Daandii Bilisummaa Dhugaa Argamsiisu
“Ilmi bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni baatu.”—YOH. 8:36.
1, 2. (a) Namoonni bilisummaa argachuuf falmachaa akka jiran wanti argisiisu maali dha? (b) Falmiin akkanaa buʼaa akkamii argamsiise?
YEROO harʼaatti, wal qixxummaa, bilisummaa fi birmaduu baʼuu ilaalchisee wanti baayʼeen ni dubbatama. Namoonni addunyaa irra jiran baayʼeen hacuuccaa, wal qoodiinsaa fi hiyyummaa irraa bilisa taʼuu barbaadu. Warri kaan immoo dubbachuu, filannaa gochuu fi ofiif murteeffachuu irraatti bilisummaa qabaachuu barbaadu. Namoonni iddoo kamitti iyyuu argaman, wanta barbaadan gochuu fi akka barbaadanitti jiraachuuf fedhii guddaa waan qaban fakkaata.
2 Fedhii isaanii kana guuttachuu kan barbaadan karaa kamiini? inni jedhu immoo gaaffii kan biraa ti. Dhimmawwan hawaasaa ykn siyaasaa wajjin haala wal qabateen, namoonni hedduun mormuu, hiriira baʼuu, loluu ykn fincila kaasuu filatu. Haa taʼu malee, kun buʼaa barbaadamu argamsiisuu ni dandaʼaa? Buʼaa gaarii argamsiisuu mannaa, yeroo baayʼee rakkinaa fi duʼaa geessisa. Wantoonni kun hundi wanti Solomoon Mootichi, “Yeroon inni tokko warra kaan irratti moʼee isaan miidhus jira” jedhee dubbate dhugaa taʼuu isaa mirkaneessu.—Lal. 8:9.
3. Gammachuu dhugaa argachuuf maal gochuu dandeenya?
3 Yaaqoob baratichi, gammachuu dhugaa argachuuf wanti baayʼee barbaachisaa taʼe maal akka taʼe dubbateera. Akkana jedhee barreesseera: “Namni seera bilisummaa argamsiisu isa mudaa hin qabne sana xiyyeeffannaadhaan ilaaluu fi hordofuu isaa itti fufu, . . . gammachuu argata.” (Yaq. 1:25) Yihowaan inni seera mudaa hin qabne kana kenne, ilmaan namootaa gammachuu guutuu argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe eenyu iyyuu caalaa beeka. Hiriyoota gaaʼelaa jalqabaatiif, bilisummaa dhugaa dabalatee wanta gammachuu argachuuf isaan barbaachisu hundumaa isaaniif kennee ture.
ILMAAN NAMOOTAA BILISUMMAA DHUGAA QABU TURAN
4. Addaamii fi Hewwaan bilisummaa akkamii qabu turan? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
4 Kitaaba Seera Uumamaa irraa boqonnaawwan jalqabaa lamaan yeroo dubbisnu, Addaamii fi Hewwaan bilisummaa dhugaa argatanii akka turan, jechuunis rakkina, sodaa fi hacuuccaa irraa bilisa akka turan hubachuu dandeenya; namoonni yeroo harʼaa jiran bilisummaa akkasii argachuuf hawwu malee hin qaban. Hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa yaaddoo nyaataa, hojii, dhukkubaa fi duʼaa irraa guutummaatti bilisa turan. (Uma. 1:27-29; 2:8, 9, 15) Kana jechuun garuu, bilisummaan Addaamii fi Hewwaan qaban daangaa hin qabu ture jechuu dhaa? Mee haa ilaallu.
5. Karaa namoonni baayʼeen itti yaadan irraa haala adda taʼeen, namoonni bilisummaa akka argatan maaltu isaan barbaachisa?
5 Namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeen bilisummaa dhugaa argachuuf, maal iyyuu kan isaan irra geessisu yoo taʼe, wanta barbaadan kam iyyuu gochuu akka qaban isaanitti dhagaʼama. Kitaabni Za Worlid Buuk Insaayikilooppeediyaa jedhamu, bilisummaan “dandeettii filannoo gochuu fi wanta filanne sana hojii irra oolchuu” akka taʼe dubbateera. Taʼus itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Gama seeraatiin immoo namoonni bilisummaa qabu kan jedhamu, hawaasni daangaa haqa qabeessa, barbaachisaa fi amansiisaa hin taane yoo isaan irra kaaʼuu baate dha.” Kun, bilisummaa argame irraa namni hundumtuu akka fayyadamuuf daangaawwan tokko tokko jiraachuun isaanii barbaachisaa akka taʼe argisiisa. Gaaffiin kaʼu garuu, daangaan kaaʼamu haqa qabeessa, barbaachisaa fi amansiisaa dha jedhee murteessuuf mirga kan qabu eenyu dha? kan jedhu dha.
6. (a) Bilisummaa daangaa hin qabne kan qabu Yihowaa qofa kan taʼe maaliifi? (b) Ilmaan namootaa bilisummaa akkamii qabaachuu dandaʼu? Maaliif?
6 Bilisummaa daangaa hin qabnee fi guutuu taʼe kan qabuu Yihowaa qofa akka taʼe sammuutti qabachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Maaliif? Wanta hundumaa kan uume isa waan taʼee fi Gooftaa uumama hundaa, waan hundumaa dandaʼu waan taʼeefi. (1 Xim. 1:17; Mul. 4:11) Daawit Mootichi jechoota namatti tolanitti fayyadamee iddoo ol aanaa adda taʼe kan qabu Yihowaa qofa taʼuu isaa akka barreesse yaadadhu. (1 Seenaa 29:11, 12 dubbisi.) Kanaafuu, uumamawwan samii irra jiranis taʼe lafa irra jiran hundi bilisummaa daangeffame qabu. Yihowaan daangaa haqa qabeessa, barbaachisaa fi amansiisaa dha jedhee murteesse isaan irra kaaʼuuf aangoo guutuu akka qabu hubachuu qabu. Wanti Yihowaan namoota jalqaba irratti uume wajjin haala wal qabateen godhes kanuma dha.
7. Wantoonni utuu itti hin yaadin uumamumaan raawwannuu fi gammachuu nuuf argamsiisan tokko tokko kamfaʼi?
7 Addaamii fi Hewwaan jalqaba irratti karaa baayʼeedhaan bilisummaa kan qaban taʼus, daangaan isaan irra kaaʼamee ture. Daangaawwan tokko tokko wanta uumamaan jiran taʼanis, daangaa taʼuun isaanii hin oolle. Fakkeenyaaf, warri keenya jalqabaa kun jireenyi isaanii akka itti fufuuf hafuura baafachuun, nyaachuun, rafuunii fi wantoonni kana fakkaatan akka isaan barbaachisan beeku turan. Wantoota kana gochuu kan qaban taʼuun isaa bilisummaa akka isaan dhabsiise isaanitti dhagaʼamee turee? Lakki. Yihowaan, wantoonni yeroo hundumaa godhamuu qaban kun illee gammachuu isaaniif argamsiisuu akka dandaʼan beeka ture. (Far. 104:14, 15; Lal. 3:12, 13) Qilleensa qulqulluu nama haaromsu fudhachuudhaan, nyaata jaallatu nyaachuudhaan ykn hirriba gaarii rafee dammaquudhaan namni hin gammanne jiraa? Wantoota barbaachisaa taʼan kana dirqama ykn baʼaa akka taʼan utuu nutti hin dhagaʼamin gammachuudhaan raawwanna. Addaamii fi Hewwaanis akkuma kana itti dhagaʼamee akka ture hin shakkisiisu.
8. Waaqayyo warra keenya jalqabaatiif ajaja akkamii kenne? Kaayyoon isaa hoo maal ture?
8 Yihowaan, Addaamii fi Hewwaan lafa akka guutanii fi akka kunuunsan isaan ajajee ture. (Uma. 1:28) Ajajni kun karaa taʼe tokkoon bilisummaa kan isaan dhabsiisu turee? Gonkummaa akkas miti! Kana gochuun isaanii, kaayyoo Uumaan lafa kana jannata ilmaan namootaa mudaa hin qabne bara baraaf irra jiraatan gochuuf qabu irratti akka hirmaatan kan isaan dandeessisu ture. (Isa. 45:18) Yeroo harʼaatti, namoonni utuu gaaʼela hin godhatin jiraachuuf ykn gaaʼela godhatanii ijoollee utuu hin godhatin jiraachuuf filachuun isaanii fedhii Yihowaa wajjin kan wal faallessu miti. Taʼus garuu, namoonni baayʼeen rakkina geessisu dandaʼanii gaaʼela ni godhatu, ijoollees ni guddisu. (1 Qor. 7:36-38) Maaliif? Yeroo baayʼee namoonni kana gochuudhaan gammachuu waan argataniifi. (Far. 127:3) Addaamii fi Hewwaan gaaʼela isaaniittii fi maatii isaaniitti bara baraaf gammadanii jiraachuu ni dandaʼu turan.
BILISUMMAA DHUGAAN KAN DHABAME AKKAMITTI?
9. Ajajni Waaqayyo Uumama 2:17 irratti kenne haaqa qabeessa, barbaachisaa fi amansiisaa kan hin taane miti kan jennu maaliifi?
9 Yihowaan, Addaamiif ajaja yoo cabse duʼa geessisuu dandaʼu kan biraa kenneef. “Ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta” isaan jedhe. (Uma. 2:17) Ajajni kun haqa qabeessa, barbaachisaa ykn amansiisaa karaa itti hin taane qabaa? Addaamii fi Hewwaaniin hoo bilisummaa kan dhabsiisu turee? Gonkumaa. Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun iyyuu, ajajni kun sirrii fi hubannaadhaan kan kenname taʼuu isaa dubbataniiru. Fakkeenyaaf, hayyuun tokko akkana jedhaniiru: ‘Ajajawwan Waaqayyo [Uumama 2:16, 17] irratti kenne wanta namootaaf gaarii taʼee fi gaarii hin taane kan beeku isa qofa akka taʼe agarsiisu. Ilmaan namootaa “wanta gaarii” sana argachuuf Waaqayyotti amanamuu fi isaaf ajajamuu qabu. Hin ajajaman taanaan, wanta gaarii taʼee fi hin taane of isaaniitiif murteeffachuu qabu jechuu dha.’ Kun immoo baʼaa namoonni ofii isaaniitiin baachuu hin dandeenye dha.
10. Mirga filannaa, mirgaa wanta gaarii fi gadhee murteessuu wajjin waliin dhahuu kan hin qabne maaliifi?
10 Namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeen, ajaja Waaqayyo Addaamiif kenne yeroo dubbisanitti, Addaam wanta barbaade gochuuf bilisummaa isa dhowwateera jedhanii yaadu. Yommuu akkana jedhan, mirgaa filannaa, mirga wanta gaarii taʼee fi gaarii hin taanee murteessuu wajjin waliin dhahaa jiru. Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof ajajamuu ykn ajajamuu dhiisuu filachuuf bilisummaa qabu turan. Haa taʼu malee, akkuma “mukti hamaaf gaarii ittiin beekan” inni dhaaba Eeden keessa ture argisiisu, wanta gaarii taʼee fi gadhee taʼe karaa mudaa hin qabneen murteessuuf mirga kan qabu Yihowaa qofa dha. (Uma. 2:9) Filannoon goonu maal akka geessisu yeroo hunda beekuu hin dandeenyu; caalaatti immoo filannoon goonu yeroo hunda buʼaa gaarii akka nuuf argamsiisu gochuu hin dandeenyu. Yeroo baayʼee namoonni ilaalcha gaariidhaan kakaʼanii filannoo ykn murtoo kan godhan taʼus, rakkinni, balaanii fi gaddi kan isaan irra gaʼu kanaafi. (Fak. 14:12) Ilmaan namootaa hanqina kan qaban taʼuun isaa gama kanaan gaʼee guddaa qaba. Yihowaan, ajaja Addaamii fi Hewwaaniif kenneen bilisummaa dhugaatti akkamitti akka fayyadaman jaalalaan isaan barsiiseera. Kana kan godhe akkamitti? Hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa kun hoo deebii gaarii kennaniiruu?
11, 12. Filannoon Addaamii fi Hewwaan godhan balaa kan geessise maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
11 Abbaa fi haati keenya jalqabaa kun ajajamuu diduu filataniiru. Hewwaan abdii Seexanni ‘iji keessan ni banama, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo ni taatu’ jechuudhaan ishiidhaaf kenne dandamachuu hin dandeenye. (Uma. 3:5) Filannoon Addaamii fi Hewwaan godhan, booda irratti karaa taʼe tokkoon bilisummaa dabalataa isaaniif argamsiiseeraa? Hin argamsiisne. Filannoon godhan, wanta Seexanni akka taʼu dubbate isaaniif hin argamsiisne. Kanaa mannaa, akkuma isaanis utuu baayʼee hin turin hubatan, qajeelfama Yihowaa diduunii fi karaa ofii isaanii irra deemuun balaa geessiseera. (Uma. 3:16-19) Kun kan taʼe maaliifi? Yihowaan ilmaan namootaatiif mirga ofii isaaniitiif wanta gaarii taʼee fi gadhee taʼe murteessuu waan hin kennineefi.—Fakkeenya 20:24; Ermiyaas 10:23 dubbisi.
12 Haala kana nama xiyyaara oofu tokko wajjin wal fakkeessuu dandeenya. Iddoo yaade rakkina tokko malee gaʼuuf, daandii heyyamame irra balaliʼuu fi meeshaalee xiyyaaricha irra jiranitti fayyadamuu qaba. Kana malees, xiyyaara kan biraa wajjin akka walitti hin buuneef namoota garamitti akka balaliʼu, yoom akka kaʼuu fi qubatu qajeelfama isaaf kennan wajjin wal qunnamuu qaba. Haa taʼu malee, namni kun qajeelfama kana tuffatee karaa ofii barbaade irra kan balaliʼu yoo taʼe, balaa guddaan gaʼuu dandaʼa. Akkuma nama xiyyaara oofu kanaa, Addaamii fi Hewwaanis karaa ofii isaanii irra deemuu barbaadan. Qajeelfama Waaqni isaaniif kenne fudhachuu didan. Maaltu taʼe ree? Dhuma irratti balaa guddaa, jechuunis ofii isaanii irrattis taʼe sanyii isaanii irratti cubbuu fi duʼa geessisaniiru. (Rom. 5:12) Ofiif murteeffachuu barbaaduun isaanii, bilisummaa dhugaa isaaniif kennamee ture isaan dhabsiise.
BILISUMMAA DHUGAAN KAN ARGAMU AKKAMITTI?
13, 14. Bilisummaa dhugaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Namoonni bilisummaa dabalataa yoo argatan jireenyi isaanii caalaatti gaarii akka taʼu yaadu; dhugaan isaa garuu, bilisummaan daangaa hin qabne miidhaa hin eegamnes geessisuu dandaʼa. Dhugaa dha, bilisummaan faayidaa hedduu qaba; taʼus, addunyaa irratti namni hundumtuu wanta barbaade hunda akka godhu utuu gadhiifamee haala nama naasisutu jiraata ture. Kanaan kan kaʼes, kitaabni Za Worlid Buuk Insaayikilooppeediyaa jedhamu akkana jedheera: “Seerawwan hawaasa gurmaaʼe hunda keessatti baʼan bilisummaa daangaa qabuu fi dhorkaawwan wal xaxaa taʼaniin kan guutamani dha.” “Wal xaxaa” jedhamuun isaa sirrii dha. Abukaatoowwanii fi abbootii seeraa hedduu seerawwan kana hiikanii fi raawwachiisan illee utuu dhiisnee, seerumti namoonni barreessan illee jildii hedduudhaan argama.
14 Kana irraa haala adda taʼeen, Yesuus Kiristoos karaa salphaa bilisummaa dhugaan ittiin argamu ibseera. Akkana jedhe: “Isin dubbii kootti yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti; dhugaas ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa.” (Yoh. 8:31, 32) Qajeelfamni Yesuus bilisummaa dhugaa argachuu ilaalchisee kenne, ulaagaa lama of keessatti kan qabate dha: Tokkoffaa, dhugaa inni barsiise fudhachuu; lammaffaa immoo, barataa isaa taʼuu dha. Wantoota kana gochuun bilisummaa dhugaa argamsiisa. Garuu maal irraa bilisa taana? Yesuus waaʼee kanaa yeroo ibsu, “Namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti. . . . Ilmi bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni baatu” jedheera.—Yoh. 8:34, 36.
15. Bilisummaan Yesuus akka argannu abdachiise, ‘dhugama bilisa nu baasuu’ kan dandaʼu maaliifi?
15 Bilisummaan Yesuus barattoonni isaa akka argatan abdii kenne, bilisummaa hawaasaa ykn siyaasaa namoonni yeroo ammaa argachuu hawwan irra baayʼee kan caalu dha. Yesuus, “Ilmi bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni baatu” yommuu jedhu, hidhaa fi hacuuccaa ilmaan namootaa irra jiru isa guddaa, jechuunis ‘garbummaa cubbuu’ jalaa bilisa akka nu baasu dubbachuu isaa ture. Cubbuun wanta gadhee akka raawwannu qofa utuu hin taʼin, wanta sirrii akka taʼe beeknu akka hin goone ykn wanta dandeettii isaa akka qabnu beeknu illee akka hin raawwanne nu dhowwuu dandaʼa. Kanaafuu, nuti garboota cubbuu ti; kun immoo abdii akka kutannu, akka dhiphannu, akka rakkannuu fi dhuma irratti immoo akka duunu godha. (Rom. 6:23) Phaawulos ergamaan dhiphinaa fi rakkina akkanaa argeera. (Roomaa 7:21-25 dubbisi.) Bilisummaa dhugaa warri keenya isaan jalqabaa argatanii turan argachuuf abdachuu kan dandeenyu, garbummaa cubbuu irraa bilisa yoo baane qofa dha.
16. ‘Dhuguma bilisa baʼuu’ kan dandeenyu akkamitti?
16 Yesuus “dubbii kootti yoo jiraattan” jechuun isaa, karaa isaatiin bilisa baʼuuf ulaagaaleen ykn daangaawwan tokko tokko akka jiran argisiisa. Kiristiyaanota of murteessine waan taaneef of ganneerra, akkasumas barumsa Kiristoos barattoota isaa barsiise keessaa utuu hin baʼin jiraachuu filanneerra. (Mat. 16:24) Akkuma Yesuus abdachiise, aarsaan inni dhiheesse yeroo guutummaatti hojii irra nuuf oolu dhugumaan bilisa baana.
17. (a) Wanti jireenyi keenya kaayyoo fi gammachuu dhugaa akka qabaatu godhu maali? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?
17 Barumsa Kiristoosiif bitamuun keenya, akkuma barattoota isaa jireenya kaayyoo fi gammachuu qabu akka jiraannu nu gargaara. Kun immoo, garbummaa cubbuu fi duʼaa irraa guutummaatti bilisa baʼuuf abdii akka qabaannu godha. (Roomaa 8:1, 2, 20, 21 dubbisi.) Mata duree itti aanu irratti, Yihowaa isa Waaqa madda bilisummaa taʼeef ulfina kennuuf bilisummaa amma qabnutti akkamitti ogummaadhaan fayyadamuu akka dandeenyu ilaalla.