BARUMSA 22
Misiraachicha Lallabuu kan Dandeessu Akkamitti?
Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barachaa yommuu deemtu, ‘Kana namni hundumtuu beekuu qaba!’ jettee yaadda taʼa. Eeyyee namni hundi beekuu qaba! Taʼus, wanta baratte namoota kaanitti himuun si sodaachisa taʼa. Mee amma sodaa kee moʼuu fi misiraachoo Kitaaba Qulqulluu gammachuudhaan namoota kaanitti himuu jalqabuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
1. Wanta baratte namoota kaanitti himuu kan dandeessu akkamitti?
Barattoonni Yesuus, “Waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu” jedhanii turan. (Hojii Ergamootaa 4:20) Dhugaadhaaf bakka guddaa kennanii waan turaniif, hamma isaaniif dandaʼame namoota hedduutti himuu barbaadu turan. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Taanaan, carraa wanta baratte maatii fi michoota keetti kabajaan himuuf si dandeessisu argachuuf carraaqi.—Qolosaayis 4:6 dubbisi.
Karaawwan lallabuu jalqabuu itti dandeessu tokko tokko
Firoota kee wajjin yommuu haasoftu, mata duree Kitaaba Qulqulluu tokko isaanitti himuuf, “Torban kana wanta baayʼee nama dinqisiisu tokkon baradhe” jettee jalqabuu dandeessa.
Michuu kee dhukkubsate ykn dhiphate tokkoof caqasa Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessu dubbisiif.
Namoonni si wajjin hojjetan ‘Sanbadduraa fi Dilbanni akkam ture?’ jedhanii yommuu si gaafatan wanta qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irraa ykn walgaʼii gumii irraa baratte itti himi.
Michoota keetti weebsaayitii keenya jw.org itti argisiisi.
Warri kaan yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼattu akka argaman affeeri ykn jw.org fayyadamanii qoʼachuuf gaafachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe itti argisiisi.
2. Gumichaa wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuun faayidaa qaba kan jennu maaliifi?
Barattoonni Yesuus namoota beekanitti misiraachicha himuu caalaa wanta godhan qabu. Yesuus akka lallabaniif, “lama lama godhee gara magaalaa . . . hundatti of dura isaan erge.” (Luqaas 10:1) Hojiin lallabaa haala kanaan gurmaaʼuun isaa namoonni dabalataa hedduun carraa misiraachicha dhagaʼuu akka qabaatan godheera. Barattoonni Yesuus waliin lallabuun isaaniis gammachuu guddaa isaaniif argamsiiseera. (Luqaas 10:17) Atoo gumichaa wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuuf galma baafachuu ni dandeessaa?
CAALAATTI BARADHU
Sodaa kee moʼuu fi gammachuu misiraachicha lallabuudhaan argamu argachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.
3. Yihowaan si gargaara
Namoonni hojii lallabaa irratti hirmaachuu barbaadan tokko tokko, namoonni maal naan jedhu ykn deebii akkamii naaf kennu laata jedhanii sodaatu taʼa.
Atoo wanta baratte warra kaanitti himuun si sodaachisaa? Maaliif?
VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Dargaggoonni Dhugaa Baatota taʼan kun sodaa isaanii kan moʼan akkamitti?
Isaayyaas 41:10 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Lallabuun yommuu si sodaachisutti kadhannaan kan si gargaaru akkamitti?
Kana beektaa?
Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun jalqaba irratti matumaa misiraachicha lallabuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama ture. Fakkeenyaaf, Sargeen ofitti amanamummaa waan hin qabneef namoota haasofsiisuun isatti ulfaata ture. Haa taʼu malee, yeroo booda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Akkana jedheera: “Kanan sodaadhu taʼus wantan barachaa ture namoota kaanitti himuun jalqabe. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti himuun koo ofitti amanannaa koo naaf guddisuun isaa baayʼee na dinqisiiseera. Kana malees, amantiin dhugaawwan haaraa taʼan kana irratti qabu naa cimseera.”
4. Karaa kabaja qabuun dubbadhu
Misiraachoo namootatti yommuu himtu wanta dubbattu qofa utuu hin taʼin akkaataa itti dubbattuufis xiyyeeffannaa kenni. Ximotewos Lammaffaa 2:24 fi 1 Pheexiros 3:15 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Waaʼee Kitaaba Qulqulluu namootatti yommuu himtu caqasawwan kana hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti?
Miseensonni maatii kee ykn michoonni kee wanta ati dubbattu hin fudhatan taʼa. Maarree yeroo kanatti maal gochuu dandeessa? Maal gochuu hoo hin qabdu?
Wanta itti amanuu qaban namootatti himuu mannaa gaaffiiwwanitti malaan fayyadamuun gaarii kan taʼe maaliifi?
5. Misiraachoo lallabuun gammachuu argamsiisa
Yihowaan hojii misiraachicha lallabuu Yesuusiif kenneera. Yesuus hojii kanaaf ilaalcha akkamii qaba ture? Yohaannis 4:34 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Nyaata gaarii nyaachuun jiraachuuf nu gargaara, akkasumas gammachuu nuuf argamsiisa. Yesuus misiraachicha lallabuu dabalatee fedha Waaqayyoo raawwachuu nyaata nyaachuu wajjin kan wal fakkeesse maaliifi?
Misiraachicha lallabuun gammachuu akkamii argamsiisa jettee yaadda?
Gorsa Gaarii
Walgaʼii torban gidduutti godhamu irratti, karaa itti marii jalqabuu dandeessu argachuuf carraaqi.
Walgaʼii torban gidduutti godhamu irratti kutaa barataa dhiheessuuf maal gochuu akka qabdu beekuuf barsiisaa kee gaafadhu. Kutaa barataa dhiheessuun kee wanta barachaa jirtu warra kaanitti himuuf caalaatti qophaaʼaa akka taatu si gargaara.
Gaaffiiwwan yeroo baayʼee gaafatamanii fi mormii si mudatuuf deebii akkamii kennuu akka dandeessu shaakaluuf kutaawwan barumsa kana keessa jiranii fi “Namoonni Tokko Tokko Akkana Jedhu” ykn “Namni Tokko Akkana Jedhee Si Gaafata Taʼa” jedhanitti fayyadami.
NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Wanta haaraa maaltu jira?”
Carraa kanatti fayyadamtee wanta qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irraa baratte nama kanatti himuu kan dandeessu akkamitti?
MAAL BARATTE?
Misiraachicha namoota kaaniif lallabuun gammachuu argamsiisa, tarii immoo lallabuu jalqabuun hamma yaadde ulfaataa taʼuu dhiisuu dandaʼa.
Irra Deebii
Misiraachicha namootaaf kan lallabnu maaliifi?
Karaa kabaja qabuun lallabuu kan dandeessu akkamitti?
Lallabuu ilaalchisee sodaa sitti dhagaʼamu moʼuu kan dandeessu akkamitti?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Karaawwan salphaa kaardii teessoo jw.org fayyadamuudhaan misiraachicha lallabuu itti dandeessu afur ilaali.
Waaʼee amalawwan misiraachicha lallabuuf si gargaaruu dandaʼan afurii baradhu.
“Namoota kan Qabdan Taʼuuf Qophooftaniittuu?” (Masaraa Eegumsaa, Fulbaana 2020)
Ijoollee taanu illee fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame misiraachicha lallabuuf ija jabina kan nuuf kennu akkamitti akka taʼe ilaali.
Miseensota maatii kee waaʼee Yihowaa hin beekne wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.
“Garaa Firoota Keenyaa Tuquu Ni Dandeenyaa?” (Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 15, 2014)