Garaa Firoota Keenyaa Tuquu Ni Dandeenyaa?
YESUS KIRISTOS namicha tokkoon, “Gara mana keetii fi lammii keetii dhaqi, waan gooftaan siif godhe hundumaa, attamittis akka si maare isaanitti himi!” jedhee ture. Akkas kan jedhe, tarii yeroo Gaadaaraa ishee Galaana Galiilaarraa kibba bahaatti argamtu keessa turetti, nama duuka buutuusaa taʼuu barbaadu tokkoonidha. Yaanni Yesus dubbate, fedhii namoonni waaʼee dhimma barbaachisaa taʼe tokkoo firootasaaniitti himuuf qaban akka hubate kan argisiisudha.—Mar. 5:19.
Yeroo harʼaas, haallisaa aadaa hunda keessatti haala walqixa taʼeen mulʼachuu baatus, namoonni fedhii akkasii akka qaban ni argina. Kanaaf, namni tokko Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe waaqeffachuu ennaa jalqabu, amantiisaa isa haaraa firootasaatti himuuf fedhii guddaa qabaata. Taʼus, kana gochuu kan qabu akkamitti? Namni kun, garaa firootasaa warra amantii kan biraa hordofanii ykn sirumaa amantii hin qabnee tuquu kan dandaʼu akkamitti? Gama kanaan Macaafni Qulqulluun gorsa gaarii qabateera.
“MASIIHICHA ARGANNEERRA”
Jaarraa tokkoffaatti, Indiriyaas namoota Yesus Masiihii taʼuusaa jalqaba baran keessaa tokkodha. Maarree, wanta bare jalqaba eenyutti hime? ‘Indiriyaas, dura obboleessasaa Simooniin argatee, “Masiihicha arganneerra” jedhee itti hime; “Masiihii” jechuun “Kiristos” jechuudha.’ Indiriyaas Phexrosiin gara Yesusitti geessuudhaan, bartoota Yesus keessaa tokko taʼuuf carraa akka argatu godheera.—Yoh. 1:35-42.
Gara waggaa jaʼaa booda ennaa Yophee turetti, Phexros gara Qorneelewos isa angafa dhibbaa loltoota Roomaa tureefi mannisaa Qiisaariyaarraa gara kaabaatti argamuu akka dhaqu afeerame. Yeroo Phexros achi gaʼetti, namoonni manicha keessatti walitti qabamanii turan eenyufaʼi? ‘Qorneelewos, aantiisaafi michootasaa waamee, [Phexrosiifi namoota isaa wajjin garasaa dhufaa turan] eegaa’ ture. Qorneelewos firootasaa waamuunsaa, haasaa Phexros dhaggeeffachuudhaan wanta dhagaʼanirratti hundaaʼanii murtoo akka godhan carraa isaaniif baneera.—HoE. 10:22-33.
Wanta Indiriyaasiifi Qorneelewos firootasaaniitiif godhanirraa barumsa akkamii arganna?
Indiriyaasis taʼe Qorneelewos fironnisaanii kun yeruma taʼetti haa dhagaʼan jedhanii hin dhiisne. Indiriyaas waaʼee Yesus ofumasaatii Phexrositti kan hime siʼa taʼu, Qorneelewosimmoo haala mijeessuudhaan firoonnisaa haasaa Phexros akka dhaggeeffatan godheera. Taʼus Indiriyaasis taʼe Qorneelewos, firootasaanii hin dirqisiisne ykn isaan gowwoomsuudhaan duuka buutota Kiristos akka taʼan gochuuf hin yaalle. Kanarraa maal baranna? Nutis akkumasaanii gochuun keenya gaariidha. Firoota keenyatti yaada tokko tokko himuudhaan, dhugaa Macaafa Qulqulluu akka beekan, akkasumas obboloota keenyaa wajjin akka wal baran gochuu dandeenya. Haataʼu malee, isaan dirqisiisuuf yaaluurraa of qusachuu qabna. Firoota keenya akkamitti gargaaruu akka dandeenyu ilaaluuf, fakkeenya hiriyoota gaaʼelaa Jarman jiraataniifi Yuurganiifi Peetraa jedhamanii haa ilaallu.
Peetraan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan yeroo booda cuuphamte. Abbaan manaashee Yuurganimmoo geggeessaa raayyaa waraanaa ture. Jalqabarratti murtoo haati manaasaa gootetti hin gammanne. Yeroo booda garuu, wanti Dhugaa Baatonni lallaban Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuusaa hubate. Achiis Yihowaadhaaf kan of murteesse siʼa taʼu, yeroo harʼaa jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira. Garaa firoota keenya warra amantii kan biraa hordofanii tuquu ilaalchisee Yuurgan gorsa akkamii kenna?
Akkas jedheera: “Dhimmoota hafuuraarratti firoota keenya dirqisiisuu hin qabnu. Akkas gochuun jibbi isaan qaban akka guddatu gochuu dandaʼa. Suuta suuta, malaan yaada muraasa isaanitti himuun keenya gaariidha. Obboloota firoota keenyaa wajjin umriifi fedhii wal fakkaataa taʼe qabanii wajjin wal isaan barsiisuunis gaariidha. Akkas gochuun keenya akka isaan dhugaa fudhataniif haala mijeessuu dandaʼa.”
Phexrosiifi firoonni Qorneelewos dhugaa Macaafa Qulqulluu dafanii fudhataniiru. Warri kaan garuu, murtoo gochuuf yeroo itti fudhateera.
OBBOLOONNI YESUSOO?
Firoonni Yesus baayʼeensaanii ergaa inni lallabaa turetti amananiiru. Fakkeenyaaf, Yaaqoobiifi Yohannis durbii Yesus kan turan siʼa taʼu, haatisaanii Salomeenimmoo adaadaasaa turte. Salomeen dubartoota ‘qabeenyasaaniitiin Yesusiifi bartootasaatiif hojjechaa turan’ keessaa tokko taʼuu hin ooltu.—Luq. 8:1-3.
Haataʼu malee, miseensonni maatii Yesus kaan ergaa inni lallabaa ture yeruma sana hin fudhanne. Fakkeenyaaf, Yesus cuuphamee waggaa tokko booda, namoonni baayʼeen isa dhaggeeffachuuf walitti qabamanii turan. “Firoonni isaa immoo kana dhagaʼanii, ‘Innoo qalbii dabarse’ jedhanii, isa qabuudhaaf dhufan.” Yeroo muraasa booda, obboloonnisaa Yesus eessa dhaquuf akka karoorfate ennaa isa gaafatanitti kallattiidhaan isaaniif hin deebisne. Maaliif? ‘Waan isaan isatti hin amanneef ture.’—Mar. 3:21; Yoh. 7:5.
Akkaataa Yesus firootasaa itti qaberraa maal barachuu dandeenya? Firoonnisaa tokko tokko akka inni qalbii dabarse ennaa dubbatanitti hin aarre. Erga duʼaa kaʼee booda obboleessasaa Yaaqoobitti mulʼachuunsaa, firoonnisaa akka isatti amanan isaan jajjabeesseera. Kunimmoo Yaaqoob qofa utuu hin taʼin, obboloonnisaa kaanis Yesus Masiihii akka ture akka mirkaneeffatan gochuu hin oolu. Kanaaf, Yerusaalemitti mana tokko keessatti ergamoota Yesusiifi duuka buutotasaa kaanii wajjin taʼuudhaan hafuura qulqulluu fudhachuu dandaʼaniiru. Yeroo booda, obboloota Yesus kan taʼan Yaaqoobiifi Yihudaan mirga addaa argataniiru.—HoE. 1:12-14; 2:1-4; 1 Qor. 15:7.
NAMOONNI TOKKO TOKKO DAFANII DHUGAA HIN FUDHATAN
Akkuma jaarraa jalqabaatti ture, firoonni keenya tokko tokko dafanii dhugaa hin fudhatan. Roswiitaa ishee yeroo abbaan manaashee bara 1978tti cuuphametti amantii Kaatolikii Roomaa hordofaa turte akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Amantiisheetiif hinaaffaa waan qabduuf, jalqabarratti abbaa manaashee mormitee turte. Waggoota hedduu booda garuu, mormuushee dhiisaa kan deemte siʼa taʼu, wanti Dhugaa Baatonni Yihowaa barsiisan dhugaa akka taʼe hubachuu jalqabde. Achiis bara 2003tti ni cuuphamte. Wanti ishee jijjiire maalidha? Abbaan manaashee jalqabarratti mormii isheen isarratti gessisteen aaruu mannaa, ilaalchashee akka jijjiirtu yeroo kenneeraaf. Roswiitaan gorsa akkamii kenniti? “Wanta baayʼee gaarii taʼe argachuun obsa guddaa gaafata” jetteetti.
Moniikaan kan cuuphamte bara 1974tti siʼa taʼu, ijoolleenshee lamaan Dhugaa Baatota kan taʼan waggaa kudhan boodadha. Abbaan manaashee Haans, amantiisaanii mormuu baatus hanga 2006tti hin cuuphamne. Maatiin kun gorsa akkamii kennu? “Amanamummaadhaan Yihowaatti maxxanaa, akkasumas amantii keessanii wajjin haala walqabateen ejjennoo cimaa qabaadhaa” jedhaniiru. Maatiin kun, Haansitti jaalala argisiisuu itti fufuunsaanii akka isa fayyade beekamaadha. Abdii kutachuu dhiisuunsaanii yeroo booda akka inni dhugaa fudhatu godheera.
BISHAAN JIREENYAA DHUGUU
Yesus, dhugaan bishaan jireenya barabaraa argamsiisu akka taʼe ibseera. (Yoh. 4:13, 14) Firoonni keenya bishaan dhugaa diilallaaʼaafi qulqulluu taʼe dhuganii akka qabbaneeffatan barbaanna. Taʼus, bishaan dhugaa kana yeruma tokkotti isaanirratti dhangalaasuudhaan, isaan dhiphisuu hin barbaannu. Karaan amantii keenya isaaniif itti ibsinu, akka qabbaneeffatan ykn akka dhiphatan gochuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada,” akkasumas, “Namoonni ogeeyyiin itti yaadanii in dubbatu, dubbiin afaan isaaniis nama in amansiisa” jedha. Gorsa kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?—Fak. 15:28; 16:23.
Haati manaa tokko waaʼee amantiishee abbaa manaasheetiif ibsuuf hawwii qabdi taʼa. ‘Dubbachuushee dura kan itti yaaddu’ taanaan, jechoota itti fayyadamtu ni filatti; suuta suuta itti himtis. Taʼus, haala isheen qofti sirrii akka taateefi akka isa tuffattu argisiisuun isatti dubbachuu hin qabdu. Dubbiin itti yaaduudhaan dubbattu, qabbana isaaf argamsiisuufi nagaa buusu dandaʼa. Abbaa manaasheetti miirri gaariin kan dhagaʼamuufi salphaatti isa haasofsiisuu kan dandeessu yoomi? Waaʼee maalii haasaʼuu ykn dubbisuu jaallata? Saayinsii, siyaasamoo ispoortii jaallata? Miiraafi ilaalchasaa akka kabajju karaa argisiisuun, waaʼee Macaafa Qulqulluu beekuuf fedhii akka qabaatu gochuu kan dandeessu akkamitti? Wantoota kanarratti yaaduunshee, dubbiinis taʼe gochishee hubannaarratti kan hundaaʼe akka taʼu ishee gargaara.
Garaa miseensota maatii warra Dhugaa Baatota hin taanee tuquuf, amantii keenya hamma tokko ibsuun qofti gaʼaa miti. Wanti dubbannu amala argisiisnuun deggeramuu qaba.
AMALA GAARII
Yuurgan inni olitti caqasame, “Jireenya keessan keessatti seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuu keessan itti fufaa. Akkas gochuun keessan firri keessan kanaan dura haalasaa hin hubanne yoo taʼellee, amma akka irratti yaadu gochuu dandaʼa” jedheera. Haans, inni haati manaasaa erga cuuphamtee waggaa 30 booda cuuphames yaada kanarratti walii gala. “Firoonni keenya jijjiirama dhugaan jireenya keenyarratti fide akka hubataniif amala Kiristiyaanarraa eegamu argisiisuun keenya barbaachisaadha” jedheera. Akkas gochuun keenya firoonni keenya, sababiin nuti namoota kaanirraa adda itti taane sirrii akka taʼe akka hubatan godha.
Phexros, haadhotii manaa abbootiin manaasaanii amantoota hin taaneef gorsa gaarii akkas jedhu kenneera: “Warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo taʼan iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka moʼamanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa! Isaan amala keessan isa qullaaʼaa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu. Of kuuluun keessan, wanta alaan mulʼatu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babbaʼeessa uffachuudhaanis hin taʼin! Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa taʼu! Kunis hafuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa taʼe sanaan haa mulʼatu!”—1 Phe. 3:1-4.
Phexros, abbaan manaa tokko amala gaarii haati manaasaa argisiistuun harkifamuu akka dandaʼu barreesseera. Kiristaan bara 1972tti erga cuuphamtee booda, gorsa olitti kenname hojiirra oolchuudhaan amala gaarii argisiistuun garaa abbaa manaashee tuquuf yaaltee turte. Abbaan manaashee kanaan dura qayyabachaa kan ture taʼus, of hin murteessine ture. Walgaʼiiwwan tokko tokkorratti kan argamu siʼa taʼu, obboloota gumichaa wajjinis walitti dhihaata ture. Isaaniis gama kanaan mirga filannaasaa ni kabaju turan. Kiristaan garaasaa tuquuf kan yaalte akkamitti?
“Daandii jireenyaa Yihowaan akkan irra deemu barbaadurra deemuukoo itti fufuuf kutadheen ture. Taʼus, abbaa manaakootti ‘waan tokko utuu hin dubbatin,’ jechuunis amala gaarii argisiisuudhaan gara dhugaatti isa harkisuuf nan yaalan ture. Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hamma hin cabsinetti, wanta inni barbaadu gochuuf carraaqqii gochaan ture. Mirga filannaasaa nan kabajaaf, wanta hafemmoo Yihowaarratti gateen dhiisan ture.”
Muuxannoon Kiristaa, akka haalasaatti jijjiirama gochuun faayidaa akka qabu argisiisa. Walgaʼiirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuu dabalatee, sochiiwwan hafuuraa ciminaan raawwachuushee itti fuftee turte. Taʼus, abbaa manaasheetiif jaalala, yeroofi xiyyeeffannaa kennuu akka qabdus hin daganne. Karaa firoota keenya itti qabnurratti akka haalasaatti jijjiirama gochuuniifi haalasaanii isaaniif hubachuun keenya gaariidha. Macaafni Qulqulluun, “Wanti hundinuu yeroo qaba” jedha. Kunimmoo, yeroo miseensota maatii keenyaa warra Dhugaa Baatota Yihowaa hin taanee wajjin, keessattuu yeroo hiriyoota gaaʼelaa keenyaa wajjin dabarsinu kan dabalatudha. Yeroo waliin dabarsuun carraa itti waliin haasaʼan argamsiisa. Muuxannoorraa hubachuun akka dandaʼamutti, akka gaariitti waliin haasaʼuun miirri kophummaafi hinaaffaan akka namatti hin dhagaʼamne godha.—Lal. 3:1.
ABDII HIN KUTATINAA
Holgar inni abbaansaa miseensonni maatiisaa kaan erga cuuphamanii waggaa 20 booda cuuphame, “Miseensota maatii keenyaa akka jaallannu argisiisuun, akkasumas isaaniif kadhachuun keenya barbaachisaadha” jedheera. Kiristaan, ‘abbaan manaashee yeroo booda Yihowaa cinaa akka dhaabatuufi dhugaa akka fudhatu abdii godhachuushee akka itti fuftu’ dubbatteetti. Yeroo hunda firoota keenya warra amantii keenya hin hordofneef ilaalcha gaarii qabaachuufi jijjiirama akka godhan abdii godhachuu qabna.
Kaayyoon keenya, firoota keenyaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu, dhugaa akka baran gargaaruufi ergaa Macaafa Qulqulluutiin garaasaanii tuquudha. Yeroo hunda ‘arraba laafaadhaan dubbachuufi akka nama safeeffannu’ argisiisuunis barbaachisaadha.—1 Phe. 3:15, 16.