BOQONNAA 19
“Ogummaa Waaqayyoo Isa Iccitii Qulqulluu Keessa Jiru”
1, 2. ‘Iccitii qulqulluun’ xiyyeeffannaa keenya harkisuu qabu isa kami? Maaliifi?
ICCITII! Wanti iccitii taʼe tokko xiyyeeffannaa namaa waan harkisuuf, waan nama ajaaʼibsiisuu fi waan nama hawwisiisuuf, namoonni baayʼeen wanta akkasii dhoksuun isaanitti ulfaata. Kitaabni Qulqulluun garuu, “Iccitii eeguun Waaqayyoof ulfina argamsiisa” jedha. (Fakkeenya 25:2) Eeyyee, Yihowaan Bulchaa Ol Aanaa fi Uumaa waan taʼeef, hamma yeroon isaa gaʼutti wantoota tokko tokko ilmaan namootaa dhoksuuf mirga qaba.
2 Haa taʼu malee, Yihowaan iccitii ajaaʼibsiisaa tokko Dubbii isaa keessatti ifa nuu godheera. Iccitiin kun “iccitii qulqulluu waaʼee fedhii [Waaqayyoo] ibsu” jedhama. (Efesoon 1:9) Waaʼee iccitii kanaa barachuun, fedhii waa beekuuf qabdu sii guutuu caalaa faayidaa qaba. Iccitii kana beekuun kee fayyina kan siif argamsiisu taʼuu isaa irra iyyuu, ogummaa Yihowaa isa gita hin qabne hamma tokko akka hubattu si gargaara.
Iccitii Sadarkaa Sadarkaadhaan Ifa Taʼe
3, 4. Raajiin Uumama 3:15 irratti galmeeffame abdii akkamii kenne? Raajiin kun hoo dhoksaa ykn “iccitii qulqulluu” akkamii qabateera?
3 Addaamii fi Hewaan yommuu cubbuu hojjetan, kaayyoon Yihowaan lafa kana jannata namoonni mudaa hin qabne irra jiraatan gochuuf qabu kan fashalaaʼe fakkaatee ture. Haa taʼu malee, Waaqayyo rakkinicha furuuf yeruma sana tarkaanfii fudhate. Akkas jedhe: “Anis sii [bofichaa] fi dubartittii gidduutti, sanyii kee fi sanyii ishii gidduuttis diinummaan akka jiraatu nan godha. Inni mataa kee ni buruqsa, ati immoo koomee isaa ni madeessita.”—Uumama 3:15.
4 Yaanni kun salphaatti kan namaa hin gallee fi dhokataa ture. Dubartittiin eenyu? Bofichi eenyu? ‘Sanyichi’ mataa bofichaa buruqsu hoo eenyu? Addaamii fi Hewaan deebii gaaffiiwwan kanaa sirriitti beekuu hin dandaʼan. Haa taʼu malee, wanti Waaqayyo dubbate sanyii isaanii amanamoo taʼan hundaaf abdii kan kennu ture. Qajeelummaan ni injifata. Kaayyoon Yihowaas ni raawwatama. Garuu akkamitti? Kun iccitii ture! Kitaabni Qulqulluun kun “ogummaa Waaqayyoo isa iccitii qulqulluu keessa jiru, jechuunis ogummaa isa dhokataa” akka taʼe dubbata.—1 Qorontos 2:7.
5. Yihowaan iccitii isaa sadarkaa sadarkaadhaan ifa kan godhu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.
5 Yihowaan Waaqa “iccitii mulʼisu” waan taʼeef, yeroo booda iccitiiwwan kun akkamitti akka ifa taʼan ibsa barbaachisaa taʼe ni kenna. (Daaniʼel 2:28) Haa taʼu malee, kana kan godhu suutuma suuta sadarkaa sadarkaadhaani. Fakkeenyaaf, abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko mucaan isaa, “Abbaa, ani akkamittan dhaladhe?” jedhee yommuu isa gaafatu akkamitti deebii akka kennuuf yaaduu dandeenya. Abbaan ogeessa taʼe, odeeffannoo mucaan sun hubachuu dandaʼu qofa itti hima. Mucichi yeroo guddachaa deemu garuu, odeeffannoo dabalataa kennaaf. Yihowaanis, iccitiiwwan fedha isaa fi kaayyoo isaa wajjin wal qabatan saba isaatiif yoom akka ibsu ni murteessa.—Fakkeenya 4:18; Daaniʼel 12:4.
6. (a) Kakuun ykn walii galteen faayidaa akkamii qaba? (b) Yihowaan ilmaan namootaa wajjin kakuu galuun isaa kan nama dinqisiisu maaliifi?
6 Yihowaan iccitiiwwan kana ifa kan godhe akkamitti? Kakuu ykn walii galtee yeroo adda addaatti godhametti fayyadamee iccitiiwwan hedduu ifa godheera. Tarii atis yeroo taʼe tokkotti mana bituuf ykn qarshii liqeeffachuuf ykn liqeessuuf walii galtee tokko gootee taʼuu dandaʼa. Walii galteen akkasii, wanti irratti walii galame akka raawwatamuuf wabii seera godhata. Haa taʼu malee, Yihowaan namootaa wajjin kakuu galuun ykn walii galtee gochuun kan isa barbaachise maaliifi? Yihowaan wanta tokko akka raawwatu dubbachuun isaa qofti gaʼaa akka taʼe beekamaa dha. Taʼus, gaarummaadhaan kakaʼee abdiin inni kenne walii galtee seeraatiin akka cimu godheera. Walii galteen dirqama keessa nama galchu akkasii, ilmaan namootaa cubbamoota taʼan abdiiwwan Yihowaan kenne irratti caalaatti amantii qabaachuuf isaan gargaara.—Ibroota 6:16-18.
Kakuu Abrahaamii Wajjin Galame
7, 8. (a) Yihowaan Abrahaamii wajjin kakuu akkamii gale? Kun hoo iccitii qulqulluu ifa kan godhe akkamitti? (b) Yihowaan hidda dhalootaa Sanyicha abdachiifamee sadarkaa sadarkaadhaan ifa kan godhe akkamitti?
7 Addaamii fi Hewaan Jannata keessaa erga ariʼamanii waggaa kuma lamaa ol booda, Yihowaan tajaajilaa isaa Abrahaam isa amanamaa taʼeen akkas jedheera: “Dhugumaan sanyii kee akka urjiilee samii . . . nan baayʼisa; . . . Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin ofii isaaniitiif eebba ni argatu.” (Uumama 22:17, 18) Kun abdii qofa miti; Yihowaan abdii kenne kana waadaa seera qabeessaa fi kakuudhaan cimseera. (Uumama 17:1, 2; Ibroota 6:13-15) Gooftaa Ol Aanaan ilmaan namootaa eebbisuuf isaanii wajjin walii galtee gochuun isaa nama hin dinqisiisuu?
“Sanyii kee akka urjiilee samii . . . nan baayʼisa”
8 Kakuun Abrahaamii wajjin galame, Sanyichi abdachiifame karaa sanyii Abrahaam waan dhufuuf nama akka taʼu ifa godheera. Haa taʼu malee namni kun eenyu dha? Yeroo booda Yihowaan, ilmaan Abrahaam keessaa Yisihaaq akaakilii Sanyichaa akka taʼu ifa godheera. Ilmaan Yisihaaq lamaan keessaa immoo kan filatame Yaaqoob dha. (Uumama 21:12; 28:13, 14) Yeroo booda Yaaqoob ilmaan isaa 12n keessaa waaʼee isa tokkoo raajii akkas jedhu dubbateera: “Hamma Shiiloon [ykn, “Inni Isaaf Malu,” miiljalee] dhufutti, uleen mootii Yihudaa keessaa, uleen ajajaas miila isaa gidduudhaa hin baʼu; saboonnis isaaf ni ajajamu.” (Uumama 49:10) Yeroo kanatti, Sanyichi mootii karaa hidda dhalootaa Yihudaa dhufu taʼuun isaa ni beekame!
Kakuu Israaʼelii Wajjin Galame
9, 10. (a) Yihowaan Israaʼelotaa wajjin kakuu akkamii gale? Kakuun kun hoo eegumsa akkamii isaanii godheera? (b) Seerichi ilmaan namootaaf furiin akka barbaachisu kan argisiise akkamitti?
9 Dhaloota Kiristoos Dura bara 1513tti Yihowaan iccitii kana caalaatti ifa nuu gochuuf qophii godheera. Saba Israaʼel warra sanyii Abrahaam taʼanii wajjin kakuu tokko gale. Kakuun Seera Musee yeroo ammaatti hojii irra kan hin jirre taʼus, kaayyoo Yihowaan Sanyicha abdachiifame argamsiisuuf qabu keessatti shoora guddaa taphateera. Akkamitti? Karaawwan sadiini. Tokkoffaa, Seerichi akka girgiddaatti isaan eegeera. (Efesoon 2:14) Yihudoonnii fi saboonni kaan akka walitti hin makamne godheera. Akka kanaan Seerichi, hiddi dhalootaa Sanyicha abdachiifamee akka eegamu godheera. Eegumsa kanaan kan kaʼe, yeroon Waaqayyo Masiihichi gosa Yihudaa keessaa akka dhalatu murteesse yommuu gaʼetti, sabichi jiraachuu dandaʼeera.
10 Lammaffaa, Seerichi ilmaan namootaatiif furiin akka barbaachisu argisiiseera. Seerri kun mudaa kan hin qabne waan tureef, ilmaan namootaa cubbamoota taʼan guutummaatti seericha eeguu akka hin dandeenye ifa godheera. Akka kanaan, “hanga sanyichi inni waadaan galameef sun dhufutti, dogoggora namoonni hojjetan mulʼisuuf” tajaajileera. (Galaatiyaa 3:19) Seerichi, Israaʼelonni aarsaa horiitiin cubbuu isaaniitiif dhiifama akka argatan qophii godheera. Haa taʼu malee, akkuma Phaawulos barreesse, “dhiigni jibootaa fi dhiigni reʼootaa cubbuu balleessuu hin dandaʼu” waan taʼeef, aarsaawwan kun aarsaa furii Kiristoos dhiheesseef gaaddidduu qofa turan. (Ibroota 10:1-4) Kanaafuu, kakuun sun Yihudoota amanamoodhaaf, ‘guddiftuu gara Kiristoositti geessu’ ture.—Galaatiyaa 3:24.
11. Kakuun Seerichaa, saba Israaʼeliif abdii dinqisiisaa akkamii argamsiisee ture? Haa taʼu malee, sabichi akka sabaatti abdii kana kan dhabe maaliifi?
11 Sadaffaa, kakuun sun saba Israaʼeliif abdii dinqisiisaa argamsiiseera. Yihowaan, sabichi kakuu kanaaf amanamoo yoo taʼan, “mootummaa lubootaa fi saba qulqulluu” akka taʼan isaanitti himee ture. (Baʼuu 19:5, 6) Yeroo booda Israaʼelonni miseensota jalqabaa mootummaa lubootaa isa samii kana argamsiisuu dandaʼaniiru. Haa taʼu malee, akka sabaatti kakuu Seerichaa fi Masiihicha waan mormaniif abdii sana dhabaniiru. Maarree, mootummaa lubootaa kana guutuu gochuu kan dandaʼu eenyu? Sabni eebba Yihowaa argatu sun Sanyicha abdachiifamee wajjin walitti dhufeenya kan qabaatu hoo akkamitti? Iccitiiwwan kun yeroo Waaqayyo murteessetti ifa ni taʼu.
Kakuu Mootummaa, Daawit Wajjin Godhame
12. Yihowaan Daawitii wajjin kakuu akkamii gale? Kun hoo iccitii Waaqayyoo ifa kan godhe akkamitti?
12 Yihowaan, Dh.K.D. jaarraa 11ffaatti kakuu kan biraa galuudhaan iccitiin sun caalaatti akka ifa taʼu godheera. Daawit Mootichaaf abdii akkana jedhu kenne: “Sanyii kee isa si booda dhufu, . . . nan kaasa; mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba . . . teessoo mootummaa isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba.” (2 Saamuʼel 7:12, 13; Faarfannaa 89:3) Yeroo kanatti Sanyichi abdachiifame, hidda dhalootaa Daawit irraa akka dhufu beekame. Haa taʼu malee, namni tokko bara baraaf bulchuu dandaʼaa? (Faarfannaa 89:20, 29, 34-36) Namni Mootii taʼu kun hoo ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa irraa oolchuu ni dandaʼaa?
13, 14. (a) Akka Faarfannaan 110 ibsutti, Yihowaan Mootii dibeef waadaa akkamii gale? (b) Raajonni Yihowaa waaʼee Sanyicha abdachiifamee wantoota dabalataa akkamii ibsaniiru?
13 Daawit hafuura qulqulluudhaan kakaʼee, “Yihowaan Gooftaa kootiin, ‘Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti Mirga koo taaʼi’ jedheera. Yihowaan, ‘Ati akkuma Malkiseedeq Bara baraaf luba dha!’ jedhee kakateera, yaada isaas hin jijjiiru” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 110:1, 4) Wanti Daawit dubbate kun kallattiidhaan Masiihicha isa Sanyicha abdachiifame taʼe irratti raawwatameera. (Hojii Ergamootaa 2:35, 36) Mootiin kun kan bulchu Yerusaalem keessaa utuu hin taʼin, samii irra “mirga” Yihowaa taaʼee ti. Kun immoo biyya Israaʼel irratti qofa utuu hin taʼin, guutummaa addunyaa irratti aangoo akka qabaatu godha. (Faarfannaa 2:6-8) As irratti yaanni kan biraanis ifa taʼeera. Yihowaan, Masiihichi “akkuma Malkiseedeq . . . luba” akka taʼu kakuu cimaa galuu isaa dubbateera. Akkuma Malkiisedeq bara Abrahaamitti mootiis lubas taʼee tajaajilaa ture, Waaqayyo Sanyichi inni dhufu Mootii fi Luba taʼee akka tajaajilu kallattiidhaan isa muuda.—Uumama 14:17-20.
14 Yihowaan iccitii qulqulluu kana caalaatti ifa gochuuf waggoota hedduuf raajota isaatti fayyadamaa tureera. Fakkeenyaaf Isaayyaas, Sanyichi duʼuudhaan aarsaa akka taʼu ibsee ture. (Isaayyaas 53:3-12) Miikiyaas bakka Masiihichi itti dhalatu raajiidhaan dubbateera. (Miikiyaas 5:2) Daaniʼel immoo adda baasee Sanyichi yoom akka mulʼatuu fi yoom akka ajjeefamu raajii dubbateera.—Daaniʼel 9:24-27.
Iccitii Qulqulluun Guutummaatti Ifa Taʼe!
15, 16. (a) Ilmi Yihowaa “dubartii irraa” kan dhalate akkamitti? (b) Yesuus warra isaa irraa maal dhaale? Sanyii abdachiifame taʼuudhaan kan mulʼate hoo yoomi?
15 Hamma Sanyichi mulʼatetti, raajiiwwan kun akkamitti akka raawwataman iccitii ture. Galaatiyaa 4:4, “Yeroon murteeffame sun yommuu xumuramu, Waaqayyo Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate . . . ni erge” jedha. Dhaloota Kiristoos Dura bara 2tti maleekaan tokko durba Yihudii Maariyaam jedhamtuun akkas jedhee ture: “Kunoo, ulfooftee ilma ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta. Inni guddaa ni taʼa; Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama; Yihowaanis teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna. . . . Hafuurri qulqulluun si irra buʼa, humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan kaʼes mucaan dhalatu qulqullicha, Ilma Waaqayyoo jedhama.”—Luqaas 1:31, 32, 35.
16 Achiis Yihowaan jireenya Ilma isaa samii irraa gara gadameessa Maariyaamitti naannessuudhaan dubartii irraa akka dhalatu godheera. Maariyaam dubartii cubbuu dhaalte turte. Taʼus Yesuus “Ilma Waaqayyoo” waan taʼeef, ishii irraa cubbuu hin dhaalle. Warri Yesuus sanyii Daawit taʼuun isaanii, Yesuus dhalootaanis taʼe gama seeraatiin dhaaltuu Daawit taʼuuf mirga akka qabaatu isa godheera. (Hojii Ergamootaa 13:22, 23) Dhaloota Kiristoos Booda bara 29tti yeroo Yesuus cuuphame, Yihowaan hafuura qulqulluudhaan isa dibuudhaan, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha” jedheera. (Maatewos 3:16, 17) Yeroo kanatti Sanyichi ni mulʼate! (Galaatiyaa 3:16) Yeroon kun, yeroo iccitiin sun caalaatti ifa taʼu dha.—2 Ximotewos 1:10.
17. Raajiin Uumama 3:15 irratti ibsame ifa kan taʼe akkamitti?
17 Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turetti, bofti Uumama 3:15 irratti ibsame Seexana taʼuu isaa fi sanyiin bofichaa immoo duuka buutota Seexanaa taʼuu isaanii ibseera. (Maatewos 23:33; Yohaannis 8:44) Boodas, Seexannii fi duuka buutonni isaa hundi bara baraaf akkamitti akka balleeffaman ifa taʼe. (Mulʼata 20:1-3, 10, 15) Dubartittiin immoo, ‘Yerusaalem ishii olii’ ykn haadha manaa Waaqayyoo, jechuunis kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii uumamawwan hafuuraa qabatte akka argisiistu ifa taʼe.a—Galaatiyaa 4:26; Mulʼata 12:1-6.
Kakuu Haaraa
18. Kaayyoon “kakuu haaraa” maali dha?
18 Tarii waaʼee iccitii kanaa wanta dinqisiisaa kan ibse galgala duʼuu isaa dura yeroo barattoota isaa amanamootti waaʼee “kakuu haaraa” himetti taʼuu hin oolu. (Luqaas 22:20) Akkuma kakuu Seera Musee, kakuun haaraanis “mootummaa lubootaa” kan argamsiisu dha. (Baʼuu 19:6; 1 Pheexiros 2:9) Haa taʼu malee, kakuun kun kan hundeeffamu saba fooniitiin utuu hin taʼin, saba hafuuraa “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamanii fi duuka buutota Kiristoos warra dibamoo taʼaniin qofa dha. (Galaatiyaa 6:16) Namoonni kakuu haaraa kana keessatti hammataman kun, Yesuusii wajjin taʼanii ilmaan namootaatiif eebba argamsiisuu irratti hirmaatu!
19. (a) Kakuu haaraan “mootummaa lubootaa” argamsiisuu kan dandaʼe maaliifi? (b) Kiristiyaanonni dibamoon “uumama haaraa” kan jedhaman maaliifi? Warri samii irratti Kiristoosii wajjin tajaajilan meeqa dha?
19 Kakuu haaraan, “mootummaa lubootaa” isa ilmaan namootaatiif eebba fidu argamsiisuu kan dandaʼe garuu maaliifi? Kakuun kun, duuka buutonni Kiristoos cubbamoota akka taʼan isaanitti murteessuu mannaa, karaa aarsaa Yesuusiin dhiifama cubbuu akka argatan waan godhuufi. (Ermiyaas 31:31-34) Kanaafuu Yihowaan isa duratti ejjennoo qulqulluu akka qabaatan, miseensota maatii isaa isa samii akka taʼanii fi hafuura qulqulluudhaan akka dibaman godheera. (Roomaa 8:15-17; 2 Qorontos 1:21) Kanaan kan kaʼes, ‘abdii jiraataa taʼeef akka haaraatti akka dhalatan godheera, kunis samii keessa isaaniif kaaʼameera.’ (1 Pheexiros 1:3, 4) Sadarkaan ol aanaan kun ilmaan namootaatiif guutummaatti haaraa waan taʼeef, Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman, “uumama haaraa” jedhamaniiru. (2 Qorontos 5:17) Kitaabni Qulqulluun, namoonni 144,000 taʼan kun, dhuma irratti samii irra taaʼanii ilmaan namootaa furaman bulchuu irratti akka hirmaatan ibsa.—Mulʼata 5:9, 10; 14:1-4.
20. (a) Dhaloota Kiristoos Booda bara 36tti iccitii qulqulluu ilaalchisee wanti ifa taʼe maali dha? (b) Abdii Abrahaamiif kenname irraa kan fayyadaman eenyu faʼi?
20 Kiristiyaanonni dibamoon kun Yesuusii wajjin “sanyii Abrahaam” taʼaniiru.b (Galaatiyaa 3:29) Jalqaba kan filataman Yihudoota keessaa turan. Dhaloota Kiristoos Booda bara 36tti garuu iccitii kan biraan ni mulʼate: Namoonni saboota kaan keessaa taʼan ykn Yihudoota hin taanes samii irra jiraachuuf abdii qabaachuun isaanii ifa taʼe. (Roomaa 9:6-8; 11:25, 26; Efesoon 3:5, 6) Haa taʼu malee, eebbawwan Abrahaamiif waadaa galaman kan argatan Kiristiyaanota dibamoo qofadhaa? Miti. Aarsaan Yesuus guutummaa addunyaa kan fayyadu dha. (1 Yohaannis 2:2) Yeroo booda, Yihowaan “tuutni uummataa guddaan” lakkoofsi isaanii hammana hin jedhamne badiisa sirna Seexanaa kana irratti dhufu jalaa akka oolan ibseera. (Mulʼata 7:9, 14) Namoonni hedduun kaanis, bara baraaf Jannata keessa jiraachuuf duʼaa ni kaʼu!—Luqaas 23:43; Yohaannis 5:28, 29; Mulʼata 20:11-15; 21:3, 4.
Ogummaa Waaqayyoo fi Iccitii Qulqulluu
21, 22. Iccitii qulqulluun Yihowaa ogummaa isaa kan argisiisu karaawwan kamiini?
21 Iccitii qulqulluun ‘ogummaa Waaqayyoo isa bifawwan adda addaa hedduu qabu’ karaa dinqii taʼeen kan argisiisu dha. (Efesoon 3:8-10) Yihowaan iccitii kana qopheessuu fi suutuma suuta ifa gochuun isaa ogummaa guddaa akka qabu kan argisiisu mitii? Waaqayyo yeroo kana godhu humna namootaa tilmaama keessa galcheera; kun immoo akka isatti amanan argisiisuuf carraa akka argatan godheera.—Faarfannaa 103:14.
22 Yihowaan, Yesuus Mootii akka taʼu filachuudhaanis ogummaa guddaa akka qabu argisiiseera. Ilmi Yihowaa, uumamawwan uumama cufa keessatti argaman hunda caalaa amanamaa dha. Yesuus yeroo nama taʼee jiraachaa turetti rakkoowwan hedduun waan isa irra gaʼaniif, rakkina ilmaan namootaa guutummaatti ni hubata. (Ibroota 5:7-9) Warri Yesuusii wajjin bulchan hoo? Jaarraawwan hedduuf, dhiironnii fi dubartoonni sanyii, afaanii fi akkaataa guddinaa adda addaa keessaa filataman hafuura qulqulluudhaan dibamaa turaniiru. Rakkinni akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe isaan keessaa tokko tokko rakkinoota nu irra gaʼan keessa akka darban mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Efesoon 4:22-24) Bulchiinsa moototaa fi luboota gara laafeyyii taʼan kanaa jalatti buluun baayʼee nama gammachiisa!
23. Iccitii qulqulluu Yihowaa wajjin haala wal qabateen Kiristiyaanonni mirga akkamii argataniiru?
23 Phaawulos ergamaan, “iccitii qulqulluun kun sirnoota darbanii fi dhaloota darban jalaa dhokatee ture. Amma garuu warra qulqulloota isaa taʼaniif ifa taʼeera” jedhee barreesseera. (Qolosaayis 1:26) Eeyyee, dibamtoonni Yihowaaf qulqullaaʼan waaʼee iccitii qulqulluu kanaa waan hedduu hubataniiru; beekumsa kanas namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniif hiraa jiru. Hundi keenya mirga guddaa arganneerra! Yihowaan, “iccitii qulqulluu waaʼee fedhii isaa ibsu nutti [beeksiseera.]” (Efesoon 1:9) Nutis iccitii dinqisiisaa kana warra kaaniif hiruudhaan ogummaa Yihowaa isa gita hin qabne akka hubatan haa gargaarru!
a Kana malees, “Iccitii qulqulluun Waaqayyoof buluu” Yesuus irratti mulʼateera. (1 Ximotewos 3:16) Qaamni mudaa tokko malee Yihowaaf amanamaa taʼuu dandaʼu jiraachuu fi dhiisuun isaa, yeroo dheeraaf iccitii ykn dhoksaa ture. Yesuus yeroo Seexanni isa qore hundatti amanamummaa isaa eeguudhaan iccitii kana ifa godheera.—Maatewos 4:1-11; 27:26-50.
b Kana malees, Yesuus namoota kanaa wajjin “kakuu mootummaa” galeera. (Luqaas 22:29, 30) Kana jechuun Yesuus “tuuta xinnoo” kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam taʼan kanaa wajjin samii irratti bulchuuf walii galtee raawwateera jechuu dha.—Luqaas 12:32.