Gaaffii Dubbistootaa
Goog inni biyya Maagoog inni Macaafa Hisqiʼel keessatti ibsame eenyu?
Barreeffamoota keenya irratti waggoota hedduudhaaf Goog inni biyya Maagoog maqaa erga inni samii irraa darbatamee booda Seexanaaf kenname akka taʼe ibsamaa tureera. Akkas jechaa kan turre, Macaafni Mulʼataa waraana addunyaa maratti saba Waaqayyoo irratti godhamu kan geggeessu Seexana isa Diiyaabilos jedhamu akka taʼe waan dubbatuufi. (Mul. 12:1-17) Kanaafuu, maqaan Goog jedhu maqaa kan biraa Seexanaaf kenname akka taʼe yaadama ture.
Haa taʼu malee, ibsi kun gaaffiin barbaachisaa taʼe tokko tokko akka kaʼu godheera. Maaliif? Mee yaadi: Goog yeroo moʼamutti wanta isa irra gaʼu ilaalchisee Yihowaan akkana jedheera: “Ani allaattii raqaa hundumaaf bineensota caakkaa hundumaafis nyaata godhee isin nan kenna.” (His. 39:4) Itti dabalees Yihowaan akkana jedheera: ‘Bara sana biyya Israaʼel keessaa Googiif iddoo awwaalaa nan kennaaf; Googii fi loltuun isaa hundinuu achitti in awwaalamu.’ (His. 39:11) Haa taʼu malee, uumamni hafuuraa tokko “allaattii raqaa” fi ‘bineensota caakkaatiin’ akkamitti nyaatamuu dandaʼa? Seexanaaf lafa irratti ‘iddoon awwaalaa’ akkamitti kennamuu dandaʼa? Macaafni Qulqulluun Seexanni akka nyaatamu ykn akka awwaalamu utuu hin taʼin, waggaa 1,000f boolla keessatti akka hidhamu dubbata.—Mul. 20:1, 2.
Macaafni Qulqulluun, Seexanni dhuma waggaa 1,000 booda boolla keessaa akka gadhiifamuu fi “saba golee lafaa arfan keessa jiran Googin, Maagooginis, gowwoomsuudhaaf, lolaaf walitti isaan qabuudhaafis [akka baʼu]” dubbata. (Mul. 20:8) Seexanni ofii isaatii iyyuu Googi taanaan akkamitti Googiin gowwoomsuu dandaʼa ree? Kanaafuu, “Goog” inni raajii Hisqiʼel keessattis taʼe Macaafa Mulʼataa keessatti ibsame Seexana kan argisiisu miti.
Goog inni biyya Maagoog eenyu ree? Gaaffii kana deebisuu akka dandeenyutti, saba Waaqayyoo irratti waraana kan banu eenyu akka taʼe beekuuf Caaffata Qulqullaaʼoo qoruu qabna. Macaafni Qulqulluun, waaʼee waraana ‘Goog inni biyya Maagoog’ banuu qofa utuu hin taʼin, waaʼee waraana “mootiin biyya gara bitaa [ykn mootiin kaabaa]” banuu fi waaʼee waraana “mootonni biyya lafaa” bananiis ni dubbata. (His. 38:2, 10-13; Dan. 11:40, 44, 45; Mul. 17:14; 19:19) Waraanonni kun waraana garaa garaa tii? Akkas hin fakkaatu. Macaafni Qulqulluun waraanuma tokko maqaa garaa garaatiin ibsaa akka jiru hin shakkisiisu. Xumura akkasii irra kan geenye maaliifi? Caaffanni Qulqullaaʼoon saboonni lafa irraa hundi waraana dhumaa gara waraana Armaagedoonitti geessu irratti akka hirmaatan waan dubbatuufi.—Mul. 16:14, 16.
Yaadawwan Caaffata Qulqullaaʼoo waaʼee waraana dhumaa saba Waaqayyoo irratti banamuu dubbatan kana hunda wal bira qabnee yeroo ilaallu, maqaan Goog isa biyya Maagoog jedhu Seexana utuu hin taʼin gamtaa sabootaa kan argisiisu taʼuu isaa hubanna. Gamtaan kun ‘mootii biyya gara bitaa’ isa fakkeenyaan ibsameen geggeeffamaa? Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taanee dubbachuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, yaanni kun wanta Yihowaan akka armaan gadii jechuudhaan waaʼee Goog dubbatee wajjin kan wal simu fakkaata: “Ati iddoo kee biyya gara bitaa isa fagoodhaa in dhufta, sabni baayʼeenis sii wajjin achii baʼanii in dhufu; hundumti isaaniis farda in yaabbatu; isaan saba baayʼee dha, loltuu jajjaboo dhas.”—His. 38:6, 15.
Haaluma wal fakkaatuun, Daaniʼel raajichi inni bara Hisqiʼelitti jiraate waaʼee mootii biyya gara bitaa akkana jedheera: “Oduun inni baʼa-biiftuutii fi gara bitaatii dhagaʼu isa in naasisa; inni namoota baayʼee fixuudhaaf, lafa irraas balleessuudhaaf aarii guddaadhaan in baʼa. Inni galaanaa fi tulluu isa qulqullaaʼaa ulfina-qabeessa gidduu dunkaanota mootummaa isaa in dhaabbata; namni isa gargaaru tokko illee isa bira hin jiru, kanaanis jireenyi isaa in dhuma.” (Dan. 11:44, 45) Kun wanta Goog raawwatu ilaalchisee yaada Macaafa Hisqiʼel keessatti ibsamee wajjin wal sima.—His. 38:8-12, 16.
Waraana dhumaa saba Waaqayyoo irratti banamu kanatti aanee maaltu taʼa? Daaniʼel akkana jedheera: “Yeroo sanatti Mikaaʼel [Yesus Kiristos] ergamaa inni guddichi ijoollee saba keef [bara 1914 kaasee] dhaabatu [yeroo Armaagedoonitti] in kaʼa; yeroon rakkinaas [rakkinni guddaan] in taʼa; sanyiin rakkinichaas erga sabni jiraachuutti kaʼee jalqabee, hamma bara sanaatti argamee kan hin beekne in taʼa; sabni kee warri maqaan isaanii macaaficha keessatti caafame garuu adduma addaan isa jalaa in baʼu.” (Dan. 12:1) Tarkaanfiin Yesus inni bakka buʼaa Waaqayyoo taʼe fudhatu kun Mulʼata 19:11-21 irrattis ibsameera.
Haa taʼu malee, Mulʼata 20:8 irratti ‘Googii fi Maagoog’ kan jedhame eenyu? Namoonni yeroo qorumsa dhumaa xumura waggaa 1,000tti Yihowaa irratti kaʼan, akkuma “Goog isa biyya Maagoog,” jechuunis akkuma saboota yeroo dhuma rakkina guddaatti saba Waaqayyoo irratti waraana bananii ajjeechaadhaaf kakaʼu. Wanti garee lamaanuu eeggatu tokko dha, jechuunis duʼa bara baraa ti! (Mul. 19:20, 21; 20:9) Kanaafuu, warri dhuma waggaa 1,000 sanatti Yihowaa irratti kaʼan hundi ‘Googii fi Maagoog’ jedhamuun isaanii sirrii fakkaata.
Barattoota Macaafa Qulqulluu waan taaneef, qaamni dhiheenyatti gaʼee ‘mootii biyya gara bitaa’ raawwatu eenyu akka taʼe arguuf hawwii guddaa qabna. Gamtaa sabootaa kana kan geggeessu eenyuu iyyuu yoo taʼe, waaʼee wantoota lamaa mirkanaaʼoo dha: (1) Goog inni biyya Maagoogii fi loltoonni isaa ni moʼamu, akkasumas ni balleeffamu; (2) Yesus Kiristos Mootiin keenya inni bulchaa jiru, saba Waaqayyoo ni oolcha; addunyaa haaraa nagaanii fi tasgabbiin dhugaan keessa jiraatuttis isaan galcha.—Mul. 7:14-17.