BOQONNAA KUDHA SADII
Kennaa Jireenyaatiif Ulfina Kenni
1. Jireenya kan nuuf kenne eenyu?
YIHOWAAN ‘Waaqa jiraataa dha.’ (Ermiyaas 10:10) Kan nu uumee fi jireenya kan nuu kenne isa dha. Kitaabni Qulqulluun, ‘Inni wantoota hundumaa akka uume, isaanis fedhii isaatiin gara jireenyaatti akka dhufanii fi akka uumaman’ dubbata. (Mulʼata 4:11) Eeyyee, Yihowaan akka jiraannu barbaada. Jireenyi kennaa guddaa isa irraa arganne dha.—Faarfannaa 36:9 dubbisi.
2. Jireenya keenya keessatti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Yihowaan wantoota jireenyaaf nu barbaachisan, kanneen akka nyaataa fi bishaanii nuu kenneera. (Hojii Ergamootaa 17:28) Hunda caalaa immoo, jireenya gammachuu qabu akka jiraannu barbaada. (Hojii Ergamootaa 14:15-17) Jireenya keenya keessatti milkaaʼina argachuuf seera Waaqayyootiif ajajamuu qabna.—Isaayaas 48:17, 18.
ILAALCHA WAAQAYYO JIREENYAAF QABU
3. Yihowaan Qaayin yeroo Abeeliin ajjeesetti maal godhe?
3 Kitaabni Qulqulluun, jireenyi keenyas taʼe kan warra kaanii Yihowaa duratti bakka guddaa akka qabu nu barsiisa. Fakkeenyaaf, Qaayin ilmi Addaamii fi Hewwaan, Abeel isa quxisuu isaatti yommuu baayʼee aare, aarii isaa akka toʼatu Yihowaan isa akeekkachiisee ture. Qaayin garuu akeekkachiisa kana fudhachuu mannaa, baayʼee aaree “obboleessa isaa Abeel irratti kaʼee isa ajjeese.” (Uumama 4:3-8) Yihowaan, Qaayin Abeeliin ajjeesuu isaatiin isa adabeera. (Uumama 4:9-11) Kanaaf, aarii fi jibbi, hamootaa fi gara jabeeyyii akka taanu waan nu godhaniif balaa qabu. Namni akkanaa jireenya bara baraa argachuu hin dandaʼu. (1 Yohaannis 3:15 dubbisi.) Yihowaa gammachiisuuf nama hunda jaallachuu barachuu qabna.—1 Yohaannis 3:11, 12.
4. Seerawwan Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne keessaa tokko waaʼee kennaa jireenyaa maal nu barsiisa?
4 Waggoota hedduu booda Yihowaan Museedhaaf Abboommiiwwan Kurnan yeroo kennetti jireenyaaf bakka guddaa akka kennu argisiiseera. Seerawwan sana keessaa inni tokko “Hin ajjeesin!” jedha. (Keessa Deebii 5:17) Namni tokko taʼe jedhee nama yoo ajjeese inni ykn ishiin ajjeefamuu qabu.
5. Waaqayyo ulfa baasuudhaaf ilaalcha akkamii qaba?
5 Waaqayyo ulfa baasuudhaaf ilaalcha akkamii qaba? Jireenyi mucaa hin dhalannee illee Yihowaa duratti gatii guddaa qaba. Yihowaan Seera Israaʼelootaaf kenne irratti, namni tokko dubartii ulfaa yoo miidhee fi sababii kanaan mucaan garaa ishii keessa jiru yoo duʼe namni sun ajjeefamuu akka qabu dubbateera. (Baʼuu 21:22, 23 dubbisi; Faarfannaa 127:3.) Kun ulfa baasuun dogoggora taʼuu isaa nu barsiisa.—Ibsa Dabalataa 28 ilaali.
6, 7. Jireenyaaf iddoo guddaa akka kenninu Yihowaatti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Jireenya keenyaafis taʼe kan namootaatiif iddoo guddaa akka kenninu Yihowaatti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Wanta jireenya keenyas taʼe jireenya namootaa balaadhaaf saaxilu gochuu dhiisuudhaani. Kanaaf, waan nu miidhuu fi nu ajjeesuu waan dandaʼuuf tamboo hin xuuxnu, jimaa hin qamaanu ykn qoricha sammuu namaa hadoochu hin fayyadamnu.
7 Jireenyaa fi qaama keenya kan nuu kenne Waaqayyo waan taʼeef haala inni barbaaduun itti fayyadamuu qabna. Kanaaf qaama keenya akka gaariitti kunuunsuu qabna. Akkas hin goonu taanaan Waaqayyo duratti xuraaʼoo taana. (Roomaa 6:19; 12:1; 2 Qorontos 7:1) Jireenyaaf iddoo guddaa hin kenninu taanaan, Yihowaa isa jireenya nuu kenne waaqeffachuu hin dandeenyu. Araada gadhee dhiisuun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼus, jireenyaaf iddoo guddaa waan kenninuuf carraaqqii yoo goone Yihowaan nu gargaara.
8. Jireenya keenyas taʼe kan namoota kaanii balaadhaaf akka hin saaxilleef maal gochuu dandeenya?
8 Jireenyi kennaa guddaa taʼuu isaa baranneerra. Yihowaan wanta jireenya keenyas taʼe jireenya namoota kaanii balaadhaaf saaxilu gochuu dhiisuudhaaf wanta nuu dandaʼame hunda akka goonu ni amana. Kana akkaataa itti konkolaataa gosa hundaa fi doqdoqqee oofnuun argisiisuu dandeenya. Gosawwan ispoortii balaa geessisanii fi hammeenyi irratti mulʼatu irraa ni fagaanna. (Faarfannaa 11:5) Qeʼeen keenya wantoota miidhaa geessisan irraa bilisa akka taʼu gochuufis carraaquu qabna. Yihowaan Israaʼeloota akkana jedhee ajajee ture: “Ati mana haaraa yeroo ijaarrattu, namni bantii isaa irraa kufe dhiiga dhangalaʼuu fi gumaa mana kee irratti akka hin fidnetti, qarqara bantii mana keetti naannessii ittisa itti hojjedhu!”—Keessa Deebii 22:8.
9. Bineensota akkamitti qabuu qabna?
9 Yihowaan akkaataa itti bineensota qabnuuf illee iddoo guddaa kenna. Nyaataa fi uffataaf, akkasumas miidhaa yoo nu irra geessisan bineensota akka ajjeesnu nuu heyyameera. (Uumama 3:21; 9:3; Baʼuu 21:28) Haa taʼu malee, bineensota irratti gocha gara jabinaa raawwachuu ykn ispoortiif jecha ajjeesuu hin dandeenyu.—Fakkeenya 12:10.
JIREENYI QULQULLUU WAAN TAʼEEF ULFINA KENNIIF
10. Dhiigni jireenya akka bakka buʼu akkamitti beekna?
10 Dhiigni jireenya waan bakka buʼuuf Yihowaa duratti qulqulluu dha. Qaayin Abeeliin erga ajjeesee booda Yihowaan, “Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti in iyyata” isaan jedhee ture. (Uumama 4:10) Dhiigni Abeel jireenya isaa bakka buʼa; Yihowaan Qaayin Abeeliin ajjeesuu isaatiin isa adabeera. Bishaan Badiisaa bara Nohitti ture boodas, Yihowaan dhiigni jireenya akka bakka buʼu ibseera. Yihowaan Nohii fi maatiin isaa foon bineensotaa akka nyaatan isaaniif heyyame. “Wanti jiraatee sochoʼu hundinuu nyaata isiniif haa taʼu! Akkuman biqila lalisaa isiniif kenne, isaan kana hundumaas isiniif kenneera” isaaniin jedhe. Haa taʼu malee, Yihowaan wanta tokko akka hin nyaanne isaan ajajeera: “Foon lubbuun keessa jiru, kana jechuunis dhiigni isaa utuu keessa jiruu hin nyaatinaa!”—Uumama 1:29; 9:3, 4.
11. Waaqayyo dhiiga ilaalchisee saba Israaʼeliif ajaja akkamii kenne?
11 Yihowaan Noh dhiiga akka hin nyaanne isa ajajee waggaa 800 boodas saba isaa akkana jedhee ajajeera: “Israaʼeloota keessaa yookiis galaa isaan gidduu jiraatu keessaa bineensa yookiis allaattii nyaatamu kan adamsu tokko dhiiga isa adamsamu sanaa lafatti haa dhangalaasu, biyyoos irra haa deebisu!” Achiis “Isin dhiiga horii tokko illee hin nyaatinaa!” isaaniin jedhe. (Lewwoota 17:13, 14) Yihowaan yeroo kanattis sabni isaa dhiiga akka qulqulluutti akka ilaalan barbaada ture. Foon nyaachuu kan dandaʼan taʼus, dhiiga isaa nyaachuu hin qaban turan. Horii tokko nyaataaf yeroo qalan dhiiga isaa lafatti dhangalaasuu qabu turan.
12. Kiristiyaanonni dhiigaaf ilaalcha akkamii qabu?
12 Yesuus duʼee waggoota muraasa booda, ergamoonni isaa fi jaarsoliin gumii Kiristiyaanaa Yerusaalem, Seera Israaʼelootaaf kennamee ture keessaa amma iyyuu Kiristiyaanotaaf kan hojjetu isa kam akka taʼe murteessuuf wal gaʼanii turan. (Hojii Ergamootaa 15:28, 29 dubbisi; 21:25.) Yihowaan dhiigni amma iyyuu isa biratti iddoo guddaa qabaachuu isaa fi amma iyyuu akka qulqulluutti ilaaluu akka qaban akka hubatan isaan gargaareera. Kiristiyaanonni durii dhiiga hin nyaatan ykn hin dhugan ykn foon dhiigni isaa keessaa sirriitti hin dhagalaane hin nyaatan turan. Utuu akkas godhanii waaqolii tolfamoo waaqeffachuu fi halalummaa raawwachuu wajjin tokko taʼa ture. Yeroo sanaa kaasee Kiristiyaanonni dhugaan dhiiga nyaachuu ykn dhuguu irraa ni fagaatu. Yeroo harʼaatti hoo? Yihowaan amma iyyuu dhiiga akka qulqulluutti akka ilaallu barbaada.
13. Kiristiyaanonni yaalii fayyaatiif dhiiga kan hin fudhanne maaliifi?
13 Kana jechuun Kiristiyaanonni yaalii fayyaatiifis dhiiga fudhachuu hin qaban jechuu dhaa? Eeyyee. Yihowaan dhiiga akka hin nyaanne ykn akka hin dhugne nu ajajeera. Doktoorri, dhugaatii alkoolii akka hin dhugne yoo si dhowwe, lilmootti fayyadamtee qaama keetti akka seenu ni gootaa? Matumaa akkas hin gootu! Haaluma wal fakkaatuun, ajajni dhiiga akka hin nyaanne ykn hin dhugne nuu kenname, yaalii fayyaatiif dhiiga fudhachuu akka hin qabne argisiisa.—Ibsa Dabalataa 29 ilaali.
14, 15. Kiristiyaanni tokko jireenyaaf ulfina kennuu fi Yihowaadhaaf ajajamuun isaa hammam barbaachisaa dha?
14 Doktoorri dhiiga hin fudhannu taanaan akka duunu yoo nutti hime hoo? Namni hundi dhuunfaatti seera Waaqayyo dhiiga ilaalchisee kenneef ajajamuuf ykn dhiisuuf murteessuu qaba. Kiristiyaanonni kennaa jireenyaa Waaqayyo nuu kenneef ulfina guddaa waan kenninuuf, lubbuudhaan jiraachuuf yaaliiwwan fayyaa akka filannootti dhihaatan fayyadamuuf ni yaalla; taʼus dhiiga hin fudhannu.
15 Fayyaa keenya eeguudhaaf carraaqqii cimaa goona; taʼus jireenyi Waaqayyo duratti iddoo guddaa waan qabuuf, yaalii fayyaatiif jennee dhiiga hin fudhannu. Yihowaadhaaf ajajamuu diduudhaan jireenya keenya dheereffachuu mannaa, isaaf ajajamuun caalaatti barbaachisaa dha. Yesuus, “Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu hundi ni dhaba; namni anaaf jedhee lubbuu isaa dhabu hundi garuu lubbuu isaa deebisee ni argata” jedheera. (Maatewos 16:25) Yihowaa waan jaallannuuf isaaf ajajamuu barbaadna. Inni wanta nuuf wayyu beeka; akkuma Yihowaa jireenyaaf iddoo guddaa kennina, akkasumas akka qulqulluutti ilaalla.—Ibroota 11:6.
16. Tajaajiltoonni Waaqayyo kan isaaf ajajaman maaliifi?
16 Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan seera inni dhiiga ilaalchisee kenneef ajajamuuf kutataniiru. Kanaaf, dhiiga hin nyaatan ykn hin dhugan, akkasumas yaalii fayyaatiif dhiiga hin fudhatan.a Haa taʼu malee, lubbuu isaanii oolchuudhaaf yaaliiwwan fayyaa kaanitti ni fayyadamu. Uumaan jireenyaa fi dhiigaa wanta isaaniif wayyu akka beeku ni amanu. Ati hoo wanta siif wayyu akka inni beeku ni amantaa?
ITTI FAYYADAMA DHIIGAA YIHOWAAN HEYYAME
17. Yihowaan Israaʼeloonni dhiigatti akka fayyadaman kan heyyame karaa kamiin qofa dha?
17 Yihowaan Seera Museetti kenne irratti Israaʼelootaan akkana jedheera: “Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf, furee kan taʼus dhiiga waan taʼeef, inni furee lubbuu keessanii akka taʼuuf [ykn dhiifama akka ittiin gaafattaniif] iddoo aarsaa irratti ani Waaqayyo isa isiniif kenneera.” (Lewwoota 17:11) Israaʼeloonni yommuu cubbuu hojjetan, horii aarsaa gochuu fi lubichi dhiiga horii sanaa irraa muraasa iddoo aarsaa mana qulqullummaa jiru irratti akka dhangalaasu gaafachuudhaan Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhu gaafachuu dandaʼu turan. Yihowaan dhiigatti akka isaan fayyadaman kan heyyame karaa kanaan qofa dha.
18. Arsaan Yesuus carraa akkamii nuu bane?
18 Yesuus gara lafaa yeroo dhufe lubbuu isaa ykn dhiiga isaa dhiifama cubbuudhaaf kennuudhaan, seera horiin aarsaa taʼanii akka dhihaatan ajaju hambiseera. (Maatewos 20:28; Ibroota 10:1) Yihowaan Yesuusiin jireenya samiitiif erga duʼaa kaasee booda, ilmaan namootaa hundaaf carraa jireenya bara baraa kennuu waan dandaʼeef, lubbuun Yesuus gatii guddaa qaba ture.—Yohaannis 3:16; Ibroota 9:11, 12; 1 Pheexiros 1:18, 19.
19. “Dhiiga nama hundumaa irraa qulqulluu” taʼuuf maal gochuu qabna?
19 Yihowaan kennaa jireenyaa dinqisiisaa taʼe waan nuu kenneef baayʼee isa galateeffanna! Kanaaf, Yesuusitti yoo amanan bara baraaf jiraachuu akka dandaʼan namootatti himuu barbaadna. Namoota waan jaallannuuf jireenya akkamitti akka argatan isaan barsiisuuf wanta dandeenye hunda ni goona. (Hisqiʼel 3:17-21) Akkas yoo goone, akkuma Phaawulos ergamaa, ‘Ani dhiiga nama hundumaa irraa qulqulluu dha. Sababiin isaas, ani kaayyoo Waaqayyoo hunda isinitti himuu irraa duubatti hin jenne’ jechuu dandeenya. (Hojii Ergamootaa 20:26, 27) Eeyyee, waaʼee Yihowaa fi jireenyi isa duratti hammam gatii guddaa akka qabu namootatti yeroo himnu, jireenyaa fi dhiigaaf ulfina guddaa akka kenninu argisiisna.
a Dhiiga fudhachuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf kitaaba, “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa!” jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe fuula 77-79 ilaali.