Kaayyoon Yihowaa ni Raawwatama!
“Wantan dubbadhe iddoodhaan nan ga’a, akeeka koos nan raawwadha.”—ISA. 46:11.
1, 2. (a) Yihowaan maal nuuf ibseera? (b) Isaayaas 46:10, 11 fi 55:11 maal nuuf mirkaneessa?
KITAABNI QULQULLUUN yaada gabaabaa hiika guddaa qabuu fi “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedhuun jalqaba. (Uma. 1:1) Wantoota Waaqayyo uume kan akka hawaa, ifaa fi harkisa lafaa ilaalchisee hubannaan nuti qabnuu fi uumama cufa ilaalchisee wanti nuti arginu baayʼee muraasa dha. (Lal. 3:11) Taʼus, Yihowaan kaayyoo lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu nuuf ibseera. Lafti, dhiirotaa fi dubartoota akka bifa Waaqayyootti uumamaniif iddoo jireenyaa mijooftuu akka taatuuf uumamte. (Uma. 1:26) Isaan ijoollee isaa taʼu, Yihowaan immoo Abbaa isaanii taʼa.
2 Akkuma Uumama boqonnaa sadaffaa irratti ibsame, kaayyoo Yihowaa irra rakkinni tokko gaʼee ture. (Uma. 3:1-7) Haa taʼu malee, rakkinni humna Yihowaatii ol taʼe hin jiru. Qaamni Yihowaan kaayyoo isaa akka hin raawwanne gochuu dandaʼu hin jiru. (Isa. 46:10, 11; 55:11) Kanaaf, kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa yeroo isaa eeggatee akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya!
3. (a) Hubannaa ergaa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee qabnu keessaa baayʼee barbaachisoo kan taʼan warra kami? (b) Yeroo ammaatti barumsawwan akkanaa irratti kan mariʼannu maaliifi? (c) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
3 Dhugaa Kitaaba Qulqulluu kaayyoo Waaqayyo lafaa fi ilmaan namootaatiif qabu, akkasumas gahee guddaa Yesuus Kiristoos kaayyoo Waaqayyoo galmaan gaʼuu irratti qabu akka beeknu hin shakkisiisu. Barumsawwan kun baayʼee barbaachisoo dha; tarii wantoota kana yeroo Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu jalqabne barannee taʼuu dandaʼu. Nutis, namoonni garaa qajeelaa qaban barumsawwan faayidaa guddaa qaban kana akka hubatan gargaaruu barbaanna. Yeroo mata duree kana gumiidhaan qoʼachaa jirru kanatti, hamma nuu dandaʼame namoonni hedduun Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti akka argaman afeeruuf carraaqaa jirra. (Luq. 22:19, 20) Namoonni ayyaana kana irratti argaman kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee waan baayʼee baratu. Kanaaf, guyyoota muraasa Ayyaana Yaadannoo dura jiran kanatti, waaʼee gaaffiiwwan fedhii barattoota Kitaaba Qulqulluu keenyaa fi namoota garaa qajeelaa qaban kaanii kakaasuuf itti fayyadamuu dandeenyuu yaaduun keenya barbaachisaa dha. Mee gaaffiiwwan sadii haa qorru: Kaayyoon jalqabaa Waaqayyo lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu maal ture? Rakkina akkamiitu uumame? Aarsaan furii Yesuus kaayyoon Waaqayyoo akka raawwatamu gochuuf karaa bana kan jennu maaliifi?
KAAYYOON UUMAA INNI JALQABAA MAAL TURE?
4. Uumamni ulfina Yihowaa kan labsu akkamitti?
4 Yihowaan Uumaa dinqisiisaa dha. Wanti inni uume hundi sadarkaa ol aanaa kan qabu dha. (Uma. 1:31; Er. 10:12) Bareedinaa fi sirna uumama irratti mulʼatu irraa maal baranna? Wantoota Yihowaan uume yommuu ilaallu, xinnoos taʼe guddaa uumamni Yihowaa hundi faayidaa kan qabu akka taʼe hubanna. Namni seelii namootaa isa wal xaxaa taʼe, daaʼima reefuu dhalate ykn bareedina lixa aduu isa dinqiisaa taʼe hin ajaaʼibsiifanne jiraa? Yihowaan dandeettii wanta miidhagaa taʼe beekuu waan nu keessatti uumeef, wantoota kana ni dinqisiifanna.—Faarfannaa 19:1; 104:24 dubbisi.
5. Yihowaan uumamni hundi karaa gurmaaʼina qabuun akka sochoʼu kan godhe akkamitti?
5 Akkuma uumama irraa hubannu, Yihowaan jaalalaan kakaʼuudhaan daangaa kaaʼeera. Wanti hundi karaa gurmaaʼina qabuun akka hojjetuuf, seerawwan uumamaa fi seerawwan naamusaa baaseera. (Far. 19:7-9) Kanaaf, wantoonni uumama cufa keessatti argaman hundi, kaayyoo Waaqayyoo keessatti iddoo fi hojii mataa isaanii qabu. Yihowaan akkaataa uumamawwan isaa itti waliin hojjechuu qaban ilaalchisee ulaagaa baaseera. Kanaaf, sirni harkisa lafaa qilleensi naannoo lafaa akka turu godha; dambalii galaanaa toʼata, akkasumas wantoonni lafa irratti jireenyaaf barbaachisan akka jiraatan godha. Ilmaan namootaa dabalatee uumamni hundi daangaa kana keessatti sochoʼa. Dhuguma iyyuu uumamni karaa seera qabeessa taʼeen gurmaaʼuun isaa, Waaqayyo lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif kaayyoo akka qabu argisiisa. Tajaajila keenya irratti, namoonni Uumaa isa karaa seera qabeessa taʼeen wantoota kana uume irratti akka xiyyeeffatan gochuu dandeenyaa?—Mul. 4:11.
6, 7. Kennaawwan Yihowaan Addaamii fi Hewwaaniif kenne keessaa tokko tokko maal faʼi?
6 Kaayyoon Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu inni jalqabaa lafa kana irra bara baraaf akka jiraatan ture. (Uma. 1:28; Far. 37:29) Yihowaan, Addaamii fi Hewwaaniif kennaawwan hedduu gatii guddaa qabanii fi jireenyatti akka gammadan isaan dandeessisan arjummaadhaan isaaniif kenneera. (Yaaqoob 1:17 dubbisi.) Yihowaan mirga filannoo, dandeettii yaaduu, akkasumas dandeettii jaallachuu fi michummaa uumuu isaaniif kenneera. Uumaan, Addaamitti dubbachuudhaan, akkaataa inni akka isaaf ajajamu itti argisiisuu dandaʼu qajeelfama isaaf kenneera. Kana malees, Addaam wanta isa barbaachisu guuttachuu fi bineensotas taʼe lafa kunuunsuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe barateera. (Uma. 2:15-17, 19, 20) Akkasumas Yihowaan, Addaamii fi Hewwaan miira dhandhamuu, qaqqabuu, ilaaluu, dhagaʼuu fi fuunfachuu akka qabaatanitti isaan uume. Kanaaf, bareedina Jannata keessa jirutti guutummaatti gammaduu dandaʼu turan. Hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa hojii gammachiisaa fi milkaaʼina argamsiisu hojjechuu, akkasumas bara baraaf wantoota haaraa irratti qorannaa gochuu dandaʼu turan.
7 Kaayyoon Yihowaa maal kan dabalatu ture? Yihowaan, Addaamii fi Hewwaan dandeettii ijoollee mudaa hin qabne godhachuu akka qabaatan taasisee isaan uume. Waaqayyo akkasitti kan isaan uume, ijoolleen isaaniis hamma ilmaan namootaa lafa guutanitti ijoollee akka godhatan yaadee ti. Yihowaan, akkuma inni Addaamii fi Hewwaan warra mudaa hin qabnee fi ijoollee isaa turan jaallate, warris ijoollee isaanii akka jaallatan isaan irraa eega ture. Bakka bara baraaf keessa jiraatan akka isaaniif taatuuf, lafaa fi qabeenya ishii hunda ilmaan namootaatiif kenneera.—Far. 115:16.
RAKKINA AKKAMIITU UUMAME?
8. Waaqayyo Addaamii fi Hewwaaniif seera, Uumama 2:16, 17 irratti argamu kan kenne maaliifi?
8 Haa taʼu malee, wanti hundi akka Yihowaan barbaade hin taane. Maaliif? Yihowaan bilisummaan isaanii daangaa akka qabu hubachuu isaanii qoruuf seera salphaa tokko Addaamii fi Hewwaaniif kennee ture. Akkana jedhe: “Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta; ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta.” (Uma. 2:16, 17) Addaamii fi Hewwaaniif seera kana hubachuunis taʼe hojii irra oolchuun ulfaataa hin turre. Hunda caalaa immoo, nyaata hedduu nyaatanii illee fixuu hin dandeenye qabu turan.
9, 10. (a) Seexanni Yihowaa kan himate akkamitti? (b) Addaamii fi Hewwaan maal murteessan? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
9 Seexanni inni Diyaabilos jedhame bofatti fayyadamee Hewwaaniin gowwoomsuudhaan akka ishiin Yihowaa isa Abbaa ishii taʼeef hin ajajamne godhe. (Uumama 3:1-5 dubbisi; Mul. 12:9) Seexanni, ijoolleen Waaqayyoo, “ija mukkeetii iddoo dhaabaa . . . keessa jiran hundumaa” irraa akka hin nyaanne dhorkamuu isaanii irratti gaaffii kaase. ‘Wanta barbaaddan gochuu hin dandeessan jechuu dhaa?’ akka jedhetti ilaalama. Achiis, “Hin duutan” jedhee soba guddaa dubbate. Sana boodas, “Ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu . . . Waaqayyo in beeka” jechuudhaan, Waaqayyoon dhaggeeffachuu akka hin qabne Hewwaaniin amansiisuuf yaale. Seexanni, iji mukaa sun beekumsa addaa waan isaanii kennuuf Yihowaan ija mukaa sana akka nyaatan akka hin barbaanne dubbachuu isaa ture. Kana malees Seexanni, ‘hamaa fi gaarii beekuudhaan akka Waaqayyoo taatu’ jedhee abdii sobaa isaaniif kenne.
10 Yeroo kanatti Addaamii fi Hewwaan wanta gochuu qaban murteessuu qabu turan. Yihowaadhaaf ajajamu moo wanta bofichi jedhe dhagaʼu laata? Kan nama gaddisiisu garuu, Waaqayyoof ajajamuu dhiisuuf murteessan. Kana gochuudhaan fincila Seexanni kaase akka deggeran argisiisaniiru. Yihowaa isa Abbaa isaanii taʼe dhiisuudhaan eegumsa bulchiinsa isaa jalatti argatan dhabaniiru.—Uma. 3:6-13.
11. Yihowaan fincila callisee kan hin ilaalle maaliifi?
11 Addaamii fi Hewwaan Yihowaadhaaf ajajamuu diduu isaaniitiin kan kaʼe mudaa kan qaban taʼan. Kana malees, fincilli isaanii kun, Yihowaa isa ‘baayʼee qulqulluu’ taʼe irraa isaan fageesseera. Yihowaan ‘jalʼina callisee ilaaluu hin dandaʼu.’ (An. 1:13) Utuu inni callisee ilaaleera taʼee, nagaa fi tokkummaan uumamawwan samii irras taʼe lafa irra jiranii balaa irra buʼa ture. Kana malees, Waaqayyo cubbuu Eeden keessatti raawwatame ilaalchisee tarkaanfii fudhachuu utuu dhiisee, qajeelaa taʼuu isaa irratti gaaffiin ni kaʼa ture. Yihowaan garuu, matumaa ulaagaa baase hin diigu. (Far. 119:142) Kanaaf, Addaamii fi Hewwaan mirga filannoo qabaachuun isaanii seera Waaqayyoo cabsuuf sababii hin taʼu ture. Yihowaadhaaf ajajamuu diduu isaaniitiin kan kaʼe, duʼanii gara biyyoo irraa uumamanitti deebiʼaniiru.—Uma. 3:19.
12. Ijoollee Addaam irra maaltu gaʼe?
12 Addaamii fi Hewwaan erga ija mukaa sana nyaatanii booda, miseensota maatii Waaqayyoo uumama cufaa taʼanii itti fufuu hin dandeenye. Waaqayyo Eeden keessaa kan isaan baase siʼa taʼu, achitti deebiʼuufis matumaa abdii hin qaban. (Uma. 3:23, 24) Yihowaan akkas gochuu isaatiin, miidhaa murtoon isaanii isaan irraan geessise akka fudhatan godhe. (Keessa Deebii 32:4, 5 dubbisi.) Sana booda namni mudaa kan qabu waan taʼeef, amalawwan Waaqayyoo sirriitti calaqqisiisuu hin dandaʼu. Addaam ofii isaas taʼe ilmaan isaa abdii gara fuulduraa akka dhaban gochuu qofa utuu hin taʼin, hundi isaanii mudaa, cubbuu fi duʼa akka dhaalan godheera. (Rom. 5:12) Sanyiin isaa hundi abdii bara baraaf jiraachuu akka dhaban taasiseera. Kana malees, yeroo sanaa kaasee Addaamii fi Hewwaanis taʼe ilmaan isaanii, ijoollee mudaa hin qabne godhachuu hin dandaʼan. Seexanni inni Diyaabilos jedhame, Addaamii fi Hewwaan Waaqayyo irraa akka garagalan erga godhee kaasee, hanga harʼaatti ilmaan namootaa gowwoomsuu isaa itti fufeera.—Yoh. 8:44.
FURICHI WAAQAYYOO WAJJIN HARIIROO UUMUUN AKKA DANDAʼAMU GODHEERA
13. Yihowaan, ilmaan namootaa maal akka qabaatan barbaada?
13 Haa taʼu malee, Waaqayyo amma iyyuu ilmaan namootaa ni jaallata. Addaamii fi Hewwaan fincila kan kaasan taʼus, Yihowaan ilmaan namootaa isaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan barbaada. Inni eenyu iyyuu akka duʼu hin barbaadu. (2 Phe. 3:9) Kanaaf, Waaqayyo fincilli sun kaʼee utuu baayʼee hin turin qophii ilmaan namootaa michummaa isaa wajjin qaban deebisanii akka haaromsan isaan dandeessisu godheera. Haa taʼu malee, ulaagaa baase utuu hin diigin kana gochuu kan dandaʼu akkamitti? Mee haa ilaallu.
14. (a) Akkuma Yohaannis 3:16 irratti ibsame, Waaqayyo ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa furuuf maal godheera? (b) Namoota garaa qajeelaa qabanii wajjin gaaffii isa kam irratti mariʼachuu dandeenya?
14 Yohaannis 3:16 dubbisi. Namoonni Ayyaana Yaadannoo irratti afeerru hedduun caqasa kana yaada isaaniitti beeku. Haa taʼu malee, ‘Aarsaan Yesuus jireenya bara baraa kan argamsiisu akkamitti?’ gaaffiin jedhu ni kaʼa. Duulli afeerraa Ayyaana Yaadannoo, Ayyaanni Yaadannoo fi namoota ayyaana kana irratti argaman deebinee gaafachuun keenya, namoonni garaa qajeelaa qabanii fi dhugaa barbaadan gaaffii barbaachisaa kanaaf deebii akka argatan gargaaruuf carraa nuu kenna. Namoonni kun, jaalallii fi ogummaan Yihowaa qophii furii irratti akkamitti akka ibsame guutummaatti hubachuu yommuu jalqaban ajaaʼibsiifamuun isaanii hin oolu. Furicha ilaalchisee qabxiiwwan kamfaa ibsuu dandeenya?
15. Yesuus inni nama taʼe Addaam irraa adda kan ture akkamitti?
15 Yihowaan nama furii taʼuu dandaʼuu fi mudaa hin qabne qopheesseera. Namni mudaa hin qabne kun, Yihowaadhaaf amanamaa kan taʼee fi ilmaan namootaatiif lubbuu isaa kennuuf fedhii kan qabu taʼuu qaba. (Rom. 5:17-19) Yihowaan uumamni isaa inni jalqabaa samii irraa gara lafaa akka dhufu godhe. (Yoh. 1:14) Kanaaf, Yesuus akkuma Addaam jalqaba irratti ture, nama mudaa hin qabne taʼe. Haa taʼu malee haala Addaam irraa adda taʼeen, Yesuus ulaagaa Yihowaan nama mudaa hin qabne irraa barbaadu eegee jiraateera. Yesuus, qorumsa baayʼee guddaa keessatti illee, matumaa cubbuu hin hojjenne; akkasumas seera Waaqayyoo kam iyyuu hin cabsine.
16. Furichi kennaa guddaa dha kan jennu maaliifi?
16 Yesuus nama mudaa hin qabne waan taʼeef, isaaniif jedhee duʼuudhaan ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa oolchuu ni dandaʼa. Yesuus wanta guutummaatti Addaamii wajjin wal gitu kan qabu, jechuunis nama guutummaatti mudaa hin qabnee fi Waaqayyoof ajajamu ture. (1 Xim. 2:6) Yesuus aarsaa furii taʼuudhaan ‘namoonni hedduun,’ jechuunis dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen jireenya bara baraa akka argatan karaa baneera. (Mat. 20:28) Dhuguma iyyuu, furichi kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa akka raawwatamu godheera. (2 Qor. 1:19, 20) Furichi ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi abdii jireenya bara baraa akka qabaatanis taasiseera.
YIHOWAAN GARA ISAATTI AKKA DEEBINUUF KARAA NUUF BANEERA
17. Furichi maal argamsiiseera?
17 Yihowaan gatii guddaa kan isa gaafatu taʼu illee furicha qopheesseera. (1 Phe. 1:19) Inni ilmaan namootaatiif bakka guddaa waan kennuuf, Ilmi isaa tokkichi nuuf jedhee akka duʼu gochuuf fedhii akka qabu argisiiseera. (1 Yoh. 4:9, 10) Yesuus, Addaam isa abbaa keenya isa jalqabaa taʼe bakka buʼuudhaan abbaa keenya taʼeera jechuu dha. (1 Qor. 15:45) Yesuus akkas gochuun isaa, jireenya akka argannu qofa utuu hin taʼin, dhuma irrattis gara maatii Waaqayyootti akka deebinuuf carraa nuuf baneera. Eeyyee, Yihowaan aarsaa Yesuus irratti hundaaʼuudhaan, seera isaa utuu hin cabsin ilmaan namootaa gara maatii isaatti akka deebiʼan gochuu dandaʼeera. Yeroo ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi mudaa kan hin qabne itti taʼan akka dhufu yaaduun nama hin gammachiisuu? Maatiin Yihowaa kutaan inni samii fi kutaan inni lafaa guutummaatti tokko taʼa. Kanaaf, hundi keenya guutummaatti ijoollee Waaqayyoo taana.—Rom. 8:21.
18. Yihowaan “hundumaatiif waan hunda” kan taʼu yoomi dha?
18 Seexanni fincila kaasuun isaa, Yihowaan ilmaan namootaatti jaalala akka hin argisiisne gochuu ykn ilmaan namootaa mudaa yoo qabaatan illee, Yihowaadhaaf amanamoo akka hin taane isaan dhowwuu hin dandeenye. Yihowaan qophii furichaatti fayyadamee, ijoolleen isaa hundi guutummaatti qajeeloota akka taʼan isaan gargaara. Yeroo namni “Ilma beekee isatti amanu hundi” jireenya bara baraa argatutti, jireenyi maal akka fakkaatu mee yaadaa! (Yoh. 6:40) Yihowaan jaalala guddaa fi ogummaa isaatiin, akkuma kaayyoo isaa isa jalqabaatti maatiin ilmaan namootaa mudaa kan hin qabne akka taʼan godha. Abbaan keenya Yihowaan, yeroo sanatti “hundumaatiif waan hunda” taʼa.—1 Qor. 15:28.
19. (a) Dinqisiifannaan furichaaf qabnu maal gochuuf nu kakaasuu qaba? (Saanduqa “Namoota Ergaa Keenya Fudhatan Barbaaduu Keessan Itti Fufaa” jedhu ilaali.) (b) Mata duree itti aanu irratti furicha ilaalchisee maal ilaalla?
19 Dinqisiifannaan furichaaf qabnu, namoonni kaanis kennaa gatii guddaa qabu kana akka hubatan gargaaruuf wanta nuuf dandaʼaame hunda akka goonu nu kakaasuu qaba. Namoonni furichi qophii Yihowaan ilmaan namootaa hundi abdii jireenya bara baraa akka qabaatan jaalalaan qopheesse taʼuu isaa beekuu qabu. Taʼus, furichi kana caalaas wanta raawwate qaba. Mata dureen itti aanu, aarsaan Yesuus gaaffii Seexanni dhaaba Eeden keessatti kaaseefis akkamitti deebii akka kenne ibsa.