Tokkummaan Waaqeffannaa Dhugaa Addaan Baasee Beeksisa
“Akka hoolotaa karra tokko keessaa walii wajjin isaan nan teessisa.” —MIK. 2:12.
1. Uumamni ogummaa Waaqayyoo kan argisiisu akkamitti?
FAARFATAAN tokko akkas jedheera: “Yaa Waaqayyo, wanti ati hojjette maal maal baayʼee dha! Wanti ati uumte laficha guuteera; isaan kana hundumaas ati ogummaadhaan hojjette.” (Far. 104:24) Biqiltuuwwan, ilbiisonni, bineensonniifi baakteeriyaan gosa miliyoonaan lakkaaʼamu qaban, jireenyi isa tokkoo isa kaanirratti kan hundaaʼe taʼuunsaa, ogummaa Waaqayyoo kan argisiisudha. Kana malees, kutaawwan qaama keetii kumaan lakkaaʼaman jechuunis isa guddaadhaa kaasee hamma kutaa seelota keetii ishee xinnootti, hundisaanii guutuufi fayyaa si gochuuf waliin hojjetu.
2. Akkuma fuula 13rratti ibsame, tokkummaan Kiristiyaanota gidduu ture dinqii kan fakkaatu maaliifi?
2 Yihowaan ilmaan namootaa kan uume akka wal gargaaran godheeti. Ilmaan namootaa bifa, amalaafi dandeettiiwwan garaagaraa hedduu qabu. Akkasumas, Waaqayyo namoota jalqabaatiif amalawwan akkasaa, wal gargaaruufi walitti hirkachuuf isaan dandeessisan isaanii kennee ture. (Uma. 1:27; 2:18) Haataʼu malee, akka walii galaatti guutummaan addunyaa ilmaan namootaa Waaqayyorraa waan fagaateef, yeroo harʼaatti tokkummaadhaan jiraachuu hin dandeenye. (1 Yoh. 5:19) Kanaafuu, gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa, namoota garaagaraa akka garboota warra Efesoon taʼan, dubartoota Giriik beekamoo taʼan, Yihudoota hayyoota taʼaniifi namoota sanaan dura waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan kan walitti qabate yommuu taʼu, namoonni kun tokkummaa qabaachuu kan dandaʼan dinqiidhaan akka taʼe namatti dhagaʼamuu hin oolu.—HoE. 13:1; 17:4; 1 Tas. 1:9; 1 Xim. 6:1.
3. Macaafni Qulqulluun tokkummaa Kiristiyaanotaa akkamitti ibsa? Mataduree kana keessatti waaʼee maalii qayyabanna?
3 Waaqeffannaan dhugaa, namoonni akkuma buusaawwan dhagna keenyaa akka wal gargaaraniifi wal taʼiinsaan akka jiraatan godha. (1 Qorontos 12:12, 13 dubbisi.) Yaadawwan mataduree kana keessatti qorru keessaa tokko tokko: Waaqeffannaan dhugaa namoota tokko kan godhu akkamitti? Namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifi saba addaddaa keessaa dhufan tokko gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofa kan taʼe maaliifi? Yihowaan wantoota tokkummaadhaaf gufuu taʼan akkamii moʼuuf nu gargaara? Tokkummaa wajjin haala wal qabateen, Kiristiyaanonni dhugaan saba Kiristiyaanaarraa adda kan taʼan akkamitti?
Waaqeffannaan Dhugaa Namoota Tokko Kan Godhu Akkamitti?
4. Waaqeffannaan dhugaa namoota tokko kan godhu akkamitti?
4 Namoonni Waaqeffannaa dhugaa dhiheessan, Yihowaan waan hundumaa waan uumeef uumama cufarratti Olaantummaa qabaachuu kan qabu isa akka taʼe ni hubatu. (Mul. 4:11) Kiristiyaanonni dhugaan, hawaasa baayʼee gidduufi haala addaddaa keessa kan jiraatan taʼuyyuu, seera Waaqayyoo tokkoof ajajamu; seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wal fakkaatuun geggeeffamu. Waaqeffattoonni dhugaa hundi Yihowaa “abbaa” jedhanii waamuunsaanii sirriidha. (Isa. 64:8; Mat. 6:9) Kanaafuu, hundisaanii karaa hafuuraa obbolaa waliiti; akkasumas tokkummaa adda taʼeefi faarfatichi, “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” jechuudhaan ibse qabaachuu dandaʼu.—Far. 133:1.
5. Amalli waaqeffattoonni dhugaan tokkummaa akka qabaatan gumaacha godhu isa kami?
5 Kiristiyaanonni dhugaan cubbuu kan dhaalan taʼanis, wal jaallachuu waan barataniif tokkummaadhaan waliin waaqeffatu. Yihowaan karaa eenyuyyuu gochuu hin dandeenyeen akka wal jaallatan isaan barsiiseera. (1 Yohannis 4:7, 8 dubbisi.) Dubbiinsaa akkas jedha: “Araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa! Waliif dandaʼaa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa! Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!” (Qol. 3:12-14) Jaalalli waan hundumaa walitti hidhu kun, amala Kiristiyaanota dhugaa addaan baasee beeksisu isa guddaadha. Isinoo, tokkummaan kun amala Kiristiyaanota addaan baasee beeksisu taʼuusaa hin hubannee?—Yoh. 13:35.
6. Abdiin Mootummichaa tokkummaa qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
6 Waaqeffattoonni dhugaan, abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe waan amananiifis tokkummaa qabu. Yeroo dhihootti Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsota ilmaan namaa akka bakka buʼuufi namoota amanamoo taʼaniif nagaa dhugaa itti fufiinsa qabu akka fiddu beeku. (Isa. 11:4-9; Dan. 2:44) Kanaafuu, Kiristiyaanonni wanta Yesus waaʼee duuka buutotasaa, “Akkuma ani kan biyya lafaa hin taʼin, isaanis kan biyya lafaa miti” jechuudhaan dubbate ni hordofu. (Yoh. 17:16) Kiristiyaanonni dhugaan walitti buʼiinsa addunyaa kanarra jiru keessa waan hin galleef, yeroo namoonni naannoosaanii wal waraananittillee isaan tokkummaa qabaachuu dandaʼaniiru.
Madda Barumsa Hafuuraa Tokkicha
7, 8. Barumsi Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe tokkummaa keenyaaf gumaacha kan godhu akkamitti?
7 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hundi jajjabina kan argatan bakka tokkoo qofa waan taʼeef tokkummaa qabu turan. Yesus, karaa qaama olaanaa isa ergamoota Yesusiifi jaarsolii Yerusaalem keessa turanirraa walitti gurmaaʼee gumicha barsiisaa akkasumas qajeelchaa akka jiru hubatanii turan. Dhiironni Waaqayyoof bulan kun murtoo kan godhan Dubbii Waaqayyoorratti hundaaʼanii siʼa taʼu, daawwattoota olaanaatti fayyadamanii qajeelfamasaanii gumiiwwan biyyoota hedduu keessa jiraniif dabarsu turan. Ilaaltota olaanaa kana keessaa tokko tokko ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Phaawulosfaa karaa irra buʼan; seerrata ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem irratti walii galan, mandara keessa darban hundumaan gaʼanii, akka eeganiifis isaan gorsan.”—HoE. 15:6, 19-22; 16:4.
8 Haaluma wal fakkaatuun harʼas, Qaamni Olaanaan Kiristiyaanota hafuuraan dibamanirraa walitti gurmaaʼe, tokkummaa gumii addunyaa maraatiif gumaacha godheera. Qaamni Olaanaa barreeffamoota karaa hafuuraa nama jajjabeessan afaan hedduudhaan ni qopheessa. Nyaanni hafuuraa kun Dubbii Waaqayyoorratti kan hundaaʼedha. Kanaafuu, wanti isaan barsiisan namarraa utuu hin taʼin Yihowaarraa kan dhufedha.—Isa. 54:13.
9. Hojiin Waaqayyo nuu kenne tokkummaa qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
9 Jaarsoliin gumiis hojii lallabaarratti adda durummaadhaan hirmaachuudhaan tokkummaadhaaf gumaacha godhu. Walitti dhufeenyi cimaan namoota waliin taʼanii Waaqayyoon tajaajilan gidduu jiru, isa namoota biyya lafaa akkasumatti walitti qabaman gidduu jiru caalaa baayʼee cimaadha. Gumiin Kiristiyaanaa kan hundeeffame, akkasumatti walitti qabamuuf miti. Kanaa mannaa, Yihowaadhaaf ulfina fiduuf, akkasumas hojii misraachicha lallabuu, bartoota gochuufi gumii cimsuu raawwachuuf ture. (Rom. 1:11, 12; 1 Tas. 5:11; Ibr. 10:24, 25) Kanaan kan kaʼe Phaawulos ergamaan Kiristiyaanotaan akkas jechuu dandaʼeera: “Hafuura tokkoon iddoo keessanii utuu hin sochoʼin dhaabattanii, yaada tokkoon amantii karaa wangeelaa argameef akka wal dorgomtan nan barbaada.”—Filp. 1:27.
10. Karaawwan akka saba Waaqayyotti tokko itti taane kamfaʼi?
10 Saba Yihowaa waan taaneef olaantummaa Yihowaa ni deggerra; obboloota keenya ni jaallanna; Mootummaa Waaqayyoo abdiidhaan eegganna; akkasumas namoota Waaqayyo nu geggeessuuf itti fayyadamu ni kabajna; kunimmoo tokkummaa nuu argamsiiseera. Yihowaan, ilaalchawwan cubbuu kan dhaalle taʼuu keenyaan tokkummaan keenya balaarra akka buʼu godhan tokko tokko moʼuuf nu gargaara.—Rom. 12:2.
Kooraafi Hinaaffaa Moʼuu
11. Koorri namoota kan qoqqoodu maaliifi? Yihowaanoo amala kana akka moonu kan nu gargaaru akkamitti?
11 Koorri namoota qoqqooda. Namni kooru warra kaanirra akka caalutti of ilaala; akkasumas yeroo baayʼee of jajuun isa gammachiisa. Kun garuu yeroo baayʼee tokkummaa kan diigudha; namoonni ennaa inni of jaju dhagaʼan hinaafuu dandaʼu. Yaaqoob bartichi, “Of jajuun akkasii kun hundinuu hamaa dha” jechuudhaan dhugaasaa nutti hima. (Yaq. 4:16) Warra kaan nuu gadi akka taʼanitti ilaaluun jaalala miti. Kan nama dinqisiisu, Yihowaan akkaataa ilmaan namootaa akkuma keenya cubbuu dhaalan itti qabuun kan gad of deebise taʼuudhaan fakkeenya nuu taʼa. Daawit Waaqayyoon ilaalchisee, “Anatti gad dhiʼaachuun kees na guddise” jechuudhaan barreesseera. (2 Sam. 22:36) Dubbiin Waaqayyoo karaa sirrii taʼeen akka yaannu nu barsiisuudhaan koora akka moonu nu gargaara. Phaawulos hafuuraan geggeeffamee akkas jechuudhaan gaafateera: “Warra kaan irratti immoo eenyutu caalmaa siif kenne? Waan Waaqayyo siif hin kennin maalfaa qabda ree? Isa irraa fudhatte erga taʼee immoo, maaliif akka waan kennaa hin taʼiniitti ittiin of jajja ree?”—1 Qor. 4:7.
12, 13. (a) Hinaafuun salphaa kan taʼe maaliifi? (b) Warra kaaniif ilaalcha akka Yihowaa qabaachuun buʼaa maalii qaba?
12 Hinaaffaanis wanta tokkummaadhaaf gufuu taʼu kan biraadha. Hundi keenya cubbuu waan dhaalleef “hawwa hinaaffaa” qabna; Kiristiyaanonni waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilanillee al tokko tokko haala, qabeenya, mirga ykn dandeettii warra kaaniitti hinaafuu dandaʼu. (Yaq. 4:5) Fakkeenyaaf, obboleessi tajaajilaa yeroo guutuu taʼe tokko obboleessa maatii qabu tokkotti hinaafuu dandaʼa; obboleessi maatii qabu sunimmoo kana utuu hin beekin mirga tajaajilaa obboleessi sun qabutti hinaafa taʼa. Hinaaffaan akkasii tokkummaa keenya akka hin diigne ittisuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Macaafni Qulqulluun hinaaffaarraa akka fagaannu nu gargaaruuf, miseensota gumii Kiristiyaanaa hafuuraan dibaman buusaawwan qaamaa wajjin wal fakkeessa. (1 Qorontos 12:14-18 dubbisi.) Fakkeenyaaf, iji keessan onnee keessan caalaa kan mulʼatu taʼus, lamaanuu isin hin barbaachisanii? Haaluma wal fakkaatuun, miseensonni gumii Kiristiyaanaa tokko tokko yeroodhaaf warra kaan caalaa kan beekaman taʼullee, Yihowaan hundasaaniitiif bakka guddaa kenna. Kanaaf, obboloota keenyaaf ilaalcha akka Yihowaa haa qabaannu. Warra kaanitti hinaafuu mannaa, isaaniif yaaduufi jaalala itti argisiisuu dandeenya. Kana gochuudhaan, garaagarummaan Kiristiyaanota dhugaafi namoota amantii Saba Kiristiyaanaa keessa jiran gidduu jiru akka mulʼatu goona.
Saba Kiristiyaanaa Ishee Qoqqoodamuudhaan Beekamtu
14, 15. Kiristiyaanummaan gantummaarratti hundaaʼe kan hihhirame akkamitti?
14 Tokkummaan Kiristiyaanota dhugaa gidduu jiru, walitti buʼiinsa amantiiwwan Saba Kiristiyaanaa gidduutti mulʼaturraa baayʼee addadha. Jaarraa arfaffaatti, Kiristiyaanummaan gantummaarratti hundaaʼe baayʼee babalʼatee waan tureef, mootiin moototaa Roomaa Waaqayyotti hin amanne hamma isa toʼatutti gaʼee ture; kunimmoo amantiin Saba Kiristiyaanaa akka dagaagu gumaacha godheera. Sana booda, biyyoonni hedduun walumatti aansanii Roomaarraa addaan baʼuudhaan amantii biyyaa mataasaanii hundeessan.
15 Mootummoota sana keessaa baayʼeensaanii jaarraawwan hedduudhaaf wal waraananiiru. Jaarraawwan 17ffaafi 18ffaatti, namoonni Biritaaniyaa, Faransaayiifi Yunaayitid Isteetis keessa jiran, biyyasaaniitiif kan of kennan waan taʼaniif sabboonummaan amantiisaanii taʼeera. Jaarraa 19ffaafi 20ffaattimmoo, sabboonummaan ilaalcha ilmaan namootaa hedduu toʼachuu jalqabe. Oolee bulee, amantiiwwan Saba Kiristiyaana tuutawwan amantii sabboonummaa deggeran hedduutti hihhiramuu jalqaban. Namoonni yeroo hunda gara bataskaanaa dhaqan, namoota biyya kan biraa hidhata amantiisaanii taʼan loluuf gara waraanaa dhaqu. Yeroo harʼaa, Sabni Kiristiyaanaa barumsa amantiitiinis taʼe sabboonummaadhaan qoqqoodamteetti.
16. Namoota saba Kiristiyaanaa keessa jiran wantoota akkamiitu isaan qoqqooda?
16 Jaarraa 20ffaa keessa, tuutawwan amantii Saba Kiristiyaanaa dhibbaan lakkaaʼaman, isaan gidduu tokkummaan akka jiraatu gochuuf carraaqqii godhanii turan. Haataʼu malee, waggoota kudhaniin lakkaaʼaman hedduudhaaf erga carraaqanii booda, isaan keessaa muraasasaanii qofatu walitti makame. Taʼus ammayyuu namoonni gara bataskaanaa dhaqan dhimmawwan akka jijjiirama tirannaa, ulfa baasuu, nama saala wal fakkaatu qabuu wajjin wal fuudhuufi dubartoota tajaajiltoota godhanii muuduu jiranirratti walii hin galan. Amantiiwwan Saba Kiristiyaanaa tokko tokko keessatti, geggeessitoonni amantii barumsawwan walitti isaan buusan tokko tokko tuffatanii dhiisuudhaan namoota amantii addaddaa walitti fiduuf yaalu. Haataʼu malee, barumsawwan tokko tokko tuffatanii dhiisuun namoonni amantii laafaa akka qabaatan kan godhu taʼuusaarrayyuu, amantiiwwan Saba Kiristiyaanaa qoqqoodaman tokko gochuu akka hin dandeenye beekamaadha.
Waaqeffannaan Dhugaa Sabboonummaa Ni Moʼa
17. “Bara booddeetti” waaqeffannaan dhugaa namoota akka tokko godhu raajiidhaan kan dubbatame akkamitti?
17 Ilmaan namootaa yeroo kamiyyuu caalaa yeroo wal qoqqoodan kanatti, tokkummaan Waaqeffattoota dhugaa addaan baasee beeksisa. Raajii Waaqayyoo kan taʼe Miikiyaas, “Akka hoolotaa karra tokko keessaa walii wajjin isaan nan teessisa” jechuudhaan raajii dubbateera. (Mik. 2:12) Miikiyaas, waaqeffannaan dhugaa waaqeffannaa waaqayyolii sobaas taʼe waaqeffannaa biyyaa dabalatee, waaqeffannaa sobaa hundumaarra akka caalu raajii dubbateera. Akkas jechuudhaan barreesse: “Bara booddeetti tulluun manni Waaqayyoo irra jiru, tulloota hundumaa keessaa akka isa caaluutti jabaatee in dhaabata; gaarota hundumaa gararraatti ol in kaʼa; sabni hundinuus gara isaatti in yaaʼu. Sabni warri kaan hundinuu adduma addaan maqaa waaqayyolii isaaniitiin in deddeebiʼu; nuyi garuu yeroo hundumaa bara baraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin in deddeebina.”—Mik. 4:1, 5.
18. Waaqeffannaan dhugaa jijjiiramawwan akkamii gochuuf nu gargaareera?
18 Miikiyaas, waaqeffannaan dhugaa namoota diina walii turan akkamitti akka tokko godhus ibseera. “Sabni lafa irraas baayʼatanii in dhufu; . . . ‘Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa!’ in jedhu. . . . Isaan billaa isaanii maarashaa, eeboo isaaniis isa ittiin muka qeexxaʼan in tumsiifatu; egaa sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebiʼaniis lola hin baran.” (Mik. 4:2, 3) Namoonni Yihowaa waaqeffachuuf jedhanii waaqayyolii namtolchee taʼan ykn waaqeffannaa saba warra Waaqayyoo hin taanee dhiisan, tokkummaa addunyaa maraa argatu. Waaqayyo karaa jaalalaa isaan barsiisa.
19. Namoonni miliyonaan lakkaaʼaman waaqeffannaa dhugaa keessatti tokko taʼuunsaanii maal mirkaneessa?
19 Kiristiyaanonni dhugaan addunyaa maratti tokkummaa qabaachuunsaanii, baayʼee adda kan taʼeefi Yihowaan hafuurasaatiin sabasaa geggeessuu akka itti fufe kan mirkaneessudha. Haala kanaan dura seenaa ilmaan namootaa keessatti matumaa argamee hin beekneen, namoonni saba hundumaa keessaa dhufan tokko taʼaa jiru. Kun taʼuusaatiin, wanti Mulʼata 7:9, 14rratti dubbatame haala dinqisiisaa taʼeen akka raawwatame, akkasumas ergamoonni Waaqayyoo dhiheenyatti “qilleensota” sirna hamaa amma jiru kana balleessan akka gadhiisan kan argisiisudha. (Mulʼata 7:1-4, 9, 10, 14 dubbisi.) Waldaa obboloota addunyaa maraa keessatti argamuun mirga guddaa mitiiree? Tokkoon tokkoon keenya tokkummaa kanaaf gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti? Waaʼee kanaa mataduree ittaanurratti mariʼanna.
Maal Jettee Deebista?
• Waaqeffannaan dhugaa namoota tokko kan godhu akkamitti?
• Hinaaffaan tokkummaa keenya akka hin diigne gochuu kan dandeenyu akkamitti?
• Sabboonummaan, waaqeffattoota dhugaa kan hin qoqqoodne maaliifi?
[Fakkii fuula 13rra jiru]
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa namoota akkaataa guddinaa garaagaraa qaban turan
[Fakkii fuula 15rra jiru]
Hojii ijaarsa Galma Mootummaarratti gargaarsa gochuunkee tokkummaadhaaf gumaacha kan godhu akkamitti?