Yihowaan Rakkina Keenya Hunda Keessatti Nu Jajjabeessa
“[Waaqni] jajjabina hundaa . . . rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.”—2 QOR. 1:3, 4.
1, 2. Yihowaan rakkina keenya keessatti kan nu jajjabeessu akkamitti? Dubbiin isaa hoo maal nuuf mirkaneessa?
DARGAGGEESSI qeenteen Eeduwaardooa jedhamu tokko, jaarsa gumii gaaʼela qabuu fi Isteefan jedhamutti wanta isa yaaddesse himate. Eeduwaardoon wanta 1 Qorontos 7:28 irratti “Warri [gaaʼela godhatan] foon isaanii irratti rakkina fidu” jedhamee barreeffame irratti yaadaa ture. Akkana jedhee gaafate: “Wanti ‘rakkina’ jedhame kun maali dha? Yoon gaaʼela godhadhe hoo rakkina kana damdamachuu kanan dandaʼu akkamitti?” Isteefan gaaffii kanaaf deebii kennuu isaa dura, Eeduwaardoon wanta kan biraa Phaawulos barreesse, jechuunis Yihowaan ‘Waaqa jajjabina hundaa taʼee fi rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessu’ taʼuu isaa irratti akka yaadu isa gaafate.—2 Qor. 1:3, 4.
2 Yihowaan dhuguma iyyuu Abbaa jaalala qabeessa siʼa taʼu, yommuu rakkinni nu mudatus nu jajjabeessa. Isinumti iyyuu muuxannoo Waaqayyo yeroo baayʼee karaa Dubbii isaa deggersaa fi qajeelfama akka isiniif kenne ibsu qabdu taʼa. Yihowaan akkuma tajaajiltoota isaa bara duriitti turaniif godhe, wanta caalaatti gaarii nuuf taʼu akka nuuf hawwu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Ermiyaas 29:11, 12 dubbisi.
3. Gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?
3 Sababiin rakkina keenyaa maal akka taʼe utuu beeknee, rakkina keenya caalaatti damdamachuu akka dandeenyu beekamaa dha. Kun rakkina gaaʼela ykn jireenya maatii keenya keessatti nu mudatuufis ni hojjeta. Wantoonni Phaawulos ‘foon irratti rakkina akka fidan’ dubbate tokko tokko maalfaa taʼuu dandaʼu? Fakkeenyonni bara durii fi bara keenyaa jajjabina nu barbaachisu argachuuf nu gargaaran kam faʼi? Wantoota kana beekuun keenya rakkina keenya damdamachuuf nu gargaara.
RAKKOOWWAN GAAʼELA KEESSATTI UUMAMAN
4, 5. Wantoonni ‘foon irratti rakkina fidan’ tokko tokko maal faʼi?
4 Waaqayyoo jalqaba seenaa ilmaan namootaa irratti akkana jedheera: “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.” (Uma. 2:24) Yihowaan kana kan dubbate yommuu gaaʼela ilmaan namootaa isa jalqabaa hundeessetti ture. Taʼus, mudaa kan qabnu taanee utuu jirruu gaaʼela godhachuunii fi maatii haaraa hundeessuun hariiroo maatiiwwan gidduu jiru irratti dhiphina fiduu dandaʼa. (Rom. 3:23) Yeroo baayʼee aangoon haadhaa fi abbaa, aangoo abbaa manaatiin bakka buufama. Waaqayyo abbaan manaa haadha manaa isaa irratti mataa akka taʼu aangoo isaaf kenneera. (1 Qor. 11:3) Hiriyoota gaaʼelaa haaraa taʼan tokko tokkoof kun salphaa akka hin taane beekamaa dha. Akka Dubbiin Waaqayyoo jedhutti, haati manaa qajeelfama warra ishii caalaa kan abbaa manaa ishii fudhachuu qabdi. Kanaan kan kaʼes, soddaa isaanii wajjin walii galtee akka dhaban gochuu dandaʼa; kun immoo hiriyoota gaaʼelaa haaraa taʼan kanatti qorumsa taʼuu dandaʼa.
5 Yeroo baayʼee dhiphinni haaraan uumamuu kan jalqabu yommuu haati manaa, akka mucaan garaatti ishii hafe yommuu beeksistu dha. Gammachuun hiriyoota gaaʼelaa abdii mucaa godhachuuf qaban, yaalii fayyaa yommuu ulfooftee jirtuu fi isa booda dhufuun wal makuu dandaʼa. Qarshii yeroo sanaafis taʼe gara fuulduraatti isaan barbaachisu isaan yaaddessuu dandaʼa. Erga mucaan dhalatee booda immoo sirreeffamni dabalataa ni barbaachisa. Yeroonii fi xiyyeeffannaan haadha haaraa taate kanaa mucaa ishii kunuunsuu irratti taʼuu dandaʼa. Kanaaf, abbaan manaa fi haati manaa akka kanaan duraa waliif xiyyeeffannaa kennuu hin dandaʼan taʼa. Kana malees, abbaan haaraa taʼe tokko itti gaafatamummaa dabalataa fudhata. Miseensa maatii haaraa argate kunuunsuu fi wanta isaan barbaachisu dhiheessuuf itti gaafatamummaan isaa ni dabala.
6-8. Hawwiin dhala godhachuuf qaban utuu hin guutamin hafuun isaa nama gaddisiisuu kan dandaʼu akkamitti?
6 Hiriyoota gaaʼelaa tokko tokko immoo rakkina adda taʼe kan biraatu isaan mudata. Dhala godhachuuf hawwii guddaa kan qaban taʼus, dhala godhachuu hin dandaʼan taʼa. Haati manaa yoo dhala godhachuu dadhabde, miirri ishii ni jeeqama taʼa. Gaaʼellis taʼe dhala godhachuun yaaddoo irraa kan nama hin oolchine taʼus, hawwiin dhala godhachuu utuu hin guutamin yoo hafe, kun mataan isaa illee ‘foon irratti rakkina fida.’ (Fak. 13:12) Bara duriitti, dhala dhabuun yeroo baayʼee arrabsoo namatti fida. Raahel haati manaa Yaaqoob, obboleettiin ishii ijoollee yommuu godhattu arguun ishii gadda guddaa akka itti fidee dubbatteetti. (Uma. 30:1, 2) Misiyoononni biyyoota maatii balʼaa godhachuun baramaa itti taʼe keessa tajaajilan, namoonni yeroo baayʼee sababii itti ijoollee hin godhanne isaan gaafatu. Deebii gaarii malaan kan isaaniif kennan taʼus, “Akka ijoollee godhattan isiniif kadhanna!” isaaniin jedhu taʼa.
7 Mee fakkeenya kan biraa haa ilaallu. Obboleettiin biyya Ingilizii tokko dhala godhachuuf hawwii guddaa kan qabdu taʼus, abdiin ishii kun utuu hin guutamin hafe. Achiis akkaataa jireenyaa ishii jijjiirte. Hawwiin ishii kun sirna kana keessatti akka ishiidhaaf hin guutamne yommuu hubattu abdii kutattee akka turte ifatti dubbatteetti. Ishiinii fi abbaan manaa ishii mucaa tokko fudhatanii guddifachuuf murteessan. Haa taʼu malee, akkana jetteetti: “Amma iyyuu taanaan darbee darbee gaddi natti dhagaʼama. Mucaa fudhatanii guddifachuun, mucaa ofii godhatanii wajjin tokko akka hin taane hubadheera.”
8 Kitaabni Qulqulluun dubartiin Kiristiyaanni tokko, “ijoollee godhachuudhaan eegumsa argatti” jechuudhaan dubbata. (1 Xim. 2:15) Haa taʼu malee, daʼuun ykn dhala godhachuun jireenya bara baraa argamsiisa jechuu isaa miti. Kanaa mannaa, dubartiin ijoollee godhatte ijoollee guddisuu dabalatee hojii mana keessaatiin qabamuun ishii, nama hamachuu fi dhimma namoota kaanii keessa akka hin galle ishii taasisa jechuu isaa ti. (1 Xim. 5:13) Taʼus, gaaʼelaa fi jireenya maatii ishii wajjin haala wal qabateen amma iyyuu rakkinni ishii mudachuu dandaʼa.
9. Hiriyaa gaaʼelaa duʼaan dhabuun qorumsa adda taʼe dha kan jennu maaliifi?
9 Rakkinni gaaʼelaa wajjin wal qabate yommuu caqasamu, rakkinni dafee gara sammuu keenyaatti hin dhufne tokko jira. Innis nama jaallatan duʼaan dhabuu dha. Eeyyee, qorumsi addaa namoota hedduu mudatu tokko hiriyaa gaaʼelaa jaallatan duʼaan dhabuu dha. Hiriyaan gaaʼelaa lubbuudhaan jiru qorumsi kun sirna kana keessatti ana irra gaʼa jedhee hin eegu taʼa. Maatiin Kiristiyaanota taʼan, abdii duʼaa kaʼuu Yesuus kenne irratti amantii cimaa qabu. (Yoh. 5:28, 29) Abdiin kun nama hiriyaan gaaʼelaa isaa jalaa duʼeef faayidaa akkamii qaba? Jajjabina guddaa isaaf kenna. Kun namoota rakkinni isaan irra gaʼaa jiruuf Abbaan keenya inni jaallatamaan, karaa Dubbii isaa deggersaa fi jajjabina itti kennu keessaa isa tokko. Mee wanta tajaajiltoota Waaqayyoo tokko tokkotti dhagaʼamee turee fi jajjabina Yihowaan kennu irraa akkamitti faayidaa akka argatan haa ilaallu.
YOMMUU QORUMSI NU IRRA GAʼU JAJJABINA ARGACHUU
10. Haannaan gadda ishii irraa boqonnaa kan argatte akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
10 Haadha manaa Elqaanaa kan taate Haannaa ishii jaallatamtuun, qorumsi adda taʼe tokko ishii mudatee ture. Masaanuun ishii Phiniinaan ijoollee kan qabdu taʼus, ishiin garuu dhabduu turte. (1 Saamuʼel 1:4-7 dubbisi.) Phiniinaan “waggaadhaa gara waggaatti” Haannaatti gaʼisti turte. Kun immoo Haannaan akka aartuu fi akka gadditu ishii godha ture. Haannaan dhimmicha kadhannaadhaan Yihowaatti himachuudhaan boqonnaa argachuu barbaaddi turte. “Ittuma fuftee [Yihowaa] kadhachaa” turteetti. Yihowaan kadhannaa ishiitiif deebii akka kennu eegdee turtee? Akka deebii ishiidhaaf kennu abdattee taʼuu qaba. Haalli isaa maal iyyuu haa taʼu, “deebitees nyaara hin guurre.” (1 Sam. 1:12, 17, 18) Yihowaan dhala godhachuu akka dandeessu gochuudhaan ykn karaa taʼe tokkoon wanta ishiitti hirʼate akka guutuuf ni amanti turte.
11. Kadhannaan jajjabina nuu kennuu kan dandaʼu akkamitti?
11 Hamma namoota mudaa qabnu taaneettii fi sirna toʼannaa Seexanaa jala jiru kana keessa jiraannetti, qorumsaa fi rakkina irraa walaba taʼuu hin dandeenyu. (1 Yoh. 5:19) Haa taʼu malee, Yihowaan “Waaqa jajjabina hundaa” taʼuu isaa beekuun baayʼee gaarii dha! Yeroo qorumsi ykn rakkinni nu irra gaʼu, karaan gargaarsa argachuu itti dandeenyu keessaa tokko kadhannaa dha. Haannaan waan garaa ishii keessa jiru Yihowaa duratti dhangalaafteetti. Haaluma wal fakkaatuun, nutis yommuu rakkinni nu irra gaʼu, wanta nutti dhagaʼamu Yihowaatti himuun qofti gaʼaa miti. Wawwaannaa isatti dhiheessuu qabna; eeyyee, cimsinee garaadhaa kadhachuudhaan miira keenya ibsuu qabna.—Filp. 4:6, 7.
12. Haannaa ishiin abbaan manaa irraa duʼe wanti gammachuu argachuuf ishii gargaare maali dha?
12 Jireenya keessatti wanti nutti hirʼate hedduun akka jiru nutti dhagaʼamus, jechuunis dhala godhachuu kan hin dandeenye ykn nama jaallannu duʼaan kan dhabne taʼus jajjabina argachuu ni dandeenya. Bara Yesuusitti, Haannaa raajittiin waggaa torba qofa erga waliin jiraatanii booda abbaa manaa ishii duʼaan dhabdee turte. Seenaan Kitaaba Qulqulluu ijoollee qabaachuu ishii hin ibsu. Haannaan umurii ishii waggaa 84tti illee maal gochaa turte? Luqaas 2:37 akkana jedha: “Ishiin mana qulqullummaa keessaa utuu hin dhabamin soomaa fi wawwaannaa dhiheessaa halkanii fi guyyaa tajaajila qulqulluu dhiheessiti turte.” Eeyyee, Haannaan Yihowaa waaqeffachuudhaan jajjabinaa fi gammachuu argatteetti.
13. Yeroo firri dhihoon gargaarsa gochuu dhiisutti illee, michuu dhugaan nama jajjabeessuu akka dandaʼu fakkeenya argisiisuu kenni.
13 Obboloota keenyaa wajjin yommuu walitti dhihaannu michoota dhugaa fi hiriyoota gaarii arganna. (Fak. 18:24) Poolaan yommuu umuriin ishii waggaa shan turetti haati ishii dhugaa dhiisuun ishii baayʼee ishii gaddisiisee akka ture yaadatti. Qorumsa kana damdamachuun salphaa hin turre. Haa taʼu malee, qajeelchituun Aan jedhamtuu fi gumii isaanii keessa jirtu haala hafuuraa Poolaadhaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan yommuu ishii gargaartu baayʼee jajjabaattee turte. Poolaan akkana jetteetti: “Aan fira dhiigaa koo taʼuu baattus, jaalalaan kakaatee naaf yaaduun ishii gargaarsa guddaa naaf taʼeera. Kunis Yihowaa tajaajiluu koo akkan itti fufu na gargaareera.” Poolaan amanamummaadhaan tajaajiluu ishii itti fufteetti. Kana malees, haadha ishii wajjin deebitee gumii keessatti tajaajiluu dandaʼuun ishii gammachiisa. Aanis, Poolaadhaaf haadha hafuuraa waan taateef gammaddeetti.
14. Namoonni warra kaan jajjabeessan eebba akkamii argatu?
14 Namoota kaanitti jaalala yommuu argisiisnu, miira gadhee nutti dhagaʼamu tokko tokko akka dagannu kan godhu taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. Obboleettonni, heerumanis taʼan kan hin heerumin, misiraachicha lallabuu irratti Waaqayyoo wajjin kan hojjetan akka taʼan beekuun isaanii gammachuu guddaa isaaniif argamsiisa. Kaayyoon isaanii fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan isaaf ulfina kennuu dha. Hirmaannaa tajaajila irratti godhan akka walʼaansa fayyaatti kan ilaalanis jiru. Hundi keenya namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniifis taʼe gumii keessa jiraniif akka yaannu kan argisiisnu yoo taʼe, walitti dhufeenya cimaa gumii keessa jiruuf gumaacha goona. (Filp. 2:4) Gama kanaan Phaawulos ergamaan fakkeenya gaarii taʼa. Inni obboloota gumii Tasalonqee keessa jiraniif ‘akkuma haadha hoosistu tokkoo’ isaaniif taʼee ture; akkasumas akkuma abbaa hafuuraa isaaniif taʼee ture.—1 Tasalonqee 2:7, 11, 12 dubbisi.
MAATII KEESSATTI JAJJABINA ARGACHUU
15. Ijoollee dhugaa barsiisuun adda durummaadhaan itti gaafatamummaa eenyuu ti?
15 Wantoota xiyyeeffannaa kennuufii qabnu keessaa tokko, jajjabinaa fi gargaarsa maatiiwwaniif kenninu dha. Darbee darbee, namoonni haaraa taʼan babalʼistoonni muuxannoo qaban ijoollee isaanii dhugaa barsiisuudhaan akka isaan gargaaran, darbees ijoollee isaanii Kitaaba Qulqulluu akka isaaniif qoʼachiisan gaafatu taʼa. Kitaabni Qulqulluu, ijoollee isaanii barsiisuu fi leenjisuun adda durummaadhaan itti gaafatamummaa warraa akka taʼe ibsa. (Fak. 23:22; Efe. 6:1-4) Haala tokko tokko keessatti garuu gargaarsi warra kaanii barbaachisaa taʼuu isaa irra iyyuu, guddaa kan dinqisiifamu dha. Taʼus, kun itti gaafatamummaa warraa kan hambisu miti. Maatii keessatti yeroo hunda waliin haasaʼuun barbaachisaa dha.
16. Ijoollee gargaaruu ilaalchisee maal yaadatti qabachuu qabna?
16 Warri namni tokko ijoollee isaanii akka qoʼachiisu yoo murteessan, namni qoʼachiisu sun gaʼee warraa fudhachuuf yaaluu hin qabu. Yeroo tokko tokko Dhugaa Baatuun tokko ijoollee warri isaanii dhugaadhaaf fedhii hin qabne akka qoʼachiisu gaafatamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatuun sun gargaarsa hafuuraa yommuu isaaniif godhutti, inni ykn ishiin ijoollee sanaaf warra akka hin taane yaadachuu qabu. Qoʼannaan akkasii yommuu geggeeffamu, bakka warri isaanii jiran mana ijoollee sanaatti ykn bakka Dhugaa Baatuun muuxannoo qabu jirutti ykn bakka mijaaʼaa namoonni isaan arguu dandaʼanitti taasifamuun isaa gaarii dha. Yoo akkas taʼe, namni kam iyyuu wanta raawwatamaa jiru karaa dogoggoraatiin hubachuuf sababii hin qabaatu. Gaaf tokko, tarii warri waaʼee Yihowaa ijoollee isaanii barsiisuuf filatu taʼa.
17. Ijoolleen madda jajjabinaa taʼuu kan dandaʼan akkamitti?
17 Ijoolleen Waaqa isa dhugaa akka jaallatan baratanii fi gorsa isaa hordofan maatii keessatti madda jajjabinaa taʼuu dandaʼu. Kana gochuu kan dandaʼanis, warra isaanii kabajuudhaan, akkasumas wanta isaaniif barbaachisu dhiheessuudhaani. Kana malees, ijoolleen Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii yoo jiraatan, guutummaa maatichaatiif jajjabina taʼa. Bishaan Badiisaa dura, sanyii Laamek kan taʼe Sheet Yihowaa waaqeffachaa ture. Namni abbaa maatii taʼe kun ilma isaa Nohiin, “[Inni] hojii isa nuyi lafa Waaqayyo abaare kana irratti hojjennu, isa nuyi harkaan itti dadhabnu kana keessatti nu jajjabeessa” jedhee ture. Raajiin kun yeroo abaarsi Waaqayyo lafa ilaalchisee dubbate kaafamutti raawwii isaa argateera. (Uma. 5:29; 8:21) Ijoolleen Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraatan, miseensonni maatii isaanii hundi qorumsa yeroo harʼaatti isaan mudatu akka damdamatan, akkasumas wanta Bishaan Badiisaa irra caalu irraa akka oolan gargaaruudhaan madda jajjabinaa isaaniif taʼu.
18. Rakkina ykn qorumsa nu mudatu kam iyyuu jabinaan damdamachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
18 Kadhannaan, fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman irratti xiinxaluunii fi saba Yihowaatti michoomuun, yeroo ammaatti illee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman rakkina isaanii hunda keessatti jajjabina akka argatan isaan gargaaraa jiru. (Faarfannaa 145:18, 19 dubbisi.) Yihowaan Madda jajjabina bara baraa taʼuu isaa beekuun, rakkina yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti nu mudatu kam iyyuu jabinaan damdamachuuf akka nu gargaaru hin shakkisiisu.
a Maqaan isaa jijjiirameera.