MATA DUREE QOʼANNAA 10
Cuuphamuu kan Qabdu Maaliifi?
“Tokkoon tokkoon keessan . . . cuuphamaa.”—HOE. 2:38.
FAARFANNAA 34 Amanamummaadhaan Deddeebiʼuu
QABIYYEEa
1-2. Yeroo baayʼee namni tokko yeroo cuuphamu maaltu taʼa? Atoo maalirratti yaaduu qabda?
KAADHIMAMTOOTA cuuphaa argitee beektaa? Cuuphamuu isaanii dura gaaffilee lamaaf kutannoodhaan yeroo deebii kennan dhageessa. Miseensonni maatii isaanii fi michoonni isaanii yeroo gammadan argita. Cuuphamanii bishaan keessaa yommuu baʼan harki yeroo walitti rukutamu dhageessa; fuulli isaanii gammachuudhaan yeroo ifus ni argita. Torban torbaniin giddu galeessaan namoonni kumaan lakkaaʼaman of murteessanii cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼu.
2 Atoo? Cuuphamuuf yaadaa jirta yoo taʼe ‘Yihowaa barbaaddachaa’ waan jirtuuf, addunyaa hamaa taʼe kana keessatti nama baayʼee adda taatedha jechuudha. (Far. 14:1, 2) Dargaggeessas taate maanguddoo mata dureen kun siif qophaaʼe. Warri cuuphamnes kutannoo bara baraaf Yihowaa tajaajiluuf goone cimsachuu barbaanna. Kanaafuu, sababiiwwan Yihowaa tajaajiluuf nu kakaasan hedduu keessaa sadi waliin haa ilaallu.
DHUGAA FI QAJEELUMMAA NI JAALLATTA
3. Tajaajiltoonni Yihowaa dhugaa fi qajeelummaa kan jaallatan maaliifi? (Faarfannaa 119:128, 163)
3 Yihowaan sabni isaa ‘dhugaa akka jaallatan’ ajajeera. (Zak. 8:19) Yesuus duuka buutonni isaa qajeelummaa akka hordofan jajjabeesseera. (Mat. 5:6) Kana jechuun namni tokko wanta Waaqayyo duratti sirrii, gaarii fi qulqulluu taʼe raawwachuuf fedhii cimaa qabaachuu qaba jechuudha. Dhugaa fi qajeelummaa ni jaallattaa? Akka jaallattu hin shakkinu. Wanta soba, sirrii hin taanee fi hamaa taʼe hunda ni jibbita. (Faarfannaa 119:128, 163 dubbisi.) Namni sobu Seexana isa bulchaa addunyaa kanaa taʼe fakkaata. (Yoh. 8:44; 12:31) Kaayyoon Seexanaa inni tokko maqaa Yihowaa isa qulqulluu taʼe balleessuudha. Seexanni Eedan keessatti fincila erga kaasee jalqabee waaʼee Waaqa keenyaa soba babalʼisaa tureera. Namoonni, Yihowaan Bulchaa ofittoo, amanamaa hin taanee fi ilmaan namootaa wanta gaarii dhowwatu akka taʼetti akka yaadan gochuuf yaalaa tureera. (Uma. 3:1, 4, 5) Sobni Seexanni waaʼee Yihowaa dubbate sammuu fi garaa namootaa faaluu isaa itti fufeera. Namoonni ‘dhugaa jaallachuu’ dhiisuuf yeroo filatan Seexanni jalʼinaa fi hammina hundumaa akka raawwatan dhiibbaa isaanirratti gochuu dandaʼa.—Rom. 1:25-31.
4. Yihowaan “Waaqa dhugaa” taʼuu isaa kan argisiise akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
4 Yihowaan “Waaqa dhugaa” waan taʼeef warra isa jaallatan arjummaadhaan dhugaa barsiisa. (Far. 31:5) Akkas gochuudhaan gowwoomsaa Seexanaa jalaa bilisa akka baʼan isaan gargaara. Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoo fi qajeeloo akka taʼanis isaan barsiisa. Kunimmoo ofii isaaniitiif kabaja akka qabaatanii fi nagaa sammuu akka argatan isaan gargaara. (Fak. 13:5, 6) Yihowaan Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼattu faayidaawwan kana akka argattu si gargaareeraa? Daandiin Yihowaa ilmaan namootaa hundumaafis taʼe dhuunfaatti siif hundarra kan wayyu taʼuu isaa baratteetta. (Far. 77:13) Kanaafuu, qajeelummaa Waaqayyoo cinaa dhaabbachuu barbaadda. (Mat. 6:33) Dhugaadhaaf dhaabbachuudhaan wanti Seexanni waaʼee Yihowaa dubbate soba taʼuu isaa saaxiluu barbaadda. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?
5. Dhugaa fi qajeelummaadhaaf dhaabbachuu kan dandeessu akkamitti?
5 Soba Seexanaa akka mormituu fi dhugaa akka deggartu karaa ifatti argisiisuun jiraachuu dandeessa. Yihowaan Bulchaa kee akka taʼu akka barbaadduu fi wanta isa duratti sirrii taʼe raawwachuu akka barbaaddu argisiisuu ni dandeessa. Ejjennoo akkasii akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Bara baraaf isa tajaajiluu akka barbaaddu Yihowaadhaaf waadaa galuu fi cuuphamuudhaani. Jaalalli wanta dhugaa fi wanta sirrii taʼeef qabdu cuuphamuuf si kakaasa.
YESUUSIIN NI JAALLATTA
6. Faarfannaa 45:4 irratti akka ibsametti sababiiwwan Yesuusiin jaallachuuf si kakaasan kamfaʼi?
6 Yesuusiin kan jaallattu maaliifi? Sababiiwwan gaggaarii Faarfannaa 45:4 irratti ibsaman ilaali. (Dubbisi.) Yesuus dhugaa, gad of qabuu fi qajeelummaa ni jaallata. Dhugaa fi qajeelummaa kan jaallattu yoo taʼe Yesuusiinis akka jaallattu beekamaadha. Yesuus wanta dhugaa fi sirrii taʼeef ija jabinaan akkamitti akka falme yaadi. (Yoh. 18:37) Haa taʼu malee, Yesuus gad of qabuu akka jaallatu kan argisiise akkamitti?
7. Yesuus kan gad of qabu taʼuu isaa ilaalchisee wanti si hawwate maalidha?
7 Yesuus gad of qabuu akka jaallatu ifatti argisiiseera. Fakkeenyaaf, ulfinni hundi isaaf utuu hin taʼin Abbaa isaatiif akka kennamu godheera. (Mar. 10:17, 18; Yoh. 5:19) Yesuus hamma kana akka gad of qabu yeroo beektu maaltu sitti dhagaʼame? Isa jaallachuu fi isa duukaa buʼuuf si hin kakaasnee? Akka si kakaase beekamaadha. Yesuus kan gad of qabu maaliifi? Abbaa isaa isa gad of qabu waan jaallatuu fi fakkeenya isaa hordofuu waan barbaaduufi. (Far. 18:35; Ibr. 1:3) Maarree, Yesuus isa amaloota Yihowaa guutummaatti calaqqisiisetti dhihaachuuf hin kakaatuu?
8. Yesuus Mootii keenya taʼuu isaatti kan gammannu maaliifi?
8 Yesuus Bulchaa hundarra caalu waan taʼeef, Mootii keenya taʼuu isaatti ni gammanna. Ilma isaa kan leenjisee fi akka bulchu kan isa muude Yihowaadha. (Isa. 50:4, 5) Jaalala ofittummaarraa walaba taʼee fi Yesuus argisiises yaadi. (Yoh. 13:1) Yesuus Mootii kee waan taʼeef isa jaallachuun kee sirriidha. Yesuus namoonni dhugumaan isa jaallatanii fi michoota isaa taʼan ajaja inni kenne eeguudhaan jaalala isaaf qaban akka argisiisan ibseera. (Yoh. 14:15; 15:14, 15) Michuu Ilma Yihowaa taʼuun ulfina guddaadha!
9. Cuuphaan Kiristiyaanotaa cuuphaa Kiristoos wajjin kan wal fakkaatu karaa kamiini?
9 Fakkeenyaaf, Yesuus duuka buutonni isaa akka cuuphaman ajajeera. (Mat. 28:19, 20) Innis gama kanaan fakkeenya nuuf taʼeera. Cuuphaan isaa kan duuka buutota isaarraa karaa tokko tokkoon garaa garummaa qaba. (Saanduqa, “Cuuphaan Yesuus Cuuphaa Duuka Buutota Isaarraa Adda kan Taʼe Akkamitti?” jedhu ilaali.) Karaa tokko tokkoon garuu wal fakkaata. Yesuus yeroo cuuphametti fedhii Abbaa isaa raawwachuuf of dhiheesseera. (Ibr. 10:7) Haaluma wal fakkaatuun duuka buutonni Kiristoos yeroo cuuphamanitti Yihowaadhaaf of murteessuu isaanii namootatti argisiisu. Sana booda jireenyi isaanii fedhii isaanii raawwachuurratti utuu hin taʼin, fedhii Yihowaa raawwachuurratti xiyyeeffata. Karaa kanaan fakkeenya Gooftaa isaanii hordofu.
10. Jaalalli Yesuusiif qabdu cuuphamuuf si kakaasuu kan qabu maaliifi?
10 Yesuus Ilma Yihowaa isa tokkicha taʼuu isaa ni amanta; Mootii akka nu bulchuuf Waaqayyo muude taʼuu isaattis gammaddeetta. Yesuus akka gad of qabuu fi guutummaatti abbaa isaa akka fakkaatu beekta. Warra beelaʼan akka soore, warra dhiphatan akka jajjabeessee fi warra dhukkubsatan akka fayyise baratteetta. (Mat. 14:14-21) Yeroo harʼaatti gumii isaa akkamitti geggeessaa akka jiru argiteetta. (Mat. 23:10) Gara fuulduraattimmoo Mootummaa Waaqayyootti fayyadamee wantoota kanarra caalan akka raawwatu beekta. Maarree, akka isa jaallattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenya isaa hordofuudhaani. (Yoh. 14:21) Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuudhaan jalqabuu dandeessa.
YIHOWAA NI JAALLATTA
11. Sababii guddaan cuuphamuuf si kakaasu maalidha? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?
11 Wanti cuuphamuuf si kakaasu inni guddaan maalidha? Yesuus ajajni Waaqayyoo inni guddaan maal akka taʼe yeroo ibsu akkana jedheera: “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.” (Mar. 12:30) Atoo hamma kana Yihowaa ni jaallattaa?
12. Yihowaa kan jaallattu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)
12 Sababiiwwan Yihowaa jaallachuuf si kakaasan hedduun jiru. Fakkeenyaaf, inni “madda jireenyaa” akka taʼee fi “kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” isa biraa akka argamu hubatteetta. (Far. 36:9; Yaq. 1:17) Wanti gaariin qabdu hundi Waaqa keenya isa arjaa fi jaalala qabeessa taʼerraa argame.
13. Furichi kennaa baayʼee dinqisiisaa taʼedha kan jennu maaliifi?
13 Furichi kennaa dinqisiisaa Yihowaan nuuf kennedha. Akkas kan jennu maaliifi? Walitti dhufeenya cimaa Yihowaa fi Ilma isaa gidduu jiru yaadi. Yesuus, ‘Abbaan na jaallata,’ akkasumas ‘Abbaa nan jaalladha’ jedheera. (Yoh. 10:17; 14:31) Waggoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif yeroo waliin jiraatanitti walitti dhufeenyi isaan gidduu jiru caalaatti cimaa deemeera. (Fak. 8:22, 23, 30) Kanaafuu, Waaqayyo Ilmi isaa dhiphatee akka duʼu yeroo heyyametti hammam akka gadde yaadi. Yihowaan siin dabalatee ilmaan namootaa hunda baayʼee waan jaallatuuf, Ilma isaa isa jaallatu aarsaa akka taʼuuf dabarsee kenneera; kana kan godhe atis taate warri kaan jireenya bara baraa akka argattan waan barbaaduufi. (Yoh. 3:16; Gal. 2:20) Sababiin Waaqayyoon jaallachuuf nu kakaasu inni guddaan kanadha.
14. Galmi hundarra caalu maalidha?
14 Waaʼee Yihowaa caalaatti barachaa yeroo deemtu jaalalli isaaf qabdus guddachaa dhufeera. Ammas taʼe bara baraaf caalaatti isatti dhihaachuu akka barbaaddu beekamaadha. Isatti dhihaachuus ni dandeessa. Inni gaarummaadhaan kakaʼee garaa isaa akka gammachiistu si jajjabeessa. (Fak. 23:15, 16) Kanas dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin, gochaan argisiisuu dandeessa. Akkaataan jireenyaa kee garaadhaa Yihowaa akka jaallattu argisiisa. (1 Yoh. 5:3) Akkaataa jireenyaa Yihowaa gammachiisu filachuun galma hundarra caaludha.
15. Jaalala Yihowaadhaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
15 Jaalala Yihowaadhaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Jalqaba kadhannaa addaa dhiheessuudhaan Waaqa dhugaa isa tokkichaaf of murteessita. (Far. 40:8) Achiis, cuuphamuudhaan of murteessuu kee namootatti argisiista. Akkuma olitti ilaalle cuuphaan jireenya kee keessatti wanta gammachiisaa iddoo guddaa qabudha; jireenya haaraa jalqabda; kan jiraattu garuu ofii keetiif utuu hin taʼin Yihowaadhaafi. (Rom. 14:8; 1 Phe. 4:1, 2) Kun murtoo salphaa miti. Taʼus, jireenya hundarra caalu jiraachuuf carraa siif bana. Akkamitti?
16. Faarfannaan 41:12 akka jedhutti Yihowaan namoota jireenya isaanii isa tajaajiluuf murteessan kan eebbisu akkamitti?
16 Qaamni hamma Yihowaa arjaa taʼe hin jiru. Maaliyyuu yoo isaaf kennite inni yeroo hundumaa wanta sanarra baayʼee caalu siif kenna. (Mar. 10:29, 30) Addunyaa moofaa baduuf jedhu kana keessattillee jireenya baayʼee gammachiisaa fi kaayyoo qabu siif kenna. Kun garuu jalqabbii qofadha. Jireenyi yeroo cuuphamtutti jalqabdu dhuma hin qabaatu. Abbaa kee isa jaallatamaa bara baraaf tajaajiluu kee itti fufuu dandeessa. Jaalalli sii fi Abbaa kee gidduu jiru guddachuu isaa itti fufa; atis akkuma isaa bara baraaf jiraatta.—Faarfannaa 41:12 dubbisi.
17. Wanti Yihowaan hin qabnee fi ati isaaf kennuu dandeessu maalidha?
17 Waaqayyoof of murteessitee yeroo cuuphamtu wanta gatii guddaa qabu tokko Abbaa keetiif kennuuf mirga argatta. Wanti gaariin qabdu hundii fi yeroo gammachiisaan dabarsitu hundi kennaa isaati. Atis Uumaa samii fi lafaatiif wanta inni hin qabne tokko kennuu dandeessa. Innis tajaajila amanamummaadhaan dhiheessitudha. (Iyo. 1:8; 41:11; Fak. 27:11) Kana caalaa karaa gaariin jireenya keetti akka gaariitti itti fayyadamuu dandeessu kan biraan jiraaree? Sababiin cuuphamuuf si kakaasu inni guddaan jaalala Yihowaadhaaf qabdu akka taʼe homaa hin shakkisiisu.
MAAL EEGDAREE?
18. Gaaffilee kamfaa of gaafachuu dandeessa?
18 Maarree, gaaffii ‘Ni cuuphamtaaree?’ jedhuuf deebii akkamii kennita? Gaaffii kana deebisuu kan dandaʼu si qofadha. Garuu, ‘Maalan eegaree?’ jettee of gaafachuun kee si gargaaruu dandaʼa. (HoE. 8:36) Sababiiwwan irratti mariʼanne sadan yaadadhu. Tokkoffaa dhugaa fi qajeelummaa ni jaallatta. ‘Guyyaa itti namni hundi dhugaa dubbatuu fi wanta sirrii raawwatu arguu nan barbaadaa?’ jedhii of gaafadhu. Lammaffaa, Yesuusiin ni jaallatta. ‘Ilmi Waaqayyoo Mootii koo akka taʼuu fi fakkeenya isaa hordofuu nan barbaadaa?’ jedhii of gaafadhu. Sadaffaa, hundumaa caalaammoo Yihowaa ni jaallatta. ‘Yihowaa tajaajiluudhaan garaa isaa gammachiisuu nan barbaadaa?’ jedhii of gaafadhu. Gaaffilee kana ‘Eeyyee’ jettee deebisteetta taanaan maaliif hin cuuphamturee? Maal eegda?—HoE. 16:33.
19. Cuuphamuurraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi? Fakkeenya kenni. (Yohaannis 4:34)
19 Cuuphamuurraa duubatti jechaa jirta taanaan fakkeenya Yesuus fayyadame tokko ilaali. (Yohaannis 4:34 dubbisi.) Yesuus fedhii Abbaa isaa raawwachuu nyaata wajjin akka wal fakkeesse hubadhu. Maaliif? Nyaanni nu fayyada. Yesuus wanti Yihowaan akka raawwannu nu gaafatu akka nu fayyadu beeka. Yihowaan wanta nu miidhu kamiyyuu akka raawwannu hin barbaadu. Maarree, Yihowaan akka cuuphamtu ni barbaadaa? Eeyyee. (HoE. 2:38) Kanaafuu, ajaja kana hojiirra oolchuun akka si fayyadu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Nyaata baayʼee gaarii taʼe tokko nyaachuurraa duubatti hin jettu erga taʼee, cuuphamuurraa maaliif duubatti jettaree?
20. Mata duree itti aanurratti maal ilaalla?
20 Namoonni tokko tokko duubatti kan jedhan maaliifi? Baayʼeen isaanii, “Ani qophaaʼaa miti” jedhanii deebisu taʼa. Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuun murtoo jireenya kee keessatti gootu hundarra kan caaludha. Kanaafuu, of eeggannoodhaan irratti yaaduu qabda; qophaaʼuunis yeroo fi carraaqqii gaafata. Garuu, tarkaanfii kana fudhachuuf garaadhaa kan barbaaddu yoo taʼe, of qopheessuuf maal gochuu dandeessa? Deebii gaaffii kanaa mata duree itti aanurratti ilaalla.
FAARFANNAA 28 Michuu Yihowaa Taʼuu
a Cuuphaan tarkaanfii barbaachisaa barattoonni Kitaaba Qulqulluu hundi fudhachuu qabanidha. Barataan tokko tarkaanfii kana akka fudhatu wanti isa kakaasu maalidha? Jecha tokkoon ibsuuf jaalaladha. Garuu jaalala maaliif, akkasumas eenyuuf qabudha? Mata duree kana keessatti gaaffii kanaaf deebii arganna, Kiristiyaanota cuuphamne yeroo taanu jireenyi keenya maal akka fakkaatus ni mariʼanna.