BOQONNAA 7
Akkuma Waaqayyoo Jireenyaaf Bakka Guddaa Ni Kennitaa?
“Ati madda jireenyaa ti.”—FAARFANNAA 36:9.
1, 2. Yihowaan kennaa gatii guddaa qabu akkamii nuu kenneera?
YIHOWAAN hunda keenyaaf kennaa dinqisiisaa nuu kenneera. Kennaan kun kennaa jireenyaa ti. (Uumama 1:27) Inni jireenya hunda caalaa gaarii taʼe akka jiraannu barbaada. Kanaafuu, dhugaawwan buʼuuraa akkamitti murtoo gaarii gochuu akka dandeenyu nu barsiisan nuu kenneera. “Wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf” akka nu gargaaraniif dhugaawwan buʼuuraa kanatti fayyadamuu qabna. (Ibroota 5:14) Akkana kan goonu yoo taʼe, Yihowaan sirriitti yaaduu akka dandeenyuuf akka nu leenjisu heyyamaa jirra jechuu dha. Dhugaawwan buʼuuraa Waaqayyootiin yommuu jiraannuu fi jireenya keenya fooyyessuu isaanii yommuu ilaallu, dhugaawwan kun hammam gatii guddaa akka qaban hubanna.
2 Jireenyi baayʼee wal xaxaa taʼuu dandaʼa. Haalawwan yeroo baayʼee nu mudatan ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan seera hin kennu. Fakkeenyaaf, yaalii fayyaa dhiiga fayyadamuu gaafatu tokko ilaalchisee murtoo gochuun nu barbaachisa taʼa. Murtoo Yihowaa gammachiisu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun dhugaawwan buʼuuraa ilaalcha Yihowaan lubbuu fi dhiigaaf qabu nu barsiisan qabateera. Dhugaawwan buʼuuraa kana yoo hubanne, murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuu fi qalbii gaarii qabaachuu dandeenya. (Fakkeenya 2:6-11) Mee amma dhugaawwan buʼuuraa kanneen keessaa tokko tokko haa ilaallu.
WAAQAYYO JIREENYAA FI DHIIGAAF ILAALCHA AKKAMII QABA?
3, 4. (a) Waaqayyo ilaalcha dhiigaaf qabu kan ibse akkamitti? (b) Dhiigni maal bakka buʼa?
3 Kitaabni Qulqulluun dhiigni jireenya waan bakka buʼuuf qulqulluu akka taʼe nu barsiisa. Jireenyi immoo Yihowaa biratti gatii guddaa qaba. Qaayin obboleessa isaa erga ajjeesee booda Yihowaan, “Dhiigni obboleessa keetii lafa irraa gara kootti iyyachaa jira” jedheenii ture. (Uumama 4:10) Dhiigni Abeel jireenya isaa waan bakka buʼuuf, Yihowaan waaʼee dhiiga Abeel yommuu dubbatu waaʼee jireenya Abeel dubbachuu isaa ture.
4 Bishaan badiisaa bara Noh booda, Waaqayyo namoonni foon nyaachuu akka dandaʼan dubbatee ture. Haa taʼu malee, “Foon lubbuun isaa, jechuunis dhiigni isaa keessa jiru hin nyaatinaa” jechuudhaan addaan baasee dubbateera. (Uumama 9:4) Ajajni kun nu dabalatee sanyiiwwan Noh hundaaf ni hojjeta. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan dhiigni jireenya kan bakka buʼu akka taʼetti ilaala. Nutis dhiigaaf ilaalcha akkasii qabaachuu qabna.—Faarfannaa 36:9.
5, 6. Seerri Musee ilaalcha Yihowaan jireenyaa fi dhiigaaf qabu kan ibsu akkamitti?
5 Yihowaan Seera Museedhaaf kenne keessatti akkana jedhee ture: “Namni kam iyyuu dhiiga akkamii iyyuu yoo nyaate, ani dhugumaan fuula koo nama dhiiga nyaatu sanatti nan gurraachessa; saba isaa gidduudhaas isa nan balleessa. Sababiin isaas, lubbuun foonii dhiiga keessa jira.”—Leewwota 17:10, 11.
6 Seerri Musee namni tokko nyaataaf horii yommuu qalu, dhiiga isaa lafatti dhangalaasuu akka qabu dubbata. Kun jireenya horii sanaa deebisanii Uumaa isaatiif, jechuunis Yihowaadhaaf kennuu argisiisa. (Keessa Deebii 12:16; Hisqiʼel 18:4) Taʼus, Yihowaan Israaʼeloonni horii yommuu qalanitti dhiiga isaa dhangalaasuu ilaalchisee garmalee akka dhiphatan isaan irraa hin eegu ture. Dhiiga isaa keessaa dhangalaasuuf wanta dandaʼan hunda hamma godhanitti, qalbii qulqulluudhaan foon isaa nyaachuu dandaʼu ture. Dhiiga horiitiif kabaja akka qaban argisiisuudhaan, Yihowaa isa jireenya kenneef kabaja akka qaban argisiisu turan. Dabalataanis Seerichi Israaʼeloonni cubbuu isaanii akka haguuguuf horii aarsaa godhanii akka dhiheessan ajaja.—Ibsa Dabalataa 19 fi 20 ilaali.
7. Daawit dhiigaaf kabaja akka qabu kan argisiise akkamitti?
7 Dhiigni gatii hangamii akka qabu wanta Daawit yommuu Filisxeemota waraanaa turetti raawwate irraa hubachuu ni dandeenya. Namoonni isaa wajjin turan Daawit baayʼee akka dheebote yommuu hubatan, bishaan isaaf fiduuf jecha, lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii gara naannoo diinonni isaanii jiranii dhaqan. Yeroo bishaanicha fidan garuu Daawit dhuguu diduudhaan “Yihowaadhaaf gad dhangalaase.” Kana malees, “Yaa Yihowaa, kana gochuun anaaf wanta hin yaadamne dha! Dhiiga namoota lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii deeman kanaa dhuguun qabaa?” jedhe. Daawit jireenyii fi dhiigni Waaqayyoof gatii guddaa akka qabu hubatee ture.—2 Saamuʼel 23:15-17.
8, 9. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran dhiigaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?
8 Bara Kiristiyaanonni jalqabaa jiraatanitti, sabni Waaqayyoo aarsaa horii dhiheessuun isaan hin barbaachisu ture. Taʼus, ammas dhiigaaf ilaalcha sirrii qabaachuu qabu turan. Seera Musee, Yihowaan Kiristiyaanonni akka eegan barbaadu muraasa keessaa inni tokko ‘dhiiga irraa fagaachuu’ dha. Kun akkuma halalummaa ykn waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irraa fagaachuu barbaachisaa ture.—Hojii Ergamootaa 15:28, 29.
9 Yeroo harʼaas haalli isaa akkasuma. Kiristiyaanota waan taaneef, Yihowaan madda jireenyaa akka taʼee fi jireenyi hundi kan isaa akka taʼe beekna. Dhiigni qulqulluu akka taʼee fi jireenya akka bakka buʼus ni hubanna. Kanaafuu yaalii fayyaa dhiiga fayyadamuu dabalatu ilaalchisee murtoo kam iyyuu yommuu goonu, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tilmaama keessa galchuu keenya mirkanaaʼoo taʼuu qabna.
YAALII FAYYAATIIF DHIIGATTI FAYYADAMUU
10, 11. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa dhiigaa ykn gosoota dhiigaa guguddaa arfan fudhachuu ykn kennuu akkamitti ilaalu? (b) Kiristiyaanonni hundi murtoo dhuunfaa akkamii gochuu qabu?
10 Dhugaa Baatonni Yihowaa, ‘dhiiga irraa fagaachuun’ dhiiga nyaachuu ykn dhuguu caalaa wanta dabalatu akka qabu ni hubatu. Kana jechuun dhiiga fudhachuu dhiisuu, kennuu dhiisuu fi dhiiga ofii kuusanii yaalii fayyaatiif deebisanii itti fayyadamuu dhiisuu jechuu dha. Akkasumas gosoota dhiigaa guguddaa arfan kam iyyuu, jechuunis seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatileetii fi pilaazmaa fudhachuu dhiisuu jechuu dha.
11 Gosoonni dhiigaa guguddaa arfan kun kutaawwan dhiigaa xixinnoo qoqqoodama dhiigaa jedhamanitti hihhiramuu dandaʼu. Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa qoqqoodama dhiigaa fudhachuuf ykn dhiisuuf murteessuu qaba. Mala yaalii fayyaa dhiiguma nama dhukkubsatu sanaatti fayyadamuu gaafatuu wajjin haala walqabateenis kun ni hojjeta. Namni kam iyyuu yeroo baqaqsanii hodhuutti, qorannoo fayyaatti ykn yaalii fayyaa kan biraatti dhiigni isaa akkamitti akka hojii irra ooluu qabu murteessuu qaba.—Ibsa Dabalataa 21 ilaali.
12. (a) Yihowaan wantoota qalbii keenyaaf dhiifaman ilaalchisee murtoo goonuuf iddoo guddaa kan kennu maaliifi? (b) Malawwan yaalii fayyaa ilaalchisee murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuu kan dandeenyu akkamitti?
12 Yihowaan wantoota qalbii keenyaaf dhiifaman ilaalchisee murtoon goonu isa yaaddessaa? Eeyyee isa yaaddessa. Yihowaan yaadaa fi kakaʼumsa keenyaaf xiyyeeffannaa ni kenna. (Fakkeenya 17:3; 24:12 dubbisi.) Kanaafuu, yaalii fayyaa ilaalchisee yommuu murtoo goonu, Yihowaan qajeelfama akka nuuf kennu kadhachuu fi waaʼee yaalii sanaa qorannaa gochuu nu barbaachisa. Sana booda, murtoo gochuuf qalbii keenya isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamna. Namoonni kaan utuu haala keenya keessatti argamanii maal akka godhan gaafachuu hin qabnu ykn namoonni kaan murtoo keenya irratti dhiibbaa gochuuf yaaluu hin qaban. Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa, “baʼaa ofii isaa baata.”—Galaatiyaa 6:5; Roomaa 14:12.
SEERAWWAN YIHOWAA JAALALA INNI NUUF QABU ARGISIISU
13. Seerawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa inni dhiiga ilaalchisee kenne irraa waaʼee Yihowaa maal baranna?
13 Wanti Yihowaan akka goonu nu gaafatu kam iyyuu faayidaa keenyaaf taʼuu isaa irra iyyuu, jaalala inni nuuf qabu argisiisa. (Faarfannaa 19:7-11) Haa taʼu malee kan isaaf ajajamnu, ajajawwan isaa faayidaa waan nuuf argamsiisaniif qofa miti. Isaaf kan ajajamnu waan isa jaallannuufi. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu dhiiga fudhachuu irraa akka fagaannu nu kakaasa. (Hojii Ergamootaa 15:20) Kun fayyaa keenyaafis eegumsa godha. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun balaa dhiiga fudhachuun qabu tokko tokko beeku, doktaroonni hedduunis dhiiga malee baqaqsanii hodhuun fayyaa nama dhukkubsatu sanaatiif faayidaa akka qabu ni amanu. Daandiin Yihowaa ogummaa fi jaalala irratti kan hundaaʼe taʼuun isaa ifaa dha.—Isaayyaas 55:9 dubbisi; Yohaannis 14:21, 23.
14, 15. (a) Yihowaan saba isaa balaa irraa eeguuf seerawwan akkamii isaaniif kennee ture? (b) Dhugaawwan buʼuuraa seerawwan kun irratti hundaaʼan hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Seerawwan Waaqayyoo yeroo hundumaa faayidaa saba isaatiif kan kennamani dha. Yihowaan balaa cimaa irraa isaan eeguuf Israaʼeloota duriitiif seera kennee ture. Fakkeenyaaf, seerri tokko namni kam iyyuu akka hin kufneef namni mana ijaaru tokko, baaxii mana isaa irratti naannessee ittisa tolchuu akka qabu dubbata. (Keessa Deebii 22:8) Seerri kan biraan immoo beeladootaa wajjin kan wal qabate dha. Namni tokko qotiyyoo nama waraanu yoo qabaate, nama akka hin waraanneef ykn hin ajjeesneef, eeguuf itti gaafatamummaan isa irra jira. (Baʼuu 21:28, 29) Namni Israaʼel tokko seerawwan kana ajajamuu didee sababii kanaan namni tokko yoo duʼe balleessaa isaa akka taʼetti lakkaaʼama.
15 Yihowaan jireenyaaf iddoo guddaa akka kennu seerawwan kana irraa hubachuu ni dandeenya. Kana beekuun keenya dhiibbaa nu irratti gochuu kan qabu akkamitti? Akkaataa mana keenyaa fi konkolaataa keenya itti qabnu, akkasumas akkaataa konkolaataa itti oofnuu fi bashannana keenya filannuun jireenyaaf kabaja akka qabnu argisiisuu qabna. Namoonni tokko tokko, keessumaa immoo dargaggoonni miidhaan isaan irra akka hin geenye waan isaanitti dhagaʼamuuf, utuma beekanii balaadhaaf of saaxilu. Haa taʼu malee, Yihowaan akkas akka goonu hin barbaadu. Jireenyi hundi, jechuunis jireenyi keenyas taʼe kan warra kaanii gatii guddaa akka qabutti akka ilaallu barbaada.—Lallaba 11:9, 10.
16. Yihowaan ulfa baasuu akkamitti ilaala?
16 Jireenyi nama hundaa Yihowaa biratti iddoo guddaa qaba. Mucaan gadameessa keessa jiru tokko illee isaaf gatii guddaa qaba. Seera Musee keessatti, namni tokko utuu hin beekin dubartii ulfa tokko irra miidhaa yoo geessisee fi ishiin ykn mucaan ishii yoo duʼan, Yihowaan namichi sun akka nama ajjeesetti ilaala. Kana jechuun, utuu hin beekin kan raawwatame yoo taʼe illee, namni tokko waan duʼeef, namni ajjeese sun ajjeefamuu qaba. (Baʼuu 21:22, 23 dubbisi.) Mucaan gadameessa keessa jiru tokko Waaqayyo biratti nama jireenya qabu dha. Kana irraa kaʼuudhaan, waaʼee ulfa baasuu Waaqayyotti maaltu dhagaʼama jettee yaadda? Waggaa waggaadhaan daaʼimman hin dhalannee fi miliyoonaan lakkaaʼaman yommuu ajjeefaman, Waaqayyotti maaltu waan dhagaʼamu sitti fakkaata?
17. Dubartii utuu Yihowaa hin beekin dura ulfa baaste takka maaltu jajjabeessuu dandaʼa?
17 Dubartiin takka ilaalcha Yihowaan dhimma kanaaf qabu utuu hin beekin dura ulfa baastee kan turte yoo taʼe hoo? Aarsaa Yesuus irratti hundaaʼuudhaan Yihowaan dhiifama akka ishiidhaaf godhu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessi. (Luqaas 5:32; Efesoon 1:7) Dubartiin kanaan dura dogoggora akkasii raawwatte, garaadhaa dhiifama gaafatteetti taanaan, of ceephaʼuu hin qabdu. “Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa dha. . . . Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, balleessaa keenya nu irraa fageesseera.”—Faarfannaa 103:8-14.
JIBBA IRRAA FAGAADHU
18. Jibba of keessaa baasuuf waan dandeenyu hunda gochuu kan qabnu maaliifi?
18 Kennaa jireenyaa Waaqayyo kenneef kabaja qabaachuun garaa keenya irraa jalqaba. Kun waaʼee namoota kaanii miira nutti dhagaʼamu dabalata. Yohaannis ergamaan, “Namni obboleessa isaa jibbu hundi nama nama ajjeesu dha” jedhee barreesseera. (1 Yohaannis 3:15) Nama tokkoof jaalala dhabuun keenya utuu hin beekin gara jibbaatti jijjiiramuu dandaʼa. Jibbi namni tokko warra kaan akka tuffatu, himata sobaa akka isaan irratti dhiheessu ykn duʼa isaanii illee akka hawwu isa gochuu dandaʼa. Yihowaan waaʼee warra kaanii maaltu akka nutti dhagaʼamu beeka. (Leewwota 19:16; Keessa Deebii 19:18-21; Maatewos 5:22) Nama tokkoof jibba akka qabnu yoo hubanne, yaada kana of keessaa baasuuf jabaannee hojjechuu qabna.—Yaaqoob 1:14, 15; 4:1-3.
19. Ilaalchi Yihowaan hammeenyaaf qabu dhiibbaa nu irratti gochuu kan qabu akkamitti?
19 Jireenyaaf gatii guddaa akka kenninu karaan itti argisiisuu dandeenyu kan biraanis jira. Faarfannaa 11:5 irratti Yihowaan ‘isa hammina jaallatu kam iyyuu akka jibbu’ ibsameera. Bashannana hammeenya of keessaa qabu kan filannu yoo taʼe, kun hammeenya akka jaallannu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Jechoota, yaadawwanii fi fakkiiwwan hammeenya of keessaa qaban sammuu keenya keessa maaliif galchina? Kanaa mannaa, sammuu keenya yaadawwan qulqulluu fi nagaa taʼaniin guutuu barbaanna.—Filiphisiyus 4:8, 9 dubbisi.
KUTAA JAARMIYAALEE JIREENYAAF KABAJA HIN QABNEE HIN TAʼIN
20-22. (a) Yihowaan addunyaa Seexanaa akkamitti ilaala? (b) Sabni Waaqayyoo ‘kutaa addunyaa akka hin taane’ argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?
20 Addunyaan Seexanaa jireenyaaf kabaja waan hin qabneef, Yihowaan dhiiga akka dhangalaasutti, jechuunis ajjeechaa akka raawwatutti ilaala. Humnoonni siyaasaa jaarraawwan hedduudhaaf, tajaajiltoota Yihowaa hedduu dabalatee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman akka ajjeefaman godhaniiru. Kitaaba Qulqulluu keessatti, humnoonni ykn mootummoonni kun bineensota nama sodaachisanii fi hamoota taʼanitti fakkeeffamaniiru. (Daaniʼel 8:3, 4, 20-22; Mulʼata 13:1, 2, 7, 8) Addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti gurgurtaan meeshaa waraanaa daldala guddaa dha. Namoonni meeshaalee waraanaa nama fixan kana gurguruudhaan buʼaa guddaa argatu. Dhuguma iyyuu, “guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sanaa jala jira.”—1 Yohaannis 5:19.
21 Kiristiyaanonni dhugaan garuu ‘kutaa addunyaa miti.’ Sabni Yihowaa siyaasa keessa hin galan, akkasumas waraana irratti hin hirmaatan. Isaan akkuma nama hin ajjeesne, jaarmiyaa nama ajjeesu kam iyyuu hin deggeran. (Yohaannis 15:19; 17:16) Kiristiyaanonni yeroo ariʼatamanitti deebisanii hammeenya raawwachuudhaan haaloo hin baʼan. Yesuus diinota keenya illee jaallachuu akka qabnu nu barsiiseera.—Maatewos 5:44; Roomaa 12:17-21.
22 Dhaabbileen amantiis duʼa namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniitiif itti gaafatamu. Kitaabni Qulqulluun, Baabilon Guddittii, jechuunis bulchiinsa amantii sobaa addunyaa ilaalchisee yommuu dubbatu, “Dhiigni raajotaa fi qulqullootaa, akkasumas dhiigni warra lafa irratti gorraʼaman hundumaa ishii keessatti argameera” jedha. Yihowaan “Yaa saba koo, . . . ishii keessaa baʼaa” jedhee kan nu ajaje maaliif akka taʼe hubattee? Namoonni Yihowaa waaqeffatan kutaa amantii sobaa miti.—Mulʼata 17:6; 18:2, 4, 24.
23. Baabilon Guddittii ‘keessaa baʼuun’ maalfaa dabalata?
23 Baabilon Guddittii ‘keessaa baʼuun,’ sana booda kutaa amantii sobaa kam iyyuu akka hin taane sirriitti ifa gochuu dabalata. Fakkeenyaaf, maqaan keenya galmee miseensummaa amantii sobaa irraa haqamuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu nu barbaachisa. Haa taʼu malee, wanti gochuu qabnu kan biraanis jira. Kana malees, wantoota gadhee amantiin sobaa raawwatu jibbuu fi irraa fagaachuu nu barbaachisa. Amantiin sobaa naamusa sirrii hin taane, siyaasaa fi sassata callisee ilaala, akkasumas ni jajjabeessa. (Faarfannaa 97:10 dubbisi; Mulʼata 18:7, 9, 11-17) Kanaan kan kaʼes, waggoottan darbanitti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman duʼaniiru.
24, 25. Yihowaa beekuun nagaa fi qalbii gaarii kan nuuf argamsiise akkamitti?
24 Hundi keenya Yihowaa beekuu keenya dura, karaa taʼe tokkoon wantoota gadhee addunyaan Seexanaa raawwatu deggeraa turreerra. Amma garuu jijjiiramneerra. Furichatti amanneerra, akkasumas jireenya keenya Waaqayyoof murteessineerra. “Yihowaa biraa yeroon haareffamuu” nuu dhufeera. Waaqayyoon gammachiisaa akka jirru waan beeknuuf, nagaa fi qalbii gaarii qabna.—Hojii Ergamootaa 3:19; Isaayyaas 1:18.
25 Yeroo tokkotti jaarmiyaa jireenyaaf kabaja hin qabne keessa kan turre taʼus, Yihowaan furicha irratti hundaaʼee dhiifama nuuf godha. Kennaa jireenyaa Yihowaan nuu kenneef dinqisiifannaa guddaa qabna. Dinqisiifannaa keenyas namoonni kaan waaʼee Yihowaa akka baratan, addunyaa Seexanaa keessaa akka baʼanii fi Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa akka qabaatan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan argisiisna.—2 Qorontos 6:1, 2.
WAAʼEE MOOTUMMICHAA WARRA KAANITTI HIMI
26-28. (a) Yihowaan Hisqiʼeliif hojii addaa akkamii kennee ture? (b) Yihowaan yeroo harʼaa maal akka goonu barbaada?
26 Israaʼel durii keessatti, Hisqiʼel raajichi Yerusaalem yeroo dhihootti akka badduu fi isaan immoo badiisicha irraa ooluuf maal gochuu akka qaban sabicha akka akeekkachiisu Yihowaan isa ajajee ture. Hisqiʼel utuu isaan hin akeekkachiisin yoo hafe, Yihowaan lubbuu isaaniitiif isa gaafata. (Hisqiʼel 33:7-9) Hisqiʼel ergaa barbaachisaa sana namootaan gaʼuuf wanta dandaʼu hunda gochuudhaan jireenyaaf iddoo guddaa akka kennu argisiiseera.
27 Yihowaan addunyaan Seexanaa dhiheenyatti akka badu namoota akka akeekkachiisnu, akkasumas namoonni Yihowaa beekanii badiisicha irraa ooluudhaan addunyaa haaraatti akka galan akka isaan gargaarru hojii nuuf kenneera. (Isaayyaas 61:2; Maatewos 24:14) Ergaa kana namootaan gaʼuudhaaf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu barbaanna. Akkuma Phaawulos nutis, ‘Dhiiga nama hundumaa irraa qulqulluu dha; sababiin isaas, ani kaayyoo Waaqayyoo hunda isinitti himuu irraa duubatti hin jenne’ jechuuf ni abdanna.—Hojii Ergamootaa 20:26, 27.
28 Jireenya keenya keessatti kallattiin qulqulluu taʼuu itti qabnu kan biraanis jira. Boqonnaa itti aanu irratti wantoota kana keessaa tokko tokko irratti mariʼanna.