bara Yesuusitti turan Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoodhaaf “jireenya bara baraa” akka kennu beeku turan. (Luq. 10:25; 18:18) Yesuusis irra deddeebiʼee waaʼee waadaa kanaa dubbateera; yeroo inni duʼetti Abbaan isaa duʼaa isa kaaseera.—Mat. 19:29; 22:31, 32; Luq. 18:30; Yoh. 11:25.
10. Duʼaa kaʼuun kanaan dura raawwatame maal nuuf mirkaneessa? (Fakkicha ilaali.)
10 Yihowaan madda jireenyaa waan taʼeef, namoota duʼan gara jireenyaatti deebisuuf humna qaba. Eeliyaas raajichaaf ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi Saraaptaa jiraattuu duʼaa akka kaasuuf humna kenneera. (1 Mot. 17:21-23) Boodas Eelsaaʼi raajichi gargaarsa Waaqayyootiin ilma dubartii Shunaam duʼaa kaaseera. (2 Mot. 4:18-20, 34-37) Seenaawwan kun Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf humna akka qabu nuuf mirkaneessu. Yesuusis yeroo lafarra turetti Abbaan isaa humna kana akka isaaf kenne argisiiseera. (Yoh. 11:23-25, 43, 44) Yeroo ammaatti Yesuus kan jiru samiirra yeroo taʼu, “samii fi lafa irratti aangoon hundi [isaaf] kennameera.” Kanaafuu, waadaa “warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi” bara baraaf jiraachuuf duʼaa akka kaafaman gale raawwachuu ni dandaʼa jechuudha.—Mat. 28:18; Yoh. 5:25-29.
11. Furichi karaa jireenya bara baraa itti argannu kan nuuf bane akkamitti?
11 Yihowaan ilmi isaa inni jaallatamaan duʼa suukanneessaa akka duʼu kan heyyame maaliifi? Yaada Yesuus akkana jechuudhaan dubbaterraa deebii isaa arganna: “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.” (Yoh. 3:16) Cubbuu keenya haguuguuf Ilma isaa furii godhee nuuf kennuudhaan jireenya bara baraa argachuu akka dandeenyuuf karaa nuuf baneera. (Mat. 20:28) Phaawulos kutaa kaayyoo Waaqayyoo barbaachisaa taʼe kana yeroo ibsu akkana jedheera: “Akkuma duuti karaa nama tokkoo dhufe, duʼaa kaʼuun warra duʼaniis karaa nama tokkoo dhufa. Akkuma hundi isaanii karaa Addaam duʼan, hundi isaanii karaa Kiristoos ni jiraachifamu.”—1 Qor. 15:21, 22.
12. Mootummichi kaayyoon Yihowaan nuuf qabu akka raawwatamu gochuurratti gargaarsa kan godhu akkamitti?
12 Yesuus Mootummaan Waaqayyoo akka dhufuu fi fedhiin isaa lafarratti akka raawwatamuuf akka kadhatan duuka buutota isaa barsiiseera. (Mat. 6:9, 10) Kutaan kaayyoo Waaqayyoo inni tokko ilmaan namootaa bara baraaf lafarra akka jiraatanidha. Yihowaan kana galmaan gaʼuuf jecha Ilma isaa Mootii Mootummaa Masihiichaa godhee muudeera. Yesuus wajjin hojjechuudhaan fedhii isaa akka galmaan gaʼaniif namoota 144,000 lafarraa walitti qabaa tureera.—Mul. 5:9, 10.
13. Yihowaan yeroo ammaatti maal gochaa jira? Atoo maal gochuu qabda?
13 Yeroo ammaatti Yihowaan ‘tuuta uummataa guddaa’ walitti qabuudhaan Mootummaa isaa jalatti akka bulaniif leenjisaa jira. (Mul. 7:9, 10; Yaq. 2:8) Namoonni kutaa tuuta uummataa guddaa taʼan addunyaa jibbaa fi waraanaan qoqqoodame keessa kan jiraatan taʼus, jibba akkamiirraayyuu fagaachuuf carraaqqii cimaa godhu. Ammayyuu akka fakkeenyaatti goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti jijjiiruuf carraaqqii gochaa jiru. (Mik. 4:3) Waraana namoonni hedduun akka dhuman godhurratti hirmaachuu mannaa, waaʼee Waaqa dhugaa fi kaayyoo isaa namoota barsiisuudhaan “jireenya isa dhugaa” akka argatan isaan gargaaraa jiru. (1 Xim. 6:19) Mootummaa Waaqayyoo deggeruu isaaniitiin kan kaʼe, miseensonni maatii isaanii isaan mormu ykn rakkinni dinagdee isaan mudachuu dandaʼa; taʼus, Yihowaan wanta isaan barbaachisu isaaniif kenna. (Mat. 6:25, 30-33; Luq. 18:29, 30) Kunis Mootummaan Waaqayyoo dhugumaan akka jiruu fi kaayyoo isaa raawwachuu isaa akka itti fufu nuuf mirkaneessa.
YEROO GAMMACHIISAATU NU EEGGATA
14-15. Waadaan Yihowaan duʼa bara baraaf balleessuuf gale raawwii isaa kan argatu akkamitti?
14 Yesuus yeroo ammaatti samii keessatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa waan jiruuf, waadaawwan Yihowaan nuuf gale hunda ni raawwata. (2 Qor. 1:20) Bara 1914 kaasee diinota isaa injifachaa jira. (Far. 110:1, 2) Innii fi warri isaa wajjin bulchan dhiheenyatti injifannoo isaanii ni xumuru, hamoota hundumaas haxaaʼanii ni balleessu.—Mul. 6:2.
15 Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti namoonni duʼan duʼaa ni kaafamu; ilmaan namootaa ajajamoo taʼan cubbuurraa guutummaatti walaba taʼu. Qorumsa isa dhumaa booda namoonni Yihowaan qajeelota akka taʼanitti isaaniif murteesse “lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.” (Far. 37:10, 11, 29) Kan nama gammachiisu, “diina isa dhumaa kan taʼe duuti ni balleeffama.”—1 Qor. 15:26.
16. Yihowaa tajaajiluuf sababiin nu kakaasu inni guddaan maal taʼuu qaba?
16 Akkuma hamma yoonaatti ilaalle abdiin bara baraaf jiraachuuf qabnu ragaa cimaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamurratti kan hundaaʼedha. Abdiin kunis guyyoota dhumaa baayʼee ulfaatoo taʼan kana keessatti amanamoo taanee jiraachuuf nu gargaara. Yihowaa gammachiisuuf garuu fedhii jiraachuuf qabnu caalaa sababiin amanamoo taʼuuf nu kakaasu kan biraan jiraachuu qaba. Sababiin Yihowaa fi Yesuusiif amanamoo taʼuuf nu kakaasu inni guddaan jaalala guddaa isaaniif qabnudha. (2 Qor. 5:14, 15) Jaalalli isaaniif qabnu fakkeenya isaanii hordofuu fi waaʼee abdii keenyaa warra kaanitti himuuf nu kakaasa. (Rom. 10:13-15) Yommuu ofittummaarraa fagaannuu fi arjaa taanu, Yihowaan bara baraaf michoota isaa akka taanu nuuf heyyama.—Ibr. 13:16.
17. Dhuunfaatti itti gaafatamummaa akkamii qabna? (Maatewos 7:13, 14)
17 Namoota jireenya bara baraa argatan keessaa tokko ni taataa? Yihowaan carraa kana nuuf kenneera. Nuti garuu, daandii jireenyatti geessurra deemuu keenya itti fufuu qabna. (Maatewos 7:13, 14 dubbisi.) Yommuu bara baraaf jiraannu jireenyi maal fakkaata? Deebii gaaffii kanaa mata duree itti aanurratti ilaalla.
FAARFANNAA 141 Jireenyi Ajaaʼiba
a Bara baraaf jiraachuuf ni abdattaa? Yihowaan yeroo waaʼee duʼaa homaa utuu hin dhiphatin jiraachuu itti dandeenyu akka fidu waadaa galeera. Mata duree kana keessatti sababiiwwan Yihowaan waadaa gale akka raawwatu amanannaa guutuu qabaachuu itti dandeenyu tokko tokko qorra.
b Saanduqa “Akkaataa Jechi ‘Bara Baraaf’ Jedhu Kitaaba Qulqulluu Keessatti Itti Hojjetame” jedhu ilaali.
c IBSA FAKKII: Obboleessi maanguddoon tokko yeroo jireenya bara baraa argatu sochiiwwan irratti hirmaatu tokko tokko yaadaan ilaalaa jira.