MATADUREE FUULA JALQABAA | MOOTUMMAAN WAAQAYYOO—SIIF HIIKA MAALII QABA?
Mootummaa Waaqayyoo—Yesus Bakka Guddaa Kan Kenneef Maaliifi?
Yesus yommuu lafarratti tajaajilaa turetti, Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee waan hedduu dubbateera. Fakkeenyaaf, akkamitti akka kadhatan, Waaqayyoon gammachiisuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼeefi gammachuu dhugaa argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe duuka buutotasaa barsiiseera. (Maatewos 6:5-13; Maarqos 12:17; Luqaas 11:28) Haataʼu malee, wanta hunda caalaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbachaa kan ture yommuu taʼu, kunimmoo baayʼee isa gammachiisa ture.—Luqaas 6:45.
Mataduree darberratti, Yesus jireenyasaa keessatti waaʼee ‘Mootummaa Waaqayyoo labsaafi misiraachoo himaa’ akka ture ilaalleerra. (Luqaas 8:1) Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namoota barsiisuuf guutummaa Israaʼel keessa kiilomeetira kuma hedduu miillaan deemuudhaan baayʼee dhamaʼeera. Wangeelota arfan waaʼee tajaajila Yesus dubbatan keessatti Mootummaan Waaqayyoo siʼa 100 ol caqasameera. Kana keessaa baayʼeesaa kan dubbate Yesus yommuu taʼu, wanti Wangeelonni ibsan wanta Yesus Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee dubbate keessaa muraasa qofadha.—Yohannis 21:25.
Yesus lafarra yommuu turetti Mootummaa Waaqayyootiif iddoo guddaa kan kenne maaliifi? Tokkoffaa, Yesus Bulchaa Mootummichaa akka taʼuuf Waaqayyoo akka isa filate beeka. (Isaayaas 9:6; Luqaas 22:28-30) Taʼus, Yesus aangoo ykn ulfina argachuurratti hin xiyyeeffanne. (Maatewos 11:29; Maarqos 10:17, 18) Yesus waaʼee Mootummaa kanaa kan lallabe faayidaa mataasaatiif jedhee hin turre. Sababii guddaan Yesus Mootummaa Waaqayyoorrattia itti xiyyeeffate, Mootummaan kun qaamota inni jaallatu, jechuunis Abbaasaa isa samiifi duuka buutotasaa amanamoo taʼaniif faayidaa akkamii akka argamsiisu waan beekuufidha.
MOOTUMMICHI ABBAA YESUSIIF MAALFAA RAAWWATA?
Yesus Abbaasaa isa samii baayʼee jaallata. (Fakkeenya 8:30; Yohannis 14:31) Amaloota Abbaasaa kanneen akka jaalalaa, oʼaafi haqaa baayʼee dinqisiifata. (Keessa Deebii 32:4; Isaayaas 49:15; 1 Yohannis 4:8) Yesus soba Abbaasaa ilaalchisee dubbatamu kanneen akka Waaqayyo rakkina namarra gaʼuuf dhimma hin qabu ykn Waaqayyo akka nuti rakkannu barbaada jedhan dhagaʼuun kan isa jibbisiisu kanaafidha. Yesus, Mootummichi yeroosaatti maqaa Waaqayyoo himatarraa akka qulqulleessu waan beekuuf “wangeela mootummaa Waaqayyoo” hinaaffaa guddaadhaan labsa ture. (Maatewos 4:23; 6:9, 10) Mootummichi kana kan godhu akkamitti?
Yihowaan Mootummichatti fayyadamee tarkaanfii guddaa ilmaan namootaa hunda fayyadu fudhata. “Imimmaan hundumaa ija” namoota amanamoo taʼaniirraa ni haqa. Yihowaan, “Egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!” jechuudhaan dubbachuunsaa, wantoota booʼichaaf sababa taʼan hunda akka balleessu kan nuuf mirkaneessudha. (Mulʼata 21:3, 4) Waaqayyo Mootummichatti fayyadamuudhaan rakkina namootarra gaʼu hunda ni balleessa.b
Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namootatti himuuf hawwii guddaa kan qabu taʼuunsaa kan nama ajaaʼibsiisu miti! Mootummaan kun, Abbaansaa humna guddaa akka qabuufi ooʼa qabeessa taʼuusaa akka ifa godhu beeka. (Yaaqoob 5:11) Akkasumas, Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaa warra inni jaallatuuf faayidaa guddaa akka argamsiisu beeka.
MOOTUMMAAN WAAQAYYOO ILMAAN NAMOOTAA AMANAMOO TAʼANIIF MAALFAA RAAWWATA?
Yesus gara lafaa utuu hin dhufin waggoota hedduu dura, abbaasaa wajjin samiirra jiraachaa ture. Abbaan, samii dinqisiisaa urjiileefi gaalaaksiiwwan, akkasumas lafa ishee miidhagduu taateefi bineensota lafarratti argaman dabalatee, wanta hunda kan uume Ilmasaatti fayyadamuudhaan ture. (Qolosaayis 1:15, 16) Haataʼu malee Yesus wantoota kana hunda caalaa ilmaan namootaa jaallata ture.—Fakkeenya 8:31.
Tajaajilli Yesus inni lafarraa jaalala inni ilmaan namootaatiif qabu kan argisiisudha. Tajaajilasaa yommuu jalqabetti, gara lafaa kan dhufe namoota gargaarsi isaan barbaachisutti “sagalee misiraachoo . . . himuudhaaf” akka taʼe ibseera. (Luqaas 4:18) Haataʼu malee Yesus waaʼee namoota gargaaruu dubbachuurra darbees wanta godhe qaba. Wantoota jaalala inni ilmaan namootaatiif qabu argisiisan irra deddeebiʼee raawwateera. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun barumsa inni barsiisu dhaggeeffachuuf yommuu walitti qabamanii turanitti, ‘isaaniif ooʼeera; dhukkubsatoota isaaniis fayyiseera.’ (Maatewos 14:14) Yesus, namni dhibee dhukkubbii cimaan akka namatti dhagaʼamu godhu tokkoon qabamee ture, fedhasaa yoo taʼe isa fayyisuu akka dandaʼu akka amanu yommuu dubbatetti jaalala isatti argisiiseera. Jaalalaan kakaʼee nama sanaan, “fedheera qullaaʼi” jechuudhaan isa fayyiseera. (Luqaas 5:12, 13) Yesus, Maariyaam obboleessishee Alaazaar duʼuusaatti gadditee akka boossu ennaa argetti “hafuuratti dhiphatee,” ‘garaansaa raafamee,’ akkasumas ‘imimmaansaa dhangalaasee’ ture. (Yohannis 11:32-36) Achiis wanta baayʼee nama ajaaʼibsiisu raawwate. Alaazaar erga duʼee guyyaa afur kan ture taʼus, duʼaa isa kaaseera!—Yohannis 11:38-44.
Yesus, boqonnaan inni yeroo sanatti namootaaf kenne yeroo muraasaaf kan turu taʼuusaa beeka ture. Namoonni inni dhukkubarraa fayyise deebiʼanii akka dhukkubsataniifi namoonni inni duʼaa kaase deebiʼanii akka duʼan beeka ture. Mootummaan Waaqayyoo rakkina kana hundaaf barabaraaf furmaata akka kennus beeka ture. Yesus dinqii qofa raawwachuu mannaa, “wangeela Mootummaa Waaqayyoo” hinaaffaadhaan kan lallabe kanaafidha. (Maatewos 9:35) Dinqiin inni raawwate, wanta Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti guutummaa lafaarratti raawwatu hamma taʼe tokko kan argisiisudha. Abdiiwwan Mootummichi gara fuulduraatti raawwatu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu ilaali.
Rakkinni fayyaa hin jiraatu.
“Yommus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama, yommus namni naafti akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu.” Akkasumas, “isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24; 35:5, 6.
Duuti hin jiraatu.
“Garraamonni lafa in dhaalu, barabaraafis keessa in jiraatu.”—Faarfannaa 37:29, NW.
“Raawwatees duʼa in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa.”—Isaayaas 25:8.
Namoonni duʼan duʼaa kaafamu.
“Warri duʼanii awwaalaman sagalee isaa yeroon itti dhagaʼan in dhufa. Isaan awwaala keessaa in baʼu.”—Yohannis 5:28, 29.
“Warra qajeelotaa fi warra jalʼootaafis duʼaa kaʼuun [jira].”—Hojii Ergamootaa 24:15.
Namni mana ykn hojii hin qabne hin jiraatu.
“Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatani ija isaa in nyaatu. Si’achi mana isaan ijaarratanitti namni kan biraa hin galu, muka waynii isaan dhaabbatanis ija isaa namni kan biraa hin nyaatu; . . . warri ani foʼadhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu.”—Isaayaas 65:21, 22.
Waraanni hin jiraatu.
“Inni hamma andaara lafaatti duulli [waraanni] akka dhaabatu in godha.”—Faarfannaa 46:9.
“Egaa sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebiʼaniis lola hin baran.”—Isaayaas 2:4.
Hanqinni nyaataa hin jiraatu.
“Lafti midhaan baaseera, Waaqayyo gooftaan keenya nu eebbiseera.”—Faarfannaa 67:6.
“Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu.”—Faarfannaa 72:16.
Hiyyummaan hin jiraatu.
“Warri wanta barbaachisaa dhaban, irraanfatamanii hin hafan.”—Faarfannaa 9:18.
“Inni nama dhabee isatti iyyatu, gadadamaa nama isa gargaaru hin qabnes in oolcha. Inni isa dadhabaadhaa fi isa wanta barbaachisu dhabeef in ooʼa; jireenya warra wanta barbaachisu dhabaniis inni in oolcha.”—Faarfannaa 72:12, 13.
Wanta Mootummaan Waaqayyoo raawwatu ilaalchisee abdiiwwan kennaman kana yommuu ilaaltu, Yesus Mootummichaaf iddoo guddaa kan kennu maaliif akka taʼe hubachuu ni dandeessaa? Yesus, Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan yeroo harʼaa ilmaan namootaa dhiphisan akka balleessu waan beekuuf, yommuu lafarra turetti namoota isa dhaggeeffatan hundatti waaʼee Mootummaa kanaa himuuf hawwii guddaa qaba ture.
Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee abdiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman sin gammachiisanii? Taanaan waaʼee Mootummaa kanaa caalaatti baruu kan dandeessu akkamitti? Eebba kanarraa faayidaa argachuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼuufoo maal gochuu dandeessa? Kutaan xumuraa mataduree kanaa gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.
a Yeroo harʼaatti Yesus samii keessa waan jiruuf, matadureen kun miira yeroo ammaatti isatti dhagaʼamuufi Mootummicharratti kan xiyyeeffatu taʼuusaa ibsa.—Luqaas 24:51.
b Waaqayyo rakkina namootarra gaʼaa jiru yeroodhaaf kan heyyame maaliif akka taʼe baruuf, Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 11 ilaali. www.jw.org/om irrattis ni argama.