MATA DUREE QOʼANNAA 25
Yeroo Dhiphinni Isin Irra Gaʼu Yihowaatti Amanamaa
‘Ani garaan koo baayʼee gaddeera.’—1 SAM. 1:15.
FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo, Michuu Koo
QABIYYEEa
1. Akeekkachiisa Yesuus dhaggeeffachuu kan qabnu maaliifi?
YESUUS raajii guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbate irratti, “Yaaddoo jireenyaatiinis [“ykn waan ittiin jiraatan argachuuf dhiphachuudhaan; jireenya guyyaa guyyaatiif yaaddaʼuudhaan,” nwtsty milj.] garaa keessanitti baʼaan akka hin ulfaanne ofii keessaniif of eeggadhaa” jedheera. (Luq. 21:34) Akeekkachiisa kana dhagaʼuu nu barbaachisa. Maaliifi? Nutis yeroo ammaatti akkuma namoota kaanii rakkoowwan dhiphisoo nu mudatanii wajjin qabsaaʼuu nu barbaachisa.
2. Obboloonnii fi obboleettonni keenya rakkoowwan nama dhiphisan akkamiitu isaan mudate?
2 Yeroo tokko tokko rakkoowwan nama dhiphisan hedduun al takkaatti nu irra gaʼu. Mee fakkeenya armaan gadii ilaalaa. Dhugaa Baatuun Joon,b jedhamu tokko dhukkuba maltipil sicleroosis jedhamuun dhiphachaa utuu jiruu, haati manaa isaa waggaa 19f waliin jiraatan isa dhiistee yommuu deemtu baayʼee gadde. Achiis ijoolleen isaa durbaa lamaan Yihowaa tajaajiluu dhiisan. Hiriyoonni gaaʼelaa Boobii fi Liindaa jedhaman immoo rakkoowwan kan biroon isaan mudataniiru. Lamaan isaanii iyyuu hojii isaanii dhaban, sana booda immoo mana isaaniis ni dhaban. Rakkoowwan kana malees, Liindaan dhukkuba onnee wajjin wal qabatee fi duʼaaf nama saaxilu akka qabdu akkasumas dhukkubni kan biraan immoo dandeettii qaamni ishii dhukkuba of irraa ittisuuf qabu miidhuu akka jalqabe qorannoodhaan beekame.
3. Akka Filiphisiyus 4:6, 7 ibsutti waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
3 Abbaan keenyaa fi Uumaan keenya Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe, dhiphinni dhiibbaa akkamii akka nu irraan geessisu akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Akkasumas rakkoowwan nu irra gaʼan dandamachuu akka dandeenyuuf nu gargaaruu barbaada. (Filiphisiyus 4:6, 7 dubbisi.) Dubbiin Waaqayyoo rakkoowwan tajaajiltoonni isaa dandamatan ilaalchisee seenaa hedduu qabateera. Kana malees, Yihowaan haala dhiphisaa sana akka dandamatan akkamitti akka isaan gargaare seenaa ibsu of keessaa qaba. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.
ELIYAAS—“NAMUMA MIIRA AKKA KEENYAA QABU TURE”
4. Eliyaas rakkoowwan akkamii isa mudatanii turan? Yihowaa ilaalchisee hoo maaltu itti dhagaʼame?
4 Eliyaas Yihowaa kan tajaajile yeroo rakkisaa keessatti waan tureef, rakkoowwan ciccimoon isa mudataniiru. Ahaab Mootichi inni seenaa Israaʼel keessatti mootota Israaʼel gantoota taʼan keessaa tokko taʼe Iizaabel ishii hamtuu Baʼaaliin waaqeffattu fuudhee ture. Namoonni lamaan kun biyyicha waaqeffannaa Baʼaaliin kan guutan siʼa taʼu, raajota Yihowaa keessaa hedduu ajjeesaniiru. Eliyaas miliquu dandaʼee ture. Kana malees, Yihowaatti amanamuudhaan beela cimaa taʼe irraa ooleera. (1 Mot. 17:2-4, 14-16) Akkasumas yeroo raajotaa fi waaqeffattoota Baʼaal mormetti Yihowaatti amanameera. Israaʼeloonni Yihowaa akka tajaajilan isaan jajjabeesseera. (1 Mot. 18:21-24, 36-38) Eliyaas, Yihowaan yeroowwan dhiphisaa taʼan sanatti isa gargaaraa akka ture ragaa hedduu qaba ture.
5-6. Akka 1 Mootota 19:1-4 irratti ibsametti, Eliyaasitti maaltu dhagaʼamee ture? Yihowaan hoo Eliyaasiin akka jaallatu kan argisiise akkamitti?
5 1 Mootota 19:1-4 dubbisi. Haa taʼu malee, Eliyaas yeroo Iizaabel Mootittiin akka isa ajjeestu isa doorsistetti ni sodaate. Kanaafuu, gara naannoo Bersheebaatti baqate. Yeroo kanatti baayʼee waan abdii kutateef, ‘yaa Waaqayyo na ajjeesi jedhee kadhate.’ Akkas akka isatti dhagaʼamu kan godhe maali dha? Eliyaas cubbuu kan dhaalee fi “namuma miira akka keenyaa qabu ture.” (Yaq. 5:17) Tarii dhiphinnii fi dadhabbiin qaamaa cimaan waan isatti dhagaʼameef taʼuu dandaʼa. Eliyaas carraaqqiin inni Israaʼel keessatti waaqeffannaa dhugaa cimsuuf godhe gatii akka dhabe, wanti fooyyaʼe tokko illee akka hin jirree fi Yihowaa tajaajilaa kan jiru isa qofa akka taʼe yaadee taʼuu dandaʼa. (1 Mot. 18:3, 4, 13; 19:10, 14) Raajii amanamaan kun akkas isatti dhagaʼamuun isaa nu dinqisiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan miira Eliyaas isaaf hubateera.
6 Yihowaan Eliyaas miira isaa ibsuu isaatti isa hin ceephaane. Kanaa mannaa, Eliyaas akka jajjabaatu isa gargaareera. (1 Mot. 19:5-7) Booda, Yihowaan humna Isaa isa dinqisiisaa isatti argisiisuudhaan Eliyaas yaada isaa akka sirreessu gaarummaadhaan isa gargaareera. Achiis Israaʼel keessaa namoota Baʼaaliin waaqeffachuu didan 7000 akka qabu isaaf ibseera. (1 Mot. 19:11-18) Yihowaan Eliyaasiin akka jaallatu karaa qabatamaa taʼeen isatti argisiiseera.
YIHOWAAN AKKAMITTI NU GARGAARA?
7. Akkaataa Yihowaan Eliyaasiin itti gargaare irraa jajjabina akkamii argachuu dandeenya?
7 Atoo haala nama dhiphisu keessa jirtaa? Yihowaan miira Eliyaas akka hubate beekuun keenya hangam nama jajjabeessa! Kun Yihowaan gama miiraatiin qabsoo nuti keessa jirru akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. Inni humni keenya daangaa akka qabu, darbees wanta nuti yaadnuu fi miira keenya illee ni beeka. (Far. 103:14; 139:3, 4) Fakkeenya Eliyaas hordofuudhaan Yihowaa yoo amananne, rakkoowwan akka dhiphannu nu taasisan dandamachuuf nu gargaara.—Far. 55:22.
8. Yihowaan dhiphina akka dandamattan kan isin gargaaru akkamitti?
8 Dhiphinni yaada dogoggoraa akka qabaannu gochuudhaan abdii nu kutachiisuu dandaʼa. Haalli akkasii yoo isin mudate, Yihowaan dhiphina keessan dandamachuuf akka isin gargaaru yaadadhaa. Kan isin gargaaru akkamitti? Wanta isin yaaddessu akka isatti himattan isin afeera. Inni wawwaannaa isin gargaarsa argachuuf dhiheessitaniif deebii ni kenna. (Far. 5:3; 1 Phe. 5:7) Kanaafuu rakkoowwan isin mudatan ilaalchisee irra deddeebiʼaa Yihowaa kadhadhaa. Inni akkuma Eliyaasiif godhe kallattiidhaan isinitti hin dubbatu, kanaa mannaa, karaa Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu fi karaa jaarmiyaa isaa isinitti dubbata. Seenaan Kitaaba Qulqulluu dubbistan isin jajjabeessuu fi abdii isiniif kennuu ni dandaʼa. Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni keessan isin jajjabeessuu dandaʼu.—Rom. 15:4; Ibr. 10:24, 25.
9. Michuun amanamaan tokko akkamitti nu gargaaruu dandaʼa?
9 Yihowaan Eliyaas bakka buʼaa isaa godhee Elsaaʼiin akka muudu yommuu isatti himetti, michuu baayʼee isa barbaachisuu fi dhiphina isaa akka dandaʼu isa gargaaru isaaf kenneera. Haaluma wal fakkaatuun, nutis wanta nutti dhagaʼamu michuu keenya amanamaa taʼe tokkotti yommuu himannu, inni ykn ishiin dhiphina keenya dandamachuuf nu gargaaruu dandaʼu. (2 Mot. 2:2; Fak. 17:17) Nama rakkina kee itti himattu hin qabdu yoo taʼe, Yihowaan Kiristiyaana gaʼeessa taʼee fi gama miiraatiin gargaarsa siif gochuu dandaʼu argachuuf akka si gargaaru kadhadhu.
10. Muuxannoon Eliyaas abdii kan nuuf kennu akkamitti? Akkasumas Abdiin Isaayaas 40:28, 29 irratti ibsame nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
10 Yihowaan Eliyaas dhiphina akka dandamatuu fi waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan akka tajaajilu isa gargaareera. Muuxannoon Eliyaas abdii nuuf kenna. Yeroo dheeraadhaaf haala dhiphisaa qaamaa fi miira keenya miidhu keessa jiraachuu dandeenya. Taʼus, Yihowaatti yoo amanamne, isa tajaajiluu keenya akka itti fufnuuf humna nu gargaaru nuuf kenna.—Isaayaas 40:28, 29 dubbisi.
HAANNAA, DAAWITII FI “ASAAF” YIHOWAATTI AMANAMANIIRU
11-13. Dhiphinni Tajaajiltoota Waaqayyoo bara durii jiraatan sadii irratti dhiibbaa akkamii godhee ture?
11 Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman kaanis dhiphinni cimaan isaan mudateera. Fakkeenyaaf, Haannaan qaanii mucaa dhabuun ishiitti fidee fi arrabsoo cimaa masaanuu ishii irraa irra gaʼe dandamatteetti. (1 Sam. 1:2, 6) Haannaan dhiphinni cimaan ishii irra gaʼe garmalee akka boossuu fi nyaata nyaachuuf fedhii akka dhabdu ishii taasiseera.—1 Sam. 1:7, 10.
12 Daawit Mootichis dhiphinaan yeroo itti moʼame qaba ture. Mee rakkoowwan isa mudatanii turan yaadaa. Dogoggora hedduu raawwateen kan kaʼe, miirri balleessaa guddaan isatti dhagaʼamee ture. (Far. 40:12) Ilmi isaa kan inni jaallatu Abiishaalom fincila kan isa irratti kaase siʼa taʼu, kunis Abiishaalom akka ajjeeffamu taasiseera. (2 Sam. 15:13, 14; 18:33) Michuun isaa inni baayʼee isatti dhihaatu tokkos isa ganeera. (2 Sam. 16:23–17:2; Far. 55:12-14) Faarfannaawwan Daawit barreesse hedduun, abdii kutannaa isatti dhagaʼamee fi amanannaa cimaa inni Yihowaa irratti qabu kan ibsani dha.— Far. 38:5-10; 94:17-19.
13 Yeroo booda immoo faarfataan tokko akkaataa jireenyaa namoota hamoo taʼanitti hinaafuu jalqabee ture. Faarfataan kun sanyii Asaaf Leewwichaa taʼuu kan hin oolle siʼa taʼu, inni “mana qulqullummaa Waaqayyoo isa guddaa” keessa tajaajileera. Faarfatichi dhiphinni miiraa isa irra gaʼe kun gammachuu akka dhabuu fi abdii akka kutatu isa godhee ture. Eebba Waaqayyoon tajaajiluun argamsiisu illee shakkuu jalqabee ture.—Far. 73:2-5, 7, 12-14, 16, 17, 21.
14-15. Gargaarsa argachuuf Yihowaatti amanamuu ilaalchisee fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu sadan irraa maal baranna?
14 Waaqeffattoonni dhugaa olitti ibsaman sadan gargaarsa argachuuf Yihowaatti amanamanii turan. Dhiphina isaanii kadhannaa cimaadhaan Yihowaatti himataniiru. Baayʼee kan dhiphatan maaliif akka taʼe ifatti Yihowaatti himaniiru. Akkasumas bakka Yihowaa itti waaqeffatan deemuu isaanii itti fufaniiru.—1 Sam. 1:9, 10; Far. 55:22; 73:17; 122:1.
15 Yihowaan tokkoon tokkoon isaaniitiif gara laafinaan deebii kenneera. Haannaan nagaa sammuu argatteetti. (1 Sam. 1:18) Daawit, “Wanti hamaan nama qajeelaatti in baay’ata, Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa” jechuudhaan barreesseera. (Far. 34:19) Akkasumas faarfatichi yeroo booda, Yihowaan ‘harka isaa mirgaa qabee’ gorsa jaalala irratti hundaaʼeen akka isa geggeesse isatti dhagaʼamee ture. “Waa’ee koof yoo taʼe garuu Waaqayyotti dhiʼaachuun anaaf gaarii dha; yaa Waaqayyo gooftaa . . ani daʼoo si godhadheera” jechuudhaan faarfateera. (Far. 73:23, 24, 28) Fakkeenyota kana irraa maal baranna? Yeroo tokko tokko rakkoowwan dhiphina nutti fidan hedduun nu mudatu. Haa taʼu malee, akkaataa Yihowaan warra kaan itti gargaare irratti yoo xiinxalle, kadhannaadhaan yoo isatti amanamnee fi wanta inni nu ajaje hojjechuudhaan yoo isaaf ajajamne dandamachuu ni dandeenya.—Far. 143:1, 4-8.
YIHOWAA AMANACHUUDHAAN MILKAAʼINA ARGADHAA
16-17. (a) Yihowaa fi saba isaa irraa adda of baasuu kan hin qabne maaliifi? (b) Jabina keenya deebisnee argachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?
16 Fakkeenyonni sadan kun barumsa barbaachisaa kan biraa nu barsiisu. Innis Yihowaa fi saba isaa irraa adda of baasuu hin qabnu. (Fak. 18:1) Naansiin abbaan manaa ishii waan ishii dhiisee deemeef garmalee kan dhiphatte siʼa taʼu, akkas jetteetti: “Guyyoota hedduudhaaf nama kam iyyuu arguu ykn nama kam iyyuu haasofsiisuu hin barbaadun ture. Taʼus, caalaatti namoota irraa fagaachaa yommuun adeemu dhiphinni koo itti caalaa deeme.” Naansiin namoota rakkinni irra gaʼe kan biraa gargaaruu irratti yommuu xiyyeeffattu haalli ishii ni jijjiirame. Akkas jetteetti: “Namoonni kan biraan rakkina isaanii yommuu ibsan nan dhaggeeffadhe. Yommuun isaaniif caalaatti gaddu, rakkina koo irratti xiyyeeffachuu nan dhiise.”
17 Walgaʼiiwwan gumii irratti hirmaachuudhaan jabina keenya deebifnee argachuu dandeenya. Walgaʼiiwwan irratti yommuu argamnu, Yihowaan ‘akka nu gargaaruu fi nu jajjabeessu’ carraa dabalataa isaaf kennina. (Far. 86:17) Yihowaan achitti karaa hafuura qulqulluu, karaa Dubbii isaa fi saba isaa nu jajjabeessa. Walgaʼiiwwan ‘akka wal jajjabeessinuuf’ carraa nuuf banu. (Rom. 1:11, 12) Obboleettiin Soofiyaa jedhamtu tokko akkas jetteetti: “Yihowaa fi obboloonni koo jabaadhee akkan itti fufu na gargaaraniiru. Walgaʼiiwwan gumii wanta ani hunda caalaa iddoo guddaa kennuufi dha. Tajaajilaa fi walgaʼii gumii irratti dammaqinaan yommuun hirmaadhu, dhiphinaa fi yaaddoo koo caalaatti akkan dandaʼu hubadheera.”
18. Akka abdii kutanne yoo nutti dhagaʼame Yihowaan maal nuuf kennuu dandaʼa?
18 Yommuu abdii kutannu, Yihowaan dhiphina keenya gara fuulduraatti bara baraaf akka balleessu abdii nuu kennuu qofa utuu hin taʼin, yeroo ammaattis dhiphina dandamachuuf gargaarsa akka nuuf kennu haa yaadannu. Miira abdii kutachuu akka moonuuf, inni ‘fedhaa fi humna’ nuuf kenna.—Filp. 2:13.
19. Roomaa 8:37-39 maal nuuf mirkaneessa?
19 Roomaa 8:37-39 dubbisi. Phaawulos ergamaan wanti kam iyyuu jaalala Waaqayyoo irraa adda nu baasuu akka hin dandeenye nuuf mirkaneesseera. Obbolootaa fi obboleettota keenya dhiphina dandamachuuf carraaqan akkamitti gargaaruu dandeenya? Mata dureen itti aanu, gara laafina argisiisuudhaan akkasumas obboloonnii fi obboleettonni keenya yommuu dhiphatan gargaaruudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.
FAARFANNAA 44 Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee
a Dhiphinni cimaan ykn yeroo dheeraadhaaf turu, karaa qaamaa fi miiraa nu miidhuu dandaʼa.Yihowaan akkamitti nu gargaaruu dandaʼa ree? Yihowaan Eliyaas dhiphina akka dandaʼu akkamitti akka isa gargaare qorra. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu kaanis yeroo dhiphinni nu irra gaʼu gargaarsa Yihowaa argachuuf maal gochuu akka qabnu ibsu.
b Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.
c IBSA FAKKII: Maleekaan Yihowaa suuta jedhee Eliyaasiin dammaqsuudhaan daabboo fi bishaan yommuu kennuuf.
d IBSA FAKKII: Faarfatichi inni sanyii Asaaf taʼuu hin oolle, faarfannaa barreessuu fi Lewwoota michoota isaa taʼanii wajjin faarfachuudhaan ni gammada ture.