BOQONNAA 17
“Yaa Goog . . . Ani Si Irratti Kaʼeera”
YAADA IJOO: Eenyummaa “Googii” fi “biyya” inni weeraru sanaa ibsa
1, 2. Waraanni guddaan gara fuulduraatti geggeeffamu maali dha? Waraana kana ilaalchisee hoo gaaffiiwwan akkamii kaʼuu dandaʼu? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
WAGGOOTA kuma hedduutti lakkaaʼamaniif waraanota addunyaa lamaan warra jaarraa 20ffaatti geggeeffamanii fi dhiiga hedduu dhangalaasan dabalatee, lafti kun dhiiga waraana ilmaan namootaa geggeessaniin kan kaʼe dhangalaʼeen xuroofteetti. Haa taʼu malee seenaa ilmaan namootaa keessatti waraanni hunda irra caalu kan geggeeffamu gara fuulduraatti dha. Taʼus, waraanni kun walitti buʼiinsa ilmaan namootaa gidduutti uumamuu fi waraana saboonni addunyaa kanaa ofittummaadhaan kakaʼanii wal irratti banan miti. Kanaa mannaa waraanni kun ‘waraana guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼu’ sanaatti geggeeffamu dha. (Mul. 16:14) Diinni of tuultuu taʼe tokko biyya Waaqayyo biratti gatii guddaa qabu tokko weeraruudhaan waraanni kun akka kaʼu godha; weerarri kun, Yihowaa Gooftaa Ol Aanaan humna isaa isa hunda irra caaluu fi badiisa lafa irratti argamee hin beekne geessisu akka gadhiisu isa taasisa.
2 Taʼeewwan kana ilaalchisee gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan tokko tokko ni kaʼu: Diinni kun eenyu? Biyya kam weerara? Biyya kana kan weeraru hoo yoomi, maaliifi, akkamitti? Taʼeewwan gara fuulduraatti raawwataman kun nu warra lafa irratti waaqeffannaa qulqulluu Yihowaadhaaf dhiheessinu kan ilaallatan waan taʼaniif deebii isaanii beekuun nu barbaachisa. Deebii gaaffiiwwan kanaa raajii dinqisiisaa Hisqiʼel boqonnaa 38 fi 39 irratti galmeeffame keessaa argachuu dandeenya.
Diina Sana—Goog Isa Biyya Maagoog
3. Goog isa biyya Maagoog ilaalchisee yaanni ijoon raajii Hisqiʼel maal akka taʼe ibsi.
3 Hisqiʼel 38:1, 2, 8, 18; 39:4, 11 dubbisi. Yaanni ijoo raajichaa kana dha: “Bara dhumaatti” diinni “Goog isa biyya Maagoog” jedhamu, “biyya” saba Waaqayyoo ni weerara. Haa taʼu malee haleellaan gara jabinaa kun ‘aariin Yihowaa inni guddaan’ akka bobaʼu godha; achiis Yihowaan tarkaanfii fudhachuudhaan Googiin ni injifata.a Yihowaan inni injifannoo argate diina injifatame kanaa fi warra isaa wajjin jiran hundumaa “allaattiiwwan akaakuu hundumaa warra adamsanii nyaatanii fi bineensota bosonaatiif nyaata godhee” ni kenna. Dhuma irrattis Yihowaan Googiif “iddoo awwaalchaa” ni kenna. Raajiin kun dhiheenyatti akkamitti akka raawwatamu hubachuuf, jalqaba eenyummaa Goog beekuu qabna.
4. Goog isa biyya Maagoog ilaalchisee keeyyata kana keessatti maal baranne?
4 Maarree Goog inni biyya Maagoog eenyu? Goog diina namoota waaqeffannaa qulqulluu dhiheessanii taʼuu isaa ibsa Hisqiʼel kenne irraa hubachuu dandeenya. Maqaan Goog jedhu maqaa Seexana isa diinota waaqeffannaa dhugaa taʼan hundumaa irra caalu sanaaf kenname dhaa? Waggoota hedduudhaaf barreeffamoonni keenya akkas jechaa turaniiru. Haa taʼu malee, raajii Hisqiʼel irratti qorannaan dabalataa godhamuun isaa hubannaa keenya irratti sirreeffama gochuuf nu kakaaseera. Masaraan Eegumsaa maqaan Goog isa biyya Maagoog jedhu uumama hafuuraa ijaan hin mulʼanne utuu hin taʼin, namoota diinota taʼanii fi ijaan mulʼatan, jechuunis saboota wal taʼanii waaqeffannaa qulqulluu irratti waraana banan kan argisiisu akka taʼe ibseera.b Akkas jechuuf wanta sababa taʼu ilaaluu keenya dura yaadawwan raajii Hisqiʼel keessatti ibsamanii fi Goog uumama hafuuraa akka hin taane argisiisan lama haa qorannu.
5, 6. Raajii Hisqiʼel keessaa Goog inni biyya Maagoog uumama hafuuraa akka hin taane wantoonni argisiisan maal faʼi?
5 ‘Allaattiiwwan akaakuu hundumaa warra adamsanii nyaataniif nyaata godhee sin kenna.’ (His. 39:4) Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee jecha allaattiiwwan adamsitoota taʼanii fi reeffa nyaatan jedhu murtii Waaqayyo dabarseef akeekkachiisa akka taʼe ibsuuf itti fayyadama. Waaqayyo akeekkachiisa akkanaa saba Israaʼeliifis taʼe saboota Israaʼelota hin taaneef kenneera. (Kes. 28:26; Er. 7:33; His. 29:3, 5) Haa taʼu malee, akeekkachiisni Waaqayyoo kun kan kenname uumamawwan hafuuraatiif utuu hin taʼin namoota foon uffataniif akka taʼe hubadhaa. Kana malees, allaattiiwwan adamsitoota taʼanii fi bineensonni bosonaa foon malee, uumamawwan hafuuraa hin nyaatan. Kanaafuu akeekkachiisni Waaqayyo kennee fi raajii Hisqiʼel keessatti argamu kun Goog uumama hafuuraa akka hin taane argisiisa.
6 “Ani Israaʼel keessatti . . . Googiif iddoo awwaalchaa nan kenna.” (His. 39:11) Kitaabonni Qulqulluun uumamawwan hafuuraa lafa irratti akka awwaalaman hin dubbatan. Kanaa mannaa Seexannii fi jinniiwwan isaa waggaa 1000f qilee keessa ni buufamu, achiis haroo ibiddaa fakkeenyaan ibsame keessatti darbatamu; kunis bara baraaf akka balleeffaman argisiisa. (Luq. 8:31; Mul. 20:1-3, 10) Googiif “iddoon awwaalchaa” lafa irratti akka kennamu waan ibsameef, inni uumama hafuuraa akka hin taane dubbachuu dandeenya.
7, 8. “Mootiin kaabaa” dhumni isaa kan dhufu yoomi? Kun hoo wanta Goog isa biyya Maagoog irra gaʼuu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?
7 Maarree Goog uumama hafuuraa erga hin taanee diinni namoota waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan irratti haleellaa dhumaa banu kun eenyu ykn maali dha? Mee raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu eenyummaa Goog isa biyya Maagoog beekuuf nu gargaaran lama haa ilaallu.
8 ‘Mootii kaabaa.’ (Daaniʼel 11:40-45 dubbisi.) Daaniʼel mootummoota addunyaa guguddoo bara isaatii jalqabee hamma bara keenyaatti kaʼan raajiidhaan dubbateera. Kana malees raajiin kun humnoota siyaasaa wal morkatan, jechuunis ‘mootii kibbaa’ fi ‘mootii kaabaa’ caqaseera; saboonni lafa irraa ol aantummaa argachuuf yommuu wal lolaa turanitti eenyummaan mootummoota kanaa jaarraawwan hedduudhaaf jijjiiramaa tureera. Duula isa dhumaa mootiin kaabaa “bara dhumaatti” geggeessu ilaalchisee Daaniʼel, ‘Inni haxaaʼee balleessuu fi namoota hedduu fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa’ jedheera. Mootiin kaabaa adda durummaadhaan waaqeffattoota Yihowaa irratti xiyyeeffata.c Taʼus akkuma Goog isa biyya Maagoog haleellaan mootiin kaabaa saba Waaqayyoo irratti banu erga jalaa fashalaaʼee booda “dhumni isaa ni dhufa.”
9. Wanta Goog isa biyya Maagoog irra gaʼuu fi wanta “mootota guutummaa lafaa” irra gaʼu kan wal fakkeessu maali dha?
9 “Mootota guutummaa lafaa.” (Mulʼata 16:14, 16; 17:14; 19:19, 20 dubbisi.) Kitaabni Mulʼataa “mootonni lafaa” Yesuus isa samii irra jiruu fi “Mootii moototaa” taʼe irratti haleellaa akka banan dubbata. Haa taʼu malee, Yesuus samii irra waan jiruuf “mootonni lafaa” kun isa irratti haleellaa banuu hin dandaʼan; kanaafuu warra lafa irratti Mootummaa isaa deeggaran irratti haleellaa banu. Taʼus mootonni lafaa kun waraana Armaagedoon irratti ni injifatamu. Dhumni isaanii kan dhufu erga saba Yihowaa irratti haleellaa bananii booda akka taʼe hubadhaa. Kunis wanta Goog isa biyya Maagoog ilaalchisee dubbatamee wajjin wal fakkaata.d
10. Goog inni biyya Maagoog eenyu dha?
10 Wanta hanga ammaatti ilaalle irratti hundaaʼuudhaan eenyummaa Goog ilaalchisee maal jechuu dandeenya? Tokkoffaa, Goog uumama hafuuraa miti. Lammaffaa, Goog saboota lafa irraa yeroo dhihootti saba Waaqayyoo irratti haleellaa banan argisiisa. Saboonni kun gamtaa uumuudhaan tokko akka taʼan hin shakkisiisu. Maaliif? Sabni Waaqayyoo guutummaa lafaa irratti waan argamaniif saboonni kun isaan irratti haleellaa banuuf kaayyoo fi gocha isaaniitiin tokko taʼuun isaan barbaachisa. (Mat. 24:9) Haleellaa kana duuba kan jiru garuu Seexana akka taʼe beekamaa dha. Seexanni saboonni addunyaa waaqeffannaa dhugaa akka morman dhiibbaa cimaa isaan irraan geessisaa tureera. (1 Yoh. 5:19; Mul. 12:17) Raajiin Hisqiʼel Goog isa biyya Maagoog ilaalchisee dubbate garuu saboonni lafa irraa saba Waaqayyoo haleeluu irratti gaʼee akkamii akka qaban ibsuu irratti xiyyeeffata.e
‘Biyyi’ Sun Maali Dha?
11. Mulʼanni Hisqiʼel “biyya” Goog weeraru kan ibsu akkamitti?
11 Akkuma keeyyata 3ffaa irratti baranne Goog inni biyya Maagoog biyya Yihowaa biratti gatii guddaa qabdu weeraruudhaan dheekkamsa Yihowaa isa guddaa kakaasa. Maarree biyyi kun maali dha? Mee gara raajii Hisqiʼelitti deebinee haa ilaallu. (Hisqiʼel 38:8-12 dubbisi.) Raajichi Goog “biyya sabni isaa . . . deebifamee” fi ‘saboota keessaa deebiʼee walitti qabame’ akka weeraru dubbata. Kana malees, raajiin kun waaqeffattoota Yihowaa biyya isaaniitti deebifamanii fi biyyattii keessa jiraatan ilaalchisee maal akka jedhu hubadhaa: Isaan “tasgabbiidhaan jiraatu”; bakki isaan jiraatanis gandeen “dallaawwan, danqaraawwan yookiin karrawwan hin qabne keessa” dha; akkasumas ‘qabeenya kuufachaa jiru.’ Biyyi kun biyya namoonni waaqeffannaa qulqulluu Yihowaadhaaf dhiheessanii fi addunyaa maratti argaman keessa jiraatani dha. Kana beekuu kan dandeenyu akkamitti?
12. Bara duriitti biyya Israaʼel keessatti haaromsa akkamiitu raawwatame?
12 Haaromsa Israaʼel durii keessatti raawwatame ilaaluun keenya gaarii dha; biyyattiin bakka sabni Waaqayyoo warri filatamoo taʼan jaarraawwan hedduudhaaf keessa jiraatan, keessatti hojjetanii fi keessatti waaqeffatan turte. Yommuu Israaʼelonni amanamoo taʼuu didanitti Yihowaan karaa Hisqiʼel biyyi isaanii akka badduu fi ona akka taatu raajii dubbateera. (His. 33:27-29) Taʼus Yihowaan Israaʼelonni hafanii fi yaada geeddaratan boojuu Baabilon jalaa baʼanii gara biyya isaaniitti akka deebiʼanii fi achitti waaqeffannaa qulqulluu deebisanii akka hundeessanis raajii dubbateera. Biyyi Israaʼel eebba Yihowaa waan argattuuf jijjiiramtee ‘akkuma iddoo biqiltuu Eedanitti’ ni lalisti. (His. 36:34-36) Haaromsi kun, Dh.K.D. bara 537tti yommuu Yihudoonni boojiʼaman gara Yerusaalemitti deebiʼanii biyya isaanii keessatti waaqeffannaa qulqulluu deebisanii hundeessanitti raawwatamuu jalqabeera.
13, 14. (a) Biyyi hafuuraa maali dha? (b) Biyyi kun Yihowaa biratti gatii guddaa qaba kan jennu maaliifi?
13 Bara keenyattis haalli kanaa wajjin wal fakkaatu namoota Waaqayyoof waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan mudateera. Akkuma Boqonnaa 9ffaa kitaaba kanaa keessatti baranne sabni Waaqayyoo bara 1919tti boojuu Baabilon Guddittii isa bara dheeraadhaaf ture jalaa bilisa baʼaniiru. Bara sanatti Yihowaan namoota waaqeffannaa qulqulluu isa deebiʼee hundeeffame deeggaran biyya hafuuraa tokkotti galcheera. Biyyi kun jannata hafuuraa, jechuunis naannoo ykn haala tasgabbaaʼaa karaa hafuuraa badhaadhaa taʼee fi warri Waaqayyoon waaqeffatan keessatti argamani dha. Nutis nagaa sammuu argannee tasgabbiidhaan biyya kana keessa jiraanna. (Fak. 1:33) Nyaata hafuuraa hedduu ni arganna, akkasumas waaʼee Mootummaa Waaqayyoo labsuu irratti hojii gammachiisaa raawwannu baayʼee qabna. Dhuguma iyyuu yaanni kitaaba fakkeenyaa, “Eebbi Yihowaa sooressa nama godha, innis isaa wajjin rakkina tokko illee hin dabalu” jedhu dhugaa taʼuu isaa argaa jirra. (Fak. 10:22) Bakki nuti jiraannu eessa iyyuu yoo taʼe dubbii keenyaanis taʼe gocha keenyaan waaqeffannaa qulqulluu dammaqinaan yoo deeggarre biyya kana keessa, jechuunis jannata hafuuraa keessa jirra jechuun ni dandaʼama.
14 Biyyi hafuuraa kun Yihowaa biratti gatii guddaa qaba. Maaliif? Ija isaa duratti jiraattonni biyyattii, jechuunis warri inni gara waaqeffannaa qulqulluutti harkise ‘wantoota gatii guddaa qabanii fi saboota hundumaa keessaa dhufani dha.’ (Hag. 2:7; Yoh. 6:44) Namoonni kun namummaa haaraa isa amaloota Waaqayyoo warra guguddaa taʼan calaqqisiisu uffachuuf garaadhaa carraaqqii godhu. (Efe. 4:23, 24; 5:1, 2) Warra waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan waan taʼaniif tajaajila isaa irratti hirmaachuuf guutummaatti of dhiheessu, kanas karaa isaaf ulfina argamsiisuu fi jaalala isaaf qaban argisiisuun ni raawwatu. (Rom. 12:1, 2; 1 Yoh. 5:3) Yihowaan waaqeffattoonni isaa biyya hafuuraa kana bareechuuf cimanii hojjechuu isaanii yommuu argu hammam akka gammadu tilmaamuu dandeenya. Mee yaadi: Jireenya kee keessatti waaqeffannaa qulqulluudhaaf dursa kennuudhaan jannata hafuuraa bareechuu qofa utuu hin taʼin garaa Yihowaas gammachiisuu ni dandeessa.—Fak. 27:11.
Goog Biyyattii kan Weeraru Yoomi, Maaliifi, Akkamitti?
15, 16. Goog inni biyya Maagoog biyya hafuuraa keenya isa deebiʼee haareffame kan weeraru yoomi?
15 Dhiheenyatti saboonni lafa irraa warri gamtaa uuman biyya hafuuraa keenya isa gatii guddaa qabu akka weeraran yaaduun nama sodaachisa. Haleellaan dursee dubbatame kun nu warra Yihowaadhaaf waaqeffannaa qulqulluu dhiheessinu waan ilaallatuuf, waaʼee kanaa caalaatti baruu barbaanna. Mee gaaffiiwwan kaʼuu dandaʼan sadii haa ilaallu.
16 Goog inni biyya Maagoog biyya hafuuraa keenya isa deebiʼee haareffame kan weeraru yoomi? Raajichi, “Bara dhumaatti ati biyya . . . sana ni weerarta” jechuudhaan deebii kenna. (His. 38:8) Kun yeroo dhuma sirna kanaatti dhihaatee jiru argisiisa. Rakkinni guddaan badiisa Baabilon Guddittii ishii amantiiwwan sobaa addunyaa irra jiran hunda argisiistuun akka jalqabu yaadadhaa. Dhaabbileen amantii sobaa erga badanii boodaa fi Armaagedoon jalqabuu isaa dura, Goog waaqeffattoota dhugaa irratti haleellaa guddaa isa dhumaa bana.
17, 18. Yihowaan yeroo rakkina guddaatti haala kan mijeessu akkamitti?
17 Goog biyya namoota Yihowaadhaaf waaqeffannaa qulqulluu dhiheessanii kan weeraru maaliifi? Raajiin Hisqiʼel wantoota kanaaf sababa taʼan lama ibsa, isaanis: tokkoffaa, Yihowaan kun akka taʼu haala kan mijeessu taʼuu isaa, akkasumas lammaffaa, Goog yaada hamaa qabaachuu isaa ti.
18 Yihowaan kun akka taʼu haala mijeessa. (Hisqiʼel 38:4, 16 dubbisi.) Yihowaan Googiin, “Ani . . . mangaagaa keetti hookkoo kaaʼee . . . biyya koo irratti sin fida” jechuu isaa yaadadhaa. Maarree kana jechuun Yihowaan waaqeffattoota isaa akka haleelan saboota ni dirqisiisa jechuu dhaa? Akkas jechuu miti. Inni matumaa wanti hamaan saba isaa irra akka gaʼu hin godhu. (Iyo. 34:12) Taʼus Yihowaan diinonni isaa warra waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan akka jibbanii fi carraa isaan haxaaʼanii balleessuuf argatanitti fayyadamuuf akka yaalan beeka. (1 Yoh. 3:13) Yihowaan akka waan mangaagaa Googitti hookkoo kaaʼee isa geggeessuutti taʼeewwan tokko tokko akka fedha isaattii fi yeroo inni murteessetti akka raawwataman haala mijeessa. Baabilon Guddittiin erga baddee booda yeroo taʼe tokkotti Yihowaan karaa taʼe tokkoon saboonni wanta durumaan garaa isaanitti yaadan akka raawwatan isaan kakaasa. Akka kanaan Yihowaan haleellaa gara Armaagedoonitti, jechuunis waraana hunda irra caaluutti geessuuf haala mijeessa. Achiis saba isaa badiisa irraa ni oolcha, ol aantummaa isaa ni mirkaneessa, akkasumas maqaan isaa akka qulqullaaʼu godha.—His. 38:23.
Saboonni waaqeffannaa qulqulluu saamuu kan barbaadan waaqeffannaa kanas taʼe warra isa babalʼisan waan jibbaniifi
19. Goog waaqeffannaa qulqulluu akka saamu wanti isa kakaasu maali dha?
19 Yaada hamaa Goog qabu. Saboonni ‘karoora hamaa ni qopheessu.’ Isaan aarii fi jibba yeroo dheeraadhaaf waaqeffattoota Yihowaatiif qaban ibsuu barbaadu; waaqeffattoonni Yihowaas akka waan ‘gandeen dallaawwan, danqaraawwan yookiin karrawwan hin qabne keessa jiraataniitti’ balaadhaaf kan saaxilaman fakkaatu. Kana malees saboonni kun warra ‘qabeenya kuufachaa jiran’ kana irraa ‘boojuu hedduu fudhachuu fi saamuuf’ ni hawwu. (His. 38:10-12) ‘Qabeenyi’ kun maali dha? Sabni Yihowaa qabeenya hafuuraa guddaa qaba; qabeenyi keenya inni hunda irra caalu waaqeffannaa qulqulluu isa Yihowaadhaaf qofa dhiheessinu dha. Saboonni kun waaqeffannaa qulqulluu saamuu barbaadu, akkas kan godhan garuu waaqeffannaa qulqulluudhaaf bakka guddaa waan kennaniif utuu hin taʼin, waaqeffannaa kanas taʼe warra isa babalʼisan waan jibbaniifi.
20. Goog biyya ykn jannata hafuuraa kan weeraru akkamitti?
20 Goog biyya ykn jannata hafuuraa kan weeraru akkamitti? Saboonni jireenya keenya jeequu fi waaqeffannaa keenya akka dhaabnu gochuuf yaalu taʼa. Kana galmaan gaʼuufis tarii nyaanni hafuuraa akka addaan citu gochuu, akka walitti hin qabamne nu dhowwuu, tokkummaa keenya diiguu fi ergaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan akka hin labsine nu dhowwuuf yaalii gochuu dandaʼu. Wantoonni kun hundi jannata hafuuraa keenyaaf barbaachisoo dha. Saboonni kun dhiibbaa Seexanaatiin waaqeffattoota dhugaas taʼe waaqeffannaa qulqulluu lafa irraa haxaaʼanii balleessuuf yaalu.
21. Yihowaan wanta gara fuulduraatti raawwatamu ilaalchisee akeekkachiisa nuu kennuu isaatiif kan galateeffattu maaliifi?
21 Haleellaan Goog inni biyya Maagoog geessisu waaqeffattoota dhugaa biyya hafuuraa Waaqayyo isaaniif kenne keessa jiraatan hunda irratti dhiibbaa kan geessisu dha. Yihowaan wanta gara fuulduraatti raawwatamu ilaalchisee dursee akeekkachiisa nuu kennuu isaatti baayʼee galateeffanna. Kanaafuu rakkina guddaa eeggachaa yeroo jirru kanatti waaqeffannaa qulqulluu deeggaruu fi isaaf dursa kennuuf haa murteessinu. Kana gochuudhaan yeroo ammaatti bareedina biyya deebiʼee haareffame kanaatiif gumaacha gochuu dandeenya. Akkasumas wanta kana caalaa dinqisiisaa taʼee fi dhiheenyatti raawwatamu tokko, jechuunis Yihowaan saba isaatii fi maqaa isaatiif kan dhaabbatu akkamitti akka taʼe arguuf carraa arganna; boqonnaan itti aanus waaʼee kanaa ibsa.
a Boqonnaa kitaaba kanaa itti aanu irratti aariin Yihowaa inni guddaan Goog isa biyya Maagoog irratti kan bobaʼu akkamittii fi yoom akka taʼe, akkasumas kun namoota waaqeffannaa qulqulluu dhiheessaniif hiika maalii akka qabu mariʼanna.
b “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa, Caamsaa 15, 2015, ful. 29-30 irratti argamu ilaali.
c Daaniʼel 11:45 mootiin kaabaa, “dunkaanota mootii isaa galaana guddichaa [Meditiraaniyaa] fi gaara qulqulluu isa biyya bareedduu [bakka yeroo tokkotti manni qulqullummaa Waaqayyoo irra turee fi sabni Waaqayyoo itti waaqeffatan] keessa jiru gidduu ni dhaaba” waan jedhuuf, mootiin kun saba Waaqayyoo irratti xiyyeeffata.
d Kitaabni Qulqulluun “Asoorichi” bara keenyaa inni saba Waaqayyoo balleessuu barbaadu haleellaa akka banus ni dubbata. (Mik. 5:5) Haleellaan arfan saba Waaqayyoo irratti akka banaman raajiidhaan dubbataman, jechuunis haleellaan Goog isa biyya Maagoog, kan mootii kaabaa, kan mootota lafaa fi kan Asoorichaa haleellaa wal fakkaatuu fi maqaa garaa garaa qabu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
e Eenyummaa “Googii fi Maagoog” isa Mulʼata 20:7-9 irratti caqasame ilaalchisee ibsa kenname argachuuf Boqonnaa 22ffaa kitaaba kanaa ilaali.