BOQONNAA 12
Dubbii ‘Ijaarsaaf Tolu’ Dubbadhaa
“Dubbii [ijaarsaaf tolu] . . . malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba’in!”—EFESOON 4:29.
1-3. (a) Kennaa Yihowaan nuu kenne keessaa tokko maalidha? Karaa sirrii hin taane itti fayyadamuun kan danda’amu akkamitti? (b) Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf, akkamitti itti fayyadamuu nu barbaachisa?
NAMNI jaallattu tokko kennaa ati kenniteef ta’e jedhee seeraan ala utuu itti fayyadamee maaltu sitti dhaga’ama? Kennaan kenniteefis konkolaataadhaa haa jennu; dantaa dhabuudhaan konkolaachisuusaatiin namootarra miidhaa akka geessise yoo dhageesse baay’ee hin gaddituu?
2 Dandeettii yaada ofii karaa warri kaan hubachuu danda’aniin dubbachuu Yihowaa isa “kennaan gaariin hundinuu, kennaa guutuun hundinuus” isa biraa maddurraa arganne. (Yaaqoob 1:17) Kennaan kun ilmaan namootaa bineensotarraa adda kan nu taasisu yommuu ta’u, yaada keenya qofa utuu hin ta’in miira keenyas warra kaaniif ibsuuf nu dandeessisa. Haata’u malee, kennaan dandeettii dubbachuu akkuma konkolaataa karaa sirrii hin taaneen faayidaarra ooluu danda’a. Dubbiin dantaa dhabuun dubbatamu warra kaan yeroo dhiphisuufi miidhu Yihowaan baay’ee gadda!
3 Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf, dandeettii dubbachuu kana karaa qaamni kennaa kana nuu kenne akka itti fayyadamnu barbaaduun gargaaramuu qabna. Yihowaan dubbiin isa gammachiisu kan akkamii akka ta’e ifatti dubbateera. Macaafni Qulqulluun, “[“ijaarsaaf kan tolu,” hiika bara 1899] warra dhaga’uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba’in!” jedha. (Efesoon 4:29) Mee amma arraba keenya to’achuun kan barbaachisu maaliifi akka ta’e, dubbii akkamii dubbachuurraa fagaachuu akka qabnuufi ‘dubbii ijaarsaaf tolu’ dubbachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e haa ilaallu.
ARRABA KEENYA TO’ACHUU KAN QABNU MAALIIFI?
4, 5. Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko humna dubbiin qabu akkamitti ibsu?
4 Sababii guddaan arraba keenya to’achuun barbaachisu, wanti dubbannu humna waan qabuufidha. Fakkeenyi 15:4 akkas jedha: “Arrabni dubbii nama suphu dubbatu muka jireenyaa ti; arrabni dubbii mimicciiru garuu yaada namaa cabsa.”a Akkuma bishaanni biqiltuun coollige akka lalisu godhu, arrabni dubbii nama suphu dubbatus namoota dhaggeeffatan haaromsa. Arrabni dubbii mimicciiru garuu yaada namaa cabsuu danda’a. Dhugumayyuu, dubbiin arraba keenya keessaa ba’u humna warra kaan madeessuu ykn fayyisuu qaba.—Fakkeenya 18:21.
5 Fakkeenyi garabiraanis, humna dubbiin qabu ilaalchisee, “Dubbiin gar-malee dubbatamu akka billaa nama waraana” jedha. (Fakkeenya 12:18) Dubbiin garmalee dubbatamu miira namootaarratti madaa cimaa uumuusaarrayyuu, michummaa balleessuu danda’a. Dubbii namni tokko dubbateen yeroo garaankee itti madaa’e jiraa? Fakkeenyumti kun faayidaa arrabni argamsiisu ilaalchisee, “arrabni ogeessaa garuu in fayyisa” jedha. Dubbiin namni ogummaa Waaqayyoo calaqqisu dubbatu, garaa madaa’e fayyisuufi michooma deebisee cimsuu danda’a. Dubbiin gaarummaan dubbatame humna cimsu akka qabu yeroon itti hubatte jiraa? (Fakkeenya 16:24) Wanti dubbannu humna akka qabu waan beeknuuf, arraba keenyaan namoota fayyisuuf malee miidhuuf itti fayyadamuu hin barbaannu.
Dubbii sirriin nama haaromsa
6. Arraba keenya to’achuun carraaqqii cimaa kan gaafatu maaliifi?
6 Carraaqqii cimaa goonus, guutummaatti arraba keenya to’achuu hin dandeenyu. Kanaaf, sababiin inni lammaffaan arraba keenya to’achuun kan nu barbaachisu maaliif akka ta’e ibsa: Cubbuufi mudaa waan dhaalleef, karaa sirrii ta’een arraba keenyatti akka hin fayyadamne dhiibbaa nurratti godha. Dubbiin garaa keessaa waan madduuf, ‘wanti namni garaasaatti yaadu hamaadha.’ (Uumama 8:21; Luqaas 6:45) Kanaaf, arraba ofii guutummaatti to’achuun carraaqqii cimaa gochuu gaafata. (Yaaqoob 3:2-4) Kun ulfaataa ta’us, karaa itti fayyadamnu fooyyessuuf carraaquu dandeenya. Akkuma namni bishaan asii ol daaku dha’a bishaanichaa mo’uuf qabsaa’u, nutis arraba keenyatti karaa sirrii hin taaneen akka itti fayyadamnu dhiibaa nurra ga’u mo’uuf yeroo hundaa carraaquu qabna.
7, 8. Wantoota dubbannuuf Yihowaa duratti hangam itti gaafatamna?
7 Sababii sadaffaan arraba keenya to’achuu nu barbaachisummoo, Yihowaan wantoota dubbannuuf kan nu gaafatu ta’uusaati. Haalli arraba keenya itti fayyadamnu hariiroo namootaa wajjin qabnu qofa utuu hin ta’in, hariiroo Yihowaa wajjin qabnus kan tuqudha. Yaaqoob 1:26 akkas jedha: “Namni, nama amantii qabu of se’ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee, amantiin isaa waa’ee hin baasuuf.” Akkuma boqonnaa darberratti ilaalle, haalli itti arraba keenyaan fayyadamnu waaqeffannaa keenyaa wajjin kan wal qabatedha. Arrabni keenya to’annaa kan hin qabneefi dubbii akka summiitti nama miidhu kan dubbatu taanaan, carraaqqiin Waaqayyoon tajaajiluuf goonu kamiyyuu isa biraatti waa’ee hin baasu. Wanti kun dubbii keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu akka qabnu kan argisiisu mitii?—Yaaqoob 3:8-10.
8 Dandeettii dubbachuu nuu kennametti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuurraa of qusachuuf sababii cimaa kan qabnu ta’uunsaa ifaadha. Karaa ijaarsaaf toluun arraba keenyaan akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu mari’achuu keenya dura, dubbii Kiristiyaanni dhugaa tokko dubbachuu hin qabne haa ilaallu.
DUBBII NAMA DIIGU
9, 10. (a) Yeroo har’aatti dubbii akkamii dubbachuun baramaa ta’aa dhufeera? (b) Dubbii nama yeellaasisu dubbachuurraa of qusachuu kan nu barbaachisu maaliifi? (Miiljalees ilaali.)
9 Dubbii nama yeellaasisu. Yeroo ammaa, dheekkamsi, arrabsoon, dubbii nama yeellaasisan kan biraa dubbachuun baramaa ta’eera. Namoonni hedduun dubbiisaanii arbeessuuf ykn jechoota yaadasaanii ittiin ibsan yeroo dhaban waan nama yeellaasisu dubbatu. Yeroo baay’ee namoonni waltajjiirraa hojjetan warra kaan kolfisiisuuf jechoota nama yeellaasisaniifi saalqunnamtii wajjin wal qabatanitti fayyadamu. Haata’u malee, dubbiin nama yeellaasisu wanta nama kolfisiisuu qabu miti. Waggaa 2,000 dura Phaawulos hafuuraan geggeeffamee Kiristiyaanonni gumii Qolosaayis ‘dubbii nama yeellaasisurraa’ akka fagaatan isaan akeekkachiiseera. (Qolosaayis 3:8) Gumii Efesooniifis “qoosaan hin taane” wantoota Kiristiyaanota dhugaa ‘gidduutti dhaga’amuu’ hin qabne keessaa tokko ta’uusaa ibseera.—Efesoon 5:3, 4.
10 Dubbiin nama yeellaasisu Yihowaa ni gaddisiisa. Namoota Yihowaa jaallatanis ni gaddisiisa. Dhugumayyuu, jaalalli Yihowaaf qabnu dubbii nama yeellaasisu dubbachuurraa of qusachuuf nu kakaasa. Phaawulos waa’ee “hojii foonii” yommuu caqase, ‘xuraa’ummaan’ dubbii nama yeellaasisu kan dabalatu ta’uusaa ibseera. (Galaatiyaa 5:19-21) Kun dhimma xiyyeeffannaa guddaan kennamuufii qabudha. Namni tokko irra deddeebi’amee gorsi kennamuufis, qalbii geddarachuu diduudhaan amala safuu hin qabne argisiisuu, dubbii ciiggaasisaafi nama yeellaasisu dubbachuusaa yoo itti fufe gumii keessaa baafamuu danda’a.b
11, 12. (a) Waa’ee warra kaanii dubbachuun miidhaa kan geessisu yoomi? (b) Waaqeffattoonni Yihowaa dubbii maqaa namaa balleessu dubbachuurra of qusachuu kan qaban maaliifi?
11 Waa’ee namootaa dubbachuu, maqaa balleessuu. Namoonni waa’ee namootaafi waa’ee jireenyasaanii dubbachuu jaallatu. Haata’u malee, waa’ee namootaa dubbachuun yeroo hundaa gadheedha jechuudhaa? Eenyu akka cuuphame, jajjabina argachuun kan isa barbaachisu eenyu akka ta’eefi oduu nama gammachiisu dubbachuuf taanaan, wanti dubbanne gadheedha jechuu miti. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan waliisaaniitiifi nageenya warra kaaniif waan yaadaniif, odeeffannoo waa’ee namoota hidhata amantiisaanii ni dubbatu turan. (Efesoon 6:21, 22; Qolosaayis 4:8, 9) Haata’u malee, wanti dubbannu dhugaa jiru kan jal’isu ykn iccitii namootaa kan baasu yoo ta’e hamii waan ta’eef miidhaa geessisuu danda’a. Wanti kana caalaa ulfaataa ta’emmoo, hamiin akkasii gara maqaa balleessuutti kan nama geessu ta’uusaati. Maqaa balleessuun, “nama tokko sobaan hadheessuudhaan maqaa gaarii inni qabu xureessuu” jechuudha. Fakkeenyaaf Fariisonni Yesusiin namoota kaan biratti fudhatama dhabsiisuuf hamminaan maqaasaa balleessaniiru. (Maatewos 9:32-34; 12:22-24) Maqaa namaa balleessuun yeroo baay’ee walitti bu’iinsa uuma.—Fakkeenya 26:20.
12 Yihowaan namoota dandeettii dubbachuu isaaniif kennameen maqaa warra kaanii balleessuuf ykn gargar ba’uun akka uumamu gochuuf itti fayyadaman callisee hin ilaalu. Yihowaan nama “gargar ba’uu obboloota gidduutti facaasu” ni jibba. (Fakkeenya 6:16-19) Jechi afaan Giriikii “kan maqaa balleessu” jedhamee hiikame, diiyaaboloos kan jedhu yommuu ta’u, jechumti kun maqaa Seexanaa ta’ee tajaajileera. Inni hamminaan kaka’ee maqaa Waaqayyoo waan balleesseef “Diiyaabilos” jedhamee waamameera. (Mul’ata 12:9, 10) Maqaa warra kaanii balleessuudhaan Diiyaabilosiin fakkaachuu waan hin barbaanneef akka of eegnu beekamaadha. Hojii foonii inni ‘qoccolloofi yaadaan gargar ba’uun’ akka uumamu godhu gumii keessatti iddoo hin qabu. (Galaatiyaa 5:19-21) Kanaaf, dubbii dhageesse tokko dubbachuukee dura akkas jedhii of gaafadhu: ‘Dubbichi dhugaadhaa? Dabarsee yoon dubbadhe gaarummaa ta’aa? Kana dubbachuun barbaachisaafi faayidaa kan qabudhaa?’—1 Tasaloniiqee 4:11.
13, 14. (a) Arrabsoon namootarra miidhaa akkamii geessisa? (b) Namni namoota arrabsuu amaleeffate haala sodaachisaa akkamii keessatti argama?
13 Arrabsoo. Akkuma armaan olitti ibsame dubbiin humna nama miidhu qaba. Hundi keenyayyuu, cubbamoota waan taaneef, yeroo tokko tokko dubbii nu gaabbisiisu dubbanna. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun dubbii mana Kiristiyaana tokkoo ykn gumii keessatti matumaa dubbatamuu hin qabne ilaalchisee akeekkachiisa kenna. Phaawulos Kiristiyaanota, “Hadhaa’ummaan, dheekkamsi, aariin, waci, [arrabsoon, NW] . . . isin irraa haa fagaatu!” jechuun gorseera. (Efesoon 4:31) Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko jecha “arrabsoo” jedhu “dubbii hamaa,” “dubbii nama miidhu,” akkasumas “dubbiin nama waraanuu” jedhanii hiikaniiru. Arrabsoon, maqaa salphisuun nama waamuufi ceepha’uun, nama tokko ulfina kan dhabsiisu ta’uusaarrayyuu, akka waan gatii hin qabneetti akka of ilaalu gochuu danda’a. Keessumaa ijoolleen kunuunsa barbaadaniifi warra kaan amanan arrabsoon baay’ee isaan miidhuu danda’a.—Qolosaayis 3:21.
14 Macaafni Qulqulluun, barsiifata namoota arrabsuu ni balaaleffata. Namni akkasii gargaarsa irra deddeebi’amee godhamuuf kan hin fudhanneefi kan hin jijjiiramne taanaan, gumii keessaa baafamuu waan danda’uuf haala rakkisaa keessatti argama. Kana malees, carraa addunyaa haaraa keessa jiraachuu isa dhabsiisuu danda’a. (1 Qorontos 5:11-13; 6:9, 10) Kanaaf, dubbii sirrii, dhugaafi gaarii hin taane dubbanna taanaan jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu akka hin dandeenye beekamaadha. Dubbiin akkasii miidhaa geessisa.
‘DUBBII IJAARSAAF TOLU’
15. ‘Dubbiin ijaarsaaf tolu’ kan akkamiiti?
15 Dandeettii dubbachuu Waaqayyo nuu kenne karaa inni barbaaduun itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Macaafni Qulqulluun, ‘dubbii ijaarsaaf tolu’ akka dubbannu kan nu akeekkachiisu ta’uusaa qalbeeffadhu. (Efesoon 4:29) Yihowaan dubbii namoota kaan jajjabeessuufi ijaarsaaf tolu yeroo dubbannu ni gammada. Dubbii akkasii dubbachuun of eeggannoon irratti yaaduu gaafata. Macaafni Qulqulluun seera murtaa’aa hordofuu qabnu yookiin “dubbii sirrii” jedhamanii waamaman warra kam akka ta’an waan tarreesse hin qabu. (Tiitoos 2:8) ‘Dubbii ijaarsaaf tolu’ dubbachuuf, karaawwan salphaa, garuu baay’ee barbaachisaa ta’an addaan baafamee ittiin beekamu sadii haa qalbeeffannu. Isaanis, dubbii sirrii, dubbii dhugaafi gaarummaa kan argisiisanidha. Isaan kana yaadatti qabachuudhaan dubbiin ijaarsaaf tolu kan akkamii akka ta’e fakkeenya muraasa haa ilaallu.—Saanduqa “Dubbiinkoo Ijaarsaaf Kan Toludhaa?” jedhu ilaali.
16, 17. (a) Warra kaan galateeffachuu kan qabnu maaliifi? (b) Gumiis ta’e maatii keessatti, carraawwan warra kaan galateeffachuuf gargaaran akkamii jiraachuu danda’u?
16 Garaadhaa galateeffachuu. Yihowaafi Yesus dinqisiifachuufi galateeffachuun barbaachisaa ta’uusaa ni hubatu. (Maatewos 3:17; 25:19-23; Yohannis 1:47) Nutis Kiristiyaanota waan taaneef, warra kaan garaa keenyaa galateeffachuun barbaachisaadha. Maaliif? Fakkeenyi 15:23, “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal ba’eessa!” jedha. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Warri kaan yommuu garaadhaa na galateeffatan maaltu natti dhaga’ama? Garaankoo hin gammaduu? Na hin jajjabeessuu?’ Dhugumayyuu, garaadhaa galateeffatamuunkee namni si hubatuufi sii yaadu akka jiru, akkasumas wanti ati gootu gatii kan qabu akka ta’e si hubachiisa. Kunimmoo, amantaa ofirratti qabdu kan sii jabeessu ta’uusaarrayyuu, fuulduraatti jabaattee akka hojjettu si kakaasa. Warri kaan yommuu si galateeffatan kan si gammachiisu taanaan, atis gama keetiin warra kaan galateeffachuuf carraaqqii gochuu hin qabduu?—Maatewos 7:12.
17 Gocha gaarii warri kaan raawwatan hubachuuf of leenjisuudhaan dinqisiifannaakee ibsiif. Gumii keessatti haasawaa akka gaariitti qophiin irratti godhame, dargaggeessa galmawwan hafuuraarra ga’uuf carraaqu ykn obboleessa dullumni sochiisaa jalaa daangessullee yeroo hundaa amanamummaan walga’iirratti argamu arguu dandeessa. Namoota akkasii garaadhaa galateeffachuun keenya akka gammadaniifi karaa hafuuraa akka jabaatan gochuu danda’a. Maatii keessattis, abbaan manaafi haati manaa, waliisaaniirraa jechoota galateeffannaafi dinqisiifannaa dhaga’uun isaan gammachiisa. (Fakkeenya 31:10, 28) Keessumaa ijoolleen akka hin dagatamneefi akka jaallataman hubachuunsaanii guddina gaarii akka qabaatan gargaara. Akkuma biqiltuun tokko aduufi bishaanni isa barbaachisu, mucaan tokkos warrasaarraa galataafi dinqisiifannaa argachuu isa barbaachisa. Warra kan taatan, amala gaarii ijoolleen keessan argisiisuuf carraaqaniif carraa argattan hundaatti isaan galateeffadhaa. Akkas gochuun keessan, ija jabeeyyiifi ofitti akka amanan gochuusaarrayyuu, wanta sirrii ta’e gochuuf caalaatti akka carraaqan godha.
18, 19. Namoota hidhata amantii keenya ta’an jajjabeessuuf wanta dandeenyu hundaa gochuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Jajjabina. Yihowaan waa’ee namoota “garaan isaanii cabee fi warra gad deebi’anii” baay’ee yaada. (Isaayaas 57:15) Macaafni Qulqulluun, walii keenya ‘wal jajjabeessuus’ ta’e ‘warra dhiphatan jajjabeessuu’ akka itti fufnu nu gorsa. (1 Tasaloniiqee 5:11, 14) Carraaqqiin namoota hidhata amantii keenya ta’aniifi garaansaanii cabe jajjabeessuuf goonu Waaqayyo akka hubatuufi akka dinqisiifatu mirkanaa’uu dandeenya.
19 Akkas taanaan, obboleessa abdii kutateefi dhiphate dubbii ijaarsaaf tolu akkamiitiin jajjabeessuu dandeessa? Rakkoo uumameef furmaata argamsiisuun qaba jettee hin yaadin. Yeroo hedduu, wantoota muraasa qofa dubbachuun jijjiirama guddaa argamsiisuu danda’a. Nama yaanni garaasaa cabeef akka yaaddu mirkaneessiif. Nama abdii kutatee wajjin kadhachuu akka barbaaddu ibsiif; achiis namni kun namootaafi Waaqa biratti kan jaallatamu ta’uusaa akka hubatu akka isa gargaaruuf Yihowaa kadhadhu. (Yaaqoob 5:14, 15) Akka miseensa gumii tokkotti kan ilaalamuufi bakka guddaan kan kennamuuf ta’uusaa mirkaneessiif. (1 Qorontos 12:12-26) Caqasa Macaafa Qulqulluu nama jajjabeessuufi Yihowaan dhuunfaatti kan isaaf yaadu ta’uusaa akka hubatu isa gargaaru tokko dubbisiif. (Faarfannaa 34:18; Maatewos 10:29-31) Nama baay’ee gaddeef ‘dubbii gaarii’ hiruuf jecha, yeroo dheeraa isaa wajjin dabarsuunkee garaakeetii dubbachuunkee nama jaallatamuufi barbaadamu ta’uusaa akka hubatu isa gargaaruu danda’a.—Fakkeenya 12:25.
20, 21. Wantoonni gorsi tokko bu’a qabeessa akka ta’u godhan maalfa’i?
20 Gorsa bu’u-qabeessa. Hundi keenya cubbamoota waan taaneef yeroo gorsi itti nu barbaachisu jira. Macaafni Qulqulluun, “Gara booddeetti ogeessa akka taatutti, gorsa dhaga’i, barsiisas fudhadhu!” jechuun nu gorsa. (Fakkeenya 19:20) Warra kaan gorsuun jaarsoliif qofa kan dhiisame miti. Warris ijoolleesaanii ni gorsu. (Efesoon 6:4) Obboleettonni ge’eessota ta’an obboleettota umrii dargaggummaarratti argaman gorsuun isaan barbaachisa ta’a. (Tiitoos 2:3-5) Jaalalli warra kaaniif qabnu nama gorsinu utuu hin miidhin karaa gorsicha fudhachuu danda’uun akka gorsinu nu kakaasa. Gorsa akkasii kennuuf maaltu nu gargaara? Wantoota gorsa bu’a qabeessa ta’e kennuuf nu gargaaran sadii haa ilaallu: isaanis, haalaafi sababii namni gorsa kennu itti kaka’e, wanta gorsichi irratti hundaa’eefi karaa gorsichi itti kennamedha.
21 Gorsi bu’a qabeessi, nama gorsa kennurraa jalqaba. ‘Gorsa fudhachuun kan anatti hin ulfaanne yoomi?’ jedhii of gaafadhu. Namni si gorsu akka siif yaadu, aariisaa sitti ba’uuf akka hin taaneefi kaayyoo dhokataa akka of keessaa hin qabne yommuu hubattu gorsa fudhachuun sitti hin ulfaatu. Kanaaf, atis warra kaan yommuu gorsitu haalaafi sababiin gorsa itti kennitu akkas ta’uu hin qabuu? Kana malees, gorsi tokko bu’a qabeessa kan ta’u Dubbii Waaqayyoorratti yoo hundaa’edha. (2 Ximotewos 3:16) Kallattiin Macaafa Qulqulluurra caqasnus caqasuu baannus, gorsi kenninu kamiyyuu, Caaffata Qulqulluurratti kan hundaa’e ta’uu qaba. Kanaaf, jaarsoliin namoonni kaan ilaalcha isaan dhuunfaatti qaban akka fudhatan dhiibbaa gochuu, ilaalchisaanii kunis Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’e fakkeessuuf caqasoota jal’isanii itti fayyadamuurraa of qusatu. Kana malees, gorsi bu’a qabeessa ta’uu kan danda’u karaa sirrii ta’een yoo kennamedha. Gorsa gaarummaan kenname fudhachuun kan hin ulfaanne yommuu ta’u, namni gorsi kennameefis ulfinnisaa akka jalaa tuqametti akka hin yaanne isa taasisa.—Qolosaayis 4:6.
22. Kennaa dandeettii dubbachuutti haala itti fayyadamtu ilaalchisee maal gochuuf murteessiteetta?
22 Dhugumayyuu, dandeettiin dubbachuu kennaa gaarii Waaqayyo biraa kennamedha. Jaalalli Yihowaaf qabnus, kennaa kanaan karaa sirrii ta’een akka itti fayyadamnu nu kakaasuu qaba. Dubbiin keenya warra kaan ijaaruu ykn diigu akka danda’u haa yaadannu. Kanaaf, kennaa kanaan karaa inni kennaa kana nuu kenne barbaaduun warra kaan ‘ijaaruuf’ haa carraaqnu. Akkas goonaan, dubbiin keenya namoota naannoo keenyatti argaman hundaa kan jajjabeessuufi kan haaromsu ta’uusaarrayyuu, jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf nu gargaara.
a Jechi afaan Ibrootaa Fakkeenya 15:4rratti “mimicciiruu” jedhamee, “jal’ina” ykn “hammina” jedhamee hiikamuus ni danda’a.
b Caaffata Qulqullaa’oo keessatti, jechi “xuraa’ummaa” jedhu, gochawwan cubbuu ta’an hedduu kan dabalatudha. Xuraa’ummaan hundi koree firdiitiin kan ilaalamu ta’uu baatus, namni tokko gocha xuraa’ummaa ulfaataa raawwatee yoo qalbii geddarachuu dide gumii keessaa baafamuu danda’a.—2 Qorontos 12:21; Efesoon 4:19; mataduree “Gaaffii Dubbistootaa” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2006rra jiru ilaali. (Amaariffa)