“Namni Qoramsa Isatti Dhufu Obsaan Danda’e, Haa Gammadu!”
1 Kiristiyaanonni hundi qorumsa danda’uu qabu. (2 Xim. 3:12) Qorumsi karaa dhibee fayyaa, rakkina dinagdee, ari’atamaafi karaawwan adda addaa dhufuu danda’a. Seexanni kan nu qoru, karaa hafuuraa akka qabbanoofnu, tajaajila Kiristiyaanaa keenya akka dagannu ykn Waaqayyoon tajaajiluu keenya akka dhiisnuufidha. (Iyo. 1:9-11) Qorumsa danda’uun gammachuu kan argamsiisu akkamitti?—2 Phe. 2:9.
2 Qorumsaaf Of Qopheessi: Yihowaan Dubbiisaa isa dhugaa kan nuu kenne yommuu ta’u, kunis seenaa jireenyaafi barumsa Yesus kan dabalatudha. Wanta Yesus dubbate dhaga’uufi hojiirra oolchuudhaan, hundee jabaa qorumsa mo’uuf nu gargaaru kaa’achuu dandeenya. (Luq. 6:47-49) Kana malees, Kiristiyaanota obboloota keenya ta’an, walga’iiwwan gumiifi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’anii hojjetaa amanamaafi ogeessaan qophaa’anirraa jajjabina arganna. Yeroo hundumaa kadhannaa isa kennaa Waaqayyoo ta’etti fayyadamna.—Mat. 6:13.
3 Kana malees, Yihowaan abdii nuu kenneera. Abdiiwwan Yihowaarratti amantii keenya yommuu cimsannu, abdiin kun ‘lubbuu keenyaaf, akka qofoo sibiila markabaa cimaafi amansiisaa ta’a.’ (Ibr. 6:19) Markaboonni bara durii turan qilleensisaa gaarii yoo ta’eyyuu qofoo sibiilaa dhiisanii hin deeman. Dhahaan bishaanii akka tasaa yoo ka’e, qofoo sibiilaa sana bishaanitti gadi darbachuun markabichi dhagaa bishaan qarqara jirutti rukutamee akka hin caccabne eega. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo ammaatti abdiiwwan Waaqayyoorratti amantii qabnu cimsachuun keenya yommuu rakkinni cimaan nurra ga’u jabaannee akka dhaabannu nu gargaara. Qorumsi akka tasaa nurra ga’uu danda’a. Hojiin lallabaa Phaawulosiifi Barnaabaas yeroo jalqabaa Lisxiraatti hojjetan akka gaariitti kan fudhatame yoo ta’eyyuu, yommuu Yihudoonni warri mormitoota ta’an dhufan haallisaa yeroosuma jijjiiramee ture.—HoE. 14:8-19.
4 Qorumsa Danda’uun Gammachuu Argamsiisa: Mormiin kan nurra ga’u yoo ta’eyyuu, hojii lallabaarratti jabaannee itti fufuun keenya nageenya sammuu nuu argamsiisa. Kiristosiif jennee yommuu tuffatamnu ni gammanna. (HoE. 5:40, 41) Qorumsa danda’uun, caalaatti amalawwan akka gad of qabuu, abboomamuufi obsa horachuuf nu gargaara. (Kes. 8:16; Ibr. 5:8; Yaq. 1:2, 3) Kana malees, amalli kun Yihowaatti akka hirkannu, abdiiwwansaatti akka amanamnufi akka isatti kooluu gallu nu barsiisa.—Fak. 18:10.
5 Qorumsi yeroo xinnoodhaaf qofa kan turu ta’uusaa beekna. (2 Qor. 4:17, 18) Qorumsi jaalalli Yihowaadhaaf qabnu hammam guddaa akka ta’e argisiisuuf carraa nuu bana. Qorumsa danda’uudhaan himata Seexanni kaaseef deebii kennuu dandeenya. Kanaafuu, yommuu qorumsi nurra ga’u gara duubaatti jechuu hin qabnu! “Namni qoramsa isatti dhufu obsaan danda’e, haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya isa Waaqayyo warra isa jaallatan abdachiise akka gonfootti argachuuf jira.”—Yaq. 1:12.