Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Amajjii 2020
AMAJJII 6-12
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 1-2
“Jireenya Lafa Irra Jiru kan Uume Yihowaa Dha”
(Uumama 1:3, 4 dubbisi.)
(Uumama 1:6 dubbisi.)
(Uumama 1:9 dubbisi.)
(Uumama 1:11 dubbisi.)
it-1-E 527-528
Uumama
Yommuu Waaqayyo Guyyaa Uumamaa Tokkoffaatti “Ifni haa taʼu!” jedhetti ifni dimimmisu duumessa keessaan qaxxaamuree ifuu jalqabee ture; haa taʼu malee, lafa taʼanii ifni kun eessaa akka dhufu adda baasuun salphaa hin turre. Hiikaan Jee. Dabliwu. Waatis jedhamu, “ifni suutuma suutaan argame” jedheera; kanaaf ifni kun waan irraa jalaan argame fakkaata. (Uma 1:3, A Distinctive Translation of Genesis) Waaqayyo ifaa fi dukkana gidduu garaa garummaan akka jiraatu gochuudhaan, ifichaan Guyyaa dukkanichaan immoo Halkan jedheera. Kunimmoo yommuu lafti utubaa ishii irra naannaʼuudhaan aduu naannoftu, heemsifeerri bahaa fi heemsifeerri dhihaa ifa ykn dukkana argatu jechuu dha.—Uma 1:3, 4.
Waaqayyo Guyyaa Uumamaa Lammaffaatti “bishaan isa ol hafee fi isa gad hafe” gargar baasuudhaan hawaa uumeera. Bishaan muraasni lafa irratti kan hafe yeroo taʼu, bishaan baayʼee guddaa taʼe immoo lafa irraa fagaatee ol gubbaa irratti kuufamee ture; iddoon bishaanota lamaan kana gidduu jiru immoo hawaa taʼe. Waaqayyo haala lafaa irratti hundaaʼuudhaan hawaa kana Samii jedheera; haa taʼu malee, bishaan ol gubbaatti rarraʼee jiruu fi hawaa olitti argamu kun qaamota samii karaa alaatiin mulʼatanii ykn urjootaa wajjin kan wal qabate dha jechuu hin dandeenyu.—Uma 1:6-8; HAWAA (EXPANSE) isa jedhu ilaali.
Guyyaa Uumamaa Sadaffaatti Waaqayyo humna dinqii raawwachuuf itti fayyadamuun bishaanonni lafa irra jiran akka walitti qabaman gochuudhaan lafti gogaan akka argamu godhe; isas Lafa jedhee waame. Guyyuma kanatti Waaqayyo seera lubbuu qabeeyyiin ittiin jiraatan baasuudhaan, marga, gosaa biqiltoota addaa addaa fi mukoota firii godhatan uume: wantoonni kun akka tasaa ykn jijjiirama tirannaatiin akka hin argamne ifa dha. Biqiltoonni kun hundi akkuma “qomoo qomoo” isaanitti dandeettii wal horanii baayʼachuu akka qabaatan godhamanii uumaman.—Uma 1:9-13.
(Uumama 1:14 dubbisi.)
(Uumama 1:20 dubbisi.)
(Uumama 1:24 dubbisi.)
(Uumama 1:27 dubbisi.)
it-1-E 528 key. 5-8
Uumama
Uumamni 1:16 jecha Ibrootaa ba·raʼʹ, isa “uumuu” jedhamee hiikamutti kan hin fayyadamne taʼuun isaa xiyyeeffannaa keenya harkisa. Kanaa mannaa jecha Ibrootaa ʽa·sahʹ, isa “tolchuu” jedhamee hiikamutti fayyadame. Aduun, addeessii fi urjoonni “bantiiwwan waaqaa” (samiiwwan) keessa waan jiraniif, kan uumaman Guyyaa Uumamaa Arfaffaa yeroo dheeraa dura dha. Waaqayyo Guyyaa Uumamaa Arfaffaatti qaamota samii guguddaa lafaa fi hawaa wajjin hariiroo qaban ‘uumuu’ isaa itti fufe. Yommuu “Waaqayyo akka isaan lafa irratti ibsaniif bantii waaqaatti isaan in kaa’e” jedhu, amma wantoonni kun hawaa irra jiraachuun isaanii lafa taʼanii salphaatti adda baasuun akka dandaʼamu kan argisiisu ture. Akkasumas wantoonni madda ifaa taʼan “milikkitoota buusaan waggaa (waqtiilee), guyyoonni, waggoonnis ittiin beekaman” akka taʼan godheera; kun taʼun isaas yeroo booda ilmaan namootaa karaa garaa garaatiin fayyadeera.—Uma 1:14.
Guyyaa Uumamaa Shanaffaan yeroo namootaa alatti lubbuu qabeeyyiin lafa irra jiraatan itti uumuun jalqabame dha. Lubbuu qabeeyyiin Waaqni uume kam iyyuu suutuma suutaan akka jijjiiraman godhamanii hin uumamne; kanaa mannaa lubbuu qabeeyyiin kun hundi humna Waaqayyootiin uumaman. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo yommus bineensota gurguddaa warra akka jawwee galaanaa, uumama lubbuu qaban bishaan keessa munyuuqan hundumaa akka qomoo qomoo isaaniitti, warra baal’ee qabanis akka qomoo qomoo isaaniitti in uume” jedha. Achiis Waaqayyo wanta uumeetti gammaduudhaan isaan eebbise, akkasumas ‘horaanii, akka baay’atan’ isaanitti hime; kunimmoo lubbuu qabeeyyiin gosa adda addaa taʼan kun maatii maatiidhaan taʼuudhaan “akka qomoo qomoo isaaniitti” akka wal horan Waaqni dandeettii akka isaaniif kenne kan argisiisu dha.—Uma 1:20-23.
Guyyaa Uumamaa Jaʼaffaatti “Waaqayyo, bineensota lafaa akka qomoo qomoo isaaniitti, horii qe’ees akka qomoo qomoo isaaniitti, wanta lafa irra munyuuqan hundumaas akka qomoo qomoo isaaniitti” uumuu isaa itti fufeera; hojiin uumuu kunis akkuma guyyoota uumamaa darban kaanii baayʼee gaarii ture.—Uma 1:24, 25.
Guyyaan Uumamaa inni Jaʼaffaan yommuu xumuramuuf jedhutti, Waaqayyo uumama adda taʼe, jechuunis uumama bineeldota caaluu fi maleekotaa immoo gadi taʼe ni uume. Uumamni kun, nama isa akka bifaa fi fakkaattii Waaqayyootti uumame dha. Uumamni 1:27 “[Waaqayyo] dhiiraa fi dubartii” godhee ilmaan namootaa akka “uume” dubbata; yaanni wal fakkaataan Uumama 2:7-9 irra jirus, Waaqayyo biyyoo lafaa irraa nama akka tolche, funyaan isaattis hafuura jireenyaa akka baafate, sana booda namichi sun lubbuu jiraatu akka taʼee fi akka irra jiraatuu fi akka soorata irraa argatuuf jannanni akka isaaf kenname dubbata. Yihowaan wantoota lafa irra jiranitti fayyadamee dhiira uume; lafee cinaachaa Addaam keessaa tokko fudhachuudhaan immoo dubartii uume. (Uma 2:18-25) Dhiirrii fi dubartiin uumamuun isaanii immoo namoonnis akkuma “qomoo qomoo” isaanitti ykn akkuma akaakuu isaanitti akka wal horan godheera.—Uma 5:1, 2.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 1:1 dubbisi.)
w15-AM 6/1 5
Saayinsiin Jireenya Kee Irratti Dhiibbaa kan Godhu Akkamitti?
Umurii lafaa fi hawaa
Saayintistoonni umuriin lafaa waggaa biliyoona 4 akka taʼuu fi umuriin hawaa immoo waggaa biliyoona 13 hanga 14 akka taʼu tilmaamu. Kitaabni Qulqulluun yeroo hawaan itti uumame hin dubbatu. Akkasumas lafti kan uumamte waggoota kumaan lakkaʼaman muraasa duradha hin jedhu. Caqasni jalqabaa Kitaaba Qulqulluu, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedha. (Uumama 1:1) Yaanni waliigalaa kun saayintistoonni sirnoota saayinsii irratti hundaaʼuudhaan waaʼee uumamawwan ijaan argamanii tilmaamuuf isaan gargaareera.
(Uumama 1:26 dubbisi.)
it-2-E 52
Yesuus Kiristoos
Gargaaraa Uumaa ykn akka Waaqayyoo Uumaa miti. Ilmi hojii uumuu irratti hirmaateera; haa taʼu malee kun Gargaaraa Uumaa isa hin jechisiisu. Humni uumuuf hojii irra oole hafuura qulqulluu ykn humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha. (Uma 1:2; Far 33:6) Maddi jireenya hundumaa Yihowaa wanta taʼeef uumamawwan ijaan argamanis taʼe ijaan hin argamne jireenya kan argatan Yihowaa biraa ti. (Far 36:9) Kanaaf, Ilmi Gargaaraa Uumaa utuu hin taʼin, hojjetaa ykn meeshaa Yihowaan inni Uumaa taʼe itti fayyadame dha. Akkuma Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo Uumaa taʼuu isaa ibsu Yesuusis Uumaan Waaqayyo akka taʼe dubbateera.—Mat 19:4-6; UUMAMA (CREATION) isa jedhu ilaali.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 1:1-19 dubbisi.)
AMAJJII 13-19
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 3-5
“Miidhaa Guddaa Sobni Jalqabaa Geessise”
(Uumama 3:1-5 dubbisi.)
Kaayyoon Yihowaa ni Raawwatama!
9 Seexanni inni Diyaabilos jedhame bofatti fayyadamee Hewwaaniin gowwoomsuudhaan akka ishiin Yihowaa isa Abbaa ishii taʼeef hin ajajamne godhe. (Uumama 3:1-5 dubbisi; Mul. 12:9) Seexanni, ijoolleen Waaqayyoo, “ija mukkeetii iddoo dhaabaa . . . keessa jiran hundumaa” irraa akka hin nyaanne dhorkamuu isaanii irratti gaaffii kaase. ‘Wanta barbaaddan gochuu hin dandeessan jechuu dhaa?’ akka jedhetti ilaalama. Achiis, “Hin duutan” jedhee soba guddaa dubbate. Sana boodas, “Ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu . . . Waaqayyo in beeka” jechuudhaan, Waaqayyoon dhaggeeffachuu akka hin qabne Hewwaaniin amansiisuuf yaale. Seexanni, iji mukaa sun beekumsa addaa waan isaanii kennuuf Yihowaan ija mukaa sana akka nyaatan akka hin barbaanne dubbachuu isaa ture. Kana malees Seexanni, ‘hamaa fi gaarii beekuudhaan akka Waaqayyoo taatu’ jedhee abdii sobaa isaaniif kenne.
(Uumama 3:6 dubbisi.)
w00-AM 11/15 25-26
Hiriyoota Gaaʼelaa Jalqabaa Irraa Barachuu Dandeenya
Hewaan cubbuu raawwachuun ishii waan hin oolle turee? Lakki! Mee bakka Hewaan of kaaʼaa. Bofichi wanta Waaqayyoo fi Addaam ishiitti himan irraa guutummaatti faallaa taʼe ishiitti hime. Namni ati hin beekne tokko nama baayʼee jaalattuu fi amantu yoo himate maaltu sitti dhagaʼama? Hewaan wanta ishiitti himame jibbuudhaan dheekkamuu, darbitees isa dhagaʼuu dhiisuu qabdi turte. Kana malees, qajeelummaa Waaqayyoo irrattii fi wanta Abbaan manaa ishii ishiitti hime irratti gaaffii kan kaasu bofichi eenyu taʼee ti? Hewaan qophii matummaadhaaf kabaja akka qabdu argisiisuudhaan murtoo kam iyyuu gochuu ishii dura gorsa gaafachuu qabdi turte. Nutis wanta qajeelfama Waaqni kennee wajjin wal faalleessu yommuu nu mudatutti gorsa gaafachuu qabna. Haa taʼu malee, Hewaan wanta gaarii fi hamaa taʼe ofuma ishiitiin murteessuuf hawwuudhaan dubbii isa ishii qore sana ni amante. Hammuma waaʼee isaa yaaddu hammasuma baayʼee ishii hawwachaa deeme. Yaada kana sammuu ishii keessaa balleessuu ykn mataa maatichaa wajjin mariʼachuu mannaa irratti yaaduu ishii itti fufuudhaan dogoggora hojjeteetti.—1 Qorontos 11:3; Yaaqoob 1:14, 15.
Addaam Wanta Haati Manaan Isaa Isaan Jette Dhagaʼe
Hewaan utuma baayʼee hin turin Addaamis akkuma ishii cubbuu akka hojjetu isa jajjabeessuu jalqabde. Addaam salphaadhumatti harka kennuu isaa ilaalchisee maal jechuu dandeenya? (Uumama 3:6, 17) Addaam eenyuuf amanamaa taʼuu akka qabu bitaa itti taʼee ture. Uumaa isaa isa haadha manaa isaa Hewaan dabalatee waan hundumaa isaaf kenneef amanamaa taʼaa laata? Wanta amma gochuu qabu ilaalchisee hoo Waaqayyoon qajeelfama ni gaafataa? Moo haadha manaa isaa cinaa dhaabbata? Addaam, Hewaan mukaa dhowwame sana irraa nyaachuudhaan wanti argachuuf hawwite kan taʼuu hin dandeenye akka taʼe akka gaariitti beeka. Phaawulos hafuuraan geggeeffamee akkana jedheera: “Addaam hin gowwoomfamne; guutummaatti kan gowwomfamtee fi seera kan cabsite dubartii sana dha.” (1 Ximotewos 2:14) Kanaaf Addaam taʼe jedhee Waaqayyoof ajajamuu dhiisuu filate. Sodaan haadha manaa koo irraa gargar baʼuu nan dandaʼa jedhu, amantii dandeettii Yihowaan wantoota sirreessuuf qabu irratti qabu irra caalee akka ture ifa dha.
(Uumama 3:15-19 dubbisi.)
w12-AM 9/1 4 key. 2
Dhugama Waaqayyo Dubartootaaf ni Yaadaa?
Waaqayyo Dubartoota Abaareeraa?
Lakki. Kanaa mannaa “bofni bara durii, inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame” Waaqayyoon kan ‘abaarame’ akka taʼu dubbateera. (Mulʼata 12:9; Uumama 3:14) Waaqayyo Addaam haadha manaa isaa irratti ‘aboo akka qabaatu’ dubbachuun isaa, dhiironni dubartoota akka hacuucan heyyamuu isaa kan argisiisu miti. (Uumama 3:16) Kanaa mannaa hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe miidhaa isaan irra gaʼu raajii dubbachuu isaa ture.
w04-AM 1/1 29 key. 2
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Uumamaa—Kutaa 1
3:17—Lafti akka abaaramte kan ibsamee karaa kamiini? Abaarsi kun hoo yeroo hammamiitiif tureera? Lafti akka abaaramte ibsamuun isaa sana booda lafa misoomsuun ulfaataa akka taʼu kan argisiisu ture. Lafti erga abaaramtee booda qoree fi sokorruu biqilchuudhaan sanyiiwwan Addaamiif rakkisaa waan taateef Laamek inni abbaa Noh taʼe ‘lafa Yihowaan abaareen kan kaʼe dadhabbii fi dhamaatiin’ akka isaan irra gaʼe dubbateera. (Uumama 5:29, NW) Bishaan Badiisaa booda Yihowaan, Nohii fi ilmaan isaatiif kaayyoo inni lafa ilmaan namootaatiin guutuuf qabu isaanitti himuudhaan isaan eebbise. (Uumama 9:1) Kanaaf yeroo kanatti abaarsi Waaqayyo lafa ilaalchisee dubbatee ture waan irraa kaʼe fakkaata.—Uumama 13:10.
it-2-E 186
Ciniinsuu
Rakkina dubartiin tokko yommuu deessu ishiirra gaʼu dha. Waaqayyo, Hewaan dubartii ishii jalqabaatiin, cubbuu hojjechuu ishiitiin kan kaʼe yommuu deessu wanta ishii irra gaʼu ishiitti himeera. Akkuma “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jedhametti, Hewaan utuu ajajamtuu taatee itti fufteetti taʼee, yeroo hunda eebba Waaqayyoo kan argattu taʼuu ishii irra iyyuu mucaa daʼuun baayʼee gammachiisaa ishiidhaaf taʼa ture. (Fak 10:22) Haa taʼu malee, sana booda akka walii galaatti qaamni cubbuu qabu hundi dhiphina qaba. Kanaan kan kaʼes Waaqayyo (yeroo baayʼee wanta Waaqni heyyame akkuma inni godheetti ibsameera) akkana jedheera: “Yeroo ati ulfooftutti ani rakkina kee guddaa nan baayʼisa; ciniinsuudhaanis mucaa in deessa.”—Uma 3:16.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 4:23, 24 dubbisi.)
it-2-E 192 key. 5
Laamek
Walaloon Laamek haadhotii manaa isaatiif (Uma 4:23, 24, NW) qindeesse hammeenya bara sanatti ture akka gaariitti argisiisa. Walaloon isaa akkana jedha: “Isin haadhotiin manaa Laameek, sagalee koo dhagaʼaa; Dubbii kootiifis gurra kennaa: Ani nama na madeesse, Eeyyee, dargaggeessa na rukute nan ajjeese. Qaayiniif siʼa 7 haaloon kan baʼamu yoo taʼe, Laameekiif immoo siʼa 77 haaloon ni baʼama.” Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, of irraa ittisuuf tarkaanfii fudhate malee akka Qaayin taʼe jedhee nama ajjeesuuf tarkaanfii akka hin fudhanne dubbateera. Laamek nama isa madeessee fi isa rukute tokko of irraa ittisuuf jedhee akka isa ajjeese dubbateera. Kanaaf walaloon inni barreesse, namni kam iyyuu nama isa miidhe sana waan ajjeeseef akka haaloo isa irratti hin baane kadhata dhihaate dha.
(Uumama 4:26 dubbisi.)
it-1-E 338 key. 2
Maqaa Waaqayyoo Balleessuu
‘Waaqayyoon maqaadhaan waammachuun’ bara Enoshitti, jechuunis bara Bishaan Badiisaa dura jalqabame, karaa sirrii fi qajeelaa taʼeen hin turre; taʼus Abeel yeroo dheeraa dura maqaa Waaqayyoo waammachuudhaan gara isaatti dhihaachaa akka ture hin shakkisiisu. (Uma 4:26; Ibr 11:4) Akka hayyoonni tokko tokko jedhanitti namoonni maqaa Waaqayyoo kan waammatan karaa dogoggora taʼeen, jechuunis maqaa Yihowaa namootaaf ykn waaqolii sobaaf kennuudhaan ture; kun immoo gochaa maqaa Waaqayyoo balleessu dha.—ENOOSH (ENOSH), ENOOS (ENOS) isa jedhu ilaali.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 4:17–5:8 dubbisi.)
AMAJJII 20-26
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 6-8
“Inni Akkuma Kana ni Raawwate”
(Uumama 6:9 dubbisi.)
(Uumama 6:13 dubbisi.)
Amantii Qabaachuu fi Ajajamuu Ilaalchisee Fakkeenya Noh, Daaniʼelii fi Iyoob Hordofaa
4 Rakkoowwan Nohiin mudatan. Bara akaakilii Noh kan taʼe Heenok jiraachaa turetti namoonni garmalee hamoo taʼanii turan. Namoonni kun, Yihowaa irratti illee “wantoota suukanneessaa” dubbatu turan. (Yih. 14, 15) Yeroo sanatti lolli babalʼatee ture. Sirumaa iyyuu bara Nohitti, ‘lafti humnaan wal irratti kaʼuudhaan guutamtee’ turte. Maleekonni hamoon akka namootaatti foon uffachuudhaan, haadhotii manaa fuudhanii ijoollee diqaalaa gara jabeeyyii taʼan godhataniiru. (Uma. 6:2-4, 11, 12) Noh garuu adda taʼee jiraateera. ‘Nohi Waaqayyo duratti faara tolaadhaan ilaalame. Dhaloota sana keessatti nama balleessaa hin qabne ture; inni karaa Waaqayyoo irra deddeebi’uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate.’—Uma. 6:8, 9.
(Uumama 6:14-16 dubbisi.)
‘Waaqa Dhugaa Wajjin Deddeebiʼeera’
12 Hojichi waggoota kudhaniin lakkaaʼaman, tariimmoo waggaa 40 hanga 50 fudhachuu hin oolu. Muka jigsuu, qiqqirixanii bakka barbaadamutti geessuu, soofuu, boca itti baasuufi wal qabsiisuu qaba ture. Markabichi fooqii sadii, kutaa hedduufi maddiisaatiin balbala tokko qabaachuu qaba. Baaxiinsaa gidduunsaa ol kaʼuufi bishaan akka lolaasuuf goophachuu, baaxiisaa jalattis foddaawwan qabaachuu qaba ture.—Uumama 6:14-16.
(Uumama 6:22 dubbisi.)
Dorgommicha Obsaan Fiigaa!
13 Tajaajiltoonni Yihowaa kun dorgommee sanarratti jabaatanii akka itti fufaniifi milkaaʼina akka argatan kan isaan gargaare maal ture? Phaawulos Nohiin ilaalchisee wanta inni barreesse hubadhaa. (Ibroota 11:7 dubbisi.) Nohi, ‘bishaan badiisaa uumama foon uffate balleessuudhaaf lafarratti dhufu argee hin beeku’ ture. (Uma. 6:17) Wanta sanaan dura taʼee hin beekneefi ni dhufa jedhamee matumaa hin eegamne ture. Nohi garuu hin shakkine ykn taʼuu hin dandaʼu jedhee hin mamne. Maaliif? Yihowaan wanta dubbate hunda akka raawwatu amantii waan qabuuf ture. Nohi wanti akka raawwatu abboomame baayʼee ulfaataa akka taʼe isatti hin dhagaʼamne. Kanaa manaa, akkuma abboomametti “hojjetee in raawwate.” (Uma. 6:22) Nohi markaba ijaaruu, bineeldota walitti qabuu, nyaata namootaafi bineeldotaaf taʼu sassaabuu, ergaa akeekkachiisaa lallabuufi maatiinsaa karaa hafuuraa cimaa akka taʼu eeguun akka isarra ture yommuu ilaallu, akkuma abboomametti ‘hojjetee raawwachuun’ isaaf salphaa akka hin turre hubanna. Taʼus Nohi, amantiifi obsa qabaachuunsaa inniifi maatiinsaa badiisarraa oolanii eebba akka argatan isa gargaareera.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 7:2 dubbisi.)
w04-AM 1/1 29-30 key. 7
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Uumamaa—Kutaa 1
7:2—Bineeldota qulqulluu taʼanii fi qulqulluu hin taane gargar baasuuf wanti akka buʼuurratti tajaajilaa ture maali dha? Bineeldota kana gargar baasuuf wanti buʼuura taʼe kan nyaatamuu dandaʼanii fi kan nyaatamuu hin dandeenye taʼuu isaanii utuu hin taʼin kan aarsaadhaaf dhihaatanii fi hin dhihaanne taʼuu isaanii ti. Namoonni Bishaan Badiisaa dura turan foon bineeldotaa hin nyaatan turan. Nyaata wajjin haala wal qabateen garaagarummaan ‘qulqulluu’ fi kan “qulqulluu hin taane” jedhamu kan dhufe seera Musee keessatti qofa yeroo taʼu, yeroo boodas yommuu seerichi hafu garaagarummaan kunis hafeera. (Hojii Ergamootaa 10:9-16; Efesoon 2:15) Haala isaa irraa akka hubannutti, Noh bineeldota Yihowaadhaaf aarsaa taʼanii dhihaachuu dandaʼan beeka ture. Kanaaf akkuma markaba sana keessaa baʼeen, “iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessu ijaaree, horii qeʼee warra qullaaʼootti ilaalaman hundumaa, horii baalʼeedhaan kaʼan warra qullaaʼootti ilaalaman hundumaa keessaas fuudhee, iddoo aarsaa sana irratti aarsaa qalmaa in dhiʼeesse.”—Uumama 8:20.
(Uumama 7:11 dubbisi.)
w04-AM 1/1 30 key. 1
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Uumamaa—Kutaa 1
7:11—Bishaan yeroo Bishaan Badiisaatti ture eessaa dhufe? “Guyyaa” Uumamaa Lammaffaatti yommuu “hawaan” qilleensa lafaa marsee jiru uumameetti, bishaanonni ‘hawaadhaa gadittii’ fi “hawaadhaa olitti” argamu ture. (Uumama 1:6, 7, NW) Bishaanonni hawaadhaa “gaditti” argaman duruma iyyuu lafa irra jiru ture. Bishaanonni hawaadhaa “olitti” argaman kan jedhaman qilleensa jiidhaa guddaa taʼee fi ol gubbaatti rarraʼee jiru siʼa taʼu, isaanis “burqituuwwan callabboo gurguddaa” uumaniiru. Bishaanonni kun bara Nohitti gadi roobaniiru.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 6:1-16 dubbisi.)
AMAJJII 27–GURAANDHALA 2
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 9-11
“Namni Lafa Irraa Guutummaatti Afaan Tokkicha Qaba Ture”
(Uumama 11:1-4 dubbisi.)
it-1-E 239
Baabilon Guddittii
Wantoota Baabilon Ishiin Durii Ittiin Beekamtu. Akkaataa magaalaan Baabilon ishiin Sulula Shinaar keessatti hundeeffamte itti ijaaramte akkaataa Gamoon Baabel itti ijaaramuuf yaadamee wajjin wal fakkaata ture. (Uma 11:2-9) Sababiin magaalaa sanas taʼe gamoo kana ijaaruuf isaan kakaase, maqaa Waaqayyoo ol ol gochuuf hin turre; kanaa mannaa namoonni kun iddoowwan kana kan ijaaran [‘maqaan isaanii beekamaa’ NW] akka taʼu gochuuf taʼuu dandaʼa. Jijjigaan gamoo ziigiiraat Baabilonii fi naannoo Mesophotaamiyaa keessatti argamu tokkootti argamee ture; jijjigaa sana irraa hubachuun akka dandaʼametti gamoon sun kan ijaarame iddoo amantaa akka taʼuuf ture. Yihowaan hojiin ijaarsaa gamoo Baabel dafee akka dhaabbatu godheera. Kun immoo magaalattiin iddoo amantiin sobaa itti jalqabame waan taateef Yihowaa biratti akka balaaleffatamte argisiisa. Maqaan Ibrootaa magaalaa Baabeliif kenname hiika “Burjaajaʼuu” jedhu kan qabu taʼu illee, maqaan warra Suumeeriyaanii (Ka-dingir-ra) fi maqaa warra Aakeediyaaniidhaan (Bab-ilu) kenname hiika “Karra Waaqayyoo” jedhu qabu. Namoonni hafanii fi magaalicha keessa jiraatan maqaa biyyattii isa miira sirrii hin taane dabarsu jijjiiruuf jecha maqicha kan jijjiiran taʼus, inni haaraa jijjiiranis magaalattiin magaalaa amantaa akka taate argisiisa.
it-2-E 202 key. 2
Afaan (Qooqa)
Seenaan Kitaaba Uumamaa akka ibsutti Nohii fi ilmaan isaa akka dubbatanitti, namoonni Bishaan Badiisaa booda turan muraasni tokkummaa uumuudhaan hojii fedha Yihowaa wajjin wal hin simne hojjechuuf yaalanii turan. (Uma 9:1) Guutummaa lafaa irratti bibittinaaʼanii ‘lafa guutuu’ mannaa, ilma namaa hunda iddoo giddu gala taʼe tokkotti, jechuunis Sulula Shinaar isa Mesophotaamiyaa keessatti argamu tokko keessa akka jiraatu gochuuf murteessan. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti gamoon kun kan ijaaramu iddoo gidduu galaa fi wiirtuu amantaa akka taʼuuf ture.—Uma 11:2-4.
(Uumama 11:6-8 dubbisi.)
it-2-E 202 key. 3
Afaan (Qooqa)
Waaqni Inni Hundumaa Dandaʼu, afaan baramaa itti fayyadamaa turan waliin makuudhaan namoonni tokkummaa uuman kun wanta isaaniif hin heyyamamne akka hin hojjenne godheera. Kun immoo namoonni kun hojii isaanii waltaʼiinsaan hojjechuu akka hin dandeenye, akkasumas guutummaa addunyaa irra akka bibittinaaʼan godheera. Afaan isaanii walitti makamuun isaa dandeettii yaaduu fi humna isaanii walitti qindeessuudhaan hojii raawwatan waan laaffisuuf, akkasumas beekumsa namoonni Waaqayyo irraa argatan utuu hin taʼin muuxannoo fi qorannoo irra argatan itti fayyadamuun ulfaataa akka taʼu waan godhuuf, hojii gara fuulduraatti guddina sirrii hin taanee fi Waaqayyoof ajajamuu diduu fidu kana akka galmaan hin geenye ykn akka lafa irratti harkifatu godheera. (Lal 7:29 wajjin wal bira qabii ilaali; Kes 32:5.) Kanaaf, haalli kun wanta hawaasa ilmaan namootaa irratti qoqqoodinsa fidu taʼus, afaan isaanii walitti makamuun isaa kaayyoon isaanii inni balaa qabuu fi miidhaa geessisu sun akka milkaaʼina hin arganne godheera. (Uma 11:5-9; Isa 8:9, 10 wajjin wal bira qabii ilaali.) Carraaqqiin Baabelitti godhame utuu hin ittifamne taʼee wanti Waaqayyo bara dheeraa dura dursee dubbate maal fakkaachuu akka dandaʼu hubachuuf namni tokko wantoota bara keenyatti raawwataman tokko tokko qofa ilaaluudhaan beekumsi ilmaan namootaa horatanii fi beekumsa kanas karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuun isaanii miidhaa akkamii akka geessisu salphaatti hubachuu ni dandaʼa.
(Uumama 11:9 dubbisi.)
it-2-E 472
Saboota
Walii galuu dadhabuudhaan qoqqoodinsi kan uumame yeroo taʼu, gareen afaanii hundi aadaa, aartii, duudhaa, amalaa fi amantaa ofii isaa akka ofii barbaadeetti hundeeffate qaba. (Lew 18:3) Waaqayyo irraa fagaachuudhaan namoonni ilaalcha dogoggoraa isaanii irratti hundaaʼuudhaan waaqolii sobaa ofii isaanii qopheessan waaqeffachuuf murteessaniiru.—Kes 12:30; 2Mot 17:29, 33
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 9:20-22 dubbisi.)
(Uumama 9:24, 25 dubbisi.)
it-1-E 1023 key. 4
Kaam
Kanaʼaan iyyuu gocha kana irratti kallattiidhaan hirmaatee, abbaan isaa Kaamis sirreeffama isa barbaachisu utuu isaaf hin kennin hafee taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo amalli gadheen Kaam qabu, ilma isaa Kanaʼaan irratti akka mulʼatee fi sanyiiwwan isaaniis amala sirrii hin taane kana dhaaluu akka dandaʼan Noh hafuuraan geggeeffamee raajii dubbachuu isaa taʼuu dandaʼa. Yommuu Kanaʼaanonni Israaʼeloota warra Seemetikii taʼan jalatti bulaa turanitti abaarsi kun hamma tokko raawwii isaa argateera. Warri lubbuudhaan oolan (fakkeenyaaf, Giibeʼononni [Iya 9]) Israaʼelootaaf garboota taʼaniiru. Waggoota hedduu booda yommuu sanyiiwwan Kanaʼaan inni ilma Kaam taʼe humnoota addunyaa Meedoo Faares, Giriikii fi Roomaa warra sanyiiwwan Yaafet taʼan jalatti bulaa turaniitti abaarsi kun raawwii isaa isa guddaa argateera.
(Uumama 10:9, 10 dubbisi.)
it-2-E 503
Naamrud
Bulchiinsi Naamrud inni gara jalqabaa magaalota Baabel, Erek, Akaadii fi Kaalne warra Shinaar keessatti argaman kan dabalatu ture. (Uma 10:10) Kanaaf ijaarsi gamoo Baabel qajeelfama isaatiin kan jalqabame fakkaata. Xumurri kun ilaalcha aadaa durii Yihudootaa wajjin wal sima. Joseefas akkana jedhee barreesseera: “[Naamrud] namoonni sodaa Waaqayyoo irraa bilisa taʼuu kan dandaʼan yeroo hunda humna isaa irratti yoo amanaman qofa akka taʼe akka yaadan gochuudhaan namoonni bilisummaadhaan jiraachuu mannaa suutuma suuta bulchiinsa isaa isa hamaa taʼe jalatti akka bulan godheera. Waaqayyo deebisee lafa ilmaan namootaatiin guutuu yoo barbaade, kaayyoo Isaa akka galmaan hin geenye haaloo isa irratti baʼuu barbaadee ture; akkasumas gamoo bishaaniin liqimfamuu hin dandeenye tokko ijaaruudhaan badiisa Abbootii isaanii irra gaʼeef haaloo baafachuu barbaadee ture. Namoonni kun gamoo kana ijaaruun Waaqayyoof buluu akka taʼetti waan yaadaniif gorsa [Naamrud] irraa dhufe hojii irra oolchuuf fedhii guddaa qabu turan; kanaaf gamoo guddaa tokko ijaaruu jalqaban, . . . akkasumas saffisa dinqisiisaa taʼeen hojicha hojjetu turan.—Jewish Antiquities, I, 114, 115 (iv, 2, 3).
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 10:6-32 dubbisi.)