BOQONNAA 21
Of Jajuun Sirriidhaa?
OF JAJUU jechuun maal jechuu akka taʼe beektaa?— Mee fakkeenya jecha kana ibsu haa ilaallu. Wanta akka gaariitti hin beekne tokko gochuuf yaaltee beektaa? Tarii kubbaa miilaa taphachuuf ykn funyoo utaaluuf yaalii goota taʼa. Namni tokko erga sitti kolfee booda, “Fidi akkamitti akka taphatamun sitti argisiisa!” siin jedhee beekaa?— Yeroo kanatti namni kun of jajaa jira jechuudha.
Namoonni kaan yommuu akkas godhan maaltu sitti dhagaʼama? Akkas gochuunsaanii si gammachiisaa?— Utuu ati of jajjeehoo maaltu isaanitti dhagaʼama jettee yaadda?— Nama tokkoon “Anatu si caala!” jechuun sirriidhaa?— Yihowaanoo namoota akkas godhan ni jaallataa?—
Barsiisaa Guddichi namoota warra kaanirra akka caalan itti dhagaʼamu beeka ture. Namoonni kun kan of jajan ykn kan of tuulan, akkasumas warra kaan kan tuffatan turan. Kanaan kan kaʼes, gaaf tokko Yesus seenaa of jajuun dogoggora taʼuusaa argisiisu tokko isaanitti hime. Mee seenaa kana waliin haa ilaallu.
Seenaan kun waaʼee nama Fariisicha tokkoofi nama qaraxa sassaabu tokkoo kan ibsudha. Fariisonni, barsiistota amantii yeroo baayʼee namoota kaan caalaa qajeelaafi qulqulluu akka taʼanitti of ilaalan turan. Fariisichi seenaa Yesus dubbate keessatti ibsame, kadhannaa dhiheessuuf gara mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu dhaqe.
Yesus namichi qaraxa sassaabu sunis kadhannaa dhiheessuuf gara mana qulqullummaa dhaquusaa dubbate. Namoonni hedduun warra qaraxa sassaaban hin jaallatan turan. Namoonni kun warri qaraxa sassaaban akka isaan gowwoomsan itti dhagaʼama ture. Namoonni qaraxa sassaaban hedduun yeroo hunda amanamummaadhaan kan hojjetan akka hin turre beekamaadha.
Fariisichi mana qulqullummaa keessatti akkas jedhee kadhate: ‘Yaa Waaqayyo, akka namoota kaanii cubbamaa waanan hin taaneef sin galateeffadha. Namoota hin gowwoomsu ykn wanta gadhee isaanirratti hin raawwadhu. Ani akka qaraxxuu kanaa miti. Ani nama qajeelaadha. Yeroo dabalataa argadhee waaʼeekee yaaduuf, torbanitti siʼa lama nan sooma. Waanan argadhu hundumaa keessaas harka kudhan keessaa harka tokko nan kenna.’ Fariisichi warra kaanirra akka caalu itti dhagaʼamee ture mitii?— Akkas jedhee yaaduu qofa utuu hin taʼin, wanta itti dhagaʼame kanas Waaqayyotti himeera.
Namichi qaraxa sassaabu sun garuu mataasaa gara samiitti ol kaasuu mannaa, mataasaa gadi qabee fagoo dhaabatee kadhate. Cubbuu hojjetetti waan gaddeef, qomasaa rurrukuta ture. Ani nama gaariidha jedhee Waaqayyotti hin dubbanne. Kanaa mannaa, ‘Yaa Waaqayyo ana nama cubbamaatti araarami’ jedhee kadhata ture.
Namoota lamaan kana keessaa Waaqayyoon kan gammachiise isa kam sitti fakkaata? Fariisicha isa nama gaarii akka taʼe itti dhagaʼame sanamoo, namicha qaraxa sassaabuufi waaʼee cubbuusaatiif gadde sanadha jettee yaadda?—
Yesus Waaqayyoon kan gammachiise namicha qaraxa sassaabu sana akka taʼe dubbateera. Kun kan taʼe maaliifi? Yesus, “Kan ol of qabu hundinuu gad in deebifama, kan gad of deebisu immoo ol in qabama” jedheera.—Luqaas 18:9-14.
Yesus seenaa kanatti fayyadamee barumsa akkamii dabarsaa ture?— Warra kaanirra akka caallu yaaduun keenya dogoggora taʼuusaa barsiisaa ture. Namootarra akka caallu afaaniin dubbachuu baannus, gocha keenyaan warra kaanirra akka caallu kan nutti dhagaʼamu taʼuusaa argisiisuu dandeenya. Atoo gocha warra kaanirra akka caaltu akka sitti dhagaʼamu argisiisu raawwattee beektaa?— Mee fakkeenya Phexros ergamaa haa ilaallu.
Yesus, yommuu inni qabamu bartoonnisaa hundisaanii isa dhiisanii akka baqatan yeroo dubbate, Phexros of jajuudhaan, ‘Isaan hundinuu yoo si gananiyyuu, ani gonkumaa si hin ganu’ jedheen. Haataʼu malee, Phexros dogoggoree ture. Phexros nama garmalee ofitti amanamu waan tureef, innis akkuma warra kaanii Yesusiin ganeera. Taʼus akka Boqonnaa 30ffaa kitaaba kanaarratti barannu deebiʼee duuka buutuu Yesus taʼeera.—Maatewos 26:31-33.
Mee fakkeenya si mudachuu dandaʼu tokko haa ilaallu. Atiifi hiriyaankee, mana barumsaatti gaaffii tokko gaafatamtan haa jennu. Ati yeruma sana deebiisaa argachuu yoo dandeesseefi barataan kaan garuu deebisaa argachuu yoo dadhabe maal goota? Deebiisaa argachuukeetti akka gammaddu beekamaadha. Haataʼu malee, nama dafee deebiisaa hin argannee wajjin wal bira qabdee of ilaaluunkee sirriidhaa?— Namoota kaanirra akka caaltuufi isaanimmoo sii gad akka taʼan akka itti dhagaʼamu gochuunoo sirriidhaa?—
Wanti Fariisichi godhe kana ture. Inni nama qaraxa sassaabu sanarra akka wayyu of jajuudhaan dubbateera. Haataʼu malee, Barsiisaa Guddichi Fariisichi dogoggoree akka ture dubbateera. Namni tokko nama kaanirra caalaa wanta tokko hojjechuu akka dandaʼu beekamaadha. Kana jechuun garuu namni kun warra kaanirra wayya jechuu miti.
Kanaaf nama kaan caalaa waan tokko beekuun keenya akka of jajnu nu gochuu qabaa?— Mee dhimma kanarratti yaadi. Sammuu keenya kan uume nuyidhaa?— Nu miti, hunda keenyaaf sammuu kan kenne Waaqayyodha. Wantoota beeknu hedduu namoota kaanirraa baranne. Tarii wantoota tokko tokkommoo kitaabarraa dubbisne taʼa. Yookiin nama tokkotu nutti hime taʼa. Wanta tokko ofii keenyaan yoo beeknellee, kana beekuu kan dandeenye akkamitti?— Eeyyee, Waaqayyo sammuu waan nuu kenneefidha.
Nama waan tokko raawwachuuf carraaqqii guddaa godhu tokko jajjabeessuunkee gaariidha. Wanta inni godhutti akka gammadde itti himi. Tarii wanta sana karaa caalaatti sirrii taʼeen akka hojjetu isa gargaaruu dandeessa. Atis namoonni kaan akkas utuu siif godhanii ni gammadda mitii?—
Namoonni tokko tokko warra kaan caalaa jabina qabu. Atoo obboleessakee ykn obboleettiikee caalaa jabina yoo qabaatte, kun akka of jajju si gochuu qabaa?— Si gochuu hin qabu. Akka jabina argannu kan nu gargaare nyaata nyaannudha. Midhaan akka biqilu gochuuf aduu kan baasu, bokkaa kan roobsuufi wanta barbaachisu hundumaa kan godhummoo Waaqayyo mitiiree?— Kanaaf, jabina arganneef Waaqayyoon galateeffachuu qabna.—Hojii Ergamootaa 14:16, 17.
Hundi keenya nama of jaju hin jaallannu mitii?— Kanaaf yeroo hunda wanta Yesus, “Namoonni akka isinii godhaniif kan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa!” jechuudhaan dubbate haa yaadannu. Kana yoo goone, matumaa akka Fariisicha seenaa Barsiisaa Guddichi dubbate keessatti ibsameefi of jajaa taʼe sanaa hin taanu.—Luqaas 6:31.
Yeroo tokko namichi tokko Yesusiin barsiisaa gaarii jedhee isa waame. Barsiisaa Guddichi yeroo kanatti ‘Eeyyee, ani nama gaariidha!’ jedhee turee?— Hin jenne. Kanaa mannaa, “Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru” jedhee deebiseef. (Maarqos 10:18) Barsiisaa Guddichi mudaa kan hin qabne taʼullee, matumaa of hin jajne. Kanaa mannaa, ulfinni hundinuu Abbaasaa Yihowaadhaaf akka kennamu godheera.
Kanaaf, eenyuun beekuu keenyatti of jajuu qabna?— Uumaa keenya Yihowaa beekuu keenyaan of jajuu dandeenya. Miidhagina yommuu aduun seentu mulʼatuufi uumama nu ajaaʼibsiisu gara biraa yommuu arginu, ‘Kana kan uume Waaqa keenya isa dinqisiisaadha!’ jennee nama tokkotti himuu dandeenya. Kanaaf, wantoota gurguddaa Yihowaan godheefi gara fuulduraatti gochuuf jiru namootatti himuuf yeroo hunda kan qophoofne haa taanu.
Of jajuu ykn kooruu ilaalchisee wanta Caaffanni Qulqullaaʼoon jedhaniifi amala kanarraa fagaachuu barachuu kan qabnu maaliif akka taʼe, Fakkeenya 16:5, 18; Ermiyaas 9:23, 24; 1 Qorontos 4:7 fi 13:4rraa dubbisi.