Gaarummaa—Amala Dubbii fi Gochaan Argisiifamu
GOCHI gaarummaa baayʼee nama tasgabbeessuu fi nama jajjabeessuu dandaʼa! Namni tokko akka nuuf yaadu yommuu hubannu ni galateeffanna. Hundi keenya namoonni gaarummaa akka nutti argisiisan waan barbaannuuf, amala bareedaa kana horachuu kan dandeenyu akkamitti?
Gaarummaan nageenya warra kaaniitiif garaadhaa yaaduu kan dabalatu siʼa taʼu, kunis dubbii fi gocha nama gargaaruun argisiifama. Gaarummaan amala gochaan argisiifamu waan taʼeef, amala gaarii kan qaban fakkaatanii mulʼachuu caalaa waan dabalatu qaba. Gaarummaa dhugaan jaalala dhugaa fi miira namootaa hubachuu irraa madda. Kana malees, gaarummaan akkasii firii hafuura qulqulluu isa Kiristiyaanonni akka horatan gorfaman keessaa tokko dha. (Gal. 5:22, 23) Gaarummaa horachuu waan qabnuuf, Yihowaa fi Ilmi isaa amala kana akkamitti akka argisiisanii fi fakkeenya isaanii akkamitti hordofuu akka dandeenyu haa qorannu.
YIHOWAAN HUNDUMAATTI GAARUMMAA ARGISIISA
Yihowaan “warra hin galateeffannee fi hamoota” dabalatee namoota hundumaatti gaarummaa ni argisiisa, akkasumas hundumaaf ni yaada. (Luq. 6:35) Fakkeenyaaf Yihowaan, “aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa; bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti ni roobsa.” (Mat. 5:45) Kanaafuu, namoonni Yihowaan Uumaa isaanii akka taʼe hin amanne illee, qophii inni gaarummaadhaan jireenyaaf godhe irraa ni fayyadamu, akkasumas hamma tokko gammachuu argachuu ni dandaʼu.
Gaarummaa ilaalchisee wanta Yihowaan Addaamii fi Hewaaniif godhe irraa fakkeenya guddaa arganna. Addaamii fi Hewaan erga cubbuu raawwatanii yeroo muraasa booda, “baala harbuu [“balasii,” NW] walitti hulluuqsisanii marxoo isaa hojjetatan.” Haa taʼu malee, Yihowaan, Eeden ala bakka lafichi “qoree fi sokorruu” akka biqilchuuf abaarame jiraachuuf, uffata mijataa argachuun akka isaan barbaachisu beekee ture. Kanaafuu, Yihowaan ‘uffata gogaa irraa’ isaaniif hojjechuudhaan gaarummaadhaan wanta isaan barbaachisu isaaniif godhe.—Uma. 3:7, 17, 18, 21.
Yihowaan ‘namoota hamoos taʼe namoota gaarii’ taʼanitti gaarummaa kan argisiisu taʼus, keessumaa tajaajiltoota isaa amanamoo taʼanitti gaarummaa argisiisuu barbaada. Fakkeenyaaf, bara Zakkaariyaas raajichaatti, maleekaan tokko hojiin mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu addaan cituu isaa yommuu argu jeeqamee ture. Yihowaan wanta maleekaa sana yaaddesse kan dhaggeeffate siʼa taʼu, ‘dubbii gaggaarii fi dubbii jajjabinaatiin’ deebii isaaf kenneera. (Zak. 1:12, 13) Eliyaas raajichaa wajjin haala wal qabateenis Yihowaan akkasuma godheera. Yeroo tokko raajiin kun baayʼee waan dhiphateef, Yihowaan akka isa ajjeesu gaafate. Yihowaan miira Eliyaasiif xiyyeeffannaa kan kenne siʼa taʼu, akka isa jajjabeessuuf maleekaa tokko ergeera. Kana malees, Waaqayyo raajichi kophaa isaa akka hin taane isaaf mirkaneesseera. Eliyaas jechoota gaarummaadhaan dubbataman akkasii erga dhagaʼee fi gargaarsa isa barbaachisu erga argatee booda, hojii isaaf kenname raawwachuu isaa itti fufeera. (1 Mot. 19:1-18) Tajaajiltoota Waaqayyoo keessaa amala Yihowaa calaqqisuudhaan hundumaa kan caalu eenyu dha?
YESUUS—NAMA GAARUMMAA GUDDAA QABU
Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turetti, gaarummaa argisiisuu fi namaaf yaaduudhaan beekama ture. Inni matumaa gara jabeessa ykn kan nama hacuucu hin turre. Yesuus haala isaanii hubachuudhaan, “Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, anis boqonnaa isiniif nan kenna. . . . Waanjoon koo nama hin quuqu” jedheera. (Mat. 11:28-30) Namoonni gaarummaa Yesuus hubachuudhaan bakka inni deemu hundatti isa duukaa buʼu turan. Yesuus ‘isaaniif gadduudhaan’ namoota kana sooreera, dhukkubsattoota isaanii fayyiseera akkasumas waaʼee Abbaa isaa “wanta hedduu” isaan barsiiseera.—Mar. 6:34; Mat. 14:14; 15:32-38.
Yesuus miira namootaa ni hubata akkasumas gaarummaa fi haala akka isaaniif yaaduu argisiisuun isaan qaba ture. Gaaffiin isaanii mijataa taʼuu yoo baate illee, Yesuus namoota garaa qulqulluudhaan isa barbaadan hunda “gaarummaadhaan” simateera. (Luq. 9:10, 11) Fakkeenyaaf dubartiin akka seeraatti qulqulluu hin taane takka dhiiga ishii dhangalaʼu irraa fayyuuf yommuu uffata isaa tuqxu Yesuus dubartii sodaatte kana hin ifanne. (Lew. 15:25-28) Yesuus dubartii waggaa 12f dhiphachaa turte kanaaf garaa laafuudhaan, “Intala ko, amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan dhaqi; dhukkuba kee isa si dhiphisu irraas fayyi” ishiidhaan jedhe. (Mar. 5:25-34) Kun gocha gaarummaa dinqisiisaa mitii!
GAARUMMAAN WANTA GAARII RAAWWACHUU GAAFATA
Fakkeenya olitti ilaalle irratti gaarummaa dhugaan gochaan akka argisiifamu hubanneerra. Yesuus fakkeenya waaʼee nama Samaariyaa dubbate irratti gochi barbaachisaa taʼuu isaa ibseera. Warra Samaariyaa fi Yihudoota gidduu diinummaa guddaan kan ture taʼus, namichi Samaariyaa fakkeenya kana keessatti ibsame kun namicha saamamee, reebamee fi duʼaa fi jireenya gidduutti karaa irratti gatame sanaaf garaa laafeera. Gaarummaan namni Samaariyaa kun gocha gaarii akka raawwatu kakaaseera. Madaa namicha sanaa isaaf hidhuudhaan mana keessummoonni itti boqotanitti isa geesse. Achiis keessummeessaan sun nama madaaʼe sana akka kunuunsu erga isaaf kaffalee booda, baasii dabalataa barbaachisu akka kaffaluuf waadaa gale.—Luq. 10:29-37.
Gaarummaan yeroo baayʼee gochaan kan ibsamu taʼus, jechoota itti yaadamanii fi nama jajjabeessan dubbachuudhaanis ni argisiifama. Kanaafuu, ‘yaaddoon garaa namaa keessa jiru kan gad nama qabu’ taʼus, Kitaabni Qulqulluun, “dubbii gaariin garuu nama gammachiisa” jedha. (Fak. 12:25) Gaarummaa fi dansummaadhaan kakaanee dubbii nama ijaaru yommuu warra kaanitti dubbannu isaan jajjabeessuu fi gammachiisuu dandeenya.a Dubbiin gaarummaadhaan dubbannu akka isaaniif yaadnu argisiisa. Kanaafuu jajjabina argachuudhaan qorumsa jireenya keessatti isaan mudatu dandamachuu dandaʼu.—Fak. 16:24.
GAARUMMAA HORACHUU
Ilmaan namootaa hundi “akka bifa Waaqayyootti” waan uumamaniif, amala gaarummaa horachuu ni dandaʼu. (Uma. 1:27) Fakkeenyaaf, Yuuliyoos ajajaan raayyaa Roomaa inni Phaawulos ergamaa hidhee Roomaatti geessaa ture, magaalaa Sidoonaa keessatti ‘Phaawulositti gaarummaa argisiisuudhaan gara michoota isaa dhaqee gargaarsa isaanii akka argatu isaaf heyyamee’ ture. (HoE. 27:3) Yeroo muraasa booda, yommuu dooniin isaanii jalaa caccabu jiraattonni Maaltaa Phaawulosii fi namoota kaanitti “gaarummaa guddaa” argisiisaniiru. Kana malees namoonni balaa dooniitiif saaxilaman kun akka qaqqaammataniif ibidda illee isaaniif qabsiisaniiru. (HoE. 28:1, 2) Wanti isaan raawwatan kun kan isaan galateeffachiisu taʼus, gaarummaan gocha gaarii darbee darbee raawwatamuun qofa kan argisiifamu miti.
Guutummaatti Waaqayyoon gammachiisuuf gaarummaan kutaa amala keenyaa akka taʼu gochuu fi jireenya keenya guutuu argisiisuu qabna. Yihowaan gaarummaa akka ‘uffannu’ kan nu ajaje kanaafi dha. (Qol. 3:12) Amalli Waaqayyoo kun kutaa eenyummaa keenyaa akka taʼu gochuun salphaa kan taʼu yeroo hunda akka hin taane beekamaa dha. Maaliifi? Ija laafina, ofitti amanannaa dhabuu, mormii ykn ofittummaadhaan kan kaʼe gaarummaa argisiisuu irraa duubatti jechuu dandeenya. Taʼus, hafuura qulqulluutti amanamuu fi fakkeenya Yihowaan gaarummaa argisiisuudhaan kaaʼe hordofuudhaan rakkoowwan akkasii moʼuu ni dandeenya.—1 Qor. 2:12.
Gaarummaa argisiisuu irratti bakka fooyyaʼiinsa itti goonu adda baasnee hubachuu ni dandeenyaa? Akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Miira namaa akkan hubadhu haala argisiisuun nan dhaggeeffadhaa? Wanta namoota kaan barbaachisuuf xiyyeeffannaa nan kennaa? Nama miseensa maatii koo ykn michuu koo hin taane tokkotti gaarummaa kanan argisiise yoomi?’ Achiis namoota naannoo keenya jiran, keessumaa gumii Kiristiyaanaa keessa jiran caalaatti beekuuf galma baafachuu dandeenya. Kana gochuudhaan haala isaan keessa jiranii fi wanta isaan barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuu dandeenya. Itti aansuudhaan nuti utuu iddoo isaanii taanee maaltu akka nuuf godhamu akka barbaannu yaaduudhaan gaarummaa argisiisuuf yaaluu dandeenya. (Mat. 7:12) Dhuma irrattis, Yihowaa gargaarsa yoo gaafanne carraaqqii nuti gaarummaa horachuuf goonu nuuf eebbisa.—Luq. 11:13.
GAARUMMAAN NAMOOTA KAAN NI HARKISA
Phaawulos ergamaan wantoota tajaajilaa Waaqayyoo taʼuu isaa beeksisan yommuu tarreessu, ‘gaarummaan’ isaan keessaa tokko akka taʼe ibseera. (2 Qor. 6:3-6) Phaawulos namootaaf dhuunfaatti xiyyeeffannaa kennuudhaan gochaa fi dubbii isaatiin gaarummaa waan argisiiseef namoonni isatti dhihaatu turan. (HoE. 28:30, 31) Haaluma wal fakkaatuun, nutis amala keenya isa gaarummaa irratti hundaaʼeen namoota gara dhugaatti harkisuu ni dandeenya. Warra nu morman dabalatee hundumaatti gaarummaa yommuu argisiisnu, garaa isaanii tuquu fi jibbi isaanii akka badu gochuu dandeenya. (Rom. 12:20) Yeroo booda, dhugaa Kitaaba Qulqulluu fudhachuu illee ni dandaʼu.
Lafa Jannata taatu keessatti, namoonni duʼaa kaʼan hedduun tarii yeroo jalqabaatiif gaarummaa dhugaa yommuu argan baayʼee akka gammadan hin shakkisiisu. Isaanis galateeffannaadhaan kakaʼanii warra kaanitti gaarummaa ni argisiisu. Yeroo sanatti namni gaarummaa argisiisuu fi warra kaan gargaaruu didu kam iyyuu Mootummaa Waaqayyoo keessatti iddoo dhaabbataa taʼe hin qabaatu. Karaa kan biraa immoo warri bara baraaf akka jiraataniif Waaqayyo biratti fudhatama argatan, walii isaanitti jaalalaa fi gaarummaa argisiisu. (Far. 37:9-11) Addunyaan sun amansiisaa akka taʼuu fi nagaa akka qabaatu beekamaa dha! Haa taʼu malee, yeroon eebbifamaan sun hamma dhufutti, yeroo ammaa gaarummaa argisiisuudhaan fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
FAAYIDAA GAARUMMAA ARGISIISUUDHAAN ARGAMU
Kitaabni Qulqulluun, “Namni gaarummaa argisiisu ofii isaa ni fayyada” jedha. (Fak. 11:17, NW) Namoonni nama gaarummaa argisiisutti ni dhihaatu, gaarummaa isatti argisiisuus ni barbaadu. Yesuus, “Safartuu isin namaaf itti safartanitti, isaanis deebisanii isiniif safaru” jedhee ture. (Luq. 6:38) Kanaafuu, namni gaarummaa argisiisu, salphaatti michoota gaarii argachuu fi michummaan isaas akka itti fufu gochuu dandaʼa.
Phaawulos ergamaan, “Garaa waliif laafuu fi tola dhiifama waliif gochuudhaan gaarummaa walitti argisiisaa” jedhee warra gumii Efesoon keessa jiran gorseera. (Efe. 4:32) Gumiin tokko Kiristiyaanota gaarummaa argisiisanii fi wal gargaaruu barbaadan kan of keessatti qabate yoo taʼe ni fayyadama. Namoonni akkasii dubbii nama miidhu hin dubbatan akkasumas wal hin ceephaʼan. Hamii miidhaa geessisu babalʼisuu mannaa, arraba isaanii warra kaan gargaaruuf itti fayyadamu. (Fak. 12:18) Kanaan kan kaʼes gumichi karaa hafuuraa ni guddata.
Eeyyee, gaarummaan amala dubbii fi gochaan argisiifamu dha. Gaarummaa yommuu argisiisnu, amala Waaqa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessaa fi arjaa taʼee calaqqisiisna. (Efe. 5:1) Kana gochuudhaan, gumii keenya cimsina akkasumas warra kaan gara waaqeffannaa dhugaatti harkisna. Kanaafuu yeroo hunda namoota gaarummaa argisiisan taʼuudhaan haa beekamnu!
a Dansummaan mata dureewwan firii hafuura qulqulluu saglan ilaalchisee walitti aananii baʼan kana keessatti gara fuulduraatti baʼa.