BOQONNAA 12
“Dubbii Gaarii Ijaaruuf Gargaaru” Dubbadhaa
“Dubbii tortoraan afaan keessan keessaa hin baʼin; kanaa mannaa, . . . dubbii gaarii ijaaruuf gargaaru dubbadhaa.”—EFESOON 4:29.
1-3. (a) Kennaa gaarii Yihowaan nuuf kenne keessaa inni tokko maali dha? Kennaa kana karaa dogoggoraa itti fayyadamuu kan dandeenyu hoo akkamitti? (b) Kennaa dubbachuu akkamitti itti fayyadamuu qabna?
ABBAAN tokko ilma isaa umurii waggoota kurnanii keessatti argamuuf biskileetii kenne. Kennaa addaa kana ilma isaatiif kennuu isaatti gammadeera. Haa taʼu malee, ilmi isaa biskileeticha of eeggannoo malee oofuudhaan nama tokko rukutee yoo miidhe hoo? Abbaa kanatti maaltu dhagaʼama?
2 Yihowaan, Waaqa “kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” irraa argame dha. (Yaaqoob 1:17) Kennaa gaarii inni nuuf kenne keessaa tokko immoo dandeettii dubbachuu ti. Kennaan dubbachuu yaada keenyaa fi miira keenya ibsuuf nu gargaara. Wantoota namoota gargaaranii fi miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamu godhan dubbachuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, wanti dubbannu warra kaan miidhuu fi dhiphisuu dandaʼa.
3 Dubbiin humna guddaa qaba, Yihowaan kennaa dubbachuu keenya akka gaariitti akkamitti akka itti fayyadamnu nu barsiiseera. Yihowaan, “Dubbii tortoraan afaan keessan keessaa hin baʼin; kanaa mannaa, warri dhagaʼan faayidaa akka argataniif akkuma barbaachisummaa isaatti dubbii gaarii ijaaruuf gargaaru dubbadhaa” jedheera. (Efesoon 4:29) Mee kennaa Waaqayyo biraa arganne kana karaa isa gammachiisuu fi warra kaan jajjabeessuun akkamitti itti fayyadamuu akka dandeenyu haa ilaallu.
OF EEGGANNOODHAAN DUBBADHU
4, 5. Humna dubbiin qabu ilaalchisee fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu irraa maal baranna?
4 Jechoonni humna qabu; kanaafuu wanta dubbannuu fi akkamitti akka dubbannuuf of eeggannoo gochuu nu barbaachisa. Fakkeenyi 15:4, “Arrabni tasgabbaaʼaan muka jireenyaa ti, dubbii micciiramaan garuu abdii nama kutachiisa” jedha. Akkuma mukti bareedaan tokko nama haaressu, dubbii gaariinis nama dhagaʼu ni haaressa. Karaa biraatiin immoo, dubbii hamaan warra kaan ni miidha, akkasumas miirri gadheen akka isaanitti dhagaʼamu godha.—Fakkeenya 18:21.
5 Fakkeenyi 12:18, “Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana” jedha. Dubbii hamaan miira namaa miidha, akkasumas hariiroo namoota gidduu jiru balleessa. Tarii namni tokko dubbii hamaa sitti dubbachuu isaatiin kan kaʼe yeroo itti baayʼee miidhamtee turte ni yaadatta taʼa. Taʼus, fakkeenyichi itti fufuudhaan, “Arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa” jedha. Dubbiin itti yaadamee dubbatame, garaa miidhame fayyisuu fi michummaa wal hubachuu dhabuudhaan bade iddootti deebisuu dandaʼa. (Fakkeenya 16:24 dubbisi.) Dubbiin keenya warra kaan irratti dhiibbaa akka godhu yoo yaadanne, of eeggannoodhaan itti fayyadamna.
6. Wanta dubbannu toʼachuun qabsoo kan gaafatu maaliifi?
6 Sababiin dubbii keenyaaf of eeggannoo gochuu itti qabnu kan biraan immoo, hundi keenya mudaa qabaachuu keenya dha. “Wanti namni garaa isaatti yaadu hamaa waan taʼeef,” dubbiin keenya yeroo baayʼee wanta garaa keenya keessa jiru ibsa. (Uumama 8:21; Luqaas 6:45) Wanta dubbannu toʼachuun qabsoo cimaa gaafachuu dandaʼa. (Yaaqoob 3:2-4 dubbisi.) Taʼus, namoota kaanitti akkamitti akka dubbannu fooyyessuu keenya itti fufuu nu barbaachisa.
7, 8. Dubbiin keenya hariiroo Yihowaa wajjin qabnu irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?
7 Sababiin wanta dubbannuu fi akkaataa itti dubbannuuf of eeggannoo gochuu qabnu kan biraan immoo, Yihowaa duratti waan itti gaafatamnuufi dha. Yaaqoob 1:26, “Namni tokko Waaqa akka waaqeffatu kan yaadu taʼus, arraba isaa kan hin toʼanne yoo taʼe, inni garaa isaa gowwoomsa, waaqeffannaan isaas gatii hin qabu” jedha. Kanaafuu, dubbii keenyaaf of eeggannoo hin goonu taanaan, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balaadhaaf kan saaxillu taʼuu isaa irra iyyuu balleessuu dandeenya.—Yaaqoob 3:8-10.
8 Dhuguma iyyuu wanta dubbannuu fi akkaataa itti dubbannuuf of eeggannoo gochuuf sababii gaʼaa qabna. Kennaa dubbachuu keenya akka Yihowaan barbaadutti itti fayyadamuuf akka nu gargaaruuf, dubbiiwwan akkamii irraa fagaachuu akka qabnu beekuu nu barbaachisa.
DUBBIIWWAN NAMA DIIGAN
9, 10. (a) Addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti dubbiin akkamii baramaa dha? (b) Dubbii nama qaanessu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
9 Yeroo harʼaa dubbii nama qaanessu ykn xuraaʼaa taʼe dubbachuun baramaa dha. Namoonni baayʼeen wanta barbaadan tokko ibsuuf dubbii nama qaanessuu fi kabaja hin qabnetti fayyadamuu akka qaban isaanitti dhagaʼama. Koomeediyaanonni yeroo baayʼee namoota kolfisiisuuf, qoosaa gadhee taʼanii fi jechoota nama qaanessanitti fayyadamu. Haa taʼu malee Phaawulos ergamaan, “Dheekkamsa, aarii, hamminaa fi arrabsoo hundumaa of irraa fageessaa; dubbiin nama qaanessus afaan keessan keessaa hin baʼin” jedheera. (Qolosaayis 3:8) Itti dabalees, “qoosaa jibbisiisaan” Kiristiyaanota dhugaa ‘gidduutti dubbatamuu’ akka hin qabne ibseera.—Efesoon 5:3, 4.
10 Dubbiin nama qaanessu Yihowaa fi namoota isa jaallatan ni gaddisiisa. Akkasumas xuraaʼaa dha. Kitaaba Qulqulluu keessatti, ‘xuraaʼummaan’ “hojiiwwan foonii” keessaa tokko akka taʼetti ibsameera. (Galaatiyaa 5:19-21) ‘Xuraaʼummaan’ cubbuu hedduu dabalachuu kan dandaʼu yommuu taʼu, barsiifanni xuraaʼaan tokko gara isa kaaniitti geessuu dandaʼa. Namni tokko jecha baayʼee xuraaʼaa taʼee fi dubbii nama qaanessu kan dubbatu taʼus, jijjiirama gochuu kan hin barbaanne yoo taʼe, kun miseensa gumii taʼee itti fufuu akka hin qabne argisiisa.—2 Qorontos 12:21; Efesoon 4:19; Ibsa Dabalataa 23 ilaali.
11, 12. (a) Hamiin miidhaa geessisu kan akkamiiti? (b) Maqaa nama tokkoo balleessuu irraa of qusachuu kan qabnu maaliifi?
11 Kana malees, hamii miidhaa geessisu irraa fagaachuu qabna. Waaʼee namoota kaanii dubbachuun, akkasumas waaʼee michootaa fi maatii keenyaa namootatti himuun waanuma jiru dha. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan illee, obboloonnii fi obboleettonni isaanii haala akkamii keessa akka jiranii fi isaan gargaaruuf maal gochuu akka dandaʼan beekuu barbaadanii turan. (Efesoon 6:21, 22; Qolosaayis 4:8, 9) Haa taʼu malee, dubbiin waaʼee namoota kaanii dubbatamu salphaadhumatti gara hamiitti jijjiiramuu dandaʼa. Nutis hamii dhageenye irra deebinee yoo dubbanne, wantoota dhugaa hin taane ykn wantoota dhimma dhuunfaa taʼuu qaban dubbachuu dandeenya. Yoo of eeggannoo gochuu baanne, dubbiin sirrii hin taane kun gara himata sobaatti ykn maqaa balleessuutti jijjiiramuu dandaʼa. Fariisonni wanta Yesuus hin raawwanne raawwateera jedhanii yommuu isa himatanitti maqaa isaa balleessaniiru. (Maatewos 9:32-34; 12:22-24) Dubbiin akkasii maqaa gaarii namni tokko qabu kan balleessu taʼuu isaa irra iyyuu, falmii fi dhiphina geessisa, akkasumas michummaa balleessa.—Fakkeenya 26:20.
12 Yihowaan, dandeettii dubbachuu keenya, michoonni diina walii akka taʼan gochuuf utuu hin taʼin, namoota kaan gargaaruu fi jajjabeessuuf akka itti fayyadamnu barbaada. Yihowaan namoota, ‘obbolaa gidduutti wal morkii facaasan’ ni jibba. (Fakkeenya 6:16-19) Qaamni maqaa balleesse inni jalqabaa, Seexana isa Diyaabilos jedhamee fi maqaa Waaqayyoo balleesse ture. (Mulʼata 12:9, 10) Addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti namoonni soba walitti dubbachuun isaanii baramaa dha. Gumii Kiristiyaanaa keessatti garuu wanti akkasii taʼuu hin qabu. (Galaatiyaa 5:19-21) Kanaafuu, dubbii keenyaaf of eeggannoo gochuu fi yeroo hundumaa dubbachuu keenya dura yaaduu qabna. Wanta waaʼee nama kan biraa dhageesse tokko irra deebitee dubbachuu kee dura, akkas jedhii of gaafadhu: ‘Wantin dubbachuuf jedhu kun dhugaadhaa? Gaarummaa ni argisiisaa? Ni fayyadaa? Namni ani waaʼee isaa dubbadhu sun wantan dubbadhu akka dhagaʼu nan barbaadaa? Namni tokko waaʼee koo dubbii akkasii utuu dubbatee maaltu natti dhagaʼama?’—1 Tasalonqee 4:11 dubbisi.
13, 14. (a) Arrabsoon namoota maal gochuu dandaʼa? (b) Ifachuu jechuun maal jechuu dha? Kiristiyaanonni warra kaan ifachuu irraa of qusachuu kan qaban maaliifi?
13 Hundi keenya darbee darbee wanta booda itti gaabbinu ni dubbanna. Haa taʼu malee, namoota kaan ceephaʼuu ykn dubbii gaarummaa hin qabne ykn dubbii hamaa dubbachuu barsiifata godhachuu hin barbaannu. Arrabsoon jireenya keenya keessatti iddoo hin qabu. Phaawulos, “Jibba guddaa, aarii, dheekkamsa, iyya, arrabsoo . . . of irraa fageessaa” jedheera. (Efesoon 4:31) Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu kan biroon, jecha “arrabsoo” jedhu “dubbii hamaa,” “dubbii nama miidhu,” akkasumas “dubbii gadhee” jedhanii hiikaniiru. Arrabsoon namoonni ulfina ofiif qaban akka dhabanii fi gatii akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu godha. Keessumaa ijoolleen salphaatti miidhamuu waan dandaʼaniif, dubbii keenyaan akka isaan hin miine of eeggachuu qabna.—Qolosaayis 3:21.
14 Kitaabni Qulqulluun gosa arrabsoo keessaa isa baayʼee cimaa taʼe, jechuunis ifachuu irraa akka of qusannu nu akeekkachiisa. Ifachuun namoota kaan miidhuuf irra deddeebiʼanii isaan arrabsuu jechuu dha. Namni tokko hiriyaa gaaʼelaa ykn ijoollee isaa kan ifatu yoo taʼe baayʼee nama gaddisiisa! Namni warra kaan ifachuu isaa dhiisuuf tole hin jenne tokko miseensa gumii taʼee itti fufuu hin dandaʼu. (1 Qorontos 5:11-13; 6:9, 10) Akkuma olitti baranne, wantoota nama qaanessan, dhugaa hin taane ykn gaarummaa hin qabne yoo dubbanne, hariiroo Yihowaa fi namoota kaanii wajjin qabnu balaadhaaf saaxilla.
DUBBIIWWAN NAMA IJAARAN
15. Hariiroo keenya cimsuu kan dandaʼan dubbiiwwan akkamiiti?
15 Kennaa dubbachuu keenya akka Yihowaan barbaadutti itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun wanta dubbachuu qabnu ykn hin qabne hundumaa kan nutti hin himne taʼus, “dubbii gaarii ijaaruuf gargaaru” akka dubbannu nutti hima. (Efesoon 4:29) Dubbiin nama ijaaru dubbii qulqulluu, gaarummaa qabuu fi dhugaa taʼe dha. Yihowaan dubbii keenya warra kaan jajjabeessuu fi gargaaruuf akka itti fayyadamnu barbaada. Kana gochuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Dubbii nama ijaaru dubbachuun dubbii hamaa fi of eeggannoo hin qabne dubbachuu caalaa carraaqqii gochuu gaafata. (Tiitoo 2:8) Mee karaawwan dubbii keenyaan warra kaan ijaaruu itti dandeenyu tokko tokko haa ilaallu.
16, 17. (a) Warra kaan galateeffachuu kan qabnu maaliifi? (b) Eenyufaa galateeffachuu dandeenya?
16 Yihowaanis taʼe Yesuus warra kaan galateeffachuudhaan beekamu. Nutis fakkeenya isaanii hordofuu barbaanna. (Maatewos 3:17; 25:19-23; Yohaannis 1:47) Galateeffannaa dhugumaan nama tokko jajjabeessu kennuun, nama sanaaf yaaduu fi dhuunfaatti xiyyeeffannaa isaaf kennuu gaafata. Fakkeenyi 15:23, “Dubbiin yeroo sirrii taʼetti dubbatames akkam gaarii dha!” jedha. Namni tokko jabaannee hojjechuu keenyaaf garaadhaa yommuu nu galateeffatu ykn wanta hojjenne tokko yommuu dinqisiifatu ni jajjabaanna.—Maatewos 7:12 dubbisi; Ibsa Dabalataa 27 ilaali.
17 Wanta gaarii namoonni qaban ilaaluu barsiifata kan godhattu yoo taʼe, garaadhaa galateeffachuun salphaa siif taʼa. Fakkeenyaaf, namni gumii keessa jiru tokko haasaa dhiheessu akka gaariitti akka qophaaʼu ykn walgaʼii irratti yaada kennuuf carraaqqii akka godhu hubatta taʼa. Dargaggeessi tokko dhugaa cinaa dhaabbachuuf mana barumsaatti ejjennoo qabu ibseera taʼa ykn maanguddoon tokko yeroo hunda tajaajila irratti hirmaatu taʼa. Dinqisiifannaan kee kan isaan barbaachisu taʼuu dandaʼa. Abbaan manaa tokko haadha manaa isaa akka jaallatuu fi akka dinqisiifatu ishiitti himuun isaas baayʼee barbaachisaa dha. (Fakkeenya 31:10, 28) Akkuma biqiltoonni aduunii fi bishaan isaan barbaachisu namoonnis dinqisiifannaan isaan barbaachisa. Keessumaa ijoollee wajjin haala wal qabateen kun dhugaa dha. Amalawwan gaggaarii isaan qabanii fi carraaqqii isaan godhaniif isaan galateeffachuuf carraa barbaadi. Galateeffannaan ija jabinaa fi ofitti amanamummaa qaban isaaniif guddisuu dandaʼa, akkasumas caalaatti wanta sirrii gochuuf akka carraaqan isaan gochuu dandaʼa.
18, 19. Warra kaan jajjabeessuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?
18 Warra kaan yommuu jajjabeessinu fakkeenya Yihowaa hordofna. Inni ‘warra caccabanii fi warra gaddaniif’ garaadhaa ni yaada. (Isaayyaas 57:15) Yihowaan akka ‘wal jajjabeessinuu’ fi ‘warra dhiphatan akka jajjabeessinu’ barbaada. (1 Tasalonqee 5:11, 14) Kana gochuuf yommuu yaalii goonu, inni carraaqqii goonu ni hubata, ni dinqisiifatas.
19 Namni gumii keessa jiru tokko akka abdii kutate ykn akka dhiphate hubatteetta taʼa. Maarree wanta isa gargaaru akkamii dubbachuu dandeessa? Rakkina isaatiif furmaata kennuu hin dandeessu yoo taʼe illee, akka isaaf yaaddu akka beeku gochuu garuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf, isa ykn ishii wajjin yeroo dabarsuuf qophii gochuu dandeessa. Caqasa nama jajjabeessu tokko dubbisuufii ykn wajjin kadhannaa dhiheessuu dandeessa. (Faarfannaa 34:18; Maatewos 10:29-31) Obboloonnii fi obboleettonni isaanii gumii keessa jiran akka isaan jaallatan isaaniif mirkaneessi. (1 Qorontos 12:12-26; Yaaqoob 5:14, 15) Akkasumas, garaadhaa dubbachaa akka jirtuu fi wanti dubbattu sun dhugaa taʼuu isaa akka amantu karaa argisiisuun dubbadhu.—Fakkeenya 12:25 dubbisi.
20, 21. Namoonni salphaatti gorsa akka fudhatan maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?
20 Kana malees, gorsa gaarii kennuudhaan warra kaan ijaaruu ni dandeenya. Mudaa kan qabnu waan taaneef, hundi keenya darbee darbee gorsi nu barbaachisa. Fakkeenyi 19:20ni, “Booda irratti ogeessa akka taatuuf, gorsa dhagaʼi, adabas fudhadhu” jedha. Gorsa kennuu kan dandaʼan jaarsolii qofa miti. Warri ijoollee isaaniitiif qajeelfama kennuun isaan barbaachisa. (Efesoon 6:4) Obboleettonnis gorsa gaarii waliif kennuu dandaʼu. (Tiitoo 2:3-5) Obbolootaa fi obboleettota keenya waan jaallannuuf, karaa miirri gadheen akka isaanitti dhagaʼamu godhuun gorsa akka isaaniif hin kennine mirkaneessuu barbaanna. Maarree kana gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
21 Tarii yeroo itti namni tokko karaa gorsicha fudhachuun sitti salphatuun gorsa gaarii siif kenne ni yaadatta taʼa. Gorsa sana akka fudhattu kan godhe maali dha? Tarii namni sun dhugumaan akka siif yaadu sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo inni ykn ishiin karaa gaarummaa fi jaalala qabuun dubbachuu isaanii taʼuu dandaʼa. (Qolosaayis 4:6) Tarii immoo gorsi sun Kitaaba Qulqulluu irratti waan hundaaʼeef taʼuu dandaʼa. (2 Ximotewos 3:16) Kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu irraa caqasnus caqasuu baannus, gorsi kenninu kam iyyuu Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Namni kam iyyuu warri kaan ilaalcha isaa akka fudhatan dirqisiisuu ykn caqasoonni yaada dhuunfaa isaa akka deggeran gochuuf jalʼisee ibsuu hin qabu. Akkaataa gorsi itti siif kennamee ture yaadachuun kee, yeroo namoota kaaniif gorsa kennitu si gargaaruu dandaʼa.
22. Dandeettii dubbachuu kee akkamitti itti fayyadamuu barbaadda?
22 Dandeettiin dubbachuu kennaa Waaqayyo biraa argame dha. Jaalalli isaaf qabnu kennaa kana sirriitti akka itti fayyadamnu nu kakaasuu qaba. Jechoonni diiguufis taʼe ijaaruuf humna akka qaban yaadadhu. Kanaafuu, dubbii keenya karaa warra kaan jajjabeessuun itti fayyadamuuf wanta nuuf dandaʼame hunda haa goonu.