Wangeela Maatewos
4 Sana booda Yesuus Diyaabilos akka isa qoruuf+ hafuurri gara lafa onaatti isa geesse.+ 2 Inni guyyaa 40 fi halkan 40 erga soomee booda ni beelaʼe. 3 Diyaabilosis isa qoruuf+ itti dhihaatee, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji” isaan jedhe. 4 Inni garuu, “‘Namni dubbii afaan Yihowaa* keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’+ kan jedhu barreeffameera” jedhee deebise.
5 Achiis Diyaabilos gara magaalaa qulqulluutti+ isa geessee fiixee gamoo mana qulqullummaa irra isa dhaabbachiisee+ 6 akkana isaan jedhe: “Ilma Waaqayyoo yoo taate mee gad of darbadhu; sababiin isaas, ‘Inni maleekota isaa siif ni ajaja’ akkasumas, ‘Miilli kee dhagaatti akka hin rukutamneef isaan harka isaaniitti si baatu’+ jedhamee barreeffameera.” 7 Yesuusis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* hin qorin’+ kan jedhus barreeffameera” isaan jedhe.
8 Ammas Diyaabilos gaara baayʼee dheeraa tokko irra ol isa baasee mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii isatti argisiise.+ 9 Achiis, “Siʼa tokko qofa jilbeenfattee yoo na waaqeffatte wantoota kana hundumaa siif nan kenna” isaan jedhe. 10 Yeroo kanatti Yesuus, “Seexana nana, na duraa deemi! ‘Waaqa kee Yihowaa* waaqeffadhu;+ isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’+ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe. 11 Achiis Diyaabilos isa dhiisee deeme;+ maleekonnis dhufanii isa tajaajiluu jalqaban.+
12 Yesuus, Yohaannis akka hidhame+ yeroo dhagaʼu gara Galiilaa deeme.+ 13 Achiis Naazireetii erga baʼee booda, gara Qifirnaahom+ dhaqee achi jiraachuu jalqabe; Qifirnaahom galaana isa koonyaawwan Zaabiloonii fi Niftaalem keessa jiru biratti argamti turte; 14 kunis kan taʼe, wanti karaa Isaayyaas raajichaa akkana jedhamee dubbatame akka raawwatamuufi: 15 “Yaa Galiilaa sabootaa, biyyi Zaabiloonii fi biyyi Niftaalem warri daandii gara galaanichaatti geessu irratti, Yordaanos gamatti argamtan nana! 16 Uummanni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa arge; warra biyya gaaddisa duʼaa keessa jiraatan irrattis ifni+ ni baʼe.”+ 17 Yesuus yeroo sanaa kaasee, “Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa”+ jedhee lallabuu jalqabe.
18 Qarqara Galaana Galiilaa utuu deemaa jiruu, obbolaa lamaan, jechuunis Simoon isa Pheexiros+ jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriyaasiin utuu isaan saaphana isaanii galaanichatti darbatanii arge; isaan qurxummii kan qaban+ turan. 19 Achiis, “Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan godha”+ isaaniin jedhe. 20 Isaanis yeruma sana saaphana isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.+ 21 Bakka sanaa yeroo deemus, obbolaa lamaan, jechuunis Yaaqoob ilma Zabdewosii fi obboleessa isaa Yohaannisiin+ arge. Isaan abbaa isaanii Zabdewosii wajjin bidiruu keessa taaʼanii saaphana isaanii suphaa turan; innis isaan waame.+ 22 Isaanis yeruma sana bidiruu sanaa fi abbaa isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
23 Achiis inni manneen sagadaa+ isaanii keessatti barsiisaa, misiraachoo Mootummichaa lallabaa, akkasumas dhukkuba gosa hundumaa fi dhibee gosa hundumaa namoonni sun qaban fayyisaa+ guutummaa Galiilaa keessa naannaʼe.+ 24 Oduun waaʼee isaa dubbatamus guutummaa Sooriyaa keessatti babalʼate; isaanis namoota dhukkubaa fi waraansa adda addaatiin dhiphatan,+ warra jinniidhaan qabaman,+ warra gaggabdoo+ qabanii fi warra lamshaaʼan hundumaa gara isaatti fidan; innis isaan fayyise. 25 Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun Galiilaa, Dikaapoolis,* Yerusaalem, Yihudaa fi Yordaanos gama irraa dhufan isa duukaa ni buʼan.