Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Guraandhala 2020
GURAANDHALA 3-9
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 12-14
“Kakuu Nuuf Hiika Qabu”
(Uumama 12:1, 2 dubbisi.)
it-1-E 522 key. 4
Kakuu
Kakuu Abrahaam Wajjin Galame. Kakuun Abrahaam wajjin galame hojii irra ooluu kan jalqabe, yommuu Abraam (Abrahaam) gara Kanaʼaan deemuuf laga Efraaxiis ceʼetti taʼuu dandaʼa. Waggaa 430 booda immoo kakuun Seerichaa galame. (Ga 3:17) Abrahaam Mesophotaamiyaa ishii Ur keessatti argamtuu fi magaalaa warra Kaladootaa taate keessa utuu jiraachaa jiruu, Yihowaan gara biyya inni isatti argisiisutti akka deemu Abrahaamitti himee ture. (HoE 7:2, 3; Uma 11:31; 12:1-3) Baʼuun 12:40, 41 jireenyi Israaʼeloonni waggaa 430f Gibxi keessattii fi biyya Kanaʼaan keessa jiraatan yommuu xumuramuuf jedhutti, “guyyaadhuma” sanatti garbummaa warra Gibxii jalaa akka baʼan dubbata. Guyyaan Israaʼelonni warra Gibxii jalaa bilisa baʼan Niisaan 14, Dh.K.D. bara 1513 yeroo taʼu, guyyaan sunis guyyaa Faasikaa ture. (Bau 12:2, 6, 7) Tarii kun kan taʼe Abrahaam yeroo gara Kanaʼaan deemu Laga Efraaxiis kan ceʼe Niisaan 14, Dh.K.D. bara 1943tti akka taʼee fi yeroo sanatti kakuun Abrahaam wajjin galame hojii irra ooluu akka jalqabe argisiisuuf taʼuu dandaʼa. Abrahaam biyya Kanaʼaan keessa darbee iddoo Sheekem jedhamu yommuu gaʼetti Waaqayyo isatti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jechuudhaan waadaa isaaf gale; kunis kakuun kun waadaa Eeden keessatti galame wajjin kan walqabatu akka taʼe argisiisa; kana malees sanyiin Uumama 3:15 irratti caqasame kan dhufu karaa hidda dhalootaa ilmaan namootaatiin akka taʼe argisiisa. (Uma 12:4-7) Yihowaan waaʼee waadaa kanaa yeroo booda Uumama 13:14-17; 15:18; 17:2-8, 19; 22:15-18 irratti balʼinaan ibseera.
(Uumama 12:3 dubbisi.)
w89-E 7/1 3 key. 4
Waaʼee Abrahaam Dhugaa Isaa Beekuu kan Qabdu Maaliifi?
Abrahaam waadaa nama dinqisiisu kana yoo xinnaate yeroo lama dhagaʼeera. (Uumama 18:18; 22:18) Waaqayyo waadaa kana raawwachuuf maatii ilmaan namootaa duʼanii turan garaa garaa keessaa illee duʼaa kaasuu ni dandaʼa. Namoota akkasiitiif jireenyi eebba guddaa taʼa; sababiin isaas namoonni duʼaa kaafaman akkasii hedduun jannata isa jalqaba ilmaan namootaa dhabanii turan fakkaatu keessatti jireenya argatu. Sana booda immoo eebba jireenya bara baraa argachuuf maal gochuu akka dandaʼan baratu.—Uumama 2:8, 9, 15-17; 3:17-23.
(Uumama 13:14-17 dubbisi.)
it-2-E 213 key. 3
Seera
Seenaa wal fakkaatu akkasii irratti hundaaʼuudhaan, hayyoonni tokko tokko namni lafa bitu tokko iddoo guutummaa naannoo isaa arguu itti dandaʼu irra dhaabbatee daangaa lafa filate akka ilaalu amanu. Inni bitu sun “ilaaleera” yoo jedhe seeraan akka fudhate argisiisa. Yommuu Yihowaan Abrahaamiif biyya Kanaʼaan akka isaaf kennu waadaa isaaf galetti, Abrahaam jalqaba biyyicha kallattii afuriin akka ilaalu itti himamee ture. Abrahaam “ilaaleera” jedhee hin dubbanne; tarii kun kan taʼe Waaqayyo yeroo booda Biyyattii Abdachiifamte kan kennu sanyii Abrahaamiif waan taʼeef taʼuu dandaʼa. (Uma 13:14, 15) Museen inni bakka buʼaa Israaʼelootaa ture biyya geggeessaa Iyaasuutiin Israaʼeloonni dhaalan akkuma jedhame taʼuu isaa akka “ilaalu” itti himamee ture. (Kes 3:27, 28; 34:4; affeerraa Seexanni Mat 4:8 irratti Yesuusiif dhiheesse wajjin wal bira qabii ilaali.) Gochi seera biratti fudhatama argate inni biraan immoo biyya tokko kan ofii godhachuuf jecha keessa qaxxaamuruu ykn seenu dha. (Uma 13:17; 28:13) Ragaawwan bara durii tokko tokko akka argisiisanitti manni bitamu tokko mukeetii hammamii akka qabu illee ni barreeffama ture.—Uma 23:17, 18 wajjin wal bira qabii ilaali.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 13:8, 9 dubbisi.)
Walitti Buʼiinsi Yommuu Uumamu Jaalalaan Hiikaa
12 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu tajaajiltoonni Waaqayyoo wanta walitti buʼiinsa uumuu dandaʼu nagaadhaan akka furan argisiisan keessaa tokko seenaa Abrahaamii fi Loox isa olitti ibsame dha. Namoonni kun lamaan horii qabu turan; tiksitoonni isaaniis lafa dheedichaa wajjin haala wal qabateen wal lolanii turan. Abrahaam rakkina kana furuuf fedhii waan qabuuf, maatiin isaa eessa akka jiraatu akka filatu Looxiif dursa kenne. (Uma. 13:1, 2, 5-9) Kun fakkeenya gaarii dha. Abrahaam wanta isatti tolu utuu hin taʼin, nagaa barbaade. Arjaa taʼuu isaatiin wanti isatti hirʼate jiraa? Matumaa. Dhimmi Looxii wajjin wal qabate kun akkuma darbeen, Yihowaan yeruma sana eebba guddaa akka isaaf kennu Abrahaamiif waadaa seene. (Uma. 13:14-17) Waaqayyo tajaajiltoonni isaa dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan walitti buʼiinsa jaalalaan hiikuu isaaniitiin bara baraan rakkinni akka isaan irra gaʼu hin heyyamu.
(Uumama 14:18-20 dubbisi.)
(Ibroota 7:4-10 dubbisi.)
it-2-E 683 key. 1
Luba
Malkiseedeq mootiin Saalem luba (ko·henʹ) adda taʼe ture. Kitaabni Qulqulluun waaʼee hidda dhalootaa isaa, dhaloota isaa fi duʼa isaa wanta dubbatu hin qabu. Lubummaa isaa kan argate dhaalaan hin turre; kana malees nama lubummaa inni irraa fudhatees taʼe, namni inni dabarsee isaaf kenne hin jiru. Malkiseedeq al takkaatti mirga mootii taʼuu fi luba taʼuu qaba ture. Lubummaan isaa lubummaa sanyiiwwan Lewwii irra baayʼee caala ture; Sababiin isaa Abrahaam Malkiseedeqiif harka kudhan keessa harka tokko kennee Malkiseedeqiin eebbifameera; kunimmoo Lewwoonni warri sanyii Abrahaam taʼan Malkiseedeqiif harka kudhan keessa harka tokko akka kennanitti ilaalama. (Uma 14:18-20; Ibr 7:4-10) Karaawwan kanaan Malkiseedeq Yesuus isa “akka Malkiseedeqitti bara baraaf luba dha” jedhameef gaaddidduu taʼa.—Ibr 7:17.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 12:1-20 dubbisi.)
GURAANDHALA 10-16
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 15-17
“Yihowaan Maqaa Abraamii fi Saaraayi kan Jijjiire Maaliifi?”
(Uumama 17:1 dubbisi.)
it-1-E 817
Balleessaa, Balleessaa Barbaaduu
Gama biraatiin karaan namootaa fi wanti namni hojjetu yeroo baayʼee balleessaa qaba. Cubbuu fi dogoggora hojjechuun wanta ilmaan namootaa hundi Addaam irraa dhaalaa dhufanii dha. (Rom 5:12; Far 51:5) Haa taʼu malee, Yihowaan balleessaa hin qabu; akkasumas ‘akka nuti itti hojjetamne waan beekuuf, biyyoo taʼuu keenyas waan yaadatuuf’ dhiifama nuuf godha. (Far 103:13, 14) Yihowaan, Noh isa amanamaa fi ajajamaa ture ‘dhaloota isaa keessatti nama balleessaa hin qabne’ akka taʼeetti isa ilaaleera. (Uma 6:9) Abrahaamiin immoo “Balleessaa kan hin qabne taʼi, fuula koo dura deddeebiʼi” jechuudhaan isa ajajeera. (Uma 17:1) Namoonni kun mudaa kan qabanii fi kan duʼan taʼus, Yihowaa isa ‘garaa ilaalu’ duratti namoota balleessaa hin qabne akka taʼanitti ilaalamaniiru. (1Sa 16:7; 2Mo 20:3; 2Se 16:9 wajjin wal bira qabii ilaali.) Daawit dhugaa kana hubachuudhaan akkana jedheera, “Ani isatti hin balleessine, yakka hojjechuuttiis of nan eege.” (2Sa 22:24; Kes 18:13) Yihowaan Ilma isaa isa balleessaa hin qabne (Ibr 7:26) aarsaa furii godhee dhiheessudhaan namoota aarsaa kan irratti amantii qabanii fi ajajaman ‘qajeeloota’ ykn warra balleessaa hin qabne jedhee isaan waameera; haa taʼu malee, kana kan godhu abbaa firdii qajeelaa fi balleessaa hin qabne taʼuu isaa dhiisee miti.—Rom 3:25, 26; AMANAMUMMAA (INTEGRITY); MUDAA KAN HIN QABNE TAʼUU (PERFECTION) isa jedhu ilaali.
(Uumama 17:3-5 dubbisi.)
it-1-E 31 key. 1
Abrahaam
Yeroo dheeraan kan darbe yeroo taʼu, isaan garuu gara waggoota kudhaniif Kanaʼaan keessa jiraachaa jiru; Saaraanis amma iyyuu dhala hin godhanne. Kanaaf Saaraan karaa garbittii ishii Aggaar ishii dubartii biyya Gibxii taateen mucaa argachuuf garbittii ishii abbaa manaa ishiitiif kennite. Abrahaamis yaada kana irratti walii gale. Kanaaf Dh.K.D. bara 1932 yeroo umuriin Abrahaam 86 taʼetti, Ishmaaʼel ni dhalate. (Uma 16:3, 15, 16) Ammas yeroo dheeraan ni darbe. Dh.K.D. bara 1919tti Yihowaan kakuu addaa Abrahaam wajjin galeef mallattoo ykn chaappaa akka taʼuuf, Abrahaam umuriin isaa waggaa 99 yommuu taʼetti dhiironni mana Abrahaam keessa jiran hundi akka dhagna qabatan ajaja kennee ture. Akkasumas yeruma sanatti Yihowaan ‘ani saba sonaan baayʼeedhaaf abbaa sin godha’ isaan jechuudhaan maqaa isaa Abraam irraa gara Abrahaamitti jijjiireera. (Uma 17:5, 9-27; Rom 4:11) Achiis yeroo muraasa booda, Abrahaam maleekota foon uffatanii fi maqaa Yihowaatiin dhufan kan simate yeroo taʼu, isaaniis waggaa itti aanee dhufutti Saaraan ulfooftee ilma akka deessu waadaa galan.—Uma 18:1-15.
(Uumama 17:15, 16 dubbisi.)
w09-AM 2/1 13
Hiika Maqaaleen Qaban
Waaqni iyyuu maqaan isaanii raajii tokko wajjin kan wal qabatu akka taʼu gochuuf maqaa tajaajiltoota isaa tokko tokko jijjiireera. Fakkeenyaaf, maqaa Abraam isa hiika “Abbaan Ulfina Argate” jedhu qabu gara Abrahaam isa hiika “Abbaa saba baayʼee” jedhu qabutti jijjiireera. Haala maqaa isaa wajjin wal simuun Abrahaam abbaa saboota hedduu taʼeera. (Uumama 17:5, 6) Maqaa Saaraayi ishii haadha mana Abrahaam taates haa ilaallu; hiikni maqaa Saaraayi jedhu “Morkattu” kan jedhu taʼuu dandaʼa. Waaqayyo akaakilii mootota hedduu akka taatu argisiisuudhaaf maqaa ishii jijjiiruudhaan maqaa “Saaraa” isa hiika “Giiftii” jedhu qabu yommuu ishiidhaaf kennutti baayʼee gammaddee taʼuu qaba.—Uumama 17:15, 16.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 15:13, 14 dubbisi.)
it-1-E 460-461
Duraa Duuba Yeroo
Yihowaan Abraamiin (Abrahaamiin) akkana jedhe: “Sanyiin kee biyya kan isaanii hin ta’in keessatti galaa taʼuuf achittis garbummaatti hojjechuudhaaf waggaa dhibba afur cunqurfamuuf akka jiran dhugaa isaa beeki!” (Uma 15:13; akkasumas HoE 7:6, 7 ilaali.) Yihowaan kana kan dubbate dhaaltuun inni abdachiifame ykn ‘sanyichi,’ jechuunis Yisihaaq utuu hin dhalatin dura dha. Dh.K.D. bara 1932tti Aggaar ishiin garbittii taatee fi dubartii Gibxii taate Abrahaamiif ilma Ishmaaʼel jedhamu deesse; Dh.K.D. bara 1918tti immoo Yisihaaq isaaf dhalate. (Uma 16:16; 21:5) Dhuma waggoota ‘cunqursaa’(Uma 15:14) sanaatii kaanee yeroo Israaʼeloonni biyya Gibxii itti gadhiisan duubatti waggaa 400 yommuu lakkoofnu Dh.K.D. bara 1913 irra kan geenyu yeroo taʼu, yeroo sanatti immoo Yisihaaq mucaa umurii waggaa shanii ture. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti yeroo Yisihaaq harma guʼetti duruma iyyuu biyya ‘kan isaa hin taʼin keessatti galaa taʼee’ jiraachaa ture; Ishmaaʼel inni umuriin isaa waggaa 19 taʼe yommuu isatti [“qoosu” NW] cunqursaan raajiidhaan dubbatame ni jalqabame. (Uma 21:8, 9) Yeroo ammaatti wanti Ishmaaʼel, Yisihaaq isa dhaaltuu Abrahaam taʼe irratti godhe rakkina akka hin qabnetti kan ilaalamu taʼus, bara abbootiin amantii turan sanatti garuu dhimma iddoo guddaan kennamuuf ture. Kun dhugaa taʼuusaa wanta Saaraan goote irraa hubachuun ni dandaʼa; Saaraan Aggaarii fi ilmi ishii Ishmaaʼel manaa akka baʼan cimsitee yeroo dubbatteetti Waaqayyoo duratti fudhatama argateetti. (Uma 21:10-13) Taʼeen kun Kitaaba Qulqulluu keessatti balʼinaan ibsamuun isaa illee waggoonni cunqursaa waggoota 400f akka turu raajiidhaan dubbatamee fi hanga gaafa Gibxii keessaa baʼanitti itti fufe kun yeroo kanatti akka jalqabame ragaa argisiisu dha.—Gal 4:29.
(Uumama 15:16 dubbisi.)
it-1-E 778 key. 4
Baʼuu
“Dhaloota Afuraffaatti.” Yihowaan dhaloota afuraffaatti sanyiiwwan isaa gara Kanaʼaanitti akka deebiʼan Abrahaamitti himuu isaa yaadachuu qabna. (Uma 15:16) Guutummaa waggoota 430, jechuunis yeroo kakuun Abrahaam wajjin galame hojii irra ooluu jalqabee kaasee hamma Israaʼeloonni Gibxiin gadhiisanii deemanitti yeroo jiru keessa dhaloota jiru yommuu ilaallu dhaloota afur caalutu jira; warra yeroo sanatti umurii baayʼee dheeraa jiraataniin yoo shallagne illee lakkoofsi isaa kan caalu dha. Haa taʼu malee Israaʼeloonni dhugumaan Gibxi keessa kan turan waggoota 215 qofa ture. Kanaaf gara Gibxii erga deemanii kaasee ‘dhaloonni afur’ kan shallagaman akka armaan gadiitti; gosoota Israaʼel keessaa gosa Lewwii akka fakkeenyaatti haa fayyadamnu: (1) Lewwii, (2) Qehaat, (3) Amraam, fi (4) Musee.—Bau 6:16, 18, 20.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 15:1-21 dubbisi.)
GURAANDHALA 17-23
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 18-19
“‘Abbaan Firdii Guutummaa Biyya Lafaa’ Sodoomii fi Gomoraa Balleesse”
(Uumama 18:23-25 dubbisi.)
“Abbaan Firdii Guutummaa Biyya Lafaa” Yoom Iyyuu Wanta Sirrii Raawwata
“ABBAAN FIRDII guutummaa biyya lafaa, firdii taʼu in kenna mitii ree?” (Uma. 18:25) Abrahaam gaaffii kana gaafachuudhaan, Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee murtoo haqa irratti hundaaʼe akka kennu amanannaa akka qabu ibseera. Abrahaam, Yihowaan ‘nama qajeelaa isa jalʼaa wajjin ajjeesuudhaan’ haqa akka hin jalʼisne mirkanaaʼaa ture. Kun Abrahaamiif waan hin yaadamne ture. Gara waggaa 400 booda Yihowaan waaʼee ofii isaa yeroo dubbatu akkana jedheera: “Inni kattaa jabaa dha, wanti inni godhus mudaa hin qabu, karaan isaa hundinuus qajeelaa dha, inni Waaqayyo amanamaa dha, jalʼinnis isa keessa hin jiru, inni dhuga-qabeessaa fi qajeelaa dha.”—Kes. 31:19; 32:4.
(Uumama 18:32 dubbisi.)
Obsa—Kaayyoo Qabaachuudhaan Waa Dandaʼuu
Dhugaa dha, obsa argisiisuu wajjin haala wal qabateen, Yihowaan fakkeenya hordofuu dandeenyuu fi hunda caalu nuuf taʼa. (2 Phe. 3:15) Dubbii Waaqayyoo keessa seenaawwan hedduun Yihowaan obsa guddaa akka argisiise ibsan jiru. (Nah. 9:30; Isa. 30:18) Fakkeenyaaf, murtoo inni Sodoomiin balleessuuf godhe ilaalchisee Abrahaam yommuu gaaffii kaasetti Yihowaan akkamitti deebii kenne? Tokkoffaa, Abrahaam yommuu dubbatu Yihowaan dubbii isaa akka addaan hin kunne barreeffameera. Kanaa mannaa, Yihowaan gaaffii fi yaaddoo Abrahaam qabu hundumaa obsaan dhaggeeffateera. Achiis, Yihowaan wanta Abrahaam dubbate irra deebiʼee dubbachuudhaan akka isa dhaggeeffate argisiisuu isaa irra iyyuu, magaalattii keessatti namoonni qajeeloon kudhan illee yoo argaman akka ishii hin balleessine isaaf mirkaneesseera. (Uma. 18:22-33) Obsaan dhaggeeffachuu fi dafanii dheekkamuu dhiisuu ilaalchisee kun fakkeenya gaarii mitii?
(Uumama 19:24, 25 dubbisi.)
Yihowaan, Gooftaa Hundumaa Gararraa Jirudha!
12 Yihowaan yeroo dhihootti olaantummaasaa akka beeksisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Hammeenyi barabaraaf akka itti fufu hin heyyamu; guyyoota gara dhumaa keessa akka jiraannus beekna. Yihowaan yeroo Bishaan Badiisaa gaʼetti namoota hamoo taʼanirratti tarkaanfii fudhateera. Sodoomiifi Gomoraa, akkasumas Faraʼooniifi loltootasaa balleesseera. Siisaaraafi loltoonnisaa, akkasumas Senaaheriibiifi loltoonnisaa warri Asor, Isa Hundumaa Gararraa Jiru moʼuu hin dandeenye. (Uma. 7:1, 23; 19:24, 25; Bau. 14:30, 31; Abo. 4:15, 16; 2 Mot. 19:35, 36) Kanaaf, Yihowaan warra maqaasaa salphisaniifi Dhugaa Baatotasaa miidhan hundumaa barabaraaf akka hin obsine mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kana malees, yeroo ammaatti milikkita Yesus argamuusaafi dhuma sirna hamaa kanaa keessa akka jirru mirkaneessu argaa jirra.—Mat. 24:3, NW.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 18:1 dubbisi.)
(Uumama 18:22 dubbisi.)
w88-E 5/15 23 key. 4-5
Namni Waaqayyoon Arge Jiraa?
Abrahaam maleekota foon uffattan wajjin yeroo dubbatu akkuma Waaqayyoo wajjin dubbatetti kan ibse maaliif akka taʼe amma hubachuun nutti hin ulfaatu. Maleekonni kun wantuma Yihowaan Abrahaamiin jechuu barbaade waan dubbatanii fi bakka buʼaa Isaa taʼaanii waan dhufaniif, seenaan Kitaaba Qulqulluu kun ‘Waaqayyo isatti in mulʼate’ jedhee dubbateera.—Uumama 18:1.
Bilbilli ykn raadiyoon wanta jenne akkuma jirutti akkuma dabarsu maleekonni Waaqayyoon bakka buʼanii dubbatanis ergaa Waaqayyo isaanitti hime akkuma jirutti dabarsu. Kanaan kan kaʼes, Abrahaam, Museen, Maanoʼaanii fi namoonni kaan kan dubbatan maleekota foon uffatan wajjin taʼus, akkuma Waaqayyo wajjin dubbatanitti fudhachuu ni dandeenya. Namoonni kun maleekota kanaa fi surraa Yihowaa karaa maleekota kana calaqqisiifame kan argan taʼus, Waaqayyoon garuu hin argine. Kanaafuu kun wanta Yohaannis ergamaan jedhee wajjin matumaa wal hin faalleessu: “namni Waaqayyoon arge hin jiru.” (Yohaannis 1:18) Namoonni kun maleekota bakka buutota Waaqayyoo taʼan argan malee Waaqayyo hin argine.
(Uumama 19:26 dubbisi.)
Warri Kaan Dhiphina Akka Dandamatan Gargaaraa
3 Loox namoota Sodoom warra gocha baayʼee naamusaan ala taʼe raawwachuudhaan beekaman gidduu jiraachuuf yeroo murteessetti filannoo sirrii taʼe hin goone ture. (2 Pheexiros 2:7, 8 dubbisi.) Naannoon sun badhaadhina kan qabu taʼus, Loox Sodoomitti galuu isaatti aarsaa guddaa kaffaleera. (Uma. 13:8-3; 14:12) Haati manaa isaa Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin kan hafte, magaalattii ykn namoota achi jiraatan keessaa tokko tokko wajjin baayʼee waan walitti firoomteef taʼuu hin oolu. Kanaafuu, yommuu Waaqayyo naannoo sana irratti ibiddaa fi dinyii roobse lubbuu ishii dhabdeetti. Waaʼee ijoollee durbaa Loox lamaaniis yaadaa. Isaan namoota Sodoom keessatti duʼaniif kaadhimatamanii turan. Loox mana isaa, qabeenya isaa fi hunda caalaa kan nama gaddisiisu immoo haadha manaa isaa dhabeera. (Uma. 19:12-14, 17, 26) Yeroo dhiphisaa taʼe kanatti Yihowaan Looxitti obsa dhabeeraa? Lakki.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 18:1-19 dubbisi.)
GURAANDHALA 24–BITOOTESSA 1
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 20-21
“Yihowaan Wanta Waadaa Gale Yeroo Hundumaa ni Raawwata”
(Uumama 21:1-3 dubbisi.)
Saaraa Ishii Haadha Moototaa Taate
Saaraan kolfuun ishii amantiin ishii akka hirʼate kan argisiisu dhaa? Matumaa. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Saaraan umuriin ishiin dhala godhachuu itti dandeessu kan darbe taʼus, amantiidhaan mucaa ulfaaʼuuf humna argatte, ishiin Inni abdii kenne sun amanamaa taʼuu isaa yaaddee turte.” (Ibroota 11:11) Saaraan Yihowaa beekti turte; abdii kenne kam iyyuu raawwachuu akka dandaʼus beekti turte. Nu keessaa namni amantiin akkasii isa hin barbaachisne jiraa? Waaʼee Waaqa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee akka gaariitti beekuuf carraaquu qabna. Akkas yoo goone Saaraan Waaqayyoo irratti amantii akkasii qabaachuun ishii sirrii akka ture ni hubanna. Dhuguma iyyuu Yihowaan amanamaa waan taʼeef abdii kenne hunda ni raawwata; al tokko tokko karaa abdiin inni kenne itti raawwatu dinqisiifannaadhaan akka kolfinu nu gochuu dandaʼa!
“WAANUMA SAARAAN SITTI HIMTU DHAGAʼI!”
Saaraan wanta jireenya ishii guutuu hawwaa turte waggaa 90tti argatte. Abbaa manaa ishii isa jaallatamaa amma waggaa 100 guuteef ilma deesse! Abrahaamis akkuma Waaqayyo isatti hime Yisihaaq ykn “Kolfa” jedhee maqaa isaaf moggaase. Fuulli Saaraa inni dullumaan shuntuure gammachuudhaan guutamee, “Waaqayyo sababii ani ittiin kolfu anaaf kenne, warri dhagaʼan hundinuus anaa wajjin in kolfu” jettee yommuu dubbattu ija qalbii keenyaatiin ilaaluu dandeenya. (Uumama 21:6) Kennaan dinqiidhaan Yihowaa irraa argatte kun, jireenya ishii hafe hunda gammachuudhaan akka jiraattu akka ishii godhu beekamaa dha. Haa taʼu malee, kennaan kun itti gaafatamummaa guddaas ishiitti fideera.
Yisihaaq waggaa shan yommuu guutu, maatichi yeroo mucichi harma itti guʼe sababeeffatee cidha qopheesse. Wanti nama yaaddessu tokko garuu jira ture. Saaraan amala gadhee tokko “argite.” Ishmaaʼel ilmi Aggaar inni umuriin isaa 19 taʼe, yeroo hunda Yisihaaq isa xinnoo turetti qoosa ture. Qoosaan isaa garuu tapha qofa hin turre. Phaawulos ergamaan yeroo booda hafuuraan geggeeffamee akkuma barreesse, Ishmaaʼel Yisihaaq irra ariʼatama geessisee ture. Saaraan kun nageenya ilma ishii balaa irra akka buusu hubattee turte. Saaraan, Yisihaaq ilma ishii qofa akka taʼe qofa utuu hin taʼin, kaayyoo Yihowaa keessatti gaʼee guddaa akka qabu hubattee turte. Kanaaf akkuma fedhetti iyyuu of jajjabeessitee, dhimma isaa ifatti Abrahaamitti himte. Aggaarii fi ilma ishii Ishmaaʼel akka ariʼu isa gaafatte.—Uumama 21:8-10; Galaatiyaa 4:22, 23, 29.
Yeroo kanatti Abrahaamitti maaltu dhagaʼame? Kitaabni Qulqulluun, “Dubbiin waaʼee Ishmaaʼel ilma isaatii kun Abrahaamiin baayʼee in rakkise” jedha. Abrahaam Ishmaaʼeliin baayʼee jaallata ture; miirri isaa kun wanta raawwatame akka hin hubanne isa taasiseera. Haa taʼu malee, Yihowaan dhimma isaa sirriitti ilaalaa waan tureef gidduu seene. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqayyo garuu Abrahaamiin, ‘Waaʼeen mucichaa fi waaʼeen xomboree keetii si hin rakkisin! Sanyiin kee maqaa Yisihaqin waan waamamuuf, waanuma Saaraan sitti himtu dhagaʼi!’” Yihowaan Aggaarii fi ilma ishiitiif wanta isaan barbaachisu akka isaaniif kennu Abrahaamitti hime. Abrahaam inni amanamaa turees akkuma jedhame godheera.—Uumama 21:11-14.
(Uumama 21:5-7 dubbisi.)
(Uumama 21:10-12 dubbisi.)
(Uumama 21:14 dubbisi.)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 20:12 dubbisi.)
wp17.3 12, milj.
‘Ati Dubartii Miidhagduu Dha’
Saaraan obboleettii Abrahaam turte. Taaraan laman isaaniitiif abbaa taʼus, haati isaanii garuu adda adda turan. (Uumama 20:12) Yeroo ammaatti gaaʼelli akkanaa fudhatama kan hin qabne taʼus, bara sana haalli isaa akka adda ture hubachuun barbaachisaa dha. Ilmaan namootaa bara sana turan, Addaamii fi Hewwaan warra mudaa hin qabne turanii fi yeroo booda mudaa godhatanitti dhihoo turan. Namoonni kun baayʼee cimoo fi fayyaa guutuu waan qabaniif, ijoolleen firoottan isaanii irra dhalatanis balaa mudaa sanyiidhaan darbu isaan irra gaʼu hin turre. Gara waggoota 400 booda garuu, umuriin namootaa umurii bara keenya jiruu wajjin wal fakkaachaa dhufe. Yeroo sanatti, Seerri Musee saalquunnamtii fira aantee gidduutti godhamaa ture dhorkeera.—Lewwoota 18:6.
(Uumama 21:33 dubbisi.)
w89-E 7/1 20 key. 9
Abrahaam Namoota Michuu Waaqayyoo Taʼuu Barbaadan Hundumaaf Fakkeenya Taʼa
9 Abraam gocha amantii akka qabu argisiisu kan biraas raawwateera. Kitaabni Qulqulluu “iddoo. . .sanatti iddoo aarsaa Waaqayyoof in ijaare” jechuudhaan dubbata. (Uumama 12:7) Jechi afaan Ibrootaa “iddoo aarsaa” jedhu “bakka aarsaan itti dhihaatu” jechuu waan taʼeef kun aarsaa bineeldotaa dhiheessuus kan dabalatudha jechuun ni dandaʼama. Abraam yeroo booda gocha amantii akka qabu argisiisu kana iddoo biraattis raawwateera. Akkasumas ‘maqaa Yihowaa waammateera.” (Uumama 12:8, NW; 13:18; 21:33) Galeen Afaan Ibrootaa ‘maqaa waammachuu’ jedhu hiika “beeksisuu (lallabuu)” jechuus qaba. Abraam waaʼee maqaa Yihowaa ija jabinaan yommuu beeksisutti warri mana isaa keessa jiraatanis taʼe Kanaʼaanonni dhagaʼanii taʼuu qaba. (Uumama 14:22-24) Haaluma walfakkaatuun yeroo harʼattis namoonni michuu Waaqayyoo taʼuu barbaadan hundi amantiidhaan maqaa Isaa waammachuu qabu. Kun immoo hojii lallabaa irratti hirmaachuu kan dabalatu dha; “Kanaaf yeroo hunda karaa isaa Waaqayyoof aarsaa galataa haa dhiheessinu; kunis firii hidhii keenyaa isa waaʼee maqaa isaa namoota duratti labsinu dha.”—Ibroota 13:15; Roomaa 10:10.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 20:1-18 dubbisi.)