Addunyaa Qoqqoodame Kana Keessatti Adda Taʼaa
“Wanta kan Waaqayyoo taʼe . . . Waaqayyoof kennaa.”—MAT. 22:21.
1. Waaqayyoo fi bulchiinsa ilmaan namootaatiif ajajamuu kan dandeenyu akkamitti?
DUBBIIN WAAQAYYOO bulchitoota ilmaan namootaatiif akka ajajamnu kan nutti himu taʼus, nama caalaa Waaqayyoof akka ajajamnus nu barsiisa. (HoE. 5:29; Tit. 3:1) Kun yaada wal faallessu dhaa? Lakki! Akka haala isaatti ajajamuu ilaalchisee dhugaan buʼuuraa jiru, ajajawwan kana hubachuu fi eeguuf nu gargaara. Yesuus, “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof kennaa” yeroo jedhetti dhugaa buʼuuraa kana gabaabsee ibseera.[1] (Mat. 22:21) Qajeelfama Yesuus kenne kan hordofnu akkamitti? Seera mootummaan jala jirru baasuuf ajajamuudhaan, abbootii taayitaa isaa kabajuudhaan akkasumas qaraxa nu irraa barbaadamu kaffaluudhaan aangoo mootummaatiif akka ajajamnu argisiisna. (Rom. 13:7) Abbootiin taayitaa Waaqayyoof hin ajajaminaa yoo nuun jedhan garuu, yaada isaanii akka hin fudhanne kabajaan isaanitti himna.
2. Siyaasa addunyaa keessa akka hin galle kan argisiisnu akkamitti?
2 Karaa wanta kan Waaqayyoo taʼe isaaf itti kenninu keessaa tokko, dhimmoota siyaasa addunyaa kanaa keessa galuu dhiisuu dha. (Isa. 2:4) Taʼus, bulchitoota ilmaan namootaa Yihowaan akka bulchan isaaniif heyyame hin morminu; akkasumas sochiiwwan jaalala biyyaa ykn sabboonummaa babalʼisan irratti hin hirmaannu. (Rom. 13:1, 2) Mootummaa jijjiiruuf ykn bulchitoota siyaasaa irratti dhiibbaa gochuuf hin yaallu; kana malees, filannoo siyaasaa irratti hin hirmaannu ykn nama siyaasaa hin taanu.
3. Adda taʼuu kan qabnu maaliifi?
3 Kitaabni Qulqulluun sababiiwwan Waaqayyo adda taanee akka jiraannu itti barbaadu nutti hima. Fakkeenyaaf, ‘kutaa addunyaa taʼuu dhiisuudhaan,’ jechuunis siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuudhaan, barumsawwanii fi fakkeenya Ilma Waaqayyoo kan taʼe Yesuus Kiristoos hordofna. (Yoh. 6:15; 17:16) Mootummaa Waaqayyootiif amanamummaadhaan bitamuuf adda taʼuu qabna. Kun taʼuu baannaan garuu, rakkina ilmaan namootaa kan furu Mootummaa Waaqayyoo qofa taʼuu isaa ilaalchisee misiraachoo yeroo himnu qalbii qulqulluu qabaachuu hin dandeenyu. Kana malees, amantiiwwan sobaa siyaasa keessa galuudhaan miseensota isaanii qoqqoodan irraa haala adda taʼeen, waaqeffannaa dhugaan adda akka taanu nu gargaaruudhaan addunyaa maratti obboloota tokkummaa qabnu akka taanu godheera.—1 Phe. 2:17.
4. (a) Adda taʼanii jiraachuun caalaatti ulfaachaa akka deemu akkamitti beekna? (b) Adda taanee jiraachuu keenya itti fufuuf ammuma qophaaʼuu kan qabnu maaliifi?
4 Haalli siyaasaa naannoo keenyaa tasgabbaaʼaa fi waaqeffannaa dhugaa kan hin mormine taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yeroo dhumni sirna Seexanaa dhihaachaa deemu, adda taʼuun caalaatti ulfaataa akka taʼu eeguu dandeenya. Addunyaan kun namoota “walii galuuf fedhii kan hin qabne” taʼanii fi namoota “mata jabeeyyii” taʼaniin guutameera; kanaafuu caalaatti qoqqoodamaa deema. (2 Xim. 3:3, 4) Biyyoota tokko tokkotti haalli siyaasaa akka tasaa waan jijijjiiramuuf, yeroo hin eegamnetti rakkinni adda taʼuu wajjin wal qabate obboloota keenya irra gaʼeera. Murtoo adda taʼuudhaaf goone ammuma cimsachuu kan qabnu maaliif akka taʼe hubattee? Hamma rakkinni nu mudatutti yoo eegne garuu, tarii ejjennoo keenya laaffisuu fi adda taʼuu dhiisuu dandeenya taʼa. Addunyaa qoqqoodame kana keessatti adda taanee jiraachuu keenya itti fufuuf of qopheessuu kan dandeenyu akkamitti ree? Wantoota nu gargaaran afur haa ilaallu.
BULCHITOOTA ILMAAN NAMOOTAATIIF ILAALCHA AKKA YIHOWAA QABAADHAA
5. Yihowaan bulchiinsa ilmaan namootaatiif ilaalcha akkamii qaba?
5 Wanti adda taanee jiraachuuf nu gargaaru inni jalqabaa, sirna siyaasaatiif ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu dha. Bulchitoonni tokko tokko haqa qabeeyyii kan fakkaatan taʼus, ilmaan namootaa namoota irratti bulchitoota akka taʼan kaayyoo Yihowaa hin turre. (Er. 10:23) Bulchiinsi ilmaan namootaa, sabboonummaa isa namootaa qoqqoodu jajjabeessa. Geggeessitoonni ilmaan namootaa gaarii dha jedhaman illee, rakkina hundaaf furmaata kennuu hin dandaʼan. Kana malees, bara 1914 kaasee mootummoonni ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo isa saboota balleessuudhaan dhiheenyatti firdii kennu mormaa jiru.—Faarfannaa 2:2, 7-9 dubbisi.
6. Namoota bulchiinsa mootummaa keessatti aangoo qabaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
6 Waaqayyo bulchiinsi siyaasaa akka itti fufu kan godhe, hamma tokko tasgabbii waan argamsiisuufi dha; kun immoo misiraachoo Mootummichaa lallabuuf nu gargaara. (Rom. 13:3, 4) Waaqayyo waaʼee abbootii taayitaa, keessumaa yeroo murtoon isaanii waaqeffannaa keenya irratti dhiibbaa geessisutti akka kadhannu nu gorsa. (1 Xim. 2:1, 2) Akkuma Phaawulos ergamaan godhe mirga keenya kabachiisuuf abbootii taayitaatti ni iyyanna. (HoE. 25:11) Kitaabni Qulqulluun, Seexanni inni diina Waaqayyoo taʼe sirna siyaasaa irratti aangoo akka qabu kan dubbatu taʼus, tokkoon tokkoon geggeessaa ykn abbaa taayitaa akka toʼatu hin dubbatu. (Luq. 4:5, 6) Kanaafuu, namni aangoo qabu tokko kallattiidhaan Seexanaan akka toʼatamu dubbachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, “mootummootaa fi abbootii taayitaa” wajjin haala wal qabateen ‘maqaa namootaa balleessuu’ irraa of qusachuu qabna.—Tit. 3:1, 2.
7. Yaada akkamii irraa fagaachuu qabna?
7 Namni filannoodhaaf kaadhimame ykn paartiin siyaasaa tokko fedhii keenya kan deggeru ykn kan mormu yoo fakkaate illee, isa tokko deggerree isa kaan mormuu dhiisuudhaan Waaqayyoof ajajamna. Gama kanaan adda of gochuun qorumsa nutti taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Namoonni baayʼeen, bulchiinsa nama hacuucuu fi saba Waaqayyoos rakkisaa jiru tokko garagalchuuf hiriira nagaa baʼan haa jennu. Mormitoota kanaa wajjin hiriira kan hin baane taʼus, keessa keenyatti isaan deggerraa? (Efe. 2:2) Dubbii ykn gocha keenyaan qofa utuu hin taʼin, yaada keenyaanis adda taʼuu qabna.
“OF EEGGATAA” FI “GARRAAMII” TAʼAA
8. Adda taʼuun rakkisaa yeroo taʼutti “of eeggataa” fi “garraamii” taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Wanti adda taʼuuf nu gargaaru inni lammaffaan immoo, yeroo rakkinni nu mudatutti “akka bofaa of eeggataa, akka gugees garraamii” taʼuu dha. (Maatewos 10:16, 17 dubbisi.) Balaa jiru dursinee hubachuudhaan of eeggataa taʼuu keenya, balaawwan kun ejjennoo keenya akka laaffisan heyyamuu dhiisuudhaan immoo garraamii taʼuu keenya argisiisna. Rakkoowwan nu mudachuu dandaʼan tokko tokkoo fi akkamitti dandamachuu akka dandeenyu haa ilaallu.
9. Yeroo namootaa wajjin haasofnu of eeggannoo akkamii gochuu qabna?
9 Yeroo haasofnu. Dhimmoonni siyaasaa yeroo kaʼan of eeggachuu qabna. Fakkeenyaaf, ergaa Mootummichaa yeroo lallabdan, seerawwan paartiin siyaasaa ykn bulchaan tokko baase deggertaniis taʼe mormitanii dubbachuu hin qabdan. Furmaata siyaasaa kam iyyuu kaasuu mannaa, kaʼumsa rakkoo sanaa irratti xiyyeeffachuudhaan, wanta namni haasofsiistan irratti walii galu kaasuuf yaalaa. Achii, Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan hunda guutummaatti, akkasumas bara baraaf akka furu Kitaaba Qulqulluu irraa itti argisiisaa. Gaaʼela saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi ulfa baasuu dabalatee dhimmawwan mormii kaasuu dandaʼan yoo kaʼan, qajeelfama Waaqayyo kenne deggeruudhaan jireenya ofii keenyaa keessatti qajeelfama kana akkamitti akka hordofnu ibsaa. Yeroo dhimma akkanaa irratti mariʼattan, ejjennoo siyaasaa kam irraa iyyuu guutummaatti walaba taʼaa. Seerri tokko akka baʼu, akka diigamu ykn akka jijjiiramu yaada hin laannu; namoonni ilaalcha keenya akka deggeranis dhiibbaa irratti hin goonu.
10. Wanta sabqunnamtiidhaan dhihaatu kam iyyuu yeroo ilaallu ykn yeroo dubbisnu adda taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Sabqunnamtii. Maddawwan odeeffannoo kan akka “oduu” jiran, yeroo baayʼee dhimma tokko deggeranii ykn mormanii dubbatu. Yeroo tokko tokko sabqunnamtiin meeshaa sirna siyaasaa tajaajilu taʼa. Biyyoota sabqunnamtiin harka mootummaa jala jirutti, gabaasonni oduu irratti dhihaatan gar tokkotti kan jalʼatan taʼuu dandaʼu. Taʼu iyyuu, Kiristiyaanonni biyyoota bilisa dha jedhaman keessa jiraatan illee, ilaalchi dhuunfaa namni gabaasa dhiheessu tokko qabu isaan irratti dhiibbaa akka hin goone of eeggachuu qabu. ‘Ilaalcha siyaasaa inni qabu irratti waanan walii galuuf nama sabqunnamtii irratti dhihaatu tokko dhaggeeffachuun natti tolaa?’ jedhii of gaafadhu. Taanaan, madda odeeffannoo caalaatti amanamaa taʼe argachuun si barbaachisuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, wanta ilaalcha siyaasaa babalʼisuu fi maddawwan sabqunnamtii irraa dhageessu daangessuu qabda; akkasumas wanti dhageessu ‘dubbii sirrii akka qajeelfamaatti’ fayyaduu wajjin kan wal simu taʼuu isaa qori.—2 Xim. 1:13.
11. Qabeenya keenyaaf garmalee bakka guddaa kennuun keenya, adda taanee jiraachuun akka nutti ulfaatu kan godhu akkamitti?
11 Jaalala qabeenyaa. Qabeenya keenyaaf bakka guddaa kan kenninu yoo taʼe, yeroo qorumsaatti ejjennoo adda taʼuu ilaalchisee qabnu laaffisuu dandeenya. Ruut ishiin Maalaawwii keessa jiraattu, Dhugaa Baatonni hedduun bara 1970mmaniitti yeroo ariʼatamni isaan irra gaʼetti ejjennoo isaanii akka laaffisan argiteetti. Akkana jechuudhaan wanta yaadattu dubbatti: “Jireenya qananii dhiisuun isaanitti ulfaatee ture. Isaan keessaa tokko tokko nuu wajjin hidhamanii kan turan taʼus, jireenya rakkisaa kaampii keessa jiru dandamachuu waan hin barbaadneef, yeroo booda paartii siyaasaa deggeranii gara mana isaaniitti deebiʼaniiru.” Haala kana irraa faallaa taʼeen, tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun haala dinagdee rakkisaa taʼe keessatti ykn waan qaban hunda illee yeroo dhabanitti, siyaasa irraa adda taʼanii jiraataniiru.—Ibr. 10:34.
12, 13. (a) Yihowaan ilmaan namootaatiif ilaalcha akkamii qaba? (b) Biyya keenyatti baayʼee kooruu fi dhiisuu keenya akkamitti beekuu dandeenya?
12 Koora sirrii hin taane. Yeroo baayʼee namoonni sanyii, gosa, aadaa, magaalaa ykn uummata isaaniitiif bakka guddaa kennu. Haa taʼu malee, gosa, aadaa ykn saba keenyatti kooruun keenya, ilaalcha Yihowaan bulchiinsa namootaatiif qabuu fi ilmaan namootaa maatii tokko taʼaniif qabuu wajjin wal faallessa. Waaqayyo aadaa keenya akka jibbinu akka nu irraa hin eegne beekamaa dha. Garaagarummaan aadaa, haala garaa garaa ilmaan namootaa qabanii fi dinqisiisaa taʼe kan argisiisu dha. Taʼu iyyuu, akka ilaalcha Waaqayyootti namoonni hundinuu qixxee akka taʼan yaadachuu qabna.—Rom. 10:12.
13 Iddoo irraa dhufne ilaalchisee koorri nutti dhagaʼamuun isaa, miirri sabboonummaan nu keessa akka jiru kan argisiisu taʼuu isaa irra iyyuu, tarkaanfii jalqabaa ejjennoo laaffisuutti nama geessu taʼuu dandaʼa. Namoonni gumii jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko illee, lammiin isaanii gara biraa taʼuu isaatiin kan kaʼe obboloonni isaanii isaan qoodanii waan turaniif, Kiristiyaanonnis koora akkanaa irraa walaba miti. (HoE. 6:1) Koorri sirrii hin taane nu keessa jiraachuu fi dhiisuu isaa akkamitti beekuu dandeenya? Obboleessi ykn obboleettiin biyya kan biraatii dhufan tokko yaada tokko sii kennan haa jennu. ‘Asitti kan hojjennu akkasitti miti,’ jechuudhaan daftee yaada isaanii mormitaa? Kanaa mannaa, hundi keenya gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa” jedhu hojii irra oolchuu qabna.—Filp. 2:3.
YIHOWAA IRRAA JABINA ARGADHAA
14. Kadhannaan nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu kana nuu mirkaneessu hoo isa kami?
14 Karaan adda taʼuuf nu gargaaru inni sadaffaan immoo, Yihowaa irraa jabina argachuu dha. Amalawwan bulchiinsa mancaʼaa ykn jalʼaa taʼe dandamachuuf si gargaaran, jechuunis obsaa fi of qabuu horachuuf Yihowaan hafuura qulqulluu akka siif kennu kadhadhu. Kana malees, haalawwan ejjennoo kee akka laaffistu godhan beekuu fi moʼuuf ogummaa akka sii kennu isa kadhachuu dandeessa. (Yaq. 1:5) Waaqeffannaa dhugaa deggeruudhaan ejjennoo cimaa qabaachuu keetiin kan kaʼe yoo hidhamte ykn yoo adabamte, ija jabinaan amantii kee cinaa dhaabachuu fi ariʼatama kam iyyuu moʼuuf jabina akka sii kennu kadhadhu.—Hojii Ergamootaa 4:27-31 dubbisi.
15. Kitaabni Qulqulluun adda taanee akka jiraannu kan nu gargaaru akkamitti? (Saanduqa “Dubbiin Waaqayyoo Amantii Isaanii Jabeesseef” jedhus ilaali.)
15 Yihowaan Dubbii isaatti fayyadamee nu jabeessuu dandaʼa. Caqasoota yeroo qorumsaatti adda taʼuuf si gargaaran irratti xiinxali. Yeroo booda Kitaaba Qulqulluu argachuu hin dandeessu yoo taʼe, si jabeessuu akka dandaʼanitti caqasoota kana amma yaadatti qabadhu. Dubbiin Waaqayyoo, abdii eebbawwan Mootummichi fidu irratti qabdus sii cimsuu dandaʼa. Abdiin kun ariʼatama moʼuuf barbaachisaa dha. (Rom. 8:25) Caqasa waaʼee eebba caalaatti argachuuf hawwituu ibsu filadhuutii, Jannata keessatti eebbawwan sana yeroo argattu yaadaan ilaali.
NAMOOTA AMANAMUMMAADHAAN JIRAATAN IRRAA BARADHU
16, 17. Tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo adda taʼanii jiraatan irraa barumsa akkamii arganna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
16 Karaa arfaffaan adda taanee jiraachuuf nu gargaaru, barumsa tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan irraa argannu dha. Fakkeenyi isaan nuu kaaʼan, ogummaa fi jabina jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru nuuf argamsiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Shaadraak, Meshaakii fi Abedneegoon fakkii Bulchiinsa Baabilon bakka buʼu waaqeffachuu didaniiru. (Daaniʼel 3:16-18 dubbisi.) Dhugaa Baatonni yeroo harʼaa jiran waaʼee murtoo isaan godhan kanaa dubbisuun isaanii, alaabaa biyya isaanii waaqeffachuu akka didan ija jabina isaaniif kenneera. Yesuusis walitti buʼiinsa siyaasaa fi hawaasaa addunyaa irraa guutummaatti walaba taʼee jiraateera. Fakkeenyi inni kaaʼe warra kaan irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu hubachuudhaan, “Jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera” jechuudhaan duuka buutota isaa jajjabeesseera.—Yoh. 16:33.
17 Dhugaa Baatonni yeroo harʼaa hedduun, adda taʼanii jiraataniiru. Isaan keessaa tokko tokko sababa amantii isaaniitiin miidhaan qaamaa isaan irra gaʼeera, mana hidhaa galaniiru, akkasumas duʼaniiru. Fakkeenyi isaanii akkuma Baarish isa biyya Turkii gargaare siinis si gargaaruu dandaʼa. Baarish akkana jedheera: “Firaanz Raayitar dargaggeessa loltoota Hiitlaritti makamuu diduu isaatiin ajjeefame ture. Xalayaan inni duʼuu isaa dura haadha isaatiif barreesse Yihowaa irratti amantii cimaa akka qabu argisiisa; anis rakkinni kan isaa wajjin wal fakkaatu yoo na mudate fakkeenya isaa hordofuun barbaada.”[2]
18, 19. (a) Miseensonni gumii keetii adda taatee akka jiraattu si gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? (b) Maal gochuuf murteessiteetta?
18 Obboloonni gumii kee keessa jiranis si gargaaruu dandaʼu. Adda taʼuu wajjin haala wal qabateen qorumsi akkamii si irra gaʼaa akka jiru jaarsolii gumiitti himi; akkasumas gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe akka sii kennan gaafadhu. Miseensonni gumiis rakkina si irra gaʼaa jiru yoo beekan si jajjabeesuu dandaʼu. Akka siif kadhatan isaan gaafadhu. Dhugaa dha, obboloonni keenya akka nu gargaaranii fi akka nuuf kadhatan yoo barbaadne, nutis akkasuma isaaniif gochuu qabna. (Mat. 7:12) Maqaa obboloota mana hidhaa jiranii jw.org irraa argachuu dandeessa.[3] Maqaawwan tokko tokko filadhuutii namoonni kun amanamummaa isaanii eeguuf ija jabina akka qabaatan isaaniif kadhadhu.—Efe. 6:19, 20.
19 Mootummoonni ilmaan namootaa yeroon itti balleeffaman waan dhihaateef, Yihowaa fi Mootummaa isaatiif amanamoo taʼuun keenya caalaatti isaan aarsaa dhufuun isaa nu ajaaʼibsiisuu hin qabu. Egaa, murtoo addunyaa qoqqoodame kana keessatti adda taanee jiraachuuf goone ammuma haa jabeeffannu.
^ [1] (keeyyata 1) Yesuus bakka kanatti bulchiinsa ilmaan namootaa ibsuuf Qeesaar isa yeroo sanatti bulchiinsa bakka guddaa qabu taʼe akka fakkeenyaatti fayyadameera.
^ [2] (keeyyata 17) Kitaaba Jehoovaas Wiitinasis—Pirookileemarsi oov Goodsi Kiingidam (Ingiliffa) jedhamu ful. 662, akkasumas kitaaba Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira! jedhamu ful. 168 irraa saanduqa “Ulfina Waaqayyoof Jedhee Duʼe” jedhu ilaali.
^ [3] (keeyyata 18) Mata duree “Dhugaa Baatota Yihowaa Sababa Amantii Isaaniitiin Hidhaman—Iddoo Isaan Jiran” jedhuu fi NEWSROOM > LEGAL DEVELOPMENTS jala jiru ilaali.