BOQONNAA 1
“Kunoo, Waaqni Keenya Isa Kana!”
1, 2. (a) Gaaffiiwwan akkamii Waaqayyoon gaafachuu barbaadda? (b) Museen Waaqayyoon maal gaafate?
WAAʼEE Waaqayyoo wajjin haasaʼuu yaaddee beektaa? Qaamni uumama cufa irratti ol aantummaa qabu akka si haasofsiisu yaaduun iyyuu baayʼee si sodaachisa taʼa. Jalqaba irratti kan sodaattu taʼus, suutuma suuta dubbachuu jalqabda. Inni si dhaggeeffata, deebii sii kenna, akkasumas gaaffii barbaadde akka isa gaafattu sii heyyama. Maarree, gaaffii akkamii isa gaafatta?
2 Bara duriitti namni haalli akkasii isa mudate tokko jira. Maqaan isaa Musee jedhama. Gaaffiin inni Waaqayyoon gaafachuu filate si dinqisiisa taʼa. Waaʼee ofii isaa, waaʼee jireenya isaa isa gara fuulduraa ykn waaʼee rakkina ilmaan namootaa illee hin gaafanne. Kanaa mannaa, maqaa Waaqayyoo gaafate. Museen sana dura iyyuu maqaa Waaqayyoo waan beekuuf, gaaffii kana gaafachuun isaa bitaa sitti taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, gaaffiin isaa hiika guddaa kan qabu taʼuu qaba. Gaaffiin kun gaaffii Museen gaafachuu dandaʼu hunda caalaa barbaachisaa ture. Deebiin gaaffii kanaa hunda keenyaaf iyyuu baayʼee barbaachisaa dha. Waaqayyotti dhihaachuuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhattu si gargaaruu dandaʼa. Akkamitti? Kana hubachuuf mee maree dinqisiisaa sana haa qorru.
3, 4. Wanti Museen Waaqayyoo wajjin akka haasaʼu godhe maalidha? Waaʼee maalii haasaʼan?
3 Museen umuriin isaa waggaa 80 ture. Waggoota afurtamaaf saba isaa Israaʼel warra Gibxiitti garboota taʼan irraa fagaatee baqataa taʼee jiraateera. Gaaf tokko utuu hoolota abbiyyuu isaa tiksuu, wanta dinqisiisaa tokko arge. Harangamaan tokko bobaʼaa kan ture taʼus hin gubanne. Harangamaan sun bobaʼuu isaa itti fufe, ifti isaas gaara irratti mulʼata ture. Museen maaliif akka hin gubanne ilaaluuf itti siqe. Yeroo sagaleen tokko ibidda sana keessaa isatti dubbatu baayʼee naʼee taʼuu qaba. Achiis, Waaqayyo karaa maleekaa sagalee dabarsituu isaa taʼe tokkoon Musee wajjin maree balʼaa godhe. Akkuma beektu, Waaqayyo Museen inni mamaa ture, jireenya isaa isa gabii qabu sana dhiisee gara Gibxiitti deebiʼuudhaan Israaʼelota garbummaa jalaa akka baasu isa ajaje.—Baʼuu 3:1-12.
4 Amma Museen gaaffii barbaade Waaqayyoon gaafachuu dandaʼa. Gaaffiin inni gaafachuu filate garuu, “Ani gara Israaʼelotaa dhaqee, ‘Waaqni abbootii keessanii gara keessanitti na ergeera’ yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo, ‘Maqaan isaa eenyu?’ yoo naan jedhan maal jedhee isaaniif deebisu?” kan jedhu ture.—Baʼuu 3:13.
5, 6. (a) Gaaffiin Musee dhugaa salphaa, taʼus barbaachisaa taʼe akkamii nu barsiisa? (b) Maqaa Waaqayyoo irratti wanta qaanessaa akkamiitu raawwatame? (c) Waaqayyo maqaa isaa nutti himuun isaa maal akka barbaadu argisiisa?
5 Gaaffiin Musee Waaqayyo maqaa akka qabu nu hubachiisa. Dhugaa salphaa taʼe kana akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Namoonni hedduun garuu kana akka laayyootti ilaalu. Maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaa, hiikawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu keessaa baafamee maqaawwan ulfinaa kan akka “Gooftaa” fi “Waaqayyo” jedhamaniin bakka buufameera. Kun, gochawwan gaddisiisoo fi qaanessoo maqaa amantaatiin raawwataman keessaa isa tokko dha. Nama tokkoo wajjin yommuu wal bartu jalqaba maal isa gaafatta? Maqaa isaa akka isa gaafattu beekamaa dha. Waaqayyoon beekuufis dura maqaa isaa beekuun kee barbaachisaa dha. Inni Waaqa maqaa hin qabne, kan itti dhihaachuu fi waaʼee isaa beekuun hin dandaʼamne miti. Inni ijaan kan hin argamne taʼu iyyuu, qaamas taʼe maqaa qaba; maqaan isaa Yihowaa dha.
6 Kana malees, Waaqayyo yommuu maqaa isaa nuu ibsu, affeerrii guddaa fi gammachiisaa tokko nuu dhiheessaa jira. Isa akka beeknu nu affeeraa jira. Jireenya keenya keessatti filannaa hunda irra caalu akka goonu, jechuunis akka isatti dhihaannu barbaada. Haa taʼu malee, Yihowaan maqaa isaa nutti himuu caalaas wanta godhe qaba. Waaʼee qaama maqichi bakka buʼuus nu barsiiseera.
Hiika Maqaa Waaqayyoo
7. (a) Ragaan jiru akka argisiisutti maqaan Waaqayyoo hiika akkamii qaba? (b) Museen yommuu maqaa Waaqayyoo gaafatu maal beekuu barbaadee ti?
7 Waaqayyo maqaa hiika balʼaa qabu ofiif baaseera. Maqaan “Yihowaa” jedhu hiika “Akka Taʼu Godha” jedhu akka qabu ragaan jiru ni argisiisa. Wanta hunda kan uume isa waan taʼeef, uumama cufa keessa kan akka isaa hin jiru. Kana malees, kaayyoon isaa hundi akka raawwatamu gochuu fi tajaajiltoonni isaa cubbuu dhaalan illee wanta inni barbaadu akka taʼan gochuu dandaʼa. Kun baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu dha. Haa taʼu malee, maqaan Waaqayyoo hiika kan biraas qabaa? Museen waaʼee kanaa caalaatti beekuu akka barbaade hin shakkisiisu. Yihowaan Uumaa taʼuu isaa beeka; maqaa isaas beeka. Maqaan Waaqayyoo isaaf haaraa hin turre. Namoonni jaarraa hedduuf maqaa kana fayyadamaa turaniiru. Kanaafuu, Museen maqaa Waaqayyoo yommuu gaafatu, eenyummaa qaama maqaan kun bakka buʼee gaafachuu isaa ture. Jecha biraatiin, ‘Sabni kee Israaʼel amantii si irratti qaban cimsachuudhaan ati dhuguma akka isaan oolchitu akka amananiif maalan isaanitti hima?’ jechuu isaa ture.
8, 9. (a) Yihowaan gaaffii Museetiif deebii kan kenne akkamitti? Deebiin inni kenne yeroo baayʼee karaa dogoggora taʼe akkamiitiin hiikama? (b) Yaanni, “Wantan Taʼuu Filadhu Nan Taʼa” jedhu hiika maalii qaba?
8 Yihowaanis eenyummaa isaa ilaalchisee wanta hiika maqaa isaa wajjin walitti dhufeenya qabu tokko dubbate. Museedhaan akkana jedhe: “Wantan Taʼuu Filadhu Nan Taʼa.” (Baʼuu 3:14) Caqasni kun hiikawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu irratti, “Ani Isa jiraataa dha” jedhamee hiikameera. Haa taʼu malee, hiikkaawwan of eeggannoodhaan qophaaʼan Waaqayyo jiraataa taʼuu isaa qofa dubbachaa akka hin turre argisiisu. Kanaa mannaa, Yihowaan abdii kenne raawwachuuf wanta barbaachisu kam iyyuu ‘taʼuu akka filatu’ Museetti, darbees hunda keenyatti himuu isaa ture. Hiikni Joseef Biraayanti Roozarhaam, caqasa kana “Waanan taʼuu barbaade hunda Nan Taʼa” jechuudhaan sirriitti hiikeera. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa tokko yaada kana, “Haalli isaa ykn wanti barbaachisu maal iyyuu yoo taʼe . . . , Waaqayyo wanta barbaachisu sanaaf furmaata ‘ni taʼa’” jechuudhaan ibseera.
9 Yihowaan Israaʼelonni waaʼee isaa maal akka beekan barbaade? Gufuun akkamii iyyuu fuuldura isaanii yoo jiraatee fi rakkinni isaanii hangam iyyuu ulfaataa yoo taʼe, Yihowaan garbummaa jalaa isaan baasee Biyyattii Abdachiifamtetti isaan galchuuf wanta taʼuun isa barbaachisu hunda taʼuu dandaʼa. Maqaan kun Waaqayyotti amanamuuf akka isaan gargaare hin shakkisiisu. Nuufis amanannaa akkasii nuuf argamsiisa. (Faarfannaa 9:10) Maaliif?
10, 11. Maqaan Yihowaa inni Abbaa hundumaa irra caalu taʼuu isaa akka hubannu kan nu gargaaru akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.
10 Mee kana fakkeenyaan haa ilaallu: Warri ijoollee isaanii sirriitti kunuunsuuf guyyaa guyyaadhaan wantoota garaa garaa hedduu hojjechuun isaan barbaachisa. Nyaata isaaniif bilcheessuu, isaan barsiisuu, adaba isaaniif kennuu, wal dhabdee gidduu isaanitti uumamu hiikuu, akkasumas yeroo dhukkubsatan isaan kunuunsuu fi k.k.f gochuu qabu. Haadhotii fi abbootii hedduun wanti baayʼeen kan isaan irraa eegamu taʼuun isaa isaan dhiphisa. Ijoolleen isaanii xixinnoon, haati ykn abbaan isaanii wanta isaan dhiphisuufis taʼe falmii gidduu isaaniitti uumamuuf furmaata akka kennan, ashaangulliitii isaanii akka isaaniif suphanii fi gaaffii isaan gaafatan kamiifi iyyuu deebii kennuu akka dandaʼan amantii guutuu akka qaban warri isaanii ni argu. Yeroo tokko tokko warri wanta isaan irraa eegamu hundumaa gochuu yommuu dadhaban ni gaddu.
11 Yihowaanis Abbaa jaalala qabeessa dha. Haa taʼu malee, ulaagaawwan isaa warra mudaa hin qabne utuu hin cabsin, karaa hunda irra caaluun ijoollee isaa warra lafa irraa kunuunsuuf wanti inni taʼuu hin dandeenye hin jiru. Kanaaf, maqaan isaa inni Yihowaa jedhu Abbaa hunda irra caalu taʼuu isaa akka yaannu nu godha. (Yaaqoob 1:17) Museenis taʼe Israaʼelonni amanamoo taʼan hundi, Yihowaan wanta maqaa isaa wajjin walsimu akka raawwatu hubataniiru. Inni diinota isaanii hunda yommuu injifatu, galaanaa diimaa yommuu gargar hiru, seera mudaa hin qabne yommuu isaaniif baasu, haqaan yommuu isaaniif murteessuu, nyaataa fi bishaan yommuu isaaniif kennu, uffannii fi kopheen isaanii akka dhumnee fi wantoota kan biroo yommuu godhu arganii dinqisiifataniiru.
12. Ilaalchi Faraʼoon Yihowaaf qabu, ilaalcha Musee irraa adda kan taʼe akkamitti?
12 Kanaafuu, Waaqayyo maqaa isaa isa dhuunfaa beeksiseera, waaʼee qaama maqaan sun bakka buʼuu wanta dinqisiisaa taʼe ibseera, waaʼee ofii isaa wanti inni dubbatu dhugaa taʼuu isaas mirkaneesseera. Waaqayyo akka isa beeknu akka barbaadu ifa dha. Maarree nuti hoo isa beekuu ni barbaannaa? Museen Waaqayyoon beekuu barbaadeera. Fedhii guddaan inni qabu kun, jireenya isaa jijjiireera, akkasumas Abbaa isaa isa samiitti baayʼee akka dhihaatu godheera. (Lakkoofsa 12:6-8; Ibroota 11:27) Kan nama gaddisiisu garuu, namoota bara sana jiraatan keessaa fedhii akkasii kan qaban muraasa turan. Museen yommuu maqaa Yihowaa Faraʼoonitti himu, bulchaan Gibxii of tuultuun kun tuffiidhaan, “Yihowaan kun eenyu?” jedhee gaafateera. (Baʼuu 5:2) Faraʼoon gaaffii kana kan gaafate waaʼee Yihowaa beekuu waan barbaadeef hin turre. Kanaa mannaa, Waaqni Israaʼel isa biratti iddoo guddaa akka hin qabne tuffiidhaan ibsuu isaa ture. Yeroo ammaattis namoonni hedduun ilaalcha akkasii qabu. Kun immoo, namoonni dhugaa hunda irra caaluu isa Yihowaan Gooftaa Ol Aanaa taʼuu isaa ibsu akka hin hubanne godheera.
Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa
13, 14. (a) Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa ulfinaa hedduun Yihowaaf kan kenname maaliifi? Isaan keessaa tokko tokko kamfaʼi? (Saanduqa fuula 16 irra jiru ilaali.) (b) “Gooftaa Ol Aanaa” jedhamuu kan dandaʼu Yihowaa qofa kan taʼe maaliifi?
13 Yihowaan waan hundumaa waan taʼuuf, Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaawwan ulfinaa hedduutiin waamamuun isaa sirrii dha. Maqaawwan kun maqaa isaa isa dhuunfaa bakka hin buʼan, kanaa mannaa wanta maqaan isaa kun bakka buʼu caalaatti nu hubachiisu. Fakkeenyaaf, “Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa” jedhameera. (2 Saamuʼel 7:22) Maqaan ulfinaa Kitaaba Qulqulluu keessatti baayʼinaan argamu kun, iddoo guddaa Yihowaan qabu nu hubachiisa. Uumama cufa bulchuuf mirga kan qabu isa qofa dha. Mee akkas kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu.
14 Yihowaan wanta hundumaa waan uumeef kan akka isaa hin jiru. Mulʼanni 4:11, “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala” jedha. Qaama kamiif iyyuu akkas jedhamuu hin dandaʼu. Wantoota uumama cufa keessatti argaman hunda gara jireenyaatti kan fide Yihowaa dha! Yihowaan Gooftaa Ol Aanaa fi Uumaa waan hundumaa waan taʼeef ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun isaaf ni mala.
15. Yihowaan “Mootii bara baraa” kan jedhame maaliifi?
15 Maqaan ulfinaa Yihowaaf qofa kenname inni biraan immoo, “Mootii bara baraa” kan jedhu dha. (1 Ximotewos 1:17; Mulʼata 15:3) Kana jechuun maal jechuudha? Sammuun keenya inni daangeffamaan yaada kana hubachuu hin dandaʼu, garuu Yihowaan yeroo darbettis taʼe gara fuulduraatti bara baraaf jiraataa dha. Faarfannaan 90:2, “Bara baraa hamma bara baraatti ati Waaqa dha” jedha. Kanaafuu, Yihowaan jalqaba hin qabu; inni yeroo hundumaa jiraataa dha. Yihowaan utuu eenyu iyyuu ykn wanti tokko iyyuu uumama cufa keessa jiraachuu hin jalqabin bara baraaf jiraachaa waan tureef, isa “Bara Dheeraa Jiraate” jedhamuun isaa sirrii dha! (Daaniʼel 7:9, 13, 22) Maarree, mirga Yihowaan Gooftaa Ol Aanaa taʼuuf qabu falmuu kan dandaʼu eenyu?
16, 17. (a) Yihowaa arguu kan hin dandeenye maaliifi? Kun nu dinqisiisuu kan hin qabne hoo maaliifi? (b) Yihowaan wanta arginu ykn wanta harkaan qaqqabnu caalaa nuu dhugooma kan jennu maaliifi?
16 Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko akkuma Faraʼoon mirga Yihowaan qabu kana irratti gaaffii kaasu. Kanaaf sababa kan taʼu tokko namoonni mudaa qaban yeroo baayʼee wanta ijaan arganitti qofa kan amanan taʼuu isaa ti. Gooftaa Ol Aanaa ijaan arguu hin dandeenyu. Inni hafuura waan taʼeef, ilmaan namootaa isa arguu hin dandaʼan. (Yohaannis 4:24) Kana malees, namoonni qaama foonii qaban Yihowaa yoo ijaan argan ni duʼu. Yihowaan iyyuu Museedhaan, “Namni kam iyyuu na argee lubbuudhaan jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu” jedheera.—Baʼuu 33:20; Yohaannis 1:18.
17 Kun nu dinqisiisuu hin qabu. Museen tarii karaa maleekaa bakka buʼaa Yihowaa taʼe tokkoon taʼuu dandaʼaa, ulfina isaa hamma tokko arguu dandaʼeera. Yeroo kanatti garuu maaltu taʼe? Sana booda yeroo muraasaaf fuulli Musee ni ‘calaqqise.’ Israaʼelonni fuula Musee kallattiidhaan ilaaluu illee ni sodaatan. (Baʼuu 33:21-23; 34:5-7, 29, 30) Kanaafuu, namni kam iyyuu Gooftaa Ol Aanaa guutummaa ulfina isaatiin isa ilaaluu akka hin dandeenye beekamaa dha! Garuu isa arguu ykn qaqqabuu hin dandeenyu jechuun, inni hin jiru jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Fakkeenyaaf, qilleensa, dambalii raadiyoo fi yaada dabalatee wantoonni ijaan hin argamne hedduun akka jiran ni amanna. Kana malees, waggoonni biliyoona hangana hin jedhamne yoo darban illee Yihowaan hin jijjiiramu! Wantoonni harkaan qaqqabnu ykn ijaan arginu yeroo booda dulloomuu fi baduu dandaʼu; Yihowaan garuu waggoonni hedduun yoo darban iyyuu hin jijjiiramu. Kanaafuu, wantoota qaqqabnu ykn ijaan arginu caalaa nuu dhugoomuu dandaʼa. (Maatewos 6:19) Haa taʼu malee, inni humna guddaa ijaan hin mulʼanne, miira hin qabnee fi waaʼee keenya hin yaanne akka taʼetti yaaduu qabnaa? Mee haa ilaallu.
Waaqa Amalawwan Gaggaarii Qabu
18. Hisqiʼel mulʼata akkamii arge? Fuulli arfan “Uumamawwan jiraatoo” Yihowaatti dhihoo jiranii maal argisiisu?
18 Waaqayyoon arguu kan hin dandeenye taʼus, Kitaaba Qulqulluu keessa seenaa dinqisiisaa haala samii irra jiru hubachuuf nu gargaaru hedduutu jira. Kitaabni Hisqiʼel boqonnaan tokkoffaa kanaaf fakkeenya taʼa. Hisqiʼel, kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii isa saragallaa guddaatti fakkeeffame mulʼataan argeera. Keessumaa, uumamawwan hafuuraa jajjaboon Yihowaatti marsanii jiran baayʼee nama ajaaʼibsiisu. (Hisqiʼel 1:4-10) ‘Uumamawwan jiraatoon’ kun, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabu, bifti isaaniis waaʼee Waaqa tajaajilan kanaa wanta barbaachisaa taʼe tokko nutti hima. Tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afur qabu; isaanis fuula qotiyyoo, fuula leencaa, fuula risaa fi fuula namaa ti. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, fuulawwan kun amalawwan Yihowaa warra guguddaa taʼan arfan bakka buʼu.—Mulʼata 4:6-8, 10.
19. (a) Fuulli qotiyyoo, (b) fuulli leencaa, (c) fuulli risaa, (d) fuulli namaa, amala kam bakka buʼa?
19 Kitaaba Qulqulluu keessatti qotiyyoon humna bakka buʼa; horii cimina guddaa qabu waan taʼeef, humna bakka buʼuun isaa sirrii dha. Murtoo haqaa kennuun ija jabina waan gaafatuuf leenci immoo amala kanaan waan beekamuuf yeroo baayʼee haqa bakka buʼa. Risaan wantoota xixinnoo illee kiilomeetira fagoo irraa arguu waan dandaʼuuf, akka gaariitti ilaaluudhaan beekama. Kanaafuu, fuulli risaa ogummaa Waaqayyo waan tokko fageessee ilaaluuf qabu bakka buʼa. Fuulli namaa hoo maal argisiisa? Namni inni bifa Waaqayyootiin uumame amala Waaqayyoo isa hunda irra caalu, jechuunis jaalala argisiisuu irratti uumamawwan kaan irraa adda dha. (Uumama 1:26) Amalawwan Yihowaa kun, jechuunis humni, haqni, ogummaa fi jaalalli Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa baayʼee waan ibsamaniif, amalawwan Waaqayyoo warra guguddaa jedhamuu dandaʼu.
20. Amalli Yihowaa jijjiirameera taʼa jennee dhiphachuu qabnaa? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?
20 Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu keessatti erga ibsamee waggoonni kumaan lakkaaʼaman waan darbaniif, amma jijjiirameera taʼa jennee dhiphachuu qabnaa? Lakki, amalli Waaqayyoo hin jijjiiramu. Inni iyyuu, “Ani Yihowaa dha; ani hin jijjiiramu” jedheera. (Miilkiyaas 3:6) Yihowaan miiraan kakaʼee yaada isaa hin jijjiiru; kanaa mannaa, inni Abbaa gaarii akkuma haala isaatti tarkaanfii fudhatu dha. Amalawwan isaa kana akka barbaachisummaa isaatti argisiisa. Amalawwan isaa hunda keessaa inni hunda irra caalu jaalala dha. Jaalalli, wanta Waaqayyo godhu hunda irratti ni mulʼata. Waaqayyo humna isaa, haqa isaa fi ogummaa isaatti karaa jaalala qabeessa taʼeen fayyadama. Kitaabni Qulqulluun, waaʼee Waaqayyoo fi waaʼee amala isaa kanaa wanta adda taʼe dubbata. “Waaqayyo jaalala” jedha. (1 Yohaannis 4:8) Caqasichi, Waaqayyo jaalala akka qabu ykn akka argisiisu hin dubbatu. Kanaa mannaa innumti jaalala akka taʼe akka dubbatu qalbeeffadhu. Inni jaalala waan taʼeef, wanta hunda akka godhu kan isa kakaasu amala kana dha.
“Kunoo, Waaqni Keenya Isa Kana!”
21. Amalawwan Yihowaa caalaatti yommuu hubannu maaltu nutti dhagaʼama?
21 Mucaan xinnoon tokko gara abbaa isaatti quba qabee gammadaa fi boonaa, “Sun abbaa kooti” jedhee yeroo hiriyoota isaatti himu argitee beektaa? Tajaajiltoonni Waaqayyoos isatti boonuuf sababii hedduu qabu. Kitaabni Qulqulluun, yeroon namoonni amanamoon, “Kunoo, Waaqni keenya isa kana!” jedhan akka dhufu raajii dubbateera. (Isaayyaas 25:8, 9) Waaʼee amalawwan Yihowaa hubannaa dabalataa argachaa yommuu deemtu, Abbaa hunda irra caalu akka qabdu sitti dhagaʼamaa deema.
22, 23. Kitaabni Qulqulluun Abbaa keenya isa samii akkamitti ibsa? Yihowaan akka isatti dhihaannu kan barbaadu taʼuu isaa akkamitti beekna?
22 Namoonni amantaa fi falaasamaa tokko tokko akka barsiisanitti, Abbaan keenya kun qabbanaaʼaa kan taʼee fi kan namatti hin dhihaanne miti. Waaqa qabbanaaʼaa taʼetti dhihaachuun hin dandaʼamu; Kitaabni Qulqulluunis Abbaa keenya isa samii akkasitti hin ibsu. Kanaa mannaa, “Waaqa gammadaa” akka taʼe ibsa. (1 Ximotewos 1:11) Gochi ykn amalli namootaa Yihowaa gammachiisuu ykn gaddisiisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun uumamawwan isaa warri yaaduu dandaʼan, qajeelfama inni nageenya isaaniitiif kenne yommuu cabsan wanta isatti dhagaʼame yommuu ibsu, ‘Garaan isaa ni gadde’ jedha. (Uumama 6:6; Faarfannaa 78:41) Akka Dubbii isaatti ogummaadhaan yoo jiraanne garuu ‘garaa isaa ni gammachiisna.ʼ—Fakkeenya 27:11.
23 Abbaan keenya akka isatti dhihaannu barbaada. Dubbiin isaa, ‘cimsinee barbaannee akka isa argannu’ nu jajjabeessa, kana jechuun garuu ‘inni tokkoon tokkoon keenya irraa fagoodha jechuu miti.’ (Hojii Ergamootaa 17:27) Haa taʼu malee, ilmaan namootaa Gooftaa Ol Aanaa uumama cufaatti dhihaachuu kan dandaʼan akkamitti?