Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
AMAJJIII 3-9
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ABBOOTII MURTII 15-16
“Gantummaan Baayʼee Jibbisiisaa Dha”
Gantummaan Milikkita Barichaati!
4 Jalqaba, Deliilaa ishee haxxee turteefi Siimson inni Abbaa Firdii baayʼee ishee jaallatuu haa ilaallu. Siimson waraana Filisxeemotaa wajjin godhamurratti saba Waaqayyoo geggeessuu barbaadee ture. Gootonni Filisxeemotaa shan Deliilaan Siimsoniif jaalala dhugaa akka hin qabne hubatanii taʼuu hin oolu. Kanaaf, iccitii Siimson humna guddaa qabaachuu itti dandaʼe baruudhaan akka isaanitti himtu, isaanis isa ajjeesuu akka dandaʼaniif mattaʼaa guddaa isheedhaa kennuuf gaafatan. Deliilaa isheen hamtuun, afeerrii isaan isheedhaa dhiheessan kan fudhatte taʼus, yaaliin isheen iccitii humna Siimson beekuuf goote siʼa sadii jalaa fashalaaʼeera. Achiis, ‘harʼaa bor isa gaafachuudhaan rakkiftee taaʼuufi kaʼuu isa dhowwite.’ Innis “hamma duʼaatti in gadde.” Kanaaf rifeensi mataasaa haadamee akka hin beekneefi yoo haadame humnasaa akka dhabu isheetti hime. Deliilaan gudeedasheerra isa raffistee rifeensasaa erga irraa haaddee booda, wanta barbaadan akka isarratti raawwataniif diinotasaatti dabarsitee isa kennite. (Abo. 16:4, 5, 15-21) Gochishee kun baayʼee yeellaasisaa ture! Deliilaan baayʼee sassattuu waan turteef nama ishee jaallatu dabarsitee kenniteetti.
w05-AM 1/15 27 key. 4
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Abbootii Murtii
14:16, 17; 16:16. Booʼuu fi nyakkisuudhaan nama tokko irratti dhiibbaa gochuun walitti dhufeenya mancaasa.—Fakkeenya 19:13; 21:19.
Gantummaan Milikkita Barichaati!
15 Namoonni gaaʼela godhatan hiriyaa gaaʼelaasaaniitiif amanamaa taʼanii jiraachuu kan dandaʼan akkamiitti? Dubbiin Waaqayyoo, “Haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi!” akkasumas, “Haadha manaa kee ishee [ykn abbaa manaa kee isa] jaallattuu wajjin jireenyatti gammadi!” jedha. (Fak. 5:18; Lal. 9:9) Hiriyoonni gaaʼelaa umriinsaanii dabalaa yommuu adeemu, qaamaanis taʼe miiraan “guutummaatti” gaaʼelasaanii keessa jiraachuu qabu. Kana jechuun xiyyeeffannaa waliif kennuu, yeroo waliin dabarsuufi caalaatti walitti dhihaachuu jechuudha. Gaaʼelasaaniifi hariiroo Yihowaa wajjin qaban eeguurratti xiyyeeffachuu qabu. Kana gochuuf, hiriyoonni gaaʼelaa Macaafa Qulqulluu waliin qayyabachuu, yeroo hunda waliin tajaajiluufi eebba Yihowaa argachuuf waliin kadhachuu isaan barbaachisa.
YIHOWAADHAAF AMANAMOO TAʼAA JIRAADHAA
16 Miseensonni gumii cubbuu cimaa raawwataniifi ‘amantii isaaniitti seelkoo akka hin qabaannetti cimsanii’ adabaman jiru. (Tit. 1:13) Namoota tokko tokkommoo gochisaanii gumiidhaa akka baafaman isaan godheera. Adabni, “warra itti baraniif” karaa hafuuraa akka bayyaannatan isaan gargaareera. (Ibr. 12:11) Fira ykn michuu gumiidhaa baafame yoo qabaannehoo? Yeroo akkasiitti nama sanaaf utuu hin taʼin Waaqayyoof amanamoo taʼuu qabna. Yihowaan nama gumiidhaa baafame tokkoo wajjin hariiroo qabaachuu wajjin haala wal qabateen abboommiisaa hordofuufi dhiisuu keenya akka gaariitti ilaala.—1 Qorontos 5:11-13 dubbisi.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 3/15 27 key. 6
Saamson Jabina Yihowaatiin Injifannoo Argate!
Saamson Filisxeemota loluu isa kaayyoo isaa taʼe irratti guutummaatti xiyyeeffateera. Mana dubartii sagaagaltuu Gaazaa keessa jirtaattu takkaa keessa kan buufte Diinota Waaqayyoo waraanuuf ture. Saamson magaalaa diinaa kana keessatti iddoon itti buluu isa barbaachisa ture; iddoo akkasii argachuu kan dandaʼu immoo mana sagaagaltuu keessa dha. Saamson kaayyoo ejja raawwachuu hin qabu ture. Saamson halkan walakkaa mana dubartii kanaatii baʼee deeme; achiis karra magaalichaa utubaa isaa wajjin buqqisuudhaan baatee gara gaara Kebroon bira jiru tokkotti ol baase; garri kun iddoo kana irra gara kiilomeetira 60 fagaata. Kana kan godhe Waaqayyoo biratti fudhatama waan qabuu fi jabina inni isaaf kenneen ture.—Abbootii Murtii 16:1-3.
AMAJJII 10-16
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ABBOOTII MURTII 17-19
“Seera Waaqayyoo Cabsuun Rakkina Geessisa”
it-2-E 390-391
Miikiyaas
1. Nama gosa Efreem taʼe. Miikiyaas Ajajawwan Kurnan keessaa isa saddeettaffaa cabsuudhaan (Bau 20:15), haadha isaa jalaa meetii sheeqilii 1,100 fudhateera. Achiis balleessaa isaa himatee yommuu ishiidhaaf deebisu haati isaa akkas jette: “Ilmi koo fakkii bocamaa fi siidaa sibiilaa akka ittiin tolchuuf, ani dhugumaan harka koo irraa meeticha Yihowaadhaaf nan qulqulleessa. Amma deebiseen siif kenna.” Sana booda meetii sheeqilii 200 fudhattee “fakkii bocamaa tokkoo fi siidaa sibiilaa tokko” akka hojjetuuf nama meetii baqsutti kennite; wanti hojjetame sunis mana Miikiyaas kaaʼame. Miikiyaas “mana waaqolii” kan qabu yeroo taʼu, efuudii fi taraafiimii tolchuudhaan, ilmaan isaa keessaa inni tokko luba taʼee akka isa tajaajilu isa muude. Qophiin kun Yihowaadhaaf ulfina kennuuf kan qophaaʼe fakkaatus, guutummaatti sirrii hin turre; sababiin isaas ajaja waaqolii tolfamoo waaqeffachuu dhowwu kan cabsuu fi (Baʼuu 20:4-6) godoo qulqulluu Yihowaa fi sirna lubummaatiif kabaja akka hin qabne kan argisiisu ture. (Abo 17:1-6; Kes 12:1-14) Boodas Miikiyaas Yonaataan isa sanyii Musee keessaa ilma Geershom taʼe gara mana isaatti fiduudhaan, dargaggeessi Lewwii taʼe kun luba taʼee akka isa tajaajilu isa qacare. (Abo 18:4, 30) Miikiyaas gochi isaa kun sirrii akka taʼe dogoggoraan yaaduudhaan, “amma Yihowaan wanta gaarii akka naaf godhu nan beeke” jedheera. (Abo 17:7-13) Haa taʼu malee Yonaataan sanyii Aaron keessaa waan hin turreef, tajaajila lubummaa raawwachuuf gaʼumsa hin qabu; kun immoo Miikiyaas cubbuu dabalataa akka hojjetu godheera.—Lak 3:10.
it-2-E 391 key. 2
Miikiyaas
Sana booda utuma baayʼee hin turin, Miikiyaasii fi namoonni isaa wajjin turan Daanota hordofan. Achiis yommuu isaan bira gaʼanii fi maal akka barbaadan gaafataman Miikiyaas akkana jedhe: “Isin waaqolii koo warran tolfadhe fudhattaniittu; lubichas fuutanii deemtaniittu. Maaltu naaf hafe ree?” Yeroo kanatti, ilmaan Daan Miikiyaas isaan hordofuu fi isaanitti iyyee dubbachuu isaa yoo dhaabuu baate isa miidhuu akka dandaʼan isa akeekkachiisan. Miikiyaas namoonni Daan namoota isaa caalaa cimoo taʼuu isaanii yeroo argu gara mana isaatti deebiʼe. (Abo 18:22-26) Sana booda Daanonni Laaʼishiin rukutanii gubuudhaan magaalaa isaanii achitti ijaarratan. Achiis Yonaataanii fi ilmaan isaa Daanotaaf luboota taʼan. Daanonni “fakkii bocamaa isa Miikiyaas tolche kan dhaabbatan yeroo taʼu, innis guyyoota manni Waaqa dhugaa [godoo qulqulluun] Shiiloo keessa itti ture hundumaatti achuma ture.”—Abo 18:27-31.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Hiikkaa Dubbii Waaqayyoo Isa Jiraataa
6 Ragaan maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessa akka jiraatu gochuun barbaachisaa taʼuu isaa argisiisu xiqqaachaa utuu hin taʼin dabalaa deemeera. Maqaan kun Hiika Addunyaa Haaraa bara 2013tti fooyyeffame keessatti al 7,216 kan argamu siʼa taʼu, kitaaba kana irratti maqaan kun isa hiika bara 1984tti maxxanfame caalaa iddoo 6tti dabalameera. Bakki maqaan kun itti dabalame shanan, 1 Saamuʼel 2:25; 6:3; 10:26; 23:14, 16 dha. Sababiin inni guddaan maqaan kun iddoowwan kanatti deebiʼee akka galu itti godhame, Maraan Kitaabaa Galaana Soogiddaa inni barreeffama Maasoretootaa Afaan Ibrootaa waggaa 1,000 dura barreeffame, iddoowwan kanatti maqaa kana waan qabateefi dha. Kana malees barreeffamoota durii harkaan garagalfaman irratti qorannaan dabalataa godhamuu isaatiin kan kaʼe bakka tokkotti, jechuunis Abboota Firdii 19:18 irratti maqaan kun deebiʼee akka galu godhameera.
AMAJJII 17-23
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ABBOOTII MURTII 20-21
“Yihowaa Gaafachuu Keessan Itti Fufaa”
Haalli Rakkisaan Yeroo Uumamu Akkuma Fiinehaas Gochuu Dandeessuu?
Gosni Beniyaam warri Giibeʼaa jiraatan saajjatoo nama Lewwii haala suukanneessaa taʼeen gudeedanii erga ishee ajjeesanii booda, gosonni kaan isaanirratti lola banuuf kaʼan. (Abo. 20:1-11) Lola banuusaanii dura Yihowaan akka isaan gargaaru kadhannaa dhiheessanii kan turan taʼus, al lama moʼamaniiru. (Abo. 20:14-25) Kadhannaan isaan dhiheessan gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamee turee? Yihowaan dhuguma wanta gadhee raawwatameef tarkaanfii fudhachuusaaniitti hin gammanne jechuudhaa?
Haalli Rakkisaan Yeroo Uumamu Akkuma Fiinehaas Gochuu Dandeessuu?
Kanarraa barumsa maalii argannaree? Jaarsoliin jabaatanii kan hojjetaniifi gargaarsa Waaqayyoo argachuuf kan kadhatan taʼus, rakkoowwan gumii keessatti uumaman tokko tokko dafanii furmaata hin argatan taʼa. Yeroo haalli akkasii uumamutti, jaarsoliin gorsa Yesus, “Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama” jedhu yaadachuu qabu. (Luq. 11:9) Deebiin kadhannaa sanaa akka ture yommuu isaanitti dhagaʼamutti, jaarsoliin Yihowaan yeroosaatti deebii akka isaan iif kennu mirkanaaʼoo taʼuu qabu.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w14-AM 5/1 11 key. 4-6
Kana Beektaa?
Bara duriitti furrisaan waraanaaf faayidaa irra oolaa kan ture akkamitti?
Furrisaan meeshaa waraanaa Daawit Goliyaad isa baayʼee guddaa taʼe ajjeesuuf itti fayyadame dha. Daawit meeshaa waraanaa kana fayyadamuu kan barate ijoollummaa isaatti yeroo tiksee turetti taʼuu hin oolu.—1 Saamuʼel 17:40-50.
Bocni furrisaa hambalee Gibxootaa fi Asoorotaa durii keessatti ni argama. Furrisaan gogaa ykn uffata xinnoo karaa lamaan funyoon itti hidhamuun hojjetama. Namni furrisaa darbatu sun dhagaa xixinnoo seenti meetira 5 hanga 7.5 dheeratanii fi hanga giraama 250 ulfaatan achi keessa kaaʼata. Achiis furrisicha mataa isaa irra naannessee funyoo isaa isa tokko yommuu gadhiisu, dhagichi humna guddaadhaan darbatamee wanta barbaadame rukuta.
Giddu Gala Bahaa bakka waraanonni durii godhamanitti lafa qotuudhaan qorannoowwan godhamaniin dhagaawwan furrisaa hedduun argamaniiru. Loltoonni furrisaa darbachuu irratti ogummaa qaban, dhagaan tokko saʼaatiitti saffisa kiilomeetira 160 hanga 240tti akka darbatamu gochuu dandaʼu. Hayyoonni furrisaan hamma xiyyaa fageenya dheeraa deemuu isaa irra tti kan walii hin galle taʼanis, furrisaan miidhaa cimaa akka geessisu mirkanaaʼeera.—Abbootii Murtii 20:16.
AMAJJII 24-30
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | RUUT 1-2
“Jaalala Amanamaa Hordofaa”
Fakkeenya Namoota Yihowaa Wajjin Michummaa Cimaa Qabanii Hordofaa
5 Ruut Moʼaab keessaa haadhaa fi firoota ishii simachuu fi wanta jireenyaaf ishii barbaachisu ishiidhaaf guutuu dandaʼan akka qabdu yaaduu ni dandeessi turte. Moʼaab biyya itti dhalatte dha. Aadaan biyyichaa aadaa ishii ti; qooqni biyyichaa qooqa ishii ti; sabni biyyichaas saba ishii ti. Naaʼomiin Betlihem keessatti wanta akkanaa akka ishiidhaaf gootu waadaa galuufii hin dandeessu. Naaʼomiin, Ruut biyya Moʼaabitti akka haftu ishii gorsitee ture. Naaʼomiin haadha manaa ilma ishii kanaaf abbaa manaas taʼe mana qopheessuu akka hin dandeenye yaaddee turte. Ruut murtoo akkamii gooti ree? Garaagarummaa ishii fi Orphaa ishii “gara saba isheetti, gara waaqayyolii isheettis deebite” gidduu jiru hubadhu. (Rut. 1:9-15) Ruut gara waaqayyolii sobaa sabni ishii waaqeffatanitti ni deebitii? Lakki, hin deebine.
Fakkeenya Namoota Yihowaa Wajjin Michummaa Cimaa Qabanii Hordofaa
6 Ruut tarii abbaa manaa ishii ykn amaatii ishii irraa waaʼee Yihowaa barattee taʼuu dandaʼa. Yihowaan akka waaqayyolii Moʼaab miti. Ruut Yihowaan jaalallii fi waaqeffannaan ishii kan isaaf malu akka taʼe beektee turte. Haa taʼu malee, beekumsi qofti gaʼaa miti. Ruut murtoo gochuu qabdi turte. Yihowaan Waaqa ishii akka taʼu ni filattii laata? Ruut filannaa ogummaa irratti hundaaʼe gooteetti. Naaʼomiidhaan, “Sabni kee saba koo in taʼa, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in taʼa” jetteetti. (Rut. 1:16) Jaalala Ruut Naaʼomiidhaaf qabdu yaaduun garaa namaa kan tuqu dha; taʼus jaalalli ishiin Yihowaadhaaf qabdu wanta kana caalaa baayʼee barbaachisaa taʼe dha. Yeroo booda Boʼaz inni abbaa lafaa taʼe, Ruut bobaa Yihowaa jalatti kooluu galuu waan barbaaddeef ishii jajateera. (Ruut 2:12 dubbisi.) Yaadni kun cuucii qoochoo haadha ishii isa cimaa fi balaa irraa ishii eegu jalatti kooluu galtu tokko nu yaadachiisa. (Far. 36:7; 91:1-4) Yihowaan Ruutiif abbaa akkanaa taʼeera. Amantii ishiin argisiisteef waan ishii kiiseef, murtoo goote kanatti sababii itti gaabbitu hin qabdu.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 3/1 27 key. 1
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Ruut
1:13, 21—Jireenyi Naaʼomii hadhaaʼaa fi rakkinaan kan guutame akka taʼu kan godhe Yihowaa turee? Lakki. Naaʼomiin yommuu akkas jettu rakkina natti fideera jettee Waaqayyoon himachuu ishii hin turre. Taʼus rakkina ishii irra gaʼeen kan kaʼe Waaqayyo fuula isaa akka ishii irraa garagalche itti dhagaʼamee ture. Akkasumas wanta taʼetti garmalee aartee fi bitaa ishiitti galee ture. Kana malees, yeroo sanatti ijoollee godhachuun eebbaa Waaqayyoo argachuu akka taʼetti, maseena taʼuun immoo abaaramuu akka taʼetti ilaalama ture. Naaʼomiin ilmaan ishii lamaan duʼaan waan dhabdee fi ijoollee ijoollee arguu waan hin dandeenyeef Yihowaan akka ishii salphise itti dhagaʼamee ture.
AMAJJII 31–GURAANDHALA 6
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | RUUT 3-4
“Maqaa Gaarii Qabaadhaa, Akkasumas Eeggadhaa Itti Fufaa”
w12-AM 10/1 22 key. 5
“Dubartii Baʼeettii”
Boʼaaz Ruutitti kan dubbate karaa gaarummaa qabuu fi nama jajjabeessuun akka ture hin shakkisiisu. Akkana jedheera: “Yaa intala too, Yihowaan si haa eebbisu. Sooressas taʼe hiyyeessa dargaggoota duukaa buʼuu dhiisuudhaan, isa yeroo jalqabaa caalaa isa yeroo dhumaa kanatti jaalala amanamaa argisiisteetta.” (Ruut 3:10) Boʼaaz “isa yeroo jalqabaa” yommuu jedhu Ruut Naaʼomii wajjin gara Israaʼel dhufuu fi ishii kunuunsuudhaan jaalala amanamaa ishiin argisiiste caqasuu isaa ture. “Isa yeroo dhumaa” yommuu jedhu immoo wanta yeroo sanatti goote dubbachuu isaa ture. Boʼaaz, Ruut dargaggeettii waan turteef sooressas taʼe hiyyeessa abbaa manaa dargaggeessa taʼetti heerumuuf filachuu akka dandeessu beeka ture. Ruut garuu Naaʼomiidhaaf qofa utuu hin taʼin abbaa manaa Naaʼomii isaa duʼeefis wanta gaarii gochuu barbaadde; sanyiin isaa akka itti fufu gochuu barbaaddee turte. Boʼaaz gocha ofittummaa irraa walaba taʼee fi dargaggeettiin kun raawwatteen kan tuqame maaliif akka taʼe hubachuun ulfaata miti.
w12-AM 10/1 23 key. 1
“Dubartii Baʼeettii”
Ruut, namoota hunda duratti “dubartii baʼeettii” taʼuudhaan akka beekamtu wanta Boʼaaz dubbate yaaduudhaan baayʼee gammaddee taʼuu qaba! Yihowaa beekuu fi isa tajaajiluuf fedhiin guddaan ishiin qabdu maqaa gaarii akkasii akka qabaattu godhee taʼuu akka dandaʼu hin shakkisiisu. Kana malees, barsiifataa fi aadaa kanaan dura hin beekne fudhachuudhaan, Naaʼomii fi saba ishiitti gaarummaa guddaa argisiisteetti. Nutis fakkeenya amantii Ruut kan hordofnu yoo taʼe barsiifataa fi aadaa namoota kaaniitiif kabaja guddaa qabaanna. Akkas yoo goone, nutis akkuma Ruut wanta gaarii gochuudhaan maqaa gaarii arganna.
w12-AM 10/1 24 key. 3
“Dubartii Baʼeettii”
Boʼaaz Ruutiin fuudhe. Wanta sana booda taʼe ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Ishiinis eebba Yihowaatiin ulfooftee ilma deesse.” Dubartoonni Beetaliheem Naaʼomii kan eebbisan yeroo taʼu, Naaʼomiidhaaf ilmaan torba irra akka caaltu dubbachuudhaan Ruutis jajataniiru. Yeroo booda ilmi Ruut akaakilii Daawit mootichaa akka taʼe ibsameera. (Ruut 4:11-22) Daawit immoo akaakilii Yesuus Kiristoos taʼeera.—Maatewos 1:1.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 3/1 29 key. 3
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Ruut
4:6—Namni tokko fira isaa rakkate furuun isaa dhaala isaa isa “dhabsiisuu” kan dandaʼu akkamitti? Tokkoffaa, namni hiyyoome sun lafa isaa gurgureera yoo taʼe, namni isa furu gatii lafichaa waggoota hanga Iyyobeeliyyuu itti aanutti jiranitti shallaguudhaan laficha deebisee bituu qaba. (Leewwota 25:25-27) Kun immoo qabeenyi isaa akka hirʼatu godha. Kana malees, Ruut ilma yoo deesse lafa sana kan dhaalu fira dhihoo nama furu sanaa utuu hin taʼin ilma dhalate sana taʼa.
GURAANDHALA 7-13
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 1-2
“Kadhannaadhaan Garaa Keessan Yihowaadhaaf Banaa”
Waan Garaashee Keessa Jiru Waaqayyotti Himatteetti
12 Kanaaf, Haannaan kadhannaa dhiheessuu ilaalchisee tajaajiltoota Yihowaa hundaaf fakkeenya gaarii taati. Akkuma mucaan warrasaatti amanamuufi isaan jaallatu tokko godhu, Yihowaanis tajaajiltoonnisaa wanta isaan yaaddessu hunda ifatti akka isatti dubbatan gaarummaadhaan afeera. (Faarfannaa 62:8; 1 Tasaloniiqee 5:17 dubbisi.) Phexros ergamaan kadhannaa ilaalchisee, “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” jechuudhaan hafuuraan geggeeffamee yaada nama jajjabeessu barreesseera.—1 Phe. 5:7.
w07-AM 3/15 16 key. 5
Haannaan Nagaa kan Argatte Akkamitti?
Kana irraa maal baranna? Wantoota nu yaaddessan ilaalchisee gara Yihowaatti yommuu kadhannaa dhiheessinu, wanta nutti dhagaʼamu isatti himuu fi wanta nu barbaachisu akka nu kennu garaadhaa isa gaafachuu dandeenya. Rakkinicha furuuf wanti gochuu dandeenyu hin jiru yoo taʼe isaaf dhiisuu qabna. Wanta kana irra wayyu gochuu hin dandeenyu.—Fakkeenya 3:5, 6.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 3/15 21 key. 5
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Tokkoffaa Saamuʼel
2:10—Yeroo sanatti Israaʼel keessa mootiin kan hin jirre taʼus, Haannaan kadhannaa ishii irratti Yihowaan “isa mootii godhate sanaaf humna ni kenna” kan jette maaliifi? Seerri Musee Israaʼelonni gara fuulduraatti nama mootii isaanii taʼu akka qabaatan ni dubbata. (Keessa Deebii 17:14-18) Yaaqoob yommuu duʼuu jala gaʼee turetti raajii akkas jedhu dubbateera: “Uleen mootii Yihudaa keessaa, uleen ajajaas miila isaa gidduudhaa hin baʼu.” (Uumama 49:10) Kana malees, Yihowaan Saaraa ishii akkoo Israaʼelotaa taate ilaalchisee, “mootonni sabootaa ishii keessaa ni baʼu” jedheera. (Uumama 17:16) Kanaafuu Haannaan waaʼee mootii gara fuulduraatti dhufuu kadhachaa turte.
GURAANDHALA 14-20
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 3-5
“Yihowaan Namaaf ni Yaada”
Hundumaa kan Dandaʼu Taʼus Namaaf Yaada
3 Saamuʼel godoo qulqullaaʼaa keessatti ‘Waaqayyoof hojjechuu’ kan jalqabe ijoollummaa isaatti ture. (1 Sam. 3:1) Gaaf tokko halkan Saamuʼel erga rafee booda, wanti baayʼee adda taʼe tokko ni raawwatame. (1 Saamuʼel 3:2-10 dubbisi.) Sagaleen tokko yommuu isa waamu dhagaʼe. Saamuʼel, Eelii maanguddichi inni Luba Ol Aanaa taʼe akka isa waame waan yaadeef, fiigee gara isaa dhaquudhaan, “Kunoo, asan jira, maal jette?” isaan jedhe. Eeliin akka isa hin waamne dubbate. Sana booda wanti akkasii yeroo lama yommuu taʼu, Eeliin Saamuʼeliin waamaa kan jiru Waaqayyo akka taʼe hubate. Kanaafuu inni akkamitti deebii kennuu akka qabu isatti hime, Saamuʼelis ni ajajame. Yihowaan jalqabuma irratti karaa maleekaa isaa Saamuʼelitti kan of hin beeksisne maaliif ture? Kitaabni Qulqulluun maaliif akka taʼe kan hin ibsine taʼus, wantoonni sana booda raawwataman Yihowaan Saamuʼeliif baayʼee yaadee akka ture argisiisu. Akkamitti?
Hundumaa kan Dandaʼu Taʼus Namaaf Yaada
4 1 Saamuʼel 3:11-18 dubbisi. Seerri Yihowaa ijoolleen maanguddoo keessumaa immoo nama aangoo qabu akka kabajan isaan ajajeera. (Bau. 22:28; Lew. 19:32) Kanaafuu, namni akka Saamuʼel ijoollee taʼe ganamaan kaʼee ija jabinaan ergaa murtii Waaqayyoo Eeliitti hima jedhanii yaaduun ulfaataa dha. Seenaan isaa, Saamuʼel ‘mulʼata arge sana Eliitti himuu akka sodaate’ dubbata. Haa taʼu malee, Waaqayyo Saamuʼeliin akka waamaa ture Eeliidhaaf ifa godhe. Kanaan kan kaʼe Eeliin haala isaa waan hubateef, Saamuʼel akka isatti himu gaafate. Achiis, ‘Wanta inni sitti dubbate hundumaa keessaa tokko illee ana hin dhoksin’ jedhee isa ajaje. Saamuʼelis ajajamuudhaan, wanta hundumaa ‘utuu hin dhoksin isatti hime.’
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 3/15 21 key. 6
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Tokkoffaa Saamuʼel
3:3—Saamuʼel kan rafe Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa ture? Lakki, achi hin turre. Saamuʼel Leewwii taʼus, maatii Qehaatotaa luba taʼanii tajaajiluu hin dandeenye keessaa dhufe. (1 Seenaa 6:33-38) Kanaafuu inni ‘ol seenee wantoota qulqulluu ilaaluu’ hin dandaʼu. (Lakkoofsa 4:17-20) Saamuʼel seenuu kan dandaʼu mooraa godoo qulqulluu keessa qofa ture. Rafee kan tures iddoo kana taʼuu qaba. Eeliinis kan rafee mooraadhuma kana keessa taʼuu hin oolu. Ibsi “bakka Taabonni Waaqayyoo itti argamu” jedhu godoo qulqulluu fi mooraa isaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.
GURAANDHALA 21-27
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 6-8
“Mootiin Keessan Eenyu Dha?”
it-2-E 163 key. 1
Mootummaa Waaqayyoo
Namni Mootii Taʼee Bulchu Akka Isaaniif Muudamu Gaafatan. Israaʼelonni Gibxii keessaa baʼanii gara waggaa 400 boodaa fi Waaqayyo Abrahaam wajjin kakuu erga galee waggaa 800 ol booda, akkuma saboota kaanii isaanis namni mootii taʼee isaan bulchuu akka isaaniif muudamu gaafatan. Gaaffiin isaanii kun Yihowaa isa Mootii isaanii taʼe akka tuffatan kan argisiisu ture. (1Sa 8:4-8) Dhugaadha, kakuu Abrahaamii fi Yaaqoob wajjin galame wajjin haala wal simuun, sabichi mootummaa Waaqayyoon hundeeffame qabaachuuf barbaaduun isaanii dogoggora miti. Kana barbaaduuf sababii dabalataas qabu turan; fakkeenyaaf mootii akka qabaatan raajii abdii qabatee fi Yaaqoob yommuu duʼuu jala gaʼetti waaʼee Yihudaa dubbate keessatti (Uma 49:8-10), yaada Yihowaan Israaʼelonni erga Gibxiidhaa baʼanii booda dubbate keessatti (Bau 19:3-6), wanta kakuu seerichaa irratti barreeffame keessatti (Kes 17:14, 15), akkasumas yaada Waaqayyo Balaʼaam raajichi akka dubbatu godhe keessatti ibsameera. (Lak 24:2-7, 17). Haannaa haati Saamuʼel ishiin amanamtuun kadhannaa ishii irratti waaʼee abdii kanaa caqasteetti. (1Sa 2:7-10) Haa taʼu malee, Yihowaan “iccitii qulqulluu” waaʼee mootummaa kanaa dubbatu guutummaatti ifa hin goone, akkasumas mootummaa kana hundeessuuf yeroon murteesse yoom akka taʼe, caasaan isaa maal akka fakkaatu, bulchitoota kan taʼan eenyufaa akka taʼanii fi samii irratti ykn lafa irratti akka taʼu hin ibsine. Kanaafuu sabichi nama mootii taʼe isaan bulchuu gaafachuun isaanii of tuulummaa isaanii kan argisiisu ture.
w11-AM 1/1 27 key. 1
Wantoonni Abdii Nama Kutachiisan Jiraatanis Jabaatee Dhaabbateera
Saamuʼel dhimma kana kadhannaadhaan yommuu isatti himetti Yihowaan maal akka godhe hubadhaa: “Wanta uummatichi siin jedhu hunda dhagaʼi; sababiin isaas, isaan kan tuffatan siin miti; kanaa mannaa mootii isaanii akkan hin taane kan tuffatan anaani.” Kun Saamuʼeliin baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba; taʼus wanti sabichi dubbate kun Waaqa Hundumaa Dandaʼu akka arrabsanitti kan ilaalamu ture. Yihowaan Israaʼelonni nama mootii taʼee isaan bulchu qabaachuun isaanii gatii guddaa akka isaan kaffalchiisu akka isaan akeekkachiisu raajii isaa kanatti hime. Saamuʼel wanta Yihowaan jedhe yommuu sabichatti himu, sabichi, “Hin taʼu, mootiin akka nuuf muudamu barbaanna” jechuudhaan yaada isaanitti cichan. Saamuʼel inni yeroo hunda Waaqayyoof ajajamu mootii Yihowaan sabichaaf filate isaaniif muude.—1 Saamuʼel 8:7-19.
Bulchiinsi Yihowaa Sirrii Akka Taʼe Mirkanaaʼeera!
9 Akeekkachiisni Yihowaan kenne dhugaa akka taʼe yeroo booda mirkanaaʼeera. Israaʼeloonni bulchiinsa namaa jalatti buluunsaanii, keessumaammoo yommuu mootichi amanamaa utuu hin taʼin hafutti rakkina guddaarra akka buʼan godheera. Fakkeenya Israaʼelootaa sammuutti qabachuudhaan, yeroo namoonni Yihowaa hin beekne bulchaa turan hundumaatti buʼaan gaariin hin argamin hafuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Namoonni siyaasaa tokko tokko eebba Waaqayyoo argachuudhaan nagaafi tasgabbii buusuuf kan carraaqan taʼuyyuu, Waaqayyo namoota bulchiinsasaatiif hin abboomamne akkamitti eebbisuu danda’a?—Far. 2:10-12.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w02-AM 4/1 12 key. 13
Cuuphamuun kan Barbaachise Maaliifi?
13 Dhugaa Baatota Yihowaa taanee cuuphamuu keenya dura jijjiirama gochuu qabna. Namni garaa guutuudhaan Yesuus Kiristoos hordofuuf murteesse tokko fedhiidhaan tarkaanfii akkasii fudhachuu qaba. Namoonni akkasii daandii dogoggoraa duraan hordofaa turan dhiisanii wanta Waaqayyo duratti sirrii taʼe hojjechuuf murteessu. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechoonni Afaan Ibrootaa fi Giriikii jijjiiramuu argisiisan yaada duubatti garagaluu, duubatti deebiʼuu jedhu dabarsu. Gochi kun karaa dogoggora irraa gara Waaqayyootti garagaluu argisiisa. (1 Mootota 8:33, 34) Jijjiiramuun ‘hojiiwwan yaada geddarachuu argisiisan hojjechuu’ gaafata. (Hojii Ergamootaa 26:20) Kun waaqeffannaa sobaa dhiisuu, wanta seera Waaqayyoo wajjin wal simu raawwachuu fi guutummaa guututti Yihowaadhaaf buluu gaafata. (Keessa Deebii 30:2, 8-10; 1 Saamuʼel 7:3) Jijjiiramuun yaada, kaayyoo fi amala keenya akka geddarru nu taasisa. (Hisqiʼel 18:31) Yommuu amalawwan sirrii hin taane namummaa haaraatiin bakka buusnu ‘deebiʼuu’ keenya argisiisna.—Hojii Ergamoota 3:19; Efesoon 4:20-24; Qolosaayis 3:5-14.
GURAANDHALA 28–BITOOTESSA 6
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 9-11
“Saaʼol Jalqaba Nama Gad Of Qabuu fi Humna Isaa Beeku Ture”
Gad Of Qabuu fi Humna Kee Beekuudhaan Waaqa Kee Wajjin Deddeebiʼi
11 Wanta Saaʼol Mooticha irra gaʼe irratti xiinxali. Jalqaba irratti dargaggeessa humna isaa beeku ture. Humni isaa daangaa akka qabu hubatee kan ture siʼa taʼu, itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf illee duubatti jedhee ture. (1 Sam. 9:21; 10:20-22) Taʼus, Saaʼol yeroo booda of tuuluudhaan wanta gochuuf isaaf hin heyyamamne raawwateera. Amala gadhee kana mootii taʼee utuma baayʼee turin argisiise. Yeroo tokko Saamuʼel raajicha yommuu eegaa turetti obsa dhabe. Saaʼol humna isaa beekuudhaan Yihowaan saba isaatiif tarkaanfii akka fudhatu isatti amanamuu mannaa, kana gochuuf aangoo kan hin qabne taʼus aarsaa dhiheesse. Kanaan kan kaʼes, Saaʼol Yihowaa biratti fudhatama dhabe, boodas mirga mootii taʼee itti fufuuf qabu dhabe. (1 Sam. 13:8-14) Fakkeenya akeekkachiisaa kana irraa barachuudhaan of tuulummaa irraa fagaachuun keenya ogeeyyii nu taasisa.
Amala Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu Guddifachuu
8 Ofittummaan amala fedhii ofii aarsaa gochuu nu jalaa mancaasuu dandaʼa. Gama kanaan, Saaʼol inni mootii Israaʼel ture fakkeenya akeekkachiisaa nuuf taʼa. Saaʼol, jalqaba yommuu mootii taʼetti nama gad of deebisu ture. (1 Sam. 9:21) Sabni Israaʼel aangoo Waaqayyo isaaf kennerratti yommuu kaʼan, tarkaanfii fudhachuu kan dandaʼu taʼus, isaaniin balleessuurraa of qusateera. (1 Sam. 10:27) Akkasumas, sabni Israaʼel lola Amoonotaa wajjin godhanirratti milkaaʼina argachuu akka dandaʼaniif qajeelfama Waaqayyo isaaf kenne fudhateera. Gad of deebisuudhaan injifannoo argameef galata argachuu kan qabu Yihowaa akka taʼe ibseera.—1 Sam. 11:6, 11-13.
w95-AM 12/15 10 key. 1
Amoonota—Namoota Gaarummaa Itti Argisiifameef Jibba Deebisan
Ammas Amoononni gaarummaa Yihowaan isaanitti argisiiseef jibba deebisan. Yihowaan gocha gara jabinaan kakaʼanii raawwatan kana cal jedhee bira hin dabarre. “Saaʼol yommuu wanta kana [dubbii Nahaash] dhagaʼu hafuurri Waaqayyoo humna isaaf ni kenne; innis aariidhaan ni gubate.” Saaʼol ‘Warri oolan namni lama illee waliin taʼuu hamma hin dandeenyetti’ Amoonota guutummaatti balleessuuf qajeelfama hafuura Waaqayyootiin raayyaa waraanaa loltoota 330,000 qabate walitti qabe.—1 Saamuʼel 11:6, 11.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 3/15 22 key. 8
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Tokkoffaa Saamuʼel
9:9—Yaanni “namni yeroo harʼaatti raajii jedhamu, bara duriitti nama mulʼata argu jedhama ture” jedhu maal argisiisa? Jechoonni kun bara Saamuʼelii fi bara mootota Israaʼelitti raajonni caalaatti beekamtii argachaa yommuu deeman, jechi nama “mulʼata argu” jedhu jecha “raajii” jedhun bakka buufamu isaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Saamuʼel raajota keessaa isa jalqabaa akka taʼe yaadama.—Hojii Ergamootaa 3:24.