“Jabaatanii Dhaabachuun Hojii Isaa Fiixaan Akka Baasu Godhaa”
“Wanti tokko illee utuu isinitti hin hirʼatin, karaa hundumaan guutuu fi mudaa kan hin qabne akka taataniif, jabaatanii dhaabachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa.”—YAQ. 1:4.
1, 2. (a) Giidewonii fi namoonni isaa 300n jabaatanii dhaabachuu isaanii irraa maal baranna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Yesuus Luqaas 21:19 irratti akka dubbatetti, jabaatanii dhaabachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
WARAANICHI baayʼee dadhabsiisaa ture. Loltoonni Israaʼel Giidewon isa Abbaa Firdii taʼeen geggeeffaman, diinota isaanii, jechuunis loltoota Miidiyaanii fi deggertoota isaanii halkan guutuu fageenya gara kiilomeetira 32 ariʼanii turan! Kitaabni Qulqulluun, ‘Giidewonii fi jarreen dhibbi sadan isaa wajjin turan hamma laga Yordaanositti adeemanii, lagicha akka ceʼanii fi akka dadhaban’ dubbachuudhaan wanta sana booda taʼe ibsa. Taʼus, loltoonni diinaa gara 15,000 taʼan waan isaan hafaniif, Giidewonii fi namoonni isaa amma illee waraanicha hin injifanne turan. Israaʼeloonni cunqursaa warra Miidiyaan jala waggoota hedduudhaaf waan turaniif, yeroo kanatti abdii kutachuu akka hin qabne beeku turan. Kanaafuu, diinota isaanii barbadeessuuf, “ariʼuu ittuma in fufan”; achiis warra Miidiyaan injifataniiru.—Abo. 7:22; 8:4, 10, 28.
2 Nutis waraana wal irraa hin cinne irratti hirmaachaa jirra. Diinonni keenya immoo Seexana, addunyaa isaa fi mudaa qabnu dha. Muraasni keenya waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif walʼaansoo gochaa kan turre siʼa taʼu, gargaarsa Yihowaatiin mooneerra. Yeroo tokko tokko garuu, diinota keenya loluun nu dadhabsiisuu dandaʼa; badiisa sirna kanaa obsaan eeguunis nu nuffisiisuu dandaʼa. Yeroo ammaatti guutummaatti moʼicha akka hin arganne beekamaa dha. Yesuus bara dhumaa kanatti ariʼatamnii fi hacuuccaan nu irra gaʼuu akka dandaʼu, akkasumas moʼicha argachuun keenya jabaannee dhaabachuu keenya irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa dubbateera. (Luqaas 21:19 dubbisi.) Jabaatanii dhaabachuu jechuun maal jechuu dha? Jabaannee dhaabachuuf maaltu nu gargaara? Warra jabaatanii dhaabatan irraa maal baranna? ‘Jabaatanii dhaabachuun hojii isaa fiixaan akka baasu gochuu’ kan dandeenyu akkamitti?—Yaq. 1:4.
JABAATANII DHAABACHUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?
3. Jabaatanii dhaabachuu jechuun maal jechuu dha?
3 Kitaaba Qulqulluu keessatti, jabaatanii dhaabachuun qorumsa ykn rakkina dandaʼuu qofa kan argisiisu miti. Jabaatanii dhaabachuun sammuu keenya, garaa keenyaa fi tarkaanfii yeroo rakkinni nu irra gaʼu fudhannuu wajjin kan wal qabatu dha. Namni jabaatee dhaabatu, ija jabinaa fi obsa argisiisa; akkasumas ejjennoo isaa hin jijijjiiru. Barreeffamni tokko jabaatanii dhaabachuu ilaalchisee akkana jedheera: “Haala tokko jijjiiruu waan hin dandeenyeef qofa utuu hin taʼin, abdii nama gammachiisu qabaatanii dandaʼuu argisiisa. Amala namni tokko rakkina isa gitintirsu dandaʼee akka dhaabatu godhu dha. Namni amala kana qabu, galma isaa isa rakkina sana booda jiru fageessee waan ilaaluuf, rakkina guddaa isa mudatu akka ulfinaatti ilaaluu dandaʼa.”
4. Kiristiyaanonni jabaatanii kan dhaabatan jaalalaan kakaʼanii ti kan jennu maaliifi?
4 Kiristiyaanonni jabaatanii akka dhaabatan kan isaan kakaasu jaalala dha. (1 Qorontos 13:4, 7 dubbisi.) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, wanta fedhii isaa wajjin wal simu kam iyyuu obsaan dandaʼuuf nu kakaasa. (Luq. 22:41, 42) Jaalalli obbolootaaf qabnu dadhabina isaanii dandaʼuuf nu gargaara. (1 Phe. 4:8) Jaalalli hiriyaa gaaʼelaa keenyaaf qabnu “rakkina” hiriyoota gaaʼelaa gammachuu qaban illee mudatu obsaan dandaʼuuf gargaara; akkasumas walitti dhufeenya gaaʼelaa cimsa.—1 Qor. 7:28.
JABAATTEE DHAABACHUUF MAALTU SI GARGAARA?
5. Yihowaan jabaannee akka dhaabannu eenyu iyyuu caalaa nu gargaara kan jennu maaliifi?
5 Cimina akka sii kennuuf Yihowaa kadhadhu. Yihowaan ‘Waaqayyo isa jabaatanii dhaabachuu fi jajjabina namaaf kennu’ dha. (Rom. 15:5) Rakkina nu mudatu qofa utuu hin taʼin, akkaataa naannoon keenya, miirri keenyaa fi uumamni keenya dhiibbaa nu irratti godhu guutummaatti hubachuu kan dandaʼu isa qofa dha. Kanaafuu, jabaannee akka dhaabannu eenyu iyyuu caalaa nu gargaaruu kan dandaʼu isa dha. Kitaabni Qulqulluun, “Inni fedha warra isa sodaatanii fiixaan in baasa; iyya isaaniis immoo in dhagaʼa, isaan in oolchas” jedha. (Far. 145:19) Waaqayyo, kadhannaa nuti jabina argachuuf dhiheessinuuf deebii kan kennu akkamitti?
6. Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti waadaa galametti Yihowaan ‘karaa itti rakkina keessaa baanu’ kan nuu qopheessu akkamitti?
6 Qorontos Isa Duraa 10:13 dubbisi. Qorumsa dandaʼuuf Yihowaa yommuu kadhannu ‘karaa itti keessaa baanu nuuf qopheessa.’ Yihowaan qorumsicha hambisuuf haalawwan ni jijjiiraa? Tarii akkas gochuu dandaʼa. Yeroo baayʼee garuu, ‘jabaanne dhaabachuu akka dandeenyuuf,’ karaa itti keessaa baanu nuu qopheessa. Eeyyee, Yihowaan ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaannee akka dhaabannuuf’ nu cimsa. (Qol. 1:11) Yihowaan karaa qaamaa, sammuu fi miiraa hirʼina akka qabnu sirriitti waan beekuuf, rakkinni nu mudate tokko hamma amanamummaa keenya nu dhabsiisutti akka guddatu matumaa hin heyyamu.
7. Jabaannee dhaabachuuf nyaanni hafuuraa kan nu barbaachisu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.
7 Nyaata hafuuraa of sooruudhaan amantii kee guddisi. Namni Gaara dheerinaan addunyaa irratti tokkoffaa taʼee fi Everesti jedhamu baʼu tokko nyaata yeroo kaan guyyaa sadii ykn afur nyaatu guyyaa tokkotti nyaachuu qaba. Kana taʼuu baannaan, jabaatee dhaabachuudhaan galma isaa irra gaʼuu hin dandaʼu. Haaluma wal fakkaatuun, nutis adeemsa Kiristiyaanummaa keenya keessatti jabaannee dhaabachuu fi galma keenya irra gaʼuuf, hamma dandaʼame nyaata hafuuraa hedduu nyaachuu qabna. Dubbisuuf, qoʼachuuf, akkasumas walgaʼiiwwan Kiristiyaanaatiif yeroo ramaduun of toʼachuu gaafata. Wantonni kun, ‘nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuun’ amantii keenya sooruuf nu gargaaru.—Yoh. 6:27.
8, 9. (a) Iyoob 2:4, 5 irratti akka ibsametti yeroo rakkinni nu irra gaʼutti wanti caalaatti nama yaaddessu maali dha? (b) Rakkinni yommuu si irra gaʼu, wanta ijaan hin mulʼanne kam yaadaan ilaaluu dandeessa?
8 Gaaffii amanamummaa ilaalchisee kaʼe yaadadhu. Tajaajilaa Yihowaa tokko irra rakkinni yommuu gaʼu, inni dhiphachuu isaa caalaa dhimmi nama yaaddessu jira. Yeroo qorumsi nu irra gaʼu tarkaanfiin nuti fudhannu, Yihowaan uumama cufa irratti ol aantummaa akka qabu kan amannu taʼuu fi dhiisuu keenya argisiisa. Seexanni inni ol aantummaa Yihowaa mormu, akkana jechuudhaan Yihowaa arrabseera: “Namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna. Mee harka kee ol fuudhiitii lafee [Iyoobii] fi foon isaa rukuti! Inni iyyuu mulʼinatti si arrabsa.” (Iyo. 2:4, 5) Seexanni, namoonni Yihowaa kan tajaajilan ofittummaadhaan kakaʼanii ti jechuu isaa ti. Seexanni erga kana dubbatee booda jijjiirameeraa? Lakki! Waggoota hedduu booda illee samii irraa yeroo gadi darbatame, ‘Isa obboloota keenya himatu, isa halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan himatu!’ jedhameera. (Mul. 12:10) Seexanni gaaffii amanamummaa ilaalchisee kaase hin irraanfanne. Yeroo nuti qorumsaan moʼamnuu fi ol aantummaa Yihowaa deggeruu dhiisnu arguuf baayʼee hawwa.
9 Kanaafuu, yommuu rakkinni si mudatu wanta ijaan hin mulʼanne kana yaadaan ilaali. Seexannii fi jinniiwwan isaa karaa tokkoon dhaabataniiru. Wanta ati gootu ilaalaa kan jiran siʼa taʼu, yommuu ati abdii kutattu arguuf hawwu. Karaa biraatiin kan jiran immoo Yihowaa, Ilma isaa isa bulchaa jiru, dibamtoota duʼaa kaʼanii fi maleekota hedduu dha. Guyyaa guyyaatti jabaattee dhaabachuun kee fi ol aantummaa Yihowaa deggeruun kee waan isaan gammachiisuuf si deggeraa jiru. Afeerraan Yihowaan geggeessaa hafuuraatiin, “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa taʼi, garaa na ciibsi” jechuudhaan dhiheesse dhuunfaatti akka siif dhihaatetti ilaali.—Fak. 27:11.
10. Buʼaa jabaatanii dhaabachuun argamsiisu irratti xiinxaluudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeessu akkamitti?
10 Buʼaa jabaatanii dhaabachuun argamsiisu irratti xiinxali. Karaa dheeraa utuu adeemaa jirtuu daandii lafa jalaa tokko keessa akka dhaabatetti yaadi. Iddoon ati ilaaltu hundi dukkana dha. Taʼus, daandii lafa jalaa kana keessa hamma dhumaatti adeemuu kee yoo itti fufte, deebitee ifa akka argitu hin shakkitu. Haaluma wal fakkaatuun, rakkinni yommuu si irra gaʼu yeroo tokko tokko abdii kutachuu dandeessa. Yesuus illee akkana itti dhagaʼamee ture. ‘Cubbamoonni dubbii hamaa isa irratti dubbataniiru;’ salphinni isa irra gaʼeera; akkasumas “muka dhiphinaa” irratti dhiphatee duʼeera. Yeroon kun jireenya Yesuus keessatti yeroo dukkanaaʼaa ture jechuun ni dandaʼama! Taʼus, Yesuus “gammachuu isa dura jiruuf jedhee” kana hunda obsaan dandaʼeera. (Ibr. 12:2, 3) Buʼaa jabaatee dhaabachuun isaa argamsiisu irratti, keessumaa qulqullina maqaa Yihowaa fi ol aantummaan Yihowaa mirkanaaʼuu isaa irratti xiinxaleera. Qorumsi Yesuus irra gaʼe yeroodhaaf kan ture siʼa taʼu, badhaasni inni samii irratti argate garuu bara baraaf kan turu dha. Yeroo harʼaattis rakkinni si mudatu miidhaa guddaa kan geessisuu fi kan abdii si kutachiisu taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, rakkinni yeroo daandii jireenya bara baraatti geessu irra deemtutti si mudatu yeroodhaaf kan turu akka taʼe yaadadhu.
“WARRA JABAATANII DHAABATAN”
11. Fakkeenya ‘warra jabaatanii dhaabatanii’ ilaaluu kan qabnu maaliifi?
11 Jabaatee dhaabachuu kan qabu nu qofa miti. Pheexiros ergamaan Kiristiyaanonni rakkina Seexanni isaan irraan geessisu obsaan akka dandaʼan isaan jajjabeessuuf akkana jedhee barreesseera: “Guutummaan waldaa obboloota keessanii addunyaa keessatti argaman rakkina akkasii keessa akka jiran beekuudhaan amantiitti cimaatii isa mormaa.” (1 Phe. 5:9) Muuxannoon ‘warra jabaatanii dhaabatanii’ ejjennoo keenyatti cimuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa; milkaaʼuu akka dandeenyu nuu mirkaneessa; akkasumas, amanamummaadhaan deddeebiʼuun keenya buʼaa akka nuuf argamsiisu nu yaadachiisa. (Yaq. 5:11) Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu.[1]
12. Fakkeenya kiruubelota Eeden keessa dhaabamanii irraa maal baranna?
12 Kiruubelota. Fakkeenyi uumamawwan hafuuraa yeroo jalqabaatiif namootatti mulʼatanii, yeroo hojii ulfaataan nuu kennamutti jabaannee dhaabachuudhaaf nu gargaara. Waaqni keenya Yihowaan, “karaa isa gara muka jireenya kennutti geessu sanas in eegsise; isa eegsisuudhaaf bukkee iddoo dhaabaa Eeden gara baʼa-biiftuutiin Kiruubelii fi billaa akka ibiddaa bobaʼu isa gara hundumaatti nanaannaʼu in dhaabe.”[2] (Uma. 3:24) Kiruubelonni kun kan uumaman hojii kanaaf akka hin taane beekamaa dha! Kana malees, cubbuu fi mormiin kaayyoo Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu hin turre. Taʼus, kiruubelonni sadarkaa guddaa qaban kun, hojichi humna isaaniitii ol akka taʼe dubbachuudhaan akka guunguman Kitaabni Qulqulluun hin dubbatu. Hin nuffine, akkasumas abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, ajajamuudhaan hojii isaanii kan hojjetan siʼa taʼu, hojiin isaanii kun hamma xumuramutti jabaatanii dhaabataniiru; hojiin kun kan ture hamma yeroo Bishaan Badiisaatti jechuunis waggaa 1,600 oliif taʼuu hin oolu!
13. Iyoob irra yeroo rakkinni cimaan gaʼetti akka inni jabaatee dhaabatuuf wanti humna isaaf kenne maali dha?
13 Iyoob isa amanamaa ture. Michuun kee ykn miseensi maatii kee tokko jecha si miidhu yoo dubbate, dhukkubni cimaan yoo si qabe ykn nama jaallattu duʼaan dhabuudhaan baayʼee yoo gaddite fakkeenya Iyoob irraa jajjabina argachuu dandeessa. (Iyo. 1:18, 19; 2:7, 9; 19:1-3) Iyoob rakkinoota kana hunda kan itti fide eenyu akka taʼe kan hin beekne taʼus, abdii hin kutanne. Maaliif? “Nama Waaqayyoon sodaatu” waan tureefi dha. (Iyo. 1:1) Iyoob yeroo isaaf mijaaʼuttis taʼe yeroo isaaf hin mijoofnetti Yihowaa gamachiisuuf kutatee ture. Iyoob gargaarsa Waaqayyootiin wanta Yihowaan karaa hafuura qulqulluu raawwate irratti xiinxaluu dandaʼeera. Kunis, Yihowaan qorumsawwan isa irra gaʼan yeroo isaatti akka hambisu mirkanaaʼaa akka taʼu isa gargaareera. (Iyo. 42:1, 2) Kan taʼes kanuma dha. “Yihowaan rakkina Iyoob ni hambise, badhaadhummaa isaas isaaf deebise. Yihowaan wanta inni qaba ture irra dachaa lama isaaf kenne.” Iyoob “dulloomee bara quufee in duʼe”—Iyo. 42:10, NW, 17.
14. Qorontos Inni Lammaffaan 1:6 akka jedhutti Phaawulos jabaatee dhaabachuun isaa warra kaan kan gargaare akkamitti?
14 Phaawulos ergamaa. Namoota diinota waaqeffannaa dhugaa taʼan irraa mormiin cimaa fi ariʼatamni si irra gaʼaa jiraa? Jaarsa gumii ykn daawwataa ol aanaa aanaa yoo taate, hojiin akka sitti baayʼate sitti dhagaʼamaa? Taanaan fakkeenya Phaawulos irratti xiinxali. Phaawulos, namoota hamoo isa ariʼatan irraa, jechuunis ‘alaa wantoonni hedduun isa mudataniiru’; akkasumas waaʼee gumiiwwanii yaaduunis guyyaa guyyaadhaan isa yaaddessa ture. (2 Qor. 11:23-29) Taʼus abdii hin kutanne; fakkeenyi isaa kunis warra kaan jajjabeesseera. (2 Qorontos 1:6 dubbisi.) Rakkina tokko obsaan yommuu dandeessu, fakkeenyi kee warri kaan jabaatanii akka dhaabatan gargaaruu akka dandaʼu yaadadhu.
JABAATANII DHAABACHUUN SI KEESSATTI ‘HOJII ISAA FIIXAAN NI BAASAA?’
15, 16. (a) Jabaatanii dhaabachuun “hojii” akkamii fiixaan baasa? (b) Fakkeenyota ‘jabaatanii dhaabachuun hojii isaa fiixaan akka baasu gochuu’ kan dandeenyu akkamitti akka taʼe argisiisan dubbadhu.
15 Yaaqoob geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Jabaatanii dhaabachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa” jedheera. Jabaatanii dhaabachuun “hojii” akkamii fiixaan baasa? ‘Wanti tokko illee utuu nutti hin hirʼatin, karaa hundumaan guutuu fi mudaa kan hin qabne’ akka taanu nu gargaara. (Yaq. 1:4) Qorumsi dadhabinni keenya, jechuunis wanti fooyyeffachuu qabnu ifa akka nuu taʼu godha. Qorumsawwan yeroo nu mudatanitti jabaannee yoo dhaabanne garuu, Kiristiyaana guutuu fi mudaa hin qabne taana. Fakkeenyaaf caalaatti obsa qabeeyyii, kan dinqisiifannuu fi gara laafeyyii taʼuu dandeenya.
16 Jabaatanii dhaabachuun akka Kiristiyaana tokkootti nu bocuudhaan hojii guddaa waan hojjetuuf, qorumsa si mudatu hambisuuf jettee dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hordofuu hin dhiisin. Fakkeenyaaf, yaadawwan xuraaʼoo wajjin walʼaansoo gochaa jirtaa? Taanaan, qorumsa kanaaf harka kennuu mannaa, fedhiiwwan akkanaa kadhannaadhaan of irraa ittisi. Kana gochuudhaan of toʼachuu baruu dandeessa. Miseensota maatii hin amanne irraa mormiin si irra gaʼaa jiraa? Dhiibbaa kanaan moʼamuu mannaa, waaqeffannaa garaa guutuudhaan dhiheessitu itti fufuuf kutadhu. Akkana yoo goote, amanannaan Yihowaa irratti qabdu ni cima. Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf, jabaannee dhaabachuu akka qabnu yaadadhu.—Rom. 5:3-5; Yaq. 1:12.
17, 18. (a) Faayidaa hamma dhumaatti jabaatanii dhaabachuun qabu fakkeenyaan ibsi. (b) Yeroo dhumni barichaa dhihaate kanatti, amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?
17 Jabaannee dhaabachuu kan qabnu, yeroodhaaf utuu hin taʼin, hamma dhumaatti taʼuu qaba. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Dooniin tokko bishaaniin liqimfamaa jira haa jennu. Imaltoonni, lubbuudhaan ooluuf hamma qarqara bishaanichaatti daakuu qabu. Wanti nama qarqara bishaanichaa gaʼuuf muraasni isa hafee abdii kutatuu fi daakuu akkuma jalqabeen abdii kutatu mudatu tokkuma dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis hamma addunyaa haaraa keessa seennutti jabaannee dhaabachuuf kutanneerra. Jireenyi keenya kan hundaaʼe kana irratti dha. Ilaalcha akka Phaawulos ergamaa isa siʼa lama “Abdii hin kutannu” jedhee qabna.—2 Qor. 4:1, 16.
18 Yihowaan hamma dhumaatti jabaannee akka dhaabannu akka nu gargaaru amanannaa guutuu qabaachuu ni dandeenya. Amantii Phaawulos qabuu fi Roomaa 8:37-39 irratti ibsamee wajjin wal fakkaatu qabna. Akkana jedha: “Karaa isa nu jaallate sanaa . . . guutummaatti injifannoo arganna. Sababiin isaas, duuti yookiin jireenyi yookiin maleekonni yookiin mootummoonni yookiin wantoonni amma jiran yookiin wantoonni dhufuuf jiran yookiin humnoonni yookiin ol kaʼiinsi yookiin gad fageenyi yookiin uumamni kan biraan akkamii iyyuu, jaalala Waaqayyoo isa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ibsame irraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye hubadheera.” Dhugaa dha, yeroo tokko tokko ni dadhabna. Taʼus, hamma dhumaatti jabaannee haa dhaabannu; yoo akkana goone akkuma Giidewonii fi namoota isaatiif jedhame, nuufis, “ariʼuu ittuma in fufan” jedhamuu dandaʼa.—Abo. 8:4.
^ [1] (keeyyata 11) Muuxannoo saba Waaqayyoo jabaatanii dhaabatanii fi bara keenyatti jiraatanii dubbisuun kees si jajjabeessuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Kitaaba Waggaa bara 1992, 1999 fi 2008 irraa muuxannoo obboloota Itoophiyaa, Maalaawwii fi Raashiyaa amantii namaa cimsu argachuun ni dandaʼama.
^ [2] (keeyyata 12) Kitaabni Qulqulluun hojii kanaaf kan ramadaman kiruubelota meeqa akka taʼan hin dubbatu.