Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Fulbaana 2021
FULBAANA 6-12
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 33-34
“‘Irree Yihowaa Isa Bara Baraa’ Jalatti Kooluu Galaa”
it-2-E 51
Yeshuurun
Maqaa ulfinaa Israaʼeliif kenname dha. Saptuujantii Afaan Giriikii keessatti jechi “Yeshuurun” jedhu jaalala ibsuuf waan itti hojjetameef, “jaalatamaa” jedhamee hiikameera. Maqaan “Yeshuurun” jedhu Israaʼelonni saba Yihowaa wajjin kakuu galan waan taʼaniif qajeelota taʼanii jiraachuu akka qaban kan isaan yaadachiisu dha. (Kes 33:5, 26; Isa 44:2) Keessa Deebii 32:15 irratti maqaan Yeshuurun jedhu fakkeenyaan itti hojjetameera. Israaʼelonni maqaa isaanii isa Yeshuurun jedhu wajjin wal simanii jiraachuu mannaa rakkistoota, Uumaa isaanii kan dagatanii fi Fayyisaa isaanii kan tuffatan taʼaniiru.
rr 120, saanduqa
Yihowaan Deebinee Miila Keenyaan Akka Dhaabbannu Nu Gargaara
Hisqiʼel jiraachuu isaa jaarraawwan hedduu dura, Musee raajichi Yihowaan tajaajiltoota isaa gargaaruuf humna qofa utuu hin taʼin fedhiis akka qabu dubbachuu isaa ni yaadanna taʼa. Museen, “Waaqayyo bara duriitii jalqabee dahoo dha; irreen isaa inni bara baraas si jala jira” jechuudhaan barreesseera. (Kes. 33:27) Eeyyee yeroo dhiphannutti gara Waaqayyootti kan garagallu yoo taʼe, Yihowaan irree isaa nu jala kaaʼee suuta jedhee akka ol nu kaasuu fi miila keenyaan dhaabbachuuf akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—His. 37:10.
Dorgommicha Obsaan Fiigaa!
16 Museenis akkuma Abrahaam abdiin Waaqayyo kenne yommuu raawwatamu hin argine. Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu galuuf jedhan Yihowaan Museedhaan, “Ati biyyicha fuulleetti in argita, garuu ofii keetii biyya ani Israaʼelootaaf kennu sanatti hin galtu” jedheera. Kun kan taʼe inniifi Aaron fincila sabichi sanaan dura kaasetti garmalee aaruudhaan, ‘Israaʼeloota duratti bishaan Mariibaa biratti, waan Waaqayyoon yakkitaniif’ ture. (Kes. 32:51, 52) Yeroo kanatti Museen gaddee ykn haaloo qabatee turee? Matumaa. Sabicha kan eebbise yommuu taʼu, “Yaa Israaʼel, ati gammadi! Eenyu sabni akka kee Waaqayyo oolche? Gaachannii kee fi gargaarsi kee isa; billaan kee inni ulfina-qabeessis” jechuudhaan xumureera.—Kes. 33:29.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 439 key. 3
Musee
Museen yeroo duʼetti umuriin isaa waggaa 120 ture. Kitaabni Qulqulluun waaʼee jabina qaamaa isaa yeroo dubbatu, “Yeroo kanatti ijji isaa hin dadhabne, humni isaas hin laafne” jedha. Kan isa awwaale Yihowaa yeroo taʼu, iddoon awwaalchaa isaa hanga ammaatti hin beekamu. (Kes 34:5-7) Kun kan taʼe, Israaʼelonni bakka awwaalchaa isaa iddoo waaqeffannaa gochuudhaan kiyyoo waaqeffannaa sobaa keessa akka hin galle isaan dhowwuuf taʼuu hin oolu. Diyaabilos qaama Musee kaayyoo akkasiitiif fayyadamuu akka barbaade haala isaa irraa hubachuu dandeenya; kanaan kan kaʼes Yihudaa baratichi inni karaa hadhaa obboleessa Yesuus taʼe akkana jedhee barreesseera: “Mikaaʼel hogganaan maleekotaa illee, waaʼee reeffa Musee irratti Diyaabilosii wajjin yeroo wal falman, ‘Yihowaan si haa ifatu’ jedhe malee dubbii arrabsootiin itti murteessuuf hin onnanne.” (Yih 9) Israaʼelonni geggeessaa Iyyaasuutiin gara Kanaʼaan ceʼuu isaanii dura guyyaa 30f Museedhaaf booʼaniiru.—Kes 34:8.
FULBAANA 13-19
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYAASUU 1-2
“Daandiin Kee Akka Milkaaʼu Gochuu kan Dandeessu Akkamitti?”
Yihowaan Isinii Wajjin Waan Jiruuf—Ija Jabaadhaa!
7 Ija jabina fedha Waaqayyoo raawwachuuf nu barbaachisu argachuuf, Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi hojiirra oolchuu qabna. Iyaasuun yommuu Musee bakka buʼetti gorsi akkas jedhu isaa kennamee ture: “Cimi, ija jabaadhus! Seera Museen garbichi koo si abboome hundumaa eeguudhaaf of eeggadhu! . . . Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waaʼee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!” (Iya. 1:7, 8) Iyaasuun gorsa kana kan hordofe siʼa taʼu, ‘karaansaas isaaf qajeeleera.’ Nutis akkas kan goonu taanaan, tajaajila Waaqayyoorratti ija jabinaafi milkaaʼina guddaa arganna.
Yihowaan Isinii Wajjin Waan Jiruuf—Ija Jabaadhaa!
20 Biyya lafaa hamaafi jeeqamaa taʼe kana keessatti qorumsi utuu nurra gaʼuu wanta Waaqayyo nurraa barbaadu raawwachuun ulfaataadha. Haataʼu malee, Waaqayyo, Ilmisaa inni Mataa gumii taʼe, akkasumas Dhugaa Baatonni addunyaa maratti argamaniifi 7,000,000 ol taʼan nu wajjin waan jiraniif kophaa keenya miti. Kanaaf caqasa waggaa 2013, ‘Ani Waaqnikee Yihowaan sii wajjin jiraatii cimi, ija jabaadhu’ jedhu yaadatti qabachuudhaan isaanii wajjin taanee amantii keenya hojiidhaan argisiisuufi misiraachoo Mootummichaa lallabuu keenya itti haa fufnu.—Iyaasuu 1:9
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w04-AM 12/1 8-9 key. 6
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Iyyaasuu
2:4, 5—Rahaab ergamtoota mootichaa basaastota sana barbaadaa jiran kan dogoggorsite maaliifi? Rahaab lubbuu ishii balaadhaaf saaxiltee basaastota sana kan dhoksite Yihowaa irratti amantii horachaa waan dhufteefi. Kanaafuu, namoota saba Yihowaa balleessuu barbaadanitti basaastota sana dabarsitee kennuuf dirqamni ishii irra hin jiru. (Maatewos 7:6; 21:23-27; Yohaannis 7:3-10) Rahaab ‘hojiidhaan qajeeltuu jedhamtee kan waamamte’ ergamtoonni Mootichaa kallattii dogoggoraa irra akka deeman waan gooteefi.—Yaaqoob 2:24-26.
FULBAANA 20-26
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYAASUU 3-5
“Yihowaan Hojii Amantiidhaan Raawwatamu ni Eebbisa”
it-2-E 105
Yordaanos
Yeroo baayʼee lagni Yordaanos sirrii galaana Galiilaa irraa gidduu galeessaan gara meetira 1 hanga 3 gadi fagaata, gara meetira 27 hanga 30 immoo ni balʼata. Waqtii arfaasaatti garuu baayʼee guutee qarqaratti waan baʼuuf kana caalaa balʼata, akkasumas gadi fagaata. (Iya 3:15) Dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen Israaʼel Yordaanos yeroo baayʼee guututti keessumaa naannoo Yerikootiin ceʼuun balaadhaaf isaan saaxiluu dandaʼa. Lagichi iddoo kanatti humna guddaa waan qabuuf, dhiheenyatti namoonni bishaan daakan lagichaan fudhatamaniiru. Haa taʼu malee, Yihowaan lagicha dinqiidhaan hidhuudhaan Israaʼelonni lafa gogaa taʼe irra akka ceʼan godheera. (Iya 3:14-17) Jaarraa hedduu booda yeroo tokko Eliyaas Elsaaʼi wajjin yeroo deemu, yeroo tokko immoo Elsaaʼi kophaa isaa yeroo deemu dinqiin akkasii raawwatameera.—2Mo 2:7, 8, 13, 14.
Garaan Keessan Yaadachiisa Yihowaatti Akka Gammadu Godhaa
17 Gochi amanamummaadhaan raawwannu Yihowaarratti amantii qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti? Mee Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu galuuf jedhan maaltu akka raawwatame haa ilaallu. Yihowaan, luboonni saanduqa kakuu baatanii Laga Yordaanositti akka seenan isaanitti himee ture. Haata’u malee, Israaʼeloonni lagichatti dhihaachaa ennaa dhufan, lagichi bokkaa arfaasaatiin akka guute arguu ni danda’u turan. Israaʼeloonni maal godhu laata? Qarqara lagichaa bira buufatanii hanga bishaanichi hirʼatutti torban hedduu ykn isaa oliif eeguu laata? Matumaa! Guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan qajeelfamasaa hordofaniiru. Bu’aansaa maal ture? Seenichi akkas jedha: “Luboonni warri sanduuqa kakuu baatan laga Yordaanos ga’anii, miilla isaanii hidhii bishaanichaa keessa akkuma kaa’aniin, bishaanichi yaa’uu dhiisee in dhaabate . . . Luboonni warri sanduuqa kakuu Waaqayyoo baatan immoo, hamma sabni sun guutummaatti Yordaanos keessa adeemee ce’utti, jabaatanii laga Yordaanos walakkaa lafa gogaa irra in dhaabatu turan.” (Iya. 3:12-17) Bishaan guutee yaa’aa jiru sun akka dhaabate arguun hammam akka nama jajjabeessu tilmaamaa! Dhugumayyuu, qajeelfama inni isaanii kennerratti waan amanamanii turaniif, amantiin Israaʼeloonni Yihowaarratti qaban cimeera.
Garaan Keessan Yaadachiisa Yihowaatti Akka Gammadu Godhaa
18 Yeroo harʼaa Yihowaan dinqii akkasii sabasaatiif kan hin raawwanne taʼus, amantii isaan argisiisaniif isaan ni eebbisa. Hafuurri Waaqayyoo inni hojiirra jiru, ergaa misiraachoo Mootummichaa addunyaa maratti lallabuu akka dandaʼaniif humna isaanii kenna. Kiristos Yesus inni duʼaa kaʼeefi Dhugaa Baatuu Yihowaa isa jalqabaa taʼe, hojii bakka guddaa qabu kana yommuu hojjetan akka isaan gargaaru akkas jechuudhaan bartootasaatiif mirkaneesseera: “Egaa dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa! . . . Ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira.” (Mat. 28:19, 20) Dhugaa Baatonni jalqabarratti ija laafessa turan hedduun, dhuunfaadhaan hafuurri Waaqayyoo ija jabina tajaajilarratti nama hin beekne haasofsiisuuf isaan gargaaru akka isaanii kenne arguu danda’aniiru.—Faarfannaa 119:46; 2 Qorontos 4:7 dubbisi.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w04-AM 12/1 9 key. 1
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Iyyaasuu
5:14, 15—‘Bulchaan Raayyaa Yihowaa’ eenyu?
Iyyaasuun jiraattota Biyyattii Abdachiifamte injifachuudhaan naannoo sana toʼachuu yeroo jalqabetti bulchaan isa jajjabeessuu dhufe Yesuus Kiristoos isa nama taʼuu isaa dura “Dubbicha” jedhamee waamame akka taʼe ifa dha. (Yohaannis 1:1; Daaniʼel 10:13) Yesuus Kiristoos inni ulfina gonfate lola hafuuraa sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa gochaa jiran irratti akka isaan gargaaru beekun baayʼee nama jajjabeessa!
FULBAANA 27–ONKOLOOLESSA 3
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYAASUU 6-7
“Wantoota Gatii hin Qabne Irraa Fagaadhaa”
Wantoota Waaʼee Hin Baasnerraa Ija Keessan Deebisaa!
5 Jaarraawwan booda, nama Israaʼel kan taʼe Aakaan ijisaa boojuu magaalaa Yerikoodhaa argame tokko tokko akka hatu isa kakaaseera. Waaqayyo, wantoota mana kuusaa Yihowaatiif kennamaniin ala, wantoonni magaalaa sana keessa jiran hundi akka balleeffaman ajajee ture. Israaʼelootaaf akeekkachiisni, ‘Wanta raawwatee balleeffamuun irra jiru kana keessaa akka hin fudhanne of eeggadhaa!’ jedhu kennamee ture. Aakaan ajajamuu diduusaatiin, namoonni magaalaa Aayi saba Israaʼel moʼanii isaan keessaa namoonni baayʼeen duʼan. Aakaan hamma saaxilamutti hatuusaa hin amanne. Wantoota sana “argeen hawwee fudhadhe” jedheera. Hawwiin ijaa, “wanta inni qabu hundumaa wajjin” akka balleeffamu isa godheera. (Iya. 6:18, 19; 7:1-26) Aakaan wanta dhowwame raawwachuuf hawwe.
w97-AM 8/15 28 key. 2
Cubbuu Raawwatame Himuun Maaliif Barbaachise?
Sababii cubbuu himuun barbaachisaa itti taʼe tokko qulqullina gumichaa eeguudhaafi. Yihowaan Waaqa qulqulluu dha. Namoonni isa waaqeffatanis karaa hafuuraas taʼe naamusaa qulqulluu akka taʼan barbaada. Dubbiin isaa inni hafuura qulqulluudhaan barreeffame gorsa akkas jedhu qabateera: “Ijoollee ajajamoo waan taataniif, hawwii yeroo wallaalota turtanitti hordofaa turtan sanaan tolfamuu keessan dhiisaa; kanaa mannaa, akkuma Isa Qulqulluu isin waame sanaa, wanta hojjettan hundumaatiin qulqulloota taʼaa; sababiin isaas, ‘Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa’ jedhamee barreeffameera.” (1 Pheexiros 1:14-16) Namoonni gochaa xuraaʼaa ykn cubbuu raawwatan akka sirreeffaman ykn gumiidhaa akka baafaman yoo godhamuu baate, guutummaa gumichaa xureessuu fi Yihowaa biratti fudhatama akka dhabu gochuu dandaʼu.—Iyyaasuu boqonnaa 7 wajjin wal bira qabii ilaali.
Wantoota Waaʼee Hin Baasnerraa Ija Keessan Deebisaa!
8 Hawwiin ijaafi fedhiin foonii, Kiristiyaanota dhugaarrattis dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Kanaaf, Dubbiin Waaqayyoo waan ilaalluufi hawwinuu wajjin haala wal qabateen akka of qabnu nu jajjabeessa. (1 Qor. 9:25, 27; 1 Yohannis 2:15-17 dubbisi.) Nama qajeelaa kan ture Iyoob, ilaaluufi hawwuun walitti dhufeenya cimaa akka qabu hubatee ture. Akkas jedhe: “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree?” (Iyo. 31:1) Iyoob, dubartii tokko miira addaggummaatiin harkaan tuquu yaa hafuutii, sammuunsaa yaada akkasii akka keessumsiisu hin heyyamne. Yesus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan, sammuun nama tokkoo yaada gadheerraa walaba taʼuu akka qabu ibseera.—Mat. 5:28.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Gaaffii Dubbistootaa
Bara duriitti loltoonni, magaalaa cimtuu taate tokko marsuun isaanii baramaa ture. Magaalaa tokkotti marsanii kan turan yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, loltoonni moʼan midhaan hafe kam iyyuu dabalatee qabeenya magaalattii ni boojiʼu turan. Haa taʼu malee, arkiʼooloojistoonni jijjigaa Yerikoo keessatti kuusaa midhaanii hedduu argataniiru. Kana ilaalchisee, Biblikaal Arkiʼooloojii Riiviiw akkana jedheera: “Qodaawwan supheetiin alatti wantoota jijjigaa magaalattii keessaa argaman keessaa hedduun isaa midhaan ture. . . . Kun seenaa arkiʼooloojii Phaalasxiinaa keessatti wanta adda taʼe dha. Tarii midhaan hubboo tokko ykn lama kan argamu taʼus, midhaan hamma kana baayʼatu argachuun baramaa miti.”
Akka Caaffanni Qulqullaaʼoon jedhanitti, Israaʼeloonni midhaan Yerikoo keessa ture boojiʼuu dhiisuuf sababii qabu turan. Yihowaan akkas akka hin goone isaan ajajee ture. (Iya. 6:17, 18) Israaʼeloonni magaalattii kan marsan tibba haamaa midhaan baayʼeen itti jiraatu booda ture. (Iya. 3:15-17; 5:10) Yerikoo keessatti midhaan baayʼeen kan hafe taʼuun isaa, akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhutti Israaʼeloonni magaalattii kan marsan yeroo gabaabaadhaaf taʼuu isaa argisiisa.
ONKOLOOLESSA 4-10
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYAASUU 8-9
“Barumsa Seenaa Gibeʼonotaa Irraa Argannu”
it-1-E 930-931
Gibeʼon
Walii Galtee Iyyaasuu Wajjin Godhan. Bara Iyyaasuutti Gibeʼon keessa kan jiraatan Hiiwota turan; isaan saboota Kanaʼaan torban warra badiisni itti murtaaʼe keessaa tokko turan. (Kes 7:1, 2; Iya 9:3-7) Maqaan Amoorota jedhu yeroo tokko tokko Kanaʼaanota hundumaa argisiisuufis waan itti hojjetamuuf, Gibeʼononni Amoorota jedhamanis waamamaniiru. (2Sa 21:2; Uma 10:15-18; 15:16 wajjin wal bira qabii ilaali.) Gibeʼononni raayyaa cimaa fi magaalaa guddoo kan qaban taʼanis, Yihowaan Israaʼelotaaf waan loluuf, Kanaʼaanota kaan irraa haala adda taʼen isaan dura dhaabbachuu akka hin dandeenye hubataniiru. Kanaafuu, Yerikoo fi Aay erga balleeffamanii booda, namoonni Gibeʼon magaalaa Hiiwootaa sadii, jechuunis Kefiiraa, Beʼeerotii fi Qiriyaat Yeʼariim (Iya 9:17), bakka buʼuudhaan taʼuu hin ooluu, Iyyaasuu isa Gilgaal jiruu wajjin nagaa uumuuf namoota isaatti ergan. Gibeʼononni ergaman sun uffata moofaʼe uffatanii, kophee dhume kaaʼatanii, qalqalloo wayinii tarsaʼe, korojoo dhume, akkasumas daabboo goggogee fi caccabe qabatanii turan; kana kan godhanis biyya fagootii akka dhufanii fi waaʼee injifannoo Israaʼelotaa akka hin dhageenye fakkeessuuf ture. Sana dura wanta Gibxii fi mootii Amoorotaa Sihoonii fi Oog irra gaʼe irra harki Yihowaa akka jiru hubachuu isaanii ibsaniiru. Haa taʼu malee, wanta Yerikoo fi Aay irra gaʼe akka hin dubbanne of eeggataniiru; kana kan godhanis “biyya fagoo” jedhan sanaa kaaʼuu isaanii dura oduun kun akka achi hin geenye fakkeessuufi dha. Bakka buʼoonni Israaʼelotaa ragaa isaan fidan qoranii fudhachuudhaan akka lubbuudhaan jiraataniif isaan wajjin kakuu galaniiru.—Iya 9:3-15.
“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”
14 Jaarsolii muuxannoo qaban dabalatee, hundi keenya cubbuu kan dhaalle waan taaneef, yeroo murtoo goonu qajeelfama Yihowaa gaafachuurraa duubatti akka hin jenne of eeggannoo gochuu qabna. Namoonni Giibeʼon gamnoota taʼan namoota fagootii dhufan fakkaachuudhaan garasaanii yommuu dhufan, Iyaasuun inni Musee bakka buʼeefi jaarsoliin Israaʼel maal akka godhan ilaalaa. Iyaasuufi jaarsoliin sun, Yihowaa utuu hin gaafatin warra Giibeʼon wajjin nagaadhaan jiraachuuf isaaniif kakatan. Yihowaan booda kakuu isaan godhan kan deggere taʼullee, qajeelfamasaa gaafachuu dhiisuunsaanii sirrii akka hin turree barumsa akka nuu taʼuuf jecha Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti akka galmeeffamu godheera.—Iya. 9:3-6, 14, 15.
w04-AM 10/15 18 key. 14
‘Biyyattii Keessa Deemaa’
14 Bakka buʼoonni sun akkas jedhaniiru: “Nuti tajaajiltoonni kee kabaja maqaa Waaqa kee Yihowaatiif qabnuun kan kaʼe biyya fagoodhaa dhufne.” (Iyyaasuu 9:3-9) Uffanni uffatanii fi nyaanni qabatanis Gibeʼon ishii Gilgaal irraa kiilomeetira 30 fagaattu irraa utuu hin taʼin biyya fagoodhaa waan dhufan fakkeessa. Iyyaasuu fi ajajjoonni isaa utuu homaa hin shakkiin Gibeʼonii fi magaalota naannoo ishii jiran wajjin nagaadhaan jiraachuuf walii galan. Gibeʼononni mala kana kan fayyadaman ni balleeffamna jedhanii waan sodaataniif qofadhaa? Lakki, Waaqa Israaʼelotaa biratti fudhatama argachuu waan barbaadaniif akka taʼe haala isaa irraa hubachuu dandeenya. Yihowaanis Gibeʼononni ‘guutummaa yaaʼichaatiif, akkasumas iddoo aarsaa Yihowaatiif warra qoraan funaananii fi bishaan waraaban akka taʼan’ isaaniif heyyame. (Iyyaasuu 9:11-27) Gibeʼononnis tajaajila Yihowaa keessatti hojii gad of qabuu gaafatu kana hojjechuuf fedhii qabu turan. Naataaniimota boojuu Baabilonii deebiʼanii mana qulqullummaa deebisanii ijaaran keessaa tokko tokko Gibeʼonota taʼuu hin oolan. (Izraa 2:1, 2, 43-54; 8:20) Nutis Yihowaa wajjin hariiroo nagaa qabaachuu fi tajaajila isaa keessatti hojiiwwan gad of qabuu gaafatan hojjechuudhaan fakkeenya isaanii hordofuu dandeenya.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 1030
Fannisuu
Seera Yihowaan Israaʼelootaaf kenne keessatti, yakkamtoonni tokko tokko erga ajjeefamanii booda muka irratti fannifamu turan; kunis namni hundi ‘Waaqayyo biratti akka abaaraman’ argee akka isaan irraa baratuufi. Reeffi nama ajjeefame tokkoo guyyuma sana dhihuu isaa dura muka irraa buufamee awwaalamuu qaba; halkan guutuu muka irra akka bulu gochuun lafa Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne xureessa. (Kes 21:22, 23) Namni ajjeefame nama Israaʼel taʼuu baatus Israaʼelonni seera kana hordofu turan.—Iya 8:29; 10:26, 27.
ONKOLOOLESSA 11-17
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYAASUU 10-11
“Yihowaan Israaʼelotaaf Loleera”
it-1-E 50
Adonii Zedeq
Yommuu Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamte qabatanitti mootii Yerusaalem ture. Adonii Zedeq loltoota Iyyaasuu warra injifachaa jiran dhorkuuf mootummoota xixinnoo dhiha Yordaanositti argaman wajjin waltaʼiinsa uumee ture. (Iya 9:1-3) Haa taʼu malee, Hiiwonni Gibeʼon keessa jiraatan Iyyaasuu wajjin nagaa uuman. Adonii Zedeq Gibeʼon irratti haaloo baʼuudhaan biyyoonni dabalataa diinaa wajjin waltaʼiinsa akka hin uumne dhorkuuf, raayyaa isaa raayyaa mootota Amoorotaa afur wajjin walitti makuudhaan Gibeʼonitti marsee waraana ishiitti bane. Iyyaasuun Gibeʼonota oolchuuf saffisaan tarkaanfii fudhachuun isaa fi humnoota waltaʼiinsa uuman injifachuun isaa, mootonni shanan kun gara Maaqedaatti baqatanii holqa tokko keessa akka dhokatan godheera. Iyyaasuun Adonii Zedeqii fi mootota arfan kana loltoota isaa duratti ajjeesee muka irratti isaan fannise. Achiis reeffi isaanii holquma sana keessatti deebiʼee gatame, innis iddoo awwaalaa isaanii taʼe.—Iya 10:1-27.
it-1-E 1020
Cabbii
Yihowaan Itti Fayyadameera. Cabbiin wantoota Yihowaan wanta dubbate raawwachuuf ykn humna isaa isa guddaa argisiisuuf itti fayyadame keessaa tokko dha. (Fr 148:1, 8; Isa 30:30) Kana ilaalchisee wanti yeroo jalqabaatiif galmeeffame dhahicha torbaffaa Gibxii durii irratti dhufe dha; cabbii cimaan yeroo kanatti buʼe, biqiltoota balleesseera, mukeetii jijjigseera, namootas taʼe horiiwwan ala jiran ajjeeseera, taʼus Israaʼelota Gooshen jiran hin miine. (Bau 9:18-26; Fr 78:47, 48; 105:32, 33) Yeroo booda Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu Israaʼelonni geggeessaa Iyyaasuutiin Gibeʼonota haleellaa mootota Amoorotaa waltaʼiinsa uuman shananiif saaxilaman gargaaruu dhaqanitti, Yihowaan cabbii guguddaa buusuudhaan Amoorota rukuteera. Yeroo kanatti namoota Israaʼelonni waraanaan ajjeesan caalaa namoonni cabbiidhaan duʼan hedduu turan.—Iya 10:3-7, 11.
w04-AM 12/1 11 key. 1
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Iyyaasuu
10:13—Taʼeen addaa kun raawwatamuu kan dandaʼe akkamitti? Yihowaa isa Uumaa samii fi lafaa taʼeef wanti “hin dandaʼamne jiraa?” (Uumama 18:14) Yihowaan yoo barbaade lafti iddoo ishiitii akka hin sochoone gochuudhaan, namni lafa dhaabbatee ilaalu aduu fi addeessi kan hin sochoone akka itti fakkaatan gochuu dandaʼa. Yookiin immoo sochiin lafaa fi addeessaa utuu hin dhaabbatin, ifa aduu fi addeessa irraa dhufu kallattii isaa jijjiiruudhaan lafti ifa akka argattu gochuu dandaʼa. Haalli isaa maal iyyuu haa taʼu seenaa ilmaan namootaa keessatti guyyaan akka ‘guyyaa sanaa hin jiru.’—Iyyaasuu 10:14.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Gaaffii Dubbistootaa
Macaafonni tokko tokko Macaafa Qulqulluu keessatti kan caqasamaniifi faayidaa kan qaban ta’uunsaanii, geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman jechuuf sababii hin ta’u. Haata’u malee, Yihowaan, macaafonni ‘dubbii Waaqayyo keenyaa’ qabatan hundi eegamanii akka turan godheera; isaanis ‘bara baraan dhaabatanii in hafu.’ (Isa. 40:8) Eeyyee, ‘waa gochuuf akka dandeenyuufi hojii gaarii hundumaaf akka qophoofnu’ kan nu barbaachisu, wantoota Yihowaan kitaabota Macaafa Qulqulluu 66 keessatti akka hammataman godhe qofadha.—2 Xim. 3:16, 17.
ONKOLOOLESSA 18-24
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYAASUU 12-14
“Garaa Guutuudhaan Yihowaa Hordofaa”
w04-AM 12/1 12 key. 2
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Iyyaasuu
14:10-13. Kaaleb umuriin isaa waggaa 85 taʼu iyyuu hojii ulfaataa jiraattota Kebroon biyyattii keessaa baasuu akka isaaf kennamu gaafate. Iddoo kana Anaaqonni baayʼee dhedheeroo taʼan jiru turan. Loltuun muuxannoo qabuu kun gargaarsa Yihowaatiin kan milkaaʼe yeroo taʼu, boodas Kebroon magaalaa kooluu itti galan taateetti. (Iyyaasuu 15:13-19; 21:11-13) Fakkeenyi Kaaleb hojiiwwan tiʼookraasii ulfaatoo taʼan fudhachuu irraa duubatti akka hin jenne nu jajjabeessa.
Amantaafi Waaqayyoon Sodaachuun Ija Jabaachuuf Nu Gargaara
11 Amantaan akkasii bakkuma jiru kan dhaabatu miti. Jireenya keenya keessatti dhugaa hojiirra yommuu oolchinu, faayidaasaa yeroo ‘mi’eeffannu,’ deebiiwwan kadhannaa keenyaa si’a ‘ilaallu’ kana jechuunis, Yihowaan nu qajeelchaa akka jiru yeroo nutti dhaga’amu amantaan akkasii guddachaa adeema. (Faarfannaa 34:8; 1 Yohannis 5:14, 15) Iyaasuufi Kaaleb gaarummaa Yihowaa mi’eeffachaa yeroo adeeman amantaansaanii cimaa akka dhufe mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Iyaasuu 23:14) Yaadawwan kanaa gadi jiran ilaali: Akkuma Waaqayyo waadaa galetti adeemsa waggaa afurtamaa lafa onaa keessa deemanirraa oolaniiru. (Lakkoobsa 14:27-30; 32:11, 12) Waggaa ja’a cimsanii loluudhaan Kana’aaniin akka injifatan godhameera. Dhumarrattis, jireenyaafi haala fayyaa gammachiisaa ta’e akkasumas dhaala kan dhuunfaasaanii ta’e argataniiru. Yihowaan namoota amanamummaafi ija jabinaan isa tajaajilan ni eebbisa!—Iyaasuu 14:6, 9-14; 19:49, 50; 24:29.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 902-903
Geebaal
Yihowaan bara Iyyaasuutti iddoowwan Israaʼelonni qabachuu qaban keessaa tokko “biyya Geebaalotaa” akka taʼe dubbateera. (Iya 13:1-5) Magaalaan Geebaal Israaʼel irraa kallattii kaabaatiin, Daan irraa gara kiilomeetira 100 fagaattee waan argamtuu fi tarii matumaa toʼannaa Israaʼelootaa jala galtee waan hin beekneef qeeqxonni Kitaabni Qulqulluun akka wal hin simne argisiisuuf kana akka ragaatti caqasu. Hayyoonni tokko tokko, yaanni caqasa kanaa inni jalqaba Afaan Ibrootaatiin barreeffame badee taʼuu akka dandaʼuu fi caqasni kun dur “biyyaa daangaa Libaanonitti argamu” ykn ‘hanga daangaa Geebaalotaatti’ jedhamee dubbifamaa akka ture dubbatu. Haa taʼu malee, waadaan Yihowaan Iyyaasuu 13:2-7 irratti gale kan raawwatamu Israaʼelonni yoo isaaf ajajaman qofa akka taʼe hubatamuu qaba. Kanaafuu, Israaʼelonni utuu hin ajajamin waan hafaniif matumaa Geebaaliin qabatanii hin beekan.—Iya 23:12, 13 wajjin wal bira qabii ilaali.
ONKOLOOLESSA 25-31
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYAASUU 15-17
“Dhaala Keessan Isa Gatii Guddaa Qabuuf Eegumsa Godhaa”
it-1-E 1083 key. 3
Keebron
Israaʼelonni duula kibba Kanaʼaanitti godhan itti fufaa yommuu adeeman mootii ishii (tarii Hohaamsitti aanee kan mootii taʼe) dabalatee jiraattota Keebron guutummaatti balleessanii turan. (Iya 10:36, 37) Haa taʼu malee, Israaʼelonni geggeessaa Iyyaasuutiin humnoota Kanaʼaan kan balleessan taʼus, bakka injifatan sana toʼachuuf yeruma sana loltoonni achi akka qubatan hin goone taʼa. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Israaʼelonni iddoo biraatti utuma lolaa jiranii, Anaaqonni deebiʼanii Keebron qabatan; kanaan kan kaʼes yeroo muraasa booda Kaaleb (ykn ilmaan Yihudaa geggeessaa Kaaleb jala jiran) magaalattii humnaan toʼannaa isaanii jalaa baasuun isa barbaachisee ture. (Iya 11:21-23; 14:12-15; 15:13, 14; Abo 1:10) Keebron jalqaba irratti Kaaleb isa gosa Yihudaa taʼeef kan ramadamte turte; booda immoo magaalaa qulqulluu kooluu itti galan akka taatu kennamteetti. Akkasumas magaalaa lubootaa taateetti. Haa taʼu malee, ‘lafti magaalattii fi gandeen ishii’ dhaala Kaaleb turan.—Iya 14:13, 14; 20:7; 21:9-13.
it-1-E 848
Hojii Dirqamaa
Namoonni injifataman yeroo baayʼee akka garbaatti waan ilaalamaniif, jechi “hojii dirqamaa” (Ibr., mas) jedhu bara duriitti baayʼee baramaa ture. (Kes 20:11; Iya 16:10; 17:13; As 10:1; Isa 31:8; Fru 1:1) Israaʼelonni garboota taʼanii hojii dirqamaa hojjechaa yeroo turanitti, ajajjoonni Gibxootaa isaan toʼatanii fi isaan cunqursan iddoowwan kuusaa Phiitomii fi Raamsees jedhaman akka ijaaran godhaniiru. (Bau 1:11-14) Achiis Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamteetti yommuu galan, ajaja Yihowaa guutummaatti hordofanii jiraattota Kanaʼaan hunda biyyicha keessaa baasuu fi isaan balleessuu mannaa garboota taʼanii hojii humnaa akka hojjetan isaan dirqisiisaniiru. Kun immoo Israaʼelonni waaqolii sobaa akka waaqeffatan kiyyoo isaanitti taʼuudhaan dhiibbaa gadhee isaan irraan geessiseera. (Iya 16:10; Abo 1:28; 2:3, 11, 12) Solomoon Mootichis Amooronni, Heetonni, Pheriizonni, Hiiwonnii fi Yebuusonni warri sanyii Kanaʼaanotaa taʼan garboota taʼanii hojii dirqamaa akka hojjetan godhee ture.—1Mo 9:20, 21.
it-1-E 402 key. 3
Kanaʼaan
Kanaʼaanonni hedduun waraana isaan irratti banamee fi garbummaa jalaa oolaniiru; taʼus ‘Yihowaan biyya abbootii isaaniitiif akka kennu kakatee ture hundumaa Israaʼelotaaf kenneera,’ ‘kallattii hundumaatiin boqonnaa isaaniif kenneera’ akkasumas “Waadaawwan gaggaarii Yihowaan mana Israaʼeliif gale hundumaa keessaa waadaan tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne; hundi isaanii iyyuu raawwatamaniiru” jechuu ni dandeenya. (Iya 21:43-45) Saboonni diinaa naannoo Israaʼel jiran hundi sodaatanii waan turaniif nageenya Israaʼelootaaf kan yaaddessan hin turre. Sana dura Waaqayyo biyyattiin ona taatee bineensonni bosonaa akka itti hin baayʼanneef Kanaʼaanota “suutuma suuta” akka ariʼu dubbatee ture. (Bau 23:29, 30; Kes 7:22) Kanaʼaanonni gaariiwwan fardaa waraanaa haamtuu sibiilaa qaban dabalatee meeshaalee waraanaa guguddaa kan qaban taʼus Israaʼelonni dhuma irratti iddoowwan tokko tokko utuu hin qabatin hafuun isaanii Yihowaan waadaa gale akka hin raawwanne kan argisiisu miti. (Iya 17:16-18; Abo 4:13) Kanaa mannaa, seenaan akka argisiisutti Israaʼelonni yeroo tokko tokko kan moʼaman amanamoo utuu hin taʼin waan hafaniif ture.—Lak 14:44, 45; Iya 7:1-12.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Kana Beektaa?
Israaʼel durii akkuma Macaafni Qulqulluun argisiisutti bosonaan kan guutamte turtee?
MACAAFNI QULQULLUUN, Biyyattii Abdachiifamte keessaa naannoowwan tokko tokko bosonaan kan guutaman akka turanii fi mukeetiin achitti argamanis ‘baayʼee’ akka turan dubbata. (1 Mot. 10:27; Iya. 17:15, 18) Haa taʼu malee, shakkitoonni naannoo bosonni irraa cirame yeroo ilaalan, dhuguma bosonaan kan guutame akka ture ni shakku.
Kitaabni Laayif Iin Biblikaal Izraaʼel jedhamu, “bosonni Israaʼel durii keessa ture isa amma jiru irra akka baayʼatu” ibseera. Naannoowwan ol kaʼoon kun uumamaan garri caalaan isaanii muka gaattiraa Aleeppoo (Pinus halepensis) jedhamu, qilxuu magariisa (Quercus calliprinos) fi muka tarbiinz (Pistacia palaestina) jedhamuun kan guutaman turan. Naannoo Sheefeelaa isa iddoo gaarota giddu galeessaatii hanga qarqara laga Mediteraaniyaatti argamu dabalatuttis mukeetiin harbuu baayʼinaan argamu.
Kitaabni Pilaantis oov za Baayibil jedhamu, naannoowwan Israaʼel tokko tokko yeroo harʼaatti guutummaa guutuutti mukeetiin akka irraa dhuman gabaaseera. Kun akka taʼu gumaacha kan godhe maali dha? Kitaabichi kun kan taʼe suuta suuta akka taʼe yeroo ibsu akkana jedheera: “Ilmaan namootaa keessumaa lafa qonnaa fi iddoo horiin dheedan babalʼifachuuf, akkasumas meeshaalee ijaarsaa fi qoraan argachuuf utuu wal irraa hin kutin bosona ciraa jiru.”