BOQONNAA 30
Dhuguma Gaaʼelaaf Qophoofneerraa?
Nama siif taʼu argatteetta, akka wal jaallattan beekuuf wal qorachuudhaan yeroo gaʼaa dabarsitaniittu. Gaaʼela dhaabbattanii gammachuudhaan wajjin jiraachuuf jettu. Jireenya kee keessatti murtoo guddaa kana gochuuf yeroo jettu kanatti, ‘Dhuguma gaaʼelaaf qophoofneerraa?’ jettee yaaduu jalqabde.
Dhuguma gaaʼelaaf qophoofneerraa?
KAN wal jaallattan yoo taʼellee gaaʼela ilaalchisee shakkii qabaachuun waanuma jirudha. Gaaʼelli gammachuu hin qabnee fi wal hiikuun waan baayʼateef, tarkaanfii jireenya kee jijjiiru kana fudhachuu kee dura of eeggannoodhaan irratti yaaduun kee sirriidha. Maarree, gaaʼelaaf qophaaʼuu keessan beekuu kan dandeessu akkamitti? Amma yeroo kamiyyuu caalaa wanta waaʼee gaaʼelaa abjoottu dhiistee dhugaa jirurratti yaaduu qabda. Fakkeenyaaf:
ABJUU 1FFAA “Jaalalaan jiraanna.”
Dhugaa jiru: Jaalalli baasii keessan isiniif kaffaluus taʼe rakkina diinagdee keessan isinii furuu hin dandaʼu. Qorattoonni maallaqni walitti buʼiinsa gaaʼela keessatti uumamuuf, yeroo boodammoo wal hiikuudhaaf sababa akka taʼu hubataniiru. Maallaqaaf ilaalcha sirrii hin taane qabaachuun karaa hafuuraa fi karaa miiraa si miidhuu, akkasumas hariiroo hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin qabdu balleessuu dandaʼa. (1 Ximotewos 6:9, 10) Barumsa akkamii argatta? Gaaʼela keessa seenuu keessan dura maallaqa keessanitti akkamitti akka fayyadamtan irratti mariʼadhaa.
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Isin keessaa namni tokko gamoo ijaaruu yoo barbaade, dura taaʼee maallaqa gaʼaa ittiin ijaaree xumuru qabaachuu isaa beekuuf baasii isaa kan hin shallagne eenyu?”—Luqaas 14:28.
Yaada: Gaaʼela keessa seenuu keessan dura madda galii keessanirratti waliin mariʼadhaa. (Fakkeenya 13:10) Gaaffilee kanarratti yaadaa: Galii keenya akkamitti itti fayyadamna? Akkaawuntii baankii tokko moo garaagara fayyadamna? Baasii keenya kan hordofu eenyu?a Utuu wal hin mariisisin dhuunfaatti maallaqa hammamii baasuu dandeenya? Waliin taatanii murtoo gochuu kan qabdan ammadha.—Lallaba 4:9, 10.
ABJUU 2FFAA “Waan hundumaarratti waan walii galluuf gaaʼela adda taʼe qabaanna!”
Dhugaa jiru: Matumaa walitti hin buutan taanaan dhimmoota walitti buʼiinsa uumuu dandaʼanirraa baayʼee of eeggattu jechuudha. Gaaʼela keessatti garuu akkas gochuu hin dandeessan. Namoonni mudaa qaban lama guutummaatti walii galuu hin dandaʼan; kanaafuu, hamma tokko walitti buʼuun waan hin oolledha. (Roomaa 3:23; Yaaqoob 3:2) Hammam akka walii galtan qofa utuu hin taʼin, yeroo walii hin galletti maal gochuu akka qabdanis yaaduu qabdu. Gaaʼelli tokko cimaa kan taʼu lamaan isaanii garaagarummaa isaanii amananii bilchinaa fi tasgabbiidhaan dhimmichaaf furmaata yoo kennanidha.
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin.”—Efesoon 4:26.
Yaada: Warra kee fi obbolaa kee wajjin walitti buʼiinsi yeroo uumamu furmaata kan kennitu akkamitti akka taʼe of eeggannoodhaan irratti yaadi. Chaartii kitaaba kana fuula 93 irratti argamu ykn Jildii 2ffaa fuula 221 irratti argamu wajjin wal fakkaatu qopheeffadhu. Wantoota walitti buʼiinsa uuman, deebii akkamii akka kennitee fi deebiin utuu kennitee gaarii taʼu maal akka taʼe hubadhu. Fakkeenyaaf, walitti buʼiinsa tokkoof deebiin kennite aariidhaan kutaa kee seenuu fi balbala darbattee cufuu yoo taʼe, deebiin utuu kennitee gaarii taʼuu fi haalli isaa akka hammaatu gochuu mannaa furmaata argamsiisu maal akka taʼe barreessi. Amma walitti buʼiinsa uumamuuf karaa gaarii taʼeen deebii kennuu yoo baratte, dandeettii gaaʼela gammachiisaa qabaachuuf baayʼee barbaachisaa taʼe horatta.
ABJUU 3FFAA “Ergan gaaʼela dhaabbadhee booda yeroon barbaadetti fedhii saalaa koo guuttachuu nan dandaʼa.”
Dhugaa jiru: Gaaʼela dhaabbatteetta jechuun yeroo barbaaddetti fedhii saalaa kee guuttachuu dandeessa jechuu miti. Hiriyaan gaaʼelaa kee nama miira garaagaraa qabdu akka taatee fi miira ishii tilmaama keessa galchuu akka qabdu yaadadhu. Dhugaa dubbachuuf, yeroon itti hiriyaan gaaʼelaa kee fedhii hin qabaanne jira. Gaaʼelli fedhii kee guuttachuuf hiriyaa gaaʼelaa keerratti dhiibbaa akka gootu mirga siif hin kennu. (1 Qorontos 10:24) Yeroo qeenxee taatee jiraattuttis taʼe gaaʼela keessatti of toʼachuun baayʼee barbaachisaadha.—Galaatiyaa 5:22, 23.
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Tokkoon tokkoon keessan qulqullummaa fi ulfinaan akkamitti qaama keessan akka toʼattan beekuu qabdu; . . . fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne isa sassata irratti hundaaʼe hin qabaatinaa.”—1 Tasalonqee 4:4, 5.
Yaada: Fedhiin saalaa kee maal akka fakkaatuu fi gara fuulduraatti gaaʼela keerratti dhiibbaa akkamii gochuu akka dandaʼu of eeggannoodhaan irratti yaadi. Fakkeenyaaf, barsiifata maastarbeeshinii isa ofittummaarratti hundaaʼeef garba taateettaa? Barsiifata poornoogiraafii ilaaluu hoo qabdaa? Hamma fedhiin saalaa kee kakaʼutti nama saala faallaa taʼe dhoskaadhaan ni ilaaltaa? ‘Gaaʼela dura fedhii saalaa koo toʼachuun yoo natti ulfaate, gaaʼela keessatti akkamittan toʼachuu dandaʼa?’ jedhii of gaafadhu. (Maatewos 5:27, 28) Wanta irratti yaaduu qabdu kan biraa: Saala faallaa kolomsuu fi namoota garaagaraa jaalallee godhachuudhaan maqaa gadhee horatteettaa? Taanaan, gaaʼela dhaabbachuu kee dura amala akkasii dhiisuuf maal gochuu yaadde? Gaaʼela keessatti miira jaalala qabaachuu kan qabdu hiriyaa gaaʼelaa keetiif qofadha.—Fakkeenya 5:15-17.
ABJUU 4FFAA “Gaaʼelli gammachuu naaf argamsiisa.”
Dhugaa jiru: Namni qeenxeen gammachuu hin qabne tokko yeroo baayʼee gaaʼela erga dhaabbatee boodas gammachuu hin qabaatu. Maaliif? Sababiin isaas, gammachuun haala namni tokko keessa jirurratti utuu hin taʼin ilaalcha isaarratti hundaaʼa. (Fakkeenya 15:15) Namoonni jireenya isaanii keessatti ilaalcha gaarii hin taane qaban yeroo baayʼee wanta gaaʼela keessatti argatanirratti utuu hin taʼin wanta isaanitti hirʼaterratti xiyyeeffatu. Yeroo qeenxee taatee jirtutti ilaalcha gaarii horachuu fi qabaattee itti fufuun kee baayʼee barbaachisaadha. Akkas yoo goote, yeroo gaaʼela dhaabbattu hiriyaa gaaʼelaa keetiifis taʼe gaaʼela keetiif ilaalcha gaarii qabaatta; hiriyaan gaaʼelaa kees akkasuma akka godhu jajjabeessita.
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Hawwii ofii duukaa buʼanii jooruu mannaa, wanta ijji argutti gammaduu wayya.”—Lallaba 6:9.
Yaada: Yeroo tokko tokko ilaalchi gaarii hin taane wanta qabatamaa hin taane eeguurraa dhufa. Wanta gaaʼelarraa eegdu lama ykn sadi waraqaarratti barreessi. Achiis dubbisiitii akkana jedhii of gaafadhu: ‘Wantin gaaʼelarraa eegu hawwii qofarratti moo dhugaa jirurratti kan hundaaʼedha? Miidiyaaleen, tariimmoo fiilmiiwwan ykn kitaabonni jaalalaa dhiibbaa narratti godhaniiruu? Wantin eegu faayidaa gaaʼelli naaf argamsiisurratti kan hundaaʼedhaa? Fakkeenyaaf, gaaʼela dhaabbachuu kanan barbaade kophummaa natti dhagaʼamurraa obbaafachuu, fedhii saalaa koo guuttachuu fi hiriyoonni koo caalaatti akka na kabajan waanan barbaaduufii?’ Taanaan, waaʼee ofii kee qofa yaaduu dhiistee waaʼee hiriyaa gaaʼelaa keetiis yaaduun si barbaachisa. Kana gochuuf akka si gargaaruuf, wanta gaaʼelarraa eegduu fi siinis taʼe hiriyaa gaaʼelaa kee dabalatu lama ykn sadi barreessi.
Wantoonni waaʼee gaaʼelaa abjoottuu fi olitti ibsaman gammachuu gaaʼelarraa argatturratti dhiibbaa guddaa geessisu. Kanaafuu, ilaalcha akkasii of keessaa baasuudhaan ilaalcha sirrii qabaachuuf carraaqqii godhi. Gilgaalli fuula 216 fi 217 irratti argamu atii fi hiriyaan gaaʼelaa kee yeroo gaaʼela gammachiisaa dhaabbachuuf eeggachaa jirtan kanatti isin gargaaruu dandaʼa.—Keessa Deebii 24:5; Fakkeenya 5:18.
Gargar baʼuun baayʼee nama miidhuu dandaʼa. Haala isaa dandamachuu kan dandeessu akkamitti?
[Miiljalee]
a ‘Haati manaa kaamettiin’ Fakkeenya 31:10-28 irratti ibsamte itti gaafatamummaa guguddaa maallaqa maatichaa toʼachuu wajjin kallattiidhaan wal qabatan hedduu akka raawwatte ibsameera. Lakkoofsa 13, 14, 16, 18 fi 24 ilaali.
CAQASA IJOO
“Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana; isaan foon tokko taʼu.”—Uumama 2:24.
GORSA GAARII
Hiriyoota gaaʼelaa maanguddoota taʼan haasofsiisi; gaaʼela milkaaʼina qabu qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ilaalchisee hiriyoota gaaʼelaa haaraadhaa
KANA BEEKTAA?
Gaaʼela milkaaʼina qabu keessatti abbaan warraa fi haati warraa akka michuutti wal ilaalu, akka gaariitti waliin haasaʼu, walitti buʼiinsa akkamitti akka furan beeku, akkasumas hariiroon isaanii umurii guutuu akka itti fufu yaadu.
WANTAN GOCHUU YAADE
Hariiroon nama hiriyaa gaaʼelaa godhadhu wajjin qabu fooyyessuuf amalan irratti hojjedhu ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Biyyoota tokko tokkotti gaaʼelli hedduun ni diigama. Kun kan taʼu maaliif sitti fakkaata?
● Jireenya maatii gammachuu hin qabne jalaa baqachuuf jecha gaaʼela dhaabbachuun balaa akkamii qaba?
● Gaaʼela yeroo dhaabbattu qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 220rra jiru]
“Gaaʼelli murtoo cimaadha. Waaʼee gaaʼelaa qofa utuu hin taʼin, nama hiriyaa gaaʼelaa godhattus sirriitti beekuun kee barbaachisaadha.”—Oodrii
[Saanduqa/Fakkii fuula 216, 217rra jiru]
Gilgaala
Gaaʼelaaf Qophoofteettaa?
Gaaffilee fuulawwan lamaan kanarratti ibsamanirratti yaadi. Nama gara fuulduraatti hiriyaa gaaʼelaa godhachuuf yaadde wajjin irratti mariʼachuus ni dandeessu. Caqasoota kennaman baastanii dubbisuu hin dagatinaa.
Dhimmoota Maallaqaa
◻ Maallaqaaf ilaalcha akkamii qabda?—Ibroota 13:5, 6.
◻ Itti fayyadama maallaqaa ilaalchisee itti gaafatamummaan akka sitti dhagaʼamu kan argisiiste karaawwan kamiini?—Maatewos 6:19-21.
◻ Liqiin sirra jiraa? Taanaan, kaffaluuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachaa jirta?—Fakkeenya 22:7.
◻ Qophiin cidha keessanii maallaqa hammamii isin baasisa? Liqeeffachuun yoo isin barbaachise hammam liqeeffachuu dandeessu?—Luqaas 14:28.
◻ Gaaʼela erga dhaabbattanii booda lamaan keessaniyyuu hojii hojjechuun isin barbaachisaa? Taanaan, saʼaatiin hojii keessanii garaagara yoo taʼe geejjiba ilaalchisee maal gochuu yaaddan?—Fakkeenya 15:22.
◻ Eessa jiraattu? Kiraa manaatiif, nyaataaf, uffataaf, akkasumas wantoota kan birootiif baasii hammamii baastu? Maallaqa baasii kanaaf taʼu akkamitti argattu?—Fakkeenya 24:27.
Dhimmoota Maatii
◻ Warra kee fi obbolaa kee wajjin walii galtee jiraattaa?—Baʼuu 20:12; Roomaa 12:18.
◻ Walitti buʼiinsa maatii keessatti uumamuuf furmaata kennaa kan jirtu akkamitti?—Qolosaayis 3:13.
◻ Shamarree yoo taate “tasgabbii fi garraamummaa” argisiisaa kan jirtu karaawwan kamiini?—1 Pheexiros 3:4.
◻ Ijoollee godhachuuf karoora qabduu? (Faarfannaa 127:3) Hin qabdan taanaan, mala ittisa ulfaa isa kam fayyadamtu?
◻ Dhiira yoo taate, dursa fudhattee karaa hafuuraa maaticha kunuunsuuf karoora akkamii baafatteetta?—Maatewos 5:3.
Amala
◻ Nama jabaatee hojjetu akka taate kan argisiiste karaawwan kamiini?—Fakkeenya 6:9-11; 31:17, 19, 21, 22, 27.
◻ Fedhii kee aarsaa akka gootu kan argisiiste akkamitti?—Filiphisiyus 2:4.
◻ Dhiira yoo taate, aangoo keetti fayyadamuurratti fakkeenya Kiristoos akka hordoftu kan argisiiste akkamitti?—Efesoon 5:25, 28, 29.
◻ Shamarree yoo taate, aangoodhaaf akka bitamtu kan argisiiste akkamitti?—Efesoon 5:22-24.
[Fakkii fuula 219rra jiru]
Waaʼee gaaʼelaa utuu hin beekin callistee gaaʼela keessa utaaltee hin seenin