Gaa’ela ‘Fo’aa Dachaa Sadiin Walitti Fo’ame’ Qabaadhaa
“Fo’aan dachaa sadiin walitti fo’ame dafee hin citu.”—LAL. 4:12.
1. Namoota jalqabaa gaa’elaan kan walitti hidhe eenyu?
YIHOWAAN biqiltuuwwaniifi bineensota erga uumee booda, nama isa jalqabaa kan ta’e Addaamiin uume. Achiis, Addaamitti hirriba cimaa buusuudhaan cinaachasaarraa lafee tokko fudhatee, gargaartuu mudaa hin qabne isaa uume. Addaamis yommuu ishee argu, “Isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fuudhame” jedhe. (Uma. 1:27; 2:18, 21-23) Yihowaan dubartii jalqabaa kana uumuusaatti kan gammade yommuu ta’u, hiriyoota gaa’elaa akka walii ta’an gochuudhaan isaan eebbiseera.—Uma. 1:28; 2:24.
2. Seexanni, walitti dhufeenya Addaamiifi Hewwaan gidduu jiru kan balleesse akkamitti?
2 Gaa’elli Waaqayyo hundeesse kun baay’ee utuu hin turin rakkinni kan isa mudate ta’uunsaa nama gaddisiisa. Kun kan ta’e akkamitti? Uumamni hafuuraa hamaan yeroo booda Seexana jedhame tokko, Hewwaaniin gowwoomsuudhaan ija mukaa akka hin nyaanne dhowwamanirraa akka nyaattu godhe. Addaamis haadha manaasaa wajjin ajaja Waaqayyoo kan diige ennaa ta’u, haati manaafi abbaan manaa kun, kana raawwachuusaaniitiin, bulchiinsaafi qajeelfama Waaqayyoo isa sirrii ta’e mormaniiru. (Uma. 3:1-7) Haati manaafi abbaan manaa kun gaaffii Yihowaan isaanii dhiheesseef deebiin isaan kennan, walitti dhufeenyi gidduusaanii jiru gaarii akka hin taane kan argisiisu ture. Addaam, “Dubartittii ishee ati naa wajjin akka jiraattuuf naaf laattetu ija mukichaa naaf kenne, anis nan nyaadhe” jechuudhaan balleessaan kan haadha manaasaa akka ta’e dubbate.—Uma. 3:11-13.
3. Yihudoonni tokko tokko ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu turan?
3 Jaarraawwan hedduu sana booda jiranittis Seexanni, abbaa manaafi haadha manaa gidduu walitti bu’iinsi akka jiraatu gochuuf haxxummaa addaddaatti fayyadamaa tureera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko tokko geggeessitoonni amantii gaa’ela ilaalchisee barumsa Caaffata Qulqullaa’oo wajjin wal faallessu akka barsiisan godha. Geggeessitoonni amantii Yihudii tokko tokko, abbaan manaa sababiiwwan xixinnoodhaaf, fakkeenyaaf, haati manaasaa nyaata qopheessitutti ashaboo baay’isuusheetiin qofa akka ishee hiiku heyyamuudhaan seera Waaqayyoo cabsaniiru. Yesus garuu, “Yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe in ejja” jedheera.—Mat. 19:9.
4. Yeroo har’aa gaa’elarra miidhaan kan ga’u akkamitti?
4 Ammas Seexanni, walitti dhufeenya hiriyoota gaa’elaa gidduu jiru balleessuuf carraaqqii gochaa jira. Namoonni saala wal fakkaatu qaban wal fuudhuunsaanii, namoonni utuu wal hin fuudhin waliin jiraachuunsaaniifi hiriyoonni gaa’elaa laayyumatti wal hiikuunsaanii, Seexanni karaa kanaan milkaa’ina guddaa akka argate mirkaneessa. (Ibroota 13:4 dubbisi.) Kiristiyaanota hamma taanetti, ilaalchi dogoggoraa gaa’ela ilaalchisee babal’ate kun dhiibbaa akka nurra hin geessisne maal gochuu dandeenya? Amalawwan gaa’ela gammachuufi milkaa’ina qabu keessatti mul’atan tokko tokko haa ilaallu.
Gaa’ela Keessan Keessa Yihowaan Akka Jiraatu Godhaa
5. Gaa’elaa wajjin haala wal qabateen, “fo’aan dachaa sadiin walitti fo’ame” maal argisiisa?
5 Gaa’elli milkaa’ina akka qabaatu yoo barbaadame, Yihowaan gaa’ela sana keessa jiraachuu qaba. Dubbiinsaa, “Fo’aan dachaa sadiin walitti fo’ame dafee hin citu.” jedha. (Lal. 4:12) Jechi “fo’aan dachaa sadiin walitti fo’ame” jedhu, fakkeenyadha. Fakkeenyi kun gaa’ela keessatti, fo’aa lama kan jedhaman abbaan manaafi haati manaa fo’aa gidduusaanii jiru tokkoo wajjin, jechuunis Yihowaa wajjin akka walitti fo’aman argisiisa. Abbaan manaafi haati manaa Yihowaa wajjin tokkummaa qabaachuunsaanii, rakkina mo’uuf jabina kan isaanii kennu ta’uusaarrayyuu, gaa’elasaanii keessatti gammachuu guddaa qabaachuuf isaan gargaara.
6, 7. (a) Kiristiyaanonni, gaa’elasaanii keessa Waaqayyo akka jiraatu gochuuf maal gochuu danda’u? (b) Obboleettiin tokko amalawwan abbaa manaashee keessaa isa kam dinqisiifatte?
6 Haata’u malee, hiriyoonni gaa’elaa, gaa’ellisaanii fo’aa dachaa sadiin walitti fo’ame akka ta’u gochuu kan danda’an akkamitti? Daawit faarfatichi, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira” jechuudhaan faarfateera. (Far. 40:8) Nuyis, jaalalli Waaqayyoof qabnu garaa guutuudhaan akka isa tajaajillu nu kakaasa. Kanaafuu, abbaan manas ta’e haati manaa, Yihowaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya cimaa qabaachuufi fedhasaa raawwachuutti gammaduu qabu. Kana malees haati manaafi abbaan manaa, walitti dhufeenya hiriyaan gaa’elaasaanii Waaqayyoo wajjin qabu cimsuuf carraaqqii gochuu qabu.—Fak. 27:17.
7 Seerri Waaqayyoo dhugumaan garaa keenya keessa yoo jiraate, amalawwan amantaa, abdiifi jaalala fakkaatan ni argisiisna; amalawwan kunimmoo walitti dhufeenya hiriyaa gaa’elaa keenyaa wajjin qabnu cimsuuf nu gargaaru. (1 Qor. 13:13) Kiristiyaanni Saandiraa jedhamtuufi hiriyaa gaa’elaashee wajjin waggaa 50 jiraatte tokko, “Amalawwan abbaa manaakootii keessaa caalaatti kanan dinqisiifadhu, Macaafa Qulqulluurratti hundaa’ee qajeelfamaafi gorsa naa kennuusaafi jaalalli Yihowaadhaaf qabu jaalala anaaf qabu caalaa cimaa ta’uusaati” jetteetti. Abbootii manaa kan taatan, waa’ee keessanis akkas jedhamuu danda’aa?
8. Gaa’ela keessatti “gatii gaarii” argachuuf maaltu barbaachisa?
8 Lamaan keessaniyyuu, dhimmawwan hafuuraafi hojii Mootummichaatiif dursa ni laattuu? Dhugumaan hiriyaan gaa’elaa keessan tajaajila Yihowaarratti hidhata keessan akka ta’e isinitti dhaga’amaa? (Uma. 2:24) Mootii ogeessa kan ture Solomoon, “Wanti lama ta’anii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii waan qabuuf, lama ta’uun kophaa ta’uu irra in wayya” jechuudhaan barreesseera. (Lal. 4:9) Dhugumayyuu abbaan manaafi haati manaa, jaalalaafi tokkummaa eebba Waaqayyoo argamsiisu, isa “gatii gaarii” jedhame argachuuf, cimanii hojjechuu qabu.
9. (a) Abbootiin manaa itti gaafatamummaa akkamii qabu? (b) Qolosaayis 3:19 akka jedhutti, abbaan manaa haadha manaasaa wajjin akkamitti jiraachuu qaba?
9 Abbaan manaafi haati manaa seera Waaqayyoo eeganii jiraachuuf carraaqqii gochuu ykn dhiisuunsaanii, Yihowaan gaa’elasaanii keessa akka jiruufi akka hin jirre argisiisa. Wanta karaa fooniis ta’e karaa hafuuraa maatiisaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf itti gaafatamummaa guddaa kan qaban abbootii manaati. (1 Xim. 5:8) Miira haadha manaasaaniitiifis akka yaadan jajjabeeffamaniiru. Qolosaayis 3:19, “Atis abbaan manaa, haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin!” jedha. Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko, jechi ‘itti hammaachuu’ jedhu, “jecha hamaa isaanitti dubbachuu ykn dhaanuu, akkasumas jaalalaafi kunuunsa isaan dhowwachuu, wanta isaan barbaachisuufi eegumsa, akkasumas gargaarsa isaanii gochuu dhiisuu” akka dabalatu ibseera. Amalli akkasii maatii Kiristiyaana tokkoo keessatti mul’achuu akka hin qabne beekamaadha. Abbaan manaa tokko aangoosaatti jaalalaan kan fayyadamu yoo ta’e, haati manaasaa aangoosaa kanaaf bitamuuf fedhii qabaatti.
10. Haadhotiin manaa Kiristiyaana ta’an amala akkamii qabaachuu qabu?
10 Haadhotiin manaa Kiristiyaanota ta’aniifi Yihowaan gaa’elasaanii keessa akka jiraatu barbaadanis, seera Yihowaa eeganii jiraachuu qabu. Phaawulos ergamaan, “Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu! Kristos mataa waldaa kristiyaanaa akkuma ta’e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti” jechuudhaan barreesseera. (Efe. 5:22, 23) Seexanni, Waaqayyorraa fagaatanii ofiin of bulchuun gammachuu barabaraa argamsiisa jedhee ishee sobuudhaan Hewwaaniin gowwoomseera. Yeroo ammaas amalli ofiin of bulchuu gaa’ela hedduu keessatti mul’achaa akka jiru beekamaadha. Haadhotiin manaa, ilaalcha Waaqayyo gaa’elaaf qabu qaban garuu, abbootii manaasaanii warra jaalala qabeeyyii ta’aniif bitamuun isaan hin jibbisiisu. Haadhotiin manaa akkasii, Yihowaan Hewwaan abbaa manaasheetiif ‘gargaartuu’ akka taatu akka godheefi, kunis Waaqayyo biratti iddoo guddaa akka qabu ni yaadatu. (Uma. 2:18) Haati manaa Kiristiyaana taateefi fedhiidhaan qophii kana deggertu, dhugumaan abbaa manaasheetiif “gonfoo dha.”—Fak. 12:4.
11. Obboleessi tokko, gaa’elasaa kan cimse maal akka ta’e dubbate?
11 Abbaan manaafi haati manaa Waaqayyo gaa’elasaanii keessa akka jiraatu karaan itti godhan kaanimmoo, Dubbii Waaqayyoo waliin qayyabachuudha. Jeraald inni waggoota 55f hiriyaa gaa’elaasaa wajjin gammachuudhaan jiraate, “Gaa’ela milkaa’aa ta’e keessatti wanti baay’ee barbaachisaa ta’e tokko, Macaafa Qulqulluu waliin dubbisuufi waliin qayyabachuudha” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Sochiiwwan tokko tokko, keessumaa sochiiwwan hafuuraa waliin raawwachuun, abbaa manaafi haadha manaa walitti, akkasumas Yihowaatti dhiheessa” jedheera. Macaafa Qulqulluu waliin qayyabachuun, maatiiwwan seerawwan bu’uuraa Yihowaan kenne akka hubatan, walitti dhufeenya isaa wajjin qaban akka cimsaniifi guddina argisiisuusaanii akka itti fufan gargaara.
12, 13. (a) Abbaan manaafi haati manaa waliin kadhachuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Sochiiwwan gaa’ela jabeessan kan biraan kamfa’i?
12 Haati manaafi abbaan manaa gammachuu qaban, waliin ni kadhatu. Abbaan manaa kadhata rakkoosaanii wajjin wal qabate dhiheessuudhaan ‘wanta garaasaatti yaade yeroo dhangalaasu,’ walitti dhufeenyi isaan gidduu jiru ni jabaata. (Far. 62:8) Fakkeenyaaf, Waaqni Hundumaa Danda’u qajeelfama akka isinii kennu erga waliin kadhattanii booda, walitti bu’iinsa isin gidduutti uumame irraanfachuun baay’ee salphaa isiniif hin ta’uu? (Mat. 6:14, 15) Abbaan manaafi haati manaa, haala kadhannaasaanii wajjin wal simuun, wal gargaaruuf, ‘waliif danda’uufi waliif dhiisuuf’ murtoo gochuunsaanii barbaachisaadha. (Qol. 3:13) Kadhannaan, Waaqayyorratti amanannaa akka qabdan kan argisiisu ta’uusaa hin dagatinaa. Daawit Mootichi, “Iji hundinuu abdiidhaan si eeggata” jedheera. (Far. 145:15) Waaqayyo wanta isa kadhanne akka nuu guutu kan abdannu yoo ta’e, ‘inni akka nuuf yaadu’ waan beeknuuf, dhiphinni keenya ni hir’ata.—1 Phe. 5:7.
13 Yihowaan gaa’ela keenya keessa akka jiraatu karaan itti goonu inni kaanimmoo, walga’iiwwan gumiirratti argamuufi tajaajilarratti waliin hirmaachuudha. Walga’iiwwan keenyarratti, hiriyoonni gaa’elaa, “haxxummaa” Seexanni maatiiwwan diiguuf itti fayyadamu mo’uun akkamitti akka danda’amu baratu. (Efe. 6:11) Kana malees, abbaan manaafi haati manaa yeroo hunda tajaajilarratti waliin hirmaatan, ‘kan hin sochooneefi jabaatanii kan dhaabatan’ ta’u.—1 Qor. 15:58.
Yommuu Rakkinni Uumamu
14. Wantoota akkamiitu gaa’ela keessatti rakkina uumuu danda’a?
14 Yaadawwan olitti ibsaman isiniif haaraa miti ta’a; ta’uyyuu maaliif hiriyaa gaa’elaa keessanii wajjin irratti hin mari’attan? Yaadawwan caalaatti hojiirra oolchuun isin barbaachisu argattu ta’a. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun namoonni Waaqayyo gaa’elasaanii keessa akka jiraatu godhanillee ‘jireenyasaaniitti rakkinni akka isaan argatu’ dubbata. (1 Qor. 7:28) Cubbamoo ta’uu keenyaan, dhiibbaa gadhee biyyi lafaa seera malee jiraatu kun nurra geessisuufi kiyyoo Seexanni nuu kaa’uun kan ka’e, gaa’ela tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo ta’anii keessattillee rakkinni guddaan uumamuu danda’a. (2 Qor. 2:11) Ta’uyyuu, Yihowaan rakkina gama kanaan nutti dhufu akka moonu nu gargaara. Eeyyee, rakkina kana mo’uun ni danda’ama. Nama amanamaa kan ture Iyoob, horiiwwansaa, hojjettootasaafi ijoolleesaa dhabee ture; ta’us Macaafni Qulqulluun, “Kana hundumaa keessaa Iyoob hin yakkine, ‘Dabaa hojjette’ jedhees Waaqayyoon hin hadheessine” jedha.—Iyo. 1:13-22.
15. Dhiphinni namootarratti jijjiirama akkamii fiduu danda’a? Namni tokko hiriyaan gaa’elaasaa haala akkasii keessa yommuu galu maal gochuu qaba?
15 Haati manaa Iyoob garuu, “Ati amma iyyuu qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa? Waaqayyoon arrabsii du’i!” isaan jette. (Iyo. 2:9) Balaaniifi haalli rakkisaan, namni tokko aaree miirasaa to’achuu dadhabuudhaan tarkaanfii sirrii hin taane akka fudhatu gochuu danda’a. Nama ogeessa kan ta’e Solomoon, “Jal’inni ogeessa maraachisa” jedheera. (Lal. 7:7) Hiriyaan gaa’elaakee rakkina ykn ‘jal’ina’ irra ga’een kan ka’e, aariidhaan yoo sitti dubbate, miirakee to’achuuf yaalii godhi. Atis aariidhaan yoo deebisteef, tokkoon keessan ykn lamaan keessaniyyuu wanta haalasaa caalaatti rakkisaa godhu dubbachuu dandeessu. (Faarfannaa 37:8 dubbisi.) Kanaafuu, wanta hiriyaan gaa’elaakee dhiphinaan ykn abdii kutachuudhaan ‘ariitiidhaan dubbaterratti’ hin xiyyeeffatin.—Iyo. 6:3.
16. (a) Wanti Yesus Maatewos 7:1-5rratti dubbate, gaa’ela keessatti kan hojjetu akkamitti? (b) Gaa’ela keessatti ilaalcha sirrii qabaachuun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
16 Hiriyoonni gaa’elaa waan hin danda’amne walirraa eeguu hin qaban. Namni tokko hiriyaa gaa’elaasaarratti amala hin taane arguufi ‘isa jijjiiruu nan danda’a’ jedhee yaaduu danda’a. Jaalalaafi obsa qabaachuudhaan, hiriyaan gaa’elaakee suuta suutaan jijjiirama akka godhu gargaaruu dandeessa ta’a. Haata’u malee Yesus, nama dogoggora warra kaanii funaanu, nama “utubaa” ijasaa keessa jiru utuu hin ilaalin, “huuba” ija obboleessasaa keessa jiru ilaaluu wajjin wal fakkeesseera. Yesus, “Waaqayyo akka isinitti hin farannetti isin namatti hin faradinaa!” jechuudhaan gorsa kenneera. (Maatewos 7:1-5 dubbisi.) Kana jechuun garuu, hiriyoonni gaa’elaa dogoggora cimaa waliisaanii sirreessuu hin qaban jechuu miti. Roobart, inni erga gaa’ela godhatee waggaa 40 ta’uuf jedhu, “Hiriyoonni gaa’elaa utuu wal hin dhoksin waliin haasa’uufi yaada walii fudhachuuf, ilaalchasaanii sirreessuun isaan barbaachisa” jedheera. Kanaaf wanta sirrii ta’e godhaa. Hiriyaan gaa’elaakee amala ati barbaaddu qabaachuu dhiisuusaatti aaruu mannaa, amalawwan gaggaarii amma qabutti gammaduufi dinqisiifachuuf yaalii godhi.—Lal. 9:9.
17, 18. Yeroo rakkinni nutti baay’atu gargaarsa eessaa argachuu dandeenya?
17 Haalawwan tokko tokko yommuu jijjiiraman qorumsi dhufuu danda’a. Abbaan manaafi haati manaa, yeroo ijoollee godhatan rakkinni isaanitti dhufa ta’a. Hiriyaan gaa’elaa ykn mucaansaanii baay’ee dhukkubsachuu danda’u. Warrasaanii warra dulloomaniif kunuunsa adda ta’e gochuun isaan barbaachisa ta’a. Ijoolleen guguddatan qe’eedhaa fagaatanii deemu ta’a. Jijjiiramni kaanimmoo, gumii keessatti mirga ykn itti gaafatamummaa qabaachuudhaan kan dhufu ta’uu danda’a. Jijjiiramni akkasii kun, walitti dhufeenya hiriyaa gaa’elaa keenyaa wajjin qabnurratti rakkina fiduu danda’a.
18 Rakkinni gaa’ela keessan keessatti uumame, gaa’elli keessan itti fufuu akka hin dandeenye akka isinitti dhaga’amu yoo godhe, maal gochuu dandeessu? (Fak. 24:10) Abdii hin kutatinaa! Seexanni, tajaajilaan Waaqayyoo tokko waaqeffannaa dhugaarraa akka fagaatu gochuu caalaa wanti isa gammachiisu hin jiru. Hiriyoonni gaa’elaa kana gochuunsaaniimmoo caalaatti isa gammachiisa. Kanaaf, gaa’elli keessan fo’aa dachaa sadiin walitti fo’ame ta’ee akka itti fufu gochuuf hamma dandeessan carraaqqii godhaa. Macaafni Qulqulluun, seenaa namoota qorumsi gurguddaan isaanirra ga’uyyuu amanamoo ta’anii itti fufanii qabateera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko Daawit, “Yaa Waaqayyo, araara anatti argisiisi! Warri na barbaadan . . . guyyaa hundumaa na cunqursu” jechuudhaan yaada garaasaa Yihowaatti himateera. (Far. 56:1) “Warri” tokko tokko akka isin cunqursan isinitti dhaga’amee beekaa? Dhiphinni isinitti dhaga’amu fagoodhaas ta’e nama isinitti dhihaaturraa kan dhufe yoo ta’e, Daawit jabina obsuuf isa gargaare akkuma argate isinis argachuu akka dandeessan yaadadhaa. Daawit, “Ani Waaqayyoon barbaaddadhe, innis ana jalaa owwaate, sodaa koo hundumaa keessaas na baase” jedheera.—Far. 34:4.
Eebbawwan Dabalataa
19. Lola Seexanaatiin miidhaan akka nurra hin geenye gochuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Bara dhumaa kanatti, hiriyoonni gaa’elaa ‘wal jajjabeessuufi wal cimsuunsaanii’ barbaachisaadha. (1 Tas. 5:11) Seexanni, Yihowaadhaaf amanamoo ta’uun keessan ofittummaarratti kan hundaa’edha jedhee akka falmu hin irraanfatinaa. Waaqayyoof amanamoo akka hin taane gochuuf, gaa’ela keenya jeequu dabalatee wanti inni hin goone hin jiru. Lola Seexanaatiin akka hin miidhamne, Yihowaatti guutummaatti amanamuun keenya barbaachisaadha. (Fak. 3:5, 6) Phaawulos, “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a” jechuudhaan barreesseera.—Filp. 4:13.
20. Namni tokko gaa’elasaa keessa Yihowaan akka jiraatu gochuunsaa eebbawwan akkamii isaaf argamsiisa?
20 Waaqayyo gaa’ela keenya keessa akka jiraatu gochuudhaan eebba hedduu arganna. Yo’eliifi haati manaasaa warri waggaa 51f waliin jiraatan, kun dhugaa ta’uusaa arganiiru. Yo’el, “Haadha manaakootiifis ta’e hiriyummaa gaariin ishee wajjin qabuuf Yihowaa nan galateeffadha. Isheen anaaf hiriyaa gaariidha” jedheera. Gaa’ellisaanii jabaataa ta’uu kan danda’e akkamitti? “Gaarummaa, obsaafi jaalala waliif qabaachuuf yeroo hundumaa carraaqqii goona.” Biyya lafaa kana keessatti tokkoon keenyayyuu guutummaatti kana gochuu hin dandeenyu. Ta’us, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuufi Yihowaan gaa’ela keenya keessa akka jiraatu gochuuf cimnee haa hojjennu. Kana yoo goone, gaa’elli keenya akka ‘fo’aa dachaa sadiin walitti fo’ameefi dafee hin cinnee’ ta’a.—Lal. 4:12.
Ni Yaadattaa?
• Gaa’ela keessa Yihowaan akka jiraatu gochuu jechuun maal jechuudha?
• Hiriyoonni gaa’elaa yeroo rakkinni uumamu maal gochuu qabu?
• Yihowaan gaa’ela keessa jiraachuusaa akkamitti beekna?
[Fakkii fuula 18rra jiru]
Hiriyoonni gaa’elaa waliin kadhachuunsaanii, haalawwan rakkisaa ta’an mo’uuf isaan gargaara