MATA DUREE FUULA JALQABAA | KITAABNI QULQULLUUN WAAʼEE MALEEKOTAA MAAL JEDHA?
Maleekonni Si Gargaaruu kan Dandaʼan Akkamitti?
Maleekonni amanamoon sochii namootaatiif xiyyeeffannaa kan kennan siʼa taʼu, fedha Yihowaa raawwachuu irrattis dammaqinaan hirmaatu. Waaqayyo lafa yeroo uumetti maleekonni “waaqa irraa ‘ilmaan Waaqayyoo’ jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan.” (Iyoob 38:4, 7) Seenaa keessatti maleekonni raajiiwwan gara fuulduraatti lafa irratti akka raawwataman dubbataman ilaalchisee, “xiyyeeffannaadhaan ilaaluuf” hawwii guddaa akka qaban mulʼateera.—1 Pheexiros 1:11, 12.
Kitaabni Qulqulluun akka ibsutti, maleekonni fedha Waaqayyoo raawwachuuf jecha yeroo isaan waaqeffattoota dhugaatiif eegumsa guddaa itti godhan jira. (Faarfannaa 34:7) Fakkeenyaaf:
Yihowaan magaalota Sodoomii fi Gomoraa warra hamoo taʼan yommuu balleessetti, maleekonni Looxii fi maatiin isaa warri qajeeloon akka baqatan isaan gargaaraniiru.—Uumama 19:1, 15-26.
Baabilon durii keessatti dargaggoonni Ibrootaa sadii ibidda keessa buufamanii akka ajjeefaman yeroo isaanitti murteeffametti, Waaqayyo maleekaa ykn “ergamaa isaa ergee hojjetoota isaa kana oolcheera.”—Daaniʼel 3:19-28.
Daaniʼel inni nama qajeelaa ture boolla leencota baayʼee beelaʼan keessa halkan tokko yeroo buletti nyaatamuu irraa kan oole, ‘Waaqayyo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa waan cufsiiseef’ akka taʼe dubbateera.—Daaniʼel 6:16, 22.
MALEEKONNI GUMII KIRISTIYAANAA DUR TURE GARGAARANIIRU
Darbee darbee kaayyoo Yihowaa raawwachuuf yeroo barbaachisaa taʼutti, maleekonni Waaqayyoo sochii gumii Kiristiyaanaa dur turee keessa seenaniiru. Fakkeenyaaf:
Maleekaan tokko balbala mana hidhaa banee ergamoota Yesuus achi keessaa baasuudhaan mana qulqullummaa keessatti lallabuu isaanii akka itti fufan ajajee ture.—Hojii Ergamootaa 5:17-21.
Maleekaan tokko Filiphoos inni Wangeela lallabu daandii Yerusaalemii gara Gaazaatti geessuu fi lafa onaa keessa jiru dhaqee nama lammii Itoophiyaa waaqeffannaaf gara Yerusaalem deemee tureef akka lallabu isa ajajee ture.—Hojii Ergamootaa 8:26-33.
Waaqayyo namoonni Yihudii hin taane Kiristiyaanota akka taʼan yeroon inni murteesse yommuu gaʼutti, maleekaan tokko Qorneelewos isa ajajaa dhibbaa loltoota Roomaa taʼetti mulʼatee Pheexiros ergamaa mana isaatti akka waamsisu isa ajajeera.—Hojii Ergamootaa 10:3-5.
Pheexiros ergamaan hidhamee yeroo turetti, maleekaan tokko isatti mulʼate mana hidhaatii isa baaseera.—Hojii Ergamootaa 12:1-11.
MALEEKONNI SI GARGAARUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?
Yeroo harʼaatti Waaqayyo akkuma Kitaaba Qulqulluu keessattii ibsametti dinqiidhaan namoota gargaaruuf maleekotatti akka fayyadamu ragaan argisiisu hin jiru. Haa taʼu malee, Yesuus yeroo keessa jirru ilaalchisee akkana jedheera: “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf misiraachoon Mootummaa kun guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.” (Maatewos 24:14) Barattoonni Yesuus deggersa maleekotaatiin hojii kana hojjechaa akka jiran beektaa?
Kitaabni Mulʼataa, maleekonni namoonni addunyaa mara irra jiran waaʼee Waaqa keenya Yihowaa fi kaayyoo inni namootaaf qabu akka beekan dhimmanii gargaaraa akka jiran argisiisa. Yohaannis ergamaan akkana jedheera: “Maleekaan kan biraanis utuu samii walakkaa keessa balaliʼuu nan arge, inni misiraachoo bara baraa warra lafa irra jiraataniif, jechuunis saboota, gosoota, qooqawwanii fi namoota hundumaaf labsu qabatee ture. Innis sagalee guddaadhaan, ‘Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas isaaf kennaa; saʼaatiin inni murtii itti kennu waan gaʼeef, isa samii, lafa, galaanaa fi burqituuwwan bishaanii uume Sana waaqeffadhaa’ jedhe.” (Mulʼata 14:6, 7) Muuxannoowwan ammayyaa hedduun, maleekonni hojii lallabaa addunyaa maratti hojjetamaa jiru deggeraa akka jiran argisiisu. Cubbamaan tokko illee yaada geddaratee gara Yihowaatti yeroo deebiʼu, “maleekota Waaqayyoo gidduutti gammachuun ni taʼa.”—Luqaas 15:10.
Hojiin lallabaa yeroo xumuramu maaltu taʼa? Maleekonni kutaa ‘raayyaa samii’ taʼan, Yesuus Kiristoos isa Mootii Moototaa taʼe “waraana guyyaa guddaa isa kan Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuu,” jechuunis Armaagedoon irratti lolu gargaaru. (Mulʼata 16:14-16; 19:14-16) Yesuus Gooftichi, ‘warra misiraachoo waaʼee Gooftaa keenya Yesuus ibsuuf hin ajajamne irratti haaloo yeroo baʼutti,’ maleekonni humna guddaa qaban murtoo Waaqayyoo raawwachiisu.—2 Tasalonqee 1:7, 8.
Kanaaf, maleekonni xiyyeeffannaa akka siif kennan mirkanaaʼaa taʼi. Nageenyi namoota Waaqayyoon tajaajiluu barbaadanii isaan yaaddessa; Yihowaanis tajaajiltoota isaa amanamoo lafa irra jiran jajjabeessuu fi eeguuf yeroo baayʼee isaanitti fayyadameera.—Ibroota 1:14.
Egaa hundi keenya filannoo murteessaa tokko gochuu qabna. Misiraachoo guutummaa lafaa irratti labsamaa jiru ni dhaggeeffannaa? Akkasumas ni ajajamnaa? Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo kee jiran gargaarsa maleekonni Waaqayyoo jaalalaan kakaʼan siif godhan irraa akka fayyadamtu si gargaaruu barbaadu.