BOQONNAA 17
“Ogummaan . . . Waaqayyoo Akkam Gad Fagoo Dha!”
1, 2. Kaayyoon Yihowaan guyyaa torbaffaaf qabu maal ture? Jalqaba guyyaa kanaatti hoo ogummaan Waaqayyoo kan qorame akkamitti?
NAMA GADDISIISA! Namni inni guyyaa uumamaa isa jaʼaffaatti uumama hundumaa caalaa ulfina gonfatee uumame, salphina guddaaf saaxilame. Yihowaan ilmaan namootaa dabalatee ‘wanti inni tolche hundi’ “baayʼee gaarii” akka taʼe dubbatee ture. (Uumama 1:31) Haa taʼu malee, jalqaba guyyaa torbaffaatti, Addaamii fi Hewaan Seexana wajjin Waaqayyo irratti finciluu filatan. Achiis cubbuu hojjetan, mudaa godhatan, akkasumas ni duʼan.
2 Kaayyoon Yihowaan guyyaa torbaffaaf baase guutummaatti kan fashalaaʼe fakkaata ture. Guyyaan kun akkuma guyyoota jaʼaan isa dura turanii, dheerina waggoota kuma hedduudhaan lakkaaʼamanii qaba. Yihowaan guyyaa torbaffaa kana qulqulluu jedhee kan murteesse yeroo taʼu, dhuma guyyaa kanaatti guutummaan lafaa jannata namoonni mudaa hin qabne keessa guutan taati. (Uumama 1:28; 2:3) Haa taʼu malee, uumamawwan Waaqayyoo erga isa irratti fincilanii booda, kaayyoon isaa kun akkamitti galma gaʼuu dandaʼa? Waaqayyo maal godha laata? Tarii yeroon kun yoom iyyuu caalaa yeroo ogummaan Yihowaa itti qorame ture.
3, 4. (a) Tarkaanfiin Yihowaan yeroo Eedan keessatti fincilli kaʼe fudhate ogummaa isaa isa guddaa argisiisa kan jennu maaliifi? (b) Amalli gad of qabuu, waaʼee ogummaa Yihowaa yommuu qorannu maal akka yaadannu nu kakaasuu qaba?
3 Yihowaan yeruma sana tarkaanfii fudhate. Warra Eedan keessatti isa irratti fincilan irratti murtii dabarse, rakkina isaan uuman kana furuuf kaayyoo baafates ifa godhe. (Uumama 3:15) Kaayyoon Yihowaa inni hubannaa irratti hundaaʼee fi Eedan keessatti baase kun, seenaa ilmaan namootaa keessatti waggoota kuma hedduudhaan lakkaaʼamaniif kan itti fufu dha. Kaayyoon Yihowaa kun wal xaxaa taʼuu baatus hiika guddaa waan qabuuf, namni Kitaaba Qulqulluu dubbisu tokko umurii isaa guutuu kaayyoo kana qorachuu fi irratti xiinxaluudhaan faayidaa guddaa argachuu dandaʼa. Kana malees, kaayyoon Yihowaa raawwii isaa akka argatu hin shakkisiisu. Hammina, cubbuu fi duʼa guutummaatti ni balleessa. Ilmaan namootaa amanamoo taʼan cubbuu irraa bilisa akka taʼan godha. Yihowaan kaayyoo lafaa fi ilmaan namootaatiif qabu yeruma murteessetti galmaan gaʼuu akka dandaʼuuf, wantoonni kun hundi kan raawwataman guyyaan torbaffaan utuu hin dhumin dura taʼa!
4 Ogummaan kun nama hin ajaaʼibsiisuu? Phaawulos ergamaan, “Ogummaan . . . Waaqayyoo akkam gad fagoo dha!” jedhee barreesseera. (Roomaa 11:33) Bifawwan adda addaa amala kanaa yommuu qorannu, ogummaa Yihowaa isa balʼaa keessaa hubachuu kan dandeenyu xinnoo qofa taʼuu isaa gad of qabnee amanuu qabna. (Iyyoob 26:14) Mee jalqaba hiika amala ajaaʼibsiisaa kanaa haa ilaallu.
Ogummaan Waaqayyoo Maali Dha?
5, 6. Beekumsii fi ogummaan walitti dhufeenya akkamii qabu? Beekumsi Yihowaa hammam guddaa dha?
5 Ogummaan beekumsaa wajjin tokko miti. Kompiitaroonni beekumsa hedduu kuusuu kan dandaʼan taʼus, ogeeyyii jedhamanii waamamuu hin dandaʼan. Taʼus, beekumsii fi ogummaan walitti dhufeenya qabu. (Fakkeenya 10:14) Fakkeenyaaf, dhibee fayyaa cimaa taʼe tokkoof yaalii argachuu utuu barbaaddee, nama waaʼee qorichaa beekumsa xinnoo qabu ykn matumaa beekumsa hin qabne ni mariisistaa? Matumaa akkas hin gootu! Kanaaf, ogummaa dhugaa argachuuf beekumsa sirrii qabaachuun barbaachisaa dha.
6 Yihowaan beekumsa hammana hin jedhamne qaba. “Mootii bara baraa” waan taʼeef, bara baraan kan jiraatu isa qofa dha. (Mulʼata 15:3) Wantoota waggoota hangana hin jedhamne keessatti raawwataman hunda beeka. Kitaabni Qulqulluun, “Uumamni ija isaa jalaa dhokatu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, wanti hundi ija isa nu gaafatu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan saaxilame dha” jedha. (Ibroota 4:13; Fakkeenya 15:3) Yihowaan Uumaa waan taʼeef, wantoota uume akka gaariitti beeka; sochii ilmaan namootaa jalqabaa kaasee gochaa turanis ilaalaa tureera. Yaadaa fi miira tokkoon tokkoon namaa ni beeka. (1 Seenaa Baraa 28:9) Bilisummaa filannaa akka qabaannu godhee waan nu uumeef, yommuu filannaa sirrii goonu ni gammada. Inni ‘Isa kadhannaa namaa dhagaʼu’ waan taʼeef, yeroo tokkotti kadhannaa namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii ni dhagaʼa! (Faarfannaa 65:2) Akkasumas Yihowaan waan hundumaa yaadachuu ni dandaʼa.
7, 8. Yihowaan hubannaa fi ogummaa akka qabu kan argisiise akkamitti?
7 Yihowaan beekumsa qofa utuu hin taʼin hubannaas qaba. Dhugaawwan adda addaa walitti dhufeenya akkamii akka qabanii fi yeroo walitti qindeeffaman bifa akkamii akka qaban hubachuu dandaʼa. Wanta gaarii fi gadhee taʼe, akkasumas wanta barbaachisaa taʼee fi hin taane adda baasuudhaan dhimma tokko madaalee murtii ni kenna. Kana malees, wanta alaan mulʼatu qofa utuu hin taʼin, wanta garaa namaa keessa jirus ni arga. (1 Saamuʼel 16:7) Kanaaf, Yihowaan hubannaa fi dandeettii waa gargar baasuu kan qabu yeroo taʼu, amalawwan kun immoo beekumsa irra ni caalu. Ogummaan garuu hunda irra caala.
8 Ogummaan, beekumsaa fi hubannaa walitti fiduudhaan buʼaa barbaadame argamsiisa. Afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen jechoonni “ogummaa” jedhamanii hiikaman tokko tokko, kallattiidhaan “hojii buʼaa qabu” ykn “ogummaa hojii irra ooluu dandaʼu” jedhamanii hiikamuu dandaʼu. Kanaaf, ogummaan Yihowaa yaada qofa utuu hin taʼin, wanta hojii irra ooluu dandaʼu dha. Yihowaan yeroo hunda beekumsa balʼaa fi hubannaa guddaa qabaachuun isaa, murtoo gaarii gochuu fi murtoo sana immoo karaa hunda irra caaluun hojii irra oolchuuf isa dandeessisa. Ogummaa dhugaa jechuun kana akkasii mitii? Yihowaan wanti Yesuus, “ogummaan qajeelaa taʼuun ishii hojii ishiitiin mirkanaaʼeera” jedhee dubbate dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera. (Maatewos 11:19) Hojiin Yihowaan uumama cufa keessatti hojjete ogummaa isaatiif ragaa guddaa taʼa.
Uumamni Ogummaa Yihowaa Mulʼisa
9, 10. (a) Yihowaan ogummaa akkamii akka qabu argisiise? Kan argisiise hoo akkamitti? (b) Seeliin, ogummaa Yihowaa kan argisiisu akkamitti?
9 Hojii bareedaa namni ogummaa qabu tokko hojjete dinqisiifattee beektaa? Ogummaan akkasii nama ajaaʼibsiisa. (Baʼuu 31:1-3) Haa taʼu malee, maddii fi abbaan ogummaa dinqisiisaa taʼe akkasii Yihowaa dha. Daawit Mootichi Yihowaadhaan, “Karaa dinqisiisaa taʼeen tolfamuun koo sodaadhaan waan na guutuuf sin jajadha. Hojiiwwan kee dinqisiisoo dha, kana akka gaariittan beeka” jedheera. (Faarfannaa 139:14) Dhuguma iyyuu waaʼee qaama namaa caalaatti barachaa yommuu deemnu, ogummaa Yihowaa caalaatti dinqisiifachaa deemna.
10 Kana fakkeenyaan ibsuuf, jireenyi kee kan jalqabe hanqaaquun haadha kee fi sanyiin dhiiraa abbaa keetii walitti makamanii seelii tokko yeroo uumanitti dha. Seeliin sun yeroo xinnoo booda qoqqoodamuu jalqaba. Achiis qaamni kee seelota gara tiriliyoona 100 taʼan irraa ijaarama. Seelonni kun garmalee xixinnoo dha. Seelonni guddina giddu galeessa qaban 10,000 mataa ispiilii tokkoo hin caalan. Haa taʼu malee, seeliin tokko illee uumamni ishii baayʼee wal xaxaa dha. Seeliin tokko maashinii ykn warshaa namni hojjete kam iyyuu caalaa wal xaxaa dha. Saayintistoonni akka jedhanitti, seeliin tokko magaalaa dallaa qabutti fakkeeffamuu dandaʼa; balbala ittiin seenanii fi baʼan, mala geejjibaa, toora walqunnamtii, madda elektiriikii, warshaalee, mala xuriin itti baafamuu fi qulqulleeffamee deebiʼee ittiin hojjetamu, malawwan balaa irraa ittiin of eegan, akkasumas akka magaalaa bulchiinsa giddu galeessaa qabu tokkoo niwukilasii kan qabu dha. Kana malees, seeliin tokko saʼaatii muraasa keessatti seelii isa fakkaatu hojjechuu dandaʼa!
11, 12. (a) Seelonni miciree guddachaa jiru keessatti argaman, gaʼee gara garaa akka qabaatan kan godhu maali dha? Kun hoo yaada Faarfannaa 139:16 irra jiruu wajjin kan walsimu akkamitti? (b) Sammuun keenya ‘karaa dinqisiisaa taʼeen akka tolfamne’ kan argisiisu akkamitti?
11 Dhugaa dha, seelonni hundi tokko miti. Micireen tokko garaa haadhaa keessatti guddaachaa yeroo deemu seeliin inni jalqabaa sun seelota hojii adda addaa hojjetan gara garaatti qoqqoodama. Tokko tokko seelii narvii taʼu, kaan immoo seelii lafee, seelii maashaa, seelii dhiigaa fi seelii ijaa taʼu. Gaʼee hojii akkasii akka qabaatan kan godhu sagantaa DNA keessa isaaniif kaaʼame dha. Daawit hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee Yihowaadhaan, “Yeroon miciree turetti illee ijji kee na argeera; kutaawwan isaa . . . hundi isaanii kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru” kan jedhe kanaafi.—Faarfannaa 139:16.
12 Kutaawwan qaamaa tokko tokko garmalee wal xaxoo dha. Fakkeenyaaf mee sammuu namaa ilaali. Namoonni tokko tokko, sammuun namaa wantoota wal xaxoo uumama cufa keessa jiran hunda irra akka caalu dubbatu. Sammuun namaa, seelota narvii biliyoona 100 taʼan, jechuunis hamma urjoota gaalaaksii keenya keessa jiranii baayʼatan qabateera. Seelonni kun hundi dameewwan kumaan lakkaaʼamanii fi seelota kaanii wajjin itti wal qabatan qabu. Saayintistoonni, sammuun namaa odeeffannoo manneen kitaabaa addunyaa maratti argaman keessa jiru hunda qabachuu akka dandaʼuu fi dandeettii sammuun keenya qabu tilmaamuun akka hin dandaʼamne dubbatu. Saayintistoonni waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif qaama ‘karaa dinqisiisaa taʼeen tolfame’ kana irratti qorannoo kan godhan taʼus, akkaataa sammuun namaa itti hojjetu guutummaatti hubachuu akka hin dandeenye amananiiru.
13, 14. (a) Goondaawwanii fi uumamawwan kaan “uumamumaan ogeeyyii” taʼuu isaanii kan argisiisan akkamitti? Kun waaʼee qaama isaan uumee maal nu barsiisa? (b) Manʼeen sarariitii ogummaa Yihowaaf fakkeenya taʼa kan jennu maaliifi?
13 Haa taʼu malee, ilmaan namootaa ogummaa Yihowaan uumuuf qabu wantoota argisiisan keessaa tokko qofa dha. Faarfannaan 104:24, “Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu! Hunda isaanii ogummaadhaan tolchite. Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti” jedha. Ogummaan Yihowaa, uumamawwan naannoo keenyatti argaman hunda irratti ni mulʼata. Fakkeenyaaf goondaawwan “uumamumaan ogeeyyii dha.” (Fakkeenya 30:24) Haala baayʼee nama ajaaʼibsiisuun kan gurmaaʼan taʼuun isaaniis kana argisiisa. Tuutni goondaa tokko tokko, ilbiisota xixinnoo akkuma horiitti kunuunsanii wanta isaan irraa argatan sooratu. Goondawwan kaan immoo hojii qonnaa hojjechuudhaan nyaata, jechuunis fangasii oomishu. Uumamawwan hedduun kaanis, uumamumaan hojii nama ajaaʼibsiisu akka hojjetan godhamanii uumamaniiru. Titiisni tokko xiyyaara ammayyaa caalaa of irra gaggaragaluudhaan doʼii nama ajaaʼibsiisu argisiisuu dandeessi. Simbirroonni godaanan, urjiidhaan, dirree maagneetii lafaatiin ykn kaartaa keessa isaanii jiruun geggeeffamanii bakka tokko irraa bakka biraa deemu. Hayyoonni baayooloojii, ogummaa uumamawwan kanaa isa hubachuuf rakkisaa taʼe waggoota dheeraaf qorachaa turaniiru. Erga akkas taʼee qaamni dandeettii akkasii isaaniif kenne ogeessa hunda irra caalu mitii?
14 Saayintistoonni ogummaa Yihowaan uumuuf qabu irraa barumsa baayʼee argataniiru. Barumsi mahaandisummaa baayoomimetiksi jedhamuu fi diizaayinii uumamaa fakkeessanii hojjechuu barsiisu illee jira. Tarii ati manʼee sarariitii yommuu ilaaltu wanti si ajaaʼibsiisu bareedina isaa taʼa. Mahaandisii tokko garuu diizaayinii manʼee sanaatu isa ajaaʼibsiisa. Manʼeen sarariitii salphaatti kan ciccitu fakkaatu tokko, shiboo hamma isaa qalʼatuu fi foʼaa uffanni rasaasa ittisu ittiin hojjetamu caalaa jabaata. Kun hammam cimaa dha? Fakkeenyaaf, manʼeen sarariitii tokko hamma saaphana qurxummii itti qaban gaʼutti utuu dhaʼamee humna akkamii akka qabaatu tilmaami. Foʼaan akkasii xiyyaara balaliʼaa jiru dhaabuu dandaʼa! Eeyyee, Yihowaan wantoota kana hunda “ogummaadhaan” uumeera.
Ogummaa Qaamota Samii Irratti Mulʼate
15, 16. (a) Samiin urjiidhaan guutame waaʼee ogummaa Yihowaa maal ibsa? (b) Aangoon Yihowaan maleekota hedduu irratti Ajajaa Ol Aanaa taʼuudhaan qabu, ogummaa Bulchaa kanaa kan argisiisu akkamitti?
15 Ogummaa Yihowaa hojiiwwan isaa uumama cufa keessatti argaman irraa hubachuun ni dandaʼama. Akkuma boqonnaa 5ffaa irratti balʼinaan ilaalle, urjiiwwan samii irratti argaman akkasumaan hawaa keessatti kan facaʼan miti. Yihowaa isa ogummaa isaatiin “seerawwan samii” baaseef galanni haa taʼuutii, qaamonni samii karaa miidhagaa taʼeen gaalaaksotaan gurmaaʼaniiru, gaalaaksonni immoo kilaastarootaan, kilaastaroonni immoo kilaastaroota gugguddaadhaan gurmaaʼaniiru. (Iyyoob 38:33) Yihowaan qaamota samii kana “raayyaa” jedhee waamuun isaa nama hin dinqisiisu. (Isaayyaas 40:26) Haa taʼu malee, raayyaan ogummaa Yihowaa caalaatti argisiisu kan biraanis jira.
16 Akkuma Boqonnaa 4ffaa irratti ilaalle, Yihowaan uumamawwan hafuuraa miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman waan ajajuuf, maqaa ulfinaa “gooftaa raayyaa” jedhu akka qabu baranneerra. Kun humna Yihowaan qabu kan argisiisu dha. Maarree uumamawwan kun ogummaa isaa kan argisiisan akkamitti? Mee yaadi: Yihowaa fi Yesuus matumaa hojii hiikanii hin beekan. (Yohaannis 5:17) Maleekonni tajaajiltoota Waaqa Hundaa Olii kanaas yeroo hunda hojii akka hojjetan beekamaa dha. Maleekonni kun namoota caalaa beekumsaa fi humna guddaa akka qabanis yaadadhu. (Ibroota 1:7; 2:7) Haa taʼu malee, Yihowaan maleekonni kun hundi waggoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif ‘dubbii isaa fi fedhii isaa’ gammachuudhaan akka raawwatan gochaa tureera. (Faarfannaa 103:20, 21) Dhuguma iyyuu ogummaan Bulchaa kanaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa!
Yihowaan “Kophaa Isaa Ogeessa” Dha
17, 18. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “kophaa isaa ogeessa” akka taʼe kan ibsu maaliifi? Ogummaan Yihowaa nu ajaaʼibsiisuu kan qabu hoo maaliifi?
17 Ragaawwan kana hunda yommuu ilaallu, Kitaabni Qulqulluun ogummaan Yihowaa hunda irra kan caalu akka taʼe ibsuun isaa nama ajaaʼibsiisaa? Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “kophaa isaa ogeessa” akka taʼe dubbata. (Roomaa 16:27) Ogummaa mudaa hin qabne kan qabu Yihowaa qofa dha. Maddi ogummaa dhugaa hundaa isa dha. (Fakkeenya 2:6) Yesuus inni uumama Yihowaa hunda caalaa ogummaa guddaa qabu illee, ogummaa ofii isaatti amanamuu mannaa, wanta Abbaan isaa isaan jedhe kan dubbate kanaafi.—Yohaannis 12:48-50.
18 Phaawulos ergamaan ogummaan Yihowaa adda taʼuu isaa akkamitti akka ibse qalbeeffadhu: “Badhaadhinni, ogummaanii fi beekumsi Waaqayyoo akkam gad fagoo dha! Murtiin isaa matumaa qoramuu hin dandaʼu, karaan isaas bira gaʼamuu hin dandaʼu!” (Roomaa 11:33) Phaawulos as irratti yaada “akkam gad fagoo dha!” jedhutti fayyadamuudhaan dinqisiifannaa ogummaa Yihowaatiif qabu ibseera. Jechi afaan Giriikii Phaawulos “gad fagoo” jechuuf itti fayyadame, jecha “qilee” jedhuu wajjin wal fakkaata. Kanaafuu, jechi isaa kun sammuu keenyatti fakkii nuu uuma. Ogummaan Yihowaa akka boolla fageenyii fi balʼinni isaa hangana hin jedhamnee waan taʼeef, ogummaa isaa irratti yommuu xiinxallu bira gaʼuun haa hafuutii, hammam guddaa akka taʼe tilmaamuu illee hin dandeenyu. (Faarfannaa 92:5) Maarree kun akka gad of qabnu nu hin kakaasuu?
19, 20. (a) Risaan ogummaa Waaqayyootiif fakkeenya gaarii kan taʼe maaliifi? (b) Yihowaan wantoota gara fuulduraatti raawwataman dursee beekuu akka dandaʼu kan argisiise akkamitti?
19 Waaʼee gara fuulduraa beekuu kan dandaʼu isa qofa waan taʼeefis, Yihowaan “kophaa isaa ogeessa” jedhamuu dandaʼa. Yihowaan ogummaa isaa ibsuuf risaa fagoodhaa argutti fayyadamuu isaa yaadadhu. Risaan bifa warqee qabu tokko kiilogiraamii 5 qofa kan ulfaatu taʼus, ijji isaa ija nama gaʼeessa tokkoo irra ni caala. Dandeettiin risaan waa arguuf qabu baayʼee ajaaʼibsiisaa waan taʼeef, samii irra meetira dhibbaan lakkaaʼamu ykn kiilomeetira tokko caalaa ol fagaatee utuu jiruu illee wantoota xixinnoo lafa irra jiran arguu dandaʼa. Yeroo tokko Yihowaan risaa ilaalchisee, “Ijji ishiis fagootti arga” jedheera. (Iyyoob 39:29) Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis yeroo gara fuulduraa “fagootti” arguu dandaʼa.
20 Kitaabni Qulqulluun, kun dhugaa taʼuu isaa ilaalchisee ragaa hedduu qabateera. Raajiiwwan dhibbaan lakkaaʼaman ykn seenaawwan dursanii barreeffaman qabateera. Waraana tokko eenyu akka injifatu, kaʼumsaa fi kufaatii bulchitoota addunyaa, akkasumas tooftaaleen ajajjoonni waraanaa tokko tokko itti fayyadaman Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamaniiru. Isaan keessaa tokko tokko waggoota dhibbaan lakkaaʼaman dura barreeffaman.—Isaayyaas 44:25–45:4; Daaniʼel 8:2-8, 20-22.
21, 22. (a) Yihowaan filannoo nuti goonu hunda dursee beeka jedhanii yaaduun sirrii kan hin taane maaliifi? Fakkeenyaan ibsi. (b) Yihowaan ogummaa isaa kan fayyadamu karaa jaalala hin qabneen akka hin taane akkamitti beekna?
21 Kana jechuun garuu, Waaqayyo filannaa ati jireenya kee keessatti gootu dursee beeka jechuudhaa? Namoonni barumsa wanti hundi dursee murteeffameera jedhu amanan tokko tokko, deebiin gaaffii kanaa eeyyee kan jedhu akka taʼe yaadu. Haa taʼu malee, ilaalchi kun Yihowaan dandeettii wanta fuulduratti raawwatamu beekuuf qabu toʼachuu hin dandaʼu yaada jedhu waan dabarsuuf ogummaa inni qabu xiqqeessuu taʼa. Fakkeenyaaf, yeroo sirbitu sagaleen kee ni bareeda utuu taʼee, halkanii fi guyyaa ni sirbitaa? Akkas akka hin goone beekamaa dha! Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan wanta fuulduratti taʼu beekuu kan dandaʼu taʼus, yeroo hunda dandeettii isaa kanatti hin fayyadamu. Kana gochuun, bilisummaa filannaa Yihowaan nuu kenne nu dhabsiisuu taʼa.—Keessa Deebii 30:19, 20.
22 Yaanni wanti hundi dursee murteeffameera jedhu, ogummaan Yihowaa jaalalaa fi gara laafina irratti kan hin hundoofne akka taʼe argisiisa. Haa taʼu malee, kun yaada dhugaa irraa fagaate dha. Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo “garaan isaa ogeessa” akka taʼe barsiisa. (Iyyoob 9:4) Kana jechuun garuu, Yihowaan kallattiidhaan garaa qaba jechuu miti; kanaa mannaa Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee jecha garaa jedhutti kan fayyadamu keessa namaa, jechuunis kakaʼumsaa fi miirawwan akka jaalalaa jiran ibsuufi. Kanaaf, ogummaan Yihowaa akkuma amalawwan isaa kaanii jaalala irratti kan hundaaʼe dha.—1 Yohaannis 4:8.
23. Ogummaan Yihowaa caalmaa qabaachuun isaa maal akka goonu nu kakaasuu qaba?
23 Ogummaan Yihowaa guutummaatti kan amanamu akka taʼe beekamaa dha. Ogummaan Waaqayyoo ogummaa keenya irra baayʼee waan caaluuf, Kitaabni Qulqulluun gorsa akkas jedhu nuu kenna: “Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin. Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi, innis daandii kee wal siif qixxeessa.” (Fakkeenya 3:5, 6) Mee Waaqa keenya isa ogummaa guddaa qabutti caalaatti dhihaachuuf, ogummaa Yihowaa balʼinaan haa qorannu.