MATA DUREE QOʼANNAA 10
Jaalalli Yihowaadhaaf Qabdan Cuuphamuuf Isin Kakaasa
“Akkan hin cuuphamne wanti na dhowwu maali dha?”—HOE. 8:36.
FAARFANNAA 37 Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajiluu
QABIYYEEa
1-2. Hojii Ergamootaa 8:27-31, 35-38 irratti akka ibsametti qondaalli mootummaa Itoophiyaa kun akka cuuphamu kan isa kakaase maali dha?
BARATAA Kiristoos taatee cuuphamuu ni barbaaddaa? Jaalallii fi dinqisiifannaan namoonni hedduun filannoo akkasii akka godhan isaan kakaaseera. Mee fakkeenya namicha qondaala mootuu Itoophiyaa ture tokkoo haa ilaallu.
2 Namichi Itoophiyaa kun wanta Kitaaba Qulqulluu irraa barate battalumatti hojii irra oolcheera. (Hojii Ergamootaa 8:27-31, 35-38 dubbisi.) Maaltu isa kakaase? Dubbii Waaqayyootiif iddoo guddaa kennee akka ture beekamaa dha; sababiin isaas gaarii fardaa irra taaʼee yommuu deemu kitaaba Isaayaas irraa caqasoota muraasa dubbisaa ture. Kana malees namichi kun Filiphoos yommuu isa haasofsiisu wanta Yesuus isaa godheef dinqisiifannaan inni qabu guddatee ture. Haa taʼu malee, namichi kun gara Yerusaalem kan deeme maaliifi? Sababiin isaas namichi kun duruma iyyuu Yihowaadhaaf jaalala qaba ture. Kana akkamitti beekna? Inni Yerusaalemitti Yihowaa waaqeffachaa ture. Namichi kun amantii isaa jijjiiruudhaan saba Waaqa dhugaatiif of murteesse wajjin tokkummaa uumee akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Tarkaanfii barbaachisaa kan biraa akka fudhatu jechuunis, akka cuuphamuu fi barataa Kiristoos akka taʼu kan isa kakaases jaalala Yihowaadhaaf qabu dha.—Mat. 28:19.
3. Namni tokko akka hin cuuphamne wanti isa dhoowwu maal taʼuu dandaʼa? (Saanduqa “Wanti Garaa Kee Keessa Jiru Maali Dha?” jedhu ilaali.)
3 Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu atis akka cuuphamtu si kakaasuu dandaʼa. Haa taʼu malee, jaalalli akka ati hin cuuphamnes si dhoowwuu dandaʼa. Akkamitti? Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu. Maatii fi michoota kee warra Dhugaa Baatota hin taane baayʼee jaallatta taʼa, akkasumas yoon cuuphame na jibbu jettee yaaddofta taʼa. (Mat. 10:37) Yookiin immoo barsiifata Waaqayyo akka jibbu beektu tokko ni jaallatta taʼa, barsiifata kana dhiisuunis sitti ulfaachuu dandaʼa. (Far. 97:10) Kana malees ayyaanota amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban kabajaa guddatte taʼa. Wantoota ayyaanota kana irratti raawwachaa turte ilaalchisee yaadannoo gammachiisaa qabdu ni jaallatta taʼa. Kanaan kan kaʼes, ayyaanota Yihowaa hin gammachiisne kabajuu dhiisuun sitti ulfaachuu dandaʼa. (1 Qor. 10:20, 21) Kanaafuu “Hundumaa caalaa kanan jaalladhu maali dha ykn eenyu dha?” isa jedhu murteessuu qabda.
QAAMA HUNDUMAA CAALAA JAALLACHUU QABNU
4. Wanti cuuphamuuf si kakaasu inni guddaan maali dha?
4 Wantoota gaggaarii jaallattuu fi dinqisiifattu hedduu qabda. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu kee dura iyyuu Kitaaba Qulqulluudhaaf dinqisiifannaa guddaa horattee taʼuu dandaʼa. Yesuusiifis jaalala horattee taʼuu dandaʼa. Amma Dhugaa Baatota Yihowaa waan beekteef isaanii wajjin hariiroo uumuu barbaadda taʼa. Haa taʼu malee, wantoota gaggaarii kana jaallachuun kee qofti Yihowaadhaaf akka of murteessituu fi akka cuuphamtu si kakaasuu dhiisuu dandaʼu. Wanti cuuphamuuf si kakaasu inni guddaan jaalala Yihowaadhaaf qabdu dha. Wanta hundumaa caalaa Yihowaa kan jaallattu yoo taʼe, wanti kam iyyuu ykn namni kam iyyuu isa tajaajiluu akka si dhoowwu hin heyyamtu. Jaalala Yihowaadhaaf qabdu balbala gara cuuphaatti si geessuu fi wanta Yihowaa tajaajiluu kee itti fufuuf si gargaaru akka taʼetti ilaaluu dandeessa.
5. Gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?
5 Yesuus garaa keenya guutuudhaan, lubbuu keenya guutuudhaan, sammuu keenya guutuudhaan, akkasumas humna keenya guutuudhaan Yihowaa jaallachuu akka qabnu dubbateera. (Mar. 12:30) Hamma kana Yihowaa jaallachuu fi kabajuu barachuu kan dandeessu akkamitti? Jaalala Yihowaan nuuf qabu irratti xiinxaluun keenya nutis deebisnee isa jaallachuuf nu kakaasa. (1 Yoh. 4:19) Jaalala baayʼee barbaachisaa taʼe kana erga horattee booda miira akkamii qabaachuu fi tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeessa?b
6. Roomaa 1:20 akka jedhutti karaan waaʼee Yihowaa barachuu itti dandeessu inni tokko maali dha?
6 Uumama isaa irraa waaʼee Yihowaa baradhu. (Roomaa 1:20 dubbisi; Mul. 4:11) Waaʼee biqiltootaa fi bineeldota Yihowaan uumee, akkasumas Yihowaan ogeessa taʼuu isaa akkamitti akka isaan mirkaneessan yaadi. Karaa dinqisiisaa qaamni kee itti uumame ilaalchisee wantoota tokko tokko baradhu. (Far. 139:14) Akkasumas waaʼee humna Yihowaan biiftuu keessa kaaʼee fi biiftuun urjiilee biliyoonaan lakkaaʼaman keessaa tokko taʼuu ishii yaadi.c (Isa. 40:26) Kana yommuu gootu, kabajni Yihowaadhaaf qabdu ni guddata. Haa taʼu malee, Yihowaan ogeessaa fi humna qabeessa taʼuu isaa beekuun, isa wajjin hariiroo uumuuf wantoota buʼuura taʼan keessaa tokko qofa dha. Yihowaadhaaf jaalala cimaa horachuuf waaʼee isaa caalaatti barachuu si barbaachisa.
7. Jaalala Yihowaadhaaf qabdu cimsachuuf maal amanuu si barbaachisa?
7 Yihowaan dhuunfaatti akka siif yaadu amanuu si barbaachisa. Uumaan samii fi lafaa jiraachuu kee akka beekuu fi akka siif yaadu amanuun sitti ulfaataa? Taanaan, Yihowaan “tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo” akka hin taane yaadadhu. (HoE. 17:26-28) Inni ‘garaa nama hundumaa qoree ni ilaala,’ akkasumas akkuma Daawit Solomooniin jedhe ‘yoo isa barbaaddatte, akka isa argattu’ waadaa siif galeera. (1 Sen. 28:9) Amma Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa kan jirtu iyyuu Yihowaan waan ‘ofitti si dhiheesseefi.’ (Er. 31:3) Hammuma wanta Yihowaan siif godhe hunda dinqisiifachaa deemtu jaalalli isaaf qabdus cimaa deema.
8. Jaalala Yihowaatiif akka galateeffattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
8 Karaan jaalala Yihowaatiif akka galateeffannu argisiisuu itti dandeenyu inni tokko kadhannaadhaan isa haasofsiisuu dha. Wantoota si yaaddessan yommuu isatti himtuu fi wanta inni siif godhe hundaaf yommuu isa galateeffattu jaalalli Waaqayyoof qabdu ni guddata. Akkasumas kadhannaa keetiif akkamitti akka inni deebii kenne yommuu hubattu michummaan Yihowaa wajjin qabdu ni cima. (Far. 116:1) Akka inni si hubatus mirkanaaʼaa taata. Caalaatti gara Yihowaatti dhihaachuuf garuu akkaataa inni itti yaadu hubachuu si barbaachisa. Kana malees wanta inni si irraa barbaadu beekuu qabda. Beekumsa akkasii argachuu kan dandeessu immoo Dubbii isaa kan taʼe Kitaaba Qulqulluu yoo qoʼatte qofa dha.
9. Kitaaba Qulqulluudhaaf iddoo guddaa akka kennitu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
9 Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼeef iddoo guddaa kennuu baradhu. Waaʼee Yihowaa fi kaayyoo inni siif qabu ilaalchisee dhugaa jiru kan qabate Kitaaba Qulqulluu qofa dha. Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif qophaaʼuudhaan, akkasumas wanta baratte hojii irra oolchuudhaan iddoo guddaa akka kennituuf argisiisuu dandeessa. (Far. 119:97, 99; Yoh. 17:17) Sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa qabdaa? Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan sagantaa baafatte sana hoo ni hordoftaa?
10. Wantoota Kitaaba Qulqulluu adda taasisan keessaa tokko maali dha?
10 Wantoota Kitaaba Qulqulluu adda taasisan keessaa inni tokko waaʼee Yesuus seenaa namoonni ijaan argan barreessan kan qabate taʼuu isaa ti. Kitaabni wanta Yesuus siif godhe sirriitti ibsu Kitaaba Qulqulluu qofa dha. Wanta Yesuus dubbatee fi raawwate yommuu barattu isa wajjin hariiroo uumuuf kakaʼuun kee hin oolu.
11. Yihowaa jaallachuu barachuu kan dandeessu akkamitti?
11 Yesuusiin jaallachuu baradhu. Yesuusiin kan jaallattu yoo taʼe, jaalalli Yihowaadhaaf qabdus ni guddata. Maaliifi? Sababiin isaas Yesuus amaloota Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. (Yoh. 14:9) Kanaafuu waaʼee Yesuus hammuma barachaa deemtu caalaatti waaʼee Yihowaa hubachuu fi isa dinqisiifachuu dandeessa. Yesuus namoota warra kaan biratti tuffatamanitti jechuunis hiyyeeyyiitti, warra dhukkubsatanittii fi dadhaboo taʼanitti akkamitti gara laafina akka argisiise mee yaadi. Akkasumas gorsa hojii irra ooluu dandaʼuu fi inni siif kenne, isa dhaggeeffachuu keetiin immoo jireenyi kee akkamitti akka fooyyaʼe yaadi.—Mat. 5:1-11; 7:24-27.
12. Waaʼee Yesuus barachaa yommuu deemtu maal gochuuf kakaʼuu dandeessa?
12 Aarsaa Yesuus dhiifama cubbuu akka argannuuf kaffale irratti gadi fageenyaan yommuu yaaddu jaalalli ati isaaf qabdu guddachuun isaa hin oolu. (Mat. 20:28) Yesuus siif jedhee duʼuuf fedhii qabaachuu isaa yommuu hubattu yaada geeddarachuu fi dhiifama Yihowaa argachuuf kakaʼuu dandeessa. (HoE. 3:19, 20; 1 Yoh. 1:9) Yesuusii fi Yihowaadhaaf jaalala yommuu horattu namoota miira akkasii qaban wajjin taʼuuf fedhii qabaachuu dandeessa.
13. Yihowaan maal siif kenna?
13 Namoota Yihowaa jaallatan jaallachuu baradhu. Maatii fi michoonni kee duraanii Dhugaa Baatota hin taane Yihowaadhaaf of murteessuu kan barbaadde maaliif akka taʼe hubachuu dhiisuu dandaʼu. Tarii si mormuu illee ni dandaʼu. Yihowaan maatii hafuuraa siif kennuudhaan si gargaara. Maatii hafuuraa kanatti maxxantee kan jiraattu yoo taʼe, jaalalaa fi deeggarsa si barbaachisu ni argatta. (Mar. 10:29, 30; Ibr. 10:24, 25) Yeroo booda miseensonni maatii kee si wajjin Yihowaa waaqeffachuu fi ulaagaa isaa hordofanii jiraachuu dandaʼu.—1 Phe. 2:12.
14. Akka 1 Yohaannis 5:3 irratti ibsametti waaʼee ulaagaawwan Yihowaa maal hubatte?
14 Ulaagaawwan Yihowaatiif iddoo guddaa kennuu fi hojii irra oolchuu baradhu. Yihowaa beekuu kee dura ulaagaa mataa keetii baafatteetta taʼa, amma garuu ulaagaan Yihowaa hundumaa irra akka wayyu hubatteetta. (Far. 1:1-3; 1 Yohaannis 5:3 dubbisi.) Mee gorsa Kitaabni Qulqulluun abbaa manaa, haadha manaa fi ijoollee ilaalchisee kennu yaadi. (Efe. 5:22–6:4) Gorsa kana hojii irra oolchuu keetiin kan kaʼe jireenyi maatii kee yommuu fooyyaʼu argiteettaa? Michoota kee ogummaadhaan filachuu ilaalchisee qajeelfama Yihowaa hordofuu keetiin kan kaʼe amaloonni kee hin fooyyofnee? Amma gammachuu qabdaa? (Fak. 13:20; 1 Qor. 15:33) Gaaffiiwwan kanneen ‘eeyyee’ jettee deebisuun kee hin oolu.
15. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu irratti gargaarsi yoo si barbaachise maal gochuu dandeessa?
15 Yeroo tokko tokko dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barachaa jirtu akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessu beekuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Yihowaan jaarmiyaa isaatti fayyadamee barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baastee beekuuf si gargaaran kan qopheessu kanaafi. (Ibr. 5:13, 14) Barreeffamoota kana yommuu dubbistuu fi qoʼattu hammam faayidaa akka qabanii fi ifa akka taʼan hubatta, akkasumas kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuuf fedhii qabaachuun kee hin oolu.
16. Yihowaan saba isaa kan gurmeesse akkamitti?
16 Jaarmiyaa Yihowaa jaallachuu fi deeggaruu baradhu. Yihowaan saba isaa gumiidhaan kan gurmeesse yommuu taʼu, Ilmi isaa Yesuus immoo gumii hundumaa irratti mataa dha. (Efe. 1:22; 5:23) Yesuus hojii yeroo harʼaatti akka hojjetamu barbaadu qindeessuu irratti dursa fudhatanii akka geggeessaniif tuuta xinnoo obboloota dibamoo tokko muudeera. Yesuus tuutni obbolootaa kun ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ akka taʼe dubbateera, obboloonni kun itti gaafatamummaa karaa hafuuraa si sooruu fi si eeguuf qabaniif iddoo guddaa kennu. (Mat. 24:45-47) Karaawwan garbichi amanamaanii fi ogeessi itti si kunuunsu keessaa tokko dhiironni gaʼumsa qaban jaarsolii akka taʼan filachuudhaan siʼa taʼu, isaanis qajeelfama siif kennu, akkasumas eegumsa siif godhu. (Isa. 32:1, 2; Ibr. 13:17; 1 Phe. 5:2, 3) Jaarsoliin si jajjabeessuu fi caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaattu si gargaaruuf wanta dandaʼan hunda gochuuf fedhii qabu. Haa taʼu malee, wantoota isaan siif godhan keessaa inni guddaan waaʼee Yihowaa warra kaan akka barsiistu si gargaaruu dha.—Efe 4:11-13.
17. Roomaa 10:10, 13, 14 akka jedhutti waaʼee Yihowaa warra kaanitti himuu kan qabnu maaliifi?
17 Warri kaan Yihowaa jaallachuu akka baratan gargaari. Yesuus duuka buutonni isaa waaʼee Yihowaa warra kaan akka barsiisan ajajeera. (Mat. 28:19, 20) Ajaja kana raawwachuuf dirqamni waan nu irra jiruuf qofa ajajamuu dandeenya. Haa taʼu malee, jaalalli Yihowaadhaaf qabdu yommuu guddatu akkuma Pheexirosii fi Yohaannis sitti dhagaʼamuu dandaʼa; isaan akkana jedhanii turan: “Waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.” (HoE. 4:20) Namni tokko Yihowaa akka jaallatu yommuu gargaarru gammachuu guddaa arganna. Filiphoos inni lallabaa wangeelaa ture namichi Itoophiyaa sun dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu akka baratuu fi akka cuuphamu yeroo gargaaretti hammam akka gammade mee yaadi! Fakkeenya Filiphoos yommuu hordoftuu fi ajaja Yesuus akka lallabnuuf nuu kenneef yommuu ajajamtu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu akka barbaaddu argisiista. (Roomaa 10:10, 13, 14 dubbisi.) Yeroo kanatti atis akkuma namicha Itoophiyaa sanaa, “Akkan hin cuuphamne wanti na dhowwu maali dha?” jettee gaafachuun kee hin oolu.—HoE. 8:36.
18. Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii baranna?
18 Cuuphamuuf yommuu murteessitu jireenya kee keessatti tarkaanfii baayʼee barbaachisaa taʼe fudhatta. Murtoon kun tarkaanfii iddoo guddaa qabu waan taʼeef, maalfaa akka dabalatu of eeggannoodhaan irratti yaaduu qabda. Cuuphaa ilaalchisee maal beekuu qabda? Cuuphamuu kee duraa fi erga cuuphamtee booda maal gochuu si barbaachisa? Gaaffiiwwan kunneen mata duree itti aanu irratti deebii argatu.
FAARFANNAA 2 Maqaan Kee Yihowaa Dha
a Namoonni Yihowaa jaallatan tokko tokko Dhugaa Baatuu isaa taʼanii cuuphamuuf qophaaʼoo taʼuu isaanii ni shakku. Atis akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, mata dureen kun wantoota ati gochuu dandeessuu fi cuuphamuuf si gargaaran tokko tokko irratti yaaduuf si gargaara.
b Namni hundi garaa gara waan taʼeef namoonni tokko tokko yaadawwan mata duree kana keessatti ibsaman duraa duuba as irratti ibsame irraa haala adda taʼeen hojii irra oolchuu dandaʼu.
c Fakkeenyota dabalataa argachuuf birooshuroota Jireenyi Uumamaan Argamee? (Amaariffa) akkasumas Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shan (Amaariffa) jedhaman ilaali.
d IBSA FAKKII: Obboleettiin takka shamarree bakka gabaatti argatte takkaaf tiraaktii yommuu kennitu.