‘Wantoota Sana Namoota Amanamoo Taʼaniitti Imaanaadhaan Kenni’
“Wantoota . . . sana, namoota amanamoo taʼanii fi warra kaan barsiisuuf gaʼumsa qabanitti imaanaadhaan kenni.”—2 XIM. 2:2.
1, 2. Namoonni hedduun hojii isaaniitiif ilaalcha akkamii qabu?
NAMOONNI yeroo baayʼee hojii hojjetaniin eenyummaa isaanii ibsu. Hedduun isaanii, hojiin ykn aangoon namni tokko qabu namni sun kan barbaadamu taʼuu isaa argisiisa jedhanii yaadu. Aadaa tokko tokko keessatti, namootaa wajjin yommuu wal baran gaaffiin isaan jalqaba gaafatan, “Hojiin kee maali dha?” kan jedhu dha.
2 Kitaabni Qulqulluun yeroo tokko tokko hojii isaan raawwataniin waaʼee namootaa ibsa. Fakkeenyaaf, “Maatewos isa qaraxa sassaabu,” “Simoon isa gogaa duuguu,” akkasumas ‘Luqaas isa jaallatamaa ogeessa fayyaa taʼe’ jedhee waaʼee isaanii dubbata. (Mat. 10:3; HoE. 10:6; Qol. 4:14) Kana malees, itti gaafatamummaan karaa hafuuraa qaban ykn mirgi tajaajilaa namoota addaan baasee beeksisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf Daawit Mooticha, Eliyaas raajicha, akkasumas Phaawulos ergamaa jedhamaniiru. Namoonni kun hojii Waaqayyo isaaniif kenneef bakka guddaa kennu turan. Nutis mirga tajaajilaa yoo qabaanne bakka guddaa kennuufii qabna.
3. Maanguddoonni, dargaggoota leenjisuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
3 Baayʼeen keenya mirga tajaajilaa keenya kan jaallannu siʼa taʼu, yeroo hunda hojjechuu keenya utuu itti fufnee illee nutti tola. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni yeroo dullooman wanta dargaggummaa isaaniitti hojjechaa turan hunda hojjechuu hin dandaʼan. (Lal. 1:4) Yeroo dhihoodhaa asitti, jijjiiramni kun Kiristiyaanota dhugaatiif qorumsa addaa isaanitti taʼeera. Yeroo harʼaatti hojiin lallabaa guddachaa jira; akkasumas jaarmiyaan Yihowaa misiraachichi hamma dandaʼametti namoota hunda bira akka gaʼuuf teknoolojii ammayyaatti fayyadamaa jira. Haa taʼu malee, obboloota maanguddoo taʼan tokko tokkoof guddina kanaa wajjin qixxee deemuun isaan rakkisa taʼa. (Luq. 5:39) Kun yoo taʼuu baate illee, dargaggoonnia maanguddoota caalaa ciminaa fi humna qabu taʼa. (Fak. 20:29) Kanaaf, maanguddoonni, dargaggoonni itti gaafatamummaa guguddaa akka fudhatan isaan qopheessuun isaanii barbaachisaa dha.—Faarfannaa 71:18 dubbisi.
4. Itti gaafatamummaa kennuun obboloota tokko tokkotti kan ulfaatu maaliifi? (Saanduqa “Namoonni Tokko Tokko Itti Gaafatamummaa kan hin Kennine Maaliifi?” jedhu ilaali.)
4 Obboloonni aangoo qaban dargaggootaaf itti gaafatamummaa tokko tokko kennuun isaanitti ulfaata taʼa. Warri tokko tokko mirga jallatan dhabuu sodaatu. Tokko tokko immoo yoo isaan toʼatan malee dargaggoonni hojicha sirriitti hojjechuu akka hin dandeenye yaadu. Kaanis, warra kaan leenjisuuf yeroo akka hin qabne isaanitti dhagaʼama taʼa. Gama biraatiin immoo, dargaggoonni hojiin dabalataa waan isaaniif hin kennamneef abdii kutachuu hin qaban.
5. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?
5 Mee warra kaaniif itti gaafatamummaa kennuu kallattii lamaan haa ilaallu. Tokkoffaa, maanguddoonni, dargaggoonni itti gaafatamummaa dabalataa akka fudhatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Akkas gochuun isaanii barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi? (2 Xim. 2:2) Lammaffaa, dargaggoonni obboloota muuxannoo hedduu qaban yommuu gargaaranii fi yommuu isaan irraa baratanitti ilaalcha sirrii qabaachuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mee jalqaba Daawit Mootichi ilmi isaa itti gaafatamummaa guddaa akka fudhatuuf akkamitti akka isa qopheesse haa ilaallu.
DAAWIT SOLOMOONIIN QOPHEESSEERA, AKKASUMAS ISA DEGGEREERA
6. Daawit Mootichi maal gochuu barbaadee ture? Yihowaan garuu maal isaan jedhe?
6 Daawit baqataa taʼee waggootaaf erga jiraatee booda mootii taʼe; achiis mana gaarii keessa jiraachuu jalqabe. ‘Manni’ ykn manni qulqullummaan Yihowaadhaaf murteeffame jiraachuu dhiisuu isaatti waan gaddeef, mana qulqullummaa ijaaruu barbaade. Kanaaf Naataan raajichaan, “Kunoo, ani mana muka gaattiraatiin ijaarame keessan jiraadha, sanduuqi kakuu Waaqayyoo garuu golgaa akka dunkaanaa jala jira” jedhe. Naataanis, “Waaqayyo sii wajjin waan jiruuf, ati wanta garaa keetti yaadde hundumaa godhi!” jedhee deebiseef. Haa taʼu malee, Yihowaan ajaja kan biraa kenne. Yihowaan, Naataaniin “Mana ani keessa jiraadhu kan anaaf ijaaru si miti!” jedhee Daawititti akka himu isa ajaje. Yihowaan, Daawitiin eebbisuu isaa akka itti fufu kan isaaf mirkaneesse taʼus, Solomoon inni ilma Daawit taʼe mana qulqullummaa sana akka ijaaru ajajeera. Yeroo kanatti Daawit maal godhe ree?—1 Sen. 17:1-4, 8, 11, 12; 29:1.
7. Daawit qajeelfama Yihowaatiif deebii akkamii kenne?
7 Daawit, mana qulqullummaa sana kan ijaaru isa waan hin taaneef gadduudhaan deggersa gochuu irraa duubatti hin jenne. Manni qulqullummaan ijaarame sunis, mana qulqullummaa Solomoon jedhame malee kan Daawit hin jedhamne. Daawit waan hawwe utuu hin raawwatin hafuu isaatti gadduu mannaa, hojii ijaarsaa sana guutummaatti deggereera. Namoota hojii kana hojjetan gareedhaan qindeesseera; sibiila, sibiila boorrajjii, meetii fi warqee, akkasumas saanqaa muka gaattiraa irraa hojjetame walitti qabeera. Kana malees akkana jedhee Solomooniin jajjabeesseera: “Egaa yaa ilma ko, Waaqayyo sii wajjin haa taʼu! Waaqayyo gooftaan kee mana qulqullummaa akka isaaf ijaartuuf akkuma dubbatetti, inni siif haa qajeelchu!”—1 Sen. 22:11, 14-16.
8. Daawit, Solomoon gaʼumsa hin qabu jedhee kan murteesse maaliif taʼuu dandaʼa? Taʼus maal godheera?
8 Seenaa Isa Duraa 22:5 dubbisi. Daawit, Solomoon hojii guddaa kana toʼachuuf gaʼumsa hin qabu jedhee yaaduu dandaʼa ture. Manni qulqullummaa sun “baayʼee guddaa” siʼa taʼu, Solomoon immoo yeroo sanatti “mucaa wallaalaa” ture. Taʼus, Daawit Yihowaan hojii isaaf kenname geggeessuuf gaʼumsa akka qabaatu Solomooniin gargaaruu akka dandaʼu beeka ture. Kanaaf, Daawit miʼa hojichaaf barbaachisu hedduu qopheessuudhaan, hojii kana deggeruuf wanta gochuu dandaʼu irratti xiyyeeffateera.
WARRA KAAN LEENJISUUDHAAN GAMMACHUU ARGADHAA
9. Obboloonni maanguddoon itti gaafatamummaa isaanii warra kaaniif kennuudhaan gammachuu argachuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.
9 Obboloonni maanguddoon itti gaafatamummaa isaanii obboloota umuriidhaan isaanii gadi taʼanitti kennuun yommuu isaan barbaachisutti gadduu hin qaban. Kanaa mannaa, dargaggoonni itti gaafatamummaa akka fudhatan leenjisuun hojichi caalaatti buʼaa akka argamsiisu godha. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban, dargaggoonni isaan leenjisan hojii isaaniif kenname guutummaatti akka hojjetan yommuu argan baayʼee gammadu. Kana fakkeenyaan ibsuuf, mee abbaa ilma isaa konkolaataa oofuu barsiisu tokko yaadaan ilaalaa. Ilmi isaa kun yommuu daaʼima turetti hojiin isaa abbaan isaa yommuu oofu ilaaluu qofa ture. Mucichi guddachaa yommuu deemu garuu abbaan isaa maal gochaa akka jiru ibsaaf. Achiis, mucichi umurii seerri heyyamu irra yommuu gaʼu, qajeelfama dabalataa abbaan isaa isaaf kennuun konkolaaticha oofuu jalqaba. Yeroo tokko tokko dabareedhaan oofu taʼa, taʼus abbaan isaa yommuu dulloomu yeroo baayʼee kan oofu ilma isaa taʼa. Abbaan ogeessi kun, ilmi isaa oofuu jalqabuu isaatti kan gammadu siʼa taʼu, ilmi isaa akka isa caale isatti hin dhagaʼamu. Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni maanguddoo taʼan, dargaggoonni isaan leenjisan itti gaafatamummaa hafuuraa yommuu fudhatan arguun isaanii isaan gammachiisa.
10. Museen ulfinaa fi aangoodhaaf ilaalcha akkamii qaba ture?
10 Maanguddoonni hinaaffaa irraa of eeguu qabu. Mee, buufata Israaʼel gidduutti namoonni tokko tokko raajii yommuu dubbatanitti wanta Museen godhe hubadhaa. (Lakkoobsa 11:24-29 dubbisi.) Iyaasuu inni gargaaraa Musee ture isaan dhorkuu barbaadee ture. Tarii beekkamtii fi aangoo Musee akka jalaa fudhatanitti yaadee taʼuu dandaʼa. Museen garuu, “Ati anaaf hinaafta moo? Maaloo sabni Waaqayyoo guutummaatti utuu raajota taʼanii, Waaqayyos hafuura isaa utuu isaan irra kaaʼee!” jedhee deebise. Museen, hojicha geggeessaa kan jiru Yihowaa akka taʼe hubatee ture. Museen waaʼee ulfina isaa utuu hin yaaddaʼin, tajaajiltoonni Yihowaa hundi kennaa hafuuraa wal fakkaatu utuu qabaatanii akka hawwu dubbateera. Nuti hoo? Akkuma Musee warri kaan mirga nuti qabnu yommuu argatan ni gammannaa?
11. Obboleessi tokko itti gaafatamummaa isaa nama kan biraatti dabarsuu ilaalchisee maal jedhe?
11 Yeroo harʼaatti, obboloonni hedduun waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif ciminaan hojjetanii fi warri kaan itti gaafatamummaa dabalataa akka fudhatan gargaaruudhaan fakkeenya taʼan jiru. Fakkeenyaaf, obboleessi Piitar jedhamu tokko tajaajila yeroo guutuu keessa waggoota 74 ol kan tajaajile siʼa taʼu, isaan keessaas waggaa 35 waajjira damee Awurooppaa keessa jiru tokko keessatti dabarse. Waggoota hedduudhaaf ilaaltuu ol aanaa Kutaa Tajaajilaa ture. Amma garuu itti gaafatamummaan kun Pool isa umuriidhaan isaa gadi taʼee fi waggoota hedduudhaaf isaa wajjin hojjechaa turetti darbeera. Piitar jijjiirama hojii isaa irratti godhame kana ilaalchisee wanta isatti dhagaʼame yommuu gaafatame, “Obboloonni itti gaafatamummaa guguddaa fudhachuuf leenjiʼanii fi hojicha akka gaariitti hojjechuu dandaʼan jiraachuun isaanii baayʼee na gammachiisa” jedheera.
MAANGUDDOOTA NU GIDDUU JIRAN KABAJAA
12. Seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee Rehobiyaam dubbatu irraa maal barachuu qabna?
12 Solomoon erga duʼee booda ilmi isaa Rehobiyaam mootii taʼe. Rehobiyaam itti gaafatamummaa isaa karaa itti baʼu ilaalchisee gorsi yeroo isa barbaachisetti jalqaba maanguddoota gaafate. Taʼus gorsa isaanii hin fudhanne! Kanaa mannaa, gorsa dargaggoota isaa wajjin guddatanii fi yeroo sanatti tajaajiltoota isaa turanii fudhate. Buʼaan isaa kan baayʼee nama gaddisiisu ture. (2 Sen. 10:6-11, 19) Kana irraa maal baranna? Gorsa maanguddoota muuxannoo qabanii gaafachuu fi hojii irra oolchuun gaarii dha. Dargaggoonni akkaataa wantoonni kanaan dura itti raawwatamaa turanitti cichuu akka qaban itti dhagaʼamuu baatus, gorsa maanguddootaa fudhachuu diduuf ariifachuu hin qaban.
13. Dargaggoonni maanguddootaa wajjin waltaʼiinsaan hojjechuu kan dandaʼan akkamitti?
13 Darbee darbee dargaggoonni hojiiwwan maanguddoonni irratti hirmaatan akka geggeessaniif ni ramadamu taʼa. Dargaggoonni kun hojiin isaanii kan jijjiirame taʼus, murtoo gochuu isaanii dura, muuxannoo fi ogummaa obboloota maanguddoo taʼanii irraa faayidaa argachuu ni dandaʼu. Pool inni olitti ibsamee fi ilaaltuu ol aanaa kutaa tajaajilaa taʼuudhaan Piitariin bakka buʼe, “Piitariin gorsa gaafachuuf yeroon ramada, warri kutaa kana keessa jiran kaanis akkana akka godhan nan jajjabeessa” jedheera.
14. Waltaʼiinsa Ximotewosii fi Phaawulos ergamaa gidduu ture irraa maal baranna?
14 Ximotewos inni dargaggeessi, waggoota hedduudhaaf Phaawulos ergamaa wajjin hojjeteera. (Filiphisiyus 2:20-22 dubbisi.) Phaawulos warra Qorontosiif akkana jedhee barreesseera: “Ximotewos isa Gooftaa tajaajiluudhaan ilma koo jaallatamaa fi amanamaa taʼe gara keessanitti kanan erges kanumaafi. Inni, Kiristoos Yesuusii wajjin haala wal qabateen bakka hundumaatti gumiiwwan hunda keessatti akkuma ani barsiisu, malawwan ani itti fayyadamu isin yaadachiisa.” (1 Qor. 4:17) Himni gabaabaan kun waltaʼiinsa guddaa Phaawulosii fi Ximotewos gidduu ture akka gaariitti ibsa. Phaawulos yeroo ramaduudhaan ‘Kiristoos Yesuusii wajjin haala wal qabateen malawwan itti fayyadamu’ Ximotewosiin barsiiseera. Ximotewos akka gaariitti kan barate taʼuu isaa irra iyyuu Phaawulos duratti guddaa jaallatamaa taʼeera; Phaawulosis wanta karaa hafuuraa warra Qorontos keessa jiran barbaachisu guutuu akka dandaʼu Ximotewos irratti amanannaa qaba ture. Kun jaarsolii yeroo harʼaatti dhiironni kaan gumii keessatti itti gaafatamummaa akka fudhatan leenjisaa jiraniif fakkeenya gaarii taʼa.
HUNDI KEENYA IYYUU GAHEE QABNA
15. Yeroo jijjiiramni tokko nu tuqutti gorsi Phaawulos Kiristiyaanota Roomaa keessa turaniif kenne kan nu gargaaru akkamitti?
15 Yeroon keessa jiraannu yeroo baayʼee gammachiisaa taʼe dha. Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafa irraa karaawwan hedduudhaan guddachaa jira; guddinni kun immoo jijjiiramni akka jiraatu taasiseera. Jijjiiramni kun dhuunfaatti kan nu tuqu yoo taʼe, gad of qabuudhaan, fedha keenya utuu hin taʼin fedha Yihowaa irratti haa xiyyeeffannu. Akkana gochuun keenya tokkummaan akka jiraatu taasisa. Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatiif akkana jedhee barreesseera: “Namni isin gidduu jiru hundi, akka amantii Waaqayyo isaaf kennetti, sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee, hamma yaaduu qabu caalaa darbee waaʼee ofii isaa akka hin yaadne . . . isin nan gorsa. Akkuma qaamni keenya utuu tokko taʼee jiruu, kutaawwan qaamaa hedduu qabuu fi kutaawwan qaamaa hundis hojii wal fakkaatu hin qabne, nutis hedduu taanee utuu jirruu, tokkummaa Kiristoosii wajjin qabnuun qaama tokko dha.”—Rom. 12:3-5.
16. Maanguddoonnii fi dargaggoonni, akkasumas haadhotiin manaa isaanii, jaarmiyaan Yihowaa nagaa fi tokkummaa akka qabaatuuf maal gochuu dandaʼu?
16 Haalli nuti keessa jirru maal iyyuu yoo taʼe, hundi keenya iyyuu fedha Mootummaa Yihowaa raawwachuuf wanta dandeenyu hunda haa goonu. Obboloonni maanguddoo taatan, dargaggoonni hojii isin hojjechaa jirtan akka hojjetan leenjisaa. Warri dargaggoota taatan immoo itti gaafatamummaa fudhachuuf of dhiheessaa; kan gad of deebistan taʼaa; akkasumas yeroo hunda obboloota maanguddoo taʼaniif ulfina kennaa. Warri haadhotii manaa taatanis, fakkeenya Phirisqillaa ishii haadha manaa Aqiilaa taatee fi yommuu haalli isaanii jijjiirametti amanamummaadhaan isa deggertee hordofaa.—HoE. 18:2.
17. Yesuus barattoota isaa irratti amanannaa akkamii qaba ture? Kan isaan leenjise hoo hojii isa kamiifi?
17 Warri kaan itti gaafatamummaa dabalataa akka fudhatan leenjisuu wajjin haala walqabateen fakkeenyi hunda caalu Yesuusi dha. Tajaajilli inni lafa irratti raawwatu akka xumuramuu fi warri kaan hojicha akka isa harkaa fuudhanii hojjetan beeka ture. Barattoonni isaa mudaa kan qaban taʼanis isaan irratti amanannaa qaba, akkasumas hojii inni hojjechaa ture caalaas akka hojjetan isaanitti himeera. (Yoh. 14:12) Akka gaariitti isaan leenjisee ture; isaanis misiraachicha guutummaa addunyaa yeroo sana ture keessatti babalʼisuu dandaʼaniiru.—Qol. 1:23.
18. Gara fuulduraatti abdii akkamiitu nu eeggata? Amma hoo hojii isa kam hojjechuu dandeenya?
18 Yesuus duʼuudhaan aarsaa erga dhiheessee booda gara samiitti ol baʼeera; achittis ‘mootummaa, aangoo, humnaa fi gooftummaa kam irra iyyuu caalu’ malees hojiin dabalataa isaaf kennameera. (Efe. 1:19-21) Armaagedoon dura amanamummaa keenya eeggachuudhaan yoo duune, duʼaa kaʼuudhaan addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessa ni jiraanna; achittis hojii gammachiisaa hedduutu nu eeggata. Hamma yeroo sanaatti garuu hundi keenya iyyuu hojii baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis misiraachicha lallabuu fi barattoota gochuu irratti hirmaachuu dandeenya. Dargaggootas taane maanguddoota, hundi keenya ‘yeroo hunda hojiin Gooftaa kan nuuf baayʼatu haa taanu.’—1 Qor. 15:58.
a Jechi ‘dargaggoota’ jedhu namoota umurii dargaggummaa irra jiran qofa kan argisiisu miti. Obboloota gaʼumsa qabanii fi umurii kana irra darbanis ni dabalata.