Saamuʼel Lammaffaa
22 Daawitis guyyaa Yihowaan harka diinota isaa hundumaa jalaa fi harka Saaʼol jalaa isa oolchetti,+ jechoota faarfannaa kana Yihowaadhaaf ni faarfate.+ 2 Akkana jedhe:
“Yihowaan kattaa koo, dahoo koo+ fi isa na oolchu dha.+
3 Waaqni koo qarsaa+ koo isan koolu itti galu dha;
Inni gaachana+ koo, gaanfa* fayyinaa koo* fi iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* dha;+
Inni iddoo ani itti baqadhuu+ fi fayyisaa koo ti;+ jeequmsa irraa kan na oolchus si’i.
4 Yihowaa isa jajamuun isaaf malu nan waammadha,
Diinota koo jalaas nan oola.
7 Yeroo dhiphina kootti Yihowaa nan waammadhe,+
Irra deddeebiʼee Waaqa koo nan waammadhe.
Innis mana qulqullummaa isaa keessa taʼee sagalee koo dhagaʼe,
Iyyi ani gargaarsa argachuuf dhageessises gurra isaa ni gaʼe.+
8 Lafti asii fi achi raafamuu fi hurgufamuu jalqabde;+
Buʼuurawwan samiis ni hollatan,+
Inni waan dheekkameef isaan asii fi achi raafaman.+
9 Funyaan isaa keessaa aarri ni baʼe,
Ibiddi nyaatu afaan isaa keessaa ni baʼe;+
Barbadaanis isa keessaa burqe.
11 Inni kiruubel irra taaʼee+ barrisaa dhufe.
Qoochoowwan* uumama hafuuraa*+ irra taaʼees ni mulʼata ture.
12 Achiis naannoo isaatti dukkanni akkuma dunkaanaa akka taʼu godhe,+
Bishaan gurraachii fi duumessi cimaanis jira ture.
13 Ifa isa dura jiru keessaa barbadaan ibiddaa* ni baʼe.
14 Achiis Yihowaan samii irraa kakawweessaʼuu jalqabe;+
Inni Hundaa Oliis sagaleen isaa akka dhagaʼamu godhe.+
16 Dheekkamsa Yihowaatiin, hafuura cimaa funyaan isaa keessaa baʼuunis,+
Hundeen galaanaa ni mulʼate;+
Buʼuurawwan lafaas ni saaxilaman.
17 Bakka ol kaʼaa irraa harka isaa diriirse;
Inni na qabee bishaanota gad fagoo keessaa harkisee na baase.+
18 Diina koo isa cimaa jalaa,
Namoota na jibban, warra na caalaa ciccimoo taʼan jalaas na oolche.+
19 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan,+
Yihowaan garuu na gargaare.
22 Ani daandiiwwan Yihowaa eegeera,
Waaqa koo dhiisuudhaanis hammina hin raawwanne.
26 Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata;+
Nama jabaa balleessaa hin qabneefis balleessaa kan hin qabne taʼuu kee ni argisiista;+
27 Nama qulqulluudhaaf qulqulluu ni taata,+
28 Ati warra gad of qaban ni oolchita,+
Ijji kee garuu warra of tuulan ni morma; ati isaan ni salphista.+
30 Gargaarsa keetiin tuuta weerartootaa dura dhaabbachuu nan dandaʼa;
Humna Waaqayyootiin dallaa utaaluu nan dandaʼa.+
Inni warra isatti kooluu galan hundumaatiif gaachana.+
32 Yihowaa malee Waaqni eenyu?+
Waaqa keenya malee qarsaan eenyu?+
34 Miila koo akka miila gadamsaa ni godha;
Iddoowwan ol kaʼoo taʼan irra akkan dhaabbadhu ni godha.+
35 Harka koo waraanaaf ni leenjisa;
Irreen koos iddaa sibiila diimaa dabsuu ni dandaʼa.
38 Diinota koo duukaa buʼee isaan nan balleessa;
Hanga isaan haxaaʼamanii badanittis biraa hin deebiʼu.
39 Akka isaan ol hin kaanetti, haxaaʼee isaan nan balleessa; isaan nan caccabsas;+
Isaan miila koo jalatti kufu.
42 Isaan gargaarsaaf ni iyyatu, garuu kan isaan oolchu tokko illee hin jiru;
Yihowaatti illee ni iyyatu, inni garuu isaaniif hin deebisu.+
43 Akka awwaara lafaatti tumee isaan nan bulleessa;
Akka dhoqqee karaa irra jiruuttis isaan nan bulleessa; isaan nan dhidhiitas.
44 Saba koo warra dogoggora funaanan irraa na oolchita.+
45 Namoonni biyya ormaa hollachaa na duratti dhihaatu;+
Waaʼee koo wanti isaan dhagaʼanis akka naaf ajajaman isaan godha.*
46 Namoonni biyya ormaa ni sodaatu;*
Hollachaas dahoo isaanii keessaa ni baʼu.
47 Yihowaan jiraataa dha! Qarsaan+ koo haa jajamu!
Waaqni qarsaa fayyinaa koo taʼe ol haa qabamu.+
48 Waaqni dhugaan anaaf haaloo ni baʼa;+
Namoonnis akka anaaf bitaman ni godha;+
49 Inni diinota koo irraa na oolcha.